ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha.
Jun 19, 2026 20
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8,bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama
Jun 19, 2026 137
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise. Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera. Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru. Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru. Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru. Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru. Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Jun 19, 2026 78
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan . Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera. Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru. Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru. Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru. Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera. Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru. Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru. Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.
Nannichatti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu ni godhama-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Jun 19, 2026 94
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidaantichii fi kaabineensaanii hojiiwwan naannichatti damee albuudaarratti hojjetamaa jiran irra deemanii ilaalaniiru. Pirezidaanti Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, keessumaa qabeenya dilbii Giraanaayitii fi dhakaa nooraa naannichatti argamu faayidaarra oolchuudhaan hojiileen onnachiisoon hojjetamaa jiru. Hojiilee hojjetamaa jiraniinis namoonni hedduun carraa hojii argachuusaanii dubbataniiru. Qabeenya albuudaa sirriitti fayyadamuun faayidaan carraa hojii lammiileef faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. Dureeyyii naannichatti albuudaarratti hojjetaman onnachiisuun gamatti, dureeyyii haaraa albuudarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka godhamu pirezidaantichi dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni tola ooltonni ganna kana dameewwan 14’n nihirmaatu
Jun 19, 2026 110
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiilee misoomaa garagaraa dameewwan 14 irratti hirmaachisuuf qophiin taasifamuu biiroon dargaggootaa fi ispoortii naannichaa beeksise. Biirichatti qindeessaan tola ooltummaa Amiinoo Amaan Turtii ENA waliin taasisaniin, ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiiwwan misoomaa garagaraa irratti bobbaasuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti baramaa dhufuusaa eeranii, dargaggoonni baatii bonaa fi gannaa idileedhaan hojii garagaraa hojjechuun guddina hawaasaa fi biyyaaf qoodasaanii bahaa jiru jedhaniiru. Ganna kana dargaggoota tola ooltota miiliyoona 7 tuqaa 2 dameewwan 14 irratti bobbaasuuf qophiin taasifamuu. Dameewwan kanneen keessaa ashaaraan magariisaa, hojiiwwan qonnaa, tajaajiloonni hawaasummaa isaan ijoodha. Tajaajilli kun baranas fooyya’ee cimee akka itti fufu ibsanii, keessumaa hojiin hojjetaman qulqullinarratti akka xiyyeeffatan akka ta’anii fi ijaarsaa fi haaromsa mana manguddootaa fi akkasumas dhiiga arjoomuurratti xiyyeeffannaan addaa taasifamuu kaasaniiru. Kana cinaattis hojiileen tola ooltummaa walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuun nageenya cimsuu fi fayyadama dinagdee cimsuun gamatti, dargaggoonni beekumsaa fi muuxannoo akka cimsatan faayidaa qabaachuu ibsaniiru.
Siyaasa
Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale
Jun 18, 2026 1229
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif leenjii hubannoo fi ogummaa kennuu eegaleera. Leenjiin mariisistootaaf kennamu kun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun Waxabajjii 11 hanga 17, 2018tti guyyoota torbaaf akka turu gabaafameera. Baniinsa leenjichaa irratti argamuun akka ibsanitti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa sagantaan leenjii kun imala Itiyoophiyaan garaagarummaa jiru mariin, iftoominaa fi waliigalteen itti furamu ijaaruuf taasiftuuf milkaa’ina guddaa fi boqonnaa biraati jedhani. Mariisistoonni itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa kana amanamummaadhaan kan baatan imaanaa ta’uu hubachiisuun, namoota seenaa hojjetan waliin ta’uun egeree hawaasummaa, ummataa fi dimokiraatawaa biyyattii ijaaran ta’anii of ilaaluu akka qabanis dhaamaniiru. Leenjiin kun hirmaattonni beekumsa, dandeettii fi duudhaalee marii ulfina lammii Itiyoophiyaa hunda kabaju hoogganuu fi hawwii waloo nagaa, haqaa fi tokkummaa isaanii galmaan ga’uuf isaan dandeessisu akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni hundinuu yeroo konfiraansii kanaa dubbachuu fi hirmaachuuf carraa walqixa akka argatan gochuu, waliigaltee dhabuu yeroo marii uumamu sirnaan bulchuu, akkasumas mariin kun hubannoo walootti akka geessu karaa agarsiisuutu irraa eegama. Akkasumas hirmaattonni imaanaa sabaa guddaa kana namuusaan, loogii malee fi obsaan akka raawwatan dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa
Jun 16, 2026 2586
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan. Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama. Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha. Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru. Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru. Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru. Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha. Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru. Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti. Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru. Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti. Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan
Jun 16, 2026 1524
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan. Hidhattoonni naannoo Oromiyaatti karaa nagaatti deebi’an waltajjii yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota fo’achuu guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeessaniiru. Hidhattonni duraanii hedduun karaa nagaatti deebi’an waltajjii ajandaa walitti qabuurratti argamaniiru. Hidhattoonni duraanii itti aantuu komishinata muummee marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiirut G/Sillaaseef ajandaasaanii kennaniiru.
