ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu filatamte
Nov 27, 2025 51
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu sagalee guutuun filatamteetti. Sagalee guutuun kan filatamte yaa’ii wagga walii galaa Intarpool 93ffaa Morookoo Marakaashitti gaggeeffamaa turerratti ta’uu poolisiin federaalaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera. Itiyoophiyaan konfaransii Intarpoolii riijinaalaa Afriikaa 26ffaa Afriikaa Kibbaa Magaalaa Keeptaawunitti gaggeeffamerratti konfaransii riijinaalaa Afriikaa Intarpoolii A.L.A bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessitu filatamuunshee niyaadatama.
Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsite
Nov 27, 2025 43
Sadaasa 18/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsiteetti. Ministirri dhimma alaa ibsa baaseen maatilee miidhamtootaa fi lammiilee balaa gaddisiisa kanaaf saaxilamaniif jajjabina akka hawwu ibseera. Yeroo rakkinaa kana Itiyoophiyaan ummataa fi mootummaa Chaayinaa cinaa akka dhabattu ibseera.
Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhuun ’ carraaquu qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 27, 2025 75
Sadaasa 18/2018(TOI)- Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu’jedhuun carraaquu aka qabu Kantiibaan magaalaa Finfinne aadde Adaanech Abeebee ibsan. Leenjiin hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti kennamaa ture karaa milkaa’aan goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru. Leenjichi mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee” jedhuun kennamaa turuu yaadachiisuun, hoggansi hundi leenjicharraa hubannoo argateefi hojiilee qabatamaa lafarra jiran kan daawwate ta’uu himaniiru. Milkaa’ina damee maraan argaman itti fufsiisuun qormaatilee gara injifannootti jijjiiruun Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru. Kallattiiwwan qonnaafi ce’umsa baadiyyaa, damee indastirii, akkasumas turizimiifi misooma magaalaan raawwii gaarii galmeessuuf waliigalteerra ga’uu Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Qajeeltoo “Kalaqaafi Saffisaan” hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jechuunis ergaa dabarsaniiru. Kantiibaan magaalattii Aadde Adanech Abeebee xumura leenjichaa irratti akka jedhanitti; hoggansa Paartii Badhaadhinaa jalatti damee hawaasummaa, diinagdee, fi siyaasaa magaalaa guddoo keessatti bu’aa gaariin hedduun argameera. Damee indaastirii hedduun oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, indaastiriiwwan magaalaa guddoo keessatti argaman 3,800 ol keessaa 2,094 oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran hubachiisaniiru. Kanaanis bara baajataa 2017tti oomishaaleen doolaara miiliyoona 975 ol biyya keessatti oomishamuu danda’uu isaanii eeruun, milkaa’ina kana daran guddisuuf tattaaffiin taasifamu cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Intarpiraayizoota 1000 ol ta’aniif bakki hojii kennamuu, dhaabbilee huccuu, oomisha daabboo, fi dameelee adda addaa irratti bobba’aniif walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu ibsaniiru. Magaalaa Finfinnee mallattoo badhaadhina misooma magaalaa taasisuuf tattaaffii taasifamaa ture kan dinqisiifatamu ta’uu kantiibaan Adaanachi ibsuun, misooma koriidarii, ijaarsa mana jireenyaa fi dhiyeessii, akkasumas iddoowwan qulqulluu fi jireenyaaf mijatoo ta’an uumuu irratti bu’aan dinqisiisaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa keessatti mudataniif furmaata waaraa kennuuf sirni ammayyaa, teknooloojiin deeggarame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru. Kantiibaan Adaanech akka jedhanitti, dhaabbileen 13 tajaajila 107 karaa wiirtuu tajaajilaa tokkoo Addis Mesoobitti kennaa akka jiran eeruun, tajaajila kana daran babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Magaalaa Finfinneetti bu’aa dameelee tokkoon tokkoon argame daran guddisuuf hoggansi qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhu hordofuun firii olaanaaf carraaquu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Hirmaannan Itiyoophiyaa yaa’ii biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa argatte
Nov 27, 2025 50
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii miseensota biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa galmeessifteetti jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoon hojiilee damichaan hojjetaman ilaachisee ibsa torbee kennaniin. Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee gurguddoo dippiloomaasii ilaachisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP32) qopheessuuf filatamuun ishee bu’aa dippiloomaasii isa olaanaa ta’uu eeraniiru. Kunis Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan beekamtii idl addunyaa argachaa dhufuusheef agarsiiftuu guddaadha jedhan. Itiyoophiyaan misooma koriidaraan,magaalota qulqulluufi magariisummaa qabdu babal’isuun, tarkaanfiiwwan gurguddaa fudhatte beekamtii kenneeraafii jedhan. Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa haala qabeeyna qilleensa Afrikaa milkaa’inaan keessummeessuun ishees milkaa’ina birooti jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan dhagahamummaan ishee idil addunyaatti dabalaa jiraachuu kan agarsisudha jedhan. Kunis turizimii Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu imaniiru. Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa’ii qabeenya qilleensa (COP 32) pireesidaantii bakka bu’aa ta’anii filatamuun isaanii milkaa’ina Itiyoophiyaa kan biroo ta’uu ibsaniiru. Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahmad yaa’ii Garee 20 irratti haasaa taasisaniin ajandaa Afrikaanota hundaa ta’uu ibsameera. Hoggantoota dureewwan biyyootaafi dhaabbileewwan hedduu waliin marii kan taasisan ta’uu eeruun,kanaanis hariiroon biyyoota lameenii akka guddatu ta’eera jedhan. Kanaanis michummaa misoomaa, dhimmoonni naannoofi idil addunyaa dabalatee dhimmoota hedduu irratti mari’atameera. Kunis dippilomaasiin Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaa irra gahuu isaaf agarsiiftuu ta’uu himaniiru.
Guddinni oomishtummaa industirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jira
Nov 27, 2025 41
Sadaasa 18/2018(TOI)- Guddinni oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jiraachuu anga’oonni olaanoo mootummaa ibsani. Deetaan Ministeera Industirii obbo Taarraqeny Bulultaa fi deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin dhimmoota oomishtummaan indastirii Itiyoophiyaa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaa gaarii agarsiisaa jiraachuu irratti mari’ataniiru. Deetaan Ministeera Indastirii obbo Taarraqenyi Bulultaa akka jedhanitti, mootummaan dameewwan shanan utubaa guddina Itiyoophiyaa ta’uun adda baafaman keessaa indastiriin tokko ta’uu eeruun, jijjiirama caasaa fidaa jiraachuu himaniiru. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu hudhaalee damee indastirii Itiyoophiyaa mudachaa turan furuun, indastiriiwwan cufamanii turanitti humna horuun gara oomishtummaatti akka deebi’aniif dandeettii uumuu danda’eera jedhan. Damee oomishtummaa indastirii keessatti haaromsi mul’achaa jiru invastimantii haaraa hawwachuu fi oomisha bakka bu’aa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaaf gumaacha gaarii buusuu isaa ibsaniiru. Waggoottan afran darbanitti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa industirii omishaa irratti bobba’an lammiilee miiliyoona 1.18 ol ta’aniif carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Oomishtoonni xixiqqaa, giddu galeessaa, fi gurguddoonnis oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa guddisuun sirna daldala al-ergii guddisuu keessatti dorgomaa ta’aa jiru jedhan. Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa tarsiimoon oomisha bakka bu’aa gosoota oomishaa 96 adda baasuun baasii galtee hir’isuun bu’aa milkaa’aa galmeessisaa akka jirus hubachiisaniiru. Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaan dorgomtummaan indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi cehumsa ogummaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa invastimantii indastirii irratti hirmaatan carraa hojii lammiilee hedduuf uumaniiru jedhan. Fakkeenyaaf, ji’oota afran darban keessatti lammiileen 218, 113 ol carraa hojii indaastiriiwwan oomishaa irraa fayyadamoo ta’uu beeksisaniiru.
Siyaasa

Guyyaan sabaa, sab-lammootaa fi ummattootaa walooma hawasaa cimsaa jira
Nov 27, 2025 39
Sadaasa18/2018(TOI)- Guyyaan Ayyaana Sabaa, sab-lammootaa fi uummattoota Itiyoophiyaa Aadaa eegsisuurra darbee walooma hawaasaa cimsaa akka jiru Itti Aantuun Mana Maree Magaalaa Finfinnee Faayizaa Mahaammad ibsan. Biiroon Barnootaa magaala Finfinnee guyyaa sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaa sababeeffachuun dorgommii gaaffii fi deebii barattootaa gaggeessa jira. Gaaffii fi deebbiin olitti ayyaanicha sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffama. Itti Aantuun Mana Maree Magaalaa Finfinnee Faayizaa Mahaammad guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaa mataduree “waliigaltee Dimokiraasii tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun sagantaawwan adda addaan kabajamaa jiraachuu eeraniiru. Guyyaan Sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Aadaa eegsisuun olitti walooma uummataa kan cimsu ta’uu ibsuun, lammiileen dhimmoota biyyoolessaarratti kaayyoo waloo akka qabaatan taassiseera jedhaniiru. Itti gaafatamaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr.zalaalam Mulaatuu gamasaaniin , guyyaan saba, sablammootaa fi uummattootaa yeroo biyyi keenya pirojektoota misoomaa gurguddoo milkeessuu gandeessetti kabajamuunsaa gammachuu addaa akka kennu ibsuun , akka fakkeenyaatti Hidha Haaromasa Guddicha Itiyoophiyaa kaasaniiru. Ayyaanichi Aadaa fi Duudhaa uummataa eegsisuun waliigaltee Dimokiraasiif qooda olaanaa kan gumaachu ta’uu ibsaniiru. Keessuma Hawaasni Barnootaa lammii baratee fi gahoome horachuuf qoodasaanii cimsachuu akka qaban xiyyeeffataniiru. GuyyaanAyyaana sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaan mataduree ““waliigaltee Dimokiraasii tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun qopheessummaa Naannoo gidduugala Itiyoophiyaan sadaasa 29 bara 2018 magaala Hosaa’inaatti kabajama.
Itiyoophiyaa fi Kuwaataar hariiroo dippilomaasii caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa guddisuu irratti mari’atan
Nov 27, 2025 72
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Kuwaataar hariiroo dippilomaasii caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa guddisuu irratti mari’ataniiru. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad itti aanaa ministira muummee fi ministira ittisaa Kuwaataar Sheek Saa’ud Biin Abduraahimaan Biin Hasan Al Taanii waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru. Ministirri ittisaa FDRI Injinar Ayishaa Mahaammad daawwannaa hojii guyyaa sadiif Kuwaataar Dohaatti argamu. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad itti aanaa ministira muummee fi ministira ittisaa Kuwaataar Sheek Saa’ud Biin Abduraahimaan Biin Hasan Al Taanii waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru. Hariiroo dippilomaaasii biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa garagaraa guddisuuf fedhii akka qaban marii taasisaniin beeksisaniiru. Keessumaa tumsa dameelee ittisa a garagaraan qaban guddisuu fi cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Kana malees Invastimantii garagaraa fi gabbisa dandeettiirratti tumsa cimsuuf fedhii cimaa akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n miidiyaa onlaayinii raayyaa ittisaarraa argate ni mul’isa.
Siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama
Nov 26, 2025 141
Sadaasa 17/2018(TOI)- Siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo Magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu manni maree qulqulleessituu Heera Mootummaa Federaalaa beeksise. Gumiin qulqulleessituu kun siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo 4ffaa ilaalchisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru. Ibsicha kan kennan Daarektara Olaanaa Waajjira Mana maree qulqulleessituu Dhimma Heera Mootummaa Dassaaleny Wayyeessaa , simpooziyeemichi sadaasa 19 Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamuu eegala jedhaniiru. Simpooziyeemicharratti Pirezidaantonni Mannee Murtii Heera Mootummaa biyyoota miseensaa, hayyoota damichaa dhaabbilee Idil-Addunyaatti hojjetan, akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef biroon akka hirmaatan dubbataniiru. Manneen Murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi Simpooziyeemii Idil -Addunyaa Dhaabbilee wal-fakkaatuu mata duree “heera mootummaa fi ijaarsa mootummaa” jedhuun akka gaggeeffamu beeksisaniiru. Waltajjicharratti Itiyoophiyaan muuxannooshee akka qoodduu fi qorannoowwan hedduu damichaan gaggeeffaman dhihaatanii mariin akka irrtti gaggeefamu hubachiianiiru. Keessummoonni simpooziyeemicharrtti hirmaachuuf gara Itiyoophiyaa seenaa jiraachuu eeruun, turtii hirmaattonni taassisanin Finfinneetti bakkeewwan adda addaa akka daawwatan ibsaniiru. Simpooziyeemicha haala milkaa’een gaggeessuuf haal-dureen qophii xumuramuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii Garee 20 irratti hirmaachuun ishee dhagahamummaan idil-addunyaa irratti qabdu sadarkaa olaanaa irra ga’uu isaa kan agarsiisudha
Nov 26, 2025 142
Sadaasa 17/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii Garee 20 tibbana Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti hirmaachuun ishee dandeettiin dippilomaasii fi dhagahamummaan idil-addunyaa irratti qabdu biyyattiin sadarkaa olaanaa irra ga’uusaa kan agarsiisu ta’uu Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu himaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiy Ahmadii fi jilli isaaniin durfamu Afrikaa Kibbaatti waltajjii garee 20 irratti kan hirmaatan yoo ta’u, waltajjichaan cinatti hoggantoota biyyoota hedduu waliin wal quunnamuun marii bu’a qabeessa taasisuun isaanii ni beekama. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu TOI waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, biyyoonni garee 20 diinagdee addunyaa kanaa dhibbentaa 80 kan sochoosan kan walitti fide ta’uu himaniiru. Waltajjichi kallattii diinagdee addunyaa kanaa fi faayinaansii kan murteessu, keessumaa faayinaansii dhimmoota misooma diinagdee kan itti murtee argatan ta’uu eeraniiru. Hirmaannaan bu’a qabeessi Itiyoophiyaan waltajjicha irratti taasiftes, addunyaa irratti dhagahamummanii fi dhiibbaa uumuun ishee guddachaa dhufuu isaaf agarsiiftuudha jedhan. Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad waltajjicha cinatti dhaabbilee fi hoggantoota biyyoota adda addaa waliin turtiin taasisan tumsa misooma faayinaansii fi hariiroo dippiloomaasii irra caalaa kan cimsu ta’uu eeraniiru. Keessattuu Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad ergaa konfiraansii kanaaf dabarsan keessatti Itiyoophiyaa fi Afrikaan daandii ol’aanaa irra akka jiran cimsanii akka dubbatan eeraniiru. Doktar. Abiy misooma magaalaan, qonna, oomishtummaa industirii fi sirna ikkoo dijitaalaa irratti jijjiiramni abdachiisaan mul’achaa jiraachuu waltajjii biyyoota Garee 20tti himuu isaanii eeraniiru. Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ajandaawwan misoomaa kan ishee irra darbitee, misooma Afrikaaf ajandaawwan dhageessisuun dhiibbaa gaarii uumaa jirti jedhan. Itiyoophiyaan waltajjii kanarratti ergaa akka dabarsitu affeeramuun ishee, dhiibbaan dippiloomaasii sadarkaa olaanaa irra gahuu isaa fi dhagahamummaan ishee akksumas kabajni biyyaalessaa ishee dabalaa dhufuusaaf agarsiiftuu dha jedhan. Walgahii Garee 20 irratti hirmaannaa milkaa’aa biyyattiin taasifte, bayyanachuu dippilomaasii ishee haaromsaa akka jirtu kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru. Obbo Jaafaar Itiyoophiyaan kanaan dura waljtajjii ‘BRICS’ irratti affeeramtee miseensa akka taate hubachiisaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yunayitid Isteetisitti ajajaa Jeneraalaa izzii Afriikaa Dagviin Arri Emmi Andarsan waliin mari’atan.
Nov 25, 2025 331
Sadaasa 16/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yunayitid Isteetisitti ajajaa Jeneraalaa izzii Afriikaa Dagviin R. M Andarsan waliin har’a ganama mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Yunayitid Isteetisitti ajajaa Izzii Afriikaa waliin dhimmoota nageenya riijinii fi caalaatti tumsa gochuun danda’amurratti marii gaggeessuunsaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan Ijaarsa dhaabbilee cimaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti
Nov 24, 2025 329
Sadaasa15/2018(TOI )-Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan ijaarsa dhaabbata cimaaf xiyyeeffannoo kennitee Hojjechaa Jiraachuu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Ibsan. Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yuunaayitid Kingidam Daren welchi waliin marii’ataniiru. Obbo Adam wayita sana akka jedhanitti, Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Dameelee Hawaasummaan, Dinagdeen fi Siyaasaan Hariiroo Cimaa bara dheeraa qabu. Yuunaayitid Kingidam deeggartuu cimtuu misooma Itiyoophiyaa ta’uushee eeruun, Ajandaan misoomaa fi riifoormii akka milkaa’uuf Yuunaayitid Kingidam deeggarsa kennituuf galateeffataniiru. Biyyoonni kun hariiroo guddaa dameelee adda addaan qaban caalaatti akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa qooda irraa eegamu akka cimsu mirkaneessaniiru. Damee Barnootaa fi Fayyaan, Obbolummaan qaban bu’aa qabeessa ta’uu eeruun, tumsi milkaa’aan kun dameelee biroon babal’isuuf kutannoo qabna jedhaniiru. Gaggeessummaa paartii badhaadhinaan dameelee Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaan milkaa’inoonni galmaa’uu eeruun, milkaa’inoota kana itti fufsiisuuf hirmaannaan taassifamu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa hojii ijaarsa dhaabbileetiif xiyyeeffannoo kennuusaa eeruun Boordiiin Filannoo Biyyoolessa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Naoomaadabalatee dhaabbanni bilasaa fi walabaa akka dhugoomuuf tattaaffii taassisaa jira jedhaniiru. Dirree siyaasa bal’isuurratti partichi tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhachuusaa ibsuun, misensonni paartii morkattootaa kaabinee motummaa keessatti akka hammataman taassifamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Filannoon Fuulduraa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa haala ta’een akka qaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifamuu eeruun, filannichi hirmaannaan ummataa kan itti mirkanaa’e amanamaa akka ta’u paartiin badhaadhinaa kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yunayited Kingidamii fi ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Daaren Weelchi Gamasaaniin , Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Hariiroo seenaa qabeessaa fi fakkeenya ta’u kan qaban ta’uu kaasaniru. Riifoormiin Diinagdee Itiyoophiyaa daandii sirriirra ta’uu eeruun, kunis sadarkaa fooyya’een akka itti fufu nan amana jedhaniiru. Yunaayitid Kingiaem hojii ijaarsa dhaabbilee deeggaruuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu filatamte
Nov 27, 2025 51
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu sagalee guutuun filatamteetti. Sagalee guutuun kan filatamte yaa’ii wagga walii galaa Intarpool 93ffaa Morookoo Marakaashitti gaggeeffamaa turerratti ta’uu poolisiin federaalaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera. Itiyoophiyaan konfaransii Intarpoolii riijinaalaa Afriikaa 26ffaa Afriikaa Kibbaa Magaalaa Keeptaawunitti gaggeeffamerratti konfaransii riijinaalaa Afriikaa Intarpoolii A.L.A bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessitu filatamuunshee niyaadatama.
Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsite
Nov 27, 2025 43
Sadaasa 18/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsiteetti. Ministirri dhimma alaa ibsa baaseen maatilee miidhamtootaa fi lammiilee balaa gaddisiisa kanaaf saaxilamaniif jajjabina akka hawwu ibseera. Yeroo rakkinaa kana Itiyoophiyaan ummataa fi mootummaa Chaayinaa cinaa akka dhabattu ibseera.
Hojiileen fayyadamummaa hirmaannaa hunda galeessa dubartootaa guddisan naannichatti hojjetamaniiru
Nov 26, 2025 92
Sadaasa 17/2018(TOI)-Kurmaana kana keessatti hojiiwwan hirmaannaa dubartootaa fi fayyadamumma isaanii guddisan Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii naannichaa beeksiseera. Hoggantuu biiroo dimma dubartootaa fi daa’immanii naannoo Oromiyaa aadde Mabraat Caalaa turtii TOI waliin taasisaniin akka jedhanitti, naannichatti hirmaannaa dubartootaa siyaasaan, diinagdeen fayyadamummaa isaanii hojiileen cimsan hojjetamaniiru. Keessumaa immoo carraa dubartoonni misooma biyyaalessaa keessatti gumaachan babal’isuuf, itti gaafatamummaa mana hojii mootummaa keessatti dabaluudhaan tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf, kurmaana waggaa kanaatti dubartoota kuma 3’f qonna magaalaa fi baadiyaa irratti hirmaachisuun fayyadamoo akka ta’an taasifameera. Akka fakkeenyaatti godina Booranaa magaalaa Yaaballoo fi Shawa Lixaa aanaa Ejeree keessatti dubartoonni galii gadi aanaa qaban horsiisa furdisa loonii fi horsiisa loon aannanii irratti akka bobba’an taasifamuu eeraniiru. Tajaajila kenniinsa lammummaa Gannaatiin dubartoota rakkoo hammaataa keessa turan hedduuf manni jireenyaa ijaaramuufii himaniiru. Mirgaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetame ta’uu hoggantuun biirichaa ibsaniiru. Miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf hojii hojjetamaa jiru cinaatti toora bilbilaa bilisaa 919 hundeessuun miidhaa dubartoota irra gahu eeruu fudhachuuf akka gargaarus himaniiru. Hawaasa miidhaa dubartoota irratti raawwatamu hin obsine uumuu fi guyyaa Riivaanii Adii kabajuuf sosochiin ji’a tokkoof akka gaggeeffamus ibsaniiru. Kunis gareewwan miidhaaf saaxilamoo ta’aniif tajaajila deeggarsa xiinsammuu fi seeraa akka argatan dandeettii dabalataa kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Vaayirasii Marbargi yeroo gabaabaa keessatti ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jira
Nov 26, 2025 84
Sadaasa 17/2018(TOI)- Vaayirasii Marbargi yeroo gabaabaa keessatti ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan. Haala waqtaawaa vaayirasii marbargii fi hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiran ilaalchisee ministirafayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaa Dr.Masaay Haayiluu ibsa kennaniiru. Wayita kana Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, dhibeen vaayirasii Marbargi uumamuunsaa erga ibsamee eegalee hojiin hordoffii cimee itti fufeera. Vaayirasicha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hojiin adda baasuu, fayyaa hawaasaa eeguun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Gareen Ogeeyyii gurmaa’ee hubannaa hawaasaaf kennuun, hubannaa hawaasaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru. Hanga har’a ganamaatti namoonnii 73 qoratamanii namoonni 11 vaayirasichaan qabamuunsaanii mirkanaa’uu fi lubbuun namoota 6 darbuu hubachiisaniiru. Namoonni dhukkubsattoota waliin hariiroo qaban 349 adda bahanii hordoffiin taassifamaafii jiraachuu fi namoonni 119 yeroo hordoffiisaanii xumuranii bakka adda baafamanii bahuusaanii dubbataniiru. Laabiraatoorii socho’aan qorannoon taassifamaa jiraachuu eeruun, qorannoo laabiraatoorii cimsuuf bal’inaan akka hojjetamu ibsaniiru. Biyyoota dhukkubichi itti mul’atee ture walin muuxannoo waljijiirraa gaggeessuun saaxilamummaa hir’isuu fi daawaa wal’aansaaf barbaachisan gara biyya keessaatti galchuun dhaqqabamaa taasisuu ibsaniiru. Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaa Dr.Masaay Haayiluu gamasaaniin, hojiin Vaayirasii Marbargi ittisuu, sakatta’uu fi hawaasaaf hubannaa uumuu cimee itti fufuu dubbataniiru. Nannoo Kibba Itiyoophiyaatti sakatta’insi manaa manaa gaggeeffamaa jiraachuu fi qaama dhimmi ilaallatu waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Diinagdee
Guddinni oomishtummaa industirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jira
Nov 27, 2025 41
Sadaasa 18/2018(TOI)- Guddinni oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jiraachuu anga’oonni olaanoo mootummaa ibsani. Deetaan Ministeera Industirii obbo Taarraqeny Bulultaa fi deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin dhimmoota oomishtummaan indastirii Itiyoophiyaa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaa gaarii agarsiisaa jiraachuu irratti mari’ataniiru. Deetaan Ministeera Indastirii obbo Taarraqenyi Bulultaa akka jedhanitti, mootummaan dameewwan shanan utubaa guddina Itiyoophiyaa ta’uun adda baafaman keessaa indastiriin tokko ta’uu eeruun, jijjiirama caasaa fidaa jiraachuu himaniiru. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu hudhaalee damee indastirii Itiyoophiyaa mudachaa turan furuun, indastiriiwwan cufamanii turanitti humna horuun gara oomishtummaatti akka deebi’aniif dandeettii uumuu danda’eera jedhan. Damee oomishtummaa indastirii keessatti haaromsi mul’achaa jiru invastimantii haaraa hawwachuu fi oomisha bakka bu’aa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaaf gumaacha gaarii buusuu isaa ibsaniiru. Waggoottan afran darbanitti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa industirii omishaa irratti bobba’an lammiilee miiliyoona 1.18 ol ta’aniif carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Oomishtoonni xixiqqaa, giddu galeessaa, fi gurguddoonnis oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa guddisuun sirna daldala al-ergii guddisuu keessatti dorgomaa ta’aa jiru jedhan. Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa tarsiimoon oomisha bakka bu’aa gosoota oomishaa 96 adda baasuun baasii galtee hir’isuun bu’aa milkaa’aa galmeessisaa akka jirus hubachiisaniiru. Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaan dorgomtummaan indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi cehumsa ogummaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa invastimantii indastirii irratti hirmaatan carraa hojii lammiilee hedduuf uumaniiru jedhan. Fakkeenyaaf, ji’oota afran darban keessatti lammiileen 218, 113 ol carraa hojii indaastiriiwwan oomishaa irraa fayyadamoo ta’uu beeksisaniiru.
Galma Birmadummaa Diinagdee Mirkaneessu Milkeessuuf Qulullina Ajandaa biyyoolessaa gochuu qabna
Nov 27, 2025 31
Sadaasa18/2018(TOI)-Galma birmadummaa Diinagdee mirkaneessuu milkeessuuf Qulullina Ajandaa biyyoolessaa jalqabaa gochuu akka qabnu hojii Raawwachiisaa olaanaan dhaabbata badhaasa qulqullina Itiyoophiyaa obbo Tewoodiroos Mabiraat ibsan. Hojii Raawwachiisaan Dhaabbata Badhaasa qulqullina Itiyoophiyaa obbo Tewoodiroos Mabiraat sagantaa badhaasa qulqullinaa sadaasa 20 bara 2018 gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Dhaabbatichi sagantaa badhaasa qulqullinaaf xiyyeeffannoo addaa kennu diriirsuun omishtoota Itiyoophiyaatti hojjetanii fi dhaabbata tajaajila kennan gahumsa dorgommii Idil-Addunyaa guddisuurratti hojjechaa jira jedhaniiru. Kunis qabeenya dilbii uumamaa fi namtolchee Itiyoophiyaan qabdu sirnaan hojiirra oolchuun omishaa fi omishtummaa babal’isuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Dhaabbatichi dorgommii badhaasa qulqullinaa waggaa waggaan gaggeessu humna omisha dhaabbilee dabaluu fi qulqullina eegsisuuf haala dandeessisu uumuusaa eeraniiru. Badhaasa qulqullinaa 12ffaa bara kana gaggeeffamu dhaabbileen 65 dorgommii qulqullinaa gaggeessuuf galmaa’uusaanii ibsaniiru. Isaan keessaa dhaabbiileen 63 hanga dhuma dorgommichaatti kan deeman yoo ta’u bu’aa galmeessisan irratti hundaa’uun badhaafamtoota qulqullinaa akka ta’an hojiiraawwachiisaa olaanaan kun ibsaniiru. Isaan keessaa dhaabbileen 34 damee omishaan, 12 dhaabbilee tajaajila bu’aaf hundeeffaman, 10 damee fayyaan, 5 damee tajaajilaan, 3 dhaabbilee barnoota olaanoon, fi dhaabbanni 1 damee ijaarsaan galmaa’anii kan dorgoman ta’uusaanii ibsaniiru. Dhaabileen kun qulqullina omishaa eegsisuun dandeettii dorgommii Itiyoophiyaa akka guddisaniif badhaasni kun kaka’umsa guddaa uuma jedhaniiru.
Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti Boqonnaa Seenaa qabeessadha -Ministir Ahimad Shidee
Nov 27, 2025 39
Sadaasa18/2018(TOI)- Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti Boqonnaa Seenaa qabeessa ta’uu Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Fooramii Invastimentii Afriikaa Morokoo Raabatitti gaggeeffameerratti ijaarsa pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuutti ijaaramu ilaalchisee faayinaansii, teeknikaa fi bu’uurawwan tarsiimoo pirojeketiirratti ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideewayita sana akka ibsanitti, fooramicharratti dureeyyiin idil- Addunyaa, dhaabbilee misooma faayinaansii, ejensiiwwan liqii Al-ergii fi Liqeessitoonni Daldalaa Addunyaa faayinaansii pirojektichaa teeknikaa fi bu’uurawwan tarsiimoo piroketiirratti ibsa bal’aa taassisuun marsaa murteessaa dha jedhaniiru. Buufanni xiyyaara Idil Addunayaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti boqonnaa seenaa qabeessa ta’uu hubachiisuun, teekinooloojii ammayyaan, diizaayiniin, akkasumas tajaajila bal’aa kennuun Itiyoophiyaa gidduugala Aveeshinii taassisa jedhaniiru. Buufanni xiyyaara Idil Addunayaa Bishooftuu Ardittii Addunyaa waliin kan wal-quunnamsiisu galma furtuu ta’uu hubachiisaniiru. Pirojektiin kun buufata xiyyaaraa olidha kan jedhan Ministirichi kun , guddina dinagdee guutuu Afriikaatti, daldala, Tuurizimii, akkasumas walitti hidhaminsa riijinii fi Ardiif sochooftuu jijiiramaa ta’uun akka fudhatamu hubachiisaniiru. Dhiibbaa bufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleerratti ga’aa jiru akka hir’isuu fi tajaajila fooya’aa kennuu akka dandeessisu ibsaniiru. Walii gala hanqina gahumsaa hanbisuun Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa sadarkaa Addunyaatti haala caalaatti bu’aa qabeessa ta’een akka wal-quunnamsiisuu dandeessisa jedhaniiru. Dureeyyiin dhaabbataa, liqeessitoonni daldalaa fi ejnsiiwwan liqii Al-ergii pirojekticharratti akka hirmaatan, paakeejii invastimentii akka madaalanii fi bu’uuraalee misoomaa guddaa Afriikaa keessaa tokko ta’uuf hojii qophaa’eef akka gumaachan affeeraniiru. Dhaabbilee faayinaansii dabalatee invastaroota dhaabbilee waltajjii riifoormii kanarratti hirmaatan ijaarsa piroojektichaa deeggaruuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Kunis Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu wiirtuu aviyeeshinii Afrikaafi Idil-addunyaa ta’uu akka danda’u kan mul’isu ta’uu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa TOItiif erge ni mul’isa. Buufatni xiyyaaraa kun geejjiba uummataatiin alatti tajaajila geejjibaa fe’umsaa olaanaa kan kennu ta’uus ibsameera.
Damee qonnaa naannoo Oromiyaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa ture milkaa’eera
Nov 26, 2025 109
Sadaasa 17/2018(TOI)-Damee qonnaa ammayyeessuun omishtummaa naannoo Oromiyaa guddisuuf hojiin eegalame milkaa’aa ta’uu itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdi ibsaniiru. Sagantaa Leenjii Ogummaa Hojii Raawwachiiftuu Magaalaa Jimmaatti gaggeeffame irratti hoggantoonni sadarkaan jiran, naannoo irraa jalqabee pirojektoota misooma qonnaa godina Jimmaa daawwachaa jiru. Hoggantoonni kunneen misooma ruuzii walitti qabamaa jiru aanaa Shaabee ganda Kiisheetti gaggeeffamaa jiru daawwataniiru. Daawwannaa kana irratti kan argaman Pireezidaantiin Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdiin damee qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Inisheetiviin qonnaa naannichatti eegalame oomishtummaa dabaluu keessatti bu’aa olaanaa agarsiisaa jira jedhan. Naannichatti misoomni qamadii Bonee fi ruuzii Gannaaf xiyyeeffannoo addaa kennamaa akka jiru, kunis oomishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa galmaan ga’uuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Inisheetiiviiwwan qonnaa keessatti jalqabaman hojiirra oolchuun, bu’a qabeessummaa damichaa daran dabaluuf waloon hojjetamaa jira jedhan. Inisheetiviin qonnaa eegalame wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii bal’aa uumuun dandeettii dabalataa uumuu danda’uu ibsaniiru. Hoggantoonni naannichaa sadarkaan jiran daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru
Nov 25, 2025 133
Sadaasa 16/2018(TOI)-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti lammiileen kuma torbaa fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi fudhatanii xumuranii waraqaa ragaa argachuu isaanii Ejansiin Innoveeshinii fi Teekinooloojii naannichaa ibseera. Hogganaa Ejansichaa obbo Jamaal Ibraahiim TOItti akka himanitti, naannichatti laanjii Itiyoo Koodarsi kan fudhatan hanga ammaatti lammiilee kuma 16 ta’uu eeraniiru. Lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniirus jedhan. Bara bajataa kanatti dargaggoota naannichaa kuma 15 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuukan ibsan obbo Jamaal, ji’oota afran darban keessatti dargaggoonni kuma 6 fi 500 ol leenjii kanaan fayyadamoo ta’uu himaniiru. Sagantaa kanaan pirogiraamiingii, saayinsii daataa, Andirooyidii, hubannoo namtolchee(AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti leenjiin akka kennamus ibsaniiru. Leenjichi dargaggoota ogummaa gonfachiisuun dabalatatti, dorgomtootaa fi kalaqa irratti akka hirmaataniif carraa hojii haaraa akka uumaan taasisa jedhan. Sagantaan leenjii Itiyoo Koodarsi miliyoona shan naannichatti akka karoorfametti hojiirra oolaa jiraachuus akeekaniiru. Dargaggoonni leenjii naannichatti hin fudhannes gara fuulduraatti galmaa'anii leenji'uun carraa argame irraa fayyadamoo akka ta'an itti gaafatamaan naannichaa waamicha dhiyeessaniiru. Leenjiin koodaroota miliyoona shan kun dargaggoonni sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasisaa akka jirus ni beekama.
Qulqullina Tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu qabu
Nov 24, 2025 175
Sadaasa15/2018(TOI )-Qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu akka qaban Barsiisonni damee fayyaa hubachiisan. Waltajjiin marii Kenninsa Barnoota Fayyaa Ammayyeessuun ogeeyyii gahomani horachuurratti xiyyeeffate magaala Ambootti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan hirmaatan Kolleejjii Fayyaa Yunvarsiisttii Ambootti Gargaaraan Piroofeesaraa Muluu Kitaabaa, tajaajila fayyaa Qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taassisuuf damichaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojiirra oolmaasaatiif qooda fudhattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waliin qindoomuun humna namaa horachuuf hojii qorannoo fi qo’annoo qabatamaan deeggarame hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Kenninsa Barnoota fayyaa ammayyeessuun hojii fayyaa dhukkuba ittisuu fi yaalanii fayyisuu Mootummaan hojiirra oolche milkeessuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru. Waltajjiin marii Qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame qaama kanaa ta’uu eeruun Yunvarsiitiin Amboo gama Kanaan kenninsa Barnoota fayyaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun yericha wajjin wal-simsiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Kessumaa Yunvarsiitiin Amboo, Yunvarsiitii Jimmaa fi yuunvarsiitii Noorweey V.I.D. waliin hojjechuun barattoota damee fayyaa Digirii 2ffaa fi 3ffaa baratan hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan rakkoo hawaasaa qabatamaan akka furaniif hojiin gorsaa waloon raawwatama jedhaniiru. Yunvarsiitii Kolleejjii fayyaa Jimmaatti Gargaaraan pirofeesaraa Abbabaa Abarraa gamasaaniin, Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa taassisuuf tumsi hayyootaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin marii qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame kenninsa barnoota fayyaa qabatamaan deeggaruunii fi hojii qorannoo fi qo’annoo sagantaa guutuun olitti rakkoo hawaasaa kan furan yaada galtee imaammataa akka ta’aniif kan deeggaru ta’uu eeraniiru. Barsiisaa fi qorataa Yunvarsiitii Noorweey Dr.Tasfaayee Lataa kenninsa barnoota fayyaa teekinooloojii Ammayyaa yericha gituun deeggaruun kennamuun ogeeyyii cimoo fi gahumsa qaban horachuuf akka deeggaru ibsaniiru. Kanaanis tumsi Yuunvarsiitonni eegalan damicha fooyyessuun gumaacha gaarii qabaata jedhaniiru.
Tajaajilli wiirtuun tokkoo Masoob magaalaa Jimmaa ifaajii fi dadhabbii hambisuun, yeroo fi humna keenya nuuf qusateera-Tajaajilamtoota
Nov 20, 2025 297
Sadaasa 11/2018(TOI)- Wiirtuun tajaajila tokkoo (MESOB),magaalaa Jimmaa ifaajiifi dadhabbii hambisuun, yeroofi humna nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni magaalaa Jimmaa. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sirna teeknooloojiin deeggaramuun, dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irratti komii fi hudhaalee gama kanaan hawaasni kaasaa ture, hojmaata itti fufiinsa qabuun furuuf kan qophaa’e dha. Kenniinsa tajaajilichaa ilaalchisee turtii TOI waliin kan taasisan fayyadamaan wiirtuu sanaa obbo Mo’aaz Jihaad lakkoofsa gibiraa baafachuuf akka dhaqan himuun, tajaajila argatanitti gammaduun yeroo isaanii kan qusateef ta’uu dubbataniiru. Fayyadamaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob dargaggoo Asras Yohaannis, gama isaatiin, eeyyama konkolachisaa haaromsachuuf gara dhaabbatichaa kan deeme ta’uu eeruun, kanaan dura kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee hudhaaleen turan, wayita ammaa yeroo gabaabaa keessatti keessummeeffamuu ragaa baheera. Kenniinsi tajaajilichaas ammayyaa fi si’ataa waan ta’eef itti fufuu akka qabus dhaameera. Fayyadamtoota biroo aadde Indiyaa Mohaammad Amiinii fi aadde Kamiilaa Jamaal, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yeroo fi rakkina odeeffannoo barbaaduu fooyyesseera jedhan. Tajaajilli kanaan dura ture beellama yeroo dheeraa qabsiisuu ture, ifaajii fi rakkoo hamaaf nu saaxilaa ture, amma garuu tajaajila si’ataa argachuun, yeroo fi maallaqa nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni kunniin. Kenniinsa tajaajilaa argatanittis gammadoo ta’uu isaanii himaniiru. Tajaajilii si’ataa fi ariifataan akkanaa jalqabame itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Magaalaa Jimmaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobitti , itti aanaa hojii gaggeessaa obbo Jamaal Saaliin akka jedhanitti, tajaajilli ammayyaa kun bifa guutuu ta'een, ogeessota leenji'anii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamaa jira. Itti dabaluunis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kun waajjiraalee 25 keessatti tajaajila gosa adda addaa 130 ol ta’een, teeknooloojiin deeggaramuun kennamaa jira jedhan. Kunis hojmaata badaa hambisuunii fi itti quufinsa tajaajila maamilaa guddisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhaniiru obbo Jamaal.
Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise
Nov 20, 2025 264
Sadaasa11/2018- Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksiseera. Baankichi baatii 2ffaa Nageenya Saayibarii yeroo kabajutti, Pirezidaantiin itti aanaa Tajaajila Korporeetii Baankichaa obbo Efreem Makuriyaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan misooma dijitaalaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jirti. Kanumaan wal qabatee, boqonnaa jalqabaa tarsiimoo Dijitaalaayizeeshiniin gaggeeffamu (2020-2025) milkaa'inaan xumuruun gara boqonnaa Tarsiimoo Dijitaalaayizeeshinii 2ffaa (2025-2030)tti ce’uu ibsaniiru. Bittaa fi gurgurtaa waliigalaa baankichaa keessaa %90 gama dijitaalaan taasifamuu eeruun, kanas caalaatti guddisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru. Kutaaleen nageenya saayibarii Tarsiimoo Nageenyaa hubannoo namtolcheen (AI)n deeggaramu hojiirra oola jedhaniiru. Aggaammii Saayibarii ittisuuf tumsi akka barbaachisu dhaamaniiru. Haleellaa saayibarii ittisuun hojii qaama tokkoo qofa akka hin taane eeruun, qaamotni dhimmi ilaallatu tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Ispoortii
Tapha eegamuun Arsenal Baayer munikiin Mo’ate
Nov 27, 2025 38
Sadaasa18/2018(TOI)-Sagantaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa eegamuun Arsenaal Baayer Muniikiin 3 fi 1 injifate. Liiverpuul gamasaan Injifatameera. Tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa galgala Istaadiyeemii Emireetis gaggeeffame Yuuriyen tiimber daqiiqaa 22ffaatti galchiin lakkoofsise Arsenaaliin dursaa taassiseera. Dargaggeessi waggaa 17 Leenarti Karli daqiiqaa 32ffaa tti galchii walqixaa lakkoofsiseera. Noonii Maduweekee daqiiqaa 69ffaa fi Gabri’eel Martiineelii daqiiqaa 76ffaatti galchii lakkoofsiseen injifannoo Arsenaal mirkaneesseera. Kilaboonni kun taphicharratti daawwattootaaf sochii bashannansiisaa argisiiseera. Arsenaal qabxii 15 dursummaa shaampiyoonsi liigii yeroo qabatu Baayer muniik qabxii 12n sadarkaa 2ffaa qabateera. Arsenal shaampiyoonsi liigicharratti yeroo jalqabaaf gooliin yoo keessummeessu BaayerMuniik bara dorgommii kanaa otoo hin mo’amiin ture gufateera. Sagantaa biroon abbaa geeba yeroo 15 Riyaal maadriid dirreen Ala Olompiyaakoosin 4 fi 3 mo’ateera. Kiiliyaan mibaappee goolii Afranuu riyaal maadiriidiif lakkoofsiseera. Chikuwiniho,Mehiidii Tahiremii fi Ayubii Elikabii olompiyaasiif galchii lakkoofsiseera. Abbaan waanchaa morkichaa yeroo ammaa PSG,tootanaam Hootisparsiin 5 fi 3n injifateera. Viitiniyaan galchii sadii lakkoofsisuun hatirikii yeroo hojjetu faabiyaansi ruwiizi fi wiiliyan poottoo galchii hafan lakkoofsisaniiru. Tootinihaamiif Raandaal kolo muwani goolii lama yeroo lakkoofsisu Richarlisen goolii hafan lakkoofsiseera. Lukaas Hernandeez kan PSG, daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii diimaan dirree keessaa Arii’ameera. Liiverpuul dirree isaarratti PSV Aayindiven 4 fi 1 mo’ateera. Kohohayib diru ‘ech galchii lama yeroo lakkoofsisu Gusteel taphaa fi Ivan pireesich rukkuttaa Adabbii gooliiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Doomnik sibozilaay goolii tokkicha liiverpuliif galcheera. Taphoota biroo keessatti inter miilaan Atileetikoo Maadiridiin 2 fi 1 injifateera. Atilaantaan Aayintiraakti Firaankifertiin, ispoorting liizban kilab Biruuj wal walfakkeenyaan 3 fi 0n injifataniiru. Taphoota har’a dura gaggeeffaman keessatti, koopanhaagen kaayiraat Almaatiin 3 fi 2 yoo injifateera, paafos fi monakoon immoo 2 fi 2n wal-qixaa bahaniiru.
Itiyoophiyaan Keeniyaa mo’achuun dursaa garichaa ta’uun xumurteetti
Nov 26, 2025 90
Sadaasa 17/2018(TOI)-Tapha ramaddii tokkoo gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 17 gadii 16ffaan Itiyoophiyaatiin qopheessituu kan taate Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n Keeniyaa mo’atteetti. Injifannoo kana hordofuun dursitee gara xumura walakkaatti kan dabarte Itiyoophiyaan qabxii 10niin ramaddii tokko dursuun xumurteetti. Keeniyaan qabxii 7’n lammaffaa bahuun xumurteetti. Garichi xumura walakkaaf darbuunsaa nibeekama. Itiyoophiyaan Dilbata dhufu Sadaasa 21 bara 2018 ramaddii lamaan irraa xumura walakkaatiin lammaffaa baatee kan xumurte Yugaandaa waliin ni taphatti. Taanzaaniyaa fi Keeniyaanis akkanuma xumura walakkaaf nitaphatu. Tapha ramaddii tokkoo har’a gaggeeffame kan biraatiin Sudaan Kibbaa galchii 2 fi 1’n Ruwaandaa mo’atteetti.
Chelsiin Baarseloonaa 3 fi 0 injifate
Nov 26, 2025 120
Sadaasa17/2018(TOI)-Shaampiyoonsi liigii Awurooppaatti sagantaa eegamuun chelsiin Baarseloonaa 3 fi 0 injifateera. Tapha galgala Istaadiyeemii Istaamfordi Biriijitti gaggeeffameen Isteeva’o, Liyaam Deelaap fi taphataan Bareloonaa Juul Kundee goolii injifannoo ofirratti lakkoofsiseera. Dursaan garee Baarseloonaa Ronaldi Awuraho daqiiqaa 44ffaatti kaardii keelloo lamaan dirree keessaa baheera. Arawuhon bahuun tapha Baarseloonaarratti dhiibbaa geessiseera. Faallaasaan chelsiin caalmaa lakkoofsaa sirnaan fayyadameera. Tapha Istaadiyeemii Itihaatti gaggeeffameen BaayerLeverkusen Manchistar Siitii haala hin eeggamneen 2 fi 0 injifateera. Aleehandiroo Girimaldo fi paatiriik shiik galchii lakkoofsisaniiru. Gara Istaadiyeemii Velodiromitti kan imale Niwuukaastil Yuunaayitid maarseyiin 2 fi 1 mo’ameera. Piyer-Emerik Obomeyang garee Faranaayiif galchii lakkoofsiseera. Hervii barinsi niwukaastiliif goolii dhumaa galcheera. Ruusiyaa doormunditti viyariyaalin 4 fi 0 injifateera. Serhu guyirasi goolii lama yoo lakkoofsisu kaarim adiyeemii fi Daani’eel isvensen galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Guuraay taphichaan garichi rukkuttaa adabbii dhumaa argateen osoo itti hin fayyadamiin hafeera. viyariyal huwan foyiz kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Sagantaawwan biroon Naappooliin karaabagin 2 fi 0 injifateera. Iskoot maktominay fi kan karabagu yankovichi ofirratti galchii lakkoofsiseera. Juventuus bodo giliimtiin 3 fi 2 injifateera. Taphni Islaasviya pirigi fi Atileetikoo Bilba’o galchii malee qixa xumurameera.
Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan har’a eegala
Nov 25, 2025 131
Sadaasa 16/2018(TOI )-Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan oolmaasaa guyyaa jalqabaan taphoonni sadii ni gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 9:00 Magaalaan Adaamaa Magaala Baahir daar waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Hawaasaatti taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichatti taphoota ja’a gaggeesseen yeroo lama yoo Injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa adda bahaniiru. Taphichaan galchii sadii yoo lakkoofsisu galchii lama keessummeesseera. Garichi qabxii sagaliin sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Baahir Daar bara dorgomichaatti tophoota ja’a gaggeesse yeroo lama injifatee yeroo tokko mo’amee yeroo sadii qixa baheera. Galchii sagal yoo lakkoofsisu galchii torba keessummeesseera. Magaalaan Baahir Daar qabxii sagaliin morkataasaa qabxii galchiin caalee sadarkaa 8ffaa qabateera. Sagantaa biroon Walaayittaa Diichaan Walwaloo Addugiraat Yunvarsiitii waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Liigichaan walaayittaa diichaan hanga ammaatti tapha tokkoyyuu hin injifanne. Yeroo afur yoo injifatamu tahoota hafan lamaan qixa baheera. Taphichaan galchii 4 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii lamaan sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama. Morkataansaa Walwaloo Adda Giraat Yunvarsiitiin Liigichaan taphoota jaha gaggeesseen yeroo shan mo’amee yeroo tokko qixaan baheera. Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Walwaloon qabxii tokkoon sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Gareewwan lamaan liigichaan injifannoosaanii jalqabaa galmeessisuuf ni taphatu. Galgala sa’aatii 12:00tti Madin Itiyoophiyaan Negellee Arsii waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasatti ni taphatu. Injifataan liigicha yeroo yeroo ammaa madin itiyoophiyaan taphoota shan ligichaan gaggeesseen yeroo lama yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa adda baheera. Galchii shan lakkoofsisee galchii Afur keessummeesseera. Madin tapha wal qixxeessituu tokko jijjiiree qabxii saddeetiin sadarkaa10ffaa qabateera. Morkataansaa Nagallee Arsii bara dorgommichaatti taphoota jaha gaggeessee keessaa yeroo tokko qofa injifateera. Yeroo lama mo’amee qabxii sadii qooddateera. Taphichaan galchii Afur yoo lakkoofsisu galchii shan keessummeesseera. Gareen guddattuu haaraan qabxii ja’aan sadarkaa 13ffaa qabateera. Sagantaa torban 7ffaan hanga sadaasa 18 bara 2018 ni tura. Liigichatti Bunni sidaamaa qabxii 13 dursaa jira. Maqalee Sabandartaan, Magaalaa Arbaa Minci, Walaayittaa Diichaa fi WAlwaloo Addigiraat Yunvarsiisttiin sadarkaa 17ffaa hanga 20ffaa qabachuun sadarkaa gadbu’aarra jiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Nov 26, 2025 65
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera. Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama. Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera. Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 335
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 290
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 273
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 239
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9150
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.