ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 428
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru. Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru. Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu
Mar 16, 2026 145
Bitootessa 7/2018 (ENA)– Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaban cimsuu akka qaban Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Waldaan eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa sagantaa jalqabsiisa konfiraansii waggaa 37ffaa Bitootessa 6 hanga 8 bara 2018tti turu gaggeesseera. Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan Sirna Fayyaa ammayyeessuuf ogeeyyii fi waldaalee damicharratti bobba’an waliin hojjechaa jira. Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa guutuu biyyaalessaatti waajjira dameewwansaa banee hawaasa bal’aa tajaajilaa jiraachuu ibsuun, kanaafis galanin ni malaaf jedhaniiru. Bu’aawwan Qorannoo fi qo’annoon Waldaa Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa Immaammattoota Mootummaaf, tarsiimoo fi karooraaf akka galteetti ni fayyada jedhaniiru. Mootummaan sirna fayyaa ammayyeessuuf tattaaffii taasisu keessatti waldichi ogeeyyii fayyaaf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennuun deeggaraa akka jiru ibsaniiru. Akkasumas, dhukkuba HIV/AIDS, Fayyaa Haadhoii fi daa’immanii, tajaajila karoora maatiirratti hojiiwwan murteessoo raawwachaa akka jiru dubbataniiru. Waldichi fedhii fayyaa lammiilee, qulqullinaa fi waliin gahiinsa akkasumas fayyadamummaa haqa qabeessa, mirkaneessuuf tajaajila fayyaarratti xiyyeefannoon hojjechaa jiraachuu mirkaneesaniiru. Pirezidaantiin Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa doktar Aggonaafir Takkaaliny gama isaaniin, waliin gahiinsa fayyaa hundagaleessa guddisuuf hojiiwwan bu'a qabeessi raawwatamaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Waldichi misensota kuma 10 ol qabaachuu ibsuun, dandeettii ogeeyyii cimsuunii fi qaamole qoda fudhattoota waliin qindoomuun waliin gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. Konfiraansiin waggaa 37ffaan mootummaan qulqullinaa fi walii gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisu deeggaruurratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera. Saganticharratti waliin gahiinsa fayyaarratti qo’annoo fi qorannoo kan gaggeesanii , namoota dhuunfaa fi dhaabbilee hirmaanna cimaa gama fayyaan taasisaniif, badhaasnii fi beekamtiin kennameera.
Riifoormiin diinagdee mandhalee dameelee adda addaatiin bu'aa guddaa galmeessisaa jira - Hayyoota
Mar 16, 2026 149
Bitootessa 7/2018 (ENA): Haaromsi dinagdee mandhalee mootummaan jijjiirama kana hordofee hojiirra oolche oomisha dabaluu fi galii sharafa alaa fooyyessuu keessatti bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu hayyoonni dinagdee adda addaa ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa dabalaa jira. Tarsiimoon diinagdee dameelee hedduu mootummaan hordofaa ture dinagdeen damee tokko qofa irratti akka hin hirkatamne gochuudhaan guddina biyyaalessaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa akka kaa’es ibsaniiru. Akka ogeeyyiin diinagdee ENA waliin turtii taasisan jedhanitti,riifoormiin dinagdee mandhalee fi riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole qormaata caasaa jiru furuu fi tasgabbii gabaa fiduun gahee murteessaa taphachaa jira. Caasaan diinagdee jijjirama kanaan dura ture hirmaannaa dhaabbileen biyya alaa hojii misoomaa biyyattii keessatti qaban daangeesseera jedhani qorataan olaanaa Inistiitiyuutii Qo’annoo Imaammata Itiyoophiyaatti Dr. Jamaal Mahaammad. Kunis invastaroota idil-addunyaa carraa gabaa bal’aa akka argatan irratti dhiibbaa guddaa kan qabuu fi yaa’insa invastimantii kallattiin alaa akka hin ariifanne taasisuu ibsaniiru. Biyyattiin hanqina sharafa alaa fi ba’aa liqaa ol’aanaa jala akka turteef kana ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama kana hordofuun danqaaleen imaammataa kanaan dura turan maqsuu fi haala mijataa uumuun dorgomtummaa diinagdee guddisuu fi damee dhuunfaa kakaasuu keessatti gahee murteessaa taphateera jedhan. Riifoormiin dinagdee biyya keessaa dameewwan akka telekoomii, baankii, daldala gurgurtaa fi ijaarsaa invastaroota