Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira
Mar 25, 2026 14
Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan. Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan. Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru.   Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani. Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru.   Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru. Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu
Mar 25, 2026 38
Bitootessa 16 /2018 (ENA) : Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi. Waldaan Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa, dhiyeessii faayinaansii,hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa irratti kan xiyyeeffate waltajjii idil addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afrikaa gaggeessaa jira.   Walgahiin kuni har’a dabalatee guyyoota sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u bakka bu’oonni indaastirichaa, ogeeyyiin, michoonni misoomaa fi qooda fudhattoonni hirmaataa jiru. Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi wayita sana akka himanitti, Dhaabbileen qusannaa fi liqaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuu keessatti gahee addaa qabu jedhani. Dandeettii dinagdee dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasa horsiisee bultaataa guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru. Bulchaan kun carraa dhaabileen qusannaa fi liqaa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsuun, hiyyummaa hir’isuu fi badhaadhinaaf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhani.   Mootummaan hojiiwwan jijjiirama dijitaalaa sirna faayinaansii bu’uura kaa’an hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, tajaajilli faayinaansii dijitaalaa, filannoowwan daddabarsa maallaqa moobaayilaa,fi xiyyeeffannoon kalaqa damichaa irratti kennamu dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif carraa gaarii akka uume eeraniiru. Baankiin Biyyaalessaa bu’uuraalee seeraa dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif haala dandeessisu uumuu fi hojiirra oolchuuf akka hojjetus mirkaneessaniiru.   Fandii Misooma Qonnaa Dhaabbata Idil addunyaatti Daariktarri Itiyoophiyaa Maawiiraa Chitimaa akka himanitti, dhaabbatichi qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa keessatti socho’an waliin dhaqqabummaa faayinaansii irratti hojjechaa tureera jedhani. Itiyoophiyaatti waggoota 25 darban keessatti bu’aa olaanaa dirree kanaan arguu dandeenyeerra kan jedhan daarektarichi, dhaqqabummaa faayinaansii baadiyyaa irrattis fooyya’iinsa guddaa argineerra jedhani.   Daarektarri Olaanaa Waldaa Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniin akka himanitti ,Dhaabbileen qusannaa fi liqaa kutaalee hawaasaa hedduu bira gahuu kan danda’an ta’us, waan eegame caalaa hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Dhaabbilee faayinaansii ammayyeessuun dorgomaa ta’uu irratti caalaatti hojjechuu akka qaban hubachiisuun, kanarrattis waldichi xiyyeeffannaa kennaa akka jirus dubbataniiru.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin  dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 39
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera.   Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera.   Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira.   Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Paartileen siyaasaa naannicha keessatti socho’an filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka gaggeeffamuuf dammaqinaan hirmaachaa jiru
Mar 24, 2026 683
Bitootessa 15/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an dammaqinaan hirmaachaa akka jiran Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.   Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa mata duree “Filannoo fi Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun paartilee miseensa ta’aniif leenjii kenneera. Kanuma waliin Dura Taa’aan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa obbo Salamoon Taaffasaa filannoon waliigalaa 7ffaa karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa mana maricha waliin hidhata qaban dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa ga’ee isaanii sirnaan ba’aa jiraachuus ibsaniiru. Adeemsi filannoo dimokiraatawaa ta’ee akka itti fufuuf miseensonni Mana Maree Waloo hirmaannaa dammaqinaan ni cimsa jedhaniiru. Itti dabaluunis miseensonni Mana Maree Waloo aangoon kan argamuu danda’u karaa dimokiraatawaa qofa ta’uu amanuudhaan qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon kun paartilee murtaa’an qofaan bu’a qabeessa waan hin taaneef qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaatan dorgommii fi tumsa irratti hundaa’uun adeemsa filannoo irratti hirmaachuu akka qabanis ibsaniiru.   