Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu bu’aa cichoomina uummata Itoophiyaati - Abbaa Duulaa Gammadaa

Fulbaana 27/2019 (ENA): Mootummaan Ida’amuu bu’aa cichoomina uummata Itoophiyaati jedhan Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 7ffaan Doktor Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa taasisuun kaleessa muuduun isaa ni yaadatama.

Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa hundeeffama mootummaa Ida'amuu ilaalchisuun ENA waliin turtii taasisaniin Itoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeessuu ishee yaadachiisanii, garuu humnoonni misooma Itoophiyaa hin feene filannicha gufachiisuuf duula ol’aanaa taasiisaa turuu eeraniiru.

Haa ta’u malee uummanni Itoophiyaa filannichi milkiidhaan akka xumuramuuf gahee ol’aanaa bahachuun Mootummaan Ida’amuu akka hundaa'u taasisuusaa dubbataniiru.

Kunis Mootummaan Ida’amuu bu’aa cichoommina uummata Itoophiyaa ta’uu isaa gochaan kan mirkaneesse ta’uu eeraniru.

Itoophiyaan durii kaasee hamma har’aatti cimtee kan itti fufte diinonni ishee diiguu fi dhiibuu fedhan waan hin jirreef osoo hin taane cichoomina uummata isheetiin ta’uu himaniiru.

Filannoo Waliigalaa 7ffaanis uummanni Itoophiyaa humna biyya diiguuf hojjetu waliin bifa kamiinu akka hin tumsine gochaan mirkaneesseera jedhaniiru.

Hundeeffamni Mootummaa Ida’amuus Itoophiyaan biyya guddoo taatee akka itti fuftu abdii kan uumedha jedhaniiru.

Mootummaan ida’amuu waggoota darban hojiiwwan misoomaa qabatamaan lafa irratti mul’atan hedduu hojjechuu eeraniiru.

Kanaaf Mootummaan haaraa kunis imala misoomaa fi nagaa waaraa eegalame cimsuun jireenya lammiilee fooyyessuu fi Itoophiyaa caalaatti bakka gahuu qabduun gahuun imaanaa uummataa galmaan gahuu qaba jedhaniiru.

Uummanni Itoophiyaas imaanaa mootummaa kanatti kennate galma ni gaha jedhee kan eeggatu ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015