ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hojiin dhaloota beekumsaan guddate horachuu hojjetamaa jiru cimee itti fufa
Mar 22, 2026 103
Bitootessa 13/2018 (ENA): Milkaa’ina imala badhaadhina biyyattiif dhaloota beekumsaa fi qorannoon guddate horachuu hojiin cimee itti fufa jedhan Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin. Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Meedikaalaa Yuunivarsiitii Haramayaa barattoota damee barnoota fayyaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa leenjisaa ture 616 eebbiseera. Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Hararii fi keessummaan kabajaa guyyichaa Ordin Badirii; Hojiin humna namaa gahumsaa fi barate oomishuuf imala biyyattii gara badhaadhinaatti taasiftu milkeessuuf murteessaa dha jedhani. Dhaloota beekumsaa fi qorannoodhaan guddate oomishuuf hojiin hojjetamaa ture cimee itti fufa jedhaniiru. Eebbifamtoonnis yeroo yunivarsiiticha keessa turtan beekumsa ti'ooriidhaan argattan hojiitti jijjiiruun hawaasa tajaajiluu qabdu jedhan. Pireezdaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dr. Jamaal Yuusuf akka himanitti ; Yuunivarsitichi humna namaa qulqullina qabu kan baratee fi biyyattiin barbaaddu oomishuuf adda durummaan hojjechaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi yeroodhaa gara yerootti dandeettii isaa babal’isuun barsiisa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bal’aa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Eebbifamtoonni gumaacha dhalootaaf bu’aa buusu gochuun egeree biyyattii ifa taasisuuf itti gaafatamummaa ogummaa isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa argatanitti fayyadamuun hojii biyyaaf bu’aa buusu hojjechuu qabu
Mar 22, 2026 76
Bitootessa 13/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsa argatan hojiitti jijjiiruun hojii ummataa fi misooma biyyaaf bu'aa buusu hojjechuu akka qaban ibsame. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota 1,266 sagantaalee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan guyyaa har'aa eebbisiiseera. Itiyoophiyaa keessatti misooma nageenyaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf barattoota beekumsa, ogummaa fi naamusa gaarii qaban oomishuuf dursi kennamaa jira jedhan Ministeera Barnootaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Doktar Saraawwit Handisoo. Bu’a qabeessummaan barnootaa irra caalaa barattoonni beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun guddina hawaasaaf furmaata maddisiisuudhaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf barattoonni eebbifaman beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan ummataa fi biyya fayyadan raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru. Keessattuu qabeenya naannoo isaanii dameewwan diinagdee biyyaalessaa adda addaa waliin walqabsiisuudhaan carraa hojii uumuu fi of jijjiiruuf carraaquu akka qaban dubbataniiru. Barattoonni carraaqqii guddaa booda eebbifamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Tamasgeen Dabaloo yuunivarsitichi qorannoo ergama isaa deeggaru gaggeessuun qabeenya biyya keessaa madda qabeenya hawaasaa taasisuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru. Yuunivarsiitichi barattoota kuma 14 ol sagantaalee barnootaa adda addaa damee baruu barsiisuutiin leenjisaa kan jiru yoo ta’u, har’a yeroo 15ffaaf barattoota kuma 1 fi 266 digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan leenji’an eebbisuun isaa ni yaadatama. Barattoota eebbifaman keessaa kutaa Baayooteknooloojii irraa meedaaliyaa kan badhaafamte shamarree Musliim Lammaa barnoota qofa irratti xiyyeeffachuun milkaa'uu akka dandeesse dubbattetti. Beekumsa argatte itti fayyadamtee ummataa fi biyya fayyaduu kan itti fuftu ta’uu himteetti. Kutaa barnoota Faarmaasii irraa meedaaliyaa kan badhaafame Tashoomaa Anaa, beekumsa argate hawaasa isaaf qooduu fi ummata tajaajiluuf akka hojjetu himeera.
Guddina ariifachiisaa qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu dha.
