Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godinichatti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun lafa misoomerraa  callaan   Kuntaalli Miiliyoona  10 ol ni eegama
Dec 17, 2025 6
Mudde 8/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun lafa misoomerraa Callaan Kuntaalli Miiliyoona 10 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa,Godinaa fi Qonnaan bultoonni Moodeelaa Godichatti aanaa Anaasoraatti sagantaa muuxannoo wal- jijjiirraa fi daawwanna hojii misooma midhaanii gaggeessaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjirichaa obbo Dastaa Gabrayas akka ibsanitti, Godinichatti Oomisha Gannaan Midhaan oomishamerraa callaan kuntaalli miiliyoona 10 ol ni eegama. Qonna Gannaan kilaasteraa fi Sararaan Qotuu dabalatee paakeejiiwwan qonnaa hunda fayyadamuun hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayyadama sanyii fooyya’aa fi Xaa’oo Qonnaan bulaa fooyya’aa dhufuusaa bara kana kan waggoota darbanirraa callaa fooyya’aan akka abdatamu dubbataniiru. Waliigala Godinichatti lafa heektaara kuma 480 ol midhaan kanneen akka Qamadii, Garbuu,Baaqelaa,Xaafii fi Boqqolloon Oomishamuu eeruun kunis sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf deeggarsa guddaa taasisa jedhaniiru. Lafa misoome keessaa lafti hektaarri kuma 347 ol kilaasteraan kan misoome ta’uu eeruun Godinichatti aanaalee 12tti fi buufataalee misoomaa 267 ogeeyyiin buufata misoomaa qophii ooruu irraa kaasee hanga oomisha walitti qabanitti deeggarsi taasifamaa jira jedhaniiru. Sagantaa daawwannaa kanarratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarektarri Sirna Soorataa aadde Shamsiyaa Waliih, Qonna Ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi badhaadhina maatii fiduuf xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan Misooma jallisii, sagantaa Maaddii Guutuu, eegumsa biyyee fi bishaanii,Ashaaraa Magariisaan jijiiramonnii fi milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu beeksisaniiru. Godina Gujiitti hoj-maata Qonnaa fooyya’ee fi ammayya’een hojjetame Godinichatti muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan Bultoota Moodeela Sagantaa daawwanichaarratti hirmaatan keessaa Dabbassoo Soraa hojii eegumsa biyyee fi bishaanii bara darbe raawwataniin callaan akka dabaluuf deeggaruusaa ibsaniiru. Dabalataanis Qonnaan bulaan Modeelaa Gadaa Dheekkamaa, mootummaan jijiiramaa Qonna ammayyeessuun Qonnaan bulaan Misooma Midhaaniirraa fayyadamoo taasisaa jiraachu ibsaniiru. Qonna Gannaaf sanyii fooyya’aa oomisha gaarii kennan Qamadii, Garbuu fi Baaqelaa Biiroo Qonnaa irraa isaaniif dhihaachuu beeksisaniiru. Godina Gujiitti Haala Qilleensaa Baddaa, Badda Daree fi Gammoojjiin kan jiru yoo ta’u Hagayyaa hanga Fulbaana walakkaatti yeroo oomishni walitti qabamudha. Sagantaa muuxannoo wal jijiirraa fi daawwannaa kanarratti qonnaan bultoonni moodeelii hedduun, ogeeyyii qonnaa fi hoggantoonni argamaniiru
Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee itti fuftu ishee taasiseera- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii
Dec 17, 2025 32
  Mudde 8/2018(TOI) - Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee birmadummaashee eeggattee itti fuftu ishee taasiseera jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii. Ministiri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii waloo 6ffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii gaggeessan irratti argamuun haasawa taasisaniiru. Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Mana Maree Seera baastoota Itiyoophiyaa fulduratti haasawa taasisuun kabaja guddaan akka itti dhagahame ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Niishaanii kabajaa isaaniif kennuu isaanii galateeffachuun, Niishaanii kabajaa Itiyoophiyaa kanas maqaa uummata Hindiin fudhadheera jedhan. Itiyoophiyaan biyya qoroomina durii keessaa tokko ta’uu eeruun, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad seenaa dhala namaa keessatti adda durummaan akka eeramanis ibsaniiru.   Hambaan lafee Luusii(Dinqinash),Itiyoophiyaan argama dhala namaa ta’uu isheef ifatti kan agarsisudha jedhan. Seenaan Itiyoophiyaa har’as baroota darbee jiraachaa kan jiruu fi teessumni lafashee, onnee uummatashee keessa kan jiru ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan mallattoo ciminaa, birmadumma, agarsiiftuu boonsaa fi jijjiiramaa ta’uu ibsaniiru.   Akkasumas yaadni ida’amuu walta’iinsa waliinii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, yaadni kun daandii Hindiin irra deemaa jirtuun kan wal fakkaatu ta’uu ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jira
Dec 17, 2025 34
  Mudde 8/2018(TOI)- Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jiraachuu Itiyoophiyaatti itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee ibsani. Itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee fooyyessii fi haaromsi damee diinagdee Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru haala walitti fufiinsa qabuun gaggeeffamaa jiraachuun isaa kan dinqisiifatamuu qabudha jedhan. Sirna gabaa irratti xiyyeeffate damee kana keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu isaa argineerra; kunis barbaachisaa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanii ni agarsiisa jedhan. Sirni kun faayidaa uummataa fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu’a qabeessa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanitti argame kan agarsiisu ta’uu eeruun, akkasumas abbootii qabeenyaa Jarmaniis kan hawwatu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuuf haala mijataa uumaa jira jedhan. Akka itti aanaan Ambaasaaddarichaa jedhanitti, Itiyoophiyaatti banamuun jijjiirraa gabaan aksiyoonaa(stock market exchange) invastimantii kallattii alaa hawwachuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiru, akkasumas dameewwan loojistikii fi kanneen biroo fakkeenyummaan kan eeramani dha. Hawaasa daldalaa Awurooppaa waliin hariiroo daldalaa cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran himaniiru. Kunis dorgomtummaa dabaluu, qulqullinaa fi tajaajila fooyyessuu, akkasumas diinagdee biyyattii akka waliigalaatti daran kakaasuuf murteessaadha jedhan. Itiyoophiyaatti dameelee hedduu irratti invasti gochuuf kan nama dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, madda anniisaa magariisaa, damee anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti qabeenya dilbii qabaachuu ibsuun, kun gabaa addunyaatiif maqaa (brand) ta’uu akka danda’u dubbataniiru. Damee huccuu, loojistikii, gumurukaa, teeknooloojii odeeffannoo, fi dameewwan biroo keessatti dandeettii jiru ibsaniiru. Hariiroon biyyoota lameenii hariiroo cimaa ta’uu eeraniiru. Walta’iinsa cimaa biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf damee dhuunfaa keessatti qonna, barnootaa fi leenjii teeknikaa fi ogummaa, bulchiinsa gaarii barnootaa, qorannoo fi misoomaa fi gama birootiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Jarman dhiheenya kana waliigaltee bu’uuraa tumsa waggaa sadii (2025–2027) mallatteessanii akka turan kan yaadatamudha. Bu’uurri kun walta’iinsa haaromsa biyyattii, guddina hunda hammatee fi misooma itti fufiinsa qabu irratti kan xiyyeeffatedha.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee itti fuftu ishee taasiseera- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii
Dec 17, 2025 32
  Mudde 8/2018(TOI) - Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee birmadummaashee eeggattee itti fuftu ishee taasiseera jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii. Ministiri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii waloo 6ffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii gaggeessan irratti argamuun haasawa taasisaniiru. Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Mana Maree Seera baastoota Itiyoophiyaa fulduratti haasawa taasisuun kabaja guddaan akka itti dhagahame ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Niishaanii kabajaa isaaniif kennuu isaanii galateeffachuun, Niishaanii kabajaa Itiyoophiyaa kanas maqaa uummata Hindiin fudhadheera jedhan. Itiyoophiyaan biyya qoroomina durii keessaa tokko ta’uu eeruun, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad seenaa dhala namaa keessatti adda durummaan akka eeramanis ibsaniiru.   Hambaan lafee Luusii(Dinqinash),Itiyoophiyaan argama dhala namaa ta’uu isheef ifatti kan agarsisudha jedhan. Seenaan Itiyoophiyaa har’as baroota darbee jiraachaa kan jiruu fi teessumni lafashee, onnee uummatashee keessa kan jiru ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan mallattoo ciminaa, birmadumma, agarsiiftuu boonsaa fi jijjiiramaa ta’uu ibsaniiru.   Akkasumas yaadni ida’amuu walta’iinsa waliinii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, yaadni kun daandii Hindiin irra deemaa jirtuun kan wal fakkaatu ta’uu ibsaniiru.
Yaadamni Ida’amuu Itiyoophiyaan  badhaatee guutuu  Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee taasisa – Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii 
Dec 17, 2025 29
Mudde 8/2018(TOI)- Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin yaadamni Ida’amuu hojiirra oolaa jiru Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa jechuun ibsani Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin. Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taassisaa jiran irratti affeerraa irbaataa qophaa’erratti haasaa taassisaniin, Itiyoophiyaatti argamuusaaniin carraa qabeessa ta’uu fi simannaa ho’aa taassifameefiitti gammaduu isaanii dubbataniiru. Turtii isaaniin gaggeessitoota Itiyoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa taassisuusaanii eeruun, Itiyoophiyaa madda qaroomina Addunyaa kan taate irraa Niishaanii kabajaa argachuukootti booneera jechuun ibsaniiru. Niishaaniin kabajaa kun lammiilee Itiyoophiyaa fi Hindii hariiroo biyyoota lameenii akka cimuuf gumaacha taasisaniifis ta’uu ibsaniiru. Yaa’ii garee G-20 yeroo dhihoo Afrikaa Kibbaatti taassifame cinaatti marii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad waliin taassisaniin, Itiyoophiyaa akka daawwataniif Affeerraa isaaniif dhihaateef gammaduusaanii kan ibsan Ministirri Muummee kun, jaalalan Itiyophiyaaf qabuufan Affeerricha fudhachuun ariifadhee akkan dhufu na taassiseera jechuun dubbataniiru. Qaroominni durii Itiyoophiyaa, kabajnii fi bilisummaan ishee hunda keenyaaf kaka’umsa kan uumu dha jedhaniiru. Yaadamni Ida’amuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa kan jedhan Ministirri Muummee Naareendiraa Moodii, keessumaa eegumsa naannoon, misooma hirmaachisaan, garaagarummaa keesatti tokkummaa cimsuuf kutannoo qabani raajeffachuun ibsaniiru. Barnoonni hariiroo Itiyoophiyaa fi Hindii keessatti qooda olaanaa gumaachuu fi gara fuulduraatti Hindi hariiroo mul’ataa fi wal amantaarratti bu’uureffate cimsuuf fedhii qabaachuu ishee mirkaneessaniiru. Dabalataanis Hindi Itiyoophiyaa waliin hariiroo carraawwan haaraa biroo uuman hundeessuuf akka hojjettu Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Hindii Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon damee hedduu guddachaa dhufuu isaa agarsiisa.
Dec 17, 2025 55
  Mudde 8/2018(TOI) - Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon biyyoota lameenii damee hedduun jiru guddachaa dhufuu isaa agarsiisa jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodiif sagantaa irbaata qohaaherratti haasaa taasisaniiru.   Haasaa taasisaniin, walitti dhufeenyi seenaa biyyoota lamaanii gidduu jiru, duudhaalee waliin qabanii fi hariiroon isaanii guddachaa jiraachuu kaasaniiru. Daawwannan isaanii kunis guddina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf agarsiiftuudha jedhan. Hindiin michuu Itiyoophiyaa yeroo dheeraa ta’uu kan ibsani Ministirri Muummee doktar. Abiyyi Ahimad, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan, walta’iinsa dameelee adda addaatiin fayidaa waloo babal’isuuf waadaa qaban irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhimmoota gurguddoo adda addaa biyyoota lameen fayyadamoo taasisu irrattis tumsi gara fuulduraatti akka cimu akeekaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad itti dabaluun Itiyoophiyaan falaasama ida’amuun damee hundaan guddina dinqisiisaa galmeessisaa akka jirtu ibsaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara hariiroo tarsiimootti guddachuus beeksisaniiru.   Biyyoonni kunneen egeree waliinii fooyya’aa ta’eef walitti dhiyeenyaan akka hojjetan kan agarsiisan yoo ta’u, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan mul’anni waliinii dhugoomuu akka danda’u kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hariiroon obbolummaa biyyoota lameenii guddachaa dhufuusaaf maqaa mootummaa Itiyoophiaan galata galchaniiru.
