Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate - ENA Afaan Oromoo
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte.
Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera.
Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati.
Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte.
Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti.
Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.