biyya alaatiif banuun carraa gabaa haaraa uumuun akka danda’amu himaniiru. Hojiirra oolmaan haaromsa kanaa dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoon kanneen akka "Safaricom" Itiyoophiyaa keessatti invastimantii bal’aa akka hojjetan taasiseera jedhan. Dameewwan tarsiimoo kana keessatti dhaabbileen idil-addunyaa dammaqinaan hirmaannaan cehumsa teeknooloojii saffisiisuu, invastimantii kallattiin alaa hawwachuu, qulqullinaa fi dorgomtummaa tajaajila biyyattii guddisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu eeraniiru. Haaromsi kun sharafa alaa gabaa irratti hundaa’uun murteessuu, galii fi baasii mootummaa madaaluu, bu’uura gibiraa bal’isuun agarsiistota milkaa’ina dinagdee gurguddoo ta’uu ibsaniiru. Keessumaa xiyyeeffannoo addaa damee albuudaatiif kennameen bu’aan oomishaa fi daldala warqee irratti galmaa’e galii sharafa alaa biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Waldaa Ogeessota Diinagdee Itiyoophiyaa keessatti qorataan olaanaa Dr. Mollaa Alamaayyoo akka jedhanitti, haaromsi kun imaammata invastimantii kallattiin alaa jajjabeessu hojiirra oolcheera. Kunis hirmaannaa invastaroota biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti haalaan dabalaa jira jedhan. Itiyoophiyaa keessatti damee faayinaansii dijitaalaayizeeshiniin dorgommii dinagdee biyyattii waltajjii idil-addunyaa irratti dabalaa akka jirus hubachiisaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota sulula Zaambeeziif muuxannoo kan ta’udha
Mar 16, 2026 145
Bitootessa 7/2018 (ENA)– Itiyoophiyaan lammiilee Miiliyoonaan lakka’aman hirmaachisuun Dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hin raafamne ijaaruuf Sagantaan Ashaaraa magariisa raawwachaa jirtu biyyoota Sulula Zaambeeziitiif muuxannoo guddaa akka ta’u ibsameera. Waltajjiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Komishinii Sulula Laga Zaambeeziif muuxannoo qoodu gaggeeffamaa jira. Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Habtaamuu Ittafaa waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan eegumsa jijjiirama haala qilleensaarratti waan dubbatte qabatamaan kan raawwattu ta’uushee mirkaneessiteetti . Biqiltuuwwan biiliyoona 48 waggoottan darban dhaabbatan kutannoo hoggansaa fi hawasaan ta’uu ibsuun, sagantichi badhaadhina dhaloota dhufuuf bu’uura cimaa kan kaa’udha jedhaniiru. Miseensonni komishinichaaturtiisaanii Itiyoophiyaan hojiiwwan qabatamaa kanneen gara biyyasaaniitti fudhatanii kan deemanii fi Itiyoophiyaanis biyyoota biroorraa muuxannoo fudhachuuf qophii ta’uushee ibsaniiru. Barreessa olaanaan Komishinii Sulula Laga Zaambiyaa Feeliksi Moosii Nigamlagosii gamasaniin, Itiyoophiyaan furmaatota uumamarratti hunda’e hojiirra oolchuun adda durummaa Ardiirratti qabdu qabatamaan argisiisuushee ibsaniiru. Keessumaa hawaasa hirmaachisuun milkaa’inni mul’ate biyyoota sulula Zaambiyaatiif barnoota guddaa akka ta’u eeraniiru. Barreessaa olaanaan kun itti dabaluun, milkaa’inoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoodhaan galmeesiste dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Gibee 3 fi Kooyishaa wabii Anniisaa fi guddina Dinagdee mirkaneessuu danda’an Afrikaatti qabatamaan argisiifteetti jedhaniiru. Sulula Zaambiyaa keessatti hidhawwan kanneen akka Kaariibaa fi Kaabooraa Baasaa jiraatanis, qabeenyi bishaanii hedduun hojiirra hin oolle jiraachuusaa kan eeran barreessaa olaanaan kun, muuxannoon bu’uuraalee misoomaa gurguddaoo Itiyoophiyaa biyyoota sululichaaf kaka’umsa guddaa ta’uusaanii mirkaneessaniiru
Pirezidaanti Vilaadmiir Puutiin balaa godina Gaamootti mudateen lammiilee lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsan
Mar 16, 2026 155
Bitootessa 7/2018 (ENA)- Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin balaa godina Gaamootti mudateen lammiilee lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsan. Pirezidaanti Puutiin pirezidaati Taayyee Atsqasillaasee fi ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiif ibsa gaddaa erganiin, miidhaa qaqqabetti guddaa gadduusaanii ibsaniiru. Lammiilee, maatii fi firoottan lubbuusaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru. Lammiileen miidhaan irra gahe dafanii akka bayyanatan hawwaniiru.
