"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa. - ENA Afaan Oromoo
"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa.
Fulbaana 24/2019(ENA) : Abbootiin Gadaa sirna kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee rakkoo tokko malee karaa nagaa, jaalalaafi tokkummaan itti calaqqiseen kabajamee xumuramuu ibsaniiru.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa, Irreechi bara kanaa jala bultiirraa eegalee bifa adda ta'een karaa aadaafi duudhaa Irreechaa eegeefi guddummaa Oromoo calaqqisiiseen kabajamee xumuramuu himaniiru.
Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa aadaa isaanitiin faayamanii ayyaana keenya nu waliin kabajuun obbolummaasaanii nutti agarsiisaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa dabaluufi Oromoon haammataa ta'uu kan agarsiise ta'uus dubbatabiiru.
Uummanni Oromoo, qaamoleen nageenyaa, foolleefi daballeen qindaa'uun ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisuu eeruun, qaamolee miidhaginaafi nageenyummaa ayyaanichaaf tumsan hunda galateeffataniiru.
Abbaa Gadaa Maccaafi Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa, uummanni Oromoo bakka jirurraa walitti dhufuun uffata aadaafi meeshaalee ulfoo Oromootiin faayamee jaalalaafi tokkummaan kabajuu himan.
Keessummoota kutaalee biyyattii adda addaarraa ayyaanicha isa waliin kabajuuf dhufeefis simannaafi kabaja addaa taasisuun guddummaa Oromoo kan itti agarsiise ta'uu dubbatanii, qaamolee milkaa'ina ayyaanichaaf kallattii garaagaraatiin tumsan hunda galateeffataniiru.
Hooggantuun Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa karaa milkaa'ina qabuun akka kabajamu mootummaan dursee hojjachaa turuu yaadachiisaniiru.
Keessattuu ayyaanicha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan ayyaanicha olkaasuufi beeksisuu danda'an hojjachaa turuufi hirmaattonni ayyaanichaa akka hin rakkanneef haala mijataa uumuus dubbataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaanni Irreechaa ‘UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojiiwwan jajjaboo hojjachaa jiraachuu ibsaniiruu.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas gama isaaniin haasawaa taasisaniin Irreechii duudhaalee gaggaarii qabaachuun Afrikaa bira darbee beekamtii Idil Addunyaa argatee jiraachuu ibsaniiru.
Kanaan dura daandiin gara malkaa geessu tokko qofaa ture bu'uuraalee misoomaa guutuun waldhidhibbaa malee ummanni akka irreeffatan taasifamuun irreecha baranaa adda kan godhu ta'uu himuun, qaamolee ayyaanni irreechaa kun akka milkaa'uuf gahee isaanii bahatan galateeffataniiru.
#Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links