ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaanni kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoome
Apr 29, 2026 51
Ebla 21/2018(ENA)-Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa, maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaata kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoomseera. Hojii gaggeessaan maarkeetiingii gurgurtaa fi tajaajila maamiltootaa obbo Isayaas Dandir, sirna hojmaataa kaffaltii haaraa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniinis,Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa qulqullina tajaajila maamiltootaa fi dhaqqabamummaasaa mirkaneessuuf sirna hojmaata ammayyaa hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan qulqullina tajaajilaa fi dhaqqabamummaasa babal'isuuf hojjetaman, baay'ina maamiltootaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Sirni tajaajilaa haaraan kun Maamiltoota Elektirikii barbaadanii fi yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fayyadamoo kan taasisu ta’uu beeksisaniiru. Sirni kun, maamiltoonni lakkooftuu elektirikii haaraa barbaadan hundi rakkoo mallaqaan akka hin hafne yaadamee kan qophaaye ta'uu himaniiru. Rakkoo kaffaltii tajaajila haaraa furuuf, hanga ji'a 24 (waggaa lama) kan turu sirni kaffaltii yeroo dheeraa hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Maamiltoonni kaffaltii kana kaffaltii tajaajilaa baatii baatiin kaffalanitti ida’uun kaffaluu akka danda'an dubbataniiru. Sirnichi maamiltoota kaffaltii guutuu yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fi rakkoo kaffaltii qabaniif furmaata kennuuf kan karoorfame ta'uu ibsaniiru. Fayyadamoo sirna kaffaltii yeroo dheeraa ta’uuf Iyyannoo dhiyeeffachuu, Kaffaltii dursaa (Advance payment) harka kudhan (10%) kaffaluu, Kaffaltii baatii baatii hafe waliigaltee mallatteessuun raawwachuu fi waliigaltee sana kabajuuf fedhii qabaachuu fi ulaagaalee kana fakkaatan of keessaa akka qabu dubbataniiru. Hojiirra oolchi kun maamiltoota lakkooftuu elektiriikaa sarara baaqqee "single phase" barbaadan hundaaf kan hojjetu ta'uu beeksisaniiru.
Misoomni si’ataa Finfinneen agarsiisaa jirtuun bakka turizimii keessummoonni raajeffatan ishee taasisaa jira
Apr 29, 2026 76
Ebla 21/2018 (ENA)- Imalli guddina si’ataa Finfinnee magaalattiin wiirtuu taateewwan gurguddoo ardii fi idil addunyaa qofa osoo hin taane miidhaginaa fi hawata turizimiin keessummootashee kan dinqisiiftu ishee taasisaa jiraachuu komishiniin turizimii bulchiinsa magaalichaa beeksise. Borumtaa jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Finfinnee akkuma maqaashee magaalaa miidhagduu fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomtu gochuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru. Magaalattii jireenyaaf mijattuu,qulqulluu fi hawattuu gochuun daandii lafoo, bishkileetii, konkolaataa dabalatee bakkeewwan bashannanaa magariisaa misooma kooriidaraan ijaaramaniiru. Damee turizimiitiin haaromsi masaraa biyyaalessaa, yaadannoon injifannoo Adwaa, pirojektoonni maaddii Shaggarii fi golambaan Saayinsii milkaa’inoota misoomaa bifa magaalattii jijjiiranidha. Bu’ura misoomaa fi miidhagina magaalaan hojii hojjetameen haaromsi gamoowwanii, ibsaan daandiirraa fi beeksifni dijitaalaa magaalattiif dammaqina uumaniiru. Milkaa’inni misoomaa kun Finfinnee wiirtuu tuurizimii biyya keessaa fi biyya alaa taasisaa jira.. Komishinariin komishinii turizimii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa ENA’tti akka himanitti, hojiileen misoomaa Finfinneetti galmeeffaman magaalattii bakka hawataa ishee taasisaa jira. Bara bajataa 2018 baatii sagal darban baay’ina tuuristii biyya keessaa fi biyya alaa dabaluudhaan faayidaa dinagdee hedduu gumaachuusaa ibsaniiru. Fayyadama dinagdee lammiilee guddisuudhaan fayyadamni hawaasummaa fi dinagdee akka fooyya’u gochaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiileen hojjetaman magaalaa Finfinnee wiirtuu konfaransii Ardii fi Idil addunyaa taasisaa akka jiru himaniiru. Keessummoonni taateewwan Ardii fi Idil addunyaarratti hirmaatan jijjiirama magaalattii daawwachuun bifa abdii ifaa Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Fakkeenyaaf baatii sagal darban qofa taateewwan Ardii fi Idil addunyaa 200 caalan milkaa’inaan keessummeessuun gama misooma konfaransii turizimiitiin milkaa’inni guddaan argamuu dubbataniiru.
tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti
Apr 29, 2026 157
Ebla 21/2018(ENA): Abbaan Taayitaa Eegumsa Abbummaa kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, Ulaagaa madaallii Idil-Addunyaa waliin wal-simsiisuuf fooyya'insa seeraa haaraa taasisaa akka jiru beeksisera. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Walduu Yimasil akka ENA’f ibsanitti, namoota abbummaan kalaqaa isaanii akka eegamuuf gaafatanif tajaajilli kennamaa jira. Eegumsa Abbummaa kalaqaa ammayyeessuuf, hoj-maata ammayyaa’aa fi hammattoo seeraa qopheessuun hojiirra oolchuun danda'amuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, seera waggaa dheeraa turan fooyyessuun sirna hojii yeroo ammaa waliin deemu uumuun danda'amuu ibsaniiru. Hammattoowwan seeraa fi hoj-maanni kunniin mirga Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa eeguuf gargaaraa jiru. Sirni eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa, Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin walitti hidhata uumaa jiraachuu ibsaniiru. Eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti fiduuf fooyya'iinsi seeraa haaraa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Fooyya'insi sirna hojii fi seeraa kun mirga Abbummaa kalaqaa sammuu mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, dandeettii ogeessotaa guddisuun qulqullinaa fi dhaqqabamummaan tajaajilichaa akka mirkanaa'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Waggoota darban dameelee adda addaan mirgi Abbummaa Kalaqa sammuu kuma 3 hin caalle kennamaa ture, amma garuu waggaatti galmee kuma 9 ta'uuf kennamuu kan dandeessisu jalqabameera jedhaniiru. Itiyoo-Aliyaansi Advokeesiitti (Ethio-Alliance Advocacy), Daayrektarri abbummaa kalaqa Sammuu fi Hariiroo Idil-Addunyaa, Doktar Tigisti Dasuu gamasaaniin, fooyya'iinsi seeraa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sirna hojii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Bu'a qabeessummaa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa dhaabbilee Idil-Addunyaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis seerota fooyyessuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf tattaffiin olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaadha
Apr 29, 2026 281
Ebla 21/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf quuqama olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaa ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibseera. Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Finfinnee filannoo waliigalaa torbaffaa galmeen filattotaa xumuramuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneera. Walitti qabaan Mana Maree Waloo, obbo Maaruu Jaanee ibsa kana kan kennan yoo ta’u, Manni Maree Waloo kun dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa magaalattii irratti bulchiinsa magaalattii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Adeemsa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti Manni Marichaa jiraattota magaalaa Finfinneef karaa adda addaatiin kaardii filannoo akka argatan hubannoo uumuun akka hojjetamaa ture ibsaniiru. Filannoo kana ilaalchisee qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariin bu’a qabeessa ta’e adeemsifamuus ibsaniiru. Galmeen filattotaa xumuruun jalqaba filannoo dha malee filannoon hin xumuramne waan ta’eef filannoo waliigalaa adeemsifamu irratti hirmaachuun gahee isaanii bahachuu aka qaban hawaasaaf dhaamaniiru. Filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramu gochuuf Manni Marichaa gahee irraa eegamu akka ba’us mirkaneessaniiru. Itti aanaan Af-yaa’ii Mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Zarihuun Kormee akka ibsanitti, Manni Marichaa filannoo haqa qabeessa, bilisaa fi nagaa akka ta’u gochuu keessatti gahee irraa eegamu ba’aa jira jedhani. Dhimmoota biyyaalessaa adda addaa irratti marii gaggeessuun hubannoo waloo uumaa akka jiru akeekaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuufis qindoomina Boordii Filannoo waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Filannoo kana keessatti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiin qindaa’een hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Dabalataanis Manni Marichaa milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee isaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Godina Jimmaatti lafa heektaara kuma 883 irratti hojiin midhaan adda addaa misoomsuun eegalameera
Apr 29, 2026 233
Ebla 21/2018 (ENA): Waajjirri Qonna godina Jimmaa hojii qonna Ganna bara 2018/19tti lafa heektaara kuma 883 irratti midhaan adda addaa misoomsuun, omisha kuntaala miiliyoona 36 argachuuf karoorfatee hojiitti galuu beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Tijaanii Tamaam ENAtti akka himanitti, oomishaa fi itti fufiinsa guddisuuf qonna godinichaa babal’isuu fi ammayyeessuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamaa jira jedhani. Hanga ammaatti lafa waliigalaa keessaa dhibbentaan 13 qotamee boqqolloo fi bishingaan facaafamuu himaniiru. Galteewwan yeroo oomishaaf barbaachisan qonnaan bultootaaf yeroon dhiyaachaa akka jiran eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 780 ol galfamee qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru. Sanyiin filatamaa kuntaala kuma 21 ta’u kennamaa akka jirus eeruun, galteewwan yeroodhaan dhiyeessuun hojii midhaan facaasuu yeroodhaan akka raawwatamuuf gargaareera jedhan. Akkasumas, rooba Gannaa fayyadamuun xaafii fi ruuzii dabalatee gosoota midhaan biroo akka facaafaman ibsaniiru. Jijjiirama kanaan booda qonna ammayyeessuuf qonnaan bultoota aanaalee Godinichaa 20 keessatti tiraaktaroota kuma 1 fi 426 kennuunis beeksisaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti qonnaan bultoonni Muhaammad Abbaaboor fi Muhaammad Nuur Abbaatamaam dursanii galtee qonnaa barbaachisoo fudhachuun lafa isaanii sanyii facaasuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Deeggarsa ogummaa ogeeyyii qonnaa irraa argachaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, omisha bara darberraa fooyya’aa ta’e aragachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Godinichatti bara omisha Gannaa kanaan qonnaan bultoonni 420,000 ol qonna kanarratti akka hirmaatan ibsameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Siyaasa

Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani
Apr 27, 2026 4035
Ebla 19/2018 (ENA): Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani. Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen turtii Itiyoophiyaa keessa turanitti hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha taasisaniif Ambaasaaddar Siim Toongi Gook galateeffataniiru. Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii keessatti michummaan seena qabeessi akka jirus ibsaniiru. Michummaa seenaa biyyoota damee daldalaa fi invastimantii cimsuun fayyadamummaa waliinii galmaan gahuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pireezidaanti Taayyeen ergaa isaanii keessatti ambaasaaddarichi turtii Itiyoophiyaa keessa turan keessatti gumaacha taasisan hundaaf galata qaban ibsuun, gara fuula duraatti hawwii gaarii qaban dabarsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo simatan
Apr 27, 2026 1926
Ebla 19/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti kabajaan simataniiru. Daawwannaan pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lamaanii fi walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii karaa hiika qabuun jijjiiruu kan danda’an hojiilee qabatamaaf dursa kan kenne ta’uusaa waajjirri ministira muummee beeksiseera. Dabalataanis daawwannaan kun Itiyoophiyaan tumsa Afriikaaf kutannoo hin jijjiiramne kan mirkaneessu ta’uun himameera.