Siyaasa

Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 1374
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru. Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru. Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru. Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 788
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru.
Mar 12, 2026 789
Bitootessa 3/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru. Ministirri Muummee daawwannaa hojiif waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galuu isaanii waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra
Mar 12, 2026 442
Bitootessa 3/2018(ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda isaa bahuuf qophaa’uusaa federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibse. Filannoo walii galaa baranaaf paartileen ggaragaraa 47 kaadhimamtoota kuma 1 fi 934 kan galmeessisan yoo ta’u, galmeen filattootaas eegalamee adeemsarra jira. Dargaggoonni filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaanii akka bahan hojjechaa akka jiru federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibsaniiru. Pirezidaantiin federeeshinichaa dargaggoo Sisaayi Abarraa akka ibsetti, waldaa dargaggootaa magaalattii waliin ta’uun, naamusa, seerotaa fi dambiiwwan filannoo irratti miseensotasaaf hubannoo uumeera. Federeeshinichi miseensotasaa filannoo taajjaban boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaaf erguusaa beeksiseera. Pirezidaantiin waldaa dargaggootaa magaalaa Adaamaa dargaggoo Abdallaa Gelloo gamasaatiin, gurmaa’insoota magaalaa, godinaa fi aanaaleetti qindeessuun filannichi haqa qabeessa, bilisaa, demokiraatawaa akka ta’uu fi karaa nagaa akka gaggeeffamu waldichi hojjechaa jira jedheera.
Ministirri Muummee doktar Abiyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaan
Mar 11, 2026 557
Bitootessa 2/2018(ENA): Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaaniiru. Muudamoota Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 2, bara 2018 (A.L.I) jalqabee kennaman: • Leetenal Jeneraal Asraat Danneeroo: Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Gargaaraa Komishinara Toofiq Madad: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Obbo Erziiq Isaa: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee ta’uun muudamaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf carraa tarsiimoo uuma
Mar 10, 2026 827
Bitootessa 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan ulaa Galaana argachuun ishee nageenyaafi tasgabbii naannoo sanaaf carraa tarsiimoo ni uuma jedhan Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Makonniin. Waldaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa mata duree “Galaana Diimaa fi ulaa Galaanaa Mirga Uumamaa Itiyoophiyaaf” jedhuun marii gaggeessaa jira. Akka Jeneraal Yimar Mokonniin itti gaafatamaan olaanaa Barnootaa fi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa ibsanitti, Adulisii fi Zaylaan bara Impaayera Axumitii eegalee karra daldalaa fi aadaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa akka turan seenaan kan agarsiisuu dhugaa lafa jiru dha jedhani. Dhugaan seenaa kun fedhii siyaasaa dhiyeenya kanaa osoo hin taane mirga seenaa fi uumamaa birmadummaa fi dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waliin kan wal qabatu dha jedhani. Itiyoophiyaan buufata galaanaa keessaa bahuun guddina dinagdeef gufuu ta’uu ibsuun, dhimma buufata galaanaa kanaaf furmaata argachuun diinagdee Itiyoophiyaa fi walitti dhufeenya diinagdee naannichaaf murteessaa ta’uu akeekaniiru. Abbummaan buufata galaanaa kun dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa tiksuu qofa osoo hin taane balaa nageenyaa naannichatti mudatu waliin ta’uun ittisuuf dandeettii tarsiimoo kan kennu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waliinii fi ida’amuu naannoo irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa walta’iinsa waloo fi walitti dhufeenya nageenyaa fi bu’uuraalee misoomaa naannichaa cimsuun tumsa Baha Afrikaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Dhimmichi hirmaannaa cimaa akka barbaadu eeruun, kanaafis hirmaannaan cimaan miseensota waldichaa murteessaa ta’uu eeraniiru. Pireezidaantiin Waldaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, ajajaan shantamaa Biraanuu Amaaree gama isaaniitiin, miseensonni waldichaa dhimma biyyaalessaa keessatti gahee adda duree fudhachaa akka jiran ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin deebii akka argatu waldichi itti gaafatamummaa isaa akka bahus mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu
Mar 16, 2026 145
