Tamsaasa Kallatti:

Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira

Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise.

Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira.

Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.


 

Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru.

Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru.

odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan.

Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru.

Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru.

Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera.

See less

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015