Filattoonni filannoo waliigalaa 7ffaaf haala addaan galmeeffaman:
Apr 26, 2026 4870
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Galmeen filattoota filanno Waligalaa 7ffaaf haala addaangalmeen filattootaa galmeeffamanii eegaleera jedhe. Qaamoleen galmeen filattootaa hanga Ebla 24, 2018tti turu kun ilaallatu: 1. Buqqaatota biyya keessaa 2. Barattoota Yuunivarsiiti keessatti argaman 3. Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaampii keessatti argaman Buqqaatoti biyya keessaa fi miseensonni Raayyaa Ittisaa kaampii keessatti argaman buufataalee filannoo addaa boordichi hundeesse keessatti ni galmaa'u. Filannoo kana raawwachuuf፡- Buufataalee filannoo addaa boordichi hundeessetti qaamaan dhiyaachuu Sanada eenyummeessaa dhiyeessuu Barattoonni Yuunivarsiitii ammoo fuula marsariitii addaa boordichi barattootaaf gopheesseen galmaa'uu danda'u. Galmaa'uuf neetiwoorkii Yuunivarsiitichaa keessa ta'uu Bilbila ykn Laaptooppii ykn deeskitooppii Eenyummeessaa Dijiitaalaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa yoo baafatan lakkoofsi bilbilaa ittiin ba'e akka barbaachisu boordichi beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera
Apr 26, 2026 2032
Ebla 18/2018 (ENA): Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji'oota sagal bara baajataa 2018 eegaluu kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee beeksisan. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee; Hojii bara baajataa kanaaf karoorfanne keessaa dhibbeentaa 96 xumuruu dandeenyeerra jedhani. Waltajjiin madaallii har’a eegale guyyoota lamaaf kan turu ta’uus akeekaniiru. Waltajjicharrattis, Hojiilee bara baajataa kana keessatti hojiirra oolchuuf karoorfannee fi dhimmoota ji’oota hafan keessatti xiyyeeffannaan itti dhiyeenyaan ni hordofna jedhaniiru. Haaluma kanaan, Madaalliin kun dhimmoota hin xumuramne bulchiinsa gaarii keessatti adda baafaman xumuruu, rakkoolee qaala’insa jireenyaa hammeessan hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa ittisuu; gabaatasgabbeessuu, hojii bu’a qabeessa ta’e ji’oota hafan keessatti tajaajila mootummaa dijiitaalaa bakka tokkotti jalqabne kenniinsa tajaajilaatiin xumuruu irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru. Tajaajila hafe dijiitaala gochuun tajaajila mootummaa bakka tokkotti dijiitaalaa keessa galchuun, pirojektoota bara kana xumuramuu qaban saffisaa fi gahumsaan xumuruun wiirtuu madaallii raawwii hojii keenyaa ta’a jedhaniiru. Waggoota shanan darban keessatti raawwiin karoora keenyaa dhibbeentaa 90 ol dabalee bara 2018tti dhibbeentaa 96 akka ga’e, muuxannoo raawwii guddachaa jiru kanas madaaluun itti fufna jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaa haala haqa qabeessa, bilisaa, amanamaa fi walaba ta’een akka gaggeeffamuuf haala mijataa uumuuf hoggantoonni keenya hundi itti gaafatamummaa guddaa akka ba’ataniif kallattii madaallii kaa’annee jirra jedhan. Ji’oota hafan keessatti cimina jiru eeguu, qaawwa jiru guutuu, raawwii fooyya’aa galmeessisuun xiyyeeffannoo madaallii keenyaa ta’a jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee cichoomaan itti fufsiisaa jirti – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 6371
Ebla 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaalee fayyadamuun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fufteetti jechuun Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa gamaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajataa 2018 jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan biyya guddoodha, kan isheef malus bakka guddaa ta'uu ibsuun, nuyis seenaa kana hojjechuuf carraan harka keenya jira jedhaniiru Har'a raawwii gabaasa hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajata 2018 hoggantoota dhaabbilee Federaalaa Wajjin gamaggamuun eegalamuusaa Itti Aanaan ministira muummee beeksisaniiru. Waltajjiin kun adeemsa seenaa haaraa Itiyoophiyaa galmeessuu kan itti gamaaggamu, kaleessa har'a wajjin, har'a immoo boru wajjin kan wal-qabsiisu daawwitii guddaa ta'uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaan kaleessa sirna ijaarsa biyyaa hin xumuramneen, hanqina demokraasii, walitti bu'iinsa naannoomaa fi biyyaalessummaan qoramti turte; har'a jijjiiramichaan mariin biyyaalessaa kan itti jalqabame, hirmaannaan paartiilee siyaasaa kan itti guddate, seeronni dhiibbaa uuman fooyya'anii imaammanni haqaa ce'umsaa kan itti ragga'ee fi tokkummaan sab-lammootaa kan itti cime boqonnaa siyaasaa haaraa banuushee dubbataniiru. Iitti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaaleetiin kufaatii keessaaturte rraa ka'uun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fuftetti jedhaniiru ergaa dabarsaniin Jijjiiramicha dura pirojeektonni mallattoo qisaasamaa fi harkifannaa turan, akkasumas abaarsa "akka pirojeektii mootummaa dhaabbadhuu hafi " jedhamuun ture; har'a qulqullina hojii fi hordoffiidhaan cabsuun akka danda'ame ibsaniiru. Yeroo amma pirojeektii jalqabuu, qulqullinaa fi ariitiidhaan xumuruun mallattoo mootummaa ta'uus mirkaneessaniiru. Sochiin bu’uuraalee Misooma koridarii, pirojeektiiwwan maaddii dhalootaa fi damee dijitaalaa Itiyoophiyaan gageeffame maqaa gaarii biyya keenyaa fi magaalota keenyaa akkasumas tajaajila isaa jijjiireera jedhaniiru. Itti dabaluunis, misooma qamadii fi sagantaa maaddii guutuun gabrummaa gargaarsa gaafachuu cabsuun gara wabii nyaataa mirkaneeffachuutti imalaa jirra jedhaniiru. Itiyoophiyaan Damee dippilomaasiinis gargaarsa gaafachuurraa gara Michummaa daldalaa fi invastimantii ce'uun, sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamtii ishee sadarkaa ol-aanaatti ol guddisuushee gamaaggama gabaasaa irratti ibsaniiru.
