Hambaalee uumamaa fi namtolchee Godina Harargee Lixaatti argamu addabaasuun hojiin misoomsuu fi kunuunsuu hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hambaalee uumamaa fi namtolchee Godina Harargee Lixaatti argamu addabaasuun hojiin misoomsuu fi kunuunsuu hojjetamaa jira
Fulbaana 27/2019(ENA) Hambaalee uumamaa fi namtolchee Godina Harargee Lixaatti argamu addabaasuun hojiin misoomsuu fi kunuunsuu hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Aadaa fi Turizimii Godinichaa beeksise.
Waajjira Aadaa fi Turizimii godinichaatti Dursaan garee Misooma bakkeewwan ga’umsa Turizimii Obbo Saannoo Adam ENA’f akka ibsanitti, godinichatti dandeettii Turizimii guddisuudhaan baay'ina daawwattootaa dabaluu fi faayidaa dinagdee damee kana irraa argamu bal'isuudhaaf xiyyeeffannoon kennameera.
Aanaalee gochichaa 15 keessatti qabeenya uumamaa fi namtolchee 50 ol adda baasuun hojiin misoomsuu fi beeksisuu raawwatamaa akka jiru ibsaniiru.
Qabeenyota adda bahan keessaa holqaawwan umrii dheeraa galmeessisan, paarkota, qabeenya amantii fi Haroo Carcar kan keessatti argaman ta'uu ibsaniiru.
Godinichatti Aanaa Daaroo Labuutti kan argamuu fi umrii waggaa kuma sadii ol akka qabu kan tilmaamamu Holqa Aynaagee misooma turizimiif oolchuuf mala adda addaatiin beeksisuu malees, naannicha daawwattootaaf mijataa gochuuf hojiin raawwatamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Bulchiinsi Aanaa Daaroo Labuu bara kanatti baajata birrii miliyoona 13 ol qabachuun hojii ijaarsa bu'uuralee misooma daandii raawwachaa akka jiru ibsaniiru.
Holqa Aynaageetiin ala, qarqara Haroo Carcar bakka Turizimii fi bohaartii gochuudhaaf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru.
Haroo kana marsee dhaabbilee bohaartii fi tajaajila kennan bal'isuudhaaf gara Aanaalee godinichaa15n hirmaachisuun baajata birrii miliyoona 75 oliin naannicha daawwattootaaf mijataa taasisuuf hojiilee dandeessisan karoorfamuu isaanii ibsaniiru.
Haroo kana irratti ijaarsa bu'uura lee misoomaa dabalatee, tajaajili geejjibaas fooyya'aa akka jiru kan ibsan dursaan garee kanaa; Aanaaleen Bookee, Odaa Bultumii fi Habrootti bidiruuwwan geejjiba haroo irratti tajaajilan tokko tokko bituun tajaajilaaf galchuu isaanii ibsaniiru.
Godinichatti waggoota sadii asitti paarkota hundeeffaman lamaan dabalatee, mana amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa durii umrii dheeraa qaban bakka hawwata Turizimiif taasisuuf dandeettii guddaa ta'uu isaanii dubbataniiru.
Bakkeewwan turizimii kanneen keessaa Masgiida Ulaa Qunnii fi Gadaamii Asaboot isaan ijoo ta'uu fi bal'inaan beeksisuu, daawwattootaaf gahaa gochuu fi qabeenya turizimiif oolchuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Itti aanaan Bulchaa Aanaa Bookee Obbo Mahammad Zayyinii Jamaal akka dubbataniitti, bulchiinsi aanichaa bara xumurame keessatti baajata birrii miliyoona 30 oliin naannoo Haroo Carar daawwattootaaf mijataa gochuuf hojii fooyya'iinsa bu'uura daandii raawwateera.
Haroon kun waggoota deeraaf gogee kan ture ta'uudhaan hojii Ashaaraa magariisaan deebi'ee kan misoome waan ta'eef, naannichatti hojii eegumsa uumamaa cimsuudhaan eegumsa fi kunuunsa gochuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.