ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Iiziin duula addaa aggaammiiwwan taassifaman ittisuun Iizii haala jijjiirudha
Feb 9, 2026 110
Guraandhala 2/2018(ENA) - Iiziin duula addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofuun dhabamsiisuunii fi shirasaanii dursee fashaleessuun aggaammiiwwan keessaas ta’e alaa taassiffaman ittisuurratti Iizii haala jijjiiru ta’uu Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hubachiisan. Ajajaan Iizii duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hundeeffama waggaa 65ffaa Iizichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, ayyaanni hundeeffamaa qophiiwwan adda addaan Guraandala 7 hanga 15 bara 2018 magaalaa Hawaasatti qophiiwwan adda addaan akka kabajamu beeksisaniiru. Yeroo kabajichaa Iizichi waggoottan kurnan jahan darban injifannoowwan galmeessise ni yaadatamuun ni kabajamu jedhaniiru. Iizichi nageenya biyyaa kabachiisuurratti gootummaa fi cimina qabu qabatee kan itti fufe, dhaloonni ammaas qabsoo kana dhaloota itti aanu akka dhaalchisanii fi ciminoota qaban cimsanii akka ittifufsiisan dandeessisa jedhaniiru. Komaandoo, humna qilleensaa fi humna addaa farra shororkessitootaa qormaata adda addaa kan darbanii fi cimaa kan dhufan waan ta’aniin olitti, humna diinaa kan cabsanii fi ggootummaan biyya kan boonsan raawwachuu isaaniis eeraniiru. Iiziin duultota addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofee barbadeessuu fi shira isaanii dursanii fashaleessuun haleellaa keessaa fi alaa ittisuu irratti gahee olaanaa bahataniiru jedhani. Kanaaf, waggaa 65ffaan hundeeffama ajaja kanaa Guraandhala 7 fiigicha daandii kiiloo meetira 10 Hawaasaatti gaggeeffamuun akka eegalu akeekaniiru. Eebba kitaabaa fi asxaa, agarsiisa suuraa fi mariin paanaalii, akkasumas taateewwan biroo Guraandhala13 irraa eegalee akka kabajamu akeekaniiru. Qeerramsoonni didiimoo kunniin kanneen hin jilbeffanne,qilleensaarraan, lafaa fi bishaan irratti agarsiifni dheyeessan ayyaanicha kanneen miidhagsan keessatti ramadamu. Kabajni ayyaanichaa Guraandhala 15/2018 Istaadiyeemii Hawaasaatti taateewwan addaa fi sirna guddaa waliin kan gaggeeffamu ta’uu odeeffannoon Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisaa ENA’f erge ni mul’isa.
Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan ni hojjeta - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Feb 9, 2026 66
Guraandhala 2/2018 (ENA)- Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan akka hojjetu Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsani. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, hoggantoota haaraa filataman Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin har’a mari’ataniiru. Yaa’ii waliigalaa idilee mana marichaa 5ffaa, kan abbootiin amantaa, geggeessitoonni waldaa fi keessummoonni affeeraman irratti hirmaatan milkaa’inaan gaggeeffamuu isaatiif hoggantoota mana marichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan kan hojjetuu fi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa isaanii keessatti hoggantoota mana marichaaf yeroo tajaajila gaarii hawwaniiru.
