ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan Yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha gooteef galata guddaatu isheef mala - Pireezdaanti Ivaaristee Nidaayishiimiiyee
Feb 15, 2026 96
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha gooteef galata olaanaa kan qabdu ta’uu Dura Taa’aan Gamtichaa ammaa fi Pireezidaantiin Buruundii Ivaaristee Nidaayishiimiiyee ibsaniiru. Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan ajandaa isaa milkaa’inaan goolabuun har’a xumurameera. Dura taa’aan Gamtichaa ammaa fi Pirezidaantiin Buruundii Ivaaristee Nidaayishiimiiyee haasaa cufiinsaa taasisaniin, biyyoonni miseensa ta’an yaa’icha milkeessuuf tattaaffii waloo taasisaniif galateeffataniiru. Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa qabxiileen ajandaa milkaa’inaan xumuramuu isaaniitiin ifatti akka cufamu labsuu ibsaniiru. Dura taa’aan kun konfiraansichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha Itiyoophiyaan taasiftee fi turtii bakka bu’ootaaf mijataa ta’eef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan magaalaa guddoo ardii keenya kan taate bareedduu magaalaa Finfinnee keessatti nu simachuu isheetiif galata guddaa akka qaban ibsaniiru. Hoggantoonnii fi jilli isaanii nagaan gara biyyoota isaaniitti akka galanii fi hawwii guddaa qaban ibsaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafosaa waliin marii’atan
Feb 15, 2026 89
Guraandhala 8/2018(ENA)-Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafosaa waliin marii’ataniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin, Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa guyyaa lammataa cinaatti Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafosaa waliin dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsanirratti marii gaggeessineerra jedhaniiru.
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan xumurame
Feb 15, 2026 65
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera. Yaa’ichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaa Gahuu” jedhuun gaggeeffameera. Hoggantoonni kunneen ajandaawwan Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa irratti mari’atan irratti mari’ataniiru. Wabii fi qulqullina bishaanii, raawwii Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa ardiilee, misooma hawaasummaa fi dinagdee, misooma humna namaa, riifoormii dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa naannoo fi ga’ee Afrikaan dirree addunyaa irratti qabdu keessaa ta’uu isaa ajandaawwan irratti marii’atame keessaati. Yaa’iin idilee hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture murteewwan adda addaa raggaasisuun xumurameera.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyam Ruuttoo Wliin mari’atan
Feb 15, 2026 63
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyam Ruuttoo Wliin mari’ataniiru. Har’a pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyam Ruuttoo waliin dhimmoota Ardii dursi kennamuu fi fedhii keenya waloorratti marii bu’a qabeessa taasifneerra jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin.
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 34
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Siyaasa

Dhiheessii Bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa Afrikaa Mirkaneessuurratti xiyyeffachuu barbaachisa – Pirezidaantii Namiibiyaa
Feb 15, 2026 50
Guraandhala 8/2018(ENA)- Dhiheessii Bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa Afrikaa mirkaneessuurratti xiyyeffachuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Namiibiyaa Doktar Netumboo Nandii Nidaayituwaa ibsan. Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 39ffaan teessoo muummee Gamtichaa Finfinneetti hara’as itti fufee gaggeeffamaa jira. Yaa’ichi mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu ta’uu ibsuun kunis milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun gaggeeffamaa jira. Waltajjiin marii Invastimentiin Bishaanii Komishinii Gamtaa Afriikaa fi tumsa Afrikaa Kibbaan qophaa’e gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin Namiibiyaa Doktar Netumboo Nandii Nidaayituwaan wayita kana Dhiheessii bishaanii jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi qulqullina fulla’aa Afrikaatti dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru. Sagantaan Invastimentiin misooma bishaanii