Mar 22, 2026 70
Bitootessa 13/2018 (ENA): Guddina saffisaa damee qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Baanglaadish Ervas Maarshaal Sitwat himani. Baanglaadish damee kanarratti Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu guddisuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaaf haala ikoloojii mijataa ta’een kan eebbifamte yoo ta’u, qonna keessumaa qamadii ajandaa tiraanisfoormeeshinii diinagdee ishee giddu galeessa godhachaa jirti jedhan. Biyyattiin waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa, babal’ina misooma jallisii, sirna sanyii fooyya’aa fi sochii bal’aa ta’een guddina ajaa’ibaa galmeessitee jirti jedhan. Itiyoophiyaani sagantaa misooma qamadii jallisii Bonaa bal’inaan eegaluun oomishtummaa qamadii guddisuutti jirti. Haala kanaan biyyattiin jijjiirama qonnaa naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti kan jedhan, karaa wabii nyaan of danda’uun qofa osoo hin taanee al ergiifis fayyadamaa jiraachuu himaniiru. Ambaasaaddarichi seenaan milkaa’ina misooma qamadii mul’ata misooma bal’aa Itiyoophiyaa agarsiiftuu guddaa ta’ee kuni, mootummaan muuxannoo isaa biyyoota Baha Afrikaa waliin qooduuf hojjechaa jira jedhani. Itiyoophiyaan qonna bira darbee gara anniisaa haaromfamuutti ce’uuf kaayyoo guddaa qabdu kan galateeffatan ambaasaaddarichi, kun biyyoota guddachaa jiraniif akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka danda’u himaniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota humna bishaanii gurguddaa kan akka hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun anniisaa qulqulluu wiirtuu tarsiimoo misoomaa akka taasifte ibsaniiru. Invastimantii humna qilleensaa fi aduu babal’isuun filannoo anniisaa babal’isaa jiraachuus hubachiisaniiru. Gama biraatiin ammoo, Baanglaadishii fi biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamummaa waloo ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni guddachaa jiran faalama qilleensaaf gumaachi isaanii xiqqaa ta’us, dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’uu isaanii, haqa dhabuu kana jijjiiruuf waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sagalee waloo isaanii cimsuu qabu jedhan. Kanaafuu, gaasiiwwan manaa gadi lakkifaman hir’isuun egeree waliiniif tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf yeroon sirrii ta’uu himaniiru.
Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jira
Mar 22, 2026 95
Bitootessa 13/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu ime. Yuunivarsiitiin Samaraa har’a barattoota 987 damee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbiseera. Yuunivarsitichi har’a barattoota 987 digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbisuu isaa kan beeksise yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota dha. Sirna eebbaa kana irratti eebbifamtoonni har'aa beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turan keessatti argataniin biyyaa fi ummata tajaajiluu akka itti fufan ibsameera. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, hojimaata dhaabbilee fooyyessuu fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Tuurizimii fi walitti qabaan Boordii Yuunivarsiitii Samaraa obbo Silashii Girmaa sirna eebbaa kanarratti kan argaman yoo ta’u, yuunivarsiitichi waggoota darban keessa rakkoo hawaasa tikfattoota naannoo sanaa furuuf hojiilee adda addaa raawwachuusaa ibsaniiru. Hawaasni horsiisee bultootaa qorannoo dabalatee hojiiwwan hojjete irraa fayyadamoo ta’uu fi jireenyi isaanii fooyya’uu ibsaniiru. Obbo Silashiin akka himanitti, yuunivarsitichi barnoota qabatamaa hojiirra oolchuuf adeemsa ce’umsaa irra jiraachuu eeruun, bara kana qormaata ba’umsaa qore keessaa dhibbeentaan 82 qormaaticha darbuun eebbaa kana kan qaqqaban hojii dhaabbatichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojjete irraa kan ka’e ta’uu dha jedhani. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii amaraa Dr. Mahaammad Usmaan gamasaaniitiin, yunivarsiitichi waggoota kurnan lamaaf hayyoota hojii hunda galeessa biyyattii keessatti gumaacha taasisan oomishuu ibsaniiru. Har’a barattoonni digrii tokkoffaa fi lammaffaa xumuran 987 kan eebbifaman yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni har'aa yeroo yunivarsiiticha keessa turanitti beekumsaa fi dandeettii horataniin hojii bu'a qabeessa ta'e raawwachuudhaan biyyaa fi ummata tajaajiluu itti fufuu akka qaban dubbataniiru. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, adeemsa dhaabbilee fooyyessaa fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru. Sirna odeeffannoo isaa haaromsuu fi haala gaariin qindeessuun bulchiinsa ofiin of bulchuu hojiirra oolchuuf adeemsa irra akka jirus eeraniiru. Yuunivarsitichi dubartoota horsiisee bultootaa 100 ol ta’aniif barnoota bilisaa kennuusaas eeraniiru. Yuunivarsiitichi dhaqqabummaa isaa guddisuuf naannolee adda addaa shanii fi naannoo Amaaraa magaalaa Baatii keessatti damee banuun hojii baruu barsiisuu isaa irratti hojjachaa jira jedhan. Hojii qorannoosaa cimsuu fi hojiiwwan misoomaa deeggaraa jiraachuus ibsaniiru. Sagantaa eebbaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Samaraa Loogiiyaa Abduu Muusaa fi maatiin eebbifamtootaa dabalatee keessummoonni affeeraman hirmaataniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee Pirojektoota misoomaa adda addaa Naannoo Amaaraa ni daawwatu
Mar 22, 2026 84
Bitootessa 13/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa pirojektoota misoomaa Naannoo Amaaraa daawwachuuf magaalaa Baahir Daar galaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Baahir Daar Dajjaazmach Balaay Zallaqaa wayita gahan Hogganaan Naannoo Amaaraa fi kaabineen isaanii, hoggantoonni Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar, abbootiin amantaa, jaarsolii fi jiraattonni magaalaa Baahir Daar simannaa ho'aa taasisaniiruufi. Magaalaa bareedduu Baahir Daar, eebba uumamaa, mallattoo nageenyaa fi bareedinaa, seenaa uumama lalisaa, Haroo Xaanaa fi laga ulfina qabeessa Abbayyaa walitti kan qabattetti argamneerra jedhani obbo Tamasgeen Xurunaan. Abbootii amantaas ta’e jiraattota magaalattiin simannaa isaan taasisaniifiif galata galchaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee turtii isaanii magaalaa Baahir Daar keessatti pirojektoota misoomaa adda addaa ni daawwatu.