Hojiiwwan misoomaa hedduun Magaalittiitti hojjetamaa jiran fayyadamummaa jiraattotaa sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiru
Feb 9, 2026 56
Guraandhala 2/2018(ENA)-Hojiiwwan misoomaa hedduun magaalittiitti hojjetamaa jiran Fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiraachuu Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee ibsan. Misoomni koriidaraa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan magaalittii gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jiraachuu ENA’f ibsaniiru. Miseensi Mana maree Magaalaa Finfinnee Masfin Mangistuu akka jedhanitti, Finfinneen misooma Manaa fi lafaan, galii walitti qabuun, akkasumas, damee fayyaa fi barnootaan bu’aawwan dinqisiisaa galmeessisaa jirti jedhaniiru. Keessumaa misooma koriidaraa, misooma qarqara laagaa fi bakkeewwan magariisaa babal’achuun miidhagina magaalittii jijiiruurra darbuun jireenya lammiilee fooyyeessaa jiraachuu eeraniiru. Miseensi mana maree Aadde Amanee Amaan gamasaaniin ummannii fi mootummaan, qindaa’anii hojjechuun, magaalittiitti milkaa’inoonni pirojektoota Bishaanii, daandii, Fayyaa fi Barnootaan argaman bu’uura ta’uu dubbataniiru. Misooma ijaaraman eeguu fi kunuunsuun hojii jiraattota hundaa ta’uu akka qabuus hubachiisaniiru. Miseensa mana maree biroon doktar Gizaachoo Ayikaa daandiiwwan magaalittiitti hojjetamaa jiran Dhabamsiisa Dhangala’aa, Sararawwan ibsaa fi bishaanii, daandii lafoo fi biskileetaa kan qabanii fi qulqullinnisanii kan eegamanidha jedhaniiru. Bakka taphaa daa’immanii daandii cinaa fi bakkeewwan bashannanaa ijaaramuunsaanii Magaalaa Finfinnee hawaasa hundaaf mijattuu akka taatu dandeessiseera jedhaniiru. Magaalittiin baajata kaappitaalaashee hojiiwwan namarratti xiyyeeffataniif oolchuushee, harka qal’eeyyii fi lammiilee galii gad- anaan bulan fayyadamoo taassiaa jiraachuu kan ibsan immoo miseensa mana maree kan ta’an Abiyyi Yilmaati . Bu’aan hooggansaa fi mul’ata ifaa mootummaatiin, hirmaannaa dureeyyii fi ummataa cimaadhaan argame Finfinneen gara magaalaa ammayyaatti cehaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Jaalatamtoota Itiyoophiyaanotaa
Feb 9, 2026 96
Tibbana biyyi keenya Afrikaanota obbolaawwan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan simachuuf harka ishee bal’istee ni simatti. Michuuwwan keenya kunneen halluuwwan alaabaa keenyaa kan qooddatan, Itiyoophiyaa akka gonfoo bilisummaatti kan ilaalan, darbees biyyi keenya dhagaa bu’uuraa mul’ata siyaasaa Ardichaa akka taatetti fudhachuun kan kabajanidha. Itiyoophiyaan keessummaa simachuun maaliif kabajamuu akka dandeesse simannaa keenyaan itti ni agarsiifna. Akka mana isaaniitti akka itti dhagahamu haa goonu. Kabajaan haa simannuu. Jaalalaan haa tursiisnu. Ida’amnee alaabaa keenya kan bakka bu’u miira tokkummaa Afrikaa fi mul’ata waloo walitti nu hidhu haa taasifnu. Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 40
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Siyaasa

Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay
Feb 6, 2026 437
Amajjii 29/2018(ENA) - Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uu isaa gocha qabatamaan agarsiiseera jedhan jiraattonni magaalota naannoo Tigraay adda addaa ENA’n dubbise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti akka ibsanitti, waldhabdeen mootummaa Eertiraa waliin uumame yeroo Waraana Kaabaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Shiree to’achuun, waraanni Eertiraas kana hordofee manneen namoota dhuunfaa fi gamoo diiguu eegaluun akka ta’e ibsuun isaanii ni yaadatama. Magaalota Adwaa fi Addigiraatitti waarshaalee saamuunii fi bubuqqisee konkolaataan fe’achuun, akkasumas Aksumitti immoo dargaggoota irratti yakka ajjeechaa inni raawwate mootummaa Itiyoophiyaa waliin lola cimaa keessaa isa galchuu danda’eera jedhan. Kana waliin walqabatee magaalota Shiree, Aksumii fi Maqalee keessa naanna’uun galaalchaan ENA jiraattota gaafateen, mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Jiraattuun magaalaa Shiree Indasillaasee aadde Raahiwaa Alamaayyoo, yeroo waraana kaabaa sanatti loltoonni Shaabiyaa magaalaa Shiraaroo irraa hanga naannoo Maqaleetti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkoota sukaneessaa raawwachuu isaanii himaniiru. Keessumaa magaalota keessaa warshaalee fi qabeenya ummataa adda addaa bubuqqisee fe’uun qabeenya ummataa ifatti saameera jedhan. Mootummaan Shaabiyaa nageenya kan hin barbaanne diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Yeroo waraana Kaabaa sanatti loltoonni Eertiraa magaalota naannooTigiraay keessatti ummataa fi qabeenya irra yakka sukaneessaa hojjechuu isaanii kan himan jiraataa magaalaa Aksum kan ta’an barsiisaa Abrahaam Tamasgeenidha. Kana waliin walqabatee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa kennan qabatamaan mul’atee kan darbedha jedhan. Naannoo Maqalee aanaa Indaartaa ganda Masaboo keessa kan jiraatan qonnaan bulaa Malaakuu Barihaa, yeroo waraana Kaabaa loltoonni Eertiraa meeshaalee manaa, oomishaa fi beeyladoota dabalatee saamanii fudhataniiru jedhan. Sababa kanaan qonnan bultoonni hedduu rakkoo hamaa keessa bu’uu himuun, namoonni yeroo isaan yakka akkanaa raawwatan warreen dhowwachuu yaalan irratti ajjeechaa fi yakka sukaneessaa raawwachaa turuu isaanii himan. Kanaaf mootummaan Eertiraa yoomillee taanaan, mootummaa Itiyoophiyaa fi ummatsheef waan gaarii kan hin yaannee fi kaayyoo diigumsaa qabatee kan hojjetu ta’uu isaa yaada kennitoonni kunniin ibsaniiru.
Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu – Bulchaa Nannichaa Ordiin Badrii
Feb 6, 2026 194
Amajjii 29/2018(ENA)-Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu jechuun Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin dubbatan. Naannoo Harariitti gamaggamni karoora raawwii hojii Mootummaa fi paartii walakkaa waggaa bara 2018 gaggeeffamuu eegaleera. Waltajjii gamaggamichaarratti Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii akka ibsanitti, walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiin abdachiisaan raawwatamuun danda’ameera. Xiyyeeffannoon Waltajjichaa gamaggama raawwii hojii moootummaa fi paartii baatiiwan ja’aa karoora bu’uureffate gamaggamuun hojiiwwan fuulduraatiif of qopheessuuf ta’uus eeraniiru. Waltajjiin gamaggamichaas ciminoota walakkaa waggaa bara baajatichaa jiran babal’isuun, hanqinoota mul’atan guutuun bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf galteen kan itti walitti qabamu, akkasumas filannoo biyyoolessaa 7ffaatiif qophiin kan taassifamuu fi haalli mijataan kan itti uumamu ta’uu eeraniiru. Keessumaa hojiiwwan gurmaa’insaa fi siyaasaa sirnaan ilaaluun hubannaa waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin mootummaa inni guddaan guddina Dinagdee Ariifataa mirkaneessuu fi fayyadamumma misooma uummatichaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman sakatta’amuu qabna jedhaniiru. Kanaanis omishaa fi omishtummaa dagaagsuuf, carraa hojii babal’isuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf, Invastimantii jajjabeessuu fi gama biroon hojiiwwan hojjetaman ni gamaggamamu jedhaniiru. Hirmaanaa fi qulqullina Barnootaa, tajaajila fayyaa fi dameelee Hawaasummaa biroon akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Galii Mana qopheessa fi diinagdee maddisiisuu duguuganii walitti qabuurratti hojii hojjetame gadi fageenyaan ni ilaalamu jedhaniiru. Rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu fi hoj-maata badaa hanbisuuf ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman waltajjichaan akka gamaggamamu kaasaniiru. Naannichatti nageenya cimsuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjii gamaggamichaarratti Afayaa’iin Mana maree naannichaa Sulxaan Abdusalam, hogganaan paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoonii fi gidduugaleessaa mootummaa fi Paartii Naannichaa hirmaachaa jiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuuf qophii irra jirra- Paartiilee Siyaasaa
Feb 6, 2026 221
Amajjii 29/2018 (ENA) - Paartileen siyaasaa adda addaa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisaa akka jiran beeksisaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ibsa kennaniin, mootummaan filannoon bara kanaa muuxannoo kanaan duraa caalaa nagaa, haqa qabeessaa fi kan hunda hammate akka ta’uuf kutannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti filattota akka manaatti ykn akka utubaatti, paartileen hirmaatan ammoo akka maagaraatti fakkeessuun eeruun, akkasumas haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannaan addaa akka kenname mirkaneessaniiru. Hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa kan ENA’n dubbise, milkaa’ina filannoo kanaaf hojii qophii barbaachisu hojjachaa akka jiran eeraniiru. Pireezidaantii Mana Maree Biyyoolessaa Agawu fi Hogganaan Dhimmoota Siyaasaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Alamarawu Yirdaawu filannoon waltajjii guddaa sagaleen olaanaan ummataa itti dhaga’amuu fi egeree biyyattii itti murtaa’u ta’uu hubachiisaniiru. Gamtaan isaanii yeroo ammaa naannolee hedduu keessatti kaadhimamaa filachuu fi galmeessaa jiraachuu eeruun, caasaa jaarmiyaa cimsuu fi manifestoo filannoo qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Filannoon kun nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf paartiin isaanii gahee isaa akka ba’us mirkaneessaniiru. Haaluma walfakkaatuun dura taa’aa itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Gaamoo fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Daaroot Gum’aa filannoo bara kanaatiif qophii eegaluu isaanii mirkaneessaniiru. Filannoon kun dimokiraatawaa fi amansiisaa akka ta’uuf Boordii Filannoo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran kan ibsan obbo Daaroot, paartiin isaanii tooftaalee filannoo kana irratti dorgoman bocuun hojii eegaluu isaa akeekaniiru. Qophii fi adeemsa filannoo irratti hubannoo waloo uumuuf, keessumaa waltajjii marii walduraa duubaan miseensotaa fi deeggartoota waliin qopheessuun hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 5, 2026 270
Amajjii 28/2018 (ENA) - Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaniin,qabsoon abbootiin keenya birmadummaa fi guddummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf taasisan dhaloota ammaaf barnoota dha jedhani. Ministirri Muumee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii ji'oota 6 mootummaa federaalaa bara baajata 2018 irratti miseensonni mana marichaa gaafataniif deebii kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti, biyya akka manaatti fakkeessanii kan kaasan yoo ta’u, qaamoleen halluu manaa jijjiiruurra utubaa manaa diiguuf hojjetan akka jiran hubachiisaniiru. Namuusni siyaasaa, sirna morma malee, kan birmadummaa biyyaarratti xiyyeeffate waliin qabsaa’uun akka barbaachisu ibsaniiru. Bakka utubaan manaa hin jirretti qalama dhaaba manaaf (keenyaa) isaaf wal mormuun bu’aa hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee, paartileen siyaasaa akka jijjiiraman gaafachuun sirrii ta’us, dhimma birmadummaa Itiyoophiyaa dabarsanii kenneen sirrii miti jedhan. Diinonni Itiyoophiyaa baroota darban mudate fedhii utubaa biyyaa ishee diiguu akka ta’e eeruun, qaamolee utubaa Itiyoophiyaa balleessan waliin hojjechuun balaa guddaa akka ta’e hunduu akka hubatu dhaamaniiru. Seenaan keenya kanaaf barsiisaa gaarii dha; qabsoon abbootiin keenya guddummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaa akka ta'e agarsiiftuu dha jedhan. Fakkeenyaaf, gaafa birmadummaan biyyaa sarbame lolli koo biyya koo waliin miti; jechuun gootonni birmadummaa biyyaaf wareegaman akka jiran yaadachiisaniiru. Bu’uuruma kanaan dhaloonni ammaa daandii gootonni kanaan duraa saaqan hordofuun filannoo ijoo biyyaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru. Dhaloonni ammaa utubaa waloo Itiyoophiyaa irratti jabaatee kabajaa fi ulfina biyyaatti amanamuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Mootummaan filannoo dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera
Feb 4, 2026 286
Amajjii 27/2018 (ENA) - Mootummaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeesseera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara baajataa 2018 irratti gaaffii miseensonni Mana Marichaa gaafataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti filannoon bara kanaa filannoo darbe caalaa haqa qabeessa, nagaa, hirmaachisaa fi fooyya’aa akka ta’u ni mirkaneessina jedhani. Mootummaan haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa doktar Mabraatuu Alamuu gama qophii fi filannoo dimookiraatawaa taasisuuf gaaffilee ka’aniif mootummaan deebii quubsaa kenneera jedhani. Mootummaan Filannoo Waliigalaa Biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf kutannoo qabu ibseera jedhaniiru. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Masfin Irkaabee filannicha karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kan dandeessisan haalonni uumamuu himaniiru. Itiyoophiyaan yeroo duula biyya baraaruu gidduu turtetti filannoo akka geggeessite yaadachiisuun, rakkoon nageenyaa filannoo baranaa gufachiisuu danda’u akka hin jirre dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa akka ta’u amantaa qaban ibsuun, kanaafis paartileen kaadhimamaa galmeessuu eegalaniiru jedhan. Miseensi Mana Maree Gorsaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu akka jedhanitti, filannoon agarsiiftuu shaakala dimokiraasii hawaasa tokkoo ta'uu ibsaniiru. Mootummaan filannoo bifa dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kutannoo akka qabu eeruun, kana irra darbee immoo hawaasni filannoon hirmaachisaa akka ta’uuf gahee isaa bahachuu qaba jedhani.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra oolchuufi
Feb 4, 2026 281
Amajjii 27/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Amajjii 28 bara 2018 irraa eegalee lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra akka oolchu beksise. Poolisii Federaalaa Itiyophiyaatti hogganaan Qajeelcha olaanaa Loojistiksii gargaaraan komishinaraa Isheetuu Fiixaa jijjiirraa gabatee lakkoofsa konkolaataa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin jijiiraan gabatee konkolaataa qaama hojii riifoormii hunda galeessa dhaabbatichi gaggeessaa jiru ta’uu ibsaniiru. Gabateen ammaan dura hojiirra ture kan wal hinfakaanne waan ta’eef hojmaataaf rakkisaa ta’ee turuusaa ibsaniiru. Dhaabbatichi haala yeroo gituun teekinooloojii dijiitaalaa waliin walqabsiisuun jijiirraa gabatee konkolaataa taasisuusaa ibsaniiru. Boruu eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa Polisii Federaalaa hojiirra oolu lakkoofsa icciitii addaa nageenya eegu kan of keessaa qabu waan ta’eef tajaajilicha si’ataa taasisa jedhaniiru. Akkasumas dandeettii dorgommii Idil-Aaddunyaa dhaabbatichaa kan dabaluu fi tajaajilicha gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu akka ta’e ibsaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan ni hojjeta - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Feb 9, 2026 66
Guraandhala 2/2018 (ENA)- Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan akka hojjetu Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsani. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, hoggantoota haaraa filataman Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin har’a mari’ataniiru. Yaa’ii waliigalaa idilee mana marichaa 5ffaa, kan abbootiin amantaa, geggeessitoonni waldaa fi keessummoonni affeeraman irratti hirmaatan milkaa’inaan gaggeeffamuu isaatiif hoggantoota mana marichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan kan hojjetuu fi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa isaanii keessatti hoggantoota mana marichaaf yeroo tajaajila gaarii hawwaniiru.
Mariin biyyaalessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahachuaa jirru cimsinee itti fufna - Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii
Feb 9, 2026 48
Guraandhala 2/2018 (ENA) - Mariin biyyoolessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahacha jirru cimsinee itti fufna jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii. Manni Marichaa adeemsi marii kanaa akka milkaa’uuf Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibseera. Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa labsii lakk. 1265/2014 kan hundaa’e yoo ta’u, dhimmoota ijoo ta’anii akka gaaffiitti ka’anii waldhabdeef sababa ta’an irratti mari’achuun seenessa waloo uumuudha. Komishiniin Marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojii ajandaa hirmaachisaa ta’e walitti qabuu fi namoota konfiraansii guddicha irratti hirmaatan adda baasuun naannolee kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti milkaa’inaan raawwateera. Pirezidaantiin Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii Ahimad Huseen ENA waliin