Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Duulli Talaallii Ittisa Pooliyoo biyyoolessaa gaggeeffamuufi- Inistitiyuuticha 
Dec 8, 2025 53
Sadaasa 29/2018(TOI)-Duula Talaallii Ittisa pooliyoo biyyoolessaa muddee 3 hanga 6 bara 2018tti kan gaggeefamu ta’uu Inistitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise. Duula Talaallichaa milkeessuuf kan kaayyeffatte Waltajjiin sosochii qooda fudhattootaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Inistitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaatti Daaraktarri sakatta’insaa fi of- eeggannoo duraa dhukkubootaa Obbo Indaalaa Zammanaa akka jedhanitti, Pooliyoo dhabamsiisuuf duulli qindaa’aan talaallii biyyoolessaa guutuu biyyattiitti ni aggeeffama. Duulicha milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi hubannaa uumuurraa eegalee qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Dulli talaallichaa daa’imman miiliyoona 25 ta’an dhaqqabamaa kan taassisu ta’uu ibsaniiru. Kanaafis naannoolee hundatti dhiheessii meeshaalee Talaallii fi galteewwan biroon dhaabbilee fayyaa aanaalee gahanii gara gandootaatti raabsamaa jiraachuu kaasuun, qophii humna namaa dabalatee sosochiin hawaasaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Duulichaan talaallii pooliyoo manaatii manatti kennuun cinatti daa’imman mallattoo dhibichaa argisiisan adda baasuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Ministeera fayaatti Gorsituun komunikeeshinii sagantaa talaallii adde Tsaggaanash Gadiluu akka ibsanitti, duulichaan daa’imman talaallii pooliyoo idilee hin fudhanne haammatudha jedhaniiru. Buufataalee talaallii yeroo fi gara dhaabbilee fayyaa deemanii talaallicha akka fudhatan ni taassifama jedhaniiru. Talaallichi magaalota naannoolee hundatti argamanitti, Aanaalee fi gandootatti yeroo walfakkaatutti akka kennamu eeruun, milkaa’inasaaf qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran tumsa akka taassisan ergaa dabarsaniiru.
Buusaa Gonofaan  Oromiyaa  Waarshaa Qindeessa Omisha Qonnaa ijaaruufi
Dec 8, 2025 88
Sadaasa 29/03/2018(TOI)-Buusaa Gonofaan Oromiyaa humna ergamasaa raawwachuu caalaatti cimsuuf dandeessisu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibse. Qabeenya dilbii bakkeewwan Itiyoophiyaa hunda jiru misoomsuun omishtumaa guddisuu fi karoora gargaaramuu keessaa bahuu qabatamee hojjetamaa jira. Naannooleen deeggarsa namoomaa irratti qophii yeroo balaa fi of-dandaa’uu isaanii mirkaneesuuf dandeettii qindoomina qabu ijaaraa jiru,. Naannoon Oromiyaa dhaabbata Buusaa Gonofaan jedhu hundeessuun rakkoowwan uumamaa fi nam tolchee dandamachuu fi deebii hatattamaa kennuuf humna dandeessisu ijaaraa jira. Itti aanaa Buusaa Gonofaa Naannichaa Tafarii Bayyanaa, dhaabbatichi buusii galii miseensotarraa argatuu fi hojii qonnaa raawwachuun humnasaa cimsachuuf Naannichatti Godinaalee adda addaatti misooma midhaaniirratti hojjechaa jira. Omisha qonnaa kana qindeessuun kaayyoo barbaadamuuf oolchuuf akka danda’amu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan waajjira Pirojaktii dhimmicha hordofu hundeeffamee qorannoo isa baasuu fi haal dureen hojii raawwatamaa jira jedhaniiru. Haaluma Kanaan Bulbula fi Naqamtetti Paarkiiwwan Idustirii Omisha Qindeessu keessatti waarshaawwan ijaaraman lama hijii dhaabbatichaa kan saffisiisan ta’uu ibsaniiru. Paarkii Industirii Bulbulaa keessatti Waarshaan ijaaramu guyyaatti Qamadii toonii kuma lama daakuu kan danda’uu fi mokoroonii fi paastaa kan qindeessu ta’uu hubachiisaniiru. Paarkii Industirii Naqamtee keessaatti immo kanneen hanqina nyaataan miidhamaniif kan oolu nyaannii yeroo ariifachiisaaf oolu nyaanni deeggaraan kan keessatti qindaa’u dubbataniiru. Waarshaawwan kunneen buusaa gonofaan humna mataasaan deeggarsa yeroo ariifachiisaa dhiheessuu akka danda’uuf caalaatti humna kan umuuf ta’uu ibsaniiru. Buusaa Gonofaan omisha qofaa omishuu osoo hin ta’iin mankuusaa gahaa qabaaachuu akka qabu amanamee magaalota Adaamaa Shaashamanneetti man-kuusaa mataasaa qophheesuusaa himaniiiru. Gara fuulduraatti Godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti akkasumsa Godina Wallagga bahaa Magaalaa Naqamteetti man kuusaa sadarkaasaa eeggate ijaaramu jedhaniiru. Kana Cinaatti Godinaalee fi Aanaawwan hundatti Man-kuusaan akka qophaa’u kallattiin kaa’amee gara hojiitti galamuu ibsaniiru.
Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannichatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumeera
Dec 8, 2025 71
Sadaasa 29/2018(TOI)- Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuusaa biiroon aadaa fi turizimii naannichaa beeksise. Guyyaan tuurizimii addunyaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti yeroo 21ffaaf mata duree “turizimii fi jijjiirama fulla’aa” jedhuun qopheessummaa biiroo aadaa fi turizimii naannichaatiin godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti kabajameera. Itti aanaa hogganaa biiroo aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Salamoon Taammiruu wayita kana akka jedhanitti, qabeenyota Turizimii naannichatti argaman gara dinagdeetti jijjiiruuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon taasifameera. Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuu ibsanii, aanaaleen naannichaa hundi bakka turizimii akka qabaatan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bulchaan godina baale Bahaa obbo Jaarsoo Boruunaa gamasaaniin godinichi qabeenya uumamaa fi namtolchee hedduu akka qabu dubbataniiru. Fakkeenyaaf holqi Soof Umar, Dirree Sheeh Huseen, teessumni lafaa dinqisiisoo fi bakkeewwan magariisaa akka jiran eeraniiru. Qabeenyota kanneen misoomsuuf Kanaan dura homtuu akka hin hojjetamne kaasanii, bariituu jijjiiramaarraa eegalee mootummaa federaalaa fi naannichaatiin bu’uraaleen misoomaa gurguddoon hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Godunichatti bu’uraalee misoomaa daandii, ibsaa, telekoomii dabalatee bu’uraaleen misoomaa turizimii dadammaqsan ijaaramuusaaniitiin g odinichi dame kanarraa fayyadamaa ta’uu danda’uusaa dubbataniiru. Bu’uraaleen misoomaa bakkeewwan turizimii godinichatti argaman dawwattootaaf mijeessuuf gargaaruusaanii beeksisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan misiyoonota Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajame
Dec 8, 2025 77
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan Imbaasiiwwanii fi qonsilaawwan Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajameera.   Ayyaanichi Mata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun kabajamaa jira. Sirna kabajaa kanarratti, hoggantoonni misiyoonotaa, Dippiloomaatotaa fi hojjettoonni, Abbootiin Amantaa , bakka bu’oonni hawaasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.   Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaan Fakkeenya heddumminaa fi tokkummaa sab-daneessummaa haala mul’iseen kabajameera. Nyaataa fi Uffannaan aadaa Itiyoophiyaa agarsiisaaf kan dhihaate yoo ta’u, sirboonnii sabotaa, sablammootaa fi shubbisawwan aadaa taatteewwan itti agarsiifaman dhihaataniiru.   Ayyaanichi biyyootaa Chaayinaa, Ameerikaa, Jarman Emereetota Araboota Gamtoomanitti, Sawudi Arabiyaa Kuwaaterii fi Sudaan Kibbaa, Beljiyeem, Paakistaan , Kootdivaarii fi Siwiidin, Ripaabilika Kooriyaa , Afriikaa Kibbaa, Awustiraaliyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Somaaliyaatti biyyoota guyyichi itti kabajamee oole keessaa ta’uu ibsaniiru. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “walii galtee Dimokiraatawaa tokkummaa sab- daneessummaaf “ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo Gidduu galeessa itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera.  
