ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 2
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru. Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera
Feb 21, 2026 15
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirsuudhaan hojiitti galuusaa ibse. Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna dinagdee Itiyoophiyaa keessatti qama haqaa isa haaraa fi murteessaadha. Manni murtii kun akkaataa lakkoofsa labsii gabaa kaappitaalaa 1248/2013’n kan hundeeffame yoo ta’u dhiibbaa hojii maneen murtii idileerra jiruu fi amala addaa damee Kanaatiin dhimmoota ga’umsaan murtoo kennuuf akka danda’amuufidha. Kaayyoonsaa ijoon waldhabdeewwan hirmaattota gabaa kanaa jidduutti uumaman of danda’uun ogeessaan kan qoratu yoo ta’u manni murtii kun ggabaan amanamummaan akka qajeelfamu gochuuf qooda guddaa nib ahata. Dura taa’aan abbaa murtii mana murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Abinnat Zarfuu ENAtti akka himanitti, komiiwwan murtoo manni murtii abbaa taayitaa gabaa kaappitaala Itiyoophiyaa dabarsurratti dhihaatan qoratee murtoo kenna. Hundeeffamee wagga tokko kana keessatti hojjettoota guuttachuu dabalatee hojii jajjabeessaa hojjechuusaa eeranii, qajeelfamni naamusaa manni murtichaa ittiin qajeelfamu qophaa’ee xumuramuusaa beeksisaniiru. Tajaajilamtoonni bakkuma jiranirraa oliyyachuu akka danda’an sirni teeknooloojii diriirfamuusaa dubbataniiru. Manni murtii kun ministeera dhimma alaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, carraaqqiiwwan kanneen keessaa gitasaa kan ta’e dhaabbata Taanzaaniyaa waliin sanada walii galtee mallatteessuuf qophiirra akka jiru eeraniiru. Walii galteen kun muuxannoo abbaa seerummaa biyyoota lamaan jidduu jiru qooduu fi tumsaan hojjechuuf faayidaa guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kana malees haal dureen sadarkaa Afriikaa bahaatti foramii maneen murtii bulchiinsaa gabaa kaappitaalaa hundeessuuf gargaaru raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo walitti hidhaminsa gabaa sadarkaa riijiniitti cimsuu fi sirna abbaa seerummaa wal fakkaataa diriirsuuf akka gargaaru itti amanameera jedhaniiru.
Paarstiileen Siyaasaa Danbii naamusaa kaadhimamtootaa mallatteessan
Feb 21, 2026 18
Guraandhala 14/ 2018(ENA) - Paartiileen siyaasaa Boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaaf danbii naamusaa kaadhimamtootaa qopheesse mallatteessan. Danbbiin naamusaa filannichi haala naamusa qabaateen daandii nagaan akka gaggeeffamu kan dandeessisu ta’uun hubatameera. Sirna mallattoo sanarratti miseensonnii hojii gaggeessitoota boordichaa, hoggantoota paartiilee siyaasaa fi bakka bu’oonni akkasumas bakka bu’oota Dhaabbilee Hawaasa Sivilii argamaniiru. Hoggantuun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelatwarq Hayiluu wayitasana, boordichi paartiileen walfalmanii yaada filannoosaanii sagantaa uummataaf itti dhiheessan qopheessaa jira jedhaniiru. Uummanni filatus beekumsarratti hundaa’ee akka filatuuf paartiileerraa hojii hedduun ni eegama kan jedhan hoggantuun kun, miidiyaaleen paartiilee morkattootaa yeroo qilleensa walqixa ramaduun itti gaafatamummaasaanii bahuu akka qaban hubachisaniiru. Boordiin filannoo deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.
Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomse
Feb 21, 2026 15
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyoolessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomseera. Boordichi sagantaa mallatteessuu danbii naamusaa kaadhimamtootaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticha irratti,miseensonni Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, hoggantoonni paartiilee siyaasaa fi miseensonni, akkasumas bakka bu’oonni Hawaasa Dhaabbilee Sivilii argamaniiru. Dura teessuun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu wayita sana akka jedhanitti, boordichi filannoo gaggeessuuf qophiin taasisaa jiru cimsee itti fufa. Paartiileen siyaasaa hedduun kaadhimamtoota galmeessaa jiraachuu ibsuun, galmee filattootaa gaggeesuuf qophii barbaachisaa taasisaa jirra jedhaniiru. Raawwachiiftota filannoof leenjii leenjiftootaaf kennaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee Hawaasa siivilii 169’f leenjii kennuusaa dubbataniiru. Boordichi haala qophii meeshaalee filannoo ilaalchisee miidiyaalee adda addaa daawwachiisuu eeraniiru. Mallattoon filannoo paartiilee har’a ifooman filattoonni paartii barbaadan mallattoosaa baranii akka filatan gochuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Filannichi nagaa qabeessaa fi haqa qabeessa akka ta’u, danbiin sirna naamusaa kaadimamtoota kan qophaa’e ta’uu hubachiisuun, paariileen siyaasaa danbicha akka mallatteessan dubbataniiru. Filannichi haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi nagaa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qooda isaanirra egamu bahuu akka qaban hubachiisaniiru.
Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi nama naaf ta’a jedhu itti filatudha
Feb 21, 2026 24
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi bakka bu’ootasaa naaf ta’u jedhu bilisa ta’e itti filatuta’uu miseensi mana maree paartii Simirat doktar Shishaayi Amaaree ibsan. Ummanni Tigraayi jijjiirama waliin akka hin adeemne dhiibbaa keessa akka turu taasifamee yeroo dheeraaf gidirfameera jedhan doktar Shishaayi turtii ENA waliin taasisaniin. Haa ta’u malee akkaataa walii galtee Piriitooriyaatiin bulchiinsi yeroo hundeeffamee ummanni naannichaa tasgabbaa’ee nagaa akka argatu taasisuun jijjiiramni amma tokko dhufuusaa dubbataniiru. Filannoon walii galaa torbaffaa barana gaggeeffamuun ummanni bilisaan ba’ee filachuu akka barbaadu ibsanii, kanaaf ammoo filannoon hammataa fi hirmaachisaan naannicha keessatti gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Kanaaf kanneen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo addaatiin tumsaan hojjechuun akka irraa eegamu cimsanii kaasaniiru. Beekamtii seeraa boordii filannoorraa kan hin qabne gareen ABUT naannoo Tigraayitti filannoon akka hin gaggeeffamne fedhii akka qabu eeranii, haalli kun karaa seeraatiin deebii argachuu qaba jedhaniiru. Filannoon akka gaggeeffamu tumsa qindaa’aa gochuun ummata naannichaaf aara galfii guddaa ta’uu kaasaniiru. Kun ammoo gaaffiin ummanni Tigraayi gaafatu deebii haqa qabeessa akka argatuu fi dhageettii akka argatu gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti adeemsarra jiru fayyadama haqa qabeessa lammiilee hundaa hubannoo keessa karaa galcheen hundeeffamuunsaa garaagarummaa bakkaa bakkatti mudatanii fi sirrii hin taaneef furmaata kan ta’udha jedhaniiru. Keessumaa ummata naannoo Tigraayiif carraalee hedduu fidee kan dhufu furmaata guddaa ta’uusaas hubachiisaniiru.
Siyaasa

Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa mata duree ''Adwaa: Injifannoo Waloo Yaadannoo Waliinii!'' Jedhuun gaggeeffamaa jira
Feb 20, 2026 142
Guraandhala 13/2018(ENA)- Waltajjiin Gumiin Balal marsaa 49ffaan mata duree "Adwaa: Injifannoo Waloo Yaadannoo Waliinii!" jedhuun qindeessummaa Biiroo Komunikeeshinii fi Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin guyyaa har'aa gaggeeffamaa jira. Waltajjichi bakka hoggantoonni mootummaa, haayyoonni fi keessummoonni dhaabbilee garaa garaa irraa affeeraman argamanitti galma Waajjira Pirezidaantiitti gaggeeffamaa jira
Injifannoon Adwaa Seenessa Waloo Waggoota Dheeraaf Uummanni Itiyoophiyaa Waliin Qabu dha."- Dr.Rattaa Dhugumaa
Feb 20, 2026 110
Guraandhala 13/2018(ENA): Gumii Balal marsaa 49ffaa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti mata duree "Adwaa: Injifannoo waloo yaadannoo waliinii" jedhuun qophaa'e irratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Yuunivarsiitii Haromaayaatti barsiisaa fi qorataa seenaa kan ta'an Dr.Rattaa Dhugumaa, ibsa kennaniin injifannoon Adwaa seenaa waloo uummanni biyya keenyaa waggoota dheeraaf waliin qabu dha jedhan. Saba,sablammoonnii fi uummattoonni waamicha biyya baraaruuf taasifame osoo wal hin qoodiin ba'ee injifannoo galmaa'e ta'uus eeraniiru. Seenaa xiqqaa guddaa,beekaafi wallaalaa,dhiiraa fi dubartii osoo wal hin qoodiin qaama teeknoloojii hidhatee nu caalu injifachuun Afrikaaf seenaan addaa tokkummaan itti galmaa'e ta'uus ibsaniiru. Akkasumas Adwaan birmadummaa uummata Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taanee mallattoo bilisummaa saboota gurraacha Addunyaa ta'uu ibsani. Dabalataanis Adwaan ka'umsa Paan Afrikaa ta'uun akka galmaa'ee jirus dubbataniiru. Adwaan alattis saba,sablammoonnifi uummanni Itoophiyaa aadaa,hawaasummaafi amantaan walitti hidhamuun seenaa waloos waliin qabaachuu himaniiru. Adwaa irraas tokkummaan humnaafi injifannoo akka argamsiisuu danda'u irraa baranneerra jechuunis himaniiru. Dhaloonnni amma jirus rakkoo biyya mudatuufi birmadummaa biyyaa sarbu walgargaarsa,tokkummaafi jaalalan ijaaramee injifachuu akka qabus Dr.Rattaan yaadachiisaniiru. Adwaan injifannoo abbootiinii fi haadholiin keenya galmeessan nutimmoo yeroo ammaa diinagdee fi birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa haaraa galmeessuu qabna jedhaniiru. Dhaloonni yeroo ammaas bu'aan waloomaa fi tokkummaan injifannoo Adwaa seenaa waloo keenyaa bareeche, hubatee tokkummaan waliin taanee seenaa dhaloonni bara baraan hin daganne hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Adwaan injifannoo humni waloomaa qabu kan itti mul'atedha- Obbo Hayiluu Addunyaa
