ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Qonna Kilaasteraa – Mul’ata falaasama Ida’amuu qabatamaan.
Aug 21, 2026 83
Mul’ata Ida’amuu Mootummaa keessaa tokko qonna kilaasteraan misoomsuudha. Misooma qonnaa ammayyeessuu, oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf humna namaa, lafa, galtee qonnaa, beekumsa, teeknooloojii fi gabaa karaa qindaa’een fayyadamuun murteessaadha. Kana ilaalchisee, qonni kilaasteraa sirna hojii mul’ata Ida’amuu hojiirra oolchuuf gargaarudha. Qonnaan bultoonni waliin gurmaa’uun, maashinoota qonnaa fi galteewwan biroo waliin fayyadamuudhaan oomisha saffisaa fi qulqullina qabu akka oomishan isaan gargaara. Maashinoota qonnaa bal’inaan fayyadamuun yeroo fi humna namaa qusata. Kanaanis namoonni muraasni deeggarsa maashinaa fayyadamuudhaan yeroo gabaabaa keessatti hojii bal’aa hojjechuu danda’u. Kunis oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf gumaacha olaanaa qaba. Qonni kilaasteraa maashinarootaan deeggaramee yoo hojiirra oole, hojii qonnaa sirna aadaa irraa gara sirna ammayyaa, qindaa’aa fi teeknooloojiin deeggarameetti jijjiiruuf carraa uuma. Kanaaf, mul’ati Ida’amuu lafa qonnaan bulaa irratti hojiidhaan yoo mul’ate, oomishtummaa olaanaa, galii fooyya’aa fi qonna ammayyaa ijaaruuf bu’uura cimaa ta’a. Kanaanis, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti lafti boqqolloo kilaasteraan misoome, mul’atni falaasama ida’amuu hojii irra oolaa jiraachuu isaa ifatti kan agarsiisu ta’uu Ministeerri Qonnaa ibseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Murteewwan adda addaa dabarse
Aug 21, 2026 133
Hagayya 15/2018 (ENA): Kabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii har'a gaggeesseen ajandaawwan dhiyaatan irratti mari'achuun murteewwan dabarsee jira. Kabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walgahii idilee 1ffaa bara 6ffaa har'a gaggeesseera. Bu’uuruma kanaan : 1. Buusii Fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fooyyessuuf dhiyaate irratti mari'achuun akka hojiirra oolu raggaasiseera. 2. Pirojektoota Faayidaa biyyaalessaa qabaniif (Hoteela, Mooolii fi Appaartimentii, industirii, arjooma, dhaabbilee mootummaa fi dhaabbilee wal’aansaa ) dhiyaate irratti mari'achuun akka raawwatamu raggaasiseera. 3. Daandiiwwan koriidaraan gar-tokkoon misoomanii, gar-tokkoon osoo hin misoomin kan turan dhiyaatan haala guutuu ta'een akka misoomaniif wixinee dhiyaate irratti mari'achuun akka hojiirra oolu raggaasiseera.
Aadaan Walgargaarsaa Oromoo Buusaa Gonofaan rakkoolee hedduuf furmaata ta'e Jaarraa hedduu lakkoofsise akkamiin jalqabee dhalootattis darbaa jiru.
Aug 21, 2026 134
Qunceen walgargaartee Arba hiiti jedha Oromoon gaafa wal bira dhaabbachuun,waliin ta’uun humna namaaf ta’uu ibsu. Ummanni Oromoo waggoota kumaatama dura hojiirra oolchuun aadaa wal gargaarsaa mataa isaa uummatee hawaasa isaaf gaachana ta’aa tureera ammas ta’aa jira. Kan nama ajaa’ibu ummanni qaroon karaa hundaan qaroome lammiin isaa harka namaa ilaaluu hin qabu jedhee aadaa mataa ofii kalaqee ittiin walcinaa dhaabbachaa tureera. Aadaan wal deeggarsaa kuni iddoo adda addaatti maqaa adda addaa haa qabaatuyyuu malee galmi isaa tokkodha;kunis waliif dhaabbachuudha. Aadaa walgargaarsaa ummanni Oromoo qabu keessaa fakkeenyaaf yoo ilaalle,Buusaa Gonofaa,Daboo/Guuza,Hirphaa,waldaalee hawaasummaa(Afoosha,Uqqubii), isaan kunniin hawaasa utubuuf bu’aa olaanaa qabu. Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa balaa uumamaa ykn namaan dhufuun balaa dinagdee fi hawaasummaaf kan saaxilaman deeggaruuf safuu fi seera Gadaa irratti hundaa'ee kan hojjetudha. Jaarraa hedduuf ummanni Oromoo ittiin walgargaaraa balaa uumamaas ta’e namtolchee irra oonu turedha. Aadaan walgargaarsaa kuni jaarraa hedduu lakkoofsise itti fufinsa akka qabaatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsiidhaan akka deeggaramu taasisee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Haaluma kanaan Caffeen Oromiyaatiin tajaajila lammummaa raggaasisuuf Labsii Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 219/2011 ta’ee akka ragga’u mirkaneesseera. Labsiin kun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan tumame yoo ta'u, aadaa wal-gargaarsaa fi duudhaa sirna Gadaa irratti hundaa'uun lammiileen yeroo, humna, ogummaa fi qabeenya isaaniitiin kaffaltii tokko malee lammii isaanii akka tajaajilan seeraan deeggaruun diriirsuuf kan baheedha. Akka aadaa Oromootti jechi Buusaa Gonofaa jedhu jechoota lama irraa akka madde seenaan ragaa baha. Kanaaf barreeffama keenyaan dhimma kana ilaalla. Hiika Buusaa Gonofaa Buusaa: Walitti qabuu, walitti fiduu ykn buusii qabeenyaa (fakkeenyaaf loon, midhaan, ykn meeshaalee adda addaa) gumaachuu agarsiisa. kunis ummanni Oromoo nama rakkate tokkoof akka namni suni harka namaa hin ilaalleef waan qaban irraa hawaasni walitti buusee isa rakkate,isa gargaarsa barbaaduuf walitti qabuudha. Kunis sirna Gadaa keessatti namni tokko lammii isaa deeggaruuf dirqama akka qabu agarsiisa. Gonofaa: Qabeenya walitti qabame sana nama rakkateef ykn miidhameef kennuudha. Gonofaa jechuun Gonfuu jechuudha. Isa deegarsa meeshaas haa ta’u qabeenya adda addaa sana walitti qabame nama rakkoon irra gaheef gonfuun deebizatanii dhaabuu fi gargaarsa kennuu agarsiisa. Haala kanaan jechoonni lamaan kunniin walitti dhufanii Buusaa Gonofaa kan jedhu uumani. Kaayyoon isaa