Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Adeemsi yaa’ii Mariichaa Abdachiisaadha
Aug 5, 2026 37
Adoolessa 29/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa abdachiisaa ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsan. Yaa’iin marii biyyaalessaa guddaan Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Bakka bu'oonni ummata Itoophiyaa kuma afur biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimmoota ijoo saddeet irratti waliigaltee irra ga'uuf marii bal'aa fi hirmaachisaa ta'e gaggeessaa jiru.   Bakka bu'oonni uummataa yaa’icharratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti Walga’iin marii biyyaalessaa kun sagaleen Itoophiyaanota hundaa kan itti dhaga'amu, hirmaachisaa fi iftoomina kan qabu ta'uu ibsaniiru. Hirmaattota marii gidduutti tokko yaada namaa biroo kan dhaggeeffatan carraa gaarii kan uume, waliigaltee waloo kan ijaaruu fi abdachiisaa ta'uu ibsaniiru. Hirmaataan marichaa kan ta’an Obbo Caalaa Gaarummaa akka ibsanitti, gaaffiileen biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ka'an deebii argachuuf bara dheeraaf walitti bu'insii fi wal dhabbiin yeroo dheeraaf kan baratame taa’ee tajaajileera. Mariin karaa furmaataa fi waliigaltee bu'a qabeessaadha kan jedhan hirmaataan kun bakka bu'oonni ummataa kuma afur ta'an waliin ta'uun waa'ee biyyaarratti mari'achuuf carraan uumamuun isaa yaadaa haaraa ibsachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Aadaan ijaarsa biyyaa olaantummaa yaadaarratti hundaa’ee dagaagsuuf ashaaraa keenyaa kan itti keenyu carraa guddaa uumuusaa fi itti gaafatamummaadha jedhaniiru. Hirmaataan biraa Obbo Wandimmuu Gizaawu gamasaaniin, walgahichi dhaloota dhufuuf olaantummaa yaadaarratti kan hundaa'e waliigalteen kan keessatti uumame Itoophiyaa dabarsanii kennuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsaniiru. Adeemsi bu'a qabeessi yaa’ii marii biyyaalessaa kunis Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'uutti kan ceessisuu fi abdii kan namatti horu ta'uu dubbataniiru. Walgahichi qorumsa Itoophiyaan bara dheeraaf dabarsite mariidhaan furuun dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti furmaata waliinii fi waliigaltee ijaaruuf gahee guddaa akka qabu kaasaniiru.   Dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mari'atamu irratti marii bal'aa, hirmaachisaa fi ifaa ta'e taasifamaa jira kan jedhan immoo hirmaataa Obbo Taammannaa Haayiluuti. Marichaan iftoominaa fi hirmaannaan yaadni maddisiifamu waliigaltee waliiniirratti kan hundaa'e mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka gumaachaniif abdi qaban ibsaniiru.   Hirmaataa biroon Obbo Balaayinee Densaamoo gamasaaniin kan nu qoodanirra dhummoonni nu tokkoomsantu caala, marii keenyaanis nagaa waaraa, misoomaa fi guddina Itoophiyaatiif kan barbaachisu mijeessuuf mari'achaa jirra jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun qabxii garaagarummaa gara waliigaltee waliiniitti jijjiiruun, Itoophiyaa fooyyoftuu, nagaa qabduu fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruuf carraa seenaa qabeessa ta'uu isaas ibsaniiru.  
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 32
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti.   Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaan uwwifameera
Aug 5, 2026 32
Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaatiin dhaabamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Geetuu Gammachuu Naannichatti teeknooloojii fi hojmaata qonnaa bal’inaan fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru.   Bara oomishaa kanatti lafa heektaara miiliyoona 11.1 ol misoomsuun kuntaala miiliyoona 380 fi kuma 659 ol oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafti heektaara miiliyoona 10 fi kuma 199 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu isaa hubachiisuun, kana keessaa lafti heektaara miiliyoona 8 fi kuma 259 ol sanyii filatamaan olaanaa qabu adda addaatiin misoomuu isaa hubachiisaniiru. Fayyadamummaa qonnaan bulaa misooma kana irraa argamu guddisuuf, qophii lafaa irraa eegalee, fooyya’iinsa ogummaa fi leenjii hubannoo bal’aan kennameera jedhan obbo Geetuun. Akkasumas ogeeyyii qonnaatiin deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa akka jiru himaniiru. Misooma kana keessatti baay’inaan boqqolloo, qamadii, garbuu, fi midhaan gurguddoo biroo akkasumas sanyii zayitaa adda addaa bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.   Omishaa fi omishtummaa guddisuuf galteewwan bal’inaan kan dhiyaatan ta’uu kan ibsan hogganaan kun, bara oomishaa kanatti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, karaa waldaalee hojii gamtaa fi yuniyeenotota naannichaatiin kuntaalli miiliyoona 9 fi kuma 864 fi 569 qaqqabuu isaa ibsaniiru.   Itti dabaluunis hojii hanga ammaatti hojjetameen qonnaan bultootaaf kuntaalli miiliyoona 6 fi kuma 787 ol raabsameera jedhani. Kana malees, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf kuntaala kuma 673 fi 368 kenname keessaa sanyii filatamaa adda addaa kuntaala kuma 627 fi 953 wabii nyaataa mirkaneessuuf ooluu isaa ibsaniiru. Itti dabaluudhaan oyiruu qonnaan bultootaaf sanyii kuntaala kuma 948 fi 749 qophaa’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 38