Feb 20, 2026 98
Guraandhala 13/2018(ENA)- Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata duree ''Adwaa:Injifannoo waloo yaadannoo waliinii'' jedhuun bakka hooggantoonni mootummaa, haayyoonnii fi keessummoonni adda addaa argamanitti galma Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira. Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa saganticharratti haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya birmadummaan ishee wareegama qaalii Abboonii fi haadholiin keenya kaffalaniin tikfamaa kan dhufte fakkeenya bilisummaa Gurraachotaati jedhan. Adwaan injifannoo seenessa koloneeffattootaa cabse; dabaafi shira diinaa hunda kan diige waltajjii guddaa Idil-Addunyaawaa dha jedhani. Dirree falmii haqaafi diddaa garbummaa finiinse, garaagarummaa akka miidhaginaatti tokkummaa akka humnaatti fayyadamuun ijaaramee hoggansa tarsiima’aanis masakamuun humni Koloneeffattootaa kaayyoo Afriikaa qircachuu qabatee duulaan dhufe kan itti injifatamedhas jedhan. Injifannoo yaadama sirna garboomsaa kan diige ilaalcha walqixxummaa namoomaaf boqonnaa haaraa kan saaqe akka ta'ees Obbo Hayiluun himaniiru. Adwaarratti gootonni Itiyoophiyaa bakka hundarraa walitti babbahanii garaagarummaa keessoo cinatti dhiisuun, mufiiwwan sirna bulchiinsaa irraa qaban bulfachuun gamtaan ka’anii wareegama qaalii waloon kaffalameen birmadummaan biyyaa kan itti tikfame gootummaa Itiyoophiyaa kan ittiin labsame dha jedhani.Injifannoon kun humna sabdaneessummaan kan galmaa’e Itiyoophiyaatti ulfina horuun diinota kan qaanesse ta'uus ibsani.Kanaaf, Adwaan qaama seenessa waloo tokkummaa cimsee gaaddisa waloomaa jalatti Itiyoophiyummaa kan walitti qabe eenyummaa Itiyoophiyaanota dhugaa yeroo hundaa akka ta'ees eeraniiru. Dhalootni haaraan kunis waggoota Torban darbe gama tokkoon birmadummaa biyyaa tiksaa gama biraatiin pirojektootaa fi hojiiwwan misoomaatiin injifannoo galmeessuun ashaaraa isaa kaa’aa jira jedhan. Kanaanis akkuma Abboonnii fi haadholiin keenya Adwaarratti seenaa hojjetan, dhaaloonni haaraan Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ijaaree xumuruun injifannoo fakkeenya Adwaa 2ffaa ta’e kaa’uun kan danda’ame ta'uu ibsaniiru. Pirojektiin Hidha Haaromsaa xumuramuu hordofee labsiiwwan seena qabeessa Gubaarratti labsamaniiru. Ajandaan waloo hojmanee hunda keenyaa ta’ee jirus imala haaraa hidharraa gara Ulaa Galaanaatti tarkaanfate jiru dha jedhani. Kunis qabeenya Ulaa Galaanaa shiraan dhabne karaa seera Idil-Addunyaa eegeen deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhaniiru. Akkuma abbootiinii fi haafholiin keenya tokko ta'anii injifannoo Adwaa galmeessan, nuti immoo birmadummaa biyya keenyaa murteessaa kan ta'e tokko taanee ulaa galaanaa fi marii biyyaalessaa jalqabamee jiru fiixaan baasuun, imala ijaarsa biyya jabduufi mootummaa cimaa jalqabame milkeessuuf dhimmoota waloon irraanfachuu qabnu waloon irraanfachaa dhiifamaan ce’uun dhimmoota waloon yaadatamuu qaban utubaa ijaarsa biyyaa taasisuun yaadachaa egeree ijaaruun murteessaa ta'uu himaniiru obbo Hayiluun.
Mariin biyyaalessaa seenessa waloo Bu’uura cimaarratti ijaaruu fi meeshaa furmaata waaraa fiduudha
Feb 20, 2026 82
