Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha - ENA Afaan Oromoo
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan.
Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru.
Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru.
Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha.
Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru.
Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru.
Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru.
Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru.
Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru.
Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti.
Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru.
Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru