ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisan
Dec 20, 2025 19
Mudde 11/2018 (TOI)- Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 har’a ifatti eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin dijitaal Itiyoophiyaa 2025 guutummaan jechuun haala danda’amuun galmasaa ga’ee xumuramuu ibsaniiru. Dijitaal 2030’n har’a ifatti eegalamuusaa eeranii, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wala amantaa gabbisuun ammoo karoora bu’uraa ijoo tarsiimichaa ta’uusaanii hubachiisaniiru. Karoorri kunneen akka milkaa’an keessumaa bu’ura misoomaa dijitaalaa ummataa akka milkaa’an bal’isuurratti hojiin guddaan akka hojjetamu eeranii, teknoloojiin dijitaalaa kun namarratti xiyyeeffachuun jireenya namootaa akka jijjiiru human guddaa uuma jedhaniiru. Walumaa gala hojiileen dijitaal Itiyoophiyaatiin hojjetaman galma mootummaan Ida’amuu karaa salphaa tarsiimoowwan gurguddoo dhugoomsuuf qabate waliin kan walitti hidhatan ta’uu dubbataniiru.
Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin walqixa bahan
Dec 20, 2025 30
Mudde 11/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin galchii 2 fi 2’n walqixa bahaniiru. Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsitti gaggeeffameen Niik wolti meed galchii daqiiqaa afraffaa fi 20ffaatti galcheen Niwukaastil Yunaayitid dura qabatee ture. Boqonnaan booda Riis Jeemsi daqiiqaa 49ffaa fi Jo’aa’oo Peedroo daqiiqaa 66ffaatti galchii galchaniin Cheelsiin qabxii tokko argatee xumureera. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 29 walitti qabatee sadarkaa afraffaa irra jira. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 23’n sadarkaa 11ffaa qabateera.
Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama- Pireesidaant Musxafee Mohaammad
Dec 20, 2025 43
Mudde 11/2018 (ENA)- Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama jedhan Piresidaantiin bulchinsa mootummaa naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad. Tajaajilli wiirtuu tokkoo(Mesob) har’a hojii kan eegale yoo ta’u,tajaaajilicha hojii kan eegalsiisan pireesidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad, Waajjira Ministira Muummeetti Deetaa Ministira Dhimmoota Kaabinee Akiliiluu Taaddasaa akkasumas hoggantoonni federaalaa fi naannoo argamaniiru. Giddugalichi tajaajila gahumsaa fi saffisaa kennuuf teknooloojiin kan guutame waan ta’eef itti gaafatamummaa mirkaneessuufis ni gargaara jedhaniiru. Giddugalichi tajaajila fooyya’aa kennuuf bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi humna namaan kan guutame ta’uus eeraniiru. Tajaajila kana babal’isuuf magaalota naannichaa 13 keessatti tajaajila wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Akiliiluu Taaddasaa gama isaaniin,tajaajilli wiirtuu tokkoo lammiileen loogii tokko malee tajaajila akka argataniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkotti kennamu mootummaa fi uummata walitti dhiheessuun tajaajila nama giddu galeessa godhate mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi haaromsa waliigalaa mootummaan kenniinsa tajaajilaa irratti eegale galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka taasisus ibsaniiru. Wiirtuun har’a hojii eegale kuni magaalaa Jigjigaatti kan ijaarame yoo ta’u, marsaa jalqabaan dhaabbilee 9tti tajaajilawwan 32 qindeessuun kan kennu ta’uu beekameera.
Damee loojistiksii irratti hojiilee hojjetamaniin fooyya’insi olaanaa argameera
Dec 20, 2025 42
Mudde 11/2018(ENA)-Damee loojistiksii Itiyoophiyaa irratti hojiilee reefoormii hojjetamaniin fooyya’ins olaanaan mul’achuu Ministirri Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii doktar Alamuu Simee beeksisan. Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii meeshaalee Komishinii Gumuruukaaf tajaajila “elektirooniksii kaargoof’’oolu deeggarsa kenne. Ministirri Geejjibaa fi Loojistiskii, doktar Alamuu Simee yeroo wal-harkaa fuudhinsa meeshaalee kanaa dubbatanitti, deeggarsa teeknooloojii haaraan kun rakkoolee bu’uuraa damicha keessatti mul’atan furuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kana malees nageenya meeshaalee biyya alaatii galanii fi biyya keessaa bahan mirkaneessuudha. Teeknooloojiin kun meeshaaleen karaa elektirooniksii saamsamanii, bakka ka’umsa isaanii irraa ka’anii hanga gahumsa isaanii gahanitti osoo addaan hin ciccitiiniifi osoo hin dhaabatiin akka geejjibsiifaman taasisa. Kunis meeshaaleetti darbee darbee daandii irratti akka wantoonni hin barbaachifne itti hin dabalamne gargaara jedhani. Meeshaalee kontiroobaandii seera qabeessa fakkeessanii dabarsuuf kan yaalanis ittusuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, hojmaanni kuni hojii damee kanaa dachaan kan guddisu ta’uu himaniiru. Fooyya’iinsa damee loojistikii keessatti mul’ate keessatti Komishiniin Gumurukaa gahee olaanaa taphachuu isaa ibsuun, bu’aa damichaan argame guddisuuf ciminaan hojjetamuun akka itti fufu mirkaneessaniiru. Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiskii obbo Dheengee Boruu gama isaaniin, tarsiimoon loojistikii waggoota 10f qophaa’ee ture fooyya’uu isaa beeksisaniiru. Tarsiimoon fooyya'ee waggoota shanan dhufan keessatti hojiirra oolu kun dhimmoota ilaalcha "Mootummaa Ida’amuutiin" dhimmoota duubatti hafan irratti xiyyeeffachuun damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru. Deeggarsi taasifame hariiroo hojii dhaabbilee lamaan gidduu jiru sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu Komishinarri Gumuruukaa Dabalee Qaabataa ibsaniiru. Deeggarsi kun sirna daldalaa nageenyummaan isaa eegamee fi sirrii ta’e adeemsisuun Komishinichaaf gargaarsa guddaa akka ta’u himaniiru