Siyaasa
Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera.
Mar 22, 2026 148
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dhaabbanni Miidiyaa Dirree Dawaa Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan yaada isaanii ummata biraan akka gahataniif haala mijataan uumamuu beeksise. Paartileen yaada imaammataa isaanii ummata biraan gahachuuf filannoo dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa taasisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuus ibseera. Hogganaan Waliigalaa dhaabbatichaa obbo Xaahir Roobilee ENAtti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaatan buufataalee televijiinii fi raadiyoo dhaabbatichaa fayyadamuun yaada imaammataa filannoo isaanii ummata biraan akka gahatan taasisaa jirra jedhani. Yeroo qilleensaa buufataalee irratti hayyamameen alattis, karaaleen miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa imaammata isaanii walqixxummaa fi haqummaan beeksisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka hogganaan kun jedhanitti, dhaabbatichi waltajjiiwwan falmii paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaataniin gaggeeffamaa jiran ummata biraan gahaa jiraachuu himaniiru. Falmiin paartii biyya bulchaa jiruu fi paartileen siyaasaa morkattootaa dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti gaggeessan ummata bira akka dhaqqabamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yaadota filannoo paartilee ummataaf dhaqqabamaa taasisuun filattootni odeeffannoo argatan irratti hundaa’uun paartii barbaadaniif sagalee isaanii akka kennan ni gargaara jedhan. Leenjiin ijaarsa dandeettii kennameen paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan hundi haqa qabeessaa fi walqixxummaan akka tajaajilan taasiseera jedhan. Paartileen sa’aatii qilleensaa dhaabbatichi kennu hafetti fayyadamuun yaada isaanii ummata bira akka ga’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Itti fayyadamni yeroo Qilleensaa bilisaa Dimokiraasummaa Adeemsa filannoof qooda murteessaa qaba
Mar 21, 2026 543
Bitootessa12/2018(ENA)- Itti fayyadamni yertoo qilleensaa bilisaa dimokiraasummaa fi haqummaa filannoof qooda olaanaa qabaachuusaa Itti Aanaan walitti qabaa Boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Tasfaayee Niwaay ibsan. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa fi Hoggantoonni Paartiilee siyaasaa bakka argamnitti, haala itti fayyadamaa yeroo qilleensaa bilisaa paartiilee siyaasaa ilaalchisuun marii gaggeessaa jira. Saganticharratti obbo Tasfaayee Niwaay akka ibsanitti, Yeroon qilleensaa bilisaa Paartiileen Siyaasa sagantaa fi manufestoosaanii kan itti beeksisan waltajjii murteessaa ta’uu himaniiru. Hojmaatni kun adeemsi filannichaa Dimokiraatawaa, Ifaa fi haqa qabeessa ta’uusaa ibsituuwwan argisiisan keessaa tokkodha jedhaniiru. Boordichi Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun qajeeltoo yeroo qilleensaa bilisa ittiin hogganaman qopheessuun hojiitti galuusaa beeskiseera. Paartiileen kun yeroo qilleensaa bilisa miidiyaaleen isaniif kennamuu fi fuula gaazexaa hojii dadammaqsuu filannoof sirnaan akka itti fayyadamaniif waamicha dhiheessaniiru. Filannoo walii gala marsaa 7ffaaf hanga ammaatti lammiileen Miiliyoona 18 ol galmaa’uusaanii hubachiisaniiru.