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu.   Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Shira Kaayiroo Duuba; Dhugaa Itoophiyaa CNN’n Ifoomse
Aug 5, 2026 36
Tarsiimoon Masriin laga Abbayyaa to'achuuf qabdu inni guddaan foormulaa "Itoophiyaan cimtuu fi tasgabbaa'aan Kaayiroodhaaf balaadha" jedhu ture. Kanaaf mootummoonni Kaayiroo walduraa duubaan Itoophiyaan tasgabbooftuu akka taatuu fi qabeenya ishee akka sirnaan hin fayyadamne gochuuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru. Seenaa keessatti madda laga Abbayyaa guutummaatti to’achuuf yaalii hedduu kan goote Masrii, lola seena qabeessa Gundeet (1875) fi Guuraa (1876) irratti harka Itoophiyaanotaan kufaatii hadhaawaa argatteetti. Kaayiroon waraana kallatti irraa erga deebitee booda tooftaa ishee gara "bittinnaa'uu keessootti" jijjiirteetti. Kunis mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannoo fi qabeenya maallaqaa isaa pirojektoota misoomaa (keessumaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi bu’uuraalee misoomaa) irraa gara nagaa fi tasgabbii eeguutti akka deebisu taasisee, biyyattii jeequmsa keessoo dhuma hin qabne keessa galchuuf shira hedduu raawwachaa tureera. Kun yeroo fashalaa’u akka filannootti odeeffannoo sobaatti gargaaramuun ammas itti fuftee jirta. Erga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eegalamee as saayintistoonni siyaasaa fi dippilomaatonni Masrii seeneffama sobaa isaanii babal’isuun “hidhichi biyyoota yaa’a gadii irratti miidhaa hamaa geessisa” jechuun hawaasa addunyaa burjaajessaa turaniiru. Haa ta’u malee, hoggansa ogummaa qabuun Ministira Muummee Dr. Abiyiy Ahimad jalatti Itoophiyaan dhiibbaa alaa fi qormaata keessoo irra aanuun pirojektii guddaa kana xumuruu dandeesseetti. Kun fakkeenya guddaa qormaata gara carraatti jijjiiruudha; kunis yaada ida’amuuti. Ijaarsa hidhichaa hordofuun Kaayiroon irra deddeebiin komii sobaa fi olola jal’aa ta’u dhiyeessitus, dhugaan jiru suuta suutaan addunyaaf ifa ta’aa jira. Kana kan agarsiisu gabaasa gaazexeessituu Viktooriyaa Rubaadirii sagantaa CNN’n ji’a ji’aan “Connecting Africa” jedhu irratti dhiheessitedha. Badhaasa BBC’n bara 2020 ‘Komla Dumor Prize’ kan injifatte Viktooriyaa Rubadirii gabaasa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti dhiheessiteen dhugaawwan qabatamaa fakkeessaa Kaayiroo fashaleessu hawaasa addunyaaf ifa goote. Agarsiisa gahumsa injinariingii fi misooma waloo CNN gabaasa isaa keessatti Hidhi Haaromsaa shira sobaa waggootaaf odeeffamaa ture osoo hin taane, moodeela gahumsa injinariingii tattaaffii injinarootaa fi ogeeyyii ijaarsaa Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dhugoomse ta’uu ibseera. Mootummaan Masrii hidhicha akka “madda balaatti” fakkeessuuf yaalus, hidhichi Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutummaa naannichaaf waltajjii misooma waliinii ta’uu gabaasni CNN ibseera. Pirojektiin guddaan Fulbaana bara 2025 ifatti eebbifame kun, dhiyeessii anniisaa biyyattii guddisuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniif ibsaa akka jiru agarsiiseera; akkasumas hidhichi qaama Itoophiyaan hiyyummaa keessaa of baasuuf taasiftu ta’uu mul’iseera. Gabaasni Gaazexeessituu Rubadirii Ijipti irra deddeebiin komii fi shira xaxaa turte qabxiilee gurguddoo sadii irratti ni morma. Qajeelfama Faayidaa Wal-faayidaa: Hidhichi pirojektii qajeelfama wal-faayyaduu irratti hundaa’e yoo ta’u, biyyoota yaa’a gadii hin miidhu, garuu dhangala’aa bishaanii to’achuu fi biyyee hir’isuu keessatti gahee gaarii kan qabu ta’uu hogganaan ijaarsa hidhichaa Injinar Kiflee Horoo agarsiisaniiru. Yaada Ida'amuu Naannoo: Itoophiyaan humna ibsaa gurguruun galii argachuun alattis hidhichi biyyoota naannichaa karaa anniisaa fi diinagdee kan walqunnamsiisu ta’uu ibsameera. Kunis mul’anni naannoo mootummaa ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hoogganamu, jechuunis “waliin guddachuu fi wal deeggaruu” hojii irra ooluu fi akka Masriin jettutti naannicha gara tasgabbii dhabuutti akka hin geessine kan agarsiisudha. Cehumsa dinagdee ummata giddu galeessa godhate: Akkuma Gabaasa CNN keessatti hammataman Itti Gaafatamaa Giddugala Guddina Idil Addunyaa (IGC) Itoophiyaa Teediroos Mokonnen ifatti ibsan, Itoophiyaan ummanni ishee dhibbeentaa 70 umuriin isaa waggaa 30 gadi ta'e, galii mataa namaa giddu galeessa waggoota 15 duraa gadi ture Afrikaa keessaa dinagdee guddicha keessaa tokko taatee jirti. Hidhichi humna dargaggeessa kana gara oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tattaaffii taasifamaa jirudha. Goolaba: Walumaagalatti duulli dippilomaasii fi ololaa Masriin hidha kana irratti hundaa’uun gaggeessaa jirtu qumaara siyaasaa waan ta’eef dhugaa saayinsii fi lafa irraan wal hin simnedha. Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi, dandeettii biyya keessaa fi hoggansa biyyaalessaa ogummaa qabuun dhugoome, utubaa misoomaa bara diinagdee Itoophiyaa egeree bocuu fi naannoo Afrikaa humnaa fi daldalaan kan walqunnamsiisu yoo ta’u, biyya kamiifuu balaa kan ta’u miti. Injifannoon seena qabeessa yaadama ida’amuun kan guutame kun naannicha guutuu ibsuu itti fufee jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Yaa’ii Marii Biyyaalessaan yaadota waldhabdee mariitiin furuu fi waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu danda’an ni eegamu - konfiraansii marii