turtii taasisaniin, Manni Marichaa marii biyyaalessaa keessatti dhaabbileen hawaasa siivikii sochoosuun gahee olaanaa akka qabaataniif hojjechaa turuu ibsaniiru. Dhaabbatichi hojii hubannoo uumuu, ajandaa walitti qabuu, hirmaattoota adda baasuu fi kanneen biroo irratti Komishinicha waliin qindoominaan hojjechaa akka jira ibsaniiru. Manni Marichaa Komishinicha waliin waliigaltee mallatteessuu eeruun, kana irratti hundaa’uun hojiiwwan hedduun waliin ta’uun hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Marichi hammataa ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuu eeruun, hirmaannaan dubartoota, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi hayyootaa, akkasumas nama hundaa mirkanaa’uu isaa hubachiisaniiru. Mariin kun sadarkaa murteessaa irra akka ga’e ibsuun, Manni Marichaas milkaa’ina isaa mirkaneessuuf gumaacha isaa akka cimsu dhaamaniiru. Mariin biyyaalessaa garaagarummaa gara aadaa siyaasaa marii fi olaantummaa yaadaatti geessutti jijjiiruuf carraa guddaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi kun lammiileen dhimma biyyaalessaa irratti bilisaan akka mari’atan gochuun, ijaarsa mootummaa biyyaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaadha
Feb 9, 2026 45
Guraandhala 2/2018(ENA)- Itiyoophiyaatti hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaa ta’uusaa ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee ibsan. Filannoo walii galaa 7ffaa ilaalchisuun ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa waltajjii qooda fudhattootaa magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira. Filannoon walii galaa 7ffaan nagaa, demokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u ministeerichi qooda guddaa bahachuuf qophii bal’aa taasisuusaa ministirri Ergoogee Tasfaayee waltajjicharratti ibsaniiru. Hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, qama miidhamtootaa fi manguddootaa ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaa ta’uusaa ibsaniiru. Filannoo kanaaf hirmaannaan dubartootaa murteessaa ta’uu dubbataniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii dhugaa ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi murteessaa ta’uu eeraniiru. Walitti qabaan itti aanaa boordii filannoo Itiyoophiyaa Tasfaayee Newaayi gamasaaniin, filannoon waliigalaa 7ffaan walaba, hammataa fi amanamaa ta’ee akka xumuramu hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Pirojaktiin Dinqisiisaan Riizoortii Hara Loogoo maal maal of keessaa qaba ?
Feb 9, 2026 52
Lafa hektaara 13 tuqaa 3 irra buufateera, biqiltuuwwan miidhagoo fi magariisaan marfameera. kutaa 67 keessatti siree mijataa 80 of keessaa qaba. Daandii Asfaaltii qulqullina qabu KM. 3.70 dheeratu of keessaa qaba. Tajaajila Ispaa(Spa) guutuu sadarkaasaa eeggate of keessaa qaba. Gaandaawwan bishaan keessatti daakan. Bakkeewwan shaakala Ispoortii keessaa fi Alaa of keessaa qaba. buufata Helikooftaraa (Helipad) fi bakka dhaabbii konkolaataa 100 ol keessummeessuu danda’u of keessatti qaba. Biqiltuuwwan muduraa fi kuduraa ija namaa hawatan of keessatti kan hammatedha.
Diinagdee
Hojiiwwan misoomaa hedduun Magaalittiitti hojjetamaa jiran fayyadamummaa jiraattotaa sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiru
Feb 9, 2026 56