nama sana hiyyummaa fi kadhaa irraa ittisee hawaasa keessatti qabiyyee dinagdee isaa deebisee akka ciinsu gochuudha. Namni gargaarsichi kennameef sun maatii isaa deebisee akka ijaaruu fi gara fuulduraatti hawaasaaf buusaa gumaachuu kan danda'u ta'a. Sirni Buusaa Gonofaa namni balaan irra ga'e akka harka namaa hin ilaalleefi ofiillee deebi’ee akka nama rakkate biroo gargaaru taasisa.Namni suni kabaja isaa akka eeggatu godha. Walitti dhufeenyaa fi tokoommaa gosaa fi hawaasaa caalaatti camsa. Akkasumas Wabii dinagdee uumamaa ta'ee tajaajila. Mootummaan Naannoo Oromiyaas aadaa wal-gargaarsa Oromoo Buusaa Gonofaa kana gara hojii mootummaa fi hawaasummaatti fiduudhaan, Tajaajila Lammummaa gurmaa'aa ta'e diriirsee hojiirra oolchaa jiruun ummanni fayyadamaa jira. Duulaa fi sochii Tajaajila Lammummaa kanaan hawaasa keessatti tajaajiloota fi gargaarsa garagaraa kennamaa jiran keessaa kanneen gurguddoon akka akka armaan gadiitti dhiyaataniiru: 1. Ijaarsaa fi Haaroomsawwan Mana Jireenyaa Lammiilee Harka Qalleeyyii Manguddoota, harkaqalleeyyii fi kanneen humna hin qabneef manneen jireenyaa haaraa ijaaruu fi haaromsuu Bultoo amansiisaa uumuun namoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsa qabatamaa dhiyeessuu. 2. Sagantaa Nyaataa Barattootaa fi Deeggarsaa Barattoota maatii harka qal'eeyyii irraa dhufaniif meeshaalee barnootaa (barruulee, uffata, fi k.k.f.) dhiyeessuu. Manneen barnootaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa diriirsuun, barattoonni beelaan akka barnoota addaan hin kunneef deeggaruu. 3. Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Deeggarsa Fayyaa Maatiiwwan harka qalleeyyii ta'aniif kaffaltii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kaffaluudhaan tajaajila yaalaa bilisaan akka argatan gochuu. Arjooma dhiigaa, qulqullina naannoo fi gargaarsa yaalaa adda addaa gaggeessuu. 4. Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa Naannoof Tajaajila Lammummaan Daagaawwanii fi ittisa lolaa ijaaruu, naannoo qulqulleessuu fi biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu Misooma sululaa fi eegumsa biyyoo fi bishaanii irratti hawaasa hirmaachisuu. 5. Hawaasummaa fi Dinagdee Salphaatti Deebisanii Dhaabuu Namoota sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen qe'ee isaaniitii buqqa'an deebisanii dhaabuu fi gargaarsa nyaataa fi meeshaa arfachiisaa dhiyeessuu. Haadholii fi shamarran leenjii unka adda addaa fi meeshaalee hojii uumuu danda'an mijeessuun lammiilee fayyadamoo taasisuu. Omisha Qamadiin hirkattummaa dhabamsiisuun garagaarsa barbaachisuuf oolchuu 6. Hirmaannaa Hawaasaa fi Gurmaa'ina Seeraa Uumuu Sochii tajaajila lammummaa duraan haala utuu hin gurmaa'iniin adeemsifamaa ture unka seeraa, iftoominaa fi akkasumas itti-gaafatamummaa qabuun diriirsuu dha. Dhaloota haaraa fi dargaggoota fedhii isaaniitiin gumaacha hawaasummaa fi misooma biyyaa keessatti akka hirmaatan karaa banu uumuudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a jalqaba
Aug 21, 2026 81
Hagayya 15/2018(ENA) : Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a eegalama. Tapha har’a eegalamu Arsenaalii fi Kovantarii Siitii ni eegalama jedhamee eegama. Taphni baniinsaa Piriimiyerii Liigii Ingilaandi bara dorgommii 2026/27 har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Arsenaaii fi Kovantarii Siitiin dirree Emireetsitti waliin ni taphatu. Shaampiyoonaan Piriimiyerii Liigii barana dhiheenya kana waggaa 22 dhabee deebise Arsenaal, dorgommiiwwan Gannawwan afran darban keessatti tapha jalqabaa hunda moo'achuun jalqabe. Keessattuu, warri Arsenaal dirree isaanii irratti kilaboota haaraa Liigichatti makaman waliin taphatan 45 keessatti morkii tokkollee moo'atamuu dhabuun isaanii injifannoo har'aatiif onnee guddaa isaanitti horeera. Leenjisaa Mikeel Arteettaan har'a kilabni isaanii yoo injifate, leenjistoota seenaa ‘EPL’ keessaaa taphoota 249 irratti injifannoo 150 galmeessan kan akka Peeppi Gaardiyoolaa, Joosee Morinihoo, Yargan Kiloppii fi Sar Aleeksi Farguusaniitti aanuun leenjisaa 5ffaa ta’uun seenaa hojjeta. Gama biraatiin, Kovantarii Siitiin waggoota 25 booda gara Liigichaatti deebi'eera. Tapha har'aatiin Arsenaal ittistoota isaanii murteessoo Wiiliyaam Saaliibaa fi Yuuriyeen Tiimbar miidhaatiin kan hin hiriirsine yoo ta'u, Kovantarii Siitiin gama isaatiin Haajii Raayiit miidhaadhaan taphaa ala ta'eera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa ijaarame tajaajilaaf banaa ta’e
Aug 21, 2026 92
Hagayya 15/2018 (ENA): Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa qarshii miiliyoona 5tuqaa 2n ijaarame bakka qaamoleen mootummaa sadarkaa Naannoo, godinaa fi magaalichaa argamaniitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifameera. Hogganaa ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Galatoo Tukee Mootummaan naannichaa dhaloota saayinsii fi tekinoolojiin dorgomaa ta'an horachuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himan. Saganticharratti kan argaman bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjii Mootummaan fayyadamummaa ummataa milkeessuuf imaammataafi tarsiimoo garagaraa hojirra oolchuun hojjachaa jiraachuu eeruun, keessumattuu cabinsa barnootaa ture furuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Arsii Lixaa Obbo Hullee Saaddoo godinichatti waliingahiinsa barnootaa milkeessuun qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuu keessatti qooda fudhannaan dhaabbilee dhuunfaas jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru. Kantiibaa Magaalichaa Obbo Burqaa Gashuraa dhaabbatichi hojii baruufi barsiisuu milkeessuuf qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf daree dabalataa magaalichaaf ijaaruutti dhaabbaticha galateeffataniiru. Hojiigaggeessituun dhaabbatichaa Aadde Taliilee Yoosef dhaabbatichi bakka harki mootummaa hin dhaqqabnetti manneen barnootaa babal'isuu dabalatee barattoota shamarraniif deeggarsa garagaraa taasisaa jiraachuu himaniiru. Gara fuuldurattis hojiilee fayyadamummaa ummataaf oolan ittifuufiinsaan kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Siyaasa