Bitootessa 7/2018 (ENA)– Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaban cimsuu akka qaban Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Waldaan eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa sagantaa jalqabsiisa konfiraansii waggaa 37ffaa Bitootessa 6 hanga 8 bara 2018tti turu gaggeesseera. Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan Sirna Fayyaa ammayyeessuuf ogeeyyii fi waldaalee damicharratti bobba’an waliin hojjechaa jira. Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa guutuu biyyaalessaatti waajjira dameewwansaa banee hawaasa bal’aa tajaajilaa jiraachuu ibsuun, kanaafis galanin ni malaaf jedhaniiru. Bu’aawwan Qorannoo fi qo’annoon Waldaa Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa Immaammattoota Mootummaaf, tarsiimoo fi karooraaf akka galteetti ni fayyada jedhaniiru. Mootummaan sirna fayyaa ammayyeessuuf tattaaffii taasisu keessatti waldichi ogeeyyii fayyaaf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennuun deeggaraa akka jiru ibsaniiru. Akkasumas, dhukkuba HIV/AIDS, Fayyaa Haadhoii fi daa’immanii, tajaajila karoora maatiirratti hojiiwwan murteessoo raawwachaa akka jiru dubbataniiru. Waldichi fedhii fayyaa lammiilee, qulqullinaa fi waliin gahiinsa akkasumas fayyadamummaa haqa qabeessa, mirkaneessuuf tajaajila fayyaarratti xiyyeefannoon hojjechaa jiraachuu mirkaneesaniiru. Pirezidaantiin Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa doktar Aggonaafir Takkaaliny gama isaaniin, waliin gahiinsa fayyaa hundagaleessa guddisuuf hojiiwwan bu'a qabeessi raawwatamaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Waldichi misensota kuma 10 ol qabaachuu ibsuun, dandeettii ogeeyyii cimsuunii fi qaamole qoda fudhattoota waliin qindoomuun waliin gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. Konfiraansiin waggaa 37ffaan mootummaan qulqullinaa fi walii gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisu deeggaruurratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera. Saganticharratti waliin gahiinsa fayyaarratti qo’annoo fi qorannoo kan gaggeesanii , namoota dhuunfaa fi dhaabbilee hirmaanna cimaa gama fayyaan taasisaniif, badhaasnii fi beekamtiin kennameera.
Pirezidaanti Vilaadmiir Puutiin balaa godina Gaamootti mudateen lammiilee lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsan
Mar 16, 2026 155
Bitootessa 7/2018 (ENA)- Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin balaa godina Gaamootti mudateen lammiilee lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsan. Pirezidaanti Puutiin pirezidaati Taayyee Atsqasillaasee fi ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiif ibsa gaddaa erganiin, miidhaa qaqqabetti guddaa gadduusaanii ibsaniiru. Lammiilee, maatii fi firoottan lubbuusaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru. Lammiileen miidhaan irra gahe dafanii akka bayyanatan hawwaniiru.
Dhaabbiileen Amantaa hojii ijaarsa nageenyaa fi misoomarratti qoodasaanii cimsuu qabu
Mar 15, 2026 492
Bitootessa 6/2018 (ENA)– Dhaabbileen Amantaa hojiiwwan ijaarsa nagaa fi misoomaarratti gumaacha taasisan cimsuu qabu jechuun Itti-Aantuun Pireezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar ibsan. Mariin Abbootii Amantaa Islaamaa waliin mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuu keessatti gahee dhaabbilee Amantaa” jedhu Magaalaa Harari galma Amiir Abdullaahiitti hara’a gaggeeffameera. Waltajjicharratti kan argaman Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Harar Roozaa Umar akka ibsanitti, mootummaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu fi fayyadamummaa misooma uummataa guddisuuf hojiiwwan hedduu hojjeteera. Hojiiwwan hojjetamaniin,guddinni dinagdee galmaa’aa fi fayyadamummaan misooma uumataa mirkanaa’aa akka jiru kaasaniiru. Hojiiwwan nagaa fi misooma itti fufsiisuuf hojjetamani keessattis dhaabbileen Amantaa qooda olaanaa gumaachaa akka jiran ibsaniiru. Keessumaa dhaabbileen kun uummata hirmaachisuun nagaaf, akkasumas guddina Hawaasummaa fi Diinagdee mirkaneessuuf shoora olaanaa taphachaa turuusaanii yaadachiisaniiru. Mootummaanis dhaabbileen amantaa akka cimanii fi dagaaganiif gumaacha hedduu taasisuusaa ibsaniiru. Dhaabbileen kunneen nagaa fi tokkummaa biyyaa kabachiisuuf gumaacha taasisuusaanii eeruun; ammas dhaloota naamusaan ijaaruun biyyaa fi uummata isaanii akka tajaajilan gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru jedhaniiru. Nageenya cimsuun misooma saffisiisuuf itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanirraa eegamu cimsuu akka qabanis akeekaniiru. Hirmaattonni waltajjichaas hojiiwwan nagaa fi misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniin bu’aaleen abdachiisoon galmaa’uusaa eeruun; gara fuulduraattis mootummaa cinaa dhaabbachuun hojiilee nagaa fi misoomaa eegalaman cimsuun akka itti fufan dubbataniiru.