Daawwaannaan Ministira Muummee Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaatti taassisan Biyyoonni lamaan fuulduratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf kutannoo waloo qaban kan argisiisedha
Dec 17, 2025 36
Mudde 8/2018(TOI)-Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodii daawwannaan Itiyoophiyaatti taassisaa jiran michummaa biyyoota lamaanii guddisuun dhimmoota faayidaa waloorratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf kutannoo waloon qaban kan argisiisu ta’uun ibsameera. Hoggantoonni Itiyoophiyaa fi Hindi marii bal’aa fi bu’aa qabeessaa michummaa gam-lamee cimsan taassisaniiru. Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf Adeemsa eegalteef akka deeggaran ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Hindi barreessaan quunnamtii Diinagdee Sudihakar Daalelaan Daawwannaa Ministira Muummee Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taassisan ilaalchisuun Finfinneetti Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.   Ibsa isaaniin Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Afeerraa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin daawwannaa Itiyoophiyaatti taassisaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa yeroo seenaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Booleetti simannaa ho’aan taasisaniiruuf.   Hoggantoonni lamaan marii bal’aa fi bu’aa qabeessa michummaa gam-lamee cimsu taassisuusaanii ibsaniiru. Kanaanis Daldalaa fi Invastimatii, Qonnaan ,Humna haaromfamaa ,Fayyaa, Barnootaan, Misooma Ogummaan, Raayyaa Ittisaan, Hubannaa Namtolchee fi bu’uuraalee Misoomaa Dijiitaalaa irratti tumsa qaban babal’isuuf waliigaluusaanii eeraniiru. Hindi Wabii Fayyaa fi nyaataan, Teekinooloojii Qonnaan, orgaanikiin (qonna uumamaan),Dijiitaalaan, fayyaa fi damee Teekinooloojiin muuxannoo misoomaa qabdu qooduuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin ibsuusaanii dubbataniiru. Hoggantoonni lamaan sanada walii galtee hedduu mallatteessuusaanii fi isaan keessaa Tumsa Gumrukii, Leenjii Ergama Nageenya Kabachiisuu Kennamu, Ministeera Dhimmaa Alaa Itiyoophiyaatti gidduugala daataa hundeessuun akka keessatti argamu ibsaniiru. Hoggantoonni lamnaan michummaa gam-lamee gara michummaa Tarsiimo’aatti guddisuuf murteeffachuusaanii eeruun, kunis hariiroo biyyoota lamaanii gara boqonnaa haaraatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru.   Walii galteen michummaa kun dhimmoota murteessoorratti dhiheenyatti hojjechuuf kutannoo waloo qaban caalaatti akka cimsu ibsaniiru. Barnootaa, dagaagina ogummaanii fi ijaarsa dandeettiin tumsa qaban caalaatti cimsuuf waliigaluusaanii kaasaniiru. Hindi carraa Barnoota ICCR waggaa waggaan kennitu dachaan akka guddatu Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin beeksisuusaanii ibsaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun damee kunuunsa fayyaan keessumaa fayyaa haadholii fi Daa’immaniirratti, wal’aansa yeroo balaa fi Damee wal’aansa balaarratti dhiheessii meeshaalee fi sagantaawwan leenjii dhiheessuun humna Hospitaala Mahitama Gaandii guddisuuf deeggarsa taassisuuf qophii ta’uu ibsaniiru jedhaniiru.   Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin keessumaa Manufaakcheringii fi omisha Qorichaan kaampaaniin Hindi Itiyoophiyaatti guddachaa dhufetti gammaduusaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi sirna hunda galeessaa, haqaa qabeessaa fi seera Idil- Addunyaa irratti hundaa’e gaggeessuurratti tokko ta’anii akka dhaabbatan hoggantoonni lamaan mirkaneessuu saanii dubbataniiru. Dabalataanis Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin Adeemsa Itiyoophiyaan dhaabbata Daldala Idil-Addunyaatti makamuuf taassistu akka deeggaran ibsaniiru.
Daawwannaan Ministira Muummee Hindii, Itiyoophiyaan  damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessudha- Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Dec 17, 2025 51
Mudde 8/2018(TOI)-Daawwannaan Ministira Muummee Hindii, Itiyoophiyaan damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessu ta’uu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse. Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa daawwannaa Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii ilaachisee ibsa baaseera. Itiyoophiyaafi Hindiif tarsiismoo abbolummaa haaraa kan saaqedha jedhaeera. Ergichi Guutuun isaa akka itti aanutti dhiyaateera;- Walta'iinsa tarsiimoo Itiyoophiyaa fi Hindiin boqonnaan haaraan baname! Daawwannaan kun, simannaa ho'aa Masaraa Biyyaalessaatti tasifameen alatti, Itiyoophiyaan waltajjii idil-addunyaa irratti ijjannoon dhagahamummaan isheen qabdu kan guddatee fi bakka guddaa tarsiimoo Hindiin gaanfa Afrikaaf kennitu agarsiisa. Ministeera Dhimma Alaa keessatti Wiirtuu Daataa(Data Centre) hundeessuuf walii galteen taasifame Itiyoophiyaaf hiika guddaa qaba. Waliigalteen kun Itiyoophiyaan odeeffannoo dippilomaasii ammayyeessuuf tattaaffii gootuu fi nageenya saayibarii ishee mirkaneessuuf kan taasiftu Hindiin deeggarsa teeknooloojii akka gootu kan gargaarudha. Ol’aantummaa Hindiin damee dijitaalaa keessatti addunyaa irratti qabdu gara guddina dhaabbilee Itiyoophiyaatti fiduudhaan dandeettii dippilomaasii biyyattii sadarkaa olaanaatti ol guddifti. Waliigalteen deeggarsa hoggansa waliinii Gumuruukaa irratti taasifame kun daldala biyyoota lamaanii mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Hindiin biyya ummta biliyoona 1. 46 qabduu fi biyya dinagdee guddaa qabdu waan taateef, kunis oomishaalee Itiyoophiyaa gara gabaa Hindii geessuuf haala kan mijeessudha. Akkasumas alseerummaa daldalaa kan hambisu waan ta’eef gabaa yaadaa gara gabaa qabatamaatti jijjiiruuf shoora olaanaa qaba.   Hojii nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti walii galtee mallatteessuun gahee Itiyoophiyaa fi Hindii addunyaa irratti qaban ni guddisa. Itiyoophiyaa fi Hindiin humnoota nagaa eegsisan bobbaasuun addunyaarratti warreen gurguddoo keessaa yoo ta’an, gama kanaan waliin hojjechuuf walii galuun isaanii biyyoonni lamaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf kutannoo akka qaban kan agarsiisudha. Akkasumas tasgabbii dhabuu Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Hindii keessaaf furmaata waloo ta’uuf yaada qaban kan agarsiisudha. Qabxiileen Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad "Aantummaa Waliinii"(shared priorities) jedhan ejjennoo walfakkaatoo biyyoonni lameenii ajandaa ‘BRICS+ fi Giloobaal Saawuz( Global South) irratti qaban kan calaqqisiisu dha.   Daawwannichis, Itiyoophiyaan damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessu yoo ta’u, Hindiin Itiyoophiyaadhaan akka amanamtuu fi hariiroo obbolummaa yeroo dheeraa taasiftee fudhachuun ishee, baay’ina Invastimantii alaa Itiyoophiyaa fi dhagahamummaa dippiloomaasii isheef milkaa’ina guddaa dha. Marii fi sirni walii galtee mallatteessuu biyyoota lameenii kun ummata Itiyoophiyaa fi hawaasa addunyaaf ergaan isaa ifa dha. “Itiyoophiyaan tumsa tarsiimoo hariiroo ishee babal’isuu fi wiirtuu teeknooloojii fi anniisaa addunyaa guddoo kan taate Hindiif, kutannoo qabdu cimsaa akka jirtu kan agarsiisudha.” Milkaa'inni kun carraa seena qabeessa "gabaa yaadaa" waliigaltee qabatamaatti ceessisuun "eenyummaa guddaa" Itioophiyaa waltajjii addunyaatti kan gurguredha.