Ayyaanichi Waggoottan jijjiiramaa darban tokkummaa sab-daneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun qooda olaanaa gumaacheera- Afa yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 8, 2025 56
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Ayyaanichi waggoottan jijiiramaa darban tokkummaa sabdaneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuusaa Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashagar ibsan. Guyyaan Sabootaa, Sab-lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaanMata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo gidduugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.   Ayyaanicharratti ergaa kan dabarsan Af-yaa’iin mana maree Federeeshiinii Aganyoo Tashaagar, Manni marichi guyyaa sabootaa,sab-lammootaa fi ummattootaa akka kabajamu yeroo murteessu sabaa fi sab-lammoonni akka wal beekan, duudhaa Aadaa fi muuxannoo gaarii isaanii akka wal-jijjiiranii fi tokkummaa Dimokiraatawaa sab-daneessummaa akka cimsaniif ta’uu ibsaniiru.   Nageenya fulla’aa, ijaarsa mootummaa biyyaa fi misoomaaf waloon akka dhaabbataniif gochuuf ta’uu dubbataniisu. Waggoottan 19n darban qindeessummaa mana maree Federeeshiitiin Naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa adda addaatti kabajamaa turuu yaadachuun Afa-Yaa’iin kunis tokkummaa sab-daneessumma biyyoolessaarrati bu’aan akka galmaa’an dandeessisuu dubbataniiru. Keessumaa waggoottan jijiiramaa daraban tokkummaa biyyoolessaa ummataa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun ijaarasa Mootummaa,misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru.   Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa bara kanaa, bu’aa seenessa waloo kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa yeroo xumurametti kan kabajamu ta’uu fi pirojektoonni gurguddoon imala bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan yeroo eegalamanitti kan kabajamu ta’uun adda isa taassisa jedhaniiru. Guyyaan Sabootaa, Sab-Lammootaa fi uummattootaa 20ffaan tokkummaa sab- daneessummaan dammaqee, hedduummina Addunyaattti kan argisiisnudha kan jedhan Af-yaa’iin kun, eenyummaan hundi qixa kan itti keessummeeffamu, adeemsa sirna federaalizimii dhugaa ijaaruun keessa ta’uu keenya kan itti argisiisnudha jedhaniiru.   Bara quucaruu irraa gara bayyanachuutti, yaaddooraa gara dadammaqinaatti, dukkanaa gara Abdii ifaati, ta’uu kan argisiisnu dha jedhaniiru ergaasaanin. Guyyichi kabajamuun , wal-deeggaruun, wal-qixxummaanii fi tokkummaan jiraachuun, waadaa waloon misoomuu keenya guuyyaa itti haaromsinu ta’uu qaba jedhaniiru. Eenyummaa Itiyoophiyuummaa keenya waloo kana cimsuu fi waloooma hawaasaa baroota dheeraa akka eegametti itti fufsiisuuf seenessa hammataa sab-daneessummaa biyyoolessaa ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan madaallii hundaanuu dukkanarraa bariitti cehaa jirti- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Dec 8, 2025 63
Sadaasa 29/2018(TOI)-Itiyoophiyaan madaallii kamiinuu dukkanarraa bariitti cehaa akka jirtu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Guyyaan sabootaa, Sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Waliigalteen demokiraatawaan tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.   Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa olaanoon, bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsa magaalotaa kabaja ayyaanaa kanarratti argamaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, bilisummaa dhiiga abbootii keenyaan dhaalle badhaadhinaan cimsuun hojii dhalootarraa eegamu ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalonni guddatanii mandaroota baadiyyaarra cehuuf kan itti hojjechaa jiran ta’uu ibsanii, hambaaleen seena qabeessis dhukkeesaanii dhdhdhatanii Itiyoophiya qofa osoo hintaane kan Afrikaan itti boonu ta’uusaanii dubbataniiru.   Itiyoophiyaa keessatti gannaa fi bona qotuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan madaallee hundaanuu dukkanarraa gara bariitti cehaa akka jirtu ibsanii, kan dhaalle bilisummaa qofa osoo hin taane imaanaa dhalootaa nurra jiru yaaduu qabna jedhaniiru. Badhaadhina milkeessuun adeemsa nama qoru ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaan rakkooshee qofa osoo hintaane humnashee ilaaluun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaloonni rakkoo Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane human qabdu gadi fageenyaan ilaaluu fi baasuun dandeettii akka qabu hojii jalqabameen mul’achuusaa dubbataniiru.   Miira tumsaan tattaaffii fi dadhabbii guddaan seenaa haaraan banuun akka qabnu hubachiisaniiru. Badhaanni guutuun Itiyoophiyaa kan mirkanaa’u Itiyoophiyaanonni gamtaan tattaafachuu fi hojjechuu yoo danda’an ta’uu ibsaniiru. Wal tumsuu, walkabajuu, fi waloon dhaabbachuu akkasumas faayidaa biyyoolessaa qabeenyaa fi galaa waloo keenyaa gochuu qabnajedhaniiru. Fedhiin biyyaa fi hammeenyi diinaa adda baafamuu akka qabu ibsuun, Itiyoophiyaanonni meeshaa hammeenya diinaa ta’uu akka hin qabne dubbataniiru. Faayidaa biyyaa fi kabaja ummataa dursiisuu akka qabnu ibsun, ammayyummaa fi jijjiiramaaf banaa ta’uu aka qabnu dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya abdii hedduu qabdu ta’uu ibsuun, bu’aan ajaa’ibsiisaa galmeessuuf bayyanachaa jirti jedhaniiru. Jalqabbii gaarii kan gufachiisuuf tattaaffiiwwan jiraachuu ibsuun, qormaata kamiyyuu, aggaammii fi yaadni hammeenyaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabu jedhaniiru.