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 72
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Siyaasa

Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera
Dec 20, 2025 55
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru
Dec 19, 2025 208
Mudde 10/2018(TOI)-Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsame. Waltajjiin marii gahee hawaasni barnootaa nagaa ijaaruu keessatti qabu cimsuuf kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Ministeera Nageenyaatti Itti Gaafatamaan Deeskii Ijaarsa Nagaa obbo Wandasan Mokonnon akka jedhanitti, qooda fudhattoonni hundi adeemsa ijaarsa nagaa abbummaan akka hojjetaniif hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jira. Kanaaf mootummaan Marii Biyyoolessaa hunda hammataa ta’e waliigaltee dhabuu fi walitti bu’iinsa jiru dhaabbataan furuuf, qophii caasaa diriirsuu irra darbee, haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, bu’uuraalee seeraa haqaa ce’umsaa diriirsuun nagaa buusuuf tattaaffiin bu’a qabeessa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaloonni safuu fi duudhaa gaariin akka guddatu manneen barnootaa keessatti kilaboota nageenyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti fooramiiwwan nageenyaa qopheessuun ijaarsa nageenyaa irratti hojjechaa akka jiramu dubbataniiru. Kanaanis manneen barnootaa keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan akka raawwatamu mirkanaa’uu ibsaniiru. Dantaa biyyoolessaa eegsisuu fi hubannoo seenessa waloo uumuu, eenyummaa fi duudhaalee biyyaalessaa guddisuuf tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoonni irratti hirmaatan guddisuun, yaada naannoo irra darbanii waa’ee Itiyoophiyaa akka baran gargaaruun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanumaan walqabatees dhaabbilee amantaa, jaarmiyaalee hawaasa lammummaa, fi qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Ministeera Barnootaatti Hogganaan Deeskii Sirna Barnootaa Omar Yimaam akka jedhanitti, dhaabbileen barnootaa beekumsaa fi ogummaa qaruun bira darbee nageenya ijaaruu irratti xiyyeeffachuu qabu. Lammiilee gidduutti walii galtee fi wal hubannoo jiru,tokkummaa fi ijaarsa namuusaaf afaayidaa olaanaa qabaachuus ibasniiru. Waltajjiin marii kun manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti nageenya dagaagsuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf galtee kennuu keessatti gahee murteessaa akka qabus hubachiisaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’atan
Dec 19, 2025 194
Mudde 10/2018 (TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii rippaabiliikii federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin pirezidaantii Somaaliyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof simachuusaanii ibsaniiru. Mariilee hariiroo gam lame wagga tokkoof irratti hojjechaa turre itti fufuun marii firii qabu gooneerra jedhaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaasaaniin akka ibsanitti, yaanni wal jijjiirre dhimmoota keenya waloo dursi kennamuuf raawwachuuf akkasumas hariiroo cimaaf, tasgabbii riijinii fi misoomaaf kutannoo qabnu irra deebi’uun kan cimse ture.
Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misoomaa fi ijaarsa nageenya waaraaf ejjennoon waloo kan itti fudhatamedha
Dec 19, 2025 119
Mudde10/2018(ENA)- Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misomaa fi Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf ejjennoon waloo kan itti fudhatame ta’uu Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa ibsan. Naannoo Hararii dabalatee Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoolee adda addaatti mariin hawaasaa mataduree “labsii guubaa, bu’alee mootummaa ida’amuu ” jedhuun gaggeeffamaa turuunsaa ni yaadatama. Waltajjiin kanaan hojiileen misoomaa Mootummaadhaan eegalamanii fi abdiin irra kaa’ame akka itti fufaniif, nagaa fi tasgabbiitiif xiyyeeffannoon hojjechuu, qaala’insa jireenyaa to’achuurratti yaadni hirmaattotarraa baay’inaan ka’eera. Waltajjii marii hararitti gaggeeffamerraa qabxiiwwan bu’uuraa maalfaatu ka’ee? Jechuun ENA Afaan oromoo, itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa dubbiseera. Marii gaggeeffameen hawaasni abbaa misoomaa fi Nageenyaa ta’uusaa qabatamaan kan argisiise akkasumas jalqabbii gaarii mootummaaf