Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Tokkummaan ummataa woloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa kan itti mul’ate ayyaana guddaadha- Hirmaattota

Fulbaana 24/2019 (ENA): Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa tokkummaa, waloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa cimee itti mul’atedha jedhan hirmooattonni irreecha Hora Harsadee.

Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee sirna eebbootii Gadaan eegalamee yeroo ammaa haala ho’aan irreeffatamaa jira.

Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Ganna irraa gara Birraatti uumaan isa ceesiseef galata galfatudha.


 

Hirmaataa ayyaana kanaa kan ta’e Darajjee Fiqiruun yaada ENAf kenneen akka ibsetti, Ummanni ayyaanicha jaalalaa fi tokkummaan, uffata aadaa isaa uffachuun miidhagee kabajaa jira jedhe.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana namni hundi bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een waliin kabaju ta’uu ibsuun, ayyaanni kun tokkummaa fi walooma kan guddisu ta’uu ibsaniiru.


 

Hirmaataa ayyaanichaa kan ta’e Booranaa Abarraa gama isaatiin,ayyaanichi haala aadaa fi safuu isaa eeggateen kabajamaa jira jedhe.

Irreechi tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu waan ta’eef ayyaanichi hariiroo waliin jireenya hawaasaa kan cimsudha jedheera.

Irreechi ayyaana namni hundi Uumaa isaa galateeffatu tokkummaa fi waloomaan irratti hirmaatu waan ta’eef Itoophiyummaa cimsee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.


 

Hirmaattuu ayyaanichaa kan biraa Siifan Urgeessaa gama isheetiin, duudhaaleen aadaa ayyaanichaa kunuunfamee dhaloota dhufuuf akka darbu hunduu ga’ee isaa bahuu akka qabu dubbatteetti.

#Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa

#Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015