Mootummaan hojii haaromsaa damee hundaan hojiirra oolche bu'aa gaarii galmeessisaa jira - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 3721
Ebla 16/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa mootummaan hojii haaromsaa fi jalqabbii inisheetivootaa hojjechaa jiruun damee hundaan bu’aa gaarii galmeessisaa jira jedhan. Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bara baajataa 2018 bakka itti aanaa ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo dhaabbilee federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira. Itti aanaan ministira muummee haasaa baniinsaa taasisaniin jijjiirama biyyaalessaa dura Itiyoophiyaan mootummaa guutuu hin taane, waliigaltee biyyaalessaa hin qabne, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa hin taanee fi bulchiinsa dinagdeetiin rakkachaa akka turte ibsaniiru. Keessattuu, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi oomishtummaan diinagdee gadi aanaa ta’uun biyyattii ba’aa liqaa ol’aanaa fi rakkoof saaxilee akka ture ibsaniiru. Erga jijjiiramni dhufee as mootummaan mul’ata ifa ta’een aangoo qabateera; damee siyaasaa keessatti marii biyyaalessaa, imaammata haqaa ce’umsaa fi fooyya’iinsi seerota mana sirreessaa gaggeeffameera jedhani. Haaromsi biyya keessaa dinagdee keessatti firii agarsiisaa akka jiru hubachiisuun; waggoota saddeet darban keessatti guddinni giddu galeessaa dhibbeentaa 7.5 kan galmaa’e yoo ta’u, bara kana guddinni dhibbeentaa 10.2 ni eegama jedhani. Sagantaan mootummaan qopheesse kanneen akka ashaaraa magariisaa , misooma magariisaa,misooma qamadii fi maaddiin dhalootaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachaa akka jiran himaniiru. Akkasumas pirojektoonni daandii fi misoomni koridaraa bifa biyyattii ijaaruu, jijjiiruu, turizimii guddisuu fi magaalota jireenyaaf akka mijatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisan hubachiisaniiru. Kana malees, Sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa fi Koodaroota Miiliyoona 5 ce'umsa teeknooloojii biyyattii saffisiisaa akka jirus ibsaniiru. Akkasumas kenniinsi Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo(masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuufis jijjiirama fiduu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan dameen qonnaa gargaarsa makaanaayizeeshinii ammayyaatiin bifa haaraa qabachaa jiraachuu fi sirni kaffaltii dijitaalaa aadaa ta’aa jira jedhan. Gama dippilomaasiitiin Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun gargaarsa irraa gara walta’iinsa daldalaa fi invastimantiitti ce’uun Afrikaa keessatti bakka invastimantii alaa adda duree ta’uu ishee eeraniiru. Hoggansa pirojektii ilaalchisee pirojektoonni kanaan dura mallattoo malaammaltummaa fi harkifannaa akka ta’an eeruun, amma ammoo, piroojektiin kamiyyuu osoo hin gamaaggamiinii fi hin xumuramiin gara pirojektii haaraatti kan hin galamne sirni cimaan akka diriire mirkaneessaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ammallee qormaanni akka qaala’iinsa jireenyaa fi walitti bu’iinsa idil-addunyaa akka jiran hubachiisuun, kanneen irra aanuuf sirni “Karoora Tokko - Gabaasa Tokko” cimuu akka qabu dubbataniiru.
Filannoo waliigalaa kana irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira
Apr 24, 2026 3139
Ebla 16/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo guddisuuf hojii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiru Dhaabbileen Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa beeksise. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa galmee filattootaa kan Guraandhala 28/2018 eegalee galmeessisaa ture, guyyoota dabalataa 14’f dheeressee Ebla 14/2018 galgala xumurameera. Boordichi ibsa kaleessa Ebla 15/2018 baaseen filannoo waliigalaa torbaffaaf dijiitaalaafi qaamaan buufata filannootti filattootni miiliyoona 50 fi kuma 514 ol galmaa’uu beeksiseera. Akka sagantaa boordii kanaatti sagalee kennuun Caamsaa 24/2018 ni kennama; Paartileen morkattootaa 47 kaadhimamtoota 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii ummataaf dhiheessaa jiru. Qindeessaan Sagantaa Filannoo Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Iyyuu’el Zalaalam ENAtti akka himanitti, Filannoon meeshaa mootummaa biyya tokko keessatti ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf gargaarudha jedhani. Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa haqummaa, dimokiraatawaa fi hunda hammate cimsuuf gamtaan filannoo hirmaannaa ummataa guddisuuf deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Adeemsi filannoo diimokiraatawaa,fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf, hojiin hirmaannaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kakaasuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, dubartoonni taajjabdummaan, filachuu fi filatamuurratti akka hirmaatan, hojiin hubannoo uumuu leenjiinii fi miidiyaalee kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo mirkaneessuuf,mata duree "Ani nan filadha" jedhuun duulli barnoota filattootaa eegalamuu isaas ibsaniiru. Paartiileen dorgomtoota filannoo waliigalaa 7ffaa, dhimmoota dubartootaan kaasan imaammatasaanii keessatti hammatan sirnaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunis dubartoonni paartii siyaasaa isaan fayyada jedhaniif sagalee kennuuf hubannoo isaanii guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun milkaa’ina filannichaa irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa cimaa gochuun gahee isaan irraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Misoomni si’ataa Finfinneen agarsiisaa jirtuun bakka turizimii keessummoonni raajeffatan ishee taasisaa jira
