Tamsaasa Kallatti:

Af-Yaa'iiwwan Mana Maree Federeeshinii haaraa filataman sirna hojii wal harkaa fuudhinsaa raawwatani

Fulbaana 27/2019(ENA): Af-Yaa'iin Mana Maree Federeeshinii haaraa muudaman Aadde Mufarihaat Kaamil Af-Yaa'ii Mana Mariichaa duraanii obbo Aaganyoo Tashaagar waliin hojii walharkaa fudhaniiru.

Sirna walharkaa fudhiinsaa kana irratti Aadde Mufarihaat Kaamil akka himanitti, Manni Marii kun hojii riifoormii eegale cimsuudhaan dhaabbatichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef gahumsaan akka bahatu xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama jedhaniiru.

Tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa cimsuu, cehumsa ‘fiiskaalaa’ bu’aa qabeessaa fi qoodinsaa qabeenyaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu, akkasumas ol’aantummaa heeraa kabachiisuun hojiiwwan xiyyeeffannoo fuula duraa ta’uu Aadde Mufarihaat ibsaniiru.


 

Haaluma walfakkaatuun, Af-Yaa'ii Itti aanaa Mana Maree Federeeshinii ta’uun kan muudaman obbo Dastaa Leedaamoo Af-Yaalii Itti aantuu duraanii Aadde Zaaharaa Humad waliin hojii wal-harkaa fudhaniiru.


 

‎#Mootummaa Ida'amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015