Guraandhala 13/2018(ENA)- Mariin Biyaaolessaa seenessa hirmaachisaa bu’uura cimaarratti ijaaruu fi meeshaa furmaata waaraa fiduu ta’uusaa Hayyoonni Yunvarsiitii Mattuutti hojjetan ibsan. Mariin biyyaalessaa garaagarummaawwan jiran dhiphisuuf, waldhabdeewwan turan bu’uurraa dhabamsiisuu fi walii galtee biyyoolessaa uumuuf murteessaadha. Hayyoonni Yunvarsiitii Mattuutti hojjetanii fi dhimmicharratti yaadasaanii ENA’f kennan faayidaa marii biyyaalessaa ilaalchisuun yaadasaanii kennaniiru. Yunvarsiitichatti kan hojjetan barsiisaa fi qorataa Badhaasaa Amsaaluu akka dubbatanitti, marichi seenessa waloo biyyaalessaa bu’uura cimarratti ijaaruu fi furmaataa waaraa barbaaduuf meeshaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Fedhii fi faayidaa biyyaalessaa kan durse ajandaa dhaabbataa qabachuu fi hojiirra oolmaasaaf waloon hirmaachuuf hunda dammaqsuuf dandeettii kan qabu ta’uu hubachiisaniiru. Hawaasni adeemsa marii biyyoolessarratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa nageenyaaf yaada furmaata barbaachisa jedhu miira abbummaan gumaachuu akka qabu marii’ateera. Barsiisaan Yuunvarsiitichaa biroon Saabiit Zeeyinuu gamasaaniin mariin biyyoolessaa Ijaarsa seenessa waloof kan barbaachisu yaadama haaraa fi duudhaa barbaachisaa ni fida jedhaniiru. Biyyoonni Adduyaarratti Diinagdeen guddatanii fi dhiibbaa geessisan bu’uurasaanii seenessa waloorratti ijaaruun, fedhii fi faayidaa biyyoolessaaf dursa kennuun ta’uu dubbataniiru. Marichaan seenessa waloo cimaa ijaaramuun adeemsicha lammiileen hundi qoodasaanii bahuu akka qaban hubachiisuun kanarraas fayyadamoo kan ta’an hawaasicha ta’uu ibsaniiru. Biyyi seenessa waloon ijaaramte rakkoolee xixiqqaan akka hin raafamne qooda olaanaa kan qabu ta’uusaa fi Itiyoophiyaan damee siyaasa fi Diinagdeen akka dursituuf seenessa waloorratti hojiin hojjettu qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Filannoo waliigalaaf lammiileen hubannaa gahaa argartanii hirmaanaa bu’aa qabeessa akka qabaataniif hojjechaa jirra - Hawaasa Siivikii
Feb 19, 2026 156
Guraandhala12/2018(ENA):- Filannoo waliigalaa 7ffaa lammiileen hubannaa gahaa argartanii hirmaanaa bu’aa qabeessa akka qabaataniif hojjechaa jiraachuu Miseensonni Hawaasa Siivikii Godina baalee jiran beeksisan. Hawaasni Siivikii uummanni filannoo biyyoolessaa 7ffaa hubannaa gahaa qabaatee carraa dammaqinaan akka itti hirmaatu kaayyeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasa Siivikii Godinicha jiraniif hubannoo filannoo biyyoolessaa 7ffaa uumuu fi adeemsa filannoo taajjabuuf boordii filannoo biyyaalessaarraa eeyyama fudhachuun sochii qabatamaa taasisaa jiru. Dhimmicha ilaalchisuun hawaasni Siivikii yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, filannoo biyyoolessaaf lammiileen hubannaa gahaa qabaatanii hirmaannaa akka qabaataniif hojjechaa jira jedhaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii waldaa dargaggootaa Godinichaa Dargaggoo Iissaa Xaahir milkaa’ina filannichaaf odeeffanno sirrii hawaasa biraan gahuun qooda keenya baana jedheera. Keessumaa dargaggoonni filatan hubannaa waa’ee filannoo qaban caalaatti guddisuuf barumsa kennuu fi taajjabii filannoorratti dammaqinaan hirmaachuuf itti faagatamummaasaanii bahuuf kutannoo qabaachuusaanii ibsaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii Dubartootaa Godinichaa Aadde Sukkaaree Muliyyee gamasaaniin milkaa’ina filannoo biyyoolessaaf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Filannoo biyyoolessaa torbaffaarratti dubartoonni hirmaanaa ho’aa akka taassisaniif itti gaafatamummaa hawaasummaasaanii bahuuf akka hojjetan ibsaniiru. Adeemsota filannoo duraa, yeroo filannoo fi filannoo booda keessatti hirmaannaa filattootaa ilaalchisee leenjii hubannoo uumuu kennuu eegaluu durataa’aa waldaa dargaggoota Godinichaa Abdul Hakiim Maahimus ibseera. Leenjiin kennamaa jiru kun, filattoonni adeemsa filannoo sirriitti hubachuun mirga dimookiraasii isaaniitti akka fayyadaman gochuuf faayidaa akka qabaatu ibseera. Durateessuun Waldaa Dubartoota Godinichaa AaddeGannnat Kaasaahuun, filannichi nagaa, dimookiraasii, bilisaa fi loogii-maleessa ta’ee akka xumuramuuf hawaasni hubannoo gahaa akka argatu hojjechaa jirra jedhaniiru. Akkasumas filattootaaf barnoota kennuun hubannoo uumuu bira dabree,gahee taajjabummaa keenya sirriitti bahachuuf itti-gaafatamummaa keenya bachuuf jirra jedhaniiru. Godinichatti filannoo waliigalaa7ffaaf buufataalee filannoo 395 keessatti hubannoo kennuu fi filannicha taajjabuuf, miseensonni dhaabbilee siivikii 1,000 ol ta'an Boordii Filannoo biiyyoolessaarraa Eeyyama argachuu isaanii beekuun danda'ameera.