Apr 29, 2026 76
Ebla 21/2018 (ENA)- Imalli guddina si’ataa Finfinnee magaalattiin wiirtuu taateewwan gurguddoo ardii fi idil addunyaa qofa osoo hin taane miidhaginaa fi hawata turizimiin keessummootashee kan dinqisiiftu ishee taasisaa jiraachuu komishiniin turizimii bulchiinsa magaalichaa beeksise. Borumtaa jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Finfinnee akkuma maqaashee magaalaa miidhagduu fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomtu gochuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru. Magaalattii jireenyaaf mijattuu,qulqulluu fi hawattuu gochuun daandii lafoo, bishkileetii, konkolaataa dabalatee bakkeewwan bashannanaa magariisaa misooma kooriidaraan ijaaramaniiru. Damee turizimiitiin haaromsi masaraa biyyaalessaa, yaadannoon injifannoo Adwaa, pirojektoonni maaddii Shaggarii fi golambaan Saayinsii milkaa’inoota misoomaa bifa magaalattii jijjiiranidha. Bu’ura misoomaa fi miidhagina magaalaan hojii hojjetameen haaromsi gamoowwanii, ibsaan daandiirraa fi beeksifni dijitaalaa magaalattiif dammaqina uumaniiru. Milkaa’inni misoomaa kun Finfinnee wiirtuu tuurizimii biyya keessaa fi biyya alaa taasisaa jira.. Komishinariin komishinii turizimii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa ENA’tti akka himanitti, hojiileen misoomaa Finfinneetti galmeeffaman magaalattii bakka hawataa ishee taasisaa jira. Bara bajataa 2018 baatii sagal darban baay’ina tuuristii biyya keessaa fi biyya alaa dabaluudhaan faayidaa dinagdee hedduu gumaachuusaa ibsaniiru. Fayyadama dinagdee lammiilee guddisuudhaan fayyadamni hawaasummaa fi dinagdee akka fooyya’u gochaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiileen hojjetaman magaalaa Finfinnee wiirtuu konfaransii Ardii fi Idil addunyaa taasisaa akka jiru himaniiru. Keessummoonni taateewwan Ardii fi Idil addunyaarratti hirmaatan jijjiirama magaalattii daawwachuun bifa abdii ifaa Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Fakkeenyaaf baatii sagal darban qofa taateewwan Ardii fi Idil addunyaa 200 caalan milkaa’inaan keessummeessuun gama misooma konfaransii turizimiitiin milkaa’inni guddaan argamuu dubbataniiru.
Hojiileen Naannoo Hararii keessatti hirmaannaa fi qulqullina barnootaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru
Apr 29, 2026 204
Ebla 21/2018 (ENA): Naannoo Harariitti dhaqqabummaa barnootaa babal’isuu fi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojiiwwan kallattii hedduun hojjetamaa jiran bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu Biiroon barnootaa naannichaa beeksise. Qaawwa sirna barnootaa keessatti mul’atu haala itti fufiinsa qabuun furuuf mootummaan hojiilee roga hedduu qaban kanneen misooma kaarikulamii irraa kaasee hanga dhiyeessii qabeenyaatti hojjetamaa jira. Barnoota qulqullina qabu mirkaneessuuf bu’uura barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa cimsuu, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu, dhiyeessii qabeenya mirkaneessuu fi dandeettii barsiisotaa ijaaruu irratti xiyyeeffannaan addaa kennamaa jira. Akka Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawoo himanitti, hojiiwwan roga hedduun qaawwa damee barnootaa keessatti mul’atan suphuudhaaf hojjetamaa jiran qulqullina barnootaa fi hirmaannaa naannichaa irratti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru jedhani. Keessattuu hawaasa hirmaachisuun gandoota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa mana barumsaa duraa hanga kutaa 8tti ijaaramanii, daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe mana akka hin oolle gochuun barnoota akka argatan taasisuun, hirmaannaan barnootaa naannichaas dhibbeentaa 94 irra ga’eera jedhan. Waajjirichi gama qulqullina barnootaa mirkaneessuun bajata mootummaan naannichaa ramadeen qabeenya barnootaa barbaachisu manneen barnootaaf dhiyeessuuf hojjechaa turuu eeraniiru. Madaalliin barsiisotaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf sababoota keessaa tokko ta’uu kan eeran obbo Geetuun, qormaanni madaallii barsiisotaa bara kanaa toora interneetii (online) irratti kennameera jedhan. Qormaata kutaa 12ffaa, 8ffaa fi 6ffaa akka biyyaattis ta’e naannichatti kennamu irratti bu’aan barattootaa waggaa waggaan fooyya’aa akka dhufe eeruun, bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Hararitti daariktarri mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Geey Madrasaa Usmaa’iil Ibraahim gama isaaniin akka himanitti, dhaqqabummaa fi qulqullina barnootaa mootummaan kaa’e irratti hundaa’uun hojiiwwan mootummaan hojirra oolchuu fi bu’aan galmaan ga’uu ibsaniiru. Barattoonni naannichatti qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhachaa jiran ENAtti akka himanitti, Barsiisonni barnoota qohachisuu isaaniif kennuu fi gaaffii qormaataa qopheessuun isaan gargaaraa jiraachuun isaanii bu’aa fooyya’aa argachuuf gargaarsa guddaa akka isaaniif kenne dubbataniiru. Barattoonni kunneenis qormaata irratti bu'aa gaarii galmeessisuuf ciminaan qophaa'aa akka jiran himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Hawaasa Magaalaa Shaggar fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuufhojjetamaa jira