Mariin biyyaalessaa Miidhaa fi Haaloowwan turan kan itti cufamudha
Aug 21, 2026 127
Hagayya 15/2018 (ENA) – Mariin biyyaaleessaa boqonnaa haaloowwanii fi Seenaawwan miidhaa saboota gidduu turan mariidhaan kan itti furmaata argatan ta'uu Abbaan Gadaa Meelbaa Rattaa Ya'ii ibsan . Abbaa Gadaa Meelbaa Rattaa Ya'ii akka ibsanitti; mariin biyyaaleessaa madaa seenaa turan sirreessuun furmaata waldhabdee fi haalowwan turanii ta’a jechuun dubbataniiru. Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin labsamee dhaabbatee gara hojiitti kan gale dhimmoota bu'uuraa fi biyyaaleessaa irratti waliigaltee uumuuf ta'uun ni yaadatama. Komishinichi garaagarummaa siyaasaa fi yaadaa hawaasaa gidduu jiru mariidhaan furuun nagaa waaraaf bu'uura kaa'uuf marii gadi fageenyaa hunda haammataa ta'e gaggeessaa tureera. Mariin biyyaaleessaa boqonnaa guddinaa fi tokkummaa biyyaaleessaa fuulduraa irratti xiyyeeffachuun waliigaltee kan uumuudha. Adeemsa ajandaa funaanuu irraa jalqabee adeemsa sana keessatti hirmaachaa akka turan kan eeran Abbaan Gadaa kun , adeemsichi ifa, sababaa fi haqaan kan guutame ta'uu ibsaniiru. Bakka bu'oonni uummata bakka bu'uun yaa’ii sana irratti hirmaachaa jiran wal-dhabdee siyaasaa fi garaagarummaa yaadaa turaniif furmaata waaraa qabatanii akka ba'an abdii guddaa qabaachuu isaanii dubbataniiru. Adeemsichi rakkoolee qunnamaniif furmaata waaraa wal-amantaa hunda ta'e kan fidu ta'uu isaas amantaa guutuu qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hundeessuuf waliigalan
Aug 21, 2026 96
Hagayya 15 /2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hunda galeessa hundeessuuf waliigalaniiru. Gareen jilaa Itiyoophiyaa hoggantoota loltummaa olaanoo Ministeera ittisa biyyaatti daarektara olaanaa hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuun durfamu Hagayya 13 amma 14 /2018 Ameerikaa daawwachuudhaan gitasaanii fi hoggantoota olaanoo ministeera waraanaa Ameerikaa waliin Peentaagoonitti marii waloo gamlamee taasisaniiru. Akka Kanaan Peentaagoonitti gargaaraa itti aanaan ministeera ittisaa dhimmoota Afriikaa Birayan J. Eliis waliin marii waloo gaggeeffameen tumsa loltummaa fi dippilomaasii biyyoota lamaanii gara boqonnaa haaraa fi olaanaatti ceesisuuf walii galaniiru. Hoggantoonni dhaabbilee ittisaa biyyoota lamaanii tumsa dhaabbilee bal’isuu fi qindoomina tarsiimawaa caalatti cimsuuf walii galaniiru. Tumsi tarsiimawaa kun utubaalee ijoo faayidaa biyyaalessaa fulla’aa fi fayyadama waloo mirkaneessuu, wal amantaa waloo cimsuudhaan tumsa fulla’aa hundeessuu fi gaanfa Afriikaa fi riijinii bal’aa keessatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa buusuuf tattaaffii waloo guddisuuf kaayyeeffataniin kan qajeelfamudha. Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu fi itti aanaan gargaaraa ministiraa Birayan J. Eliis hammattoowwan irra gahaman hatattamaan hojiitti galchuu fi hariiroo ittisaa gam lame gara tumsa tarsiimawaa fooyya’aatti guddisuuf kutannoo waloo qaban mirkaneessaniiru. Kana malees gareen jilaa kun turtiisaatiin hoggantoota dhaabbilee ittisaa Ameerikaa biroo waliin marii bal’aa fi daawwannaa taasisuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Guddummaa Itoophiyaa kan agarsiisu dha - Hirmaattota
Aug 20, 2026 371
Hagayya 14/2018 (ENA): Yaa’iin Marii biyyaalessaa guddummaa Itoophiyaa kan agarsiisu dha jechuun hirmaattonni yaa’ichaa ibsan. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itoophiyaa walii galaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Giddu-gala Konvenshiinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara marsaa xumuraatti dhihaachaa jira. Hirmaattonni yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, adeemsi marii biyyaalessaa sagaleen hirmaattota hundaa kan itti dhaga'ame akka ta’uuf Itoophiyaan rakkoolee ishee ofumaan kan itti furachaa jirtu waltajjii guddaa dha jedhaniiru. Hirmaattota keessaa dargaggoo Taarreqenyi Balaachoo yaa’iin marichaa Itoophiyaan biyya guddoo ta'uu ishee kan agarsiisu dha jedheera. Waltajjichas kutaa hawaasaa hunda irraa walitti dhufanii Itoophiyaanota waliigalteee waloof tokkummaan kan walitti qabaman ta'uu isaa ibseera. Adeemsi marichaa kunis biyyoota Afrikaatiif muuxannoon kan irraa fudhatan ta'uu isaa dubbateera. Hirmaattuu biraan sharree Gannat Mallasaa adeemsi marichaa hunda-haammataa waan ta'eef akka biyyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuun nagaa waaraa kan mirkaneessu ta'uu isaa abdii qabdu ibsiteetti. Hirmaattuu kan biraan Madaanit Mitikkuu akka ibsitetti marichi seenaa qabeessaa fi kan jalqabaa ta'e kun walitti bu'iinsa maridhaan furuu akka qabnu kan nu hubachiisu dha jetteetti.
Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera-Mari’attoota
Aug 20, 2026 227
Hagayya 14/2018 (ENA)- Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa kan banedha jechuun ibsan Mari’attoonni. Yaa’iin marii biyyaalessaa olaanaan Adoolessa 18 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu konvenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara boqonnaa xumuraatti dhihaachaa jira. Mariin kun nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’ura guddaa kan kaa’u ta’uu mari’attoonni ENA’f ibsaniiru. Marichi garaa garummaa keessatti walii galtee waloo uumuu fi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa banuusaa beeksisaniiru. Maricharratti kan hirmaatan Kaappiteen Salamoon Gizawu akka ibsanitti, mariin kun nageenyaa fi guddina egeree biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Kun ammo Itiyoophiyaa fooyyofte dhaloota boruuf dabarsuuf carraa guddaa ta’uu beeksisaniiru. Adde Salaam Waaqoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkoo jiru mariidhaan furuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Yaanni hirmaattotaa garaagarummaa tokko malee marichaarratti walqixxummaan kan itti dhagahame, wal kabajaa fi waliigalteen kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru. Mariin kun Itiyoophiyaanonni kallattii biyyattii hundaa fi biyya alaarraa walitti dhufan gaaddisa tokko jalatti walitti qabamanii biyyasaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf kan mari’atan waltajjii seena qabeessa ta’uu kan ibsan ammoo Shaalaqaa Baashaa Tarrafaa Walaaniiti. Muuxannoon gaariin wal dhaggeeffachuu fi mari’achuu maricharratti argame dhalootarraa dhalootatti cehaa aadaa siyaasaa fihawaasummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Poolisiin Federaalaa Yaaddoo Nageenyaa Gahumsaa Ol’aanaadhaan Fashaleessuuf Qophiidha – Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el
Aug 20, 2026 238
Hagayya 13/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yaaddoo nageenyaa gahumsaa ol’aanaadhaan fashaleessuun nageenya biyyaa mirkaneessuuf qophii ta’uu isaa Ajajaa Olaanaan Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Hoggantoonni tarsiimawaa Poolisii Federaalaa fi qondaaltonni poolisii olaanoon karoora nageenyaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa irratti mari’ataniiru. Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el yeroo kanatti akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii xiinsammuu miseensootaa ijaaruun,qophii yeroo hundaa cimsachuu fi dandeettii raawwachiisummaa daran guddisuun itti gaafatamummaa sirna heera mootummaa eeguu sadarkaa olaanaadhaan bahachaa jira. Itoophiyaan dameewwan hundaan yeroo guddina galmeessaa jirtuutti, nageenyaa fi guddina ishee kan hin feene qaamolee yaaddoo nageenyaa uuman aarsaa kamiyyuu kafaluun fashaleessuuf qophiidha jedhaniiru. Waltajicha irratti ijaarsa xiinsammuu fi ilaalchaa miseensoota poolisii fi qophii yeroo hundaa ilaalchisee waraqaan marii dhiyaatee irratti mari’atamuun isaa odeeffannoo Poolisii Federaalaa irraa argame ni agarsiisa.
Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
Aug 19, 2026 332
Hagayya 13/2018 (ENA): Marii biyyaaleessaa kana irraa furmaata waldhabdee Siyaasaatiif ta'an ni arganna amantaa jedhu akka qaban Abbootiin Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa dubbataniiru. Adoolessa 08 bara 2018 irraa jalqabee yaa’iin marii biyyaaleessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Jiraattota Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Abbootii Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa akka jedhanitti, hirmaachisummaan yaa’ii marii biyyaaleessaa kanaan mul'ate waldhabdee Siyaasaatiif furmaata waaraa fi yaada furmaataa ni fida amantaa jedhu akka qaban ibsaniiru. Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokuutti Abbaa Gadaa Tashoomaa Simaa akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun injifannoo seenaa qabeessa biyyattiin baroota keessatti argatteedha jedhaniiru. Hirmaattonni mariichaa ummata bakka bu'uun Itoophiyaaf furmaata caalu kaa'uuf mari'achaa akka jiran ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa haaloowwanii fi mufannaawwan uummataa darban dhiisuudhaan ijaarsa nagaa waaraatiif bu'uura guddaa akka kaa'u abdii akka qaban dubbataniiru. Mootummaanis ta'e paartileen Siyaasaa yaada furmaataa yaa’ii marii kana irraa dhihaatu kabajuu fi gara hojiitti jijjiiruu irratti tumsuu akka qaban ibsaniiru. Biyyi keenyaa fi ummanni keenya carraa kana argachuu isaaniitti gammadoo ta'uu kan ibsan Abbaa Gadaan kun, yaa’ii marii kana irraa bu'aa guddaa akka eeggatanis dabaluudhaan dubbataniiru. Magaalaa Adaamaatti miseensi Mana Maree Dhimma Islaamummaa Sheek Abdulqaadir Ahimed akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun mufannawwan bara dheeraa ture karaa guutuu ta'een ni fura abdii jedhu qabu. Keessattuu waldhabdee siyaasaa biyyattii keessa turan furuuf furmaatni tokkichi marii qofa ta'uu ibsaniiru. Mariichaan furmaata gaariin ni dhufa abdii jedhu akka qaban kan dubbatan Sheek Abdulqaadir, raawwii isaatiifis gahee isaan irraa eeggamu akka bahatan dubbataniiru. Hayyoonni, paartileen siyaasaa , hidhattonni duraanii, bakka bu'oonni amantaa, Hoggantoonni Hawaasaa, Dubaroonni, Qaama Miidhamtoonni, Qaamoleen Nageenyaa dabalataanis Itoophiyaanonni ala jiraatan yaa’ii irratti hirmaatan ta'uu isaatiin gammaduu isaanii ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa ajandaa walitti qabuu irraa jalqabee hunda kan hammatee fi hirmaachisaa akka ture kan ibsan Sheek Abdulqaadir, adeemsi kun biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida kan jedhu amantaa guutuu akka qaban dubbataniiru
Hojiin yaadaa fi ajandaa walitti qindeessuun sanada tokkootti fiduu hojjetameera - Komishinii Marii Biyyaalessaa
Aug 19, 2026 289
Hagayya 13/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, yaada furmaataa fi ajandaa gareewwan saddeet keessatti walitti qabaman gara sanada tokkootti walitti qindeessuun xumuramuusaa beeksise. Itti-Aantuun Komishinaara Komishinichaa, Komishinaar Hiruut Gabrasillaasee, ibsa kennaniin, hirmaattonni 120 gareewwan saddeet irraa walitti dhufan, hojichi of-eeggannoofi xiyyeeffannoo guddaa waan gaafatuuf, guyyoota darban keessatti hojjechaa turuu ibsaniiru. Sanadichi erga qophaa’ee booda gareewwan hundaaf dhiyaatee, gareewwanis sanada irratti yaada dabalataa fi galtee kennanii turuu himaniiru. Komishinarittin gareen qindeessaa galteewwan xumuraa kenname hunda sanada keessatti hammachiisuun, har’a guutummaatti akka xumuru ibsaniiru. Sanadichi erga galteewwan dabalataa hammachiisee xumuramee booda, boru hirmaattota marichaa kuma Afuriif akka dhiyaatuus beeksisaniiru. Komishinaar Hiruut Gabrasillaaseen, adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa murteessaa fi boqonnaa gaariirra ga’uusaa ibsaniiru. Dabalataanis uummanni odeeffannoo hin mirkanoofneefi dhugaarraa fagaate dhaggeeffachuu irraa of qusachuun, miidiyaalee dhugaa bu'uureffachuun gabaasaa fi ibsa Komishinii Marii Biyyaalessaan kennamu qofa hordofuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru

Hawaasummaa
Aadaan Walgargaarsaa Oromoo Buusaa Gonofaan rakkoolee hedduuf furmaata ta'e Jaarraa hedduu lakkoofsise akkamiin jalqabee dhalootattis darbaa jiru.