Guraandhala 2/2018(ENA)-Hojiiwwan misoomaa hedduun magaalittiitti hojjetamaa jiran Fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiraachuu Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee ibsan. Misoomni koriidaraa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan magaalittii gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jiraachuu ENA’f ibsaniiru. Miseensi Mana maree Magaalaa Finfinnee Masfin Mangistuu akka jedhanitti, Finfinneen misooma Manaa fi lafaan, galii walitti qabuun, akkasumas, damee fayyaa fi barnootaan bu’aawwan dinqisiisaa galmeessisaa jirti jedhaniiru. Keessumaa misooma koriidaraa, misooma qarqara laagaa fi bakkeewwan magariisaa babal’achuun miidhagina magaalittii jijiiruurra darbuun jireenya lammiilee fooyyeessaa jiraachuu eeraniiru. Miseensi mana maree Aadde Amanee Amaan gamasaaniin ummannii fi mootummaan, qindaa’anii hojjechuun, magaalittiitti milkaa’inoonni pirojektoota Bishaanii, daandii, Fayyaa fi Barnootaan argaman bu’uura ta’uu dubbataniiru. Misooma ijaaraman eeguu fi kunuunsuun hojii jiraattota hundaa ta’uu akka qabuus hubachiisaniiru. Miseensa mana maree biroon doktar Gizaachoo Ayikaa daandiiwwan magaalittiitti hojjetamaa jiran Dhabamsiisa Dhangala’aa, Sararawwan ibsaa fi bishaanii, daandii lafoo fi biskileetaa kan qabanii fi qulqullinnisanii kan eegamanidha jedhaniiru. Bakka taphaa daa’immanii daandii cinaa fi bakkeewwan bashannanaa ijaaramuunsaanii Magaalaa Finfinnee hawaasa hundaaf mijattuu akka taatu dandeessiseera jedhaniiru. Magaalittiin baajata kaappitaalaashee hojiiwwan namarratti xiyyeeffataniif oolchuushee, harka qal’eeyyii fi lammiilee galii gad- anaan bulan fayyadamoo taassiaa jiraachuu kan ibsan immoo miseensa mana maree kan ta’an Abiyyi Yilmaati . Bu’aan hooggansaa fi mul’ata ifaa mootummaatiin, hirmaannaa dureeyyii fi ummataa cimaadhaan argame Finfinneen gara magaalaa ammayyaatti cehaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Haaromsi diinagdee Gooroo, diinagdeen Itiyoophiyaa deebi’ee akka bayyanatu gargaareera
Feb 9, 2026 47
Guraandhala 2/2018 (ENA) - Haaromsi diinagdee Gooroo, diinagdeen Itiyoophiyaa deebi’ee akka bayyanatuuf gahee olaanaa bahachuu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalliny ibsan. Konfiraansiin idil-addunyaa diinagdee biyyoota guddachaa jiranii irratti kan xiyyeeffate Sa’uudii Arabiyaa magaalaa Alulaatti gaggeeffamaa jira. Konfiransiin kuni kan qophaa’e wal-ta’insa Ministeera Maallaqaa Sa’uudii fi Fandii Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF)’n dha. Konfiraansii kanarratti Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalliny guddina itti fufiinsa qabuuf haaromsi diinagdee Gooroo bu’aa olaanaa fidaa jiraachuu muuxannoo Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo galmeessite akka fakkeenyaatti eeruun yaada dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan weerara COVID-19 dura ture caalaa saffisaan guddachaa akka jirtuu fi akka lakkoofsa faranjootaa bara 2025/26tti dijiitii dachaan guddachuu akka qabdus hubachiisaniiru. Konfiraansii kana irratti ministeerota faayinaansii, bulchitoota baankii giddugaleessaa fi hoggantoota addunyaa damee mootummaa fi dhuunfaa argamaniiru. Hirmaattonni biyyoota konfiraansichaa guddina diinagdee biyyoota guddachaa jiran itti fufiinsa qabu, haala gabaa fi walitti dhufeenya idil-addunyaa irratti mari’achaa jiru.
Iiziin gidduugala Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaare eebbifame
Feb 8, 2026 96
Guraandhala 1/2018 (ENA)- Raayyaa Ittisa biyyaatti gidduugalli Iizii Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaarsise eebbifame. Mana kitaabaa kana Bulchaa Naannoo Amaraa Araggaa Kabbada fi Qodaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisa biyyaa Eebbisaniiru. Manni kitaabaa kun dhaloonni beekumsaa fi dandeettii gonfatanii ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahaniif shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera. Sirna eebbaa kanarratti Raayyaa Ittiisa biyyaatti Ajajaan olaanaan Iizii Daalol Leetenaal Jeneraal Zooduu Balaay , Ajajaa Olaanaa Iizii Kaabaa Bahaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chokkolii fi Hoggantoonni hojii olaanoon Naannichaa fi Qondaaltonni olaanon Raayyaa Ittisa biyyaa argamaniiru.