Apr 28, 2026 1420
Ebla 20/2018(ENA) - Bulchiinsi Magaalaa shaggar fedhii tajaajila bishaan dhugaatii hawaasaan wal qabatee jiru guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun waajjirri Bishaan, Albuudaa fi Inarjii magaalichaa ibsameera. Itti gaafatamaan Waajjira Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Magaalaa Shaggar, Inj. Abboomaa Tarreessaa Bishaan Dhugaatii qulqulluu itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuuf xiyyeffannoon hojjetmaa jiraachuu ibsaniiru. Huddeeffama magaalaa shaggar dura tajaajilli bishaan dhugaatiin wal-qabatee rakkoowwan walxaxaan kan turan ta'u eeruun, rakkoowwan kanneen bu'uura irraa furuun fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Koomunikeeshinii magaalaa Shaggariraa
Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa Bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun ibsame
Apr 28, 2026 805
Ebla 20/ 2018 (ENA)- Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhukkubaa fi yaala irratti xiyyeeffatee, lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu dandeessisu bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu ministeerri ibseera. Imaammanni fayyaa ittisa dhukkubaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraa, karaa Ekisteenshinii fayyaatiin dhukkuboota daddarboo hir'isuun gumaacha olaanaa gumaacheera. Erga jijjiirama biyyaalessaan asitti, dandeettii ittisa dhukkubaa fi yaala dhaabbilee fayyaa walitti makuun cimsuudhaan, rakkoolee fayyaa walxaxoo ta'aniif furmaanni kennamaajira. De’eetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ENA’f ibsa kennaniin, Waggoota jijjiiramichaa keessa dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuudhaan, ittisa dhukkubaa fi yaalanii fayyisuurratti bu'aan qabatamaan dhufeera. Imaammanni kunis dandeettii qindoominaa cimsuudhaan lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu bu’aa dandeessisu argamsiiseera. Hojiiwwan misoomaa keellaa fayyaa irraa hanga Hospitaala Rifeeraaliitti raawwatamaniin, qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajilaa babal'isuun danda'ameera jedhaniiru. Dandeettii ogeessota fayyaa cimsuuf, dhaabbilee barnootaa biyya keessaa fi biyyoota alaa keessatti carraa barnootaa mijeessuun, dandeettii ogeessotaa guddisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila dhaabbilee fayyaa qulqullina qabu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin, du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuun, haadholii dhaabbilee fayyaatti dahan dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaalee Ekisteenshinii Fayyaa Keellaa fayyaan kennaman gara buufata fayyaa waliigalaatti guddisuun, tajaajila yaala qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate akka kennan taasifamaa jirachuu ibsaniiru. Kana keessattis, tajaajila rifeeraalii, talaallii, hordoffii ulfaa fi deessisuu dabalatee tajaajiloota yaala ammayyaa biroo babal'isuun, hawaasichaaf dhiyeenyaan tajaajilaa mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Diinagdee
Maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaanni kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoome
Apr 29, 2026 51
Ebla 21/2018(ENA)-Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa, maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaata kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoomseera. Hojii gaggeessaan maarkeetiingii gurgurtaa fi tajaajila maamiltootaa obbo Isayaas Dandir, sirna hojmaataa kaffaltii haaraa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniinis,Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa qulqullina tajaajila maamiltootaa fi dhaqqabamummaasaa mirkaneessuuf sirna hojmaata ammayyaa hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan qulqullina tajaajilaa fi dhaqqabamummaasa babal'isuuf hojjetaman, baay'ina maamiltootaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Sirni tajaajilaa haaraan kun Maamiltoota Elektirikii barbaadanii fi yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fayyadamoo kan taasisu ta’uu beeksisaniiru. Sirni kun, maamiltoonni lakkooftuu elektirikii haaraa barbaadan hundi rakkoo mallaqaan akka hin hafne yaadamee kan qophaaye ta'uu himaniiru. Rakkoo kaffaltii tajaajila haaraa furuuf, hanga ji'a 24 (waggaa lama) kan turu sirni kaffaltii yeroo dheeraa hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Maamiltoonni kaffaltii kana kaffaltii tajaajilaa baatii baatiin kaffalanitti ida’uun kaffaluu akka danda'an dubbataniiru. Sirnichi maamiltoota kaffaltii guutuu yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fi rakkoo kaffaltii qabaniif furmaata kennuuf kan karoorfame ta'uu ibsaniiru. Fayyadamoo sirna kaffaltii yeroo dheeraa ta’uuf Iyyannoo dhiyeeffachuu, Kaffaltii dursaa (Advance payment) harka kudhan (10%) kaffaluu, Kaffaltii baatii baatii hafe waliigaltee mallatteessuun raawwachuu fi waliigaltee sana kabajuuf fedhii qabaachuu fi ulaagaalee kana fakkaatan of keessaa akka qabu dubbataniiru. Hojiirra oolchi kun maamiltoota lakkooftuu elektiriikaa sarara baaqqee "single phase" barbaadan hundaaf kan hojjetu ta'uu beeksisaniiru.
