Tamsaasa Kallatti:

Ergaa pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa

 

Kaayyoon guddina dinagdee Oromiyaa bu’uuraalee ijaaraman gara omishaatti, omisha gara carraatti, carraa gara galiitti, galii gara badhaadhinaatti, badhaadhina immoo gara dorgomtummaa hundagaleessaatti jijjiiruudha-Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Guddinni dinagdee Oromiyaa waggoota shanan darban keessatti giddugaleessaan waggaatti dhibentaa 9 ta’uun isaa bu’aa barbaachisaa ta’us, guddina lakkoofsaan galmaa’u qofaan galma xumuraa hin ta’u.

Karoora Of-danda’uu waggoota shanan dhufanii keessatti guddina waggaa waggaan giddugaleessaan dhibentaa 12.5 ga’uuf kan sochoonu yoo ta’u, xiyyeeffannoon ijoon guddina kana gara dandeettii oomishtummaa, carraa hojii uumuu, galii dabaluu, qusannaafi invastimantii babal’isuutti jijjiiruudha.

Kana jechuun, dinagdee saffisaan guddatu qofa osoo hintaane, dinagdee gooroo tasgabbaa’aa, ittifufiinsa qabu, hirmaachisaa, haqa qabeessaafi dorgomaa ta’e ijaaruudha.

Ce’umsichi qonna gadi buusuuf osoo hintaane, qonna gara bu’uura indastiriifi cancala sonaatti jijjiiruufidha.

Qonna ammayyeessuu, hirkattummaa roobaa hir’isuu, qorannoo qonnaa babal’isuu, omisha gabaan hoogganuu, omishaalee qonnaa kurfeessuufi maanifaakchariingii cimsuun omishni qonnaa gara sona dabalataatti jijjiirama; sona dabalataan immoo gara hojii, galiifi dorgommii dinagdeetti ce’ama.

Kallattii kanaan, indastiriin humna ijoo ce’umsa caasaa dinagdee naannichaa akka ta’u gochuun, gahee isaa dinagdee waliigalaa keessatti %19.7 irraa gara %33.5’tti guddisuuf xiyyeeffannoon kaa’ameera.

Kanaaf zoonii dinagdee addaafi paarkiilee indastirii qonnaa qindaa’an cimsuun, galtee indastirii biyya keessatti omishuun, meeshaalee maanifaakchariingii biyya keessatti omishuufi al-ergii babal’isuun, carraa hojii bal’aa uumuun, dabarsa teknoolojiifi ogummaa dargaggootaa guddisuun, akkasumas qonna, indastiriifi tajaajila walitti hidhuun bu’uura ce’umsa kanaati.

Kanaaf, kaayyoon guddina dinagdee Oromiyaa bu’uuraalee ijaaraman gara omishaatti, omisha gara carraatti, carraa gara galiitti, galii gara badhaadhinaatti, badhaadhina immoo gara dorgomtummaa hundagaleessaatti jijjiiruudha.

Kunis dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ijaaruun maraamartoo cabiinsa sirnaa cabsuudhaan, gulantaa itti aanuutti utaaluudha.

#Oromiapresidentoffice2026

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015