beekamtii kan kenne ta’uu ibsaniiru. Waltajjichaan hawaasni bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa, nageenya cimsuu, kenna tajaajilaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti Hawaasni hirmaannaasaa kan argisiisee fi hojii hojjetameefis beekamtii kan kennedha jedhaniiru. Haaluma Kanaan hojiiwwan misoomaa eegalaman galmaan ga’uun, hanqinoota ka’an sirreessuu fi fayyadamummaa hawaasaaf caalaatti dhimmuuf waltajjii hoggantoonni itti waadaa galan ta’uu ibsaniiru. Mootummaan misooma waloo fi tokkummaa sabdaneessummaaf dhimmuun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kaasuun galteewwan hawaasarraa argaman fudhachuun, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru milkaa’ina caaluuf hojjechuuf qophaa’eera jedhaniiru. Hawaasni Naannichaa Nageenya fi misoomaa deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffatanii, hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif deeggarsisaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Rakkoolee karaa nagaan furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa qaba
Dec 18, 2025 218
Mudde 9/2018(TOI)- Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiran karaa nagaan furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa akka qabu komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee ibsan. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee TOI waliin turtii taasisaniin, wantoota akka biyyaatti irratti waliigalamu adda baasuun mari’achuu fi rakkoo Jiraniif furmaata egeree kaa’uun ergama ijoo komishinichaati jedhaniiru. Komishinarichi qaamolee karaa nagaa mari’achuu barbaadan hirmaachisuu fi yaada qaban achi keessatti qabachuuf haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru. Waggoottan darban mootummaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun hojii hojjeteen bu’aaleen hedduu argamuusaanii kaasaniiru. Hidhattoota duraanii gara filmaata nagaatti deebisuun biyyattiitti nagaa fi misooma mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf bu’ura ta’uusaa eeraniiru. Hidhattoonni duraanii karaa nagaa filachuunsaanii adeemsa marichaaf tarkaanfii gaarii akka ta’u dubbataniiru. Dabalataanis maricha caalaatti hammataa akka taasisuu fi milkaa’inasaafis qooda ijoo akka qabaatu ibsaniiru. Filmaattonni karaa nagaa yeroo amma mul’achaa jiran guddina akka biyyaatti eegamuuf bu’ura guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru.
Tumsi Hindi Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimee itti ni fufa
Dec 18, 2025 175
Mudde 9/2018 (TOI)-Hojiileen Hindi Itiyoophiyaa waliin tumsaan gaggeessitu caalaatti cimanii fi bal’inaan akka itti fufan dubbi himaan ministeera dhimmaa alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal dubbatan. Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii guyyoota lamaan darban Itiyoophiyaa daawwachuunsaanii ni beekama. Kanaan wal qabatee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal miidiyaa palsi oof Afriikaa(POI) waliinturtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiin Itiyoophiyaa fi Hindi Dhimmoonni seenaanis aadaanis qooddatan akka Jiranii fi wantoonni wal isaan fakkeessan hedduun akka jiran kaasaniiru. Fakkeenyaaf biyyoonni lamaan qaroomina durii akka qaban eeraniiru. Biyyoonni lamaan walitti hidhamiinsa ummataa fi aadaa bara dheeraaf akka qaban ta’uu dubbataniiru. Hariiroon kun cimaa dhufuusaa eeranii, galmoonni biyyoota lamaanii tumsa kibba kibbaarrattis yaadamnisaanii walsimee fi caalaatti cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaa fi Hindi waltajjiiwwan idil addunyaarratti sagalee biyyoota guddachaa jiranii dhageessisuuf tumsaan akka hojjetan ni gargaara jedhaniiru. Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf fulla’e gara hariiroo tooftawaatti guddachuunsaa michooma cimaa qaban agarsiisa jedhaniiru. Hariiroo Hindi Afriikaa waliin qabduuf Finfinneen wiirtuu ta’uushee dubbi himaan kun eeranii, biyyisaanii gamtaa Afriikaa waliinis tumsaan akka hojjettu eeraniiru. Walumaa gala michoomnii fi tumsi Itiyoophiyaa Hiddiif guddaa akka barbaachisuu fi sirrii ta’uusaa cimsanii ibsanii, tumsi dameelee garagaraan jiran cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Duudhaawwan tokkummaa sab-danessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu qabna- Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriis
Dec 18, 2025 129