Paartileen siyaasaa waltajjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin akka himanitti, filannoo waliigalaa 7ffaa adeemsifamaa jiruun hojii gaarii hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Paartileen siyaasaa waldorgoman rakkoolee dhuunfaan isaan mudatan irra aanuuf akka gareetti siyaasa keessatti hirmaachuu akka qabanis dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessaa fi bilisa ta’een akka gaggeeffamuuf ummanni, paartileen siyaasaa fi mootummaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Paartileen siyaasaa naannicha keessatti socho’an filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka gaggeeffamuuf dammaqinaan hirmaachaa jiru
Mar 24, 2026 683
Bitootessa 15/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an dammaqinaan hirmaachaa akka jiran Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.   Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa mata duree “Filannoo fi Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun paartilee miseensa ta’aniif leenjii kenneera. Kanuma waliin Dura Taa’aan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa obbo Salamoon Taaffasaa filannoon waliigalaa 7ffaa karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa mana maricha waliin hidhata qaban dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa ga’ee isaanii sirnaan ba’aa jiraachuus ibsaniiru. Adeemsi filannoo dimokiraatawaa ta’ee akka itti fufuuf miseensonni Mana Maree Waloo hirmaannaa dammaqinaan ni cimsa jedhaniiru. Itti dabaluunis miseensonni Mana Maree Waloo aangoon kan argamuu danda’u karaa dimokiraatawaa qofa ta’uu amanuudhaan qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon kun paartilee murtaa’an qofaan bu’a qabeessa waan hin taaneef qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaatan dorgommii fi tumsa irratti hundaa’uun adeemsa filannoo irratti hirmaachuu akka qabanis ibsaniiru.   Paartileen siyaasaa waltajjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin akka himanitti, filannoo waliigalaa 7ffaa adeemsifamaa jiruun hojii gaarii hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Paartileen siyaasaa waldorgoman rakkoolee dhuunfaan isaan mudatan irra aanuuf akka gareetti siyaasa keessatti hirmaachuu akka qabanis dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessaa fi bilisa ta’een akka gaggeeffamuuf ummanni, paartileen siyaasaa fi mootummaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira.
Mar 23, 2026 798
Bitootessa 14/2018 (ENA): Maqaa fi mallattoo paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an qindeessuuf carraan gaggeeffamaa jira. Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatewarqi Hayiluu, wayita sana akka ibsanitti, filannoo waliigalaa torbaffaaf hojii qophii barbaachisaa ta’e raawwachaa jiraachuu himaniiru. Adeemsa kana keessatti waldaalee siivikii, paartilee siyaasaa, miidiyaalee, qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.   Tokkoon tokkoon naannoo filannootti galmeen kaadhimamaa paartilee siyaasaa xumuramuu fi tarreen dorgomtootaa ifatti maxxanfamuu kan ibsan walitti qabduun kuni, komii dhiyaateefis deebii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa galmeen filattotaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaan guyyoota afur dura qindaa’etti lammiileen miiliyoona 18 ol filachuuf galmaa’aniiru. Walitti qabduun boordichaa adeemsi galmee dijiitaalaa fi harkaan raawwatamaa akka jiru ibsuun, naannolee rakkoon sirnaa fi neetworkii qaban keessatti galmeen harkaan raawwatamaa jira jedhani.   Buufata filannoo kuma 46 fi 757 keessatti meeshaaleen filannoo raabsamuus ibsaniiru. Dhaabbilee siyaasaa boordii kanarratti galmaa'an 47’n kaadhimamtoonni 10,934 kan dhiyaatan yoo ta'u, isaan keessaa 2,998 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, 8,736 ammoo bakka bu'oota naannoo ta'uun ni beekama. Kaadhimamtoonni 73 dhuunfaan dorgomuufis galmaa’aniiru.
Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera.