Aug 21, 2026 134
Qunceen walgargaartee Arba hiiti jedha Oromoon gaafa wal bira dhaabbachuun,waliin ta’uun humna namaaf ta’uu ibsu. Ummanni Oromoo waggoota kumaatama dura hojiirra oolchuun aadaa wal gargaarsaa mataa isaa uummatee hawaasa isaaf gaachana ta’aa tureera ammas ta’aa jira. Kan nama ajaa’ibu ummanni qaroon karaa hundaan qaroome lammiin isaa harka namaa ilaaluu hin qabu jedhee aadaa mataa ofii kalaqee ittiin walcinaa dhaabbachaa tureera. Aadaan wal deeggarsaa kuni iddoo adda addaatti maqaa adda addaa haa qabaatuyyuu malee galmi isaa tokkodha;kunis waliif dhaabbachuudha. Aadaa walgargaarsaa ummanni Oromoo qabu keessaa fakkeenyaaf yoo ilaalle,Buusaa Gonofaa,Daboo/Guuza,Hirphaa,waldaalee hawaasummaa(Afoosha,Uqqubii), isaan kunniin hawaasa utubuuf bu’aa olaanaa qabu. Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa balaa uumamaa ykn namaan dhufuun balaa dinagdee fi hawaasummaaf kan saaxilaman deeggaruuf safuu fi seera Gadaa irratti hundaa'ee kan hojjetudha. Jaarraa hedduuf ummanni Oromoo ittiin walgargaaraa balaa uumamaas ta’e namtolchee irra oonu turedha. Aadaan walgargaarsaa kuni jaarraa hedduu lakkoofsise itti fufinsa akka qabaatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsiidhaan akka deeggaramu taasisee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Haaluma kanaan Caffeen Oromiyaatiin tajaajila lammummaa raggaasisuuf Labsii Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 219/2011 ta’ee akka ragga’u mirkaneesseera. Labsiin kun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan tumame yoo ta'u, aadaa wal-gargaarsaa fi duudhaa sirna Gadaa irratti hundaa'uun lammiileen yeroo, humna, ogummaa fi qabeenya isaaniitiin kaffaltii tokko malee lammii isaanii akka tajaajilan seeraan deeggaruun diriirsuuf kan baheedha. Akka aadaa Oromootti jechi Buusaa Gonofaa jedhu jechoota lama irraa akka madde seenaan ragaa baha. Kanaaf barreeffama keenyaan dhimma kana ilaalla. Hiika Buusaa Gonofaa Buusaa: Walitti qabuu, walitti fiduu ykn buusii qabeenyaa (fakkeenyaaf loon, midhaan, ykn meeshaalee adda addaa) gumaachuu agarsiisa. kunis ummanni Oromoo nama rakkate tokkoof akka namni suni harka namaa hin ilaalleef waan qaban irraa hawaasni walitti buusee isa rakkate,isa gargaarsa barbaaduuf walitti qabuudha. Kunis sirna Gadaa keessatti namni tokko lammii isaa deeggaruuf dirqama akka qabu agarsiisa. Gonofaa: Qabeenya walitti qabame sana nama rakkateef ykn miidhameef kennuudha. Gonofaa jechuun Gonfuu jechuudha. Isa deegarsa meeshaas haa ta’u qabeenya adda addaa sana walitti qabame nama rakkoon irra gaheef gonfuun deebizatanii dhaabuu fi gargaarsa kennuu agarsiisa. Haala kanaan jechoonni lamaan kunniin walitti dhufanii Buusaa Gonofaa kan jedhu uumani. Kaayyoon isaa nama sana hiyyummaa fi kadhaa irraa ittisee hawaasa keessatti qabiyyee dinagdee isaa deebisee akka ciinsu gochuudha. Namni gargaarsichi kennameef sun maatii isaa deebisee akka ijaaruu fi gara fuulduraatti hawaasaaf buusaa gumaachuu kan danda'u ta'a. Sirni Buusaa Gonofaa namni balaan irra ga'e akka harka namaa hin ilaalleefi ofiillee deebi’ee akka nama rakkate biroo gargaaru taasisa.Namni suni kabaja isaa akka eeggatu godha. Walitti dhufeenyaa fi tokoommaa gosaa fi hawaasaa caalaatti camsa. Akkasumas Wabii dinagdee uumamaa ta'ee tajaajila. Mootummaan Naannoo Oromiyaas aadaa wal-gargaarsa Oromoo Buusaa Gonofaa kana gara hojii mootummaa fi hawaasummaatti fiduudhaan, Tajaajila Lammummaa gurmaa'aa ta'e diriirsee hojiirra oolchaa jiruun ummanni fayyadamaa jira. Duulaa fi sochii Tajaajila Lammummaa kanaan hawaasa keessatti tajaajiloota fi gargaarsa garagaraa kennamaa jiran keessaa kanneen gurguddoon akka akka armaan gadiitti dhiyaataniiru: 1. Ijaarsaa fi Haaroomsawwan Mana Jireenyaa Lammiilee Harka Qalleeyyii Manguddoota, harkaqalleeyyii fi kanneen humna hin qabneef manneen jireenyaa haaraa ijaaruu fi haaromsuu Bultoo amansiisaa uumuun namoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsa qabatamaa dhiyeessuu. 2. Sagantaa Nyaataa Barattootaa fi Deeggarsaa Barattoota maatii harka qal'eeyyii irraa dhufaniif meeshaalee barnootaa (barruulee, uffata, fi k.k.f.) dhiyeessuu. Manneen barnootaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa diriirsuun, barattoonni beelaan akka barnoota addaan hin kunneef deeggaruu. 3. Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Deeggarsa Fayyaa Maatiiwwan harka qalleeyyii ta'aniif kaffaltii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kaffaluudhaan tajaajila yaalaa bilisaan akka argatan gochuu. Arjooma dhiigaa, qulqullina naannoo fi gargaarsa yaalaa adda addaa gaggeessuu. 4. Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa Naannoof Tajaajila Lammummaan Daagaawwanii fi ittisa lolaa ijaaruu, naannoo qulqulleessuu fi biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu Misooma sululaa fi eegumsa biyyoo fi bishaanii irratti hawaasa hirmaachisuu. 5. Hawaasummaa fi Dinagdee Salphaatti Deebisanii Dhaabuu Namoota sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen qe'ee isaaniitii buqqa'an deebisanii dhaabuu fi gargaarsa nyaataa fi meeshaa arfachiisaa dhiyeessuu. Haadholii fi shamarran leenjii unka adda addaa fi meeshaalee hojii uumuu danda'an mijeessuun lammiilee fayyadamoo taasisuu. Omisha Qamadiin hirkattummaa dhabamsiisuun garagaarsa barbaachisuuf oolchuu 6. Hirmaannaa Hawaasaa fi Gurmaa'ina Seeraa Uumuu Sochii tajaajila lammummaa duraan haala utuu hin gurmaa'iniin adeemsifamaa ture unka seeraa, iftoominaa fi akkasumas itti-gaafatamummaa qabuun diriirsuu dha. Dhaloota haaraa fi dargaggoota fedhii isaaniitiin gumaacha hawaasummaa fi misooma biyyaa keessatti akka hirmaatan karaa banu uumuudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa ijaarame tajaajilaaf banaa ta’e