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 2763
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jun 15, 2026 2525
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira. Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru. Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru. Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera. Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Jun 15, 2026 2074
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera. Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera. Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 4912
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 5825
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.

Hawaasummaa
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha.
Jun 19, 2026 20
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8,bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni tola ooltonni ganna kana dameewwan 14’n nihirmaatu
Jun 19, 2026 110
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiilee misoomaa garagaraa dameewwan 14 irratti hirmaachisuuf qophiin taasifamuu biiroon dargaggootaa fi ispoortii naannichaa beeksise. Biirichatti qindeessaan tola ooltummaa Amiinoo Amaan Turtii ENA waliin taasisaniin, ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiiwwan misoomaa garagaraa irratti bobbaasuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti baramaa dhufuusaa eeranii, dargaggoonni baatii bonaa fi gannaa idileedhaan hojii garagaraa hojjechuun guddina hawaasaa fi biyyaaf qoodasaanii bahaa jiru jedhaniiru. Ganna kana dargaggoota tola ooltota miiliyoona 7 tuqaa 2 dameewwan 14 irratti bobbaasuuf qophiin taasifamuu. Dameewwan kanneen keessaa ashaaraan magariisaa, hojiiwwan qonnaa, tajaajiloonni hawaasummaa isaan ijoodha. Tajaajilli kun baranas fooyya’ee cimee akka itti fufu ibsanii, keessumaa hojiin hojjetaman qulqullinarratti akka xiyyeeffatan akka ta’anii fi ijaarsaa fi haaromsa mana manguddootaa fi akkasumas dhiiga arjoomuurratti xiyyeeffannaan addaa taasifamuu kaasaniiru. Kana cinaattis hojiileen tola ooltummaa walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuun nageenya cimsuu fi fayyadama dinagdee cimsuun gamatti, dargaggoonni beekumsaa fi muuxannoo akka cimsatan faayidaa qabaachuu ibsaniiru.
Hawaasa abbaa nageenyaa gochuun hojiin naannichatti hojjetame bu’aa qabatamaa fideera
Jun 19, 2026 173
Waxabajjii 12/2018 (ENA) - Hawaasa abbaa nageenyaa gochuun hojiin naannoo Harariitti hojjetame bu’aa qabatamaa fiduusaa hogganaan biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa Toofiiq Mahaammad ibsan. Hogganaan biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii naannoo Hararii Toofiiq Mahaammad ibsa kennaniin, naannichatti qurmaa’insoota nageenyaa garagaraatti gargaaramuun nageenya naannichaa fulla’aa gochuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera. Keessumaa hawaasa caalaatti walitti dhiheessuun tokkummaa sab-daneessummaa diriirsuuf xiyyeeffatamee hojii hojjetameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uusaa eeraniiru. Hawaasni deeggarsaa fi tumsa dhaabbilee nageenyaa waliin qabu akka gabbifatuu fi ummana abbaa nageenyaa gochuun hojii hojjetameen nagana bu’uu danda’eera jedhaniiru.
Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Jun 19, 2026 219
Waxabajjii 12/2018(ENA)- Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna jechuun ibse tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa tajaajila tola ooltummaa gannaa ilaalchisee ergaa dabarseera. Ergaan tajaajilichaa guutuunsaa akkasiin dhihaateera- Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna. Waggoottan jjjiiramaa darban Itiyoophiyaan ganni yoo dhufu aadaawwan ijoo raawwannu lama gabbisaa dhufneerra, Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuu fi tajaajila tola ooltummaa. Mootummaan qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaan xiqqaachaa dhufuusaa, dhiqamni biyyoo fi ongeef saaxilamuun dabalaa dhufuusaa hubachuun waggoottan muraasa dura sagantaa ashaaraa magariisa biqiltuu biiliyoona hedduu dhaabuudhaan eegaleera. Itiyoophiyaanonni jalqabbii fi hojiin gaarii kun eessa gahuu akka danda’u hubachuunii fi kaka’umsaan hojjechuun milkaa’inoota addunyaa raajeffachiisan galmeessineerra. Adeemsa kana keessatti biqiltuuwwan nyaataaf, bosonaa fi miidhaginaaf oolan dhaabuun ashaaraa keenya kaa’aa Aadaa Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuu gabbifanneetta. Waggaa waggaan biqiltuu biiliyoona dhaabuun ummata addunyaa dachaa shaniin kan caalu biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabneerra, hojii Kanaan bosonni Itiyoophiyaa akka dabalu gooneerra, birmadummaa nyaataa keenyaaf bu’ura kaa’uu eegalleerra, daldala alergii muduraa daballeerra. Bu’aa qorannoo wagga lama dura ifoomeen baay’inni bosona keenyaa xiqqaachaa dhufe si’aayinaan bayyanatee dhibbantaa 23 tuqaa 6 guddateera. Sagantaawwan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo haala addaatiin kaka’umsa qindaa’aa Itiyoophiyaa gaafataniin haala addunyaa hawateen miiliyoononni guyyaa tokkotti baanee dhaabuudhaan riikoordii keenya irra deddeebinee fooyyessaa dhufneerra. Biqiltuuwwan nyaataa, bosonaa fi miidhaginaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin dhaabne Itiyoophiyaa guutummaan guutuutti kan jijjiiran, birmadummaa nyaataa keenya kan mirkaneessa, guddina daldala alergii Abaaboo fi Muduraa jijjiiraa kan jiran akkasumas dandeettii jijjiirama haala qilleensaa kan gabbisanidha. Kanaaf aadaan sagantaa ashaaraa magariisaa yeroo ganni dhufu sosochii uumnee hojjennu caalaatti akka cimuu fi gabbatu cimnee itti ni fufna, Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuudhaan qilleensa qulqulluu addunyaaf ni gumaachina. Baranas riikoordii keenya hirmaannaa keenyaan fooyyessinee biqiltuu biiliyoona 8 caalu nidhaabna. Tajaajilli tola ooltumma gannaas muuxanno keenya isa haaraa guddachaa dhufedha. Dargaggoonni beekumsasaanii fi yeroo isaanii barumsarraa hafe, dureeyyiin ammoo qabeenyasaanii buusii gochuun mana harka qalleeyyii fi manguddootaa ijaaruun, maaddii qooduun muuxannoo guddaa gabbifataniiru. Dhaabbileen mootummaas qabeenyasaanii qusannoon itti gargaaramanirraa walitti fiduun muuxannoo tola ooltummaa kana bal’isuu fi gara aadaa olaanaatti guddisaa jiru. Barattoonni Yunivarsiitii gara naannawasaanii dhaquunii fi tajaajila tola ooltummaa daangaa bulchiinsaa cehuun quxusuusaanii barsiisaa, hojii lubbuu baraaruu kan akka dhiiga arjoomuu qindeessaa, manguddoota gargaaruun gumaacha guddaa gumaachaa jiru. Kanaaf hojiin gaariin ashaaraa magariisaa fi hojiin tola ooltummaa yeroo gannaa gabbifachaa dhufne baranas karoorri hirmaannaa Kanaan duraa caalaa gaafatu karoorfameerra qophiinis taasifameera. Humna ida’ameen karoora itiyoophiyaa milkeessuuf qophii xumurree hojiitti galleerra. Gammachuu keenyas waliin kan ibsannu ta’a. Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FRDI Caamsaa 12 bara 2018 Finfinnee
Diinagdee
Nannichatti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu ni godhama-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Jun 19, 2026 94
