Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajila fayyaa Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jira- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Nov 10, 2025 66
Sadaasa 1/2018(TOI)-Tajajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jiraachuu Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Ministeerri fayyaa dhiheessii qorichaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa si’ataa taasisuuf appilikeeshinii bilbilaa ‘Xeeninnatee’ jedhu eebbisiiseera. Dabalataanis sirna bobbii Ambuulaansii ‘lebeggoo’ jedhuuu fi odeffannoo fayyaa fi tajaajila gorsaa waamicha sarara bilbila bilisaa 952 hojii eegalchiiseera. Pirezidant FDRI Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, dhukkuba ittisuuf ammaan dura yaalanii fayyisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamnuu ibsaniiru. Tajaajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aan galmessaa jiraachuu eeruun, guyyaa har’aa appililkeeshiniin ifoome tajaajila fayyaa lammiilee si’ataa, haqa qabeessaa fi qulqullinasaa eeggate argachuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniiwwan dandeettii ofiin hojjetaman sirna fayyaa kan deeggaran ta’uu kaasuun sirna fayyaarratti qooda mataasaanii akka gumaachan amantaa qaban ibsaniiru. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, damee fayyaa dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf teekinooloojiin murteessaa ta’uu dubbataniiru. Miniateerichi fayyaa lammiilee fooyyessuuf tarsiimoowwan adda addaa bocee hojjechaa jirachuu dubbachuun, appilikeeshiniiwwan guyyaa har’aa hojiirra oolan qaama kanaati jedhaniiru. Appilikeeshiniin fayyumaa koo jedhu Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hawaasni salphaatti akka qoricha argatu yaadamee kan misoome ta’uu dubbataniiru. Sirna Bobbii Ambuulaansii Lebeggoo jedhuu fi bilbila bilisaa 952 giddugaleessaa tajaajila fayyaa tasaaf qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru. Appilikeeshiniiwwan Guyyaa har’aa eebbifaman walii gala sirna fayyaa kan ceessisan ta’uu eeraniiru. Sagantichaarratti pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee dabalatee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, bulchitoonni naannoolee, Itti Gaafatamtuu Pirees Sekretariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum akkasumas, qondaaltonni olaanoo fi keessummoonni waamichi taassifameefii argamaniiru.
Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jira
Nov 10, 2025 43
Sadaasa 1/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jiraachuu waajjirri Jallisii fi Horsiisee bulaa godinichaa ibse. Naannoon Oromiyaa bakkeewwan gammoojjiitti hongee fi sababoota isaan wal-qabataniin rakkoowwan mudatan itti fufinsaan dandamachuuf ijaarsi piroktoota jallisii xiqqaa fi gidduugaleessa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera. Isaan keessaa kan Godina Gujii tokko yoo ta’u, Godinichatti waggoottan darban hidhawwan jallisii faayidaa adda addaa kennan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuun ibsameera. Ijaarsi hidha jallisii lafa hektaara 520 misoomsan hojjetamaa jiraachuu waajjirri jallisii fi horsiisee bulaa wayita kana beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjiricha Dr.Gadaa Shandoo ijaarsi hidhaa godinicha Aanaawwan Gammoojjiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gidduu galeeffatan ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godina Gujii 13 keessaa shan gammoojii bakka roobni itti xiqqaatuu fi beelladni hedduumminaan itti horsiifamanidha jedhaniiru. Ijaarsi Hidhawwan jallisii hojjetamaa kan jiru Aanaawwan shan Boree, wadaraa, sababooruu fi Garjaatti Aanaawwan hanqinni roobaa jiran ta’uu kaasaniiru. Hidhi jallisii kun yeroo xumuraman lafa hektaara 520 ol jallisii ammayyaan misoomsuuf gargaaran eeruun ijaarsichi giddugaleessaan dhibbantaa 50 hanga 92 ga’uu dubbataniiru. Mootummaan Naannichaa Pirojektii Ijaarsa Hidha jallisiif baajata waliigalaa birrii miiliyoona 457 ol ramaduu ibsuun adeemsi ijaarsa pirojektoonni jallisii yeroo gabaabaa keesatti xumuruun tajaajilaaf geessisuuf duulli taassifamaa jira jedhaniiru.
