Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu - Obbo Abbaaduulaa Gammadaa

Fulbaana 27/2019 (ENA): Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu jedhan Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa duraanii obbo Abbaadulaa Gammadaa.

Itti dabaluudhaanis, Itoophiyaan buufata galaanaa mataashee qabdu turte kan dhabde shiraan murtee marii tokko malee namoota dhuunfaafi muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru.

Obbo Abbaaduulaa Gammadaan turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, diinonni seenaa Itoophiyaa jaarraa hedduuf Itoophiyaa buufata galaanaa irraa mulquuf shira xaxaa turuu isaanii dubbataniiru.

Diinonni seenaa Itoophiyaa kun lola kallattiin injifachuu akka hin dandeenye yommuu hubatan baandaa keessoo uumuun itti fayyadamu jedhan.

Kanaafis Masrii akka fakkeenyaatti kaasuun, hundeeffama Shaabiyaa fi TPLF duuba harki Masrii akka jiru ibsaniiru.

Humni diinonni seenaa nu keessaa uumaman dantaan sabaa Itoophiyaa akka taphaatti akka dabarfamuu godheera jedhan.

Keessattuu, Itoophiyaan buufata galaanaa ishee mulquuf murteen marii tokko malee namoota dhuunfaa muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru.

''Dhimma buufata galaanaa irratti murteen nuti murteessine kan waltajjii seeraa irratti mari'atamee fi irratti waliigalame hin jiru,'' jedhan.

Dhimmoonni kunneen mootummaa seera qabeessa ta’e osoo hin jiraatiin kan raawwataman ta’uu hubachiisuun, mootummaan ce’umsaa yeroo sanaa heerri mootummaa osoo hin raggaasifamiin dhimma kamirrattiyyuu murtii kennuuf aangoo akka hin qabnes ibsaniiru.

Haa ta'u malee kana cabsuun murteewwan namoota dhuunfaa muraasaan marii malee kan murteessan ta’uu ibsani.

Haala kana keessatti dantaa biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa kan ta’e buufata galaanaa dhabuun dogoggora seena qabeessa kan nama gaddisiisu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, mootummaan yeroo ammaa karaa nagaa fi karaa fayyadamummaa waloon buufata galaanaa kana mirkaneessuuf tattaaffiin gochaa jiru kan galateeffamu ta’uu ibsaniiru.

Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dhaabni kamuu dhaabuu hin dandeenye ta’uus dubbataniiru.

"Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irra adda baasuun hin danda’amu jechuun” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015