Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan.
Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera.
Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru.
Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru.
Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru.
Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru.
Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.