Itiyoophiyaa fi Hindiin michummaa seena qabeessa isaanii gara walta'iinsa tarsiimootti jijjiiruuf murteessuun isaanii tarkaanfii sirrii dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Dec 17, 2025 36
  Mudde 8/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Hindiin michummaa seena qabeessa isaanii gara walta'iinsa tarsiimootti jijjiiruuf murteessuun isaanii tarkaanfii sirrii ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsani. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Nareendiraa Moodii waliin mari’ataniiru.   Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni lameen hariiroo michummaa gadi fagoo, tumsaa fi wal kabajuu irratti hundaa’e akka qaban hubachiisaniiru. Ejjannoon Hindii misooma Itiyoophiyaa waliin kan wal simu ta’uu eeruun, Walta’iinsi Afrikaa fi Hindii kan Afrikaa, kan Afrikaan hoogganamu, fi dantaa Afrikaa irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Marichi tumsa ammayyaa Itiyoophiyaa fi Hindii gidduu jiru biyyummaa, of danda’uu, fi tumsa qabatamaa irratti hundaa’e daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.   Tumsi biyyoota lamaanii walqixxummaa fi tumsa Kibba Kibbaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Haaromsa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaa fi bu’uura hammattoo dinagdee dandeettii biyyaalessaa Hindii, misooma hunda hammatee fi tumsa bilisummaa kabaju irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.   Dinagdeen Itiyoophiyaa ciminaan guddachaa jiraachuu ibsuun, bara 2017tti guddina Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) dhibbeentaa 9.2 galmeessisuun ibsaniiru. Akkasumas bara 2018tti guddinni GDP dhibbeentaa 10 tuqaa 3 akka eegamu himaniiru. Guddina dinagdee dabalataan, invastimantiin kallattiin biyya alaa Itiyoophiyaa, guddachaa kan jiru yoo ta’u, Hindiin madda baayina invastimantii adda duree ta’uu hubachiisaniiru.   Dhaabbileen Hindii 615 ol Itiyoophiyaa keessatti invasti gochaa akka jiran agarsiisaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii damee garagaraan guddachaa kan jiru ta’uu eeruun, tumsii fi hariiroon biyyoota lamaanii kuni cimee itti fufuu qabaa dhaamaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa daawwachuuf dhufuu isaaniitti gammaduu ibsuun, turtiin isaaniis bu’a qabeessa akka ta’u hawwaniiru.  

Hawaasummaa
Yuunivarsiitiiwwan kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenaniiru
Dec 16, 2025 94
Mudde 7/2018(TOI)- Yuunivarsiitiiwwan kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenuu isaanii Ministeerri Barnootaa ibse. Ministeera Barnootaatti Daarektarri Olaanaa Dhimmoota Akkaadaamii Barnoota Olaanoo TOI waliin turtii taasisaniin qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii olaanaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Ministeera barnootaatti dursaa hojii raawwachiisaan dhimmoota akkaadaamii barnoota olaanoo Dr. Eebbaa Miijanaa turtii TOI waliin taasisaniin, qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii adda duree hunda caalaa xiyyeeffannoon kennameefidha. Haala Kanaan dhaabbileen barnootaa olaanoo mootummaa fi dhuunfaa qulqullinaan akka barsiisan keessumaa jijjiiramaan asitti hojiileen riifoormii hedduun raawwatamuu ibsaniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sagantaa barumsa digirii jalqabaa waggoota sadiif kennamaa ture wagga afur akka ta’u godhamuunsaa cabiinsa uumame suphuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessa ta’uu dubbataniiru. Dahhbbileen barnoota olaanoo miisteera barnootaaf itti waamaman hundi jechuun haala danda’amuun dameelee barnootaa wal fakkaataa barsiisaa turuunsaanii hanqina ta’uu kaasaniiru. Yuunivarsiitonni yeroo ammaa kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenuusaanii beeksisaniiru. Kana cinaattis sirna barnootaa hojiirra oolchan yeroo waliin kan deemuu fi teeknooloojii of keessatti akka qabatu godhamuusaa ibsaniiru. Barumsi teeknooloojiin kennamu qulqullina mirkaneessuu fi lammii ogummaa fi beekumsaan gabbate horachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Barattoonni naamusaan akka guutaman baruu fi barsiisuun cinaatti leenjiin amala gabbisuu kennamaafii akka jiru dubbataniiru.