Sanyii filatamaa Qamadii fi xaa’oo Jallisii Boneef bal’inaan dhihaachaa jira–Ministeera Qonnaa 
Nov 10, 2025 42
Sadaasa 1/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018 Omishaa fi omishtummaa Qamadii kan guddisan dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo bal’inaan raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera. Ministeerichi lafa hektaara kuma 767 ol qotuun kana keessaa lafa hektaara 359 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Misooma Jallisii qamadii Boneen wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee aadaa hojii Qotee bulaa Jijiiruun waggaatti yeroo lamaa ol misoomaa jira. Jijiirama biyyoolessaa booda misooma qamadiif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma jallisii bonee dabalatee omishaa fi omishtummaanqamadii sadakaa olaanaan dabaleera. Ministeera Qonnaatti hojii raawwachiisaa olaanaan Misooma midhaanii Isayaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, Misooma Jallisii Qamadii Bonee bara 2018’f lafti hektaarri miiliyoona 4 tuqaa 29 qotamuun callaa kuntaala miiliyoona 175 argachuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Bara kana qamadii jallisii bonee kan bara darbe turerra hektaaraa miiliyoona 3 tuqaa 5 caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Jallisii Qamadii bonee bara kanaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 767 ol qotamuun lafti hektaara kuma 359 ol sanyiin facaafamuu eeraniiru. Kanaanis sadarkaa biyyoolessaatti Jallisii Qamadii Boneen muuxannoo argame caalaatti guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun haala danda’amuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaafis dhiheessii xaa’oo biyyee, sanyii filatamaa fi paampii bishaanii qaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Xaa’oo biyyee waliin wal-qabatee misooma gannaarraa kan hafee fi jallisiisf kan qophaa’e qotee bulaaf raabsamuu, sanyii filatamaan qamadii haala guutuu ta’een Qamadii jallisii boneef dhaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Qamadiin jallisii bonee waggaa gara waggaatti bu’aa guddaa galmeessisaa dhufuu duubbataniiru. Qamadiin nyaataan of danda’uun wal qabatee fi milkaa’ina akka biyyaatti qabameef agarsiistuu ta’uu eeraniiru. Galmi Qamadii jallisii bonee bara kana qabame akka milkaa’u ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffii akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf qooda olaanaa gumaacha
Nov 10, 2025 56
Sadaasa 1/2018(TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf akkasumas qooda riijinii olkaasuuf qooda murteessaa akka qabu miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Dr. Buzaayyoo Dagafaa ibsan. Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama. Gaaffii abbummaa galaana diimaa furuuf adeemsa tasgabbaa’aa, qalbii fi mariirratti hundaa’e hordofuun akka barbaachisu dubbatanii, dhamuuf yeroo fudhatame deebisuuf amma sana hin fudhatu jedhaniiru. Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde bu’ura seeraa fi dhaabbilee kan hin qabne kan nama gaabbisiisu qama cabiinsa faayidaa biyyaalessaa ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’ootaa Dr. Buzaayyoo Dagafaa, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde fudhataa seeraa fi seenaa hin qabu jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, itti fayyadama waloo riijinii kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin abbimmaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argachaa dhufuu eeranii, imala jijjiiramaa eegalte xumuraan gahuuf akkasumas guddinaa fi misooma biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunshee ofirra darbitee biyyoota ollaa fi riijinicha akka deeggartu kan ishee dandeessisu ta’uu eeranii, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tumsa riijinii fi misooma anniisaaf gumaacha bahaa jiru fakkeenya kaasaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa carraa waliin guddachuu biyyoota riijinichaa kan guddisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Nov 10, 2025 105
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise. Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama. Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata. Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru. Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru. Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru. Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru. Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.
Kan mul'ate

Yaa’ii imaammata lafaa Ardii Afriikaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu
Nov 10, 2025 47
Sadaasa 1/2018 (TOI)-Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa jahaffaan har’aa eegalee Finfinneetti nitaa’ama. Konfaransiin kun mata duree “bulchiinsa lafaa, haqnii fi kiisiin Afriikaanotaa fi hidda Afriikaanotaaf” jedhuun gaggeeffama. Konfiransii kana gamtaa Afriikaa, baankii misooma Afriikaa fi komishinii dinagdee Afriikaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitu(ECA) tu waliin qopheesse. Muuxannoowwan gaggaariin imaammata lafaa hawaasummaa, dinagdee fi seena qabeesa akka sumas dhimmoota naannawaan wal siman haqa lafarratti mul’atuuf deebii kennan konfaransicharratti ni dhihaatu.   Sirna bulchiinsa lafaa bu’a qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabu ijaaruu, dandeettii dhaabbatummaa uumuu fi to’annoo fi hordoffii cimsuun haala danda’amurratti mariin akka gaggeeffamodeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate ni mul’isa. Gabrummaa, gochi bara koloneeffataa lafa abbaa qabu fudhachuu fi sababa sanyummaatiin lafa argachuurraa dhorkamuu mirgoota lafaa Afriikaanotaa fi hiddsa Afriikaanotaa, dhiibbaa itti fayyadama qabeenyaa fi walqixxummaarratti geessise irratti hubannoo waloo uumuun rakkoo jiru furuun haala danda’amurratti mariin ni gaggeeffama. Kayyoon konfaransii kanaa inni biraan mariiwwan kanneen akka bulchiinsa lafaa, haqaa fi kiisii cimsuu fi deebiiwwan imaammatarratti xiyyeeffatan kennuudha.   Walqixxummaan sirna saalaa, jijjiirama haala qilleensaa fi teeknooloojiiwwan imaammata fi bulchiinsa lafaa waliin walitti hidhuun xiyyeeffannoo argateera. Dhimmoota Imaammoota lafaa, haqa lafaa, haqa kiisii fi abbummaa lafaa ilaallatan irratti yaadonni imaammataa, seeraa fi dhaabbatummaa ni dhihaatu jedhameetu eegama. Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa, hoggantoonni olaanoo dhaabbilee fi gurmaa’inoonni gamtichaa, qorattoonni, ogeeyyonni imaammataa, gaggeessitoonni hawaasaa, dhalattoonni Afriikaa fi qooda fudhattoonni biroon konfaransii Ardii kanarratti ni hirmaatu. Konfaransiin kun amma Sadaasa 5 bara 2018tti ni tura. Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa waggaa lama-lamaan gaggeeffama.
Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa
Nov 10, 2025 74
Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa biyyaatti ajaja bahaa dubbatan. Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama. Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera. Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera. Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha. Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera. Leenjichaan dandeettii fi Xin-sammuun akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu Oliyaada Baqqalaati. Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera. Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru. Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan. Itti Aanaan Ajaja, Ajaja Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni miseensota raayyaa yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu kan gabbifatan ta’uu yeroo eebbaa mirkaneessaniiru. Miseensonni raayyaas dandeettii gidduugalichatti argatan fayyadamun ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Nov 10, 2025 105
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise. Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama. Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata. Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru. Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru. Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru. Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru. Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.
Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa
Nov 10, 2025 74
Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa biyyaatti ajaja bahaa dubbatan. Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama. Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera. Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera. Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha. Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera. Leenjichaan dandeettii fi Xin-sammuun akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu Oliyaada Baqqalaati. Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera. Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru. Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan. Itti Aanaan Ajaja, Ajaja Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni miseensota raayyaa yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu kan gabbifatan ta’uu yeroo eebbaa mirkaneessaniiru. Miseensonni raayyaas dandeettii gidduugalichatti argatan fayyadamun ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.  
Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurame
Nov 9, 2025 295
Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurameera. Itti aanaan pirezidaantii paartichaa fi hoogganaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka beeksisanitti, leenjiin hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf mata duree”ilaalcha mootummaa ida’amuutiin, tarkaanfannaa sektarootaa” jedhuun mata dureewwan garagaraa irratti Onkoloolessa 19 amma 30tti magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti kennamaa ture qajeelfama pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin har’a milkaa’inaan xumurameera jedhan. Hooggantoonni paartii keenyaa guutuu Itiyoophiyaarraa walitti dhufan 2000 ta’an kan irratti hirmaatanii fi leenjii tokkummaa yaadaa uumuu fi raawwii qabatamaa guddisuuf faayidaa olaanaan irraa argame Kanaan paartiin keenya fakkeenya sab daneessummaa ta’uunsaas qabatamaatti lan iratti calaqqisedha jechuun ibsaniiru. Qindeessitoonni, leenjiftoonni, mariisiftoonni, dhaabbileen nageenyaa, mootummaan naannoo Oromiyaa fi dhaabbileewwan mootummichaa garagaraa, bulchiifni magaalaa Adaamaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi hooggantoonni leenjicharratti hirmaattan hundi leenjichi jalqabamee amma xumuramutti gumaacha taasitaniif maqaa paartii badhaadhinaatiin galata onneerraa madden isiniif galcha jedhaniiru obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.  
Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti  ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itti fufeera- Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee
Nov 8, 2025 442
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itt fufu Itti Aanaan Ajajaa Ajajichaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee ibsan. Ajajichi loltoota giddu-gala leenjiitti leenjii gahumsa ijaarsaa kenneef eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarrtti keessuuma kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aanaan Ajaja bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee akka ibsanitti, ajajichi birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa gahumsaa fi gootummaa cimaan eegsisaa jira. Keessumaa Ajajichi ergamaa fi dirqama yeroo adda addaa itti kenname gahumsa guddaan milkaa’inaa gaarii galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru. Finxaaleyyiin fi ergamtootasaanii nageenya hawaasaa booressan barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessuusaa kaasaniiru. Ajajni bahaa dirqamni kennameef gahumsaan, kutaanoo fi gootummaan bahuusaa caalaatti cimsee itti fufuusaa Meje Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee mirkaneessaniiru. Leenjichi miseensi loltuu yeroo fi bakka kamittuu sodaa nageenyaa uumamuuf deebii isa gitu kennuu kan danda’uu fi gahumsaa fi qophii guutuu ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Miseensonni raayyaas beekumsa giddu-galichatti argataniin ergama heera mootummaa fi dhaabbataa gootummaan hidhachuunii fi amala ummatummaa guutamuun bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan jiddu-gala leenjii ajaja bahaa koloneel Alii sa’iid gamasaaniin, eebbifamtoonni misensota raayyaa kooriiwwan ajajichaa adda addaa keessaa kan bahan ta’uu dubbataniiru. Miseensonni raayyichaa turtiisaanii giddu-galichaan beekumsa loltuu ammayyaa’aa fi ogummaa argataniin dirqama itti kennamu gahumsaan akka bahan kan deeggarudha jedhaniiru. Sirna eebbaa kanarratti Qondaaltonni olaanoon Ajajichaa, komishineeronni poolisii Hararii fi Somaalee fi qondaaltonni biroon akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.
Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa  waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabateera
Nov 5, 2025 418
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Raayyaa ittisa biyyaatti Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabachuunsaa ibsameera. Raayyaa ittisaatti Izziin bahaa, baha Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti bobba’uun ergama kennameef ga’umsa olaanaan bahachaa jira. Keessumaa shororkeessaan Alshabaab kan Somaaliyaa keessa socho’u miliqee galee misooma Itiyoophiyaatti gufuu nageenyaa akka hin taane Izzichi gaachana amansiisaa ta’ee halkanii fi guyyaa dirqamasaa bahaa akka jiru ni beekama. Raayyaa ittisa biyyaatti itti aanaan ajajaa koorii 305ffaa Izzii Bahaa Le’oppireeshinaal koloneel Maarisheet Felegee, Izzichi dirqama itti bobba’e hundatti gootummaan ga’umsa olaanaa fi kutannoodhaan daangaa biyyaa fi birmadummaasheef waardiyyaa ta’ee hojjechaa jira jedhaniiru. Miseensonni Koorichaa humnoota farra nageenyaa qaxanicha keessa socho’an hordofee yaaddoon tokkollee naannawicha keessa akka hin jiraanne hojjechaa akka jiran mirkaneessaniiru. Pirojektoonni misoomaa gurguddoon Baha Itiyoophiyaatti tajaajila eegalanii fi ijaarsarra jiran gufuun tokkollee akka isaan hin mudanne kooriin kun eegumsa amansiisaa gochaa akka jiru ibsaniiru. Izzichatti ajajaan kutaa waraanaa 28ffaa reejimantii 2ffaa shaamballii 1ffaa ajajaan dhibbaa Geetaasawu Gaashaawu gamasaaniin, Izzichi keessumaa shororkeessaan Al shabaab Somaalee keessa Socho’u, diinonni biyya alaa biroon nagaa fi misooma Itiyoophiyaaf yaaddoo akka hin taane ga’umsa olaanaan dirqamaa fi itti gaafatama kennameef bahachaa akka jiru kaasanii, cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Izzichatti qondaalli duulaa kutaa waraanaa 27ffaa ajajaan dhibbaa Geetaamasaayi Daawiit, Izzichi kabajamuu daangaa fi birmadummaa biyyasaaf gootummaa, ga’umsa olaanaa fi kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Ajajaan Epiisii ajajaa dhibbaa Dajanee Abbabaa gamasaaniin Izzichi Baha Itiyoophiyaa fi naannawoota daangaatti gaachana amansiisaa ta’ee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaa tuquu kan barbaadu yoo jiraate raayyaan amansiisaa fi cimaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu danda’u, bakkaa fi haala qilleensaa kamiyyuu keessatti dirqama kennameef ga’umsa olaanaa bahatu ijaarameera jechuun mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajila fayyaa Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jira- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Nov 10, 2025 66