Hawaasummaa
Itiyoophiyaan hordoffii fi to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaatiin milkoofteetti
Feb 21, 2026 27
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Maarbargi dabalatee hordoffii fi to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaatiin hojiiwwan milkaa’oo raawwachaa akka jirtu wiirtuun ittisaa fi to’annoo dhukkuboota Afriikaa ibse. Wiirtuu kanatti gaggeessaan damee ittisa weeraraa, qophaa’ummaa fi deebii doktar Nigaashee Nigoongoo akka jedhanitti, Itiyoophiyaan weerara Maarbargi to’achuuf tumsi goote yeroo gabaabaatti weeraricha to’achuuf ishee gargaareera. Kun ammoo dhukkubni miidhaa guddaa osoo hin geessisiin to’achuun akka danda’amu Itiyoophiyaan kan muuxannoon irraa fudhatamu ishee taasisa jedhniiru. Itiyoophiyaan karaa sagantaa ekisteenshinii fayyaatiin sirna dhukkuba adda baasuu kan gargaaru dandeettii hojii sakatta’uu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaas muuxannoo fi qophaa’ummaa sakatta’uu fi to’achuu balaawwan fayyaa hawaasaaf dandeettii uummachuusaa eeraniiru. Wiirtuun kun damee fayyaa Itiyoophiyaa cimsuuf tumsaan hojjechaa akka jiru ENA’f mirkaneessanii, fakkeenyaaf deeggarsa teekniika garagaraa, dandeettii laaboraatoorii cimsuu fi deeggarsa galtee gochaa kan jiru ta’uu eeraniiru. Birmadummaa fayyaa Ardichaa mirkaneessuuf qabeenya biyya keessaa guddisuu, hirmaannaa damee dhuunfaa gabbisuu, hojmaata bu’a qabeessa cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Sirni awwaalchaa obbo Amaan Fissahaatsiyoon raawwatame
Feb 19, 2026 147
Guraandhala 12/2018 (ENA): Sirni awwaalchaa hundeessaa fi hoji gaggeessaa duraanii Televiizhinii EBS obbo Amaan Fissahaatsiyoon raawwatameera. Sirnichi bakka awwaalchaa Qulqulluu Pheexiroos Waphaawuloositti maatiin, jaallattoonni, fironni, waahillan hojii isaanii, hoggantoonni mootummaa fi geggeessitoonni dhaabbilee adda addaa, akkasumas artistoonni hedduun argamanitti raawwatameera. ObboAmaan kan bultii dhaabbatanii fi abbaa ijoollee sadii turani.
Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa dha
Feb 19, 2026 93
Guraandhala 12/2018 (ENA): Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa dha jedhani Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen. Pireezdaanti Taayyeen guyyaa yaadannoo wareegamtoota 89ffaa Guraandhala 12 ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Ergaa isaanii keessatti yaadannoon kun Itiyoophiyaa jaallachuu keenya yeroo itti mirkaneessinu, guutummaatti Itiyoophiyaaf of kennuunis yaadannoo hin bannee ta’uu isaa kan mirkaneessudha jedhaniiru. Mul'ata biyyoolessaa guddaaf of kennuun yeroo hunda Itiyoophiyaa keessatti aadaa ta'uu hubachiisaniiru. Jaalalli Itiyoophiyummaa har’as ta’ee boru arginu, lammiilee ishee tokkummaa fi guddina isheef kutannoo qaban keessatti mul’atu humna jiraataa fi waamicha yeroo hunda ta’uu ibsaniiru. Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Haaromsi aadaa Oromoo beekumsa oomishuun diinagdee ceesisuu keessaatti gahee olaanaa qaba – Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa
Feb 19, 2026 100
Guraandhala 12/2018( ENA )-Haaromsi aadaa Oromoo beekumsa oomishuu, diinagdee ceesisuu caaseffama aadaa sirneessuu akkasumas miidiyaa fi biraandiigii irratti fooyya’insa bu’uuraa fiduun jijjirama hunda galeessa dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Biirichatti Daarektarri Misooma Sona Aadaa obbo Olaanaa Tashoomaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti; Mootummaan naannoo Oromiyaa cabnisa siyaas-dinagdee akka biyyaatti mudate furuuf haaromsa aadaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Hojiin haaromsa aadaa Oromoo muuxannoo biyyoota adda addaa kanaan dura rakkoo hawaas-dinagdee isaan mudate keessaa bahuuf haaromsa aadaa gochuun itti milkaa’an bu’uureffachuun haala qabatamaa naannoo Oromiyaan kan qophaa’edhas jedhaniiru. Hojiin haaromsa aadaa kunis kan irraatti xiyyeeffatu aadaa siyaasaa, hawaasummaa, dinagdee, qusannaa, nyaataa fi hojii irratti jijjirama bu’uuraa fiduun jiruu fi jireenya hawaasaa gara jireenya qananiitti jijjiruuf kan bu’uureffatedha jedhaniiru. Aadaan amala jijjiiramuu qabu ta’uu kan eeran obbo Olaanaan, aadan akkuma yaadni haaraa fi teknoloojiin haaraan kalaqamaa deemuun wajjin jijjiiramaa deema tahu yaadachiisaniiru. Aadaa Oromoo haala qabatamaa ummatichi ammaa keessa jiru bu’uura gochachuun haaromsuun beekumsa rakkoo hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa akkasumas dinadee biyyaa ceesisuu haala danda’uun irratti hojjetama jiraachuu ibsaniiru. Hojiin Haarmsa Aadaa Oromoo kun kaayyoon isaa kan duraa beekumsa mandhalee aadaa Oromoo irraa maddee oomishuu, ta’uu himanii, bu’uurri kun immoo bu’uura yaada ida’amuu kan of keessatti hammatedha jedhaiiru. Aadaa ogummaa adda addaa fi qabeenya jiru sirnaan hojiira oolchuun badhaadhina hunda galeessaaf gumaacha akka taasuufis gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru. Sosochiin haaromsa aadaa Oromoo kun aadaa, duudhaa fi Afaan Oromoo yaadamaa haalaa kalaqaa bu’uureeffate fi tekinolojii ammaayyaan deeggaruun akka misoomaan taasisuuf kan hojjetama jiru ta’uus obbo Olaanaan himaniiru. Kana gochuufis aadaa, duudhaa, safuu fi sirni gadaa Oromoo imaammata barnootaa keessatti hammatamee dhaloonni akka ittiin qaramuu taasisuuf eegaluu himaniiru. Hojii Haaromsa Aadaa kanaan Aadaa walgargarsaa Oromoo cimsuun Oromoo bira darbee addunyaaf illee haala bu’aa buusuu danda’uun sirini buusaa gonofaa hojiirra ooluu eegaluun bu’aa buusuu akkaa jiruu himaniiru. Manni murti aadaas hundaa’uun hawaasani haqa isaa karaa duudhaa isaa akka argatus hojii hojjetamuu eegaleen bu’aan guddaan argamuu himaniiru. Artiin Oromoos sadarkaa isaa eeggatee akka misoomuu fi guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaa akka bahatu horomsa aadaa kanaan hojjetama jirachuu ibsaniiru.