Marii Biyyoolessaan rakkooleen Bu’uurarraa hiikamanii Tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana-Jaarsolii biyyaa
Dec 16, 2025 105
Mudde 7/2018 (TOI)- Marii Biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa furamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun jaarsoliin biyyaa Miizan Amaan dubbatan. Komishinichi cabinsa siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa biyyicha keessa ture furuun, nageenyi fulla’aan akka dhugoomuuf of-danda’aa fi hirmaachisaa haala ta’een lammiileen akka marii’ataniif hojjechaa jiraachuun ni beekama. Kanaanis hanga ammaatti naannoolee 11 fi Bulchiinsota Magaalaa Lamatti hirmaattota adda baasuun Ajandaa fudhachuun adeemsi marii itti fufeera. Kanaan wal qabatee Jaarsolii Biyyaa Miizan Amaan TOI’n dubbise marii’atanii rakkoo furuu kan caalu akka hin jirre ibsaniiru. Dhimma biyyaarratti walitti dhihaachuun marii’achuun biyya dhalootaaf toltu, nageenyi kan itti bu’ee fi Hiyyummaa keessaa baate ijaaruun Itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Kanaanis marii biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa hiikamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi waaraan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun dubbatniiru. Jaarsolii biyyaa keessaa Liqa Haagar Habtamaariyaam Kaazinteet, boqonnaa qophiirraa eegalee tattaaffiin komishiniin marii biyyoolessaa bu’aa qabeessa akka ta’u jaarsoliin biyyaa qooda keenya ni baana jedhaniiru. Nageenya fulla’aa, misoomaa fi tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaa cimsuuf , tattaaffiiwwan eegalaman abdii kan namatti horan ta’uu ibsuun, milkaa’inasaaf tumsaa fi deeggarsi hunda keenyaa barbaachisaa jechuun dubbataniiru. Akkasumas jaarsi biyyaa Mulgeetaa Tasfaayee, Nageenyi biyyaa kan cimu, misoomni kan mirkanaa’u marii’achuun, waliigaltee fi kaayyoo waloo qabaachuun hojjechuun ta’uu ibsuun, carraan marii bu’aa qabessa gochuu fi biyyaaf hojjechuu qabna jedhaniiru. Adeemsa marichaa hanga ammaatiin hirmaachisummaa gaaffii hedduuminaa kan dhaggeeffatee fi ajandaawwan kan keessummeesse ta’uu kaasuun haala furmaata fiduun xumuruun barbaachuisaa ta’uu ibsaniiru. Jaarsa biyyaa Abarraa Dastaa gamasaaniin, biyya dhaloota dhufuuf biyya mijattuu, tasgabbooftuu fi tokkummaanshee cime dhaalchisuuf adeemsa marii biyyoolessaa abdiin itti kenname milkeessuuf itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Komishiniin marii biyyoolessaa erga hundaa’ee eegalee boqonnaa qophiirraa eegalee hanga ammaatti hojii hedduu hojjechuunsaa ni yaadatama.
Naannichatti dhaloota  Naamusaan Guutamee  horachuuf  hojjetamaa jiru
Dec 15, 2025 150
Mudde 6/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa dhaloota naamusaan Guutamee fi malaammaltummaa jibbu horachuuf Manneen Barnootaa waliin hojiin qindoominaa hojjetamaa jiraachuu komishiniin naamusaa fi Farra malaammaltummaa naannichaa beeksise. Komishinichatti Itti gaafatamaan Damee Biiroo Giddugaleessaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa akka ibsanitti, dhaloota naamusaan guutamee fi malaammaltummaa irraa qulqullaa’e horachuuf Maneen Barnootaa qooda olaanaa qabu. Kanaaf dhaabbilee Barnootaa waliin qindoomuun gumii namusaa maneen barnootaatti akka dhaabbatuuf waliin hojjechuun malaammaltummaa ittisuurratti leenjiin kennamuu ibsaniiru. Gumichaan Ijaarsa naamusaa fi safuu irratti kan xiyyeeffate mariin gita gitaa gaggeessuun dhaloota malaammaltummaa jibbu horachuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Barattoonni naamusa gaariin guutamanii lammii biyya fudhatu akka ta’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Aakka ibsa hogganichaatti naamusa gaariin guutamuu Barattootaa Maneen Barnootaattis ta’e hawaasa keessatti walitti dhufeenya qabaniin malaammaltummaa ittisuuf qooda gaarii qaba. Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa obbo Girmaa Lammaa gamasaaniin, Manneen Barnootaa Barattoota Beekumsaan gahoomsurra darbee dhaloota naamusa qabu horachuuf itti gaafatamummaa qabu . Kanaafis Maneen Barnootaa Godinicha jiran gumii naamusaa fi Lammummaa dhaabuun lammii naamusa gaarii qabu horachuu akka danda’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Maneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti gumiiwwan hundaa’an barattoonni turtiisaanii Mana Barnootaan qajeeltoowwan naamusaarratti hubannaa gaarii akka qabaatan gochuurra darbee bu’aa qabeessummaa barnoota saaniif qooda olaanaa gumaachuu eeraniiru. Kunis hojii baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa taassisuun human beekumsaan dorgomaa taassisuu akka uumamuuf kan isaan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Farra -malaammaltummaa Idil-Addunyaa bara kanaa yeroo 22ffaa mata-duree “ dhaloota naamusaan, Dhaabbata Hoj-maataan “ jedhuun sadarkaa sadarkaan kabajamuun ni yaadatama.
Diinagdee
Godinichatti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun lafa misoomerraa  callaan   Kuntaalli Miiliyoona  10 ol ni eegama
Dec 17, 2025 6
Mudde 8/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun lafa misoomerraa Callaan Kuntaalli Miiliyoona 10 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa,Godinaa fi Qonnaan bultoonni Moodeelaa Godichatti aanaa Anaasoraatti sagantaa muuxannoo wal- jijjiirraa fi daawwanna hojii misooma midhaanii gaggeessaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjirichaa obbo Dastaa Gabrayas akka ibsanitti, Godinichatti Oomisha Gannaan Midhaan oomishamerraa callaan kuntaalli miiliyoona 10 ol ni eegama. Qonna Gannaan kilaasteraa fi Sararaan Qotuu dabalatee paakeejiiwwan qonnaa hunda fayyadamuun hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayyadama sanyii fooyya’aa fi Xaa’oo Qonnaan bulaa fooyya’aa dhufuusaa bara kana kan waggoota darbanirraa callaa fooyya’aan akka abdatamu dubbataniiru. Waliigala Godinichatti lafa heektaara kuma 480 ol midhaan kanneen akka Qamadii, Garbuu,Baaqelaa,Xaafii fi Boqqolloon Oomishamuu eeruun kunis sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf deeggarsa guddaa taasisa jedhaniiru. Lafa misoome keessaa lafti hektaarri kuma 347 ol kilaasteraan kan misoome ta’uu eeruun Godinichatti aanaalee 12tti fi buufataalee misoomaa 267 ogeeyyiin buufata misoomaa qophii ooruu irraa kaasee hanga oomisha walitti qabanitti deeggarsi taasifamaa jira jedhaniiru. Sagantaa daawwannaa kanarratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarektarri Sirna Soorataa aadde Shamsiyaa Waliih, Qonna Ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi badhaadhina maatii fiduuf xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan Misooma jallisii, sagantaa Maaddii Guutuu, eegumsa biyyee fi bishaanii,Ashaaraa Magariisaan jijiiramonnii fi milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu beeksisaniiru. Godina Gujiitti hoj-maata Qonnaa fooyya’ee fi ammayya’een hojjetame Godinichatti muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan Bultoota Moodeela Sagantaa daawwanichaarratti hirmaatan keessaa Dabbassoo Soraa hojii eegumsa biyyee fi bishaanii bara darbe raawwataniin callaan akka dabaluuf deeggaruusaa ibsaniiru. Dabalataanis Qonnaan bulaan Modeelaa Gadaa Dheekkamaa, mootummaan jijiiramaa Qonna ammayyeessuun Qonnaan bulaan Misooma Midhaaniirraa fayyadamoo taasisaa jiraachu ibsaniiru. Qonna Gannaaf sanyii fooyya’aa oomisha gaarii kennan Qamadii, Garbuu fi Baaqelaa Biiroo Qonnaa irraa isaaniif dhihaachuu beeksisaniiru. Godina Gujiitti Haala Qilleensaa Baddaa, Badda Daree fi Gammoojjiin kan jiru yoo ta’u Hagayyaa hanga Fulbaana walakkaatti yeroo oomishni walitti qabamudha. Sagantaa muuxannoo wal jijiirraa fi daawwannaa kanarratti qonnaan bultoonni moodeelii hedduun, ogeeyyii qonnaa fi hoggantoonni argamaniiru
Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jira
Dec 17, 2025 34
  Mudde 8/2018(TOI)- Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jiraachuu Itiyoophiyaatti itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee ibsani. Itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee fooyyessii fi haaromsi damee diinagdee Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru haala walitti fufiinsa qabuun gaggeeffamaa jiraachuun isaa kan dinqisiifatamuu qabudha jedhan. Sirna gabaa irratti xiyyeeffate damee kana keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu isaa argineerra; kunis barbaachisaa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanii ni agarsiisa jedhan. Sirni kun faayidaa uummataa fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu’a qabeessa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanitti argame kan agarsiisu ta’uu eeruun, akkasumas abbootii qabeenyaa Jarmaniis kan hawwatu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuuf haala mijataa uumaa jira jedhan. Akka itti aanaan Ambaasaaddarichaa jedhanitti, Itiyoophiyaatti banamuun jijjiirraa gabaan aksiyoonaa(stock market exchange) invastimantii kallattii alaa hawwachuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiru, akkasumas dameewwan loojistikii fi kanneen biroo fakkeenyummaan kan eeramani dha. Hawaasa daldalaa Awurooppaa waliin hariiroo daldalaa cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran himaniiru. Kunis dorgomtummaa dabaluu, qulqullinaa fi tajaajila fooyyessuu, akkasumas diinagdee biyyattii akka waliigalaatti daran kakaasuuf murteessaadha jedhan. Itiyoophiyaatti dameelee hedduu irratti invasti gochuuf kan nama dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, madda anniisaa magariisaa, damee anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti qabeenya dilbii qabaachuu ibsuun, kun gabaa addunyaatiif maqaa (brand) ta’uu akka danda’u dubbataniiru. Damee huccuu, loojistikii, gumurukaa, teeknooloojii odeeffannoo, fi dameewwan biroo keessatti dandeettii jiru ibsaniiru. Hariiroon biyyoota lameenii hariiroo cimaa ta’uu eeraniiru. Walta’iinsa cimaa biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf damee dhuunfaa keessatti qonna, barnootaa fi leenjii teeknikaa fi ogummaa, bulchiinsa gaarii barnootaa, qorannoo fi misoomaa fi gama birootiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Jarman dhiheenya kana waliigaltee bu’uuraa tumsa waggaa sadii (2025–2027) mallatteessanii akka turan kan yaadatamudha. Bu’uurri kun walta’iinsa haaromsa biyyattii, guddina hunda hammatee fi misooma itti fufiinsa qabu irratti kan xiyyeeffatedha.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte akka hin deebifanne seerri idil addunyaa dhorku hin jiru
Dec 17, 2025 44
  Mudde 8/2018(TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte akka hin deebifamne seerri idil addunyaa dhorku akka hin jirre yunivarsiitii Samaraatti barsiisonni kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa ibsaniiru. Dhimmi Galaana Diimaa seenaa keenya, qaroomina keenya, caasaa mootummaa keenyaa, nageenya keenyaa fi mul’ata dinagdee keenya waliin gadi fageenyaan hidhata qaba jedhan. Itiyoophiyaanis dhimma abbummaa ulaa galaanaa waggootaf gaaffii dhalootaa kan ta’e deebii akka argatuuf karaa dippilomaasii fi seeraa itti fufinsa qabu hordofaa jirti. Kanumaan walqabatee Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa yunivarsiitii Samaraatti barsiisota Kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa waliin turtii kan taasise yoo ta’u, dhimmi abbummaa ulaa galaanaa kanaa ilaalcha seeraanis, xiinsamuu fi dippilomaasiitiin deebii sirrii akka barbaadu barsiisonni kunneen himaniiru. Itiyoophiyaan Galaana Diimaa qaama bishaanii ishee karaa seera qabeessa hin taaneen dhabde jedhan itti gaafatamaan kutaa barnootichaa Muktaar Xooyib.   Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte, akka hin deebifanneef seerri idil addunyaa dhorku akka hin jirre kan ibsan hayyuun kun, ajandaa abbummaa ulaa galaanaa lammiin guutuun gaafatu sirrii fi fudhatama kan qabu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee yeroo mulqamte, sanadni ykn waliigalteen mallattaa’e akka hin jirre hubachiisaniiru; kuni immoo fudhatama kan hin qabnee fi seera idil addunyaatiin iftoomina kan hin qabne ta’uu eeraniiru. "Eertiraan yeroo Itiyoophiyaa irraa cittu Galaana Diimaa qaama bishaan Itiyoophiyaa ta'e qofaasheetti dhuunfachuu hin qabdu turte," kan jedhan barsiisaan kun, kunis akkaataa seera itti fayyadama bishaanii idil-addunyaa keessatti tumameen itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa ta'e kan faallessu ta'uu ibsaniiru. Barsiisaan biraa Kaasahuun Abarraa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan gaaffii abbummaa ulaa galaanaa kanaa kan dhiyeessite haqa malee waan mulqamteefidha jedhan.   Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa kanaa seera qabeessa waan ta’eef karaa dippilomaasii fi seeraan deebii akka aragtu adeemsa ishee itti fufuu akka qabdu hubachiiisaniiru.
Waldaaleen Hojii Gamtaa Qusannoo fi liqii Aadaan qusannaa hawaasaa akka cimuuf qoodasaanii bahu qabu
Dec 16, 2025 89
Mudde 7/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti waldaaleen hojii gamtaa Qusannaa fi Liqii aadaan qusannaa hawaasaa akka dagaaguuf qoodasaanii akka bahan Ejensiin waldaa hojii Gamtaa Naannichaa gaafate. Godina Baaleetti Yuniyeeniin waldaa Hojii Gamtaa Qusannaa fi liqii Tulluu Diimtuu yaa’ii hundeeffamasaa gaaggeesseera. Akkaataa Labsii Waldaa Hojii Gamtaa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 218/2011 tiin waldaaleen hojii gamtaa lamaa fi isaa ol kaayyoo walfakkaataa qaban Yuniyeenota hundeessu. Godina Baaleetti waggoottan darban dameelee dinagdee adda addaarratti kan hojjetan waldaaleen hojii gamtaa 500 ol ta’ani fi Yuniyeenonni gurmaa’anii humna dinagdee miseensotaa guddisuuf hojjechaa jiraachuun ibsameera. Yaa’ii hundeeffama Yuniyeenichaarratti kan argaman Ejensii waldaa hojii Gamataa oromiyaatti Daarektaarri Babal’ina Waldaalee Obbo Kamaal Hasan akka jedhanitti, naannichatti waldaan qusannaa fi liqii aadaa qusannaa Hawaasaa dagaagsuuf qoodasaanii bahu qabu jedhaniiru. Naannichatti dameelee adda addaan waldaaleen hojii gamtaa qusannaa fi liqii fi Yuniyeenonni kuma 6 fi 522 caalan hawaasaaf dhaqqabamaa ta’uura darbee humna faayinaansiisanii ni cimsatu jedhaniiru. Waldaaleen kun bakka baankonni hin geenye gahuun kutaa hawaasaa galiinsaanii xiqqaa ta’e caalaatti fayyadamoo taassisuusaanii dubbataniiru. Waldaan hojii Gamtaa Yuniyeenii Qusannoo fi liqii Tulluu Diimtuu Godina Baalee ayyaana hundeeffamasaa gaggeesse humna faayinaansii dabalataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Waldaa hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Awwal Ibiraahim gamasaaniin, Yuniyeeniin Tulluu Diimtuu godinicha aanaalee adda addaatti miseensota dursanii gurmaa’an waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa 62 hundeessuu dubbataniiru. Yuniyeeniin kaappitaala ka’umsaa birria miiliyoona 10 qabatee hundeeffame gara hojiitti yeroo galu kaffaltii qusannaa miseensotarraa walitti qabu deebisee liqeessuun humna faayinaansii qonnaan bulaa akka ta’u dubbataniiru. Yuuniyeeniin hundeeffame waldaalee hojii gamtaa dhuunfaan hojjetan qindeessuun hojii fooya’e hojjechuuf humna guddaa kan uumu ta’uu itti aanaan bulchaa Godina Baalee obbo Abiraam Haayilee Ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira waldaa hojii Gamtaa Godinichaa Awwal Ibiraahim gamasaaniin Yuniyeeniin Tulluu Diimtuu miseensota waldaalee hojii gamtaa bu’uraa 62 aanaalee garagaraatti dursanii gurmaa’aniin hundaa’uusaa dubbataniiru. Waldan kun kaappitaala ka’umsaa birria miiliyoona 10niin hundeeffamuun ibsaniiru. Yuuniyeeniin hundeeffame waldaalee hojii gamtaa bu’uraa qofa qofaa hojjechaa turan qindeessuun hojii fooyya’aa hojjechuuf human guddaa kan uumu ta’uu kan ibsan ammo itti aanaa bulchaa godina Baalee obbo Abrihaam Hayileeti.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha
Dec 16, 2025 77
Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan. Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma. Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru. Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru. Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.
Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaalaa keenyaa guddiseera – Leenjifamtoota
Dec 16, 2025 61
Mudde 7/2018 (TOI)- Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaala isaanii fooyyessuun dorgomummaa isaanii guddisuu leenjifamtoonni Naannoo Beenishaangul Gumuuz dubbatan. Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kaayyoon leenjiin Itiyoo-koodarsii lammiilee Miiliyoona 5 ta’an galmoota dhibbentaa 100 Ministira Mummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kaa’aman keessaa tokko dha. Kunis dandeettii dijiitalaa lammiilee cimsuun dorgomaa fi kan gahooman isaan taassisuu lammiileen leenjicha fudhatan ibsaniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti namoota leenjicha fudhatan keessaa Shaambal Bazzaabbih akka ibsanitti, innisheetifiin koodarsii miiliyoona 5, dandeettii dijiitaala lammiilee guddisuun human namaa qaroomee fi yeroon barbaadu uumuuf gargaara. Leenjichi ijaarsa dinagdee dijiitaalaaf faayida qabu dabalataan, beekumsa dijiitaalaa lammiilee dagaagsuun Appilikeeshiniiwwan(Moosaajii) teekinooloojiiwwan haaraa misoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Koorsiiwwan inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii Afran kan xumuree leenji’aa biroon Biraanuu Shittaanaa akka jedhanitti, inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii lammiileen of- gahoomsuuf carraa gaarii uuma. Leenjichi hojii idileesaa guddisuu fi hojii dabalataa yeroo boqqonnaasaatti eegale bu’aa qabeessa taasisuuf dandeettii dabaluusaa dubbataniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti waggaa sadii keessatti lammiileen kuma 65n leenjicha akka fudhatan karoorri qabamee gara hojiitti galamuu daarektara Saayinsii, Teekinooloojii fi Ejansii Infoormeeshin Komunikeeshinii Yittaayyal Balaay ibsaniiru. Naannichatti hanga ammaatti lammiileen kuma 12 fi 200 ol leenjicha hordofaa jiraachuu kan ibsan daarektarri olaanaan kun, naannichatti hoggantoota olaanoon xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Leenjiin Itiyoo-koodarsi itti fayyadama teekinooloojii fooyyessuun dandeettii lammiilee guddisuurra darbee dijiitaala Itiyoophiyaa ijaaruuf karoora qabameef murteessa waan ta’eef hirmaannaa lammiilee kan gaafatu ta’uu ibaniiru. Naannichatti leenjii koodarsii haala qindaa’een adeemsisuuf dhaabbilee adda addaa waliiin wal tummsuun lammiileen leenjicha akka fudhan taassifamaa jiraachuu daarektaarri olaanaan kun eeraniiru.
Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira
Dec 16, 2025 60
  Mudde 7/2018(TOI)-Yunivarsiitiin Aarbaa Minci teeknooloojiiwwaan adda addaa haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu ibse. Yunivarsiistiin Aarbaa Minci sirna baruu fi barsiisuun dabalatatti, teknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Yunivarsiitichatti itti aanaa Pirezidaantii Qorannoo fi Walta’iinsaa doktar Takiluu Wagaayyoo, dhaabbileen barnoota olaanoo tajaajila hawaasaa beekumsa irratti hundaa’e irratti hojjechuu akka qaban TOItti himaniiru.   Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu eeruun, kanaanis Gaamootti, Goofaatti, Baaskeettootti, Koonsootti,Gaardullaattiifi godinoota Aleetti hojiileen hawaasa fayydamoo taasisan hojjetamaniiru jedhan. Godina Gaamoo naannoo aanaa Kaambaa ganda Dingaamootti jiraattota 400 ol fayyadamoo kan taasise Pirojektiin anniisaa haaromfamaa kiiloowaattii 15 maddisiisu ijaaramee tajaajilaaf banaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.   Dhaabbilee hawaasummaa baadiyyaatti fayyadamoo humna ibsaa taasisuuf hojii hojjetameen buufataalee fayyaa 24 fi manneen barnootaa godinoota ollaa 19 soolaarii ykn anniisaa humna aduun hojjetu akka fayadaman taasifameera jedhan. Teeknooloojii oomisha warqee soorataaf ooluu hojjechuun ifaajii qonnaan bultootaa hambisuu eeraniiru. Teeknooloojiin kun kalaqamuun isaas carraa hojii namoota hedduuf kan uumu waan ta’eef, hawaasa soorata warqee qopheessan naannoo Sidaamaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan.   Teeknooloojii muuzii gara daakuutti jijjiiru kalaquun, hawaasni soorata adda addaa qopheessuun fayyadamoo akka ta’an taasiseera jedhaniiru. Godinoota Gaamoo fi Wolaayittaa aanaalee sadii keessatti lafa heektaara 100 irratti baala Haleekoo ykn Shifarraa(Moriingaa) mala makaanaayizeeshiniin oomishaa jiraachuu eeruun, lafa asiidummaan miidhames xaa’oo uumamaa qorannoo fi qo’annoon argametti fayyadamuun wa’aanaa jiraachuu himaniiru. Bulchaan godina Goofaa Injiinar Daagmaawii Ayyalaa akka ibsanitti, Yunivarsiitiin Aarbaa Minci hojiiwwan hedduu hawaasa godinoota sana jala jiran Gazee Goofaa, Meloo Gadaa fi Meloo Koozaa fayyadamoo taasiseera. Keessattuu, itti fayyadama anniisaa aduu Buufata Fayyaa aanaa Meeloo Gadaa akka fakkeenyaatti kaasuun qulqullinaa fi dhaqqabummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru deeggaraa akka jiran eeraniiru. Yunivarsiitichi naannoo keenyatti dhiyoo kan jiru, laga Dingaamoo fayyadamuun ibsaa akka argannu nu taasiseera kan jedhan immoo bulchaa ganda Dingaamoo obbo Kadir Kaamaa dha.  
Nageenya dijitaalaa mirkaneessuun bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf hojjetamaa jira
Dec 16, 2025 67
  Mudde 7/2018(TOI)- Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo, adda durummaan nageenya dijitaalaa mirkaneessuun, bu’uuraalee misoomaa ijoo haleellaa irraa ittisuuf hojjechaa akka jiru ibse. Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannootti Daarektarri Ittisa Saayibarii Mohaammad Farajaa akka jedhanitti, biyyi keenya haleellaa saayibarii, keessumaa kanneen bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti xiyyeeffatan ittisuuf Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo hundeessitee hojjechaa jirti. Dabalataan, tarsiimoon dijiitaalaa 2025 ragga’e nageenya saayibarii akka fakkeenya tokkootti fudhachuun, bal’inaan irratti hojjechuun dhaabbileen inisheetivii mataa isaanii bocachuun of ittisuu kan dandeessisu hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Akkasumas labsiin eegumsa odeeffannoo dhuunfaa bara 2024 ragga’e, abbootiin qabeenyaa bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an haleellaa saayibariif akka hin saaxilamne eeguun gargaarsa guddaa taasisaa jira jedhan. Kana malees wixineen labsii eegumsa bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti Bulchiinsi Labsiin Nageenya Neetworkii Odeeffannoon qophaa’ee akka jiru eeruun, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaatee bara kana ni raggaasifama jedhamee eegama. Kunis bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf carraa guddaa kan uumu ta’uu TOItti himaniiru. Dabalataanis, sektaroota keessa rakkoolee maal maaltu jira? Kan jedhu hordofuun, rakkoolee sektaroota mudatan abbootii qabenyaa sektarootaa waliin ta’uun rakkoo sana hir’isuuf ni hojjetama jedhan. Inistiitiyuutichi hanqina dandeettii damee kanaa guutuuf, Yunivarsiitiiwwan gurguddoo waliin tumsa uumuun sadarkaa digrii lammaffaa fi sadaffaatti barnoota nageenya saayibarii kennaa akka jirus eeraniiru.
Ispoortii
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Dec 13, 2025 165
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha.   Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru. Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru.   Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru.   Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 148
  Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.  
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 300
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira
Dec 11, 2025 196
Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame. Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira.   Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira. Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru.   Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru. Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16042
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 970
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015