Godina Jimmaatti lafa heektaara kuma 883 irratti hojiin midhaan adda addaa misoomsuun eegalameera
Apr 29, 2026 233
Ebla 21/2018 (ENA): Waajjirri Qonna godina Jimmaa hojii qonna Ganna bara 2018/19tti lafa heektaara kuma 883 irratti midhaan adda addaa misoomsuun, omisha kuntaala miiliyoona 36 argachuuf karoorfatee hojiitti galuu beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Tijaanii Tamaam ENAtti akka himanitti, oomishaa fi itti fufiinsa guddisuuf qonna godinichaa babal’isuu fi ammayyeessuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamaa jira jedhani. Hanga ammaatti lafa waliigalaa keessaa dhibbentaan 13 qotamee boqqolloo fi bishingaan facaafamuu himaniiru. Galteewwan yeroo oomishaaf barbaachisan qonnaan bultootaaf yeroon dhiyaachaa akka jiran eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 780 ol galfamee qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru. Sanyiin filatamaa kuntaala kuma 21 ta’u kennamaa akka jirus eeruun, galteewwan yeroodhaan dhiyeessuun hojii midhaan facaasuu yeroodhaan akka raawwatamuuf gargaareera jedhan. Akkasumas, rooba Gannaa fayyadamuun xaafii fi ruuzii dabalatee gosoota midhaan biroo akka facaafaman ibsaniiru. Jijjiirama kanaan booda qonna ammayyeessuuf qonnaan bultoota aanaalee Godinichaa 20 keessatti tiraaktaroota kuma 1 fi 426 kennuunis beeksisaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti qonnaan bultoonni Muhaammad Abbaaboor fi Muhaammad Nuur Abbaatamaam dursanii galtee qonnaa barbaachisoo fudhachuun lafa isaanii sanyii facaasuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Deeggarsa ogummaa ogeeyyii qonnaa irraa argachaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, omisha bara darberraa fooyya’aa ta’e aragachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Godinichatti bara omisha Gannaa kanaan qonnaan bultoonni 420,000 ol qonna kanarratti akka hirmaatan ibsameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Mootummaan Itiyoophiyaa basii jireenyaa lammiilee hir’isuufi dhiyeessii boba’aa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Apr 29, 2026 172
Ebla 21/2018(ENA): Mootummaan Itiyoophiyaa baasii jireenyaa lammiilee hir’isuuf birrii biiliyoonaan lakkaa’amu ramaduun akkasumas filannoowwan hunda fayyadamuun dhiyeessii boba’aa itti fufsiisaa akka jiru Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise. Mootummaan fedhiiwwan bu’uuraa ofii biyya bilisaa ofiin guuttatu taate uumuuf imaammata baasee hojjachaa jira. Keessattuu, hirkattummaa boba’aa irraa bilisa ba’uuf dursee gara hojiitti galuun isaa, rakkoo hawaasummaa fi dinagdee cimaa biyyattii mudachuu danda’u biyyoota biroo wajjin yoo madaalamu sadarkaa olaanaadhaan hambisuu akka danda’e ibseera. Guutummaatti hirkattummaa boba’aa irraa bilisa ba’uuf carraaqqii mootummaa fi dhuunfaa bal’aa kan gaafatu ta’us, waggoottaan saddeet darban keessa damee dhiyeessii anniisaa haaromfamuurratti hojiin hojjatame rakkoo amma jiru kana dandamachuuf baay’ee deeggaruu eerameera. Dhiyeessiin humna elektirikii Itiyoophiyaa guutummaatti Madda Anniisaa haaromfamu, jechuunis Bishaan, Qilleensaa fi Aduu irraa kan argamu yoo ta’u, gara fuulduraattis Anniisaa Jii’ooteermaalii fi Niwukilera irraa maddisiisuun fedhii biyyattii sadarkaa amansiisaa ta’een guutuuf hojjatamaa jira jedheera tajaajilichi. Madda Anniisaa Haaromsuun danda’amuun rakkoo hanqina boba’aa addunyaa fi daballii gatii amma uumame waliin walqabatee industiriiwwan omishaa biyyattii irratti dhiibbaa uumamuu danda’u hambisuu akka dandeessise ibseera. Mootummaan waggoota darban keessa lammiileen filannoo anniisaa haaromfamu fayyadamuu akka danda’aniif sirnoota onnachiiftuu garaagaraa hojiirra oolcheera. Kanaanis, kallattii mootummaa fudhatanii Konkolaataa Elektirikiin lammiileen fayyadamuu eegalan amma rakkoo kanaaf saaxilamoo ta’uu dhabuusaanii odeeffannichi eereera. Kunis kanneen duubatti hafaniif barnoota kan kennu yoo ta’u, Mootummaaf ammoo kallattii imaammata hordofaa jiru sanaaf ofitti amanamummaa kan uumu ta’uusaa ka’eera. Yeroo ammaa Konkolaataan Elektirikii kuma 140 ol kan jiran yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsa kana baay’inaan guddisuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru tajaajilichi eerera. Mootummaan birmadummaa anniisaa Madda Anniisaa haaromfamu irratti hundaa’ee mirkaneessuuf carraaqqii taasisaa jira. Hidhi haaromsa guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun dhiyeessii humna Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaadhaan yoo guddisu, humni qilleensaa yeroo yeroon eebbifamanii gara hojiitti galaa jiru. Afrikaa keessatti humna aduu gurguddaa ta’e, paaneelota soolaarii (solar panel) oomishuuf dandeettiin kan uumame yoo ta’u, hirmaannaan dhuunfaas akka jajjabeeffamu ibsameera. Kana malees, ijaarsi waarshaa qulqulleessituu boba’aa fi oomisha gaazii uumamaa saffisaa akka jiru eerameera. Carraaqqiiwwan hunda kana gidduutti, rakkoon Addunyaa amma uumame lammiilee irratti miidhaa hamaa akka hin geessisne ittisuuf, mootummaan kanaan dura gargaarsa taasisaa ture irratti dabalatee, ji’a ji’aan birrii biiliyoona 20 ramaduun akkasumas filannoowwan garagaraa fayyadamuun dhiyeessii boba’aa itti fufsiisaa akka jiru tajaajilichi beeksise. Mootummaan kallattii imaammata diinagdee magariisaa fayyadamuun rakkoo kana bu’uuraraa ummata wajjin akka darbuu fi balbalii ba’umsaas fagoo akka hin taane odeeffannichi ibseera.