Miidiyaaleen ijaarsa seenessa waloomaaf gumaacha taasisan cimsuu qabu
Mar 21, 2026 290
Bitootessa 12/2018 (ENA) - Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun gumaacha olaanaa ijaarsa seenessa waloomaaf taasisan cimsanii itti fufsiisuu akka qaban daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi dura taa’aan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Wiirtuun ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa leenjifamtoota marsaa jalqabaa eebbisiisaa jira. Miidiyaaleen meeshaa ijoo biyyi itiin ijaaramu ta’uusaanii Ambaasaaddar Reedwaan wayita kana hubachiisaniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun ijaarsa seenessa waloomsuuf gumaacha olaanaa taasisan cimsanii itti fufsiisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo ogeessa miidiyaa mul’ata biyyattii boruu, galmaa fi faayidaa biyyaalessaa sirriitti hubate horachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Leenjiin gaazexeessummaa xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalees beekumsaa fi ogummaa ogeeyyotaa gabbisuun faayidaa guddaa akka qabaatu himaniiru. Dabalataanis hojiiwwan qabiyyee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan maddisiisuun fayyadama ummataa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru. Faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi tokkummaan ummataa wiirtuu xiyyeeffannoo miidiyaalee ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira
Mar 21, 2026 268
Bitootessa 12/2018 (ENA)- Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira. Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiiirtuu ga’oomaa abbaa taayitichaatti mata duree “ga’umsi ogummaa ga’ooma miidiyaaleef” jedhuun qophaa’e gaggeeffamaa jira. Leenjii guyyoota 21’f kenname kanarratti gaazexessitoonni 36 hirmaataniiru. Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensonni koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi dura taa’aan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, de’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Kabbadaa Deesisaa fi daarektarri olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa saganticharratti argamaniiru. Ogeeyyonni miidiyaalee ummataa fi dhuunfaa leenjicha hordofanii xumuranis argamaniiru.
Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo
Mar 18, 2026 1121
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani. Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti. Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan. "Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha. Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 1745
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru. Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru. Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 2171
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru. Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru. Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru. Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 1406
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.

Hawaasummaa
Hojiin dhaloota beekumsaan guddate horachuu hojjetamaa jiru cimee itti fufa
Mar 22, 2026 103
Bitootessa 13/2018 (ENA): Milkaa’ina imala badhaadhina biyyattiif dhaloota beekumsaa fi qorannoon guddate horachuu hojiin cimee itti fufa jedhan Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin. Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Meedikaalaa Yuunivarsiitii Haramayaa barattoota damee barnoota fayyaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa leenjisaa ture 616 eebbiseera. Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Hararii fi keessummaan kabajaa guyyichaa Ordin Badirii; Hojiin humna namaa gahumsaa fi barate oomishuuf imala biyyattii gara badhaadhinaatti taasiftu milkeessuuf murteessaa dha jedhani. Dhaloota beekumsaa fi qorannoodhaan guddate oomishuuf hojiin hojjetamaa ture cimee itti fufa jedhaniiru. Eebbifamtoonnis yeroo yunivarsiiticha keessa turtan beekumsa ti'ooriidhaan argattan hojiitti jijjiiruun hawaasa tajaajiluu qabdu jedhan. Pireezdaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dr. Jamaal Yuusuf akka himanitti ; Yuunivarsitichi humna namaa qulqullina qabu kan baratee fi biyyattiin barbaaddu oomishuuf adda durummaan hojjechaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi yeroodhaa gara yerootti dandeettii isaa babal’isuun barsiisa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bal’aa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Eebbifamtoonni gumaacha dhalootaaf bu’aa buusu gochuun egeree biyyattii ifa taasisuuf itti gaafatamummaa ogummaa isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa argatanitti fayyadamuun hojii biyyaaf bu’aa buusu hojjechuu qabu
Mar 22, 2026 76
Bitootessa 13/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsa argatan hojiitti jijjiiruun hojii ummataa fi misooma biyyaaf bu'aa buusu hojjechuu akka qaban ibsame. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota 1,266 sagantaalee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan guyyaa har'aa eebbisiiseera. Itiyoophiyaa keessatti misooma nageenyaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf barattoota beekumsa, ogummaa fi naamusa gaarii qaban oomishuuf dursi kennamaa jira jedhan Ministeera Barnootaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Doktar Saraawwit Handisoo. Bu’a qabeessummaan barnootaa irra caalaa barattoonni beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun guddina hawaasaaf furmaata maddisiisuudhaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf barattoonni eebbifaman beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan ummataa fi biyya fayyadan raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru. Keessattuu qabeenya naannoo isaanii dameewwan diinagdee biyyaalessaa adda addaa waliin walqabsiisuudhaan carraa hojii uumuu fi of jijjiiruuf carraaquu akka qaban dubbataniiru. Barattoonni carraaqqii guddaa booda eebbifamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Tamasgeen Dabaloo yuunivarsitichi qorannoo ergama isaa deeggaru gaggeessuun qabeenya biyya keessaa madda qabeenya hawaasaa taasisuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru. Yuunivarsiitichi barattoota kuma 14 ol sagantaalee barnootaa adda addaa damee baruu barsiisuutiin leenjisaa kan jiru yoo ta’u, har’a yeroo 15ffaaf barattoota kuma 1 fi 266 digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan leenji’an eebbisuun isaa ni yaadatama. Barattoota eebbifaman keessaa kutaa Baayooteknooloojii irraa meedaaliyaa kan badhaafamte shamarree Musliim Lammaa barnoota qofa irratti xiyyeeffachuun milkaa'uu akka dandeesse dubbattetti. Beekumsa argatte itti fayyadamtee ummataa fi biyya fayyaduu kan itti fuftu ta’uu himteetti. Kutaa barnoota Faarmaasii irraa meedaaliyaa kan badhaafame Tashoomaa Anaa, beekumsa argate hawaasa isaaf qooduu fi ummata tajaajiluuf akka hojjetu himeera.
Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jira
Mar 22, 2026 95
Bitootessa 13/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu ime. Yuunivarsiitiin Samaraa har’a barattoota 987 damee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbiseera. Yuunivarsitichi har’a barattoota 987 digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbisuu isaa kan beeksise yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota dha. Sirna eebbaa kana irratti eebbifamtoonni har'aa beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turan keessatti argataniin biyyaa fi ummata tajaajiluu akka itti fufan ibsameera. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, hojimaata dhaabbilee fooyyessuu fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Tuurizimii fi walitti qabaan Boordii Yuunivarsiitii Samaraa obbo Silashii Girmaa sirna eebbaa kanarratti kan argaman yoo ta’u, yuunivarsiitichi waggoota darban keessa rakkoo hawaasa tikfattoota naannoo sanaa furuuf hojiilee adda addaa raawwachuusaa ibsaniiru. Hawaasni horsiisee bultootaa qorannoo dabalatee hojiiwwan hojjete irraa fayyadamoo ta’uu fi jireenyi isaanii fooyya’uu ibsaniiru. Obbo Silashiin akka himanitti, yuunivarsitichi barnoota qabatamaa hojiirra oolchuuf adeemsa ce’umsaa irra jiraachuu eeruun, bara kana qormaata ba’umsaa qore keessaa dhibbeentaan 82 qormaaticha darbuun eebbaa kana kan qaqqaban hojii dhaabbatichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojjete irraa kan ka’e ta’uu dha jedhani. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii amaraa Dr. Mahaammad Usmaan gamasaaniitiin, yunivarsiitichi waggoota kurnan lamaaf hayyoota hojii hunda galeessa biyyattii keessatti gumaacha taasisan oomishuu ibsaniiru. Har’a barattoonni digrii tokkoffaa fi lammaffaa xumuran 987 kan eebbifaman yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni har'aa yeroo yunivarsiiticha keessa turanitti beekumsaa fi dandeettii horataniin hojii bu'a qabeessa ta'e raawwachuudhaan biyyaa fi ummata tajaajiluu itti fufuu akka qaban dubbataniiru. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, adeemsa dhaabbilee fooyyessaa fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru. Sirna odeeffannoo isaa haaromsuu fi haala gaariin qindeessuun bulchiinsa ofiin of bulchuu hojiirra oolchuuf adeemsa irra akka jirus eeraniiru. Yuunivarsitichi dubartoota horsiisee bultootaa 100 ol ta’aniif barnoota bilisaa kennuusaas eeraniiru. Yuunivarsiitichi dhaqqabummaa isaa guddisuuf naannolee adda addaa shanii fi naannoo Amaaraa magaalaa Baatii keessatti damee banuun hojii baruu barsiisuu isaa irratti hojjachaa jira jedhan. Hojii qorannoosaa cimsuu fi hojiiwwan misoomaa deeggaraa jiraachuus ibsaniiru. Sagantaa eebbaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Samaraa Loogiiyaa Abduu Muusaa fi maatiin eebbifamtootaa dabalatee keessummoonni affeeraman hirmaataniiru.
Ayyaanni Shawaaliid haala tokkummaa Sab-daneessummaa jabeessuun ni kabajama
Mar 21, 2026 336
Bitootessa12/2018(ENA)-Ayyaanni Shawaaliid haala Nageenya, waloomaa fi tokkummaa Sab-daneessummaa dagaagsuun, akka kabajamu Waajjirri Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii beeksiseera. Waajjirichi ibsa baaseen Ayyaanni Shawaaliid Saba Hararii biratti Jaarraawan hedduuf kabajamaa kan turee fi wal-harkaa fuudhinasa dhalootaan Aadaa fi duudhaasaa eeggatee har’aan ga’uusaa ibseera. Duudhaa mallattoo addaa eenyummaa Ummata Hararii kan ta’e ayyaanni Shawaaliid Ayyanichaan olitti madda duudhaa hawaasummaa fi dinagdee Ummata Hararii ta’uusaa ibseera. Kabajni Ayyaanichaa Ayyaanota Aadaa duudhaa waliin jireenya ummata biyya keenyaa gabbisaa jiran keessaa tokko yoo ta’u, keessumaa kutaa Baha biyyattiitti wal-barumsa aadaa uumuun, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuu keessatti, gahee ijaarsaa bahachaa akka jiru waajjirichi ibsa baaseen beeksiseera. Kabajni Ayyaana Shawaaliid Sadaasa 25 bara 2016 irraa eegalee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniin (UNESCO)tti hambaa kiliyaa Addunyaa ta’ee galmaa’ee jira. Haata’u malee Ayyaanichi kan ummata Hararii qofa osoo hin ta’iin, kan guutuu Itiyoophiyaanotaa, isaan olittis qabeenya guutuu Addunyaa ta’ee akka argamu hubachiisaniiru. Ayyaanni Shawaaliid dameen Tuurizimii Naannichaa qofa osoo hin taane kan Itiyoophiyaa guddisuurratti Ayyaana faayidaa olaanaa qabudha. Ayyaanni Shawaaliid bara kanaa mata duree ‘”Shawwaliid tokkummaa Sab-daneesummaa fi guddina Turiizimii keenyaaf” jedhuun kabajama. Ayyaanni Shawaaliid bara kanaa haala Nageenya, waloomaa fi tokkummaa Sab-daneessummaa dagaagsuun, kabajamuuf qophiin taasifama jiraachuu beeksiseera. Ayyaanicharratti kutaaleen hawaasa adda addaa fi Naannoolee ollaa magaalittiitti agarsiisaa Aadaa, festivaalii fi daawwannaa hojiilee misoomaa dabalatee sagantaawwan adda addaa kan gaggeeffaman yoo ta’u, keessummoonni kutaalee biyyatti adda addaarraa dhufan ni hirmaatu jedhamee akka eegamu waajjirichi beeksiseera.