Mudde 9/2018(TOI)- Duudhaawwan tokkummaa sab-daneessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu akka qabnu Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis ibsan. Waltajjiin marii qooda fudhattoonni irratti hirmaatan Mata duree “Qabeenya Hawaasummaa keenyaa nageenya fulla’aa fi tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira. Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis waltajjicharratti akka ibsanitti Itiyoophiyaan duudhaa fi aadaa walooma dagaagsanii fi rakkoowwan karaa nagana furuuf dandeessisan qabdi jedhaniiru. Duudhaawwan biyyoolessaa kana cimsuu fi dagaagsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojjechuu akka qabnu ibsuun, kanaafis shoorri jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa guddaa ta’uu dubbataniiru. “Biyyi Dandii guddinaarra cimtee kan ittifuftu wal-harkaa fuudhinsa dhalootaani” kan jedhan ministirri kun kanaaf dhuudhaalee Aadaa keenyaa guddisuurratti xiyyeeffannoo kennuu qabna jedhaniiru. Ministirri Nageenyaa duudhaalee Aadaa durii walitti bu’insa ittiin furu misoomsuu fi gurmeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin deeggarsa barbaachisaa taassisa jiraachuu ibsaniiru. Mootummaan wal dhabdeewwan mariin akka furamaniif kaleessaas har’as hojjechaa fi nageenyaaf harkasaa diriirsee jira jedhaniiru. Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf shoorri Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa olaanaa ta’uu kan ibsan Ministirichi, Waltajjiin har’aa duudhaan Jaarsummaa hawaasaa ijaarsa nageenyaaf qooda qaban dagaagsuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. “ummanni naannichaa aadaa durii ummata Itiyophiya biroo waliin ta’uun wal kabajee waliin jiraachuu qabudha” kan jedhan immoo Af-yaa’ii mana meree Naannoo Amaaraa Faantuu Tasfaayeeti. Mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, walitti bu’insi naannichaa karaa nagana akka xumuramuu shoorri jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Ummanni naannichaa nageenya cimsee hawwuurra darbee Aadaawwan wal-dhabdee mariin furuu kan qabu ta’uu ibsuun, qindoomina baandaawwan biyya keessaa fi Alaan giduugala walitti bu’insaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan walitti bu’insi karaa nagana akka furamu nageenyaaf harkisaa diriiruu ibsuun, tattaaffii hanga ammaatti taasifameen qaamoleen hidhatan waamicha nageenyaa fudhatanii galuusaanii dubbataniiru. Naannichatti nageenya argameef qoonni jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu eeruun, mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru. Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni federaalaa, Naannoo fi Jaarsooliin biyyaa bakkeeewwan adda addaarraa dhufan hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Kenni Tajaajilaa Hospitaala walii galaa Asoosaa Muuxannoon kan irraa fudhatamu dha
Dec 19, 2025 136
Mudde 10/2018(ENA)- Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii Hospitaala Waliigalaa Asoosaa muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa Dubbatan. Hirmaattonni Qorannoon biyyoolessaa oksijiinii wal’aansaa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jiru irratti argaman Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii Hospitaala waliigalaa Asoosaa daawwataniiru. Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa akka dubbatanitti, Hospitaalichi oksojinii wal’aansaa Omishuu eegaluusaan kenna tajaajilasaa faayyessuurra darbee hawaasa naannichaa baasii fi bu’aa bahii irraa oolcheera. Oksijiinii Hospitaalichi Omishu bakka wal’aanamtoonni jiranitti sararaan waliin ga’uuf hojii eegale Hospitaalota biroof muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Hospitaalichi ijaarsa wal’aansa tasaaf ta’u hojjechaa jiraachuu kan dubbatan Deetaan Ministiraa kunis Hospitaalichi sadarkaasaa kan eeggatee fi wal’aansa gosa hundaaf qophii akka ta’u taasisa jedhaniiru. Ministeerichi kenna tajaajilaasaa caalaatti akka fooyyessuuf maashinoota baqaqsanii yaaluu gargaaru deeggarsa taasisuu eeruun, fuuldurattis qooda fudhattoota waliin marii’achuun deeggarsa barbaachisaa Hospitaalichaa akka taassisu eerara. Daawwannicharratti kan hirmaatan hojii raawwachiisaan Hospitaalaa Barnootaa Yunvarsiitii Diillaa Obbo Tizaalany Tasfaayee fi Kolleejjii Medikaalaa Hospitaala Adaamaarraa kana dhufan doktar Sintaayyoo Takilee akka jedhanitti, Hospitaala walii galaa Asoosaatti fayyadamni oksijiinii yaalaa fooyy’aa ta’uu dubbataniiru. Keessumaa Oksijiiniin siliindara dabalatee kutaa wal’aanamtoonni argamanitti hojiin sararaan wal-qunnamsiisuu fi ijaarsi babal’isuu Hospitaalichaa kenna wal’aansaa ammayaaf mijataa ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessan Hospitala walii galaa Asoosaa Jaafar Marqanii gamasaaniin Hospitaalichi naannichaa fi naannoolee ollaaf fi godaantota naannichatti argamaniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, oksijiinii omishuu jalqabuunsaa kenna tajaajilasa fooyyessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. #EnaAfaanorormoo#ENA#TOI
Naannoo Oromiyaatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 19, 2025 166
