Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera.
Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira.
Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera.
Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.