Naannichatti Xiyyeeffannoo Sagantaa Maaddii guutuuf kennameen bu’aan abdachiisaan galmaa’eera
Feb 8, 2026 106
Guraandhala 1/2018 (ENA) -Naannoo Harariitti xiyyeeffannoo sagantaa Maaddii guutuuf kennameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu danda’uun ibsameera. Hoggantoonni olaanoon Naannoo Hararii Aanaa Soofii ganda burqaatti hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran daawwataniiru. Daawwanicharratti Hogganaan Biiroo Koomunkeeshinii Nannichaa Obbo Heenok Mulunaa akka ibsanitti, Sagantaawwwan maaddii guutuu Sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolan Naannoo Harariitti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichati Misooma Aannanii, Killeen, lukkuu fi omisha dammaa dabalatee dameelee hundaan bu’aan qabatamaan galmaa’uu danda’uu ibsaniiru. Keessumaa sanyii Sa’aawwanii fooyyessuun omishtumaa Aannanii fooyyessuu dabalatee misooma Foonii fi Aannanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Naannichati hojii sagantaa maaddii guutuuf xiyyeeffannoo kenamee hojjetameen bu’aawwan galmaa’an sadarkaa maatii fi biyyaatti nyaataan of-danda’uuf tattaaffii taassifamuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Aanaa soofii ganda burqaatti qe’een Dammaa fi Lukkuu hundaa’eera. Ijaarsi qe’ee Aannanii gandichatti hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin kun fuuldurattis cimee akka itti fufu eeraniiru. Daawwanicharratti hoggantoonni olaanoon naannichaa ,Aanaa fi gandaa argamaniiiru
Saayinsii fi teeknooloojii
Iiziin gidduugala Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaare eebbifame
Feb 8, 2026 96
Guraandhala 1/2018 (ENA)- Raayyaa Ittisa biyyaatti gidduugalli Iizii Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaarsise eebbifame. Mana kitaabaa kana Bulchaa Naannoo Amaraa Araggaa Kabbada fi Qodaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisa biyyaa Eebbisaniiru. Manni kitaabaa kun dhaloonni beekumsaa fi dandeettii gonfatanii ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahaniif shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera. Sirna eebbaa kanarratti Raayyaa Ittiisa biyyaatti Ajajaan olaanaan Iizii Daalol Leetenaal Jeneraal Zooduu Balaay , Ajajaa Olaanaa Iizii Kaabaa Bahaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chokkolii fi Hoggantoonni hojii olaanoon Naannichaa fi Qondaaltonni olaanon Raayyaa Ittisa biyyaa argamaniiru.
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 140
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Feb 4, 2026 101
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru. Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru. Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru. Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru. Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru. Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru. Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru
Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu eegala - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 162
Amajjii26/2018(ENA)- Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu akka eegalu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo waliin wal qabatee ibsa kennaniin, Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuun yeroo ammaa gidduugalawwan 33n ga’uun akka danda’ame ibsaniiru. Gara fuuladuraattis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun lammiileen tajaajila mootummaa qulqullina fooya’een akka argataniif xiyyeeffannnoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo yeroon itti eegale gabaabaa ta’us damichaan bu’aan abdachiisaan galmaa’uun akka danda’ame hubachiisaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu eegaluuf haaldureen qophii dandeessisan taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Baasiitiin sosocho’uun bakkeewan adda addaatti sosocho’uun tajaajila “online” kennuuf qophiin dandeessisu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila mootummaan lammiileef kennu fooyyessuun deddeebbii hanbisaa jiraachuu eeraniiru.
Ispoortii
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa
Feb 8, 2026 92
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera. Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira. Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 184
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Maraatoonii Dubaay Atileetonni Itiyoophiyaa Olaantummaa kan irratti gonfatan
Feb 1, 2026 370
Amajjii 24/2018(ENA)- Maraatoonii Dubaay 25ffaa ganama har’aa gaggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru. Dorgommii dhiirotaan Nibirat Malaak sa’aatii 2, daqiiqaa 4 fi sekondii 00’n tokkoffaa ba’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Yaasiin Hajii 2ffaa, lammiin Ruwaandaa Joon Hakizimaanaa immoo 3ffaa qabataniiru. Dorgommii dubartootaatiin Anchiin’aaluu Daseen sa’aatii 2, daqiiqaa 18 fi sekondii 31’n injifatteetti. Muliyyee Dhaqqaboo fi Fantuu Warquun 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru. Dorgommicha Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaatti xumurani. Atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaan injifatan badhaasa walfakkaatu Doolaara Ameerikaa kuma 80 badhaafamaniiru. Qindeessitootni dorgommichaa walumaa galatti maallaqa badhaasaaaf oole Doolaara Ameerikaa kuma 336 ol atileetotaaf badhasa kennuu ibsaniiru. Maraatooniin Dubaay akka lakkoofsa warra Faranjootaa 1998tti kan eegalame yoo ta’u, dorgommii daandii irraa atileetiksii addunyaa warqeen badhaafameedha.
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 280
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 40
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 36
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira. Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 156
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan. Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad. Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 124
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1980
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10218
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.