Aug 21, 2026 92
Hagayya 15/2018 (ENA): Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa qarshii miiliyoona 5tuqaa 2n ijaarame bakka qaamoleen mootummaa sadarkaa Naannoo, godinaa fi magaalichaa argamaniitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifameera. Hogganaa ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Galatoo Tukee Mootummaan naannichaa dhaloota saayinsii fi tekinoolojiin dorgomaa ta'an horachuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himan. Saganticharratti kan argaman bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjii Mootummaan fayyadamummaa ummataa milkeessuuf imaammataafi tarsiimoo garagaraa hojirra oolchuun hojjachaa jiraachuu eeruun, keessumattuu cabinsa barnootaa ture furuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Arsii Lixaa Obbo Hullee Saaddoo godinichatti waliingahiinsa barnootaa milkeessuun qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuu keessatti qooda fudhannaan dhaabbilee dhuunfaas jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru. Kantiibaa Magaalichaa Obbo Burqaa Gashuraa dhaabbatichi hojii baruufi barsiisuu milkeessuuf qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf daree dabalataa magaalichaaf ijaaruutti dhaabbaticha galateeffataniiru. Hojiigaggeessituun dhaabbatichaa Aadde Taliilee Yoosef dhaabbatichi bakka harki mootummaa hin dhaqqabnetti manneen barnootaa babal'isuu dabalatee barattoota shamarraniif deeggarsa garagaraa taasisaa jiraachuu himaniiru. Gara fuuldurattis hojiilee fayyadamummaa ummataaf oolan ittifuufiinsaan kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuuti
Aug 21, 2026 73
Hagayya 15/2018 (ENA)- Tajaajilli tola ooltummaa gannaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuu ta’uusaa hogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan. Paartiin badhaadhinaa naannoo Hararii raawwii tajaajila tola ooltummaa gannaa fi inisheetiivotaa qorateera. Hogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa akka ibsanitti, hojiin tola ooltummaa gannaa hojjetamaa jiru lammiilee fayyadamoo taasisuudhaan bu’aaleen onnachiisoon galmaa’aa jiru. Keessumaa sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaatiin hojiilee rakkoolee hawaasaa furanii fi fayyadamummaa mirkaneessaniif xiyyeeffannoon taasifamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiileen tola ooltummaa gannaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuu ta’uu ibsanii, hojiileen fayyadama hawaasaa mirkaneessan cimanii itti ni fufu jedhaniiru.
Naannoo Harariitti Hojiin Balaa Uumaamaa fi Nam-tolchee ittisuu fi deebii hatattamaa kennuu cimanii ittifufu
Aug 20, 2026 218
Hagayya 14/2018 (ENA): Naannoo Harariitti balaa uumamaa fi nam-tolcheetiin gahan ittisuu, hir'isuu fi deebii hatattamaa kennuun cimee akka itti fufu ibsame. Manni Maree Hoggansa sodaa balaa fi kunuunsa Hawaasa Naannichaa, walga’ii Idilee isaa dandeettii balaawwan naannichatti uumaman ittisuu, hir'isuu fi deebii hatattamaa kennuu cimsachuuf kaayyeffate gaggeesseera. Manni Marichi gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018, karoora bara baajataa 2019, kallattii xiyyeeffannoo gurguddoo fuulduraa fi dhimmoota waqtaawaa irratti bal'inaan mari'achuun murteewwan dabarseera. Itti Aantuu Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduu mana marichaa Aadde Roozaa Umar wayita sana akka ibsanitti; Hawaasa balaawwaniif hin jilbeenfanne ijaaruuf balaawwan uumamuu isaaniitiin dura hojiiwwan ittisaa fi of eeggannoo duraatiif xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Miidhaa balaawwan uumamaa fi nam-tolchee geessisan ittisuu fi hir'isuuf tattaaffii qindaa'aa hawaasaa fi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu dubbataniiru. Keessattuu naannichatti hanqina roobaatiin walqabatee miidhaawwan uumamuu danda'an ittisuu fi hanqina oomishtummaa mudachuu danda'u bakka buusuuf hojiiwwan qophii duraa qindaa'an cimanii akka itti fufan ibsaniiru. Dhiibbaan hanqina roobaa qonnaan, dhiheessii bishaanii fi damee biroo irratti dhiibbaa waan geessisuuf tattaaffii qindaa'aan akka barbaachisu dhaamaniiru. Dandeettii ofiin wabii nyaataa mirkaneessuuf misoomsa jallisii cimsuu, omishtummaa guddisuu, kuusaa oomishaa cimsachuu fi Tiraanisfoormeeshinii qonnaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Haalli roobaa gannaa hanqina oomisha qonnaa fiduu waan danda'uuf, qonnaan bultoonni roobaan bishaan argamu sirnaan kuusuu irratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Dabalataanis aadaa waldeeggarsaa cimsachuu, mala qabeenya walitti hundatti fayyadamuu fi deeggarsa tajaajila dhaabbata keessatti hojiirra oolchuun akka qabu hubachiisaniiru Mala oomishtummaa dabalan hordofuu bira darbee, sanyiiwwan midhaanii hongee dandamataniif yeroo gabaabaa keessatti gahan facaasaa, nyaata beeyladaa kuusuu fi bishaan kuusuu dabalatee tarkaanfiiwwan of eeggannoo fudhachuun barbaachisaa fi murteessaadha jedhaniiru.