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidaantichii fi kaabineensaanii hojiiwwan naannichatti damee albuudaarratti hojjetamaa jiran irra deemanii ilaalaniiru. Pirezidaanti Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, keessumaa qabeenya dilbii Giraanaayitii fi dhakaa nooraa naannichatti argamu faayidaarra oolchuudhaan hojiileen onnachiisoon hojjetamaa jiru. Hojiilee hojjetamaa jiraniinis namoonni hedduun carraa hojii argachuusaanii dubbataniiru. Qabeenya albuudaa sirriitti fayyadamuun faayidaan carraa hojii lammiileef faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. Dureeyyii naannichatti albuudaarratti hojjetaman onnachiisuun gamatti, dureeyyii haaraa albuudarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka godhamu pirezidaantichi dubbataniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Dirree Dawaatti hojiirra oolaa jiru imala wabii nyaata hawaasaa milkeessaa jira
Jun 19, 2026 206
Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Dirree Dawaatti hojiirra oolmaan sagantaa ashaaraa magariisaa imala wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuu keessatti bu'aa qabeessa taasisaa akka jiru Biiroon Qonnaa, Bishaan, Abuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa sochii biyyaalessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, uwwisa bosonaa guddisuufi lafa miidhame akka dandamatu gochuuti. Sagantaan kun waggoottan muraasa darban keessatti eegumsa naannoo dabalatee, wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiirama tarsiimawaa fidaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaa gama isaatiin naannoo qilleensaa walakka-gammoojjii keessatti kan argamu waan taheef, dhiqama biyyee, hanqina roobaa fi saaxilamummaan hongeesaa ol'aanaadha. Qoraatilee uumamaa kana ittisuuf, Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaa filannoowwan qonnaa fi bishaanii hojii irra oolan waliin qindeessuun geggeessaa tureera. Itti aantuun hogganaa biirichaa Aadde Misraa Abdallaa ENA’f akka himanitti;waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman oomishaa fi oomishtummaan hawaasaa akka dabalu taasiseera. Keessattuu gandoota baadiyaa bulchiinsichaa keessatti qabeenya uumamaa idilee fi hirmaannaa uummataatiin hojjetaman eegumsa qabeenya uumamaa fi misoomni sululaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuu dandeessiseera jedhaniiru. Kanaanis, mukkeen bosonaa dabalataan biqiltuun muduraa dhaabaman firii kennuu eegaluusaaniin hawaasni baadiyaa galii dabalataa fi nyaata madaalawaa akka argatan dandeessiseera jedhaniiru. Bu’aawwan kana caalaatti guddisuuf sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif biqiltuun miiliyoona 5 buufata biqiltuu 24 keessatti qophaa’uu isaa yaadachiisaniiru. Kanneen keessaa dhibbantaa 40 biqiltuu leemmanaa fi bosonaa yoo ta'an, isaan hafan immoo kanneen nyaataf oolan ta'uu dabalatanii ibsaniiru. Qophiin dhaabbii biqiltuu baranaa kan waggoottan darban irraa adda kan isa taasisu, haala qilleensaa fi haala ikkooloojii naannoo hordofuun kilaastaraatiin kan raawwatamu ta'uusaas beeksisaniiru
Naannichatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise
Jun 18, 2026 789
Waxabajjii 11/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera. Biirichi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee wajjiin qindoomuun leenjii danddeettii raawwachiisummaa kennuun, meeshaalee oomisha dammaatiif oolan qonnaan bultoota adda duree godinoota Baaleefii Baalee Bahaatiif magaalaa Roobetti kennee jira. Saganticharratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti qindeessaan innisheetiivii misooma dammaa Dr. Toleeraa Kumsa akka jedhanitti, Mootummaa naanichaa innisheetiivii misooma dammaa lafa qabsiisuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin hojjachaa jiraachuu dubbatan. Hojiilee misooma dammaa babal'isuuf baroottan dabran keessa hojjatameen gaagurri hammayyaa bara 2013 keessa kuma 47 hin caalle yeroo ammaatti gara miiliyoona 3 tuqaa 2 olguddisuu dandahamuu yaadachiisan. Fayyadamtoota oomisha dammaa kuma 50 irra turan gara kuma 640 ol guddisuu dandahamuus akeekan. Oomisha dammaa godinaalee naannichaa 15 keessatti oomishamaa jiruun meetriik toonii 179 irraan gahuun dandahamuus dubbatan. Sochii inisheetiivii misooma dammaa daran lafa qabsiisuun qonnaan bulaa damee kanarraa fayyadamaa taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjachaa jiraachuu himuun; sochiin hojii pirojektii hammataa fi fulla'aa sona funcaalees qaamuma carraaqqii kanaa tahuu dubbatan. Biiroo Qonna Oromiyaatti Ogeessi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee Obbo Addisuu Sabsibee gama isaaniitiin, pirojektichi carraaqqii mootummaan inisheetivii dammaa milkeessuuf taasisaa jiru akka milkaa'uuf deeggarsa leenjii fi meeshaalee oomishtummaa dammaa dabalan qonnaan bultootaaf taasisaa jiraachuu dubbatan. Meeshaaleen qonnaan bultoota fi waldaalee aanaalee godinoota lamaanii filatamaniif taasifaman keessaa gaagura ammayyaa 50, meeshaalee qulqullina dammaa eeguuf oolan gosa 10 tilmaama birrii kuma 700 ol baasuuun raabsames kanuma bu'ura godhachuu akeekan. Pirojektichi deeggarsa misoomaafii walitti hidhamiinsa waldaalee,Yuuniyeenotaafii qonnaan bultootaarrattis xiyyeeffannoon kan hojjatu ta'uus Obbo Addisuun himan. Waajjira Qonnaa Godina Baaleetti Ogeessi misooma dammaa Obbo Lataa Itichaa gama isaaniitiin, godinichatti gaagurra hammayyaa kuma 85 ol raabsuun dandahamuu dubbatan. Godinichatti gaagura dammaa dhiheenna raabsamaniif isaan duraan jiran irraa bara kana qofa damma toonii kuma 11 ol oomishuun dandahamuus dubbatan. Qonnaan bultoonni leenjiifi deeggarsa meeshaalee qulqullina misoomaa dammaatiif oolan argatan hojii gama kanaan hojjataa turan hammayyeessuun daran bu'a qabeessa ta'uuf waan isaan qarqaaruuf galateeffatan.
Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa jiru
Jun 18, 2026 390
Waxabajjii 11/2018(NA)- Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa akka jiran dubbatan. Guyyaa sagantaan maaddii guutuun eegalamee kaasee lammiileen godina Jimmaa hedduun fayyadamoo akka ta’an ibsameera. Godina Jimmaa aanaa Cooraa Botor kan jiraatan dargaggoo Ashannaafii Baagiiddoo fi hiriyoonnisaa gurmaa’anii lukkuu horsiisuun bu’aa argataniiru. Deeggarsa mootummaan isaanii godheen sagantaa maaddii guutuu jalatti lukkuu horsiisaa kan jiran dargaggoonni kun yeroo ammaa guyyaatti hanqaaquu kuma 1 ol gabaaf dhiheessaa akka jiran dargaggoo Ashannaafii ibseera. Marsaa jalqabaa qofaan yeroo gabaabaa keessatti birri kuma 100 ol qusachuusaanii ibsaniiru. Jiraataan aanichaa dargaggoo Abdullaaqii Adam muuzii oomishuudhaan akka milkaa’e dubbateera. Sanyii muuzii fooyya’aa ogeeyyiin qonnaa dhiheessaniif akkasumas gorsa ogeeyyiitti gargaaramuun oomisha gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Galii argatuun maatii bulfachuurra darbee dargaggoota naannawaaf carraa hojii dabalataa uumuusaa ibseera. Dargaggoo Huseen Abbaaduraa fi hiriyaansaa aanaa Limmuu Kossaatti barana loon gabbisanii bu’aa argachaa akka jiran dubbatu. Carraa hojii bulchiinsi magaalaa nuuf uumeen ofirra darbinee namoota biroofillee carraa hojii uumneerra jedhaniiru. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, fayyadamtoonni maaddii guutuu godinichatti wagga waggaan dabalaa dhufaniiru. Horsiifni qurxummii fi loonii, kanniisa horsiisuun, kuduraa fi muduraan akkasumas horsiifni lukkuu dameelee ijoo sagantichaati jedhaniiru. Barana godinichatti namoota kuma 314 maaddii guutuutti akka hirmaatan karoorfamee karooraa ol namoota kuma 339 caalan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama
Jun 19, 2026 137
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise. Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera. Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru. Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru. Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru. Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru. Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Jun 19, 2026 78
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan . Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera. Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru. Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru. Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru. Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera. Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru. Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru. Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.
Yunvarsitichi omishtummaa guddisuuf teekinooloojiiwwan qonnaa hawaasaaf dhaqqabsiisaa jira
Jun 17, 2026 1558
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Arsii omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaa dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru beeksise. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Arsii Dr.Fiqaaduu Mitikuu ENA’f akka ibsanitti; Yunivarsiitichi omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaaf gargaaran dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif hojjechaa jira. Keessattuu Yunvarsiitichi sagantaa maaddii guutuu milkeessuuf tajaajila ekisteenshinii qonnaa qotee bulaaf dhaqqabsiisuu irratti hojjechaa jira jedhanii jiru. Kanaanis dargaggoota hojii dhabeyyii fi qotee bultootaaf cuuciiwwan lukkuu dhiyeessuun fayyadamaa gochaa akka jiru eeranii, humna isaatiin cuuciiwwan lukkuu hawaasaaf dhaqqabamaa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis, Yunivarsiitichi lukkuuwan kuma 3 ol galchuun hanqaaquu kuma 40tti dhiyaatu gabaaf dhiyeessaa akka jiru hubachiisaniiru. Sanyii saawwan aannanii fooyya'an qonnaan bulaaf dhaqqabamaa gochuuf, sanyii kormaa hormaata gaarii qaban mala diqaalomsuutiin (artificial insemination) fayyadamummaa qotee bulaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis hojii sanyii beelladootaa fooyyessuu bu'a qabeessa gochuuf, warshaa nyaata horii qopheessu hundeessuun hojii gaarii hojjechaa jira jedhaniiru. Gama biraatiin, sanyiiwwan qamadii, xaafii fi Aajjaa omisha gaarii kennuu danda'an sadii qotee bulaaf dhaqqabamaa gochuu isaa ibsaniiru. Haaluma kanaan sanyii filatamaan kuntaala kuma 1 ol qonnaan bulaaf akka dhaqqabu taasifamuu kan ibsan pirezidaantichi, yeroo ammaa kanatti jallisii Bonaatiin lafa hektaara 12 irratti sanyiin filatamaan qamadii misoome walitti qabamaa jira jedhaniiru. Yunvarsiitichi tarsiimoo misooma qonnaa deeggaruuf hojiiwwan hojjechaa jiru malees, hawaasa fayyaalessa ijaaruuf carraaqqii taasifamu deeggaruuf hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.
Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu eegale
Jun 16, 2026 1116
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa sirna mana kitaabaa ammayyaa diriirsuuf kan gargaaru, qabeenya barreeffamootaa gara diijitaalaatti jijjiiruun hojii isaa ifatti eegaleera. Marsaa jalqabaatiin fuulawwan miiliyoona 20 gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojiin akka hojjetamu ibsameera. Sirna jalqabsiisa kana irratti Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoolojii Dr. Balaxaa Mollaa, Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawwit Shaankaa, Daarektara Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaatii fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Itiyoophiyaa ammayyaa uumuu fi dinagdee diijitaalaa guutuu ta'e dhugoomsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, hojmaata waraqaa irraa gara diijitaalaatti ce'uu fi qabeenya seenaa gara kuusaa diijitaalaatti galchuun dhaloota dhufutti dabarsuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Imalli tajaajilli mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa jalqabe kun qaama tarsimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 akka ta'ee fi fuuldurattis dameewwan hundaan cimmee akka itti fufu ministirittin kaasaniiru. Qabeenya biyyaa mana kitaabichaa keessatti argaman eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuuf hojiin diijitaalaasheenii kun murteessaa ta'uu isaas ibsaniiru. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Sheewit Shaankaa gama isaaniitiin, Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa wiirtuu seenaan, aadaanii fi eenyummaan biyyaa itti galmeeffamee jiru ta'uu ibsaniiru. Hojiin diijitaalaayizeeshinii jalqabame kun seenaa keenya dhaloota dhuftuuf amanamummaan dabarsuu fi namni barbaade hundi ragaa barbaadu salphaatti akka argatu kan dandeessisudha jedhan. Daarektarri Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaat, tajaajilichi waggoottan 83'n dabran keessatti ragaalee seenaa hedduu galmeessuu fi olkaa'uudhaan dhalootaaf dabarsaa turuu isaa yaadachiisaniiru. Hojiin qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu amma hojjetamaa jiru kun, qabeenya ragaa biyyattii walitti qabuu fi gurmeessuun dhaloota dhuftuuf dabarsuuf akka gargaaru dubbataniiru. Kunis namni kamiyyuu ragaalee karaa diijitaalaa salphaatti akka argatu carraa uuma jedhaniiru. Ragaaleen seenaa waraqaa irratti barreeffaman sababa yeroo dheerachuu fi hanqina qabiinsatiin akka hin badnee fi akka hin mancaane, eegumsa waaraa gochuuf kan dandeessisu ta'uu isaas dubbataniiru.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 936
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 1320
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 928
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 1681
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sosochii ashaaraa magariisaa – dippilomaasii ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa adda duree godhe
Jun 19, 2026 280
Sosochiin “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan waggoottan darban raawwatte galma biyyaalessaa damdamannaa jijjiirama haala qilleensaa biyyattiin qabate milkeessuurra darbee, Itiyoophiyaan gama dippilomaasii magariisaatiin waltajjii Afriikaa fi idil addunyaarratti adda duree akka taatu godheera. Duulli guddaan eegumsa uumamaa kun madaallii naannawaa biyya keessaa eeguurra darbee, walitti hidhamiinsa dippilomaasii daangaa cehu kan cimsu meeshaa tarsiimawaa amma ta’utti gaheera. Muuxannoon kun kan agarsiisu sosochiin ashaaraa magariisaa sagantaa misooma bosonaa barame qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaan Afriikaa bahaa fi kanaa olittis kan mul’atu jijjiirama haala qilleensaa fi babal’ina gammoojjummaaf furmaata qabatamaa qabattee kan itti dhihaatte ta’uusaati. Sosochiin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoonni sosochii ummataatiin biqiltuu dhaabuu fi akka qabatan gochuun raawwii imaammataa milkaa’aa kana muuxannoo kan irraa fudhatanidha. Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin kan biyya keessaan ala Jibutii, Sudaan Kibbaa,Naayijeeriyaa fi Ruwaandaa dabalatee biyyoota Afriikaa biroof biqiltuu ergiteetti. Ashaaraan magariisaa kun miira wal gargaarsaa paan Afriikaa kan agarsiisuu fi dhimmichi ajandaa Adriikaa ta’aa dhufuusaa kan agarsiisu yoo ta’u, Afriikaanonni eegumsa naannootiin tumsa fulla’aa uumuu akka qaban kan hubachiisudha. Ashaaraa magariisaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalameen biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabamaniiru. Ashaaraan magariisaa deebii mandhalee jijjiirama haala qilleensaa Afriikaaf kennaman keessaa isa ijoodha. Baranas sosochii biyyaalessaa biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf galma qabame milkeessuuf taasifamu irratti Itiyoophiyaan kutaa hawaasaa kamiyyuu keessatti argaman hojiirra oolmaasaaf akka tumsa ministirri muummee dhaamaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 18, 2026 1087
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Dajanee Baqqalaa ENAtti himanitti,sagantaalee Asharaa Magariisaa kanaan dura hojjetamaniin bu’aaleen hedduu argamuu eeruun, jijjiirama qilleensaa ittisuu, biyyee fi bishaan kunuunsuu fi faayidaa dinagdee biroo galmaan ga’amaniiru jedhani. Sagantaan kun omishaafi oomishtummaa guddisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan. Bara 2015 keessa uwwisni bosona magaalattii dhibbeentaa 11 qofa akka ture eeruun, hojii hawaasa hirmaachisuun hojjetameen amma uwwisni bosona gara dhibbeentaa 21tti ol guddisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota fuduraalee haala qilleensa magaalichaaf mijatoo ta’aniif xiyyeeffannaan addaa akka kennames hubachiisaniiru. Haaluma kanaan biqiltuun firii kan akka appilii, avokaadoo, burtukaanaa fi loomii bal’inaan dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Walumaagalatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin lafa heektaara kuma 1 fi 200 ol irratti biqiltuu fuduraafi muduraa dhaabuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan. Waggoota darbanitti jiraattonni magaalichaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti biqiltuu fuduraafi muduraa akka dhaabanii irraa fayyadamoo ta’an leenjiin walitti fufiinsa qabu kennamaa turuus eeraniiru. Yeroo ammaa kana hawaasni mootummaa waliin ta’uun qabiyyee mootummaa fi dhuunfaa irratti, akkasumas naannoo kuduraa fi muduraa fi miidhaginaaf mijatutti boolla dhaabbii qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Jun 17, 2026 1112
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira. Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru. Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan. Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani. Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Ashaaraa magariisaatiin cichuunii fi jabaatanii hojjechuun gootummaa yeroon barbaadu
Jun 17, 2026 499
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Bishooftuutti eegalchiisaniiru. Sagantaan kun birmadummaa fi badhaadhina kan mirkaneessu inisheetiiviibiyyaalessaa ta’uusaas wayita kana ibsaniiru. Kana malees kallattii misoomaa isa murteessaa birmadummaa bosonaa, midhaanii fi hunda galeessaati. Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 8 kan qophaa’e yoo ta’u, egeree magariisaaf, hundi keenya abdii haa dhaabnu jechuun biyyaaf dhaamaniiru. • Inisheetiivii biqiltuu dhaabuun olitti faayidaa dacha qabu Biqiltuuwwan Inisheetiivii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mandhalee, kuduraa fi muduraa faayidaa dinagdee qaban, mukeen miidhaginaaf oolan, lafti muka malee hafe akka bayyanatu kan gargaaranii fi baay’ina bosonaa guddisuun qilleensi naannawaa akka sirraa’u gumaacha olaanaa የgumaachaa jiran kan ittiin dhaabamanidha. Adeemsa Kanaan biyyoon dhiqamu hir’ateera, balaan lolaa hir’ateera, lubbu qabeeyyiin manca’aa jira hir’ateera, lafti qullaattihafaa jiru hir’ateera, qaamni bishaanii lolaan guutamuu fi baduurraa baraaramaa jira, gama biraan ammoo oomishnii fi oomishtummaan dabaleera. Boru bu’aan kana caalu akka dhufu har’a Itiyoophiyaanonni fayyadama ummataa kan mirkaneessu sagantaa ashaaraa magariisaa irratti baay’inaan hirmaachuun irraa eegama. Ashaaraan magariisaa erga eegalamee kaasee waggoota darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 caalu dhaabuun bosonni jijjiirama biyyaa dura dhibbantaa 17 tuqaa 2 ture yeroo ammaa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6tti guddateera. Ummanni sagantaa ashaaraa magariisaa dhimma uumama kunuunsuu qofa osoo hin taane, dhimma birmadummaa dinagdee biyyaa fi wabii nyaataa mirkaneessuus godhamee fudhatamuu qaba. Faayidaan hunda galeessi kun qabatamaan mul’achaa kan jiru inisheetiiviin ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalamuunsaa ni yaadatama.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 4882
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 10056
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.