Dandeettiin oomisha midhaanii Itoophiyaa waggaatti kuntaala biiliyoona 1.3 gaheera - Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin oomisha midhaanii Itoophiyaa waggaatti kuntaala biiliyoona 1.3 gaheera - Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Fulbaana 26/2019 (ENA): Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen omishni midhaanii Itoophiyaan waggaatti kuntaala biiliyoona 1.3 gahuu beeksisan.
Manneen Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshiniin walga’ii waloo gaggeessaniiru.
Pireezdaanti Taayyee Atsqasillaaseen haasaa manneen maree kanaaf taasisaniin guddinni Itoophiyaa kan madaalamuu fi ifatti mul’atu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan bara 2018 omishni midhaanii waggaatti kuntaala biiliyoona 1.3 akka gahe agarsiisaniiru.
Kunis bara 2011 kuntaala miiliyoona 335 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Dabalaan oomishni midhaanii bu’aa guddaa fi guddummaa Itoophiyaa ifatti kan mul’isu ta’uu akeekaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
#Mootummaa Ida’amuu#
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links