Duudhaaleen Ayyaana Fiichee Caambalaalaa utubaa tokkummaa fi waliin jireenya Itiyoophiyaa ta'anii kan tajaajilaniidha
Mar 15, 2026 286
Bitootessa 6/2018 (ENA)- Duudhaaleen Ayyaana Fiichee Caambalaalaa utubaa tokkummaa fi waliin jireenya Itiyoophiyaa ta'anii kan tajaajilani waan ta’aniif dagaagaanii fi eegamanii ce’uu akka qaban Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Nafiisaa Almaahiddii ibsan. Fiichee Cambalalaan tokkummaa fi walooma lallabuun walitti hidhaminsi hawaasummaa cimuuf qooda olaannaa qaba. Ayyaanni jijjiiraa bara haaraa Sidaamaa “Fiichee Cambalalaan” Hawaasaa “Sooressaa Gudumaalee”tti kabajamaa jira. Sirna kabaja ayyaanichaarratti, kan argamani deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Nafiisaa Almaahiddiin Ashaaraa Seenaa qabeessa Uummata Sidaamaa fi ibsituu eenyummaasaa kan ta’e “ Fiichee Cambalalaan’ bara moofaa dhiisanii ce’uun, Abdii ifaan bara haaraa kan itti simatan ta’uu eeraniiru. Duudhaawwan Ayyaanicha keesa jiran tokkummaa fi waloma Itiyoophiyatiif utubaa ta’uun kan tajaajilu waan ta’aniif eegamee fi dagaagee ce’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ayyanichi Araarri kan itti bu’uu fi haaloon kan itti dagatamu waan ta’eef ijaarasa nageenyaa fi tokkummaaf faayidaan qabu guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Ministeerichi Mootummaa Naannoo Sidaamaa walii qindoomuun, duudhaalee ayyaanichaa gabbisuu fi faayidaa ijaarsa biyyaatiif akka oolan gochuuf hojii hojjetamu cimsee kan itti fufu ta'uu ibseera. Deetaan Ministiraa kun balaa uumamaan dhiyoo kana Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamootti mudateen lubbuun namaa darbuusaatti gadda itti dhaga'ame ibsaniiru. Deetaan Ministira Turiizimii Obbo Silashii Girmaa gamasaaniitiin, Itiyoophiyaan Hambaalee kiliyyaa Addunyaa galmeessisuudhaan Afriikaa keessaa iddoo olaanaa qabachuu ishee ibsaniiru. Ayyaanni Fiichee Caambalalaa qabeenya biyyaa galmee qabeenya kiliyyaa Addunyaarratti galmaa'e ta'uusaa eeruun, Ayyaanichi dameeTuurizimiitiif gumaacha guddaa kan qabudha jedhaniiru. Mootummaan badhaadhina mirkanessuuf xiyyeefannoo damichaaf kennuun hojjechaa jiraachuu ibsuun, bakkeewwan hawwata Tuuristii misoomsaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf, itti fufiinsa qabeenya kiliyyaa kanneen akka Fiichee Caambalalaa mirkaneessuuf kunuunsa barbaachisaa gochuu fi gumaacha dameen kun diinagdeef qabu guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Miniisteerichi Ayaana Naannoo Sidaamaa Fiichee Caambalalaa dabalatee qabeenya Tuurizimii Naannichatti argaman adda baasuun misoomsuuf hojii eegalame deegarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.