Diinagdee
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera
Feb 21, 2026 15
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirsuudhaan hojiitti galuusaa ibse. Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna dinagdee Itiyoophiyaa keessatti qama haqaa isa haaraa fi murteessaadha. Manni murtii kun akkaataa lakkoofsa labsii gabaa kaappitaalaa 1248/2013’n kan hundeeffame yoo ta’u dhiibbaa hojii maneen murtii idileerra jiruu fi amala addaa damee Kanaatiin dhimmoota ga’umsaan murtoo kennuuf akka danda’amuufidha. Kaayyoonsaa ijoon waldhabdeewwan hirmaattota gabaa kanaa jidduutti uumaman of danda’uun ogeessaan kan qoratu yoo ta’u manni murtii kun ggabaan amanamummaan akka qajeelfamu gochuuf qooda guddaa nib ahata. Dura taa’aan abbaa murtii mana murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Abinnat Zarfuu ENAtti akka himanitti, komiiwwan murtoo manni murtii abbaa taayitaa gabaa kaappitaala Itiyoophiyaa dabarsurratti dhihaatan qoratee murtoo kenna. Hundeeffamee wagga tokko kana keessatti hojjettoota guuttachuu dabalatee hojii jajjabeessaa hojjechuusaa eeranii, qajeelfamni naamusaa manni murtichaa ittiin qajeelfamu qophaa’ee xumuramuusaa beeksisaniiru. Tajaajilamtoonni bakkuma jiranirraa oliyyachuu akka danda’an sirni teeknooloojii diriirfamuusaa dubbataniiru. Manni murtii kun ministeera dhimma alaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, carraaqqiiwwan kanneen keessaa gitasaa kan ta’e dhaabbata Taanzaaniyaa waliin sanada walii galtee mallatteessuuf qophiirra akka jiru eeraniiru. Walii galteen kun muuxannoo abbaa seerummaa biyyoota lamaan jidduu jiru qooduu fi tumsaan hojjechuuf faayidaa guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kana malees haal dureen sadarkaa Afriikaa bahaatti foramii maneen murtii bulchiinsaa gabaa kaappitaalaa hundeessuuf gargaaru raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo walitti hidhaminsa gabaa sadarkaa riijiniitti cimsuu fi sirna abbaa seerummaa wal fakkaataa diriirsuuf akka gargaaru itti amanameera jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni Kilaasteraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru
Feb 20, 2026 78
Qonnaan bultoonni Kilaastaraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru Guraandhala 13/2018(ENA): Dirree Dawaatti qonnaan bultoonni kilaastaraan Burtukaana misoomsaa jiran mataasaaniirra darbanii dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiraachuu ibsan. Waggoottan darban gandoota baadiyyaa Dirree Dawaatti bu’uuraaleen misomaa jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf hawaasa gargaaramuurraa gara omishtummmaatti ceesisaa jiraachuu Bulchiinsi Dirree Dawaa ibseera. Qonnaan bultoonni ganda Reeggee fi Ija Aannanii gamasaaniin ENA’f akka ibsanitti, waggoottan afran darban pirojektoonni jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf dandeessiseera jedhani. Qonnaan bulaa Ibiraahim Usmaan qonna magaalaan, Sagantaa Maaddii guutuunii fi misooma suluulaan misoomawwan hojjetamaa jiran kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuun jireenyasaanii jijiiruuf isaan dandeessisuu ibsaniiru. Ammaan dura hojii gurgurtaa mukaatiin duraan jiraachaa kan turan dhiisuun, waldaan gurmaa’anii kilaastaraan oomisha burtukaanaa irratti bobba’uun jireenya isaanii jijjiiruuf isaan dandeessisuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa Aliyyi Awwal gamasaaniin, misooma sululaa lafa irratti hojjetamerratti burtukaanaa omishuun omishtummaasaanii guddisuusanii dubbataniiru. Biiroon Qonnaa sanyii fuduraalee filatamoo dhiheesuun olitti ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffiin taasisan saffisaan gargaaramuu keessaa bahuuf isaan dandeessisuu ibsaniiru. Yeroo ammaa gara omishaatti ce’uun dargaggoota 30f carraa hojii uumuusaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa, Bishaanii,Albuudaa fi Inarjii Dirree Dawaa obbo Nuuraddin Aliyyii gamasaaniin waggoottan darban gandoota baadiyyaatti bu’uuraaleen misooma jallisii ijaaraman qonnaan bulaan gargaaramuurraa gara omishtummaatti akka ce’an taasiseera jedhaniiru. Keessumaa kilaastarri burtukaanaa ganda Reeggee qonnaan bulaan damee fuduraan bu’aa galmeessa jiran akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu dubbataniiru. Qonnaan bultoota kanaaf sanyii filatamaa Yuunivarsiiitii Haramayyaa fi dhaabbilee qorannoo biroorraa argaman dhaqqabsiisuu ibsaniiru.