Ummanni naannichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf kutannoo qaba-Bulchaa Dr. Indaashaawu Xaasoo
Dec 8, 2025 74
Sadaasa 29/2018 (TOI)-Ummanni naannoo keenyaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hojii itti jiru cimsee itti fufa jedhan bulchaan naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Indaashaawu Xaasoo. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “wliigalteen demokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.   Bulchaan naannichaa Dr. Indaashaawu Xaasoo Wayita kana dubbii dubbataniin, ayyaanni kun walii galtee biyyaalessaa cimsuun ijaarsa mootummaa biyyaalessaa si’achiisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Dabalataanis saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni waltajjii tokkorratti walitti dhufanii akka miidhaganii fi akka mari’atan haala mijataa uumeera jedhan. Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa fi muuxannoo aadaasaanii akka walii qoodan carraa kan uumu ta’uu dabalanii dubbataniiru. Ayyaanichi Duudhaaleen Obbolummaa akka Daraaruuf akkasumas tokkummaan sab-daneessummaa fi federaalizimiin akka dagaagu ijaarsa seenessa waloof qooda mataasaa gumaachuu itti fufeera jedhaniiru.   Guyyichi yaada caaluun gaggeessuun faayidaa biyyoolessaaf dursa kennuun aadaa marii’achuu guddisuun dimokiraasii dagaagee fi aadaa fi duudhaa hirmaachisaa idileessuuf akka carraa gaarii tokkootti fudhatama jechuun ibsaniiru. Wabii nyaataa tattaaffii waloon dhugaoomsuun kabajni biyyi keenya qabdu guutuu akka ta’u imallishee badhaadhinaa akka milkaa’u tattaaffiin eegalaman akka naannoonni cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Faayidaa biyyoolessaa biyya keenyaa kabachiisuu fi fedhii ummattoota guddachaa jiranii guutuuf gaaffiilee bu’uuraa kan ta’e kan akka Ulaa Galaanaa deebii akka argataniif sochii taassifamuuf ummanni naannoo keenyaa qoodasaanii bahuuf kutannoo qabu jedhaniiru.   Guyichi naannoo keenyatti kabajamuun faayidaa fi hiikkoo guddaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Duulli Talaallii Ittisa Pooliyoo biyyoolessaa gaggeeffamuufi- Inistitiyuuticha 
Dec 8, 2025 53
Sadaasa 29/2018(TOI)-Duula Talaallii Ittisa pooliyoo biyyoolessaa muddee 3 hanga 6 bara 2018tti kan gaggeefamu ta’uu Inistitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise. Duula Talaallichaa milkeessuuf kan kaayyeffatte Waltajjiin sosochii qooda fudhattootaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Inistitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaatti Daaraktarri sakatta’insaa fi of- eeggannoo duraa dhukkubootaa Obbo Indaalaa Zammanaa akka jedhanitti, Pooliyoo dhabamsiisuuf duulli qindaa’aan talaallii biyyoolessaa guutuu biyyattiitti ni aggeeffama. Duulicha milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi hubannaa uumuurraa eegalee qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Dulli talaallichaa daa’imman miiliyoona 25 ta’an dhaqqabamaa kan taassisu ta’uu ibsaniiru. Kanaafis naannoolee hundatti dhiheessii meeshaalee Talaallii fi galteewwan biroon dhaabbilee fayyaa aanaalee gahanii gara gandootaatti raabsamaa jiraachuu kaasuun, qophii humna namaa dabalatee sosochiin hawaasaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Duulichaan talaallii pooliyoo manaatii manatti kennuun cinatti daa’imman mallattoo dhibichaa argisiisan adda baasuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Ministeera fayaatti Gorsituun komunikeeshinii sagantaa talaallii adde Tsaggaanash Gadiluu akka ibsanitti, duulichaan daa’imman talaallii pooliyoo idilee hin fudhanne haammatudha jedhaniiru. Buufataalee talaallii yeroo fi gara dhaabbilee fayyaa deemanii talaallicha akka fudhatan ni taassifama jedhaniiru. Talaallichi magaalota naannoolee hundatti argamanitti, Aanaalee fi gandootatti yeroo walfakkaatutti akka kennamu eeruun, milkaa’inasaaf qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran tumsa akka taassisan ergaa dabarsaniiru.
Buusaa Gonofaan  Oromiyaa  Waarshaa Qindeessa Omisha Qonnaa ijaaruufi
Dec 8, 2025 88
Sadaasa 29/03/2018(TOI)-Buusaa Gonofaan Oromiyaa humna ergamasaa raawwachuu caalaatti cimsuuf dandeessisu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibse. Qabeenya dilbii bakkeewwan Itiyoophiyaa hunda jiru misoomsuun omishtumaa guddisuu fi karoora gargaaramuu keessaa bahuu qabatamee hojjetamaa jira. Naannooleen deeggarsa namoomaa irratti qophii yeroo balaa fi of-dandaa’uu isaanii mirkaneesuuf dandeettii qindoomina qabu ijaaraa jiru,. Naannoon Oromiyaa dhaabbata Buusaa Gonofaan jedhu hundeessuun rakkoowwan uumamaa fi nam tolchee dandamachuu fi deebii hatattamaa kennuuf humna dandeessisu ijaaraa jira. Itti aanaa Buusaa Gonofaa Naannichaa Tafarii Bayyanaa, dhaabbatichi buusii galii miseensotarraa argatuu fi hojii qonnaa raawwachuun humnasaa cimsachuuf Naannichatti Godinaalee adda addaatti misooma midhaaniirratti hojjechaa jira. Omisha qonnaa kana qindeessuun kaayyoo barbaadamuuf oolchuuf akka danda’amu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan waajjira Pirojaktii dhimmicha hordofu hundeeffamee qorannoo isa baasuu fi haal dureen hojii raawwatamaa jira jedhaniiru. Haaluma Kanaan Bulbula fi Naqamtetti Paarkiiwwan Idustirii Omisha Qindeessu keessatti waarshaawwan ijaaraman lama hijii dhaabbatichaa kan saffisiisan ta’uu ibsaniiru. Paarkii Industirii Bulbulaa keessatti Waarshaan ijaaramu guyyaatti Qamadii toonii kuma lama daakuu kan danda’uu fi mokoroonii fi paastaa kan qindeessu ta’uu hubachiisaniiru. Paarkii Industirii Naqamtee keessaatti immo kanneen hanqina nyaataan miidhamaniif kan oolu nyaannii yeroo ariifachiisaaf oolu nyaanni deeggaraan kan keessatti qindaa’u dubbataniiru. Waarshaawwan kunneen buusaa gonofaan humna mataasaan deeggarsa yeroo ariifachiisaa dhiheessuu akka danda’uuf caalaatti humna kan umuuf ta’uu ibsaniiru. Buusaa Gonofaan omisha qofaa omishuu osoo hin ta’iin mankuusaa gahaa qabaaachuu akka qabu amanamee magaalota Adaamaa Shaashamanneetti man-kuusaa mataasaa qophheesuusaa himaniiiru. Gara fuulduraatti Godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti akkasumsa Godina Wallagga bahaa Magaalaa Naqamteetti man kuusaa sadarkaasaa eeggate ijaaramu jedhaniiru. Kana Cinaatti Godinaalee fi Aanaawwan hundatti Man-kuusaan akka qophaa’u kallattiin kaa’amee gara hojiitti galamuu ibsaniiru.
Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannichatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumeera
Dec 8, 2025 71
Sadaasa 29/2018(TOI)- Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuusaa biiroon aadaa fi turizimii naannichaa beeksise. Guyyaan tuurizimii addunyaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti yeroo 21ffaaf mata duree “turizimii fi jijjiirama fulla’aa” jedhuun qopheessummaa biiroo aadaa fi turizimii naannichaatiin godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti kabajameera. Itti aanaa hogganaa biiroo aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Salamoon Taammiruu wayita kana akka jedhanitti, qabeenyota Turizimii naannichatti argaman gara dinagdeetti jijjiiruuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon taasifameera. Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuu ibsanii, aanaaleen naannichaa hundi bakka turizimii akka qabaatan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bulchaan godina baale Bahaa obbo Jaarsoo Boruunaa gamasaaniin godinichi qabeenya uumamaa fi namtolchee hedduu akka qabu dubbataniiru. Fakkeenyaaf holqi Soof Umar, Dirree Sheeh Huseen, teessumni lafaa dinqisiisoo fi bakkeewwan magariisaa akka jiran eeraniiru. Qabeenyota kanneen misoomsuuf Kanaan dura homtuu akka hin hojjetamne kaasanii, bariituu jijjiiramaarraa eegalee mootummaa federaalaa fi naannichaatiin bu’uraaleen misoomaa gurguddoon hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Godunichatti bu’uraalee misoomaa daandii, ibsaa, telekoomii dabalatee bu’uraaleen misoomaa turizimii dadammaqsan ijaaramuusaaniitiin g odinichi dame kanarraa fayyadamaa ta’uu danda’uusaa dubbataniiru. Bu’uraaleen misoomaa bakkeewwan turizimii godinichatti argaman dawwattootaaf mijeessuuf gargaaruusaanii beeksisaniiru.
Diinagdee
Ija mootummaa ida’amuutiin gama eegumsaa fi kunuunsa hambaatiin hojiileen milkaa’oon hojjetamaa jiru
Dec 8, 2025 70
Sadaasa 29/2018(TOI)- Ija mootummaa ida’amuutiin gama eegumsaa fi kunuunsa hambaatiin hojiileen milkaa’oon hojjetamuusaanii fi hojjetamaa akka jiran itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa Hiywoot Hayiluu ibsan.   Daarektarri itti aanaa olaanaa abbaa taayitichaa Hiywoot Hayiluu, Itti aanaan hoogganaa biiroo aadaa fi turizimii naannoo Oromiyaa Salamoon Taammiruu, ogeeyyonni miidiyaalee fi qooda fudhattoonni guyyaa tuurizimii addunyaa ilaalchisuun godina Baalee Bahaatti kan argamu bakka seenaa guddaa qabu Dirree Sheek Huseen daawwataniiru. Itti Aantuun Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Hambaa Itiyoophiyaa Hiwot Haayiluu Wayita kana akka jedhanitti, Hambaalee seenaa fi uumamaa haaromsuu fi Misoomsuun gidduu gala Tuurizimii akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira. Kanaanis bakkeewwan seena qabeessi yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo osoo hin argatiin turan Misoomsuu fi kanneen duraan turan haala foyya’een suphuun qabeenyisaanii akka mul’atu hojjetamaa jira jedhaniiru.   Kanarra darbee bakkeewwan turizimii daawwattootaaf mijataa gochuuf ijaarsawwan Daandii, Hoteelaa fi bu’uuraalee misoomaa adda addaa ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ija mootummaa Ida’amuutiin, eegumsa hambaawwanii fi kunuunsaan hojiiwwan bu’aa qabeessi raawwatamuusaanii fi raawwatamaa jiraachuu Itti Aantuun Daarektara Olaanaa kun ibsaniiru.   Lakkoofsi Hambaalee Itiyoophiyaa Galmee Hambaa Addunyaa UNISCO irratti galmaa’an akka dabalaniif hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Gama Kanaan bakka seenaa qabeessa Godina Baalee bahaatti argamu Dirree sheek Huseen maqaa tarreeffamaa UNISCO kan yeroo keessa galchuun Hambaa Addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf hojiin qophii haal-duree raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Itti Aanaa Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannoo Oromiyaa Salamoon Taammiruu gamasaaniin, Hambaalee naannichatti argamu eeguuf, Misoomsuu fi beeksisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hambaalee xiyyeeffannoon kennameef keessaa Godina Baalee bahaatti kan argamu bakka seenaa qabeessa Dirree sheek Huseen tokko ta’uu eeraniiru. Bu’uuraalee Misooma Daandii gara Dirree Sheek Huseenitti geessu hojjetamaa jiraachuu eeruun, kunis lakkoofsa daawwattootaa guddisuuf hambicha caalaatti misoomsuuf, beeksisuu fi UNISCO irratti galmeessisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Hojii bal’aan qulquulinaa fi dhaqqabamummaa tajaajilaa guddisan hojjetamaa jiru