Mar 22, 2026 748
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dhaabbanni Miidiyaa Dirree Dawaa Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan yaada isaanii ummata biraan akka gahataniif haala mijataan uumamuu beeksise. Paartileen yaada imaammataa isaanii ummata biraan gahachuuf filannoo dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa taasisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuus ibseera. Hogganaan Waliigalaa dhaabbatichaa obbo Xaahir Roobilee ENAtti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaatan buufataalee televijiinii fi raadiyoo dhaabbatichaa fayyadamuun yaada imaammataa filannoo isaanii ummata biraan akka gahatan taasisaa jirra jedhani. Yeroo qilleensaa buufataalee irratti hayyamameen alattis, karaaleen miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa imaammata isaanii walqixxummaa fi haqummaan beeksisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka hogganaan kun jedhanitti, dhaabbatichi waltajjiiwwan falmii paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaataniin gaggeeffamaa jiran ummata biraan gahaa jiraachuu himaniiru. Falmiin paartii biyya bulchaa jiruu fi paartileen siyaasaa morkattootaa dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti gaggeessan ummata bira akka dhaqqabamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yaadota filannoo paartilee ummataaf dhaqqabamaa taasisuun filattootni odeeffannoo argatan irratti hundaa’uun paartii barbaadaniif sagalee isaanii akka kennan ni gargaara jedhan. Leenjiin ijaarsa dandeettii kennameen paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan hundi haqa qabeessaa fi walqixxummaan akka tajaajilan taasiseera jedhan. Paartileen sa’aatii qilleensaa dhaabbatichi kennu hafetti fayyadamuun yaada isaanii ummata bira akka ga’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo
Mar 18, 2026 1367
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani. Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti. Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan. "Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha. Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 1992
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru.   Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru.   Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.

Hawaasummaa
Ayyaanni Shuwwaal Iid haala ho’aa fi tokkummaatiin kabajama
Mar 24, 2026 143
Bitootessa 15/2018 (ENA) : Dargaggoonni magaalaa Harar irraa, yaada isaanii ENA’f kennaniin, ayyaanni Iid Shuwwaal miira tokkummaa fi jaalalaan kabajuuf qophaa’aa akka jiran ibsaniiru. Ayyaanichi Ayyaana Iid Al-Fxir guyyaa 6ffaa galgala irraa eegalee haala tokkummaa fi ho’aan kan kabajamu yoo ta’u, sagantaalee adda addaa miira obbolummaa guddisan waliin kan kabajamu dha.   Sirni kabaja ayyaana Iid Shuwwaal Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)’n akka hambaa kiliyyaatti galmaa’uun isaa ni yaadatama. Ayyaanicha miira tokkummaa, ho’aa fi keessummoota simachuun kabajuuf qophaa’uu isaaniis dargaggoonni kunneen ibsaniiru. Akka dargaggeessi Ramadaan Yuusuf jedhutti, keessummoonni adda addaa ayyaana Shuwwaal Iid irratti hirmaachuuf gara Harar kan dhufan yoo ta’u, keessummoota simachuu fi keessummeessuuf qophaa’uusaa himeera. Keessattuu ayyaanni kun aadaa, duudhaa fi hawwata naannichaa beeksisuuf barbaachisaa waan ta’eef keessummoota keenya simachuuf hawwii guddaan eeggachaa jirra jedheera. Dargaggoo Iduu Abdulaziiz gama isaatiin akka jedhetti, Harar bara kana caalaatti bareedduu fi hawwattuu ta’uu ishee ibsuun, keessummoonni ayyaana Shuwwaal Iid naannoo Harariitti haala ho’aan kabajamu irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera. Shamarree Feeneetii Dursaa gama isheetiin,ayyaana Shuwwaal Iid ayyaana dargaggoonni haala ho’aan kabajatan, aadaa isaanii beeksisan waan ta’eef ayyaana kana kabajuuf hawwii guddaan kan eeggatan ta’uu himteetti. Akkasumas, sochii aadaa hawaasa Hararii, agarsiisa daandii dabalatee, keessummoota ayyaanicha irratti hirmaatanitti agarsiisuuf qophii taasisuu isaanii ibsiteetti. Biiroo Aadaa, Turizimii fi Hambaa Naannichaatti Daarektarri Aadaa Iskindir Abdurahman, Ayyaana Shuwwaal Iid Kan UNESCO’n hambaa kiliyyaa ta’ee galmaa’e kana irratti lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa irratti hirmaatan waggaa waggaan dabalaa dhufuu ibsaniiru. Itti dabaluunis, ayyaana Shuwwaal Iid bifa ho’aa adda addaatiin, akkuma kanaan duraa, tokkummaa fi obbolummaa cimsuun danda’amuun kabajuuf qophiin taasifamaa jira jedhan.
