Tamsaasa Kallatti:

Dandeettiin ummataa fi dinagdee Itoophiyaa fi Naayijeeriyaa Afrikaa Caalaatti ni cimsa - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 27/2019 (ENA) Dandeettiin ummataa fi dinagdee Itoophiyaa fi Naayijeeriyaa Afrikaa caalaatti qabeenyaan cimsuuf kan dandeessisu ta’uu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itti Aanaa Pireezidaantii Naayijeeriyaa Seenaatar Kaashiim Sheettiimaa waliin har'a mari'ataniiru.

Mariin kun tumsa damee waliinii Itoophiyaa fi Naayijeeriyaan waloon hojjechuu danda'an irratti kan xiyyeeffate ta’uu Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa isaaniin ibsaniiru.


 

Itoophiyaa fi Naayijeeriyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tumsaa fi muuxannoo waliif qooduu irratti bal’inaan mari'achuu isaanii hubachiisaniiru.

Naayijeeriyaan milkaa'ina qabatamaa Waadaa Saqoxaa irratti argame hubachuudhaan muuxannoo Itoophiyaa irraa fudhachuuf daawannaa jila ishee waliin taasisteef galateeffataniiru.

Itti Aanaan Pirezidaantii Seenaatar Kaashim Sheettiimaa biyya isaaniitti fooyya'iinsa sirna nyaataa mirkaneessuuf kutannoo agarsiisan Afrikaaf fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru.

Itoophiyaa fi Naayijeeriyaan hariiroo tumsa tarsiimawaa kan qaban yoo ta’u, hariiroon ummataa fi dinagdee biyyoota lamaanii karaa qindaa'aatiin bobba'uun Afrikaa caalaatti cimsuuf dandeetti jiru akka mul'isu ibsaniiru.

Itoophiyaan Naayijeeriyaaf sirna tajaajila paaspoortii diploomaatikii fooyyessuu ishee, akkasumas raawwii viizaa malee imaluu lammiilee Naayijeeriyaa paaspoortii diploomaatikii fi tajaajilaa qabaniif hojii irra oolchuu ishee ibsaniiru.

Kunis walitti dhufeenya ummataa fi hariiroo diploomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuuf dandeettii kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Damee investimantii irrattis Alikoo Dangoteen misooma Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa gumaachaa jiran marii kana irratti ka'uu isaa eeraniiru.

Dabalataanis abbootii qabeenyaa Naayijeeriyaa biroon Itoophiyaatti dameelee adda addaa irratti investii gochuu danda'an ilaalchisee carraawwan jiran irratti mari'achuu isaanii Itti Aanaan ministira Muummee ibsaniiru.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015