Sadaasa 1/2018(TOI)-Tajajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jiraachuu Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Ministeerri fayyaa dhiheessii qorichaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa si’ataa taasisuuf appilikeeshinii bilbilaa ‘Xeeninnatee’ jedhu eebbisiiseera. Dabalataanis sirna bobbii Ambuulaansii ‘lebeggoo’ jedhuuu fi odeffannoo fayyaa fi tajaajila gorsaa waamicha sarara bilbila bilisaa 952 hojii eegalchiiseera. Pirezidant FDRI Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, dhukkuba ittisuuf ammaan dura yaalanii fayyisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamnuu ibsaniiru. Tajaajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aan galmessaa jiraachuu eeruun, guyyaa har’aa appililkeeshiniin ifoome tajaajila fayyaa lammiilee si’ataa, haqa qabeessaa fi qulqullinasaa eeggate argachuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniiwwan dandeettii ofiin hojjetaman sirna fayyaa kan deeggaran ta’uu kaasuun sirna fayyaarratti qooda mataasaanii akka gumaachan amantaa qaban ibsaniiru. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, damee fayyaa dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf teekinooloojiin murteessaa ta’uu dubbataniiru. Miniateerichi fayyaa lammiilee fooyyessuuf tarsiimoowwan adda addaa bocee hojjechaa jirachuu dubbachuun, appilikeeshiniiwwan guyyaa har’aa hojiirra oolan qaama kanaati jedhaniiru. Appilikeeshiniin fayyumaa koo jedhu Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hawaasni salphaatti akka qoricha argatu yaadamee kan misoome ta’uu dubbataniiru. Sirna Bobbii Ambuulaansii Lebeggoo jedhuu fi bilbila bilisaa 952 giddugaleessaa tajaajila fayyaa tasaaf qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru. Appilikeeshiniiwwan Guyyaa har’aa eebbifaman walii gala sirna fayyaa kan ceessisan ta’uu eeraniiru. Sagantichaarratti pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee dabalatee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, bulchitoonni naannoolee, Itti Gaafatamtuu Pirees Sekretariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum akkasumas, qondaaltonni olaanoo fi keessummoonni waamichi taassifameefii argamaniiru.
Hoospitaalichi ka'umsaa fi ittisa kaansarii harmaa irratti qindoomina qooda fudhattootaa cimsaa jira
Nov 8, 2025 220
Onkolelessa 29/2018(TOI) - Ka'umsaa fi ittisa kaansarii harmaa irratti hubannoo cimsuun du'aatii haadholee xiqqeessuuf qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu isaa Hospitaalli Rifaraala Goobbaa beeksise. Hospitaalichi maalummaa dhibee kaansarii harmaa, qorannoo dursaa fi yaala isaarratti qooda fudhattoota gara garaa wajjiin marii geeggessee jira. Saganticharratti kan argaman Hirmaataa Pirofeesaraa Muhammadamaan Maammaa akka jedhanitti, Hospitaalichi yaala kaansarii dhaqabamaa taasisuuf hojjachaa jira jedhan. Sadarkaa addunyaatti Onkoleelessi ji'a hubannoon kaasarii harmaa itti uumamu ta'uu kan ibsan daarektarichi hojiilee hubannoo cimsuu irratti hojjatamaa jiraachuus yaadachiisan. Hospitaalichis iddoolee gabayaa fi dhaabbilee fayyaatti buufataalee yeroo dhaabuun hubannoo hawaasaaf kennuun cinaatti qorannoo kaansarii harmaa bilisaan taasisaa jiraachuus dhugooman. Hospitaalli Rifaraala Goobbaa tajaajiloota yaala dhibee kaansarii dabalatee,qorannoo city scan, Endoscopy fi paatooloojii kanneen duraan jiddugala biyyaa qofatti argaman kennuun dadhabbii hawaasarraa hambisuu eegaluu dubbatan. Dhukkubsattoonni kaansarii harmaa erga dhibeen isaanii sadarkaa ol'anarra gahee fi tatamsa'uu eegalee gara dhaabbilee fayyaa dhufuun yaala ulfaataa taasisu kan jedhan ammoo Hospitaalichatti Ispeeshaalistii yaala kaansarii Doktor Addis Gullilaati. Dhibeen kaansarii harmaa yeroon yoo beekame yaalaan fayyuu ni danda'a kan jedhan Doktor Addis, hawaasni qorannoo dursaa taasisuun akka of beeku hubannoo uumuun barbaachisaa ta'uu dubbatan. Akkasumas hawaasni haala jireenya isaa jijjiiruun, sochii qaamaa taasisuun, araada irraa fagaachuun dhibee kaansarii ofirraa ittisuu akka qabus dhaaman. Hirmaattonni sagantichaa gama isaaniitiin hubannoo maalummaa, sababootaa fi ittisa kaansarii harmaarratti argatan namoota birootiifis kan qoodan ta'uu himan. Saganticharratti abbootii gadaa, haadholee siiqee dabalatee qooda fudhattoonni seektaroota mootummaa Magaalaa Roobe fi Godina Baalee argamanii jiru.