Miidiyaaleen Gabaasa tokkummaa sab-daneessummaa cimsanii fi dantaa biyyaalessaa kabachiisan hojjechuu qabu
Mar 24, 2026 111
Bitootessa15/2018(ENA) : Gabaasni Miidiyaalee tokkummaa Sa-daneessummaa kan jabeessuu fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabachiisuu, ragaalee qabatamoorratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu hayyoonnii fi ogeeyyiin damichaa ibsan. Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Piroofeesar Biruuk Haayiluu turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa qabu jedhani. Miidiyaaleen humna biyya ijaaruu qabaachuusaanii ibsuun,itti fayyadamni Miidiyaa keenyaa of-eeggannoonii fi tas-gabbiin kan guutame ta’uu qaba jedhaniiru. Dhaabbileen kunneen itti gaafatamummaan yoo hogganamuudhaa baatan, miidhaan geessisan guddaa ta’uusaa eeruun, ogeeyyii fi dhaabbileen qabiyyee tokkummaa hawaasaa fi walitti hidhaminsa, obbolummaa fi walooma cimsanirratti xiyyeeffachuu akka qaban kaasaniiru. Birmadummaan biyyaa fi Dantaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaasaanii jalqabaa ta’uu akka qabu ibsuun, gabaasonni odeeffannoo qabatamaarratti kan hundaa’an ta’uu akka qaban dubbataniiru. Ogeeyyiin damichaa gabaasota tokkummaa sa-daneessummaa jabeessan beekumsaa fi itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaatti jijjiiramaa booda lakkoofsi dhaabbilee Miidiyaa dabaluusaanii fi haalli mijataan uumamuusaa kan ibsan Pirofeesar Biruuk, guddina Miidiyaaleef carraan baname gabaasa naamusa ogummaan deeggarame hojjechuun cimsuu qabu jedhaniiru. Hojii gaggeessaan Raadiyoo Ahaduu Gaazexeessaa Xibabuu Ballaxaa gamasaaniin, dhaabbileen Miidiyaa badhaadhina biyyaaf, misooma hawaasaa fi ijaarsa nageenyaaf adda durummaan hiriiruu akka qaban ibsaniiru. Biyyaa ol kan ta’e hin jiru kan jedhan gaazexeessaa Xibabuun, Miidiyaaleen imaammata Iditoriyaaliisaanii dursa faayidaa biyyaalessaaf oolchuu akka qaban dubbataniiru. Guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa madaalurra ga’uuf Miidiyaaleen adeemsicha saffisiisuun gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.
Diinagdee
Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu
Mar 25, 2026 38
Bitootessa 16 /2018 (ENA) : Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi. Waldaan Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa, dhiyeessii faayinaansii,hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa irratti kan xiyyeeffate waltajjii idil addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afrikaa gaggeessaa jira.   Walgahiin kuni har’a dabalatee guyyoota sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u bakka bu’oonni indaastirichaa, ogeeyyiin, michoonni misoomaa fi qooda fudhattoonni hirmaataa jiru. Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi wayita sana akka himanitti, Dhaabbileen qusannaa fi liqaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuu keessatti gahee addaa qabu jedhani. Dandeettii dinagdee dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasa horsiisee bultaataa guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru. Bulchaan kun carraa dhaabileen qusannaa fi liqaa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsuun, hiyyummaa hir’isuu fi badhaadhinaaf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhani.   Mootummaan hojiiwwan jijjiirama dijitaalaa sirna faayinaansii bu’uura kaa’an hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, tajaajilli faayinaansii dijitaalaa, filannoowwan daddabarsa maallaqa moobaayilaa,fi xiyyeeffannoon kalaqa damichaa irratti kennamu dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif carraa gaarii akka uume eeraniiru. Baankiin Biyyaalessaa bu’uuraalee seeraa dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif haala dandeessisu uumuu fi hojiirra oolchuuf akka hojjetus mirkaneessaniiru.   Fandii Misooma Qonnaa Dhaabbata Idil addunyaatti Daariktarri Itiyoophiyaa Maawiiraa Chitimaa akka himanitti, dhaabbatichi qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa keessatti socho’an waliin dhaqqabummaa faayinaansii irratti hojjechaa tureera jedhani. Itiyoophiyaatti waggoota 25 darban keessatti bu’aa olaanaa dirree kanaan arguu dandeenyeerra kan jedhan daarektarichi, dhaqqabummaa faayinaansii baadiyyaa irrattis fooyya’iinsa guddaa argineerra jedhani.   Daarektarri Olaanaa Waldaa Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniin akka himanitti ,Dhaabbileen qusannaa fi liqaa kutaalee hawaasaa hedduu bira gahuu kan danda’an ta’us, waan eegame caalaa hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Dhaabbilee faayinaansii ammayyeessuun dorgomaa ta’uu irratti caalaatti hojjechuu akka qaban hubachiisuun, kanarrattis waldichi xiyyeeffannaa kennaa akka jirus dubbataniiru.
Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jiraachuun ibsame
Mar 23, 2026 252
‎ Bitootessa 14/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waldaalee Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Diinagdee furuu fi Gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa Itti Gaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Girmaa Geetaachoo ibsaniiru. Godinichatti Gabaasni bu’aa hojii riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaan waggoottan darban hojjetameen argamee dhihaateera. Waldaalee bittinnaa’an gara tokkotti fiduun karaa gurmaa'een dandeentiisaanii cimsuu fi ammayyeessuun rakkoo Hawaas-Dinaagdee furuu keessatti gahee olaanaa qabachuu obbo Girmaan himaniiru.   Hogganaan Biiroo Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammed Kamaal, Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Hoggantoonni Godinaa fi Aanaa damichaa fi Koreen Waldaalee waltajjicharratti Argamaniiru. Hogganaan Biiroo Ejensii babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammad Kamaal akka ibsanitti, akka Oromiyaatti riifoormii gama waldaa hojii gamtaan hojjetameen waldaalee kuma 20, miseensota miliyoona 17, Yuuniyeenii 117 qaban kappitaala birrii biiliyoona 20 ol kan horatan ta'uu ibsuuniiru. Bu'uuruma Kanaan Hojiileen Godina Shawaa Kaabaa keessatti gama Waldaa Hojii Gamtaan Hojjetaman daran olaanaa ta'uu ibsaniiru.   Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoolee sadarkaa nama dhuunfaatti hiikamuu hin danda'amne waloomaan hiikuu, dhiyeessii baballisuu, gabaa tasgabbeessuun jiruu fi jireenya miseensotasaa fooyyeessuun cinaatti sochii dinagdee biyyaa keessatti gaheesaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.   ‌‎ Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Riiformii Waldaalee Hojii Gamtaa keessatti waggoottan darban taasifameen godinichatti, rakkoowwan waldaalee keessatti mul'atan furuun humna waldaalee cimsun qooda Waldaaleen Diinagdee biyyaa keessatti qaban akka bahatan gochuuf hojii gurguddaan hojjetamuusaa ibsaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Godina Shawaa kaabaarraa ‎
Guddina ariifachiisaa qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu dha.