Afrikaa fi karoora misooma Bishaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jala jiru haala bu’aa qabeessa ta’een hojjetamuu akka qabu kaasaniiru. Kanaafis kutannoo siyaasaa cimaa fi hanqinoota Invastimentii guutuuf qabeenya walitti qabuun sirriidha jedhaniiru. Qulqullinni kabaja, fayyaa fi jireenya fooya’aa mirkaneessa kan jedhan Pirezidaantiin kun, Afrikaatti ammas tajaajila qulqullina bu’uuraa mirkaneessuurratti, hanqinoonni hedduun iraachuusaanii dubbataniiru. Haalli kun yeroo dheeraa xiyyeeffannoo dhabee turuu dubbachuun amma garuu dhimma dursi kennamuuf ta’ee dhufuusaan sagantaawwan qulqulinaa fi Pirojektootarratti invasti gochuu akka qaban eeraniiru. Lammiilee hundaaf dhiheessii bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa mirkaneessuun galma misoomaa fulla’aa milkeessuuf akkasumas kabaja hawaasa keenyaaf, fayyaa hawaasaa fi nageenyaaf tajaajila qulqullina murteessaa ta’an fooyyessuun akka barbaachisu kaasaniiru. Namibiyaan Imaammata Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullinaa Biyyaalessaa karoorra qindaa’aa, hirmaannaa hawaasaa fi galmawwan biyyaalessaa bara 2030 bu’uureffate raggaasisuu ibsaniiru. Namiibiyaan karoora qindaa’aa, hirmaanaa hawaasaa fi galma karooraa bara 2030 bu’uura kan godhatan Dhiyeessii Bishaanii fi imaammata Qulqullinaa Biyyaalessaa' mirkaneessuushee ibsaniiru. Imaammanni kun eegumsa naannoo fi qabeenya bishaaniif itti fayadama bu’aa qabeessa xiyyeeffannoon addaa kan itti kennamudha jedhaniiru.
Oolmaa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa guyyaa lammataa
Feb 15, 2026 70
Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan teessoo waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeefamaa jira. Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun gaggeeffamaa jira. Yaa’ichi kaleessaa eegalee har’as ajandaawwan adda addaarratti marii’achuusaa itti fufeera. Mata duree mariin walqabatee dhiheessii bishaanii fulla’aa fi sirna qulqullinaa nageenyisaa eegame ,Guddina hirmaachisaa, hawaasa fayyaa qabeessaa fi haala teessumaa cimaa ijaaruu, itti fayyadama qabeenya uumamaa fulla’aa fi dhimmoonni haala jireenya lammiilee fooyyessuurratti mariin ni taasifama. Gahee bishaanii fi qulqullinni galma Ajandaa 2063 milkeessuu keessatti qaban ni xiinxalama. Yaa’ichi Ajandaawwan irratti mari’atu keessaa guddina Hawaasummaa fi Dinagdee, Misooma humna namaa, Riifoormii dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa Riijinii fi qooda Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qabduratti ni marii’ata. Har’a sagantaan mata duree Gamtaa Afriikaa kan bara 2026 ifoomsuun ni raawwatama. Qondaaltonni olaanoon Gamtichaa fi Hoggantoonni biyyoota Afriikaa saganticharratti ni argamu. Waltajjiin guddaan hoggantoonni biyyoota Afriikaa irratti argaman Invastimantii Bishaanii fi Faayinaansii Afriikaa irratti xiyyeeffatu ni gaggeeffama. Koreen hoggantoota olaanoo Gamtaa Afriikaa haala Suudaan Kibbaa irra jirtu irratti ni mari’ata. Walga’iin ministirootaa Biyyoota Afriikaa miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ta’an (A3) ni gaggeeffama. Biyyoonni Somaaliyaa, Rippabiliika Dimokiraatawaa Koongoo fi Laayibeeriyaan miseensota Afriikaa mana marichaati. Sirna fooyyessa Fayyaa Addunyaarraa irratti tumsi addunyaa maal fakkaachuu akka qabu kan mari’atu yaa’iin ni gaggeeffama. Komishinarri dhimmoota siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Baankolee Andooyee haala nageenya fi tasgabbii ardittii irratti ibsa ni kennu. Marii kana cinaatti taateewwan adda addaa sagantaa guyyaa har’aa keessaa tokkodha. Dhaabbileen Gamtaa Afriikaa adda addaa fi gurmaa’insoonni haala hojiisaniirratii ibsa kan kennan yoo ta’u, dhimmoota Ardiirratti mariiwwan gara garaa ni taasifama. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan murteewwan adda addaa dabarsuun har’a ni xumurama jedhamee eegama.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin mari’atan
Feb 14, 2026 213
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin dhimmoota gam-lamee fi riijiniirratti mari’ataniiru. Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin wal argee, dhimmoota gam-lamee fi riijinii, carraalee tumsa dinagdee fooyya’aaf jiran dhaloota fuuldura Afriikaa hogganu ga’oomsuurratti dhimmoota waliin hojjechuu dandeenyurratti mari’anneerra jedhaniiru.
Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hojmaata qindaa’aa cimsuu barbaachisa– Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo
Feb 14, 2026 109
Guraandhala 7/2018(ENA)- Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hoj-maata qindaa’aa cimsuun akka barbaachisu Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo ibsaniiru. Yaa’ichi hoggantoota Gamtaa Afriikaa 3ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’jedhuun har’a Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Wayita sana Buruundiin durataa’ummaa Gamtaa Afriikaa bara 2026 Angoolaarraa Ifatti fudhatteetti. Pirezidaantiin Angoolaa dura taa’aan gamtaa Afrikaa duraanii Zyo’aawoo Loorenzoo Aangoo yeroo dabarsan haasaa taasisaniin Afrikaan A.L.A. bara 2026tti galma guddaa kaa’un hojiitti galuu ibsaniiru. Kanaanis Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu ta’uu ibsuun, kunis milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’murteessaa ta’uu beeksisaniiru. Pirezidaantichi Bishaan dhugaatii qulqulluu fi sirna qulqullinaa argachuun dirqama ta’uu ibsuun, kun immoo mootummoota qofaan osoo hin taane carraaqqii qindaa’aa kaampaanotaa fi Waldaa Siivikii akka gaafatu cimsanii dubbataniiru. Pirezidaantiin Buruundii Eevaristee Nidaayiimiye Durataa’aa Gamtichaa haaraa ta’anii filatamuun isaanii, Ardichi dandeettii murtoo kennuu fi ogummaa isaaniirratti amantii qabu kan agarsiisudha jedhaniiru. Durataa’aan haaraan kun Afrikaa duubatti hafummaa keessaa baasuu fi sagantaawwan qabaman sirnaan hojiirra hoolchuuf itti gaafatamummaa guddaan akka isaan eeggatu eeraniiru. Pirezidaanti Looreenzi bara hojiisaaniitti waliin hojjechaa kan turan Dura taa’aa komishinii Gamtaa Afriikaa, Ogeesota teeknikaa fi garee hundaa galateeffataniiru. Afrikaa gara badhaadhina caalutti ceesisuuf hojiiwwan eegalaman cimanii akka ittifufanii fi biyyoonni miseensa hundi milkaa’ina dura taa’aa gamtichaa haaraa aangoo fudhateef deeggarsa barbaachisaa akka tassisan waamicha dhiheessaniiru.