Mudde 10/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee raawwataman keessaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse. Magaalaa Naqamteetti, mana barumsaa Bakkee Jamaa sadarkaa tokkoffaa gara sadarkaa lammaffaatti guddisuuf sagantaa adeemsifame irratti hoggantoonni naannoofi magaalittii argamanitti gaggeeffameera. Akka itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Efreem Tasammaa jedhanitti qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Hojiilee kanneen keessaa sadrkaa manneen barnootaa fooyyessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jraachuu eeraniiru. Manneen barnootaa saarkaan isaanii fooyyeffaman keessaa tokko Mana barumsaa Bakkee Jamaa eeruun, sadarkaa mana barumsaa kana fooyyessuufi birrii miliyoona 71 akka gaafatu ibsaniiru. Ijaarsi babal’isuu gaafa xumuramu immoo barattoota hanga kuma tokkoo ol simachuu akka danda’u ibsaniiru. Ijaarsi isaas baatii sagal keessatti kan xumuramu ta’uu ibsuun, ijaarsa isaas dhaabbanni OBAM akka xumuru himaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf dhaloota dorgomaafi gahoomaa ta’e horachuuf dhaabbilee barnootaa mijatoo ta’e uumuun barbaachisaadha kan jedhan immoo kantiibaa magaalaa Naqamtee Masarat Hayiluu dha. Humna nama baratee dorgomaa horachuuf bu’uurarraa kunuunsuun guddisuun murteessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf manneen barnootaa sadarkaa 1ffaarratti xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Kana dhugoomsuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Nagamtee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Ijaarsi Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasa naannichaa yeroo dheeraa kan deebise ta’uu dubbataniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Naqamtee obbo Caalaa Gammadaa Ijaarsi Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasaa kan deebise ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Mana Barumsichaa hanqina daree Barnootaa kan furu ta’uu ibsaniiru. Namoota sadarkaan mana barumsichaa fooyya’uu ilaachisee yaada kennan keessaa jiraataan ganda 06 obbo Fiqaaduu Dabalee magaalichatti qulqullina Barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru. Aadde Itiyyee Bashaa gamasaaniin ijaarsi babal’isuu ijoolleen keenya mana barumsaa sadarkaa 2ffaa dhiheenyatti akka argatan dorgomummaansaanii akka dabaluuf carraa bana jedhaniiru.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii daawwatan
Dec 19, 2025 113
Mudde 10/2018 (TOI)-Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii naannawa Bakkanniisaatti argamu daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin Biilalul Habshiin qama seenaa Itiyoophiyaa kan ta’e golambaa imala islaamummaa Itiyoophiyaa ka’umsarraa amma ammaatti jiru agarsiisu gurmeessuusaa ibsaniiru. Golambaawwan seenaa Islaamummaa yaadatan xiqqaa waan ta’aniif, golambaan kun gatii guddaa qaba jedhaniiru. Seenaan Hijiraa jalqabaarraa eegalee jiru golambaa kana keessatti akka agarsiifamu eeranii, kun ammoo Itiyoophiyaan bakka boqonnaa Sohaabaawwan hedduu, bakka Aliimonni gurguddoon itti argamanii fi buufata hambaalee islaamummaa dinqisiisoo akka taate kan agarsiisu akka ta’e ibsaniiru. Dahaabbatichi dargaggoota ogummaan leenjisee hojiif qopheessuun, harka qalleeyyii deeggaruun, qorannoo fi qu’annoo deeggaruun, bakka dargaggoonni oolan mijataa qopheessuun gumaachi taasisu baay’ee guddaadha jechuun dinqisiifataniiru. Biilaluu Habashii kaayyoo iddiroonni amma qabatan caalaa raawwachuun jireenya hawaasaa jijjiiruu akka danda’an dhaabbata fakkeenya qabu ta’uusaa himaniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaasaaniin dhaabbaticha deeggaruun seenaa keenya akka kunuunsinuu fi dargaggoota keenya akka ga’oomsinu waamicha dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee itti ni fufti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Dec 18, 2025 160
Mudde 9/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Guyyaa har’aa bakka itti aanaan ministira muummee argamanitti kabaja guyyaa godaantotaarratti qaamolee godaantummaa ilaalchisee dhiibbaa gaarii uumanii fi jijjiirama Fidan “shaampiyoonaa Godaansaa” jedhuun kabajameera. Wayita kana, mootummaan imaammatasaa lammiirratti xiyyeeffteetiin lammiilee biyyoota garagaraatti rakkoorra jiran kabajaan biyyatti deebisuun akka damdamatan gochuu xiyyeeffannaa adda duree taasiseera jedhan. Nuyi godaantota madda rakkinaa osoo hin taane dinagdee biyyaa kan cimsanii fi walitti hidhamiinsa aadaa hawaasaa kan cimsan humnoota kalaqaa, milkaa’inaa fi jijjiiramaa gochuun hubanna jedhaniiru. Itiyoophiyaan yaadama ida’amuu isheetiin godaantota biyyoota garagaraa irraa dhufan miilyoona 1 caalan simattee ni keessummeessiti kan jedhan obbo Tamasgeen, dahannoo fi deeggarsa barbaachisu kennuun hojiirra oolmaa walii galtee godaantotaa idil addunyaa irratti qooda adda durummaa bahachaa jirti jedhaniiru. Mirgaa fi kabaja godaantotaaf dhaabachuun qooda mootummaa qofa osoo hin taane dirqama namoomaa hunda keenyaa ta’uu hubachuu qabna. Godaansi seera qabeessan nageenyisaa kan eegamee fi namooma kan kabaje akka ta’u qindoomina idil addunyaa cimsuun haala yeroon gaafatudha. Itiyoophiyaan ka’umsa, karaa cehhumsaa fi bakka gahumsa godaantotaa ta’uusheetiin addunyaa hammataa fi namoomaa hundaaf ta’u ijaaruuf kutannoo qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.