Diinagdee
Riifoormiin diinagdee mandhalee dameelee adda addaatiin bu'aa guddaa galmeessisaa jira - Hayyoota
Mar 16, 2026 149
Bitootessa 7/2018 (ENA): Haaromsi dinagdee mandhalee mootummaan jijjiirama kana hordofee hojiirra oolche oomisha dabaluu fi galii sharafa alaa fooyyessuu keessatti bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu hayyoonni dinagdee adda addaa ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa dabalaa jira. Tarsiimoon diinagdee dameelee hedduu mootummaan hordofaa ture dinagdeen damee tokko qofa irratti akka hin hirkatamne gochuudhaan guddina biyyaalessaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa akka kaa’es ibsaniiru. Akka ogeeyyiin diinagdee ENA waliin turtii taasisan jedhanitti,riifoormiin dinagdee mandhalee fi riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole qormaata caasaa jiru furuu fi tasgabbii gabaa fiduun gahee murteessaa taphachaa jira. Caasaan diinagdee jijjirama kanaan dura ture hirmaannaa dhaabbileen biyya alaa hojii misoomaa biyyattii keessatti qaban daangeesseera jedhani qorataan olaanaa Inistiitiyuutii Qo’annoo Imaammata Itiyoophiyaatti Dr. Jamaal Mahaammad. Kunis invastaroota idil-addunyaa carraa gabaa bal’aa akka argatan irratti dhiibbaa guddaa kan qabuu fi yaa’insa invastimantii kallattiin alaa akka hin ariifanne taasisuu ibsaniiru. Biyyattiin hanqina sharafa alaa fi ba’aa liqaa ol’aanaa jala akka turteef kana ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama kana hordofuun danqaaleen imaammataa kanaan dura turan maqsuu fi haala mijataa uumuun dorgomtummaa diinagdee guddisuu fi damee dhuunfaa kakaasuu keessatti gahee murteessaa taphateera jedhan. Riifoormiin dinagdee biyya keessaa dameewwan akka telekoomii, baankii, daldala gurgurtaa fi ijaarsaa invastaroota biyya alaatiif banuun carraa gabaa haaraa uumuun akka danda’amu himaniiru. Hojiirra oolmaan haaromsa kanaa dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoon kanneen akka "Safaricom" Itiyoophiyaa keessatti invastimantii bal’aa akka hojjetan taasiseera jedhan. Dameewwan tarsiimoo kana keessatti dhaabbileen idil-addunyaa dammaqinaan hirmaannaan cehumsa teeknooloojii saffisiisuu, invastimantii kallattiin alaa hawwachuu, qulqullinaa fi dorgomtummaa tajaajila biyyattii guddisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu eeraniiru. Haaromsi kun sharafa alaa gabaa irratti hundaa’uun murteessuu, galii fi baasii mootummaa madaaluu, bu’uura gibiraa bal’isuun agarsiistota milkaa’ina dinagdee gurguddoo ta’uu ibsaniiru. Keessumaa xiyyeeffannoo addaa damee albuudaatiif kennameen bu’aan oomishaa fi daldala warqee irratti galmaa’e galii sharafa alaa biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Waldaa Ogeessota Diinagdee Itiyoophiyaa keessatti qorataan olaanaa Dr. Mollaa Alamaayyoo akka jedhanitti, haaromsi kun imaammata invastimantii kallattiin alaa jajjabeessu hojiirra oolcheera. Kunis hirmaannaa invastaroota biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti haalaan dabalaa jira jedhan. Itiyoophiyaa keessatti damee faayinaansii dijitaalaayizeeshiniin dorgommii dinagdee biyyattii waltajjii idil-addunyaa irratti dabalaa akka jirus hubachiisaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota sulula Zaambeeziif muuxannoo kan ta’udha
Mar 16, 2026 145
Bitootessa 7/2018 (ENA)– Itiyoophiyaan lammiilee Miiliyoonaan lakka’aman hirmaachisuun Dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hin raafamne ijaaruuf Sagantaan Ashaaraa magariisa raawwachaa jirtu biyyoota Sulula Zaambeeziitiif muuxannoo guddaa akka ta’u ibsameera. Waltajjiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Komishinii Sulula Laga Zaambeeziif muuxannoo qoodu gaggeeffamaa jira. Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Habtaamuu Ittafaa waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan eegumsa jijjiirama haala qilleensaarratti waan dubbatte qabatamaan kan raawwattu ta’uushee mirkaneessiteetti . Biqiltuuwwan biiliyoona 48 waggoottan darban dhaabbatan kutannoo hoggansaa fi hawasaan ta’uu ibsuun, sagantichi badhaadhina dhaloota dhufuuf bu’uura cimaa kan kaa’udha jedhaniiru. Miseensonni komishinichaaturtiisaanii Itiyoophiyaan hojiiwwan qabatamaa kanneen gara biyyasaaniitti fudhatanii kan deemanii fi Itiyoophiyaanis biyyoota biroorraa muuxannoo fudhachuuf qophii ta’uushee ibsaniiru. Barreessa olaanaan Komishinii Sulula Laga Zaambiyaa Feeliksi Moosii Nigamlagosii gamasaniin, Itiyoophiyaan furmaatota uumamarratti hunda’e hojiirra oolchuun adda durummaa Ardiirratti qabdu qabatamaan argisiisuushee ibsaniiru. Keessumaa hawaasa hirmaachisuun milkaa’inni mul’ate biyyoota sulula Zaambiyaatiif barnoota guddaa akka ta’u eeraniiru. Barreessaa olaanaan kun itti dabaluun, milkaa’inoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoodhaan galmeesiste dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Gibee 3 fi Kooyishaa wabii Anniisaa fi guddina Dinagdee mirkaneessuu danda’an Afrikaatti qabatamaan argisiifteetti jedhaniiru. Sulula Zaambiyaa keessatti hidhawwan kanneen akka Kaariibaa fi Kaabooraa Baasaa jiraatanis, qabeenyi bishaanii hedduun hojiirra hin oolle jiraachuusaa kan eeran barreessaa olaanaan kun, muuxannoon bu’uuraalee misoomaa gurguddaoo Itiyoophiyaa biyyoota sululichaaf kaka’umsa guddaa ta’uusaanii mirkaneessaniiru
Naannoo Harariitti buufataalee daldala boba'aa seeraan alaa irratti bobba'an irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama
Mar 16, 2026 88
Bitootessa 7/2018 (ENA): Naannoo Harariitti buufataalee daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu Biiroon Misoomaa fi Industirii Intarpiraayizii naannichaa beeksise. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad har’a boba’aa hawaasni itti gaafatamummaan, fedhiiwwan bu’uuraatiif dursa kennuun itti fayyadamuu akka qabu yaadachiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Muummee Raabsitoonni boba’aa, buufataaleenii fi fayyadamtoonni biroo boba’aa qusannaan akka fayyadamaniif ergaa dabarsaniiru. Kanumaan walqabatee biiroon misoomaa fi industirii interpiraayizii naannoo Harariitti daldala boba’aa irratti sochii seeraan alaa akkamitti ittisuu akka danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera. Daldala boba'aa seeraan alaa ittisuu fi to'achuuf naannichatti “Taaski Foorsiin” hundeeffamee hojii adda addaa gaggeessaa jira jedhan itti Gaafatamaan Biiroo Misoomaa fi Industirii Intarpiraayizii Naannichaa obbo Usmaa'il Yuusuf. Kanaaf mootummaan boba’aa deeggarsa olaanaadhaan gara biyyaatti galchu fedhii bu’uuraatiif fayyadamuu dhiisanii al-kallattiin badhaadhina dhuunfaatiif baaduun sochii seeraan alaa ittisuuf ciminaan hojjechaa jira jedhan. Buufatni boba’aa buufata boba’aa seeraan eeyyamameefiin alatti daldala gaggeessan, taarifa kaa’amee ol gurguranii fi hojiiwwan seeraan alaa kanaan walqabatan biroo irratti bobba’an akka jiran hubachiisaniiru. Buufatni boba’aa tokko tokko karaa sirna seeraatiin oomisha boba’aa akka hin raabsamne gochuun hojii seeraan alaa raawwachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Qaamoleen maamiltoota gowwoomsuun daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an akka jiran eeruun buufataaleen boba’aa hojii kanaa fi kan kana fakkaatan irratti bobba’an gocha isaanii irraa of qusachuu fi seeraa fi dambii akka eegan dhaamaniiru. Buufata boba’aa hojmaata kaa’ameen ala socho’an irrattis tarkaanfiin sirreeffamaa cimaa, seeraa fi bulchiinsaa akka fudhatamu akeekkachiisaniiru. Komishinarri Poolisii Naannoo Hararii Ahimad Abdiin gama isaaniitiin hojiin hordoffii fi to’annoo daldala seeraan alaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo naannichatti cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Qaamoleen damee kanarratti hirmaatan daldala seeraan gaggeessuu akka qaban, keessumaa mala tumsaa fi qindoomina cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Abbootii qabeenyaa buufata boba’aa waltajjicharratti argaman keessaa obbo Foozii Yahyaan hojii daldala boba’aa seeraan alaa bu’aa hin barbaachifne argachuuf raawwatamu ittisuu cimsinee to’achuu qabna jedhaniiru. Hirmaataan waltajjichaa obbo Abdushkur Jaamii gama isaatiin sirna daldalaa sirna seera bu’uura godhate hordofuun akka hojjetanii fi kanas qindoominaan waajjiricha waliin ta’uun hojiirra akka oolchan akeekaniiru.
Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa guddisaa jira
Mar 16, 2026 135
Bitootessa 7/2018 (ENA):- Riifoormiin diinagdee mandalee Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiru kun galii invastimantii kallatti alaa jajjabeessaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen. ENA’n Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii mata duree “Itiyoophiyaa – haaraa Bakka Invastimantii ” jedhuun gaggeessaa jira. Waltajjicharratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannoo Dr. Kaasahuun Gofee, Itti aanaa dura taa’aa koree dhaabbii dhimma daldalaa fi tuuriizimii mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Yohaannis Masfin, akkasumas qooda fudhattoonni misooma invastimantii federaalaa fi naannoo argamaniiru. Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen haasaa baniinsaa waltajjii kanarratti taasisaniin, riifoormiin diinagdee gooroo bal’aan mootummaan eegale invastaroota biyya alaa carraa bal’aa Itiyoophiyaa keessatti argamu qorachuun invastimantii bal’inaan akka hojjetan carraa uumeera jedhan. Haaromsi kun dameewwan diinagdee ijoo shan invastimantii kallattiin alaa hawwachuuf adda baafaman irratti jajjabina guddaa uumeera jedhan. Haaluma kanaan Invastaroonni haaraa gara hojiitti seenuu, carraa hojii lammiileef uumuu fi ce’umsa teeknooloojiif gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus himaniiru. Riifoormichi dameelee adda addaarratti jijjiirama qabatamaa fiduusaa eeranii, qabeenya uumamaa biyyattii teeknooloojiitiin misoomsuun oomishtummaa guddisuun akka danda'ame ibsaniiru. Omishaalee Gabaa alaaf dhihaatan guddisuuf haalli mijataan uumamuusaa eeraniiru. Dameelee Turizimii, ICT fi diinagdee dijitaalaatiin haala kallattii mootummaan kaa'en, diinagdee dijiitaalaa ammayyaa’aa ijaaruun invesitimentii harkisuun hojjetamaa jira jedhaniiru. Dameen misooma manneenii ammaan dura cufaa ture fooyya’insa seeraan dureeyyii Alaatiif banaa ta’uusaa beeksisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 119
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani. Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani. Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 108
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 152
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan gama hedduun gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 140
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Ispoortii
Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal qixa ba’ani
Mar 12, 2026 110
Bitootessa 3/2018(ENA)-Sagantaa tapha mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal gidduutti taasifameen tokkoo fi tokkoon qixaan xumurameera. Tapha Istaadiyeemii Beey Areenaatti gaggeeffame Rooberti Andiriich daqiiqaa 46ffaatti galchii lakkofsiseen Leeverkusan dursaa ta’eera. Kaay Havaartiz daqiiqaa 89ffaarratti rukkuttaa adabbiin galchii lakkoofsiseen Arsenaaliin qixa taasiseera. Havaartiz ijoollummaasaatti kilabicharratti galchii lakkoofsisee ture. Taphichaan walmorkiin madaalawaan mul’ateera. Gareewwan lameen tapha deebii Bitootessa 8 bara 2018 istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffama.
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 152
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani. Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu xumuraatti darbe
Mar 5, 2026 206
Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal daqiiqaa 87ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru. Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera. Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama. Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata. Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama. Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama
Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama
Mar 4, 2026 279
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu. Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera. Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Mar 14, 2026 246
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan. Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru. Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru. Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Mar 11, 2026 97
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru. Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 186
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 187
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2364
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10539
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.