Hawaasummaa
Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii raggaassise
Feb 15, 2026 72
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera. Walgahiin idilee 10ffaa Caffee naannoo Oromiyaa marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa ajandaawwan adda addaa irratti mari'achuu fi labsii adda addaa raggaasisuun xumurame. Kana waliin Manni Maree Naannoo Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeeffate muudama abbootii murtii aanaa raggaasisuun xumureera. Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo wixinee labsii kanarratti yaa’ichaaf ibsa kennaniin, labsiin dhaqqabamummaa haqaa dhugoomsuuf kaayyeffate ragga’uusaa ibsaniiru. Tajaajilli seeraa bilisaa kun amantaa lammiileen sirna haqaa biyya isaanii irratti qaban guddisuuf, haqaa argachuuf bu’uura kaa’uu fi lammiileen sababa hanqina maallaqaatiin tajaajila kana akka hin dhabne gochuun kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru. Akkasumas labsiin kun lammiilee abukaatoo dhaabbachuuf humna hin qabne dabalatee dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota fayyadamoo kan taasisu bu’uura seeraa fi hojmaata kan of keessatti hammate ta’uu himaniiru. Mineensonni Caffee marii bal’aa erga taasisanii booda, labsiin tajaajila seeraa bilisaa lakkoofsa 264/2018 akka rakkaasifame ibsani hogganaan kuni. Haaluma walfakkaatuun manni marichaa muudama abbootii murtii hojii raawwachiiftuu fi aanaa raggaasiseera. Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal abbootii murtii muudaman mana marichaaf wayita dhiyeessan akka ibsanitti, kenniinsa haqaa fi haqaa naannichaa sirreessuuf humna namaatiin damicha cimsuun murteessaa ta’uu dubbatani. Hirmaannaa abbootii murtii dubartootaa dirree kanarratti cimsuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, abbootii murtii aanaa 88 har’a Caffeen muudaman keessaa 26 abbootii murtii dubartoota ta’uu ibsaniiru. Kana malees manni marichaa muudama Aadde Roozaa Biyyaan Hoggantuun Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa taasisuun raggaasiseera. Gama biraatiin Caffeen malaammaltummaan kan shakkaman obbo Gammachuu Dabalaa Gannatii irraa mirga himatamuu dhabuu kaasuun isaa ni yaadatama.
Misooma waaraa fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa dha
Feb 14, 2026 93
Guraandhala 7/2018 (ENA) - Misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf ibsaniiru. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun eegalameera. Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahaammud Alii Yuusuf, Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, hoggantoonni Afrikaa fi keessummoonni biroo argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf wayita sana akka ibsanitti, mata dureen yaa’ichaa dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi qulqullinni isaa eegame kan jedhu, kanneen qajeeltoowwan yaa’ii kanaa ta’an, dinagdee keenyaaf furtuudha; nageenyaa fi tumsaafis barbaachisoo dha jedhaniiru. Afrikaa gidduu seentummaa alaa irraa eeguuf tokkummaa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, naannoon daldala bilisaa Ardii Afrikaa bu’a qabeessa akka ta’uuf sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Dhaabbileen faayinaansii, Baankiin Misooma Afrikaa, Koorporeeshiniin Faayinaansii Afrikaa fi Baankiin Impoortii fi expoortii Afrikaa, waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Dhaabbileen guutuu Afrikaa, Gamtaan Afrikaa, NEPAD fi CDC Afrikaa tattaaffii isaanii cimsuu qabu jedhan. Ardii kana deeggaruuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuun filannoo osoo hin taane hojii dirqamaa ta’uu ibsaniiru. Karoorri diinagdee Afrikaa deebii walqixxummaa dargaggootaa fi dubartootaa kan deebisu ta’uu qaba jedhani. Damee qonnaa gara industirii qonnaa fi qindeessummaa qonnaatti ceesisuuf, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, misooma anniisaa fi industirii ariifachiisuun barbaachisaa dha jedhani.
Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru
Feb 14, 2026 73
Guraandhala 7/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasichaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamuusaanii Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan. Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamaa jira. Baninsa yaa’ichaarratti Af-yaa’iin Caffee Sa’aadaa Abdurahimaan akka dubbatanitti, Caffeen bara baajatichaa walakkaa waggaatti hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa tureera. Kanaanis Naannichatti mootummaan fayyadamummaan hawaasaa akka guddatuuf, akkasumas imalli badhaadhinaa eegalaman akka saffisu hojiiwwan deeggaran hojjetamuunsaanii mirkanaa’eera jedhaniiru. Keessuma hundeeffama caasaa gandaa haaraan diriirfamuu, tajaajila Hawaasaaf dhiheenyatti kennuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii kaasaniiru. Magaalattis uummanni kenna tajaajilaarratti rakkoo yeroo dheeraaf kaasaa ture furuuf tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’achaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis itti quufinsi tajaajila hawaasaa guddachuu ibsuun, ummata biratti abdii guddaan uumamuu ibsaniiru. Walii gala fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan karoorfaman raawwiinsaanii kan jajjabeeffaman ta’uu Koreen dhaabbii caffee daawwannaa Dirree Aanaa, Godinaa fi magaalotatti taasisaniin mirkaneessaniiru jedhaniiru. Haala duub-deebii deeggarsaa fi hordoffiin kennamaniin raawwii hanqina qaban xiyyeeffannoo akka argatan taasifamuu Afayaa’iin kun hubachiisaniiru. Ummanni Nannichaa Filannoon waliiigalaa 7ffaa nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi hirmaachisaa fi akka ta’uuf qooda gamasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo guddaa dha
Feb 14, 2026 84
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf muuxannoo guddaa ta’uu sadarkaa itti aanaa Ministira Muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsani. Mariin hoggantoota sadarkaa olaanaa Afrikaatti guddina daa’immanii fi sirna dhiyeessii nyaata madaalawaa daa’immanii irratti xiyyeeffate bakka Mootiin Leesetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa soorataa Gamtaa Afrikaa mootiin Leetisiyee 3ffaa argamanitti gaggeeffameera. Waltajjicharratti kan hirmaatan obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaan mala qindoomina qabu hordofuun bu’aa armaan gadii galmeessiteetti jedhan. Itiyoophiyaan guddina daa’immanii fayyaalessaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti, hojiirra oolaa kan jiru sagantaan waadaa saqoxaa, Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waadaan Saqoxaa rakkoo quucaruu daa’immanii hambiyuu fi guddina fayyaalessa ta’e ariifachiisuuf tattaaffii taasifameen haadholii fi daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru. Maaddii Guutuu fi Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee, haala jijjiirama qilleensaa kan dandamatu sirna qonnaa ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhani. Mootummaan dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufus mirkaneessaniiru. Sirna nyaataa itti fufiinsa qabu deeggaruuf faayinaansiin mandhalee cimuu akka qabu eeruun, hojiiwwan haala qilleensaa dandamatan hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan. Dhiyeessii nyaata madaalawaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliin hojjechuun,badhaadhina Afrikaaf hundee kan ta’e misooma humna namaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti aanaan Ministira Muummee duraanii fi dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Addaam, obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, daa’imman Afrikaa hedduun sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkachaa jiru jedhani. Afrikaa keessatti daa’imman miiliyoona 59 ol ta’an rakkoo quucaruuf kan saaxilamanidha kan jedhan obbo Dammaqaan,kanaafis biyyoonni Afrikaa fi michoonni misoomaa kurannoodhaan galma kanaaf hojjechuu qabu jedhaniiru. Carraan fuula duraa Afrikaa fi milkaa’inni Ajandaa 2063, fayyaa fi ulfina haadholii fi daa’immanii irratti kan hundaa’u ta’uus hubachiisaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan biyyoota addunyaarraa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokkodha-Jeefrii Saaksi
Feb 15, 2026 43
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan biyyoota addunyaarraa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa tokko ta’uushee mootummoota gamtoomaniitti pirezidaantiin qidoomina furmaata misooma fulla’aa piroofeesar Jeefrii Saaksi ibsan. Piroofeesar Jeefrii Saaksi turtii ENA waliin taasisaniin, guddina Itiyoophiyaa sirriitti hubachuuf jiijjiiramoota dinagdee magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyatti garagaraatti mul’atan ilaaluun gahaa ta’uu eeraniiru. Yaa’ii gamtaa Afriikaarratti hirmaachuuf waggaa waggaan Finfinnee yeroo dhufan guddinni misoomaa olaanaa taajjabuusaanii eeraniiru. Ijaarsa madda anniisaa elektiriikii, hojiilee dijitaalaayizii, bu’ura daandii, Invastimantii kallattii alaa hawachuun dabaluu fakkeenya kaasaniiru. Kanaaf ammoo riifoormiin dinagdee gooroo gumaacha taasisuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan anniisaa aduu, qilleensaa fi ji’ootarmaalii akka qabduu fi kanas fayyadamaa akka jirtu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni baadiyyaa jiraatan humna haaromfamaatti fayyadamaa jiraachuu ijaan arguusaanii ibsaniiru. Kunis oomisha qonnaan bulaa guddisuun jireenyasaa fooyyessaa akka jiru dubbatan. Bu’aan Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessisaa jirtu, keessumaa milkaa’inni misooma Qamadiin argame biyyittiin of danda’uurra darbitee kanneen biroof gahuu akka dandeessu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Jijjiirraa daldala Ardii fi pirojektoota gurguddoo milkeessuuf biyyoonni daandii, baaburaa fi hojiin anniisaa maddisiisuu walitti hidhamanii hojjetamuu akka qaban gorsaniiru.