Aug 5, 2026 109
Adoolessa 29/2018 (ENA): Konfiraansiin marii kun yaadota garaagarummaa mariitiin hiikuu fi nagaa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’an ni qopheessa jedhamee eegama. Konfiraansiin marii Itoophiyaa guddichi Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee magaalaa Finfinee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni konfiraansii marii kuma afur, lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun ajandaa biyyaalessaa gurguddoo saddeet irratti mari’achaa jiru. Hirmaattota konfiraansii marii kana keessaa tokko Ongolay Goshando ENAtti akka himanitti, Konfiraansiin marii kun Itoophiyaa keessatti nagaa dhugaa fi waaraa uumuuf waadaa guddaa qaba jedhani. Konfiraansichi ilaalchaa fi yaada adda addaa bilisaan calaqqisiisuun dhaloota dhufuuf biyya fooyya’aa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Shaaron Amanaawuu waltajjiin kun yaada lammiilee Itoophiyaa hundaa ifatti kan calaqqisu ta’uu dubbataniiru. Bakka hirmaattonni yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi garaagarummaa dhiphisuu fi hubannoo walootti dhufan ta'uu ibsiteetti. Hirmaattonni namootaa fi jaarmiyaalee kutaalee biyyattii adda addaa bakka bu’an waltajjii tokko irratti walga’uun isaanii tokkummaa biyyaalessaa daran kan ijaaru ta’uu obbo Sir’aat Sangireetiin ibsaniiru. Mariin waloo Itoophiyaa karaa bakka bu’oota isaanii taasifamu biyya waloo isaanii waliin ijaaruuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Kutannoo Ummanni Itoophiyaa Sirna Diimokraasii Ijaaruuf Qabu Qabatamaan Kan Mirkaneesseedha
Aug 2, 2026 843
Adoolessa 26/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaan kutannoo ummanni Itoophiyaa sirna diimokiraasii ijaaruuf qabu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin turtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiinis, filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti kan gaggeeffamee fi ummatnis osoo hin nuffiin sa'aatii dheeraa hiriiree sagalee isaa kenne ta'uu eeraniiru. Filannoon agarsiistuu sirna diimokiraasiiti kan jedhan Ministirri Muummeen filannoon karaa ummatni mootummaa diimokraatawaa ijaaruuf kutannoo qabu ittiin agarsiisu ta'uu isaas dubbataniiru. Lammiileen miiliyoona 54 ol ta'an adeemsa filannoo kana irratti hirmaachuun isaanii waan baay'ee akka barannu nu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummeen, nageenya keenya akka sakattaanu, dhaabbilee keenya akka fooyyessinuu fi miira ummataa caalaatti akka hubannu nu taasiseera jedhaniiru. Kanaan booda Itoophiyaa keessatti karaa filannootiin ala karaa biraatiin aangoo itti argatan akka hin jirres eeraniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan aangoo karaa nagaa fi eeyyama ummataatiin qofa argachuun akka danda'amu kan agarsiise ta'uu eerun, filannichi hiika guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan dammaqsaas ture kan jedhan Ministirri Muummeen, lammiileen sagaleen dhukaasaa osoo itti dhaga'amuu, roobni, qorrii fi gufuuleen osoo isaan hin daangessiin gatii baasanii sagalee isaanii kennuuf tattaaffiin taasisan kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Filannichi Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaa irratti yaada faallaa dhaga'uuf qophaa'oo ta'uu dhabuu isaanii qabatamaan kan agarsiise ta'uus ibsaniiru. Ijaarsa biyyaa fi jiraachuun mootummaa faayidaan isaa maal akka ta'e dhaamsa guddaa kan dabarse ta'uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 1072
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Carraa Seenaa Keessatti Argamee, Biyya Waloo fi Nageenya Waaraa Ijaaruuf Dandeessisudha - Dr. Biraanuu Leenjisoo
Jul 30, 2026 900