Diinagdee
Damee loojistiksii irratti hojiilee hojjetamaniin fooyya’insi olaanaa argameera
Dec 20, 2025 42
Mudde 11/2018(ENA)-Damee loojistiksii Itiyoophiyaa irratti hojiilee reefoormii hojjetamaniin fooyya’ins olaanaan mul’achuu Ministirri Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii doktar Alamuu Simee beeksisan. Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii meeshaalee Komishinii Gumuruukaaf tajaajila “elektirooniksii kaargoof’’oolu deeggarsa kenne. Ministirri Geejjibaa fi Loojistiskii, doktar Alamuu Simee yeroo wal-harkaa fuudhinsa meeshaalee kanaa dubbatanitti, deeggarsa teeknooloojii haaraan kun rakkoolee bu’uuraa damicha keessatti mul’atan furuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kana malees nageenya meeshaalee biyya alaatii galanii fi biyya keessaa bahan mirkaneessuudha. Teeknooloojiin kun meeshaaleen karaa elektirooniksii saamsamanii, bakka ka’umsa isaanii irraa ka’anii hanga gahumsa isaanii gahanitti osoo addaan hin ciccitiiniifi osoo hin dhaabatiin akka geejjibsiifaman taasisa. Kunis meeshaaleetti darbee darbee daandii irratti akka wantoonni hin barbaachifne itti hin dabalamne gargaara jedhani. Meeshaalee kontiroobaandii seera qabeessa fakkeessanii dabarsuuf kan yaalanis ittusuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, hojmaanni kuni hojii damee kanaa dachaan kan guddisu ta’uu himaniiru. Fooyya’iinsa damee loojistikii keessatti mul’ate keessatti Komishiniin Gumurukaa gahee olaanaa taphachuu isaa ibsuun, bu’aa damichaan argame guddisuuf ciminaan hojjetamuun akka itti fufu mirkaneessaniiru. Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiskii obbo Dheengee Boruu gama isaaniin, tarsiimoon loojistikii waggoota 10f qophaa’ee ture fooyya’uu isaa beeksisaniiru. Tarsiimoon fooyya'ee waggoota shanan dhufan keessatti hojiirra oolu kun dhimmoota ilaalcha "Mootummaa Ida’amuutiin" dhimmoota duubatti hafan irratti xiyyeeffachuun damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru. Deeggarsi taasifame hariiroo hojii dhaabbilee lamaan gidduu jiru sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu Komishinarri Gumuruukaa Dabalee Qaabataa ibsaniiru. Deeggarsi kun sirna daldalaa nageenyummaan isaa eegamee fi sirrii ta’e adeemsisuun Komishinichaaf gargaarsa guddaa akka ta’u himaniiru
Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argameera
Dec 20, 2025 54
Mudde 11/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Biiroo Qonna Naannoo Oromiyaatti ogeessi misoomaa fi teeknooloojii qurxummii obbo Milkeessaa Nagaasaa ENAtti akka himanitti, naannichatti oomishaa fi oomishtummaa qurxummii guddisuuf hojjetamaa jira. Keessattuu adeemsa oomisha qurxummii ammayyeessuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’e qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa turuu ibsaniiru. Adeemsa kana keessattis oomisha qurxummii bishaan gurguddaa keessatti argamuun alattis qonnaan bultoonni bishaan kuufamaa xixiqqoo keessatti oomisha qurxummii irratti akka hirmaatan hubannoo fi leenjiin kennameeraaf jedhan. Hojii kana milkeessuufis cuucii qurxummiiwwan sanyii fooyya’aa qaban kan giddugala keessaa bahan qonnan bultootaaf dhiyeessuun deeggarsa taasisaa tureera jedhani. Waggoota sadan darbanitti keessumaa naannoo gammoojjiitti hidha jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa fayyadamuun oomishni qurxummii raawwatamaa akka ture himaniiru. Naannichatti waggaa darbe qurxummiin toonii 331 argamuu eeruun, bara kanatti immoo toonii 337 argachuuf karoorfamee baatii afran darbanitti qurxummii toonii 187 argachuun danda’ameera jedhan. Akkasumas, horsiisa qurxummii qonna magaalaa waliin walitti makuun wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf galmi qabame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru. Misoomni qurxummii godinoota naannichaa hundatti adeemsifamaa jiraachuu ibsuun, godinoota Shawaa Kaabaa, Jimma Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii Lixaatti haala foyya’insa qabuun adeemsifamaa jiraachuu eeraniiru. Akkasumas bishaan haroo xixiqqaa kuma 1 fi 781 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti haroowwan xixiqqaa 508 kan qopheeffaman ta’uu ibsuun, cuucii qurxummii kuma 600 ol raabsuun danda’ameera jedhan. Itti dabaluunis, qonnaan bultoonni damee kanarratti bobba’an hojii qonnaa idilee isaanii cinatti qurxummii misoomsuun bu’aa fooyya’aa argamsiisan irraa kan ka’e kaka’umsi isaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiran ibsaniiru.
Teknooloojichi dhiheesii anniisaa amansiisaa guddisuuf kan dandeessisudha
Dec 20, 2025 40
Mudde 11/2018(TOI)-Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa teknooloojiiwwan dhiheesii anniisaa amansiisaa guddisuuf dandeessisan hojiirra oolchuuf Huwaawwee waliin akka hojjetu beeksise. Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa tajaajila kennu teeknooloojiin deeggaruu fi caalaatti ammayyeessuuf kaampaanii Huwaawwee Chaayinaa waliin mallatteesseerra. Haala Kanaan, teeknooloojiiwwan Ismaarti giriid babal’isuuf, bu’ura misoomaa elektiriikii diriirfamu ammayyeessuu fi dhiheessii anniisaa amansiisaa guddisuuf gargaaran Huwaawwee waliin tumsaan diriirsuuf kan dandeessisu ta’uusaa hojii raawwachiisaan olaanaa Injiinar Geetuu Garramuu sirna mallattoorratti dubbataniiru. Injiinar Geetuun itti fufuun, dhaabbileen lamaan bu’ura misoomaa chaarjii konkolaataa elektiriikii babal’isuuf tumsaan hojjechuuf walii galuusaanii ibsaniiru. Sarara ammayyaa raabsaa elektiriikii to’atu ijaaruuf, baatiriiwwan inarjii yeroo dheeraaf tursan dhaabuu fi teknooloojiiwwan ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf waliigalteerra gahamuu dabalanii eeraniiru. Bakka bu’ooni kaampaanii Huwaawwee gamasaaniin, teeknooloojiiwwan furmaata inarjii fulla’aa kalaqarratti hundaa’anii fi ammayyaan guutaman Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf kutannoo akka qaban kaasaniiru. Hojjettoota teeknooloojichaa irratti hojjechuu danda’an horachuuf leenjii ogummaa akka mijeessanis dubbataniiru. Akkasumas, tajaajila tajaajilichi maamiltootaaf kennu ammayyeessuu fi komii tajaajilamtootaa furuuf teknooloojii yeroon gaafatu hojiirra oolchuuf qama riifoormii eegalee ta’uu ENA’tti himaniiru.