Magaalota ammayeessuun galii manneen qopheessaa guddiseera
Feb 20, 2026 78
Finfinnee Guraandhala 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti magaalota ammayeessuun galii mannneen qopheessaa magaalotaa guddisuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii naannichaa hime. Magaalota haaromsuun, bu’uuraalee misoomaa foyyessuun akkasumas bareedinaafi hawwattummaa magaalotaa dabaluun jiraattotaafi daldala akka dadamqse ni beekama. Misoomni kooridarii guutuu biyyattiitti hojjetame ammoo Naannoo Oromiyaattis bal’inaan waan raawatameef ammayyummaa magaalotaaf gahee guddaa dabaleera. Itti Aanaan Hogganaa Biroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa Obbo Birihaanuu Baqqalaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti, waggootaaf galiin magaalota naannichaarraa argamu gadi bu’aa ture. Yeroo ammaa misooma koriidariifi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun galiin manneen qopheessaa magaalotaa daran akka dabalu taasiseera jedhan. Bu’uuraalee misoomaa babal’idhisuufi magaala jiraattootaaf mijooftuu taate uumuudhaan midhaginni magaalaa akka dabaluu fi magariisumman akka babal’dhatuuf hojii guddaan hojjetameera jedhan. Ijaarsi daandii aspaaltii babal’aafi mijataa ta’uu, daandiin lafa deemtotaa ijaaramuu, kan saayikilii ijaaramuu, bakki haara galfannaa ijaaramuufi magariisni babal’achuun akka magaalotni hawwataa ta’an taaseseera jedhan. Misoomni kunis qindoominaa fi dadamaqiinsa jiraattotaafi daldaltootaa hedduu guddisuu himanii galii maneen qopheessaa dabale himan. keessumaa kenniinsa tajaajiloota magaalaa keessatti tekinoloojiidhan deeggaruu fi tajaajilli kennamu iftoominaafi saffisa akka qabaatuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu himaniru. Bu’aa argameenis bara darbee galiin manneen qopheessaa magaalota Oromiyaa birrii bil. 37 akka ture himanii bara kana birrii bil. 58 galchuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan. Kana keessaa hanga walakkaa waggaatti birria bil. 33 kan argamee ta’uu himaniiru. Kunis kan agarsisu hawwasni magaalicha keessa jiru hirmaannaa guddaa kan godhuufi magaalaa ofii jijjiruudhaaf qophiin jiru baay’ee kan abdi namatti horu ta’uu eeraniru.
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaan gahumsa qabaachuu agarsiisuu fi milkaa’ina misooma ajaa’ibaa ardii Afrikaati
Feb 19, 2026 85
Guraandhala 12/2018 (ENA) : Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaan gahumsa qabaachuu agarsiisuu fi milkaa’ina misooma ajaa’ibaa ardii Afrikaa ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Naayijeeriyaa, Dr. Ogiboonayaa Okutii ibsani. Ogeessi dinagdee fi imaammata mootummaa akkasumas Ministirri Maallaqaa Naayijeeriyaa Dr. Ogiboonayaa Okuti Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya dandeettii Afrikaati jedhan. Itiyoophiyaanonni maallaqa mataa isaaniin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf kutannoon agarsiisan Afrikaanotaaf fakkeenya seenaan yoomiyyuu hin daganne ta’uu ibsaniiru. Milkaa’ina ijaarsa Hidha Haaromsaa keessatti hirmaannaan Itiyoophiyaa dammaqinaan taasisan dinqisiisaa waan ta’eef, carraaqqii Afrikaanonni tattaaffii mataa isaaniitiin pirojektoota gurguddoo ijaaruuf taasisaa jiran keessatti akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru. Injifannoon misoomaa dinqisiisaa Itiyoophiyaan uummata isheen galmaan geesse tarsiimoo misoomaa fi guddina Afrikaa gara fuula duraa kan bocudha jedhani. Itti dabaluunis biyyoonni Afrikaa walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii cimsuun ajandaalee misooma ardii Afrikaa galmaan ga’uuf waliin hojjechuun irraa eegama jedhan. Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fakkeenya tokkummaa ta’uu ibsaniiru. Qabeenya bishaanii fi sirna qulqullinaa Afrikaa fooyyessuudhaan itti fufiinsa misooma biyya keessaa, naannoo fi ardii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Hidhi Haaromsaa walitti hidhamiinsa anniisaa naannoo uumuun hawwii misoomaa lammiilee Afrikaa galmaan ga’uuf waliin dhaabbachuun fakkeenya ta’uus ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 2
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru. Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Shaggaritti kenninsi tajaajila socho’aan eegalame
Feb 19, 2026 54
Guraandhala 12/2018 (ENA) - Kenninsa tajaajilaa si’ataa gochuun itti fuufinsa maamilaa dhugoomsuuf Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaanitti tajaajilli garagaraa eegalameera. Dhaqqabamummaa kenna tajaajilaa mirkaneessuun itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf tarkaanfiiwwan hojiirra oolfaman keessaa tajaajila wiirtuu Masoob isa tokkodha. Magaalaa Shaggarittis tajaajila Wiirtuun tokkoo Masoob erga hundaa'ee hojiiwwan bu'aa qabeessummaa kenna tajaajilaa mirkaneessan tekinooloojiiwwan dijitaalaan deeggaramuun kennamaa jira. Kenna tajaajilaa caalaatti bu’aa qabeessa gochuuf Magaalaan Shaggar tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob socho’aa (konkolaataan) Kutaa Magaalaa Galaanitti kennaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaanitti kenni tajaajilaa socho'aa seektaroolee 8 fi gosoota tajaajilaa 16n eegalchiifameera. Tajaajilootni kunneenis Waraqaa eenyummeessaa