Diinagdee
Qonna Kilaasteraa – Mul’ata falaasama Ida’amuu qabatamaan.
Aug 21, 2026 83
Mul’ata Ida’amuu Mootummaa keessaa tokko qonna kilaasteraan misoomsuudha. Misooma qonnaa ammayyeessuu, oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf humna namaa, lafa, galtee qonnaa, beekumsa, teeknooloojii fi gabaa karaa qindaa’een fayyadamuun murteessaadha. Kana ilaalchisee, qonni kilaasteraa sirna hojii mul’ata Ida’amuu hojiirra oolchuuf gargaarudha. Qonnaan bultoonni waliin gurmaa’uun, maashinoota qonnaa fi galteewwan biroo waliin fayyadamuudhaan oomisha saffisaa fi qulqullina qabu akka oomishan isaan gargaara. Maashinoota qonnaa bal’inaan fayyadamuun yeroo fi humna namaa qusata. Kanaanis namoonni muraasni deeggarsa maashinaa fayyadamuudhaan yeroo gabaabaa keessatti hojii bal’aa hojjechuu danda’u. Kunis oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf gumaacha olaanaa qaba. Qonni kilaasteraa maashinarootaan deeggaramee yoo hojiirra oole, hojii qonnaa sirna aadaa irraa gara sirna ammayyaa, qindaa’aa fi teeknooloojiin deeggarameetti jijjiiruuf carraa uuma. Kanaaf, mul’ati Ida’amuu lafa qonnaan bulaa irratti hojiidhaan yoo mul’ate, oomishtummaa olaanaa, galii fooyya’aa fi qonna ammayyaa ijaaruuf bu’uura cimaa ta’a. Kanaanis, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti lafti boqqolloo kilaasteraan misoome, mul’atni falaasama ida’amuu hojii irra oolaa jiraachuu isaa ifatti kan agarsiisu ta’uu Ministeerri Qonnaa ibseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Oomisha Qamadii Guddummaa Itoophiyaa Addunyaat Mul’ise
Aug 21, 2026 140
Qamadiin midhaan ijoo sirna nyaataa fi dinagdee Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa qabu keessaa isa tokkodha. Galteewwan Idustirii keesattii fi oomishaalee nyaataa garaagaraa keessatti bal’inaan hojiirra oola. Itoophiyaan yeroo dheeraaf qamadii alaa galchuu fi yeroo tokko tokko gargaarsa midhaanii irratti hirkachaa turteetti. Hirkattummaan kun rakkoo dinagdee qofa miti. Gatiin qamadii gabaa addunyaa yoo olka’e, sharafni alaa yoo hir’ate ykn rakkoon ji’oopolitikaa fi dhiyeessii uumame, dhiibbaa kallattii sirna nyaataa irratti qaba. Kanaaf, qamadii biyya keessatti oomishuun dhimma qonnaa qofa osoo hin taane, dhimma wabii nyaataa, tasgabbii dinagdee fi dantaa biyyaalessaa ti. Waggoota dhiyoo asitti Itoophiyaan misooma qamadii keessatti jijjiirama guddaa galmeessaa jirti. Keessumaa qamadii bonaa jallisiidhaan oomishuun, lafa duraan hojii qonnaa keessatti bal’inaan hin fayyadamne gara oomishaatti fiduun, maashinoota qonnaa fayyadamuun, sanyii filatamaa fi xaa’oo ammayyaa babal’isuun oomisha dabaluuf hojii bal’aan hojjetameera. Ragaan Ministeera Qonnaa akka agarsiisutti, misoomni qamadii jallisiin bara 2011tti hektara kuma 3 fi 500 irraatti jalqabame bara 2018tti gara hektara miiliyoona 4 olitti guddateera. Oomishni galmaa’es kuntaala kuma 600 irraa gara kuntaala miiliyoona 175 olitti guddateera. Jijjiiramni kun jallisii, mala qonnaa, makaanaayizeeshinii, sanyii fooyya’aa, xaa’oo, qonna kilaastaraa, qorannoo,qo’annoo qonnarratti gaggeefameen, gabaa fi xiyyeeffannoo imaammataa waliin walqabata. Qamadii biyya keessatti oomishuun faayidaa hedduu qaba. Qamadii alaa bituuf sharafa alaa bahu hir’isa; jijjiirama gatii gabaa addunyaa irraa dhufu xiqqeessa; qonnaan bultootaaf gabaa bal’aa uuma; akkasumas warshaalee daabboo, paastaa, buskuutii, maakaroonii fi oomishaalee qamadii biroo babal’isuuf bu’uura ta’a. Ragaan Ministeera Qonnaa akka ibsutti, Itoophiyaan waggoota dheeraaf qamadii alaa galchuuf waggaatti hanga doolaara biliyoona tokkootti baasaa turte. Oomisha biyya keessaa guddisuun baasii sharafa alaa kana hir’isuuf gumaacha guddaa qaba. Kanaaf, warraaqsi qamadii dhimma oomisha qamadii qofa osoo hin taane, dhimma midhaan nyaataan of danda’uu ti. Qonna Roobaa irraa gara Qonna Jallisiitti Qonni Itoophiyaa yeroo dheeraaf rooba irratti hirkataa ture. Roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuu, hongee fi jijjiiramni haala qilleensaa oomisha irratti dhiibbaa geessisuu danda’u. Qamadii bonaa jallisiidhaan oomishuun ilaalcha kana jijjiireera. Lafa yeroo bonaa hojii malee turu gara oomishaatti fiduun, bishaan lageenii, kuufamaa fi maddoota bishaanii biroo fayyadamuun oomisha waggaa keessatti dabaluuf carraa uumeera. Lafa fi Qabeenya uumamaa gara Oomishaatti Itoophiyaan lafa olka’aa, sulula, dirree fi naannoolee bishaan jallisii argachuu danda’an dabalatee qabeenya lafaa bal’aa qabdi. Lafa qonnaa haaraa adda baasuun, keessumaa qamadii bonaaf mijataa ta’e gara oomishaatti fiduun, qabeenya lafaa fi bishaanii bu’a qabeessa ta’een fayyadamuuf carraa uuma. Qonna Kilaastaraa fi Makaanaayizeeshinii Oomisha qamadii guddisuuf lafa sirnaan qopheessuu, yeroo sirrii facaasuu, sanyii fi xaa’oo sirrii fayyadamuu, aramaa fi dhukkuba to’achuu fi yeroo sirrii haamuun barbaachisaadha. Makaanaayizeeshiniin hojii qonnaa saffisisaa fi bu’a qabeessa taasisa. Tiraaktarri qophii lafaa saffisisa; kombaayinariin immoo yeroo haamaa hojii hedduu yeroo gabaabaa keessatti raawwata. Kun baasii hojii harkaa fi qisaasama yeroo haamaa