Tamsaasa Kallatti:

Dhaqqabamummaa Barnootaa babal’isuuf hojjetamaa jira

Fulbaana 27/2019 (ENA): Naannoo Oromiyaa dhaqqabamummaa Barnootaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun hooggantuu Biiroo Barnoota Oromiyaa aadde Habiibaa Mohaammad ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloonni barnoota qulqullina qabuu fi dhaqqabamaa ta'e akka argatuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti damee barnootaa cimsuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisan galmaa’aa jiraachuu Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu ibsan.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Manni Barumsaa Bu'uura Boruu afurii fi Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa tokko qarshii miliyoona 124 oliin Ijaarame bakka hoggantootni sadarkaa Naannoo, Magaalaa Shaggarii fi kutaa magaalichaa adda addaa argamaniitti eebbifameera.


Manneen barnoota Bu'uura Boruu har'a ijaaramuun eebbifaman Istaandaardii kan eeggateefi baadiyyaa kutaa Magaalichaa keessatti ijaaramuun wal-gitinsaa fi dhaqqabummaa barnootaa babal'isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kan agarsiisu ta'uu sirna eebbicha irratti himameera.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu sirna eebbaa manneen barnootaa kana irratti argamuun haasawaa taasisaniin, Mootummaan jijjiiramaa Barnoota, Saayinsii fi teknoloojii babal'isuun badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru.


Itti gaafatamaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun, hundeeffama magaalaa Shaggariin booda dhaabbilee barnoota 472 ammayyeessuu, manneen barnootaa Bu'uura Boruu 65 fi Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Saddeet calqabsiisuu dubbataniiru.


 

Bulchaan Kutaa Magaalaa Furii Dr.Halaakee Waaqoo kutaa Magaalichatti hirmaannaa ummataafi baajata mootummaa bu'uuraalee misoomaa garaagaraa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan xumursiisuun akka danda'ame himaniiru.

Madda- Shaggar City Communication Office

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015