Baay’inni dhiheessii boba’aa Naafxaa har’a irraa eegalee waraana jiddu galeessa bahaatiin dura bakka turetti akka deebi’u taasifame
Apr 29, 2026 289
Ebla 21/2018 (ENA)- Baay’inni dhiheessii boba’aa Naafxaa har’a irraa eegalee waraana jiddu galeessa bahaatiin dura bakka turetti akka deebi’u taasifamuusaa ministirri maallaqaa Ahimad Shidee beeksisan. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee haala boba’aa addunyaa yeroo ammaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Waraanichaan dura dhiheessiin boba’aa Naafxaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 akka ture ministirri maallaqaa yaadachiisaniiru. Waraana booda dhiheessiin Naafxaa walakkaan hir’atee gara liitira miiliyoona 4 tuqaa 5tti gadi bu’ee akka ture ibsaniiru. Kanaaf Har’a irraa eegalee naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundatti dhiheessiin Naafxaa waraana dura bakka turetti guyyaatti liitira miiliyoona sagalitti akka deebi’u murtaa’uusaa beeksisaniiru. Sababa waraanichaatiin mootummaan baatii tokkotti birria biiliyoona 20 ta’u deeggarsa akka taasisu eeranii, kuusaan deeggarsaa walumaa gala birria biiliyoona 300 qaqqabuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan qonna, daldala alergii fi hojiilee biroo tilmaama keessa galchuun yeroo dhiheessiin boba’aa addunyaa hir’atetti baasii guddaa gochuun dhiheessiin bakka turetti akka deebi’u gochuusaa ibsaniiru. Dhiheessii shaqaxa bu’uraa amansiisaa gochuuf hojiin guddaan guddaan hojjetamuusaa ibsuun, rakkoon lammiilee furamaa guddina si’ataa fulla’aa galmeessisuusaa dubbataniiru. Sababa waraanichaatiin mootummaan baatii tokkotti birria biiliyoona 20 ta’u deeggarsa akka taasisu eeranii, kuusaan deeggarsaa walumaa gala birria biiliyoona 300 qaqqabuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan qonna, daldala alergii fi hojiilee biroo tilmaama keessa galchuun yeroo dhiheessiin boba’aa addunyaa hir’atetti baasii guddaa gochuun dhiheessiin bakka turetti akka deebi’u gochuusaa ibsaniiru. Dhiheessii shaqaxa bu’uraa amansiisaa gochuuf hojiin guddaan guddaan hojjetamuusaa ibsuun, rakkoon lammiilee furamaa guddina si’ataa fulla’aa galmeessisuusaa dubbataniiru. Mootummaan dhiheessii boba’aa Naafxaa yeroo miidhametti fayyadama lammiilee mirkaneessuuf sa’aatii 24 haala kan kan hordofu hundeessuun hordoffii gochaa akka jiru ibsaniiru. Mootummaan bittaa hatattamaatiin Beenzilaa fi boba’aa Xiyyaaraa bituudhaan rakkinicha damdamachuuf dandeessiseera jedhaniiru. Mootummaan boba’aa bittaa addaatiin baasii guddaadhaan dhiheessaa dhiibbaa ummatarra gahu hir’isuuf tattaaffii gochuusaas ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti
Apr 29, 2026 157
Ebla 21/2018(ENA): Abbaan Taayitaa Eegumsa Abbummaa kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, Ulaagaa madaallii Idil-Addunyaa waliin wal-simsiisuuf fooyya'insa seeraa haaraa taasisaa akka jiru beeksisera. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Walduu Yimasil akka ENA’f ibsanitti, namoota abbummaan kalaqaa isaanii akka eegamuuf gaafatanif tajaajilli kennamaa jira. Eegumsa Abbummaa kalaqaa ammayyeessuuf, hoj-maata ammayyaa’aa fi hammattoo seeraa qopheessuun hojiirra oolchuun danda'amuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, seera waggaa dheeraa turan fooyyessuun sirna hojii yeroo ammaa waliin deemu uumuun danda'amuu ibsaniiru. Hammattoowwan seeraa fi hoj-maanni kunniin mirga Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa eeguuf gargaaraa jiru. Sirni eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa, Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin walitti hidhata uumaa jiraachuu ibsaniiru. Eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti fiduuf fooyya'iinsi seeraa haaraa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Fooyya'insi sirna hojii fi seeraa kun mirga Abbummaa kalaqaa sammuu mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, dandeettii ogeessotaa guddisuun qulqullinaa fi dhaqqabamummaan tajaajilichaa akka mirkanaa'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Waggoota darban dameelee adda addaan mirgi Abbummaa Kalaqa sammuu kuma 3 hin caalle kennamaa ture, amma garuu waggaatti galmee kuma 9 ta'uuf kennamuu kan dandeessisu jalqabameera jedhaniiru. Itiyoo-Aliyaansi Advokeesiitti (Ethio-Alliance Advocacy), Daayrektarri abbummaa kalaqa Sammuu fi Hariiroo Idil-Addunyaa, Doktar Tigisti Dasuu gamasaaniin, fooyya'iinsi seeraa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sirna hojii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Bu'a qabeessummaa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa dhaabbilee Idil-Addunyaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis seerota fooyyessuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 232
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru. Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA
Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhataniiru
Apr 23, 2026 205
Ebla 15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhachuusaanii ejensiin galmee siviilii naannichaa ibse. Itti gaafatamaan ejensii galmee siviilii naannoo Hararii fi qindeessaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Saadaam Mahaammad akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa aanaalee magaalaa fi baadiyyaa biraan gahuuf hojjetamaa jira. Baatiiwwan 9 darban namoonni kuma 180 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii fi walumaa gala amma ammaatti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii eeraniiru. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa milkaa’ina tiraanisfoormeeshinii dijitaalaaf gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Keessumaa adda baastuun eenyummaa dijitaalaa dhaabbileen tajaajila si’ataa fi saffisaa akka kennan gargaaruun iftoomaa fi bulchiinsa gaarii buusuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Waraqaan eenyummaa kun kanneen tajaajila kennanii fi argatan jidduu wal amantaan akka jiraatu kan gargaaru, hojii dhaabbilee kan qindeessu, sadarkaa nama dhuunfaattis mirga ofii kan eegsisu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa sababoota garagaraan hin galmoofne wiirtuu galmee isaanitti dhihoo jirutti argamuun tajaajila kana akka argatan itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1318
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Ispoortii
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 682
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata
Apr 27, 2026 226
Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama. Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira. Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha. Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru. Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru. Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera. Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata. Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a. Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Apr 26, 2026 860
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera. Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera. Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte
Apr 26, 2026 824
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan irratti baay’ee eegamaa ture injifatteetti. Dorgommii Olompikii Paaris meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaan dorgommii dubartootaa Maraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo lammataaf walitti aansuun injifatte. Fiigicha kana atileet Tigisti Asaffaan sa’aatii 2:15:41’n injifattee, atileet Keeniyaa Helen Obiriin lammaffaa, atileetiin Keeniyaa kan biraa Joyseliyin Jepkosgi ammoo sadaffaan xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 268
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 199
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan. Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 801
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira
Apr 15, 2026 338
Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru. Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru. Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru. Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2737
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10889
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.