hir’isuuf gargaara. Qonni kilaastaraa immoo qonnaan bultoota lafa walitti dhihoo irratti karoora tokkoon akka oomishan, galteewwan qonnaa haala qindaa’een akka dhiyaatan, tajaajilli maashinii akka salphaatti argamu fi gabaan akka qindaa’uuf gargaara. Sanyiin oomisha qamadii keessatti gahee murteessaa qaba. Sanyiin naannoo sanaaf mijatu, oomishtummaa gaarii qabu, dhukkuba dandamatu fi haala qilleensaa jijjiiramaa keessatti bu’aa kennu barbaachisaa dha. Xaa’oonis oomisha guddisuuf murteessaa dha. Kanaaf, dhiyeessii sanyii fi xaa’oo cimsuun, qorannoo biyyee waliin deemuu qaba. Biyyee tikfachuun oomisha har’aa qofaaf osoo hin taane, oomisha dhaloota dhufuufis murteessaa dha. Qamadii fi Birmadummaa Dinagdee Birmadummaa Dinagdee jechuun biyya tokko waan hundumaa ofii isheetiin oomishuu qabdi jechu miti. Waan murteessaa ta’e irratti murtee ofii qabaachuu, rakkoo alaa dandamachuu fi qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuudha. Itoophiyaan fedhii qamadii ishee Oomisha biyya keessaan yoo guutuu dandeesse, jijjiiramni gatii gabaa addunyaa ykn rakkoon dhiyeessii alaa sirna nyaataa irratti dhiibbaa geessisu hir’achuu danda’a. Kanaaf, oomisha qamadii guddisuun dandeettii biyyaalessaa dhiibbaa dinagdee fi ji’oopolitikaa dandamachuuf gumaacha qaba. Beekamtii Idil-Addunyaa Milkaa’ina hojii wabii nyaataa fi jijjiirama sirna qonnaa Itoophiyaatiin walqabatee, Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa “FAO Agricola Medal” argataniiru. Odeeffannoo FAO irraa argameen, badhaasichi Roomaa, Xaaliyaanitti Amajjii 28 bara 2024 kenname. FAOn Agricola Medal nama wabii nyaataa, hir’ina hiyyummaa, soorataa fi misooma baadiyyaa keessatti gumaacha olaanaa godheef kennamu keessaa tokko ta’uu ibsa. Beekamtiin kun qamadii qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane, hoggansa, wabii nyaataa fi nyaata madaalammaa oomishu, misooma baadiyyaa fi jijjiirama sirna qonnaa fi nyaataa bal’aa keessatti gahee Dr. Abiyyi Ahimad hojjetan irratti hundaa’un kenname. Wabii nyaataa fi nyaata Madaalammaa Qamadii baay’inaan oomishuun wabii nyaataa keessatti tarkaanfii guddaa dha. Haa ta’u malee, wabii nyaataa jechuun qamadii qofa miti. Uummanni nyaata madaalammaa argachuuf Baaqelaa, Misira, Kuduraa, Fuduraa, Aannan, Dhadhaa, Foon, Killee fi midhaan garaagaraa barbaada.kunis cime itti fufu qaba. Walii gala, Warraaqsi qamadii Itoophiyaa jijjiirama qonnaa keessatti boqonnaa haaraa baneera. Qonna rooba irratti hirkate irraa gara qonna jallisiitti ce’uun, lafa gara oomishaatti fiduun, qonna kilaastaraa fi makaanaayizeeshinii babal’isuun, sanyii filatamaa fi xaa’oo fayyadamuun oomisha qamadii guddisuuf bu’uura cimaa uumameera. Bilisummaa dinagdee fi wabii nyaataa waaraa mirkaneessuuf qamadiin qonna dursaa jira; qonna guutuu ammayyeessuu, midhaan garaagaraa oomishuu, bishaanii fi biyyee tikfachuu, qorannoo fi teknoolojii cimsuu, galteewwan qonnaa biyya keessatti oomishuu, kuusaa fi gabaa babal’isuu, gatii-dabalataa uumuu fi qonnaan bulaa giddu-galeessa godhachuun hojiin jalqabamee cimee itti fufu qaba.
Wixinee Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e irratti mariin gaggeeffamaa jira
Aug 20, 2026 196
Hagayya 14/2018 (ENA)-Wixinee Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e irratti mariin qooda fudhattoota adda addaa waliin Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Wixineen qophaa’e kun qaala’iinsa gabaa, guddina diinagdee, saayinsii bittaa ammayyaa fi teeknoloojii sadarkaa guddinni biyyaa fi naannoo keenyaa irra gahee waliin karaa walsimuun Labsii Lak. 157/2002 bahee waggoota 14f hojiirra oolaa ture fooyyessuuf kan qophaa’e ta’uu Afyaa’iin Itti Aanaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eliyaas Ummataa ibsan. Wixineen qophaa’e kunis, gulantaalee dubbisaa adda addaa keessa darbee kan dhufe ta’uu ibsuun, wixinichi qaama hunda waan ilaallatuuf marii qooda fudhattoota dhimmi ilaaluu waliin taasisuun karaa bu’a qabeessa ta’een hojimaata bittaa mootummaa fooyyessuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii ture furuuf yaadamee wixinee qophaa’e kana irratti mari’achuun galtee fudhachuuf yaadamee marii qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Wixinichi qooda fudhattoota adda addaa maricha irratti argamaniif dhiyaatee jira. Caffee Oromiyaarraa
Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis qophii guutuus qabu-Dr. Aragaawii Barihee
Aug 19, 2026 243
Hagayya 13/2018 (ENA)- Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu akka qaban hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee dubbata. Waajjirri qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa qindeessuudhaan milkaa’inaan akka xumuramu taasiseera. Hidhi haaromsaa hubannoo wal dhahaa bara hedduuf itti fayyadama haqa qabeessa bishaan Abbayyaa kan jijjiire ta’uu hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee ENA’tti himaniiru. Hidhi kun ijaaramuunsaa biyya kamiyyuu kan hin miinee fi inumaayyuu riijinicha inarjiidhaan kan walitti hidhe ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Gibxi garuu dhugaa kana ganuudhaan akkuma Kanaan duraa wacