Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira

Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan.

Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira.

Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira.

Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru.

Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru.

Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru.

Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru.

Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru.

Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015