Adoolessa 23/2018(ENA) : Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru biyya waloo, tasgabbii fi nageenya waaraa qabdu ijaaruuf carraa guddaa seenaa keessatti argame ta'uu Oggeessi Saayinsii Hawaasaa Dr. Biraanuu Leenjisoo ibsan.   Dr. Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, biyyi tokko kan ijaaramuu danda'u marii fi waliigaltee lammiilee fooyyessuun waan ta'eef, adeemsi kun bu'uura cimaa ijaarsa biyyaati jedhani. Itoophiyaa keessatti aadaan marii fi wal dhaggeeffachuu kan hin guddanne ta'uu kan eeran Dr. Biraanuun, seenaa siyaasaa darbe keessatti wal-amantaa fi garaagarummaa keessatti furmaata waliinii barbaaduu caalaa walitti bu'iinsatu baay'inaan calaqqisaa ture jedhaniiru. Kanaafuu, jalqabbiin aadaa marii kanaa guutummaan guutuutti rakkoo hunda yoo furuu baateyyuu, marii jalqabuun mataan isaa injifannoo fi milkaa'ina guddaa akka ta'e eeran. Komishinii Marii Biyyaalessaatiin dhimmoota seenaa fi ajandaa dhiyaatan irratti mari'achuu fi uummata gara waliigaltee walootti fiduuf adeemsi taasifamaa jiru kun haalaan barbaachisaa dha jedhaniiru. Biyya mariin keessatti hin dagaagiinii fi waliigaltee uummataatiin hin ijaaramiin keessatti sirna dimookiraasii bu'uureessuuf adeemsi marii kun mataan isaa bu'aa guddaa ta'uu fi wal-hubannoo waloo uumuu irratti gahee murteessaa akka qabu himaniiru. Itoophiyaan biyya sab-daneessaa, aadaa-daneessaa fi afaan-daneessaa ta'uushiitiin, uummatoonni biyyattii dhimmoota ijoo irratti waliigaltee waloo uumuu fi waan waloo tokko wajjin ijaaruun murteessaa akka ta'e eeraniiru. Yeroo amma kana rakkoolee jiran hiikuun kan danda'amu mari'achuun malee akka jaarraa 19ffaa humnaa fi afaan qawweetiin ijaarsa biyyaa itti fufuun akka hin danda'amne Dr. Biraanuun hubachiisaniiru. Rakkoolee fi wal-waraansa seenaa waggaa baay'ee ture hundee irraa furuudhaan biyya tasgabbii, nageenyaa fi misooma qabdu fiduuf jalqabbiin marii aadaa godhachuun amma jalqabame abdachiisaa ta'uu dubbataniiru. Mariin biyyaalessaa kun adeemsa isaatiinuu bu'aa guddaa kan qabudha; sababni isaas Itoophiyaa keessatti wajjin gadi taa'anii dubbii hiikuun aadaa waan hin ta'iniif, aadaa marii jalqabuun waan guddaa ta'uu himaniiru. Hanqinaaleen gara garaa mul'atanis, jalqabbii kana xiqqeessanii ilaaluu osoo hin taane, muuxannoo irraa argachaa fi hanqina jiran hiikaa deemuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Ijaarsa biyyaa keessatti hayyoonni siyaasaa wajjin gadi taa'anii mari'achuun, mul'ata waloo kaayyachuufi biyya eenyummaa lammiilee wal-qixxummaatti bakka bu'u ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Seenessi biyyattii seenessa gara tokkotti qofa deebi'ee osoo hin taane, seenessa uummattoota biyya kanaa wal-qixxummaan calaqqisiisu ta'uu danda'uu qabas jedhaniiru. Jalqabbii marii kana kunuunsuudhaan, rakkoolee fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessaa deemuun biyya tasgabbii fi badhaatuu ijaaruun ni danda'amas jedhaniiru. Itoophiyaa keessatti abdiin marii biyyaalessaa irratti kaa'ame guddaa waan ta'eef, dogoggora malee waan hundumaa raawwachuuf eeguu caalaa, yaalii fi adeemsa keessa sirreessaa deemuun amala marii ta'uu akka qabu dubbataniiru. Aadaa siyaasa wal-mari'achuu hin baratamne keessaa gara marii fi wal-dhaggeeffachuutti ce'uun adeemsa barumsa guddaa biyya fayyadu ta'uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera
Aug 4, 2026 302
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera. Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru.   Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru. Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru. Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru. Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru. Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Bara baajataa xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo galmeessisteetti
Aug 4, 2026 173
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bara baajataa 2018 xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo kan galmeessite ta’uun ibsameera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Kilaastara Misooma Hawaasummaarratti raawwii bara baajataa 2018 fi karoorra bara baajataa 2019 irratti mari’ateera. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi bakka bu’aan qindeessaa Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Yohaannis Caalaa akka ibsaniitti; kilaastarichi bara baajataa 2018 qindoominaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu raawwateera. Hojiiwwan dhaabbata tokko qofaan eegalmanii xumuramuu hin dandeenye fi tumsa dhaabbilee biroo gaafatan walitti qindaa’anii karoorfamanii, waliin gamaggamamuun bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu isaanii yaadachiisaniiru. Haaluma kanaan bara baajataa xumurameetti fayyaa, barnoota fi dameewwan hawaasummaa biroo keessatti uummata fayyadamaa kan taasisan hojiwwan hedduun qindoominaan bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu eeraniiru. Sirni qindoomina kanaa dhaabbilee hundaaf dandeettii kan uumuu fi muuxannoo gaarii ta’uu isaatiin, fuuldurattis dameewwan hundatti cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. Itti aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallaasaa bara barnootichatti milkaa’owwan galmaa’an akka milkaa’an Kilaasatarri Misooma Hawaasummaa gahee ol’aanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Kilaastarichi fayyaa barattootaa, nyaata, qulqullina barnootaa fi leenjii akkasumas to’annoo waliin hojiwwan raawwataman saffisiisuuf gumaacha ol’aanaa gumaachuu isaa eeraniiru. Kanaanis bara baajataa xumurameetti dhaabbilee barnootaa hunda keessatti adeemsi barsiisuu fi barachuu tasgabaa’aa, nagaa fi mijataa ta'e akka jiraatu dandeessiseera. waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Obbo Mollaa Nugus gama isaaniitiin, bara baajatichaatti damee hawaasummaatiin bu'aan olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Bara baajataa 2019ttis bu'aawwan ol’aanoo galmaa’an itti fufsiisuuf bu'aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba hubachiisaniiru.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiheessii Mana jireenyaa guddisuuf sagantaaleen garagaraa hojiirra oolaa jira
Aug 4, 2026 222
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiyeessii Mana jireenyaa dabaluuf sagantaalee gara garaa hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Konsitiraakshinii Bulchiinsichaa beeksise. Biirichi waggoota lamaan darban keessatti manneen waliin jireenyaa 367 ijaare har’a abbootii carraatiif dabarseera.   Itti Aanaan Biirichaa Obbo Iimaaj Abdallaa gamasaaniin fedhii mana jireenyaa Magaalichaatti dabalaa dhufeef deebii kennuuf biirichi hojjechaa jiraachuu ibsanii,manneen waliin jireenyaa ijaaruun hawaasaaf haala haqa qabeessaan dabarsuun cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Guyyaa har’aas Manneen waliin jireenyaa 367 carraan isaanii sirna dijitaalaatiin baafamee warra qusataniif dabarfamuusaa dubbataniiru. Hogganaan Waajjira kantiibaa Bulchiinsichaa Obbo Kadir Aliyyii gama isaaniitiin bulchiinsichi abbootii qabeenyaa fi hawaasa tajaajila lammummaan qindeessuun manaa haaraa ijaaruu fi kan durii haaromsuu raawwachuusaa eeraniiru. Gaaffii ijaarsa mana barsiisotaaf deebii kennuuf Baankii waliin walqabsiisuun hojjetamuu ibsanii, misooma manaa cimsuudhaan sirna 10/90 fi 20/80n saffisaa fi qulqullinaan keessummeessuuf ciminaan akka kan hojjetu ta'uu mirkaneessaniiru. Namoota carraa manaa argatan keessaa jiraataan ganda 08 Obbo Shiibaan Amee fi jiraataa ganda 04 Obbo Gannanaa Haayiluu bulchiinsichi dhiheessa manaa guddisuuf adeemsi inni deeme gaaffii ummataa deebiseera jedhaniiru.
Bu'aa waloo Bulchiinsota Magaalaa Finfinnee fi Shaggar
Aug 1, 2026 691
Adoolessa 25/2018 (ENA): Bulchiinsonni Magaalaa Finfinnee fi Shaggar bara bajataa 2018tti qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisuurratti qindoominaan hojiiwwan hojjetaniin bu'aa gaarii galmeessuun isaanii ibsame. Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar raawwii hojii nageenyaa waloo bara bajataa 2018 fi karoora waloo bara bajataa 2019 irratti waltajjii marii gaggeessaniiru. Waltajjii kana irratti hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Lidiyaa Girmaa; Bulchiinsonni magaalaa lamaanii dhimmoota sektera nageenyaa irratti waliin hojjechuu danda'an irratti kanaan dura walii galtee uumuu isaanii ibsaniiru. Waliigaltee kana bu'uura godhachuudhaan bara bajataa 2018 jalqaba irratti karoora nageenyaa fi tasgabbii waloo qopheessuudhaan gara hojiitti galuu isaanii dubbataniiru. Hojii qindoominaa raawwatamee fi hojii yakka ittisuu ummata giddu-galeessa godhateen, sadarkaan yakkaa bara darbee waliin yeroo madaalamu xiqqaachaa dhufuusaa ibsuun hojiin qindoominaa kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru.   Gama biraatiin,itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Guyyoo Galgaloo; Magaalaawwan lamaan akkuma waliin karoorfatanitti sochiiwwan seeraan ala ta'an fashaleessuu irratti hojiin milkaa'ina qabu hojjechuu isaanii dubbataniiru. Qaamolee nageenyaa sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti jiran qindoominaan sochoosuun, karoora fi qajeelfama waliinii qopheessuudhaan sodaa nageenyaa hojii dursanii ittisuun fashaleessuun akka danda'ame dubbataniiru. Dabalataanis, bara 2018 keessatti hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwataman bu'a-qabeessa ta'uu isaanii eeruudhaan, qindoominni kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Kana malees, bulchiinsonni magaalaa lamaan bu'aawwan gaarii bara bajataa 2018 keessatti galmeessan bu'uura godhachuudhaan, bara bajataa 2019 keessatti hojiiwwan caalan waloon raawwachuu dandeessisu sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaan uwwifameera
Aug 5, 2026 32
Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaatiin dhaabamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Geetuu Gammachuu Naannichatti teeknooloojii fi hojmaata qonnaa bal’inaan fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru.   Bara oomishaa kanatti lafa heektaara miiliyoona 11.1 ol misoomsuun kuntaala miiliyoona 380 fi kuma 659 ol oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafti heektaara miiliyoona 10 fi kuma 199 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu isaa hubachiisuun, kana keessaa lafti heektaara miiliyoona 8 fi kuma 259 ol sanyii filatamaan olaanaa qabu adda addaatiin misoomuu isaa hubachiisaniiru. Fayyadamummaa qonnaan bulaa misooma kana irraa argamu guddisuuf, qophii lafaa irraa eegalee, fooyya’iinsa ogummaa fi leenjii hubannoo bal’aan kennameera jedhan obbo Geetuun. Akkasumas ogeeyyii qonnaatiin deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa akka jiru himaniiru. Misooma kana keessatti baay’inaan boqqolloo, qamadii, garbuu, fi midhaan gurguddoo biroo akkasumas sanyii zayitaa adda addaa bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.   Omishaa fi omishtummaa guddisuuf galteewwan bal’inaan kan dhiyaatan ta’uu kan ibsan hogganaan kun, bara oomishaa kanatti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, karaa waldaalee hojii gamtaa fi yuniyeenotota naannichaatiin kuntaalli miiliyoona 9 fi kuma 864 fi 569 qaqqabuu isaa ibsaniiru.   Itti dabaluunis hojii hanga ammaatti hojjetameen qonnaan bultootaaf kuntaalli miiliyoona 6 fi kuma 787 ol raabsameera jedhani. Kana malees, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf kuntaala kuma 673 fi 368 kenname keessaa sanyii filatamaa adda addaa kuntaala kuma 627 fi 953 wabii nyaataa mirkaneessuuf ooluu isaa ibsaniiru. Itti dabaluudhaan oyiruu qonnaan bultootaaf sanyii kuntaala kuma 948 fi 749 qophaa’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Imala wabii nyaataa milkaa’ina qabatamaatti jijjiirame
Aug 5, 2026 53
Buusaa Gonofaa Oromiyaa ergama ijoo Naannoo Oromiyaa keessatti qormaatilee uumamaa fi namtolchee tasa mudatan humna waloo hawaasa bal’aa hirmaachiseen walirraa qolchuu bu’uura godhatee hojjechaa jira. Buusaa Gonofaa duudhaa keenya ganamaa iddootti deebisuuf hojjechaa jira. Gama biraan; Buusaa Gonofaa Oromiyaa deeggarsaan olitti ceesisuun akeeka galma biyyoolessaa kan ta’e yaadama deeggarsa namoomaa humna ofiin-kabajaa fi birmadummaa hunda galeessaaf, jedhu dhugoomsuuf hojjechaa jira.   Haaluma kanaan qabeenya uumamaa naannoo keenya keessatti argamu sakatta’uudhaan lafa qonnaa tajaajila malee lafa bulaa jiru irratti abbummaa itti fayyadama lafaa mirkaneeffachuun maashinarii qonnaa humna namaan dabaaluun Godinaalee Oromiyaa haala mijataa qaban keessatti invastimantii qonnaa gaggeessuu irratti argama. Bu’uuruma kanaan invastimantii qonnaa kilaastara Lixaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Luugoo Baadiyyaatti akaakuu midhaan Boqqoolloo bara oomishaa 2018/19 tiif lafa heektaara dhibba afurii olirratti faca’ee jiru ogeeyyii qonnaa wiirtuu irratti argamaniin haala gaariin kunuunfamaa kan jiruu kan abdii namatti horudha.   Imala birmadummaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf biyyi keenya tattaafachaa jirtu fiixa baasuuf hojii fakkeenyummaa qabu raawwachaa kan jiruu fi fuula duraafis Godinaalee biroo keessatti hirmaannaa qooda fudhattootaan daran babal’isuuf sochii gochaan dabaalame mul’saa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Harariitti caarraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e dagaagsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama
Aug 4, 2026 213
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Naannoo Harariitti Carraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu fi aadaa hojii guddisuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduun mana maree carraa hojii uumuu naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsan. Manni Maree Carraa hojii Uumuu Naannichaa gabaasa raawwii hojii caraa hojii uuminsa bara baajataa 2018 fi karoorri bara baajataa 2019 irratti mari'ateera. waltajjicharratti rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa hiikuufi carraawwan hojii dhaabbataa haaraa uumuuf xiyyeeffannoon kennamamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Carraa hojii Uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu akkasumas aadaa hojii fi hubannoo hojii barbaaddotaa bal’isuun kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa keessaa tokko ta’uu Aadde Roozaan dubbataniiru. Keessattuu gabaarratti kan barbaadamaniifi leenjii dandeettii kennuu irraa kaasee aadaa hojii lammiilee guddisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Bara baajataa 2019 karoora milkeessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti hanqinoonni mudatan qolachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban ibsanii; qaamni dhimmi ilaalu qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Hogganaan biiroo Misooma Industirii fi Intarpiraayizii Naannichaa Obbo Ismaa'il Yuusuuf gabaasa dhiyeessaniin naannichatti carraa hojiii uumuun fi leenjii ilaalchisee qaamota michootaa, mootummaa fi seektaroota dhuunfaa wajjin qindoominaan hojjetamaa turuu eeraniiru. Bara baajataa xumurame keessas baadiyyaa fi magaalattiif lammiilee qonnaan, industirii, tajaajiltootaa fi bobbii hojii biyya alaa keessatti carraawwan hojii dhaabbiin kuma 11 mijaa’uunsaa ibsameera. Carraa hojii uumameenis keessattuu dargaggoota, dubartoota, qaama miidhamtootaa fi lammiileen godaansarraa deebi’an fayyadamoo taasisuun danda'amuu eeraniiru.