Diinagdee
Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jira
Nov 10, 2025 43
Sadaasa 1/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jiraachuu waajjirri Jallisii fi Horsiisee bulaa godinichaa ibse. Naannoon Oromiyaa bakkeewwan gammoojjiitti hongee fi sababoota isaan wal-qabataniin rakkoowwan mudatan itti fufinsaan dandamachuuf ijaarsi piroktoota jallisii xiqqaa fi gidduugaleessa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera. Isaan keessaa kan Godina Gujii tokko yoo ta’u, Godinichatti waggoottan darban hidhawwan jallisii faayidaa adda addaa kennan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuun ibsameera. Ijaarsi hidha jallisii lafa hektaara 520 misoomsan hojjetamaa jiraachuu waajjirri jallisii fi horsiisee bulaa wayita kana beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjiricha Dr.Gadaa Shandoo ijaarsi hidhaa godinicha Aanaawwan Gammoojjiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gidduu galeeffatan ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godina Gujii 13 keessaa shan gammoojii bakka roobni itti xiqqaatuu fi beelladni hedduumminaan itti horsiifamanidha jedhaniiru. Ijaarsi Hidhawwan jallisii hojjetamaa kan jiru Aanaawwan shan Boree, wadaraa, sababooruu fi Garjaatti Aanaawwan hanqinni roobaa jiran ta’uu kaasaniiru. Hidhi jallisii kun yeroo xumuraman lafa hektaara 520 ol jallisii ammayyaan misoomsuuf gargaaran eeruun ijaarsichi giddugaleessaan dhibbantaa 50 hanga 92 ga’uu dubbataniiru. Mootummaan Naannichaa Pirojektii Ijaarsa Hidha jallisiif baajata waliigalaa birrii miiliyoona 457 ol ramaduu ibsuun adeemsi ijaarsa pirojektoonni jallisii yeroo gabaabaa keesatti xumuruun tajaajilaaf geessisuuf duulli taassifamaa jira jedhaniiru.
Sanyii filatamaa Qamadii fi xaa’oo Jallisii Boneef bal’inaan dhihaachaa jira–Ministeera Qonnaa 
Nov 10, 2025 42
Sadaasa 1/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018 Omishaa fi omishtummaa Qamadii kan guddisan dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo bal’inaan raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera. Ministeerichi lafa hektaara kuma 767 ol qotuun kana keessaa lafa hektaara 359 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Misooma Jallisii qamadii Boneen wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee aadaa hojii Qotee bulaa Jijiiruun waggaatti yeroo lamaa ol misoomaa jira. Jijiirama biyyoolessaa booda misooma qamadiif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma jallisii bonee dabalatee omishaa fi omishtummaanqamadii sadakaa olaanaan dabaleera. Ministeera Qonnaatti hojii raawwachiisaa olaanaan Misooma midhaanii Isayaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, Misooma Jallisii Qamadii Bonee bara 2018’f lafti hektaarri miiliyoona 4 tuqaa 29 qotamuun callaa kuntaala miiliyoona 175 argachuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Bara kana qamadii jallisii bonee kan bara darbe turerra hektaaraa miiliyoona 3 tuqaa 5 caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Jallisii Qamadii bonee bara kanaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 767 ol qotamuun lafti hektaara kuma 359 ol sanyiin facaafamuu eeraniiru. Kanaanis sadarkaa biyyoolessaatti Jallisii Qamadii Boneen muuxannoo argame caalaatti guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun haala danda’amuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaafis dhiheessii xaa’oo biyyee, sanyii filatamaa fi paampii bishaanii qaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Xaa’oo biyyee waliin wal-qabatee misooma gannaarraa kan hafee fi jallisiisf kan qophaa’e qotee bulaaf raabsamuu, sanyii filatamaan qamadii haala guutuu ta’een Qamadii jallisii boneef dhaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Qamadiin jallisii bonee waggaa gara waggaatti bu’aa guddaa galmeessisaa dhufuu duubbataniiru. Qamadiin nyaataan of danda’uun wal qabatee fi milkaa’ina akka biyyaatti qabameef agarsiistuu ta’uu eeraniiru. Galmi Qamadii jallisii bonee bara kana qabame akka milkaa’u ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffii akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf qooda olaanaa gumaacha
Nov 10, 2025 56
