Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan - ENA Afaan Oromoo
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera.
Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti.
Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf.
Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera.
Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera.
Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.