Mar 22, 2026 265
Bitootessa 13/2018 (ENA): Guddina saffisaa damee qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Baanglaadish Ervas Maarshaal Sitwat himani. Baanglaadish damee kanarratti Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu guddisuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaaf haala ikoloojii mijataa ta’een kan eebbifamte yoo ta’u, qonna keessumaa qamadii ajandaa tiraanisfoormeeshinii diinagdee ishee giddu galeessa godhachaa jirti jedhan. Biyyattiin waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa, babal’ina misooma jallisii, sirna sanyii fooyya’aa fi sochii bal’aa ta’een guddina ajaa’ibaa galmeessitee jirti jedhan. Itiyoophiyaani sagantaa misooma qamadii jallisii Bonaa bal’inaan eegaluun oomishtummaa qamadii guddisuutti jirti. Haala kanaan biyyattiin jijjiirama qonnaa naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti kan jedhan, karaa wabii nyaan of danda’uun qofa osoo hin taanee al ergiifis fayyadamaa jiraachuu himaniiru. Ambaasaaddarichi seenaan milkaa’ina misooma qamadii mul’ata misooma bal’aa Itiyoophiyaa agarsiiftuu guddaa ta’ee kuni, mootummaan muuxannoo isaa biyyoota Baha Afrikaa waliin qooduuf hojjechaa jira jedhani. Itiyoophiyaan qonna bira darbee gara anniisaa haaromfamuutti ce’uuf kaayyoo guddaa qabdu kan galateeffatan ambaasaaddarichi, kun biyyoota guddachaa jiraniif akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka danda’u himaniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota humna bishaanii gurguddaa kan akka hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun anniisaa qulqulluu wiirtuu tarsiimoo misoomaa akka taasifte ibsaniiru. Invastimantii humna qilleensaa fi aduu babal’isuun filannoo anniisaa babal’isaa jiraachuus hubachiisaniiru. Gama biraatiin ammoo, Baanglaadishii fi biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamummaa waloo ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni guddachaa jiran faalama qilleensaaf gumaachi isaanii xiqqaa ta’us, dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’uu isaanii, haqa dhabuu kana jijjiiruuf waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sagalee waloo isaanii cimsuu qabu jedhan. Kanaafuu, gaasiiwwan manaa gadi lakkifaman hir’isuun egeree waliiniif tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf yeroon sirrii ta’uu himaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 213
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.   Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani.   Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani.   Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 186
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru.   Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ispoortii
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin  dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 39
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera.   Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera.   Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira.   Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa kan irratti hirmaatan
Mar 22, 2026 98
Bitootessa 13/2018 (ENA): Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan mana keessaa har’a xumurama. Dorgommiin xumuraa meetira 1500 dubartootaa galgala sa'aatii 3:22 irratti ni gaggeeffama. Atileet Birqee Hayyaaloom Itiyoophiyaa bakka buutee ni dorgomti. Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa irratti yeroo sadaffaaf dorgomti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 20ffaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 3000’n 5ffaa baateetti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 19ffaa bara 2024 Iskootilaandi Gilasgow keessatti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 1500’n sadarkaa 9ffaa baate. Atileet Birqeen sa'aatii dhuunfaa ishee isa gaarii mana keessaa bara 2024 Boston Girandi Pirix irratti daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maaykiroo sekoondii 43 galmeessiteetti. Dorgommii atileetiksii mana keessaa dhiheenya kana Cheek Rippabiliika Ostiraavaatti gaggeeffame irratti sa’aatii saffisaa bara 2026 daqiiqaa 4 fi sekondii 00 fi maaykiroo sekoondii 62 galmeessiteetti. Birqeen har'a dorgommii xumuraa irratti atileetii kamiyyuu caalaa yeroo gaarii qabdi. Walumaagalatti atileetotni sagal dorgommii xumuraa irratti ni hirmaatu. Dorgommiin xumuraa meetira 800 dubartootaa galgala sa'aatii 3:53 tti gaggeeffama. Dorgommii kana irratti atileet Nigisti Geetaachoon ni hirmaatti. Atileet Nigisti tapha walakkaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen 2ffaa bahuun gara xumuraatti darbeera. Atileetiin kun bara kana dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa irratti hirmaachuun ishee yeroo lammataati.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira
Mar 25, 2026 14
Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan. Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan. Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru.   Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani. Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru.   Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru. Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa
Mar 23, 2026 240
Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira.   Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa. Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru. Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Mar 23, 2026 249
‎ Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru. Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru. Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru. Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 322
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17072
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2433
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015