Tamsaasa Kallatti:

Manni mare bakka bu’oota ummataa wixineewwan dhiyaatanirratti mari’achaa jira

Fulbaana 27/2019 (ENA) :Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Addaa 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeessaa jiruun wixineewwan dhiyaatanirratti mari’achaa jira.


 

Wixineewwan labsii moggaafama qaamolee raawwachiiftu, gurmaa’insaa, aangoo fi raawwii dhiyaaterratti mari’achaa jira.

Miseensi mana maree fi bakka bu’aan mootummaa obbo Fiqaaduu Tasammaa barbaachisummaa wixinee labsii kanaa irratti ibsa gabaabaa kennaniiru.


 

Ibsa kenname keessatti lakkoofsa qaamolee raawwachiiftuu 22 duraanii irratti garaagarummaan akka hin jirree fi lakkoofsi ministeerotaa 22 ta’ee akkuma jirutti akka turu ibsameera.

Haa ta’u malee, ministeeronni lama qofti maqaan isaanii jijjiiramuu fi ministeeronni lama akka haaraatti akka hundeeffaman ibsameera.

Ministeerota akka haaraatti hundeeffaman lamaan, kan duraanii "Ministeera Aadaa fi Ispoortii" maqaa haaraa "Ministeera Aadaa fi Tuurizimii" jedhamuun, kan duraanii "Ministeera Tuurizimii" maqaa haaraa "Ministeera Aadaa fi Tuurizimii" jedhamuun moggaafamuun isaa ibsameera.

Ministeera Pilaanii fi Misoomaa kan ture Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa, akkasuma Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii kan ture Ministeera Loojistiksii akka jedhaman wixinichaan dhiyaatera.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015