Dec 6, 2025 176
Sadaasa 27/2018(TOI)- Buufata raabsaa tajaajila humna ibsaatti hojiin qulqullina tajaajilaa fooyyessanii fi hanga dhaqqabamummaa babal’isan hedduun hojjetamuu humni ibsaa Itiyoophiyaa beeksise. Gama biroon baatiiwwan Afran darban humna ibsaa gabaa Alaaf dhihaaterraa galiin doolaarra Miiliyoona 46 ol argamuu ibsaniiru. Daarektaarri Humna ibsaa Itiyoophiyaa Mogos Mokkonoon TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi qulqullina tajaajilaa kennuu fi dhaqqabamummaa fooyyessuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa tureera.   Kanaanis humna buufataalee dandeettii baachuusaanii guddisuu fi siistamoota to’annoo buufataalee jijiiruun maamiloota dabalataa hojiin akka keessummeessu taasisuu raawwatamuu kaasaniiru. Akkasumas Tiraanisfoormaroora haarawaa fi humna dabalataa qaban jijjiiruun hojjetamuu eeraniiru. Kanaanis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu fi dhaqqabamummaa babal’isuun fayyadamtoonni rakkoo tokko malee tajaajila akka argatan taassifamaa jira jedhaniiru. Buufatawwan raabsaa Awaash sabaatti, Walqittee, Kombolcha, Walaayittaa sooddoo, Magaalaa Alam Ganaa fi bakkeewwan birootti argaman siistama to’annoo ammayaawaatti jijiiramuusaanii dubbataniiru.   Humni Ibsaa Itiyoophiyaa humna ibsaa omishu irra caalaa tajaajila humna ibsaa Itiyoophiyaaf kan dhiheessu ta’uu Obbo Mogos dabaluun ibsaniiru. Dabalataanis biyya keessaa humna guddaa kan fayyadaman Industiriiwwan, daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii, dame maayininigii irratti bobba’anii qaamolee kaffaltii doolaaraan kan kaffalaniif akka dhiheessu ibsaniiru. Gama biroon biyoota Alaa humna ibsaa barbaadaniif kan dhiheessu yoo ta’u irra caalaa Keeniyaa, Jibuutii, fi Taanzaaniyaa akka keessatti argaman ibsaniiru. Kanaanis bara baajataa 2018 baatiiwwan afran darbanitti keeniyaa, Jibuutii fi Taanzaaniyaatti gurgurtaa dhihaaterraa galiin Doolaara Amerikaa miiliyoona 46 tuqaa 8 argamuu ibsun, kunis haala karooraan dhibentaa 25caalmaa argisiisuu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jira
Dec 7, 2025 186
Sadaasa 28/2018(TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon Paabiliik sarvisii fi misooma humna namaa naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa Daamxoo Gammachuu TOI’f akka ibsanitti, mootummaan naannichaa riifoormii Siviil Sarvisii humna guutuun hojiirra oolchuuf kallattii kaa’eera. Haala Kanaan riifoormicha hojiirra oolchuuf haala mijataa naannichi qabutti gargaaramuun sanadoota barbaachisan guutuun boqonnaan qophii xumuramee hojiitti galuusaa ibsaniiru. Keessumaa riifoormichi biiroo paabiliik sarvisii fi misooma humna namaan, Biiroo fayyaan, biiroo barnootaan, biiroo maallaqaa fi walumaa gala waajjiraalee mootummaa shan keessatti hojiirra akka oolu kaasaniiru. Kanneen keessaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tokko yoo ta’u ummata naannichaa bu’aa bayii fi baasii hin mallerraa oolchuun tajaajila si’ataa, ariifataa fi iftoomina qabu kennuuf qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Riifoormicha guutummaan hojiirra oolchuuf humna namaa leenjiin ga’oomsuu, bu’uraalee misoomaa guutuu, teekinooloojiiwwan hojjechuu fi ijaarsota bal’isuu fi tajaajilamaaf hubannoo uumuun hojiilee ijoo hojjetaman ta’uu obbo Daamxoon ibsaniiru. Haala Kanaan bara 2018 marsaa jalqabaatiin magaalaawwan Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob eegalamuusaa beeksisaniiru. Tajaajilichi erga eegalamee asitti baatii sadan darban namoonni kuma 180 tajaajila