jiraatotaaf kennuu, taateewwan bu'uuraa, waraqaa ragaa hoji-dhabdummaa, Waraqaa Inshuraansii Fayyaa Haaressuu fi dijitaalessuu dabalatee waliigala tajaajilootni 16 akka kennamu eerameera. Itti gaafatamaa Waajjira Paablik servisii fi misooma Qabeenya namaa Magaalaa Shaggar Obbo Cammaraa Shibbiruu, Mootummaan Badhaadhinaa kenna tajaajilaa si'ataa, dhaqqabamaa fi bu'a-qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen hojiiwwan itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessan qabatamaan argamuu himaniiru. kunis imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa dhugoomsuu keessatti tarkaanfii murteessaa ta'uus ibsaniiru. Saganticharratti Hoji-gaggeessaa olaanaa Wiirtuu tajaajila tokkoo masoob Magaalaa Shagga Obbo Mokonnon Hambee akka ibsanitti, rakkoowwan kenna tajaajilaa seektaroolee Mootummaa keessa ture furuuf tarkaanfii Muummichi Ministeeraa fudhateen, tajaajila hawaasaa ammayyaa'aa, dhaqqabamaafi haqa-qabeessa taasisuuf hojiirra kan oolfameera. Kunis biyya tekinooloojiiwwan dijitaalaan dorgomtuu taatee fi dhaqqabamummaan tajaajila Mootummaa keessatti mirkanaa'e taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru ta'uus ibsaniiru. Itti quufinsa maamiltootaa caalaatti guddisuuf kenna tajaajila socho'aa tekinooloojiin deeggaramuun itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluuf kan eegalame ta'uu himaniiru. Tarkaanfii Mootummaan kenna tajaajilaa itti dhiheenyaan hawaasaaf kennuuf hojjechaa jiru, rakkoowwan kenna tajaajilaan turan furuuf tarkaanfii murteessaa ta'uu itti Aanaa bulchaa kutaa Magaalaa Galaan Obbo Shimallis Lammeessaa himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa kana irrattis hooggantootni sadarkaan jiranii fi tajaajilamtootni garagaraa argamaniiru.
Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha
Feb 18, 2026 93
Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti. Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru. Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera. Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 126
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitid waliin ni taphata
Feb 21, 2026 19
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Piriimar Liigii Ingiliz torban 27ffaan har’a eegala. Sagantichaan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Taphni Galgala sa’aatii shan irratti Maanchistar Siitiin Niwuukastil waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphatan hawwiin eegama. Maanchistar Siitiin qabxii 53n Sadarkaa 2ffaa qabateera. Niwuukaastil Yuunaayitid qabxii 36n sadarakaa 10ffaarra jira. Maanchistar Siitiin injifannoo ittifufa 3ffaa galmeessuuf ni taphatu. Torban 26ffaa Tootenihaam Hotispersiin 2 fi 1n dirreesaan alatti erga mo’atee booda Niwuukastil Yuunaayitid injifannoo walitti fufaa galmeessuuf wal morkatu. Maanchistar Siitiin yoo injifate dursaa liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qabu yeroof gara 2tti gad buusa. Astonviilaan qabxii 50n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liids yuunaayitid qabxii 30n sadarkaa 15ffaarra taa’eera. Taphichaan Astonviilaan morkii waancaaf turuuf , Liidis Yuunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa siquuf qabxii sadii argachuuf kan wal- morkatanidha. Chelsiin Bernileyii waliin fi Bireentifoordi Biraayiten waliin galagala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Westihaam Yuunaayitid Bornimaawuz waliin galgala sa’aatii 2:30tti Istaadiyeemii Landanitti taphatu.
Ayyaana Hundeeffama Ajaja duula addaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira
Feb 14, 2026 149
Guraandhala7/2018(ENA)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ayyaana hundeeffama Ajajaa duula addaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa daandiirraa KM.10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama jira. Dorgommicharratti Atileetonni bebbeekamoon kilabiiwwan adda addaa keesaa dhufan hirmaachaa jiru. Akkasumas miseensota raayyaa ittisa biyyaa, jiraattota magaalaa hawaasaa fi naannoolee ollaarraa kan dhufan jiraattonni kuma 10n ta’an hirmaachaa jiru. Sirnicharratti Ajajaan duula addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, mejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda Kidaan, Qondaaltota Olaanoo, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa fi hoggantoonni bulchinsichaa argamaniiru.
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata
Feb 10, 2026 277
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa
Feb 8, 2026 261
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera. Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira. Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 127
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 105
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru. Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru. Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 207
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 177
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira. Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2127
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10336
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.