Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii moggaasa, Caasaa, Aangoo fi hojii raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf dhihaate sagalee guutuun raggaasise - ENA Afaan Oromoo
Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii moggaasa, Caasaa, Aangoo fi hojii raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf dhihaate sagalee guutuun raggaasise
Fulbaana27/2019 (ENA)፦ Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii Moggaasa, Caasaa, Aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa Federaalaa murteessuuf dhihaate sagalee guutuun raggaasiseera.
Manni marichaa walga'ii addaa 1ffaa bara hojii 1ffaa isaa har'a gaggeesseera.
Mana maree Bakka Bu'oota uummataat bakka bu’aan itti waamamaa mootummaa Obbo Fiqaduu Tasammaa gurmaa’insa mootummaa ifaa fi bu’aa qabeessa ta’e uumuudhaan manneen hojii ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamaniif gahee hojii ifatti adda baasee kaa'uu irratti shoorri wixinee labsii kanaa ol'aanaa ta'uu ibsaniiru.
Bakka bu'oonni mootummaa Dr. Fitsum Assaffaa fi Haannaa Arayyaasillaasee barbaachisummaa fi kaayyoo wixinee labsii kanaa ilaalchisee gabaasa mana marichaaf dhiheessaniiru.
Wixineen labsii kun hanqinoota waggoottan shanan darbanitti manneen hojii dhaabbilee raawwachiiftuu mootummaa keessatti mul'atan fooyyessuuf kan gargaaru ta'uu fi mirgoota namoomaa fi dimokiraasii mirKaneessuu, sadarkaa jireenya uummataa fooyyessuu fi tajaajila damee kanaa saffisiisuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.
Wixineen labsii kun qorannoon bal'aa irratti hundaa'eera, akkasumas manneen hojii ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'an waliin marii taasisuudhaan galtee ga'aa argachuun danda'amuu isaas hubachiisaniiru.
Wixineen labsii kun caasaa dhaabbilee ifatti kaa'uudhaan hooggantoonni qabeenya mootummaa fi uummataa sirnaan akka fayyadaman dandeettii guddaa kan uumu ta'uu ibsaniiru.
Miseensonni mana marichaa gamasaaniitiin; jijjiiramni dhaabbilee itti waamamaa tokko tokkoo amala hojii fi faayidaa isaanii xiyyeeffannoo keessa kan galche ta'uu akka qabu hubachiisaniiru.
Gurmaa’insa ariifachiisaa fi bu'a qabeessa uumuudhaan dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee dabaluu keessatti shoorri wixinee labsii kanaa guddaa ta'uu isaas ibsaniiru.
Manni marichaa walga'ii addaa gaggeesse kanaan; Wixinee labsii moggaasa, caasaa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa federaalaa murteessuuf dhihaate; Labsii Lakkoofsa 1440/2019 gochuudhaan sagalee guutuun raggaasisuu isaas odeeffannoon mana maricharraa argame mul’isa.