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaaf murteessaadha
Feb 14, 2026 139
Guraandhala 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaa mirkaneessuuf dhimma bu’uraa ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Itiyoophiyaan Afrikaa Addunyaa waliin walquunnamsiisaa jirtu Abbaa ulaa galaanaa Amansiisaa ta’uunshee guddina ittifufiinsa qabu, Tasgabbii riijinichaa fi badhaadhina mirkaneessuuf dhimma bu’uuraa ta’uu Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad haasaa baninsa waltajjichaarratti taasisaniin, Itiyoophiyaan daandii qilleensaan walitti hidhaminsa Ardii fi Idil- Addunyaa cimsaa jiraachuushee ibsaniiru. Kanaanis uummata walitti fidaa, gabaa walitti hidhaa akkasumas geejiba shaqaxaa saffisiisaa jirra jedhaniiru. Imala kana itti fufsiisuuf Itiyoophiyaan Afrikaan gatii idil-Addunyaa keessatti bakka guddaa akka qabaattu kan taasisuu fi buufata xiyyaaraa isa guddaa ta’ee ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Buufanni xiyyaaraa guddaan kun dhaloota dhufuuf balbala seensaa akka ta’u dubbataniiru. Qooda gama Aviyeeshiniin qabduun alattis, gama Itiyoo telekoomiin tumsa ardii tarsiimawaa cimsuun guutuu Afriikaatti waliin gahiinsa dijitaalaa babal’isaa akka jiru kaasaniiru. Haa ta’u malee, walitti hidhamiinsi guutuu ta’uu qaba kan jedhan ministirri muummee, ummata miil. 130 kan qabdu Itiyoophiyaan guddina egeree mirkaneessuuf waliin gahiinsa filannoo garagaraa ishee barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf ammoo qajeeltoo tumsa karaa nagaa jedhuun Ulaa galaanaa akka qabaattu gochuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa waliin mari'atan
Feb 14, 2026 86
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Doktar Siidii Uluudi waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, wayita yaa’ii biyyoota garee 20(G20) irratti Pirezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Doktar Siidii Uluud waliin marii taasifne hordofee kan itti fufedha jedhani. Mariin keenya guddina hunda hammate, faayinaansii misoomaa fi invastimantii tarsiimoo guutuu Afrikaatti deeggaruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu marii’anneerra jedhaniiru.
Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti
Feb 14, 2026 82
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ministirri muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan kun mata duree “ dhiheessiin bishaanii fulla’aa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun,milkaa’ina galmoota ajandaa 2063” jedhuun gaggeeffamaa ira. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa sagantichaarratti dubbii dubbataniin, keessummoonni gara dachee dur-durii gara Itiyoophiyaa baga nagana dhuftan jedhaniiru. Bishaan qabeenya ta’uurra darbee bu’ura misoomaa, kalaqaa fi tasgabbii ta’uu ministirri muummee dubbii dubbataniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan mul’ata bishaan Afriikaa 2025 bu’ureffachuun itti fayyadamni bishaanii itti gaafatamarratti hundaa’e faayidaa misoomaaf qabu hojiin agarsiisaa akka jirtu dubbataniiru. Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mana keessattii fi industiriif madda anniisaaf ooluun gamatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa kan mirkaneessu bu’aa tooftaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Dinagdeen Afriikaa Kan Isiyaa waliin walqixa jechuun haala danda’amuun guddachaa akka jiru ministirri muumee ibsanii, Itiyoophiyaan xumura bara bajataa kanatti dhibbantaa 10 tuqaa 2 akka guddattu eeraniiru. Afriikaan A.L.A bara 2035 addunyaarraa humna namaa dargaggoo olaanaa kan gumaachitu ta’uu eeranii, kana gara badhaadhinaatti jijjiiruuf barnoota, fayyaa fi dhiheessii nyaata madaalawaa irratti invast gochaa akka jiran ibsaniiru. Magaalonni Afriikaa magariisa, dhala namaaf mijataa fi fayyadama dargaggoo kan mirkaneessan ta’uu akka qaban eeranii, misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetaman kanaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetame sararoota bishaanii faalaman gara bakka bashannana ummataa qulqulluu fi miidhagaatti jijjiiruusaa dubbataniiru. Kun ammoo balaa lolaa hir’isuurra darbee kabaja deebisuudhaan walitti hidhamiinsi hawaasummaa akka cimu gochuusaa dubbataniiru. Magaalaan Afriikaa fuula duraa kun miilaan deemuuf mijataa, magariisaa fi dargaggoota jiddugaleessa kan godhate, akkasumas kabajnii fi abbummaan kan itti dhaga’amu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Baadiyyaattis hojmaata ammayyaa diriirsuudhaan jireenya namootaa fooyyessaa fi hawaasa gabaa waliin walitti fudaa jira jedhaniiru. Adeemsi qindaa’aan kun eegumsa naannoo fi kunuunsa haala qilleensaa misoomaan wal qabsiisa jechuun ibsaniiru. .Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin amma ammaatti biqiltuuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuushee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisaniiru. Dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa karaa haqa qabeessaa ilaalamuu akka qabu eeranii, Afriikaan waltajjii addunyaarratti sagalee tokkoon dubbachuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 55
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Naannichatti kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun itti quufinsa Hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiru- Obbo Awwaluu Abdii
Feb 12, 2026 80
Guraandhala 5/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuun itti quufinsa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Tajaajil Wiirtuu tokkoo Masoob Magaalaa Moojootti eebbifamee hojiitti galeera. Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gidduugalicha eebbusuun tajaajila yeroo eegalchiisan akka ibsanitti, Naannichatti kenna Tajaajila Mootummaa si’ataa taasisuuf Dijiitaalayizeeshiniif xiyyeeffannoon kennameera. Kanaafis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob dhaqqabamaa taasisuuf Boqonnaa jalqabaan Adaamaa, Shaashamannee, Shaggar, Bishooftuu fi Jimmatti gara hojiitti galchuu yaadataniiru. Hojicha cimsuun gara magaalota 26tti babal’achaa jiraachuu eeruun, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Moojoo har’a hojii eegaluun qaama kanaa ta’uu hubachiisaniiru. Boqonnaa sadaffaan naannichatti Magaalota 60tti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojii eegalchiisuuf galmi qabamuu kaasaniiru. Gara fuulduraatti kenna tajaajilaa Ammayyeessuu, Misooma koriidaraa, Galii walitti qabuu fi hojii misoomaa cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 98
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf dandeessiseera
Feb 10, 2026 121
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Ispoortii
Ayyaana Hundeeffama Ajaja duula addaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira
Feb 14, 2026 62
Guraandhala7/2018(ENA)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ayyaana hundeeffama Ajajaa duula addaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa daandiirraa KM.10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama jira. Dorgommicharratti Atileetonni bebbeekamoon kilabiiwwan adda addaa keesaa dhufan hirmaachaa jiru. Akkasumas miseensota raayyaa ittisa biyyaa, jiraattota magaalaa hawaasaa fi naannoolee ollaarraa kan dhufan jiraattonni kuma 10n ta’an hirmaachaa jiru. Sirnicharratti Ajajaan duula addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, mejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda Kidaan, Qondaaltota Olaanoo, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa fi hoggantoonni bulchinsichaa argamaniiru.
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata
Feb 10, 2026 195
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa
Feb 8, 2026 192
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera. Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira. Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 275
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 34
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 22
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru. Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru. Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 152
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 120
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira. Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2061
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10285
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.