Tamsaasa Kallatti:

Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba

Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame.


 

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.


Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru.

Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame.


 

Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru.

Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015