Sadaasa 1/2018(TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf akkasumas qooda riijinii olkaasuuf qooda murteessaa akka qabu miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Dr. Buzaayyoo Dagafaa ibsan. Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama. Gaaffii abbummaa galaana diimaa furuuf adeemsa tasgabbaa’aa, qalbii fi mariirratti hundaa’e hordofuun akka barbaachisu dubbatanii, dhamuuf yeroo fudhatame deebisuuf amma sana hin fudhatu jedhaniiru. Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde bu’ura seeraa fi dhaabbilee kan hin qabne kan nama gaabbisiisu qama cabiinsa faayidaa biyyaalessaa ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’ootaa Dr. Buzaayyoo Dagafaa, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde fudhataa seeraa fi seenaa hin qabu jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, itti fayyadama waloo riijinii kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin abbimmaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argachaa dhufuu eeranii, imala jijjiiramaa eegalte xumuraan gahuuf akkasumas guddinaa fi misooma biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunshee ofirra darbitee biyyoota ollaa fi riijinicha akka deeggartu kan ishee dandeessisu ta’uu eeranii, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tumsa riijinii fi misooma anniisaaf gumaacha bahaa jiru fakkeenya kaasaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa carraa waliin guddachuu biyyoota riijinichaa kan guddisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Dureeyyiin Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan uumameera
Nov 8, 2025 360
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)- Dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan jiraachuu hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa kanaa obbo Tolasaa Badhaadhaa ibsan. Warshaan kosmotiksii dhaabbata dhuunfaa manufakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa zoonii dinagdee addaa Qilinxootti eebbifameera. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo obbo Tolasaa Badhaadhaa wayita kana akka jedhanitti, dureeyyiin biyya keessaas ta’e biyya alaa zoonii bu’urri misoomaa guutame kana keessatti damee qorichaa fi Faarmaasiiyuutiikaal irratti bal’inaan akka bobba’an dhaamaniiru. Yeroo ammaa zoonii dinagdee addaa kana keessatti namoota kuma 4 fi 700 oliif carraan hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan garagaraa qorichan fi oomishaalee Farmaasiiyutikaalii biyya alaatii galan bakka buusuuf zoonii dinagdee addaa kana keessatti oomishaa akka jiran dubbataniiru. Abbaan dhaabbatichaa fi dhaabbata dhuunfaa maanuufaakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa gamasaaniin, Warshichi marsaa jalqabaatiin birrii miiliyoona 100’n pirojekticha eegalchiisuusaa ibsaniiru.   Warshichi oomishaalee kosmotiksii biyya keessatti oomishuun oomisha biyya alaarraa galu bakka buusuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsanii, humna guutuun yeroo hojiitti galu namoota 260’f carraa hojii dhaabbataa akka uumu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Teekinooloojiin deeggaramuun Hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – Ejensicha
Nov 8, 2025 226
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-teekinoolojiiwwan haarawaan deeggaramuun hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee akka ittifufu Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa fi civililii beeksise. Ejensichatti Daarektarri naamusaa fi farra malaammaltummaa Asnaaqechi Muhiyyee TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi dhimmoota riifoormii guutuu gaggeesse keessaa hoj-maata teekinooloojii babal’isuudha. Bu’uuruma Kanaan tajaajilli kan kennamu siistamaan ta’uu eeruun kunis giddu galeessarra taa’uun tajaajiloota aanaatti kennamaa jiran ilaaluu kan dandeessisudha. Yeroo ammaa teekinooloojiiwwan adda addaa tajaajila kennaa jiran foyya’aa jiraachuu eeruun, yeroo dhihootti gara hojiitti galchuuf qophiin taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Hoj-maata badaa hanbisuuf hojmaanni teekinooloojiin deeggarame bu’a argamsiisaa jira kan jedhan daarektarri kun, fuuldurattis caasaalee hanga Aanaa jiran hojiiwwan teekinoloojii haarawaan deeggaraman itti fufu jedhaniiru. Hoj-maata badaa waliin wal-qabatee bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan ogeeyyii 17 fi abbaa dhimmaa tokkorratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu fi dhimmisaanii seeraan qabamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2015 hanga 2017tti ragaa sobaan tajaajilamuu kan yaalan tajaajilamtoonni 188 fi dursaawwan gareenii fi ogeeyyii hoj-maata cabsan immoo tarkaanfiin seera qabeessi irratti fudhatamuu ibsaniiru. Adeemsa Hoj-maata badaa ittisuu fi to’achuuf keessatti shoorri teekinooloojii olaanaa ta’uu eeruun, gochichi waggaa waggaan hir’achaa dhufuu dubbataniiru. Tajaajilamtoonni ragaa sirrii dhiheessanii tajaajila argachuu akka danda’ani hubachiisuun, Alseerummaan yeroo isaan mudatu bilbila bilisaa 7533n eeruu akka kennan waamicha dhiheessaniiru.