argachuun itti quufinsi dhibbantaa 95 ol ta’uu qorannoon taasifameen adda baafamuu kaasaniiru. Bara bajataa kana tajaajilicha itti fufsiisuun magaalaa Shaggariin alatti magaalaawwan gurguddoo 13 keessatti hojichi xumuramee tajaajilli akka kennamu ibsaniiru. Magaalota Shaakkisoo, Moyyaalee, Shanoo, Najjoo fi Dodolaa akkasumas godinaalee Arsii lamaan, Jimma, Harargee Bahaa fi Shawaa Bahaatti tajaajilli kun hojiirra akka oolu mirkaneessaniiru. Bara kana naannoo Oromiyaatti walumaa gala magaalaawwan sadarkaa kantiibaan bulan 52 keessatti tajaajilicha guutummaan bal’isuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, fuuldura amma gandaatti kan itti fufu ta’uu dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Dec 4, 2025 228
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan. Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru.   Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan.   Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru. Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru. Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 205
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Ispoortii
Piriimar Liigichaan taphni Astonviilaan dursaa Liigichaa Arsanaal waliin taassisu ni eegama
Dec 6, 2025 163
Sadaasa 27/2018(TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi torban 15ffaan taphni Astonviilaa fi Arsanaal har’a gaggeessan qalbii jaallattoota kubbaa miillaa hawateera. Taphni Garee lamaanii har’a guyyaa sa’aati 9:30tti Istaadiyeemii Viilaa Paarkitti gaggeeffama. Astonviilaan qabxii 27n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu Arsanaal qabxii 33n liigicha durseera. Leenjisaa lammii Ispeen Unaay Eemireen kan durfamu Astonviilaan taphoota 14 gaggeesseen yeroo 8 yoo mo’atu yeroo sadii mo’ameera. Tapha hafee biroo hafan 3’n qixa adda baheera. Taphichaan galchii 20 yoo lakkoofsisu galchii 14 keessummeessee, qabxii 27n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Arsanaal gamasaan dorgomichaan Taphoota 14 gaggeesse keessaa 10 yoo injifatu, yeroo tokko qofa mo’ameera. Taphoota sadiin qabxii qooddateera. Galchiiwwan 27 taphoota 14n yoo lakkoofsisu galchiiwwan 7 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ispeeniin tapahattoonni durfaman liigicha qabxii 33’n dursaa jiru. Kilaboonni lameen Piriimar Liigichaan walitti kan dhufan kan ammaa yeroo 61ffaa dha. Taphoota 60 ammaan dura gaggeessaniin Arsanaal yeroo 39 injifachuun olaantummaa yoo qabatu, AstonViilaan yeroo 13 mo’atee yeroo 8 immoo qixaan baheera. Arsanaal taphichaan galchii 125n yoo lakkoofsisu Astonviilaan galchii 73 lakkoofsiseera. Liigichaan yeroo 10 walitti dhufanitti Arsanaal yeroo shan yoo injifatu, Astonviiilaan yeroo sadii mo’eera. Taphoota hafan sadiin qixaan bahaniiru. Bara dorgommichaatti jalqaba tapha dadhabaa erga argisiisee booda dhaabbii cimaarratti kan argamu Astonviilaan tapha har’aan dursaa garichaa ni qora jedhamee eegama. Gahumsa cimaarratti kan argamu Arsenaal Taphicharratti dursummaa liigichaa cimsuuf gahumsa olaanaarratti argamuu qaba. Piiter Baankis nama umurii waggaa 43 tapha eegamu abbaa seerummaan gaggeessu.   Sagantaawwan biroon liigichaan sadarkaa lammaafaarratti kan argamu Maanchistar Siitiin Sandarlaandi waliin Sanbata galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Itihaaditti taphni taasisu ni eegama. Galagala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid mo’ataa liigichaa kan yeroo kanaa Liivar puul waliin ni tapahata. Evertan Notingihaam Foorasti waliin, Niwuukaastil Yunaayitid barnileey waliin , Tootanihaam hootisparsi Bireentifordii waliinii fi Bornimaawuz chelsii waliin yeroo wal fakkaatutti galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 565
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 522
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 515
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15839
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 636
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015