Tamsaasa Kallatti:

Tattaaffii mootummaan ida’amuu misooma Itoophiyaaf taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaati

Fulbaana 27/2019 (ENA): Mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isaa deeggaruuf tattaaffii taasisaa jiru dhaloonni cimsee deeggaruu akka qabu ogeeyyiin barnootaa himani.

Pireezdaanti Taayyee Atsqasillaasee mootummaan ida’amuu ifatti erga hundeeffamee booda hojiiwwan gurguddoo mootummaan raawwachuu qabu ilaalchisee haasaa taasisaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gama isaaniitiin haasaa bal’aa dhimmoota biyyaalessaa akkasumas haala naannoo fi ardiilee ilaallatu dubbataniiru.

Ogeeyyiin barnootaa gama kanaan ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, yaadonni Piresidantiin Biyyattii fi Ministirri Muummee kaasan, yeroo hojiirra oolan, biyyattiis ta’e dhalootaaf bu’aa olaanaa qaba jedhan.

Toomaas Dubbaalee, barsiisaa lammummaa fi naamusaa kan ta’an akka himanitti, Mootummaan ida’amuu misooma, badhaadhinaa fi dantaa biyyaalessaa biyyattii dagaagsuuf hojjachaa jiraachuu fi bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan haaraa ijaarame kun jalqabbii gaarii itti fufsiisuu, misoomaa fi guddina saffisiisuun badhaadhina biyyattiif hojjachuutu irraa eegama jedhaniiru.

Waggoottan shanan dhufan keessatti hojiiwwan misiraachuu Gubaa ministirri muummee  Doktar Abiyyi Ahimad labsanii fi hojiin isaanii waggoota shanan dhufan keessatti milkaa’inaan akka xumuramu ni eegama jedhaniiru.

Mootummaan biyyattii hoogganaa jiru kabajaa fi abbaa biyyummaa Itoophiyaa tiksuun galma misoomaa fi badhaadhina biyyattii galmaan gahuuf ciminaan hojjechuutu irraa eegama jedhaniiru.

Ogeeyyiin barnootaa biroo, Misiraaq Xilayee fi Wandasan Girmaa waggoota shanan dhufan keessatti mootummaa cinaa dhaabbannee misoomaa fi badhaadhina biyyattiif harka wal qabannee hojjechuun nurraa eegama jedhan.

Adeemsa dhaloota ijaaruu fi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti tattaaffiin mootummaan gochaa jiru kan galateeffatamuu fi Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof tokkummaan biyya hundaaf mijatu ijaaruu akka qaban ibsaniiru.

Tattaaffii mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isheef taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaa ta’uu ogeeyyiin kunneen ibsaniiru.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015