Itoophiyaan Qabeenya Albuudaashee Utubaa Dinagdeeshee boruu taasisaa jirti- CNN
Aug 4, 2026 214
Gaazexeessituun CNN Viktoriyaa Ruubidaari gabaasa ishee Itoophiyaarratti xiyyeeffateen, biyyattiingaarawwan ishee irraa warqee dabalatee oomishoota Albuudota sibiilaa gurguddaa omishuuf tattaaffiin taasisaa jirtu arguushee dubbatteetti. Gabaasa ishee keessatti, Itoophiyaan damee Albuudaan madaalli humna olaanaa ta’uu akka barbaaddu ibsuun, pirojektiin warqee Kurmuk Naannoo Benishaangul Gumuzitti argamu invastimantii Albuuda Itoophiyaa keessatti argaman gurguddaa caqasamu ta’uu dubbatte. Lixa Itoophiyaatti gaarawwan magariisa uffatan gurguddoo irratti qabeenyi warqee doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisan akka jiranii fi industiriiwwan haaraan mul’achaa jiraachuusaanii dubbatteetti. Lafa irratti ogeeyyiin ijaarsaa fi Albuuda baastootni kumaatamaan lakkaa’aman ijaarsa warshaa Albuuda warqee guddaa Itoophiyaa keessatti ijaaraa jiraachuusaanii ibsiteetti. Ogeessi Albuudaa fi ji’oolojii bakkichatti argamu hojii qulqulleessa albuudaa fi warqee gaggeessaa akka jiru ibsiteetti. Gaazexeessituun kun adeemsa qulqulleessa warqee fi oomishtummaa ilaalchisee ogeeyyii irraa ibsi argachuushee addeessiteetti. Adeemsichi warqee argachuu baay’ee ulfaataa fi dadhabsiisaa ta’uu isaa ibsitee, ta’us carraan sun bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu dubbatteetti. Warqee biyya alaa erguun qulqulleessuurra, warshaan albuuda warqee Kurmuk pilaantii qulqulleessuu kan mataa isaa qabaachuu isaa daawwannaasheen hubachuushee addeessiteetti. Gaazexeessituun CNN Viktooriyaa Ruubidaari warqeen galii daldala alaa biyyattii isa guddaa ta'aa dhufuusaa ibsiteetti. Waggaa darbe galiin daldala alaa warqeedhaan argame olaanaa ta’uu isaa dubbatteetti. Ruubidaari barbaacha irraa hanga oomishtummaatti torbanoota dhihootti gara Marsariitiitti kan dhufu ta’uu ibsitee, kunis karoora industirii Itoophiyaa ifatti kan argisiisuu fi Itoophiyaan qabeenya albuudashee utubaa dinagdee egeree gochaa akka jirtu CNN gabaasa isaatiin hubachiiseera.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 38
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu.   Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan birmadummaan dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Aug 5, 2026 47
Adoolessa 29/2018 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Imala jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane pirojektiin "Faayidaa Varsi" gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna banininsa piroojektii kanaa sababeeffachuun akka jedhanitti; Pirojektiin "Faayidaa varsi" hojii eegaluun isaa tarkaanfii seena qabeessa Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa isheef kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha.   Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waggoota muraasa darban keessatti lafee dugdaa dinagdee dijitaalaa biyyattii ta’ee ijaaramuu isaa hubachiisuun, akkasumas hanga ammaatti lammiileen miliyoona 50tti siqan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Kunis waraqaa eenyummaa biyyaalessaa miiliyoona 13 ol kennuu, tajaajila mirkaneessa eenyummaa miiliyoona 160 ol kennuu, bu’uuraalee eenyummaa dijitaalaa damee dinagdee tarsiimoo 13 keessatti hundeessuun kan dabalatudha. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa maqaa “Faydaverse” jedhuun Invastimantii Itoophiyaa Holdingis jalatti akka dhaabbata misooma mootummaatti irra deebiin gurmaa’uu ibsaniiru. Sagantaan kun giddugala bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa Itoophiyaa mataasaa danda’e ta’ee akka tajaajilu hubachiisaniiru. Pirojektichi bara 2030tti oomisha biyya keessaa (GDP) Itoophiyaa dhibbeentaa 6’n dabaluu fi bu’aa diinagdee kallattiin doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Tajaajilli kun karaa ‘application FaydaPass’ fi oomishaalee dijitaalaa ammayyaa birootiin kan kennamu yoo ta’u, kunis dhaqqabummaa fi dandeettii furmaataa tajaajilichaa haalaan kan dabalu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis yeroo keenyatti daataa utubaa dinagdee fi birmadummaa ijoo waan ta’eef teeknooloojiiwwan nageenya saayibarii ammayyaa fi imaammattoonni bulchiinsa daataa ciccimoon itti fufiinsaan hojiirra oolchuun nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Teeknooloojiin hawaasa baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhuu, qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf gargaaruu akka qabu ibsaniiru. Hubannoo dijitaalaa lammiilee guddisuun qaama ijoo tarsiimoo ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa(“Digital Ethiopia 2030”) jedhuun walsimsiisuun muuxannoo bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa biroo waliin qooddachuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis tumsa ardiilee fi dippilomaasii dijitaalaaf bu’uura cimaa akka ta’u ibsaniiru. Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa akka fandii qabeenya birmadumaa biyyattiitti qabeenya biyyaalessaa haala bu’a qabeessa ta’een bulchuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. “Fayidaa varsi” maatii kanatti makamuun isaa tarkaanfii seena qabeessa eenyummaan dijitaalaa akkuma daandii, humnaa fi telekoomii bu’uuraalee tarsiimoo murteessaa ta’uu isaa mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ogeessota teeknooloojii, hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettootaa fi michoota misoomaa milkaa’ina kana dhugoomsuuf gumaachan galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti
Aug 4, 2026 206
Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.   Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan. Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.   Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan. Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 1110
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2817
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 4184
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 32
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti.   Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasaa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.