Diree Dawaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa akka argannu nu  taassiseera-  Tajaajilamtoota
Nov 7, 2025 197
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Tajaajilliwiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jechuun jiraattonni bulchiinsa Diree Dawaa TOI’n dubbise ibsan. Diree Dawaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Ministirri tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa Innaatalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti Fulbaana 15 bara 2018 ifatti hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilichaan boqonnaa jalqabaan dhaabbilee adda addaa kudhan teekinooloojiin deeggaramuun tajaajiloota 28 kan kenna nyoo ta’u, kanaanis maamiltoonni hedduun keessummeeffamaa jiru. Nammonni gidduu gala tajaajilichaatti argaman TOI’f akka ibsanitti, tajajilli wiirtuu tokkoo Masoob deeddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jedhaniiru. Jiraattonni gidduugalichatti tajaajilaman akka ibsanitti, gidduugala hoj-maata dijitaalaan gurmaa’een tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa argachuuf nu dandeessiseera jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa obbo Abbabaa Asaffaa fi Aadde Biraanee waldasillaasee, tajajilichi maallaqaa fi yeroo, kan qusatu akkasumas, deddeebbii kan hanbisu waan ta’eef gammadneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hunda caalaa tajaajilamtootaaf hiika guddaa kan qabu waan ta’eef bakkeewwan hundatti otoo babal’ate gaariidha jechuun yaadasaanii kennaniiru. Obbo Adam Aliyyii fi Fandishee Taajuu yaada kennaniin dhaabbilee adda addaa bakkwwaan walirraa fagaatanitti tajaajilli kennamaa turan, wiirtuu tokkotti argachuu keenyaan hojimaata itti gammadnedha jedhaniiru. Hojmaatni akkasii jijjiiramni bu’uuraa kan itti argamu deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu waan ta’eef babal’achuu qaba jedhaniiru. Biiroon sivil sarviisii fi qabeenya nama Diree Dawaa gidduugalichatti dhaabbilee dabalataa biroo tajaajila eegalchiisuuf qophii taassisaa jiraachuu beeksiseera.
Xiyyeeffannoon mootummaan kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa qaba
Nov 4, 2025 220
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Xiyyeeffannoon mootummaan hunmna Niwukilarif kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa akka qabu Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee ibse. Yunivarsiitichi karoora misooma humna niwukilaraan biyyittiin qabatte milkeessuuf damichaan qorannoo gaggeessuu fi humna nama leenji’ee horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksiseera. Pirojektoota birrii biiliyoona 30’n akka ijaaraman Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eebba hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharratti ifoomsan keessaa niwukilaar pilaantiin isa tokkodha. Manni maree ministirootaa walgahii idiee 49ffaa Onkoloolessa 4 bara 2018 gaggeesseen dambii komishinii humna niwukilaaraa hundeessu irrattimurtoo kan dabarse yemmuu ta’u ministirri muummee komishinara komishinichaa muuduunsaanii ni beekama. Itti aantonni pirezidaantii Yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee turtii TOI walin taasisaniin humni niwukileerii filmaattota anniisaa qulqulluu keessaa isa tokkoo fi hojii addaddaaf faayidaa kennuu kan grgaarudha. Yunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Abriham Dabbabaa akka jedhanitti, wiirtuu ga’ooma Saddet Yunivarsiitichi qabu keessaa teeknooloojiin niwukilar ri’aaktariin isa tokkodha. Yuunivarsiitichi waggoottan saddet darban damee kanarratti hojjechaa turuusaa yaadachiisanii, bara 2016 irraa eegalee, sagantaa maastarsiin barsiisaa akka jiru dubbataniiru. Niwukilar pilaantii ijaaruuf karoorfamuusaa fi komishiniin humna niwukilaaraa Itiyoohiyaa hundaa’uunsaa hojii Yunivarsiitichi itti jiruuf humna dabalataa akka uumu dubbataniiru. Yuunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii dhimmoota akkaadaamiikii Dr. Kamaal Ibraahim gamasaaniin, Niwukilaar pilaantiin anniisaa anniisaa filmaataa argachuuf faayidaa akka qabu beeksisaniiru. Yunivarsiitichi anniisaan niwukilaaraa faayidaa tajaajila nagaaf qabu hubachuun waggaa saddet dura wiirtuu ga’oomaa teeknooloojii niwukilaar ri’aaktarii hundeessuusaa dubbataniiru. Xiyyeeffannoon mootummaan anniisaa niwukilaariif kenne tattaaffii Yunivarsiitichi eegale akka cimsu kan ibsan ammoo itti aanaa pirezidaantii dhimmoota bulchiinsaa Dr. Tamasgeen Wandimmuuti. Yunivarsiitichi komishinii humna niwukilaarii Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Nov 8, 2025 188
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan. Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama . Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha. Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera. Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru. Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru. Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru. Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 831
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 755
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15212
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015