Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa
Fuulbana 23/2019 (ENA): Hirmaattonni ayyaanichaa akka ibsanitti, ayyaana Irreecha Hora Finfinnee gamtaan, tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun bifa miidhagaa fi oo'aan kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul'ata guddaa qabdudha.
Qabeenya Guddummaa ishee kana mirkaneessan keessaa qabeenyi Amantaa, Aadaa, seenaa fi hambaa nam-tolchee, aadaa fi hawata tuuriizimii ishee isaan ijoodha.
Qabeenya aadaa kana keessaa immoo ayyaani Irreechaa sirna Gadaa keessaa maddu isa tokkodha.
Irreechi waggaa waggaadhaan sagantaa gara garaatiin dirreerratti kan kabajamu yoo ta'u, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har'a magaalaa Finfinneetti bifa miidhagaa ta'een kabajameera.
Hirmaattonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan akka ENA’f ibsanitti; ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi tokkummaa kan walitti qabu mallattoo nagaati.
Manguddoo biyyaa Amboo irraa dhufan obbo Baay'isaa Joobir; ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu isaa dubbataniiru.
Irreechi haaloo fi jibbinsa dhiisuun kan kabajamu ayyaana nagaa, araaraa fi tokkummaa ta'uu isaa eeranii; duudhaa nagaa Irreechaa uummata addunyaatiif bal'inaan beeksisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Manguddoon Shaashamannee irraa dhufan obbo Alii Hamdaa gamasaaniin saboonni garaagaraa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuun obbolummaa fi jaalalaan haala miidhagaadhaan kabajuu isaanii dubbataniiru.
Irreechi uummanni Oromoo tokkummaan walitti qabamee Uumaa isaa kan galateeffatu, akkasumas nagaa fi misooma kan itti cimsatan ta'uu ibsaniiru.
Duudhaan Siinqee Kabaja, Araara fi mallattoo nagaa kan ta'e duudhaa aadaa Oromoo ta'uu kan ibsan immoo Arsii Asallaa irraa kan dhufan Haadha Siinqee Almaaz Bulaatuu dha.
Irreechi uummata Oromoo qofa osoo hin ta'iin, sabootaa fi sab-lammoota biroos jaalalaa fi wal- amantaan kan irratti hirmaatanidha jechuun, jaalala, araaraa fi walooma Irreechaa cimsuun akka qaban dubbataniiru.
Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan gammachuudhaan kabajama, yeroo irraa gara yerootti bal'achaa fi jaalalaan kan kabajamuudha.
Hirmaattonni Ayyaanichaa uummata Oromoo qofa osoo hin ta'in saboonnii fi sab-lammiyonni biroos uffata adda addaa uffatanii mul'atu; kun uffata aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, kan sabootaa fi sab-lammoota hundaati.
Hirmaattonni ayyaanichaa duudhaan nagaa fi tokkummaa Irreechaa cimee fuuldurattis akka itti fufuu qabu ibsaniiru.