Diinagdee
Guddina ariifachiisaa qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu dha.
Mar 22, 2026 70
Bitootessa 13/2018 (ENA): Guddina saffisaa damee qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Baanglaadish Ervas Maarshaal Sitwat himani. Baanglaadish damee kanarratti Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu guddisuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaaf haala ikoloojii mijataa ta’een kan eebbifamte yoo ta’u, qonna keessumaa qamadii ajandaa tiraanisfoormeeshinii diinagdee ishee giddu galeessa godhachaa jirti jedhan. Biyyattiin waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa, babal’ina misooma jallisii, sirna sanyii fooyya’aa fi sochii bal’aa ta’een guddina ajaa’ibaa galmeessitee jirti jedhan. Itiyoophiyaani sagantaa misooma qamadii jallisii Bonaa bal’inaan eegaluun oomishtummaa qamadii guddisuutti jirti. Haala kanaan biyyattiin jijjiirama qonnaa naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti kan jedhan, karaa wabii nyaan of danda’uun qofa osoo hin taanee al ergiifis fayyadamaa jiraachuu himaniiru. Ambaasaaddarichi seenaan milkaa’ina misooma qamadii mul’ata misooma bal’aa Itiyoophiyaa agarsiiftuu guddaa ta’ee kuni, mootummaan muuxannoo isaa biyyoota Baha Afrikaa waliin qooduuf hojjechaa jira jedhani. Itiyoophiyaan qonna bira darbee gara anniisaa haaromfamuutti ce’uuf kaayyoo guddaa qabdu kan galateeffatan ambaasaaddarichi, kun biyyoota guddachaa jiraniif akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka danda’u himaniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota humna bishaanii gurguddaa kan akka hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun anniisaa qulqulluu wiirtuu tarsiimoo misoomaa akka taasifte ibsaniiru. Invastimantii humna qilleensaa fi aduu babal’isuun filannoo anniisaa babal’isaa jiraachuus hubachiisaniiru. Gama biraatiin ammoo, Baanglaadishii fi biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamummaa waloo ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni guddachaa jiran faalama qilleensaaf gumaachi isaanii xiqqaa ta’us, dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’uu isaanii, haqa dhabuu kana jijjiiruuf waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sagalee waloo isaanii cimsuu qabu jedhan. Kanaafuu, gaasiiwwan manaa gadi lakkifaman hir’isuun egeree waliiniif tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf yeroon sirrii ta’uu himaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee Pirojektoota misoomaa adda addaa Naannoo Amaaraa ni daawwatu
Mar 22, 2026 84
Bitootessa 13/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa pirojektoota misoomaa Naannoo Amaaraa daawwachuuf magaalaa Baahir Daar galaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Baahir Daar Dajjaazmach Balaay Zallaqaa wayita gahan Hogganaan Naannoo Amaaraa fi kaabineen isaanii, hoggantoonni Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar, abbootiin amantaa, jaarsolii fi jiraattonni magaalaa Baahir Daar simannaa ho'aa taasisaniiruufi. Magaalaa bareedduu Baahir Daar, eebba uumamaa, mallattoo nageenyaa fi bareedinaa, seenaa uumama lalisaa, Haroo Xaanaa fi laga ulfina qabeessa Abbayyaa walitti kan qabattetti argamneerra jedhani obbo Tamasgeen Xurunaan. Abbootii amantaas ta’e jiraattota magaalattiin simannaa isaan taasisaniifiif galata galchaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee turtii isaanii magaalaa Baahir Daar keessatti pirojektoota misoomaa adda addaa ni daawwatu.
Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennameera - Ministira Addisuu Araggaa
Mar 22, 2026 66
Bitootessa 13/2018(ENA): Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsani. Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa akka ibsanitti, diinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf makaanaayizeeshinii qonnaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa tureera jedhani. Meeshaaleen qonnaa birrii biiliyoona 2.3 olitti tilmaamamu guyyaa har'aa naannoleef raabsameera. Meeshaalee Raabsaman kunniin Tiraaktaroota 63, Tiraaktaroota harkaa 71, Maashiniiwwan oomisha ruuzii 150, Maashiniiwwan hanqaaquu hammatan 4, Maashiniiwwan bishaan lafa jalaa baasan 5, Paampiiwwan bishaan harkisan (Anniisaa aduun kan hojjetan) 460, Konkolaattota tajaajila dirree15, dhokdhokkeewwan 243, Koompiitaroota (Deeskitooppii fi Laaptooppii) 980 ta’uu ibsameera. Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa Giddugala Gahumsa Makaanaayizeeshinii Ministeera Qonnaa daawwachuun meeshaalee kana hoggantoota qonnaa naannichaaf dabarsanii kennaniiru. Sirna walharkaa fuudhinsa kanaan qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota makaanaayizeeshinii qonnaa hidhachiisuun hojii mootummaa Ida’amuunr aantummaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan dinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf jecha makaanaayizeeshinii qonnaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kenne ibsaniiru. Kanaafuu, jijjiirama waggoota darban keessatti sirna nyaataa fi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiiramni guddaan mul’achuu isaa hubachiisaniiru. Meeshaaleen makaanaayizeeshinii qonnaa har’a raabsaman qonnaan bultoota gara sirna qonnaa ammayyaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Sirni qonnaa ammayyaa omishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuu qofa osoo hin taane, qisaasama yeroo fi humna namaa hin barbaachifne akka hir’isu ibsaniiru. Qulqullina oomishaa fooyyessuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa akka guddisus eeraniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Faayidaawwan Diinagdee hedduu gumaacheera
Mar 21, 2026 215
Bitootessa12/2018(ENA)-Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baay’ina Bosona Itiyoophiyaa guddisuun, faayidaa Dinagdee gama hedduu gumaachaa jiraachuusaa Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa hubachiisaniiru. Hoggantoonni damee qonnaa federaalaa fi naannoo bakka argamanitti guyyaa bosona addunyaa ilaalchisuun mata duree “ilaalama qabeenya uummaa mootummaa ida’amuu” jedhuun wal tajjiin marii gaggeeffamaa jira. Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu sagantaa Ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo kenneen qabeenya uumamaa keenya eegsisuun faayidaawwan Dinagdee hedduu argamsiisuusaa hubachiisaniiru. Kanaanis waggoottan jijjiiramaa daraban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuun baay’ina Bosona Itiyoophiyaa bakka turerraa dhibbantaa 17 tuqaa 3 irraa gara dhibantaa 23 tuqaa 6tti guddisuun danda’amuu dubbataniiru. Lafa Itiyoophiyaa Miidhame bosonoomsuun dhiqama biyyee ittisuu fi nageenya sirna naannoo eeguu keessatti bu’aan abdachiisaan argamaa jiraachuusaas kaasaniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan buna dabalatee dhaabbatan wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaawwan dinagdee hedduu gumaachuusaanii mirkaneessaniiru. Gara fuulduraattis hubannaa hawaasaa eegumsa bosonaarratti guddisuunii fi Sagantaa Ashaaraa magariisaa itti fufsiisuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti
Mar 17, 2026 333
Bitootessa 8/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra akka jirtu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waajjirichi ergaa mata duree “Dijitaala Itiyoophiyaa 2030, Mu’ata Dhalootaa!” jedhuun ergaa dabarseen, Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti jedheera. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 deebii biyyoolessaa keenya, ofitti amanamummaa,kalaqaa fi kutannoo guddaa qabannee hojjechuu danda’uu keenyaaf agarsiiftuu dha jechuun ibseera.