Godinichatti gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha dammaarratti hawaasni bobba’an fayyadamummaan isaanii guddachaa jira
Dec 20, 2025 62
Mudde 11/2018(ENA) – Godina Jimmaatti gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha dammaarratti hawaasni bobba’an fayyadamummaan isaanii guddachaa jiraachuu dubbatan. Dargaggoonni godina Jimmaa inisheetivii mootummaan mijeesseefiin, gaagura ammayyaa gatii madaalawaan isaaniif dhiyaatetti dhimma bahuun oomishni dammaa isaanii guddachaa jiraachuu himani. Turtii ENA waliin taasisaniin dargaggoo Kadir Awalii fi Alii Abbaa Foogii kanaan dura yeroo gaagura ammayyaa hin fayyadamne bu’aan argamu xinnoo ta’uu eeruun, amma erga gaagrura ammayyaa fayyadamanii bu’aan oomisha dammaa irraa argatan guddachuu himani. Dargaggoo Kadir Awal kanaan dura gaagura lama kan qabu ture amma gara gaagura 13tti guddisuun, waggaatti oomisha dammaa kiiloo giraama 400 ol argachuun gabaaf dhiyeessuu isaa ibseeera. Dargaggoo Alii Abbaa Foogiin gama isaatiin akka jedhetti, gaagura ammayyaa 7 irraa waggaatti damma hanga kiiloo giraama 300 argachuun gabaa isaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Waajjirri Qonnaa Godina Jimmaa gama isaatiin hojiiwwan waggoota 5n darban keessatti raawwatamaniin kutaaleen hawaasaa gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha damma irratti bobba’an fayyadamoo ta’aa jiraachuu beeksiseera. Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma harrii fi damma obbo Sayid Umar akka jedhanitti, erga inisheetiiviin dammaa eegalamee as gaagurri ammayyaa kuma 600 raabsameera. Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni waldaan gurmaa’an kuma 60 ol damicharraa fayyadamoo ta’uu eeruun, bara darbe dammi toonii kuma 30 sassaabamuu ibsaniiru. Bara baajataa kanatti dammi toonii kuma 40 akka oomishamu kan ibsan ogeessi kun, hojiiwwan inisheetiivii dammaa godinicha keessatti jalqabame cimee itti fufa jedhan.
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisan
Dec 20, 2025 19
Mudde 11/2018 (TOI)- Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 har’a ifatti eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin dijitaal Itiyoophiyaa 2025 guutummaan jechuun haala danda’amuun galmasaa ga’ee xumuramuu ibsaniiru. Dijitaal 2030’n har’a ifatti eegalamuusaa eeranii, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wala amantaa gabbisuun ammoo karoora bu’uraa ijoo tarsiimichaa ta’uusaanii hubachiisaniiru. Karoorri kunneen akka milkaa’an keessumaa bu’ura misoomaa dijitaalaa ummataa akka milkaa’an bal’isuurratti hojiin guddaan akka hojjetamu eeranii, teknoloojiin dijitaalaa kun namarratti xiyyeeffachuun jireenya namootaa akka jijjiiru human guddaa uuma jedhaniiru. Walumaa gala hojiileen dijitaal Itiyoophiyaatiin hojjetaman galma mootummaan Ida’amuu karaa salphaa tarsiimoowwan gurguddoo dhugoomsuuf qabate waliin kan walitti hidhatan ta’uu dubbataniiru.
Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama- Pireesidaant Musxafee Mohaammad
Dec 20, 2025 43
Mudde 11/2018 (ENA)- Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama jedhan Piresidaantiin bulchinsa mootummaa naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad. Tajaajilli wiirtuu tokkoo(Mesob) har’a hojii kan eegale yoo ta’u,tajaaajilicha hojii kan eegalsiisan pireesidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad, Waajjira Ministira Muummeetti Deetaa Ministira Dhimmoota Kaabinee Akiliiluu Taaddasaa akkasumas hoggantoonni federaalaa fi naannoo argamaniiru. Giddugalichi tajaajila gahumsaa fi saffisaa kennuuf teknooloojiin kan guutame waan ta’eef itti gaafatamummaa mirkaneessuufis ni gargaara jedhaniiru. Giddugalichi tajaajila fooyya’aa kennuuf bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi humna namaan kan guutame ta’uus eeraniiru. Tajaajila kana babal’isuuf magaalota naannichaa 13 keessatti tajaajila wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Akiliiluu Taaddasaa gama isaaniin,tajaajilli wiirtuu tokkoo lammiileen loogii tokko malee tajaajila akka argataniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkotti kennamu mootummaa fi uummata walitti dhiheessuun tajaajila nama giddu galeessa godhate mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi haaromsa waliigalaa mootummaan kenniinsa tajaajilaa irratti eegale galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka taasisus ibsaniiru. Wiirtuun har’a hojii eegale kuni magaalaa Jigjigaatti kan ijaarame yoo ta’u, marsaa jalqabaan dhaabbilee 9tti tajaajilawwan 32 qindeessuun kan kennu ta’uu beekameera.
Naannoo Somaaleetti tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Mesob)n jalqabame
Dec 20, 2025 43
Mudde 11/2018(ENA)- Naannoo Somaaleetti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Mesob)n eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e. Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo sirna ammayyaan lammiileen gargaarsa teeknooloojiin bakka tokkotti tajaajila hedduu argachuu akka danda’an kan taasisu ta’uun isaa beekamaadha. Guyyaa har’aas Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Masoob) naannoo Somaaleetti hojii eegaleera. Tajaajila kana kan eegalsiisan Bulchaa Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Mustafee Mohaammadii fi Waajjira Ministeera Muummeetti Deetaa Ministira Dhimmoota Kaabinee Akiliiluu Taaddasaadha. Wiirtuun kuni magaalaa Jigjigaatti kan ijaarame yoo ta’u, marsaa jalqabaan dhaabbilee 9tti tajaajilawwan 32 qindeessuun kan kennu ta’uu beekameera. Giddu-galli Tajaajila iddoo tokkoo Somaalee humna namaa fi teeknooloojiin qindaa’uun hojiitti galuu isaa ibsameera.
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha
Dec 16, 2025 167
Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan. Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma. Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru. Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru. Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.
Ispoortii
Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin walqixa bahan
Dec 20, 2025 30
Mudde 11/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin galchii 2 fi 2’n walqixa bahaniiru. Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsitti gaggeeffameen Niik wolti meed galchii daqiiqaa afraffaa fi 20ffaatti galcheen Niwukaastil Yunaayitid dura qabatee ture. Boqonnaan booda Riis Jeemsi daqiiqaa 49ffaa fi Jo’aa’oo Peedroo daqiiqaa 66ffaatti galchii galchaniin Cheelsiin qabxii tokko argatee xumureera. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 29 walitti qabatee sadarkaa afraffaa irra jira. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 23’n sadarkaa 11ffaa qabateera.
Piriimar liigichaan Arsanaal Evertan waliin Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin taphni taasisan hawwiin eegama
Dec 20, 2025 53
Mudde 11/2018(ENA)-Taphni piriimar liigii Ingiliz torban 17ffaan har’a eegala. Taphoonni yeroo ayyaana Gannaa har’aa eegalanii gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00tti Evertan Arsenaal waliin Istaadiyeemii Haldiikensenitti ni taphatu. Everten qabxii 24n sadarkaa 9ffaa qabatera. Arsenaal qabxii 36 liigicha dursaa jira. Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00 taphasaanii ni gaggeessu. Manchistar siitiin qabxii 34n sadarkaa 2ffaa qabateera. Westihaam Yuunaayitid qabxii 13n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-aanaa irratti argama. Taphoonni lamaan wal-morkii waancaarratti dhiibbaa kan uumanidha. Sagantaawwan biroon Niwukaastil Yuunaayidid chelsii waliin guyyaa sa’aatii 9:30, Tootinihaam Hotispersi injifataa liigichaa yeroosanaa Liiverpuul waliin taphasaanii gaggeessu. Wolvis Birentifordi waliin, Biraayiten Sandarlaandi fi Bornimaawuz Barniley waliin yeroo walfakkaataa sa’aatii12:00 irratti taphatu. Liidsi yunaayitid, Kiristaal Paalaas waliin galgala sa’aatii 5:00 taphasaanii gaggeessu. Waktii ayyaana Gannaa faranjootaatti taphasaanii har’aa eegalanii kan gaggeesan yoo ta’an guyyoota ittifufan 16 torban 4f taphasaanii gaggeessu.
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan har’a eegala
Dec 19, 2025 89
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektiriikiin Magaalaa Adaamaa waliin ni taphata
Dec 19, 2025 70
Mudde 10/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban 13ffaan har’a xumurama. Guyyaa sa’aatii 4:00 irratti magaalaan Adaamaa Itiyoo-Eleektirikii waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichaan taphoota 12 gaggeesseen Afur yoo injifatu yeroo shan mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa deebi’aniiru. Taphichaan galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 21 keessummeesseera . Magaalaan Adaamaa qabxii 15n sadarkaa 8ffaa qabateera. Morkataansaa Itiyoo-Elektirikiin bara dorgomichaan taphoota 12 gaggeessee taphoota 11 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Galchii 30 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Itiyoo Elektirikiin liigicha qabxii 33n dursaa jira . Torban 12ffaan injifataan liigichaa yeroo sanaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa 1 fi 0’n injifachuunsaa ni yaadatama. Garichi yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. Magaalaan Adaamaa liigichatti gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Sagantaa biroon Magaalaan Hawasaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilatti ni taphatu. Magaalaan Hawaasaa Taphoota 12 gaggeessee yeroo 8 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Galchiiwwan 22 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii 26n sadarkaa 4ffaa qabateera. Injifataan liigichaa yeroo baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphoota 10n gaggeesseen 8 yoo injifatu yeroo 1 mo’ameera. Galchii 27 yoo lakkoofsisu galchii 2 keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 2 osoo isa hafuu qabxii 25n sadarkaa 4ffaa qabateera. Gareewwan lameen taphicharratti morkii cimaa gaggeessu jedhamee ni eeggama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 84
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 124
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 200
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 358
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1043
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9600
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.