Aug 3, 2026 430
Adoolessa 27/2018 (ENA): ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee himan. Sagantaan dhaabbii biqiltuu miliyoona 800 guyyaa tokkoo dhaabuuf mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffame ganama keessaa sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffameera. ENA’n Hogganoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii fi Aanaa 6 waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabaniiru. Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee akka ibsanitti, dhaabbatichi sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiin yeroo sadaffaaf biqiltuu dhaabuu isaa eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu har'a gaggeeffame irrattis hooggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraattis biqiltuu dhaabaman kunuunsuu hojiin akka itti fufu dubbataniiru. ENA’n milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaatiif hawaasa dammaqsuu fi kakaasuu bira darbee qabatamaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Hojii raawwachiisaan Aanaa 6 obbo Alamaayyoo Margaa akka jedhanitti, hirmaattoonni aanichaa halkan irraa jalqabee sagantaa ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsan. Hirmaannaan jiraattoonni aanichaa sagantaa ashaaraa magariisaa irratti yeroo yeroon taasisan dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Alamaayyoon, fuulduraattis kanuma cimsinee itti fufsiisna jedhaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sochii olaanaadhaan jalqabamee hawaasni hundi ba'ee biqiltuu dhaabaa ooluu kan dubbatan immoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Komuniikeeshinii Kutaa magaalichaa Qiddist Nigaatuu ti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Akkaataa Miidiyaaleen Idil Addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu gabaasaa oolan
Aug 3, 2026 286
Har’a sagantaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf guutummaa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa jiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa kan turan yoo ta'u, ashaaraa magariisa isaanii dhaabaniiru. Ministirri Muummee ergaa yeroo sana dabarsan keessatti biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree boruu fi egeree ijoollee keenyaati jedhani. Itoophiyaanonni tokkummaa fi tumsaan galma biyyaalessaa kaa’an galmaan akka ga’anis waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa isheetiin guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf galma qabatte xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa hedduu hawwateera. Akka gabaasa CGTN Chaayinaa baaseetti, waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan hordofuun, lammiileen Itoophiyaa hundi duula biqiltuu dhaabuu kana irratti xiiqii guddaan hirmaachaa jiru jedha. Itoophiyaan qophii bal’aa hordofuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guutuu biyyaatti biqiltuu miiliyoona 800 ta’u guyyaa tokkotti milkaa’inaan raawwachuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni kun ibseera. Aljaziiraan Qaxar gama isaatiin duulli dhaabbii biqiltuu adda ta’e kun qophii Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) 32ffaa bara 2027 gaggeeffamuuf taasiftu haalaan kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu ibseera. Gaazexaan Kooriyaa Poostiin Rippabiliika Kooriyaas duulli seena qabeessa kun sochii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa biyyattii saffisiisuu keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Miidiyaan ‘Somaaliyaa Horn Diplomat’ akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorri qabdu mancaatii bosonaa to’achuuf, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf, hirmaannaa ummataa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsa. Gaazexaan Kuubaa ‘Prensa Latina’ akka gabaasetti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu hamma sanaa dhaabuun milkaa’ina seena qabeessa kan biraa fi milkaa’ina galmaan ga’aa jirti jedha. Dhaabbiin biqiltuu kun ilaacha dippilomaasii Itoophiyaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane, suuraa biyya keessaa ishee mul’isuu isaa Asoosheetid Prees Paakistaan gabaaseera. Imbaasiin Itoophiyaa Paakistaan jirus dhaabbiin biqiltuu kun kaayyoo biyyattii deeggaruun michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiiseera. Kan Yugaandaa Charmaar sochiin waggaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma qabattee eegalte kun sadarkaa addunyaatti misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannootiif agarsiistuu fi fakkeenya guddaa ta’uu hubachiise. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 29334
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15727
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15685
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015