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 180
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani. Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani. Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 160
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 207
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Ispoortii
Dursi Dubartootaaf kan jedhu Fiigichi Guddichi dubartootaa daandii irraa haala miidhagaan gaggeeffameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 22, 2026 56
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dursi dubartootaaf kan jedhu fiidichi guddichi daandii irraa kiiloo meetira shanii haala ho’aan gaggeeffamuu kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebeen ibsani. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin "Dubartoonni ogummaadhaan jiraatu; ofitti amanamummaadhaan hojjetu;ofitti amanamummaadhaan fiigu;ni danda'u!; Hundi keenya harka walqabannee badhaadhina biyya keenyaa ni mirkaneessina" jedhan. Kantiibaan magaalattii fiigicha daandii kiiloo meetira 5 ganama kana eegaluun isaa kan beeksisan yoo ta’u, dubartoonni kuma 16 irratti hirmaataniiru. Dorgommiin kun, kan waggaa waggaan Fiigicha Guddaatiin qophaa’u; Bara kanas misoomni koridoorii kanaa daandii Boolee-Atlas-Uraa’el irratti xiyyeeffannoo addaatiin kan raawwatame ta’uu isaa hubachiisuun, kunis baay’ee bareedaa, mijataa, magaalaaf bifa haaraa fi ammayyaa ta’e kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa kan irratti hirmaatan
Mar 22, 2026 36
Bitootessa 13/2018 (ENA): Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan mana keessaa har’a xumurama. Dorgommiin xumuraa meetira 1500 dubartootaa galgala sa'aatii 3:22 irratti ni gaggeeffama. Atileet Birqee Hayyaaloom Itiyoophiyaa bakka buutee ni dorgomti. Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa irratti yeroo sadaffaaf dorgomti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 20ffaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 3000’n 5ffaa baateetti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 19ffaa bara 2024 Iskootilaandi Gilasgow keessatti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 1500’n sadarkaa 9ffaa baate. Atileet Birqeen sa'aatii dhuunfaa ishee isa gaarii mana keessaa bara 2024 Boston Girandi Pirix irratti daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maaykiroo sekoondii 43 galmeessiteetti. Dorgommii atileetiksii mana keessaa dhiheenya kana Cheek Rippabiliika Ostiraavaatti gaggeeffame irratti sa’aatii saffisaa bara 2026 daqiiqaa 4 fi sekondii 00 fi maaykiroo sekoondii 62 galmeessiteetti. Birqeen har'a dorgommii xumuraa irratti atileetii kamiyyuu caalaa yeroo gaarii qabdi. Walumaagalatti atileetotni sagal dorgommii xumuraa irratti ni hirmaatu. Dorgommiin xumuraa meetira 800 dubartootaa galgala sa'aatii 3:53 tti gaggeeffama. Dorgommii kana irratti atileet Nigisti Geetaachoon ni hirmaatti. Atileet Nigisti tapha walakkaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen 2ffaa bahuun gara xumuraatti darbeera. Atileetiin kun bara kana dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa irratti hirmaachuun ishee yeroo lammataati.
Birrinesh Dasseen fiigicha dubartootaa kiiloo meetira 5 injifatte
Mar 22, 2026 37
Bitootessa 13/2018 (ENA): Atileet Birrinesh Dasseen fiigicha guddicha Itiyoophiyaa dursi dubartootaaf jedhu kan marsaa 23ffaan gaggeeffame kiiloo meetira 5 ifatteetti. Fiigichi kun ganama har'aa ka’umsaa fi gahumsa isaa Hoteela Boolee Atlasitti taasifachuun gaggeeffameera. Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, ambaasaaddarri fiigichichaa atileet Masarat Daffaarii fi keessummoonni biroo argamaniiru. Birrinesh Dassee dorgommii kana waggaa lammaffaaf walitti aansuun injifatteetti. Roobee Didhaa 2ffaa, Sannaayit Geetaachoon ammoo 3ffaa bahuun xumuraniiru. Fiigicha kanarratti dubartoonni 16,000, atileetotni 150 ol fi dubartoonni 25 immoo akka fakkeenyaatti warra moggaafamantu irratti hirmaate. Fiigichi kun bara 1996 irraa eegalee guyyaa dubartoota addunyaa kabajuuf gaggeeffamaa jira.
Riyaal Maadiriid PSG fi Arsenaal gara nuusa xumuraatti darban
Mar 18, 2026 222
Bitootessa 9/2018(ENA)–Taphni deebii mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala gaggeeffameera. Tapha galgala Istaadiyeemii Itihaditti gaggeeffameen Riyaal maadiriid Maanchistar Siitii 2 fi 1n injifateera. Viinishi Juniyeerii taphaanii fi rukkuttaa Adabbiin galchii lakkoofsisaniiru. Arliingi Haalaandi Siitiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. Taphataan Ittisaa Maanchistar Siitii Barnaandoo Siilvaa daqiiqaa 20ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Riyaal maadiriid qabxii ida’amaa 5 fi 1n injifachuun nuusa xumuraatti makameera. Sagantaa biroon PSGn Chelsii 3 fi 0n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Istaampifoordi Biriijitti gaggeeffameen Kiivaaraaskeeliyaa, Biraadilii Baarkola fi Senii Mayuuluu galchiiwwan injifannoo lakkoofsisaniiru. Injifataan dorgommii waktichaa PSGn, chelsii qabxii ida’amaan 8 fi 2n injifachuun nuusa xumuraatti makameera. Tapha Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen Arsenaal Baayerleverkuseniin 2 fi 0n injifateera. Eberechii Eeze fi Deeklaan raayis galchi lakkoofsisaniiru. Arsenaal qabxii Ida’amaan 3fi 1n injifachuun nuusa xumuraatti darbeera. Tapha har’a gaggeeffameen Ispoortiing Liizban Bodo giliimtiin 5fi 0’n injifachuun qabxii Ida’amaan 5 fi 3n injifachuun nuusa xumuraatti makameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 288
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Mar 14, 2026 305
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan. Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru. Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru. Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Mar 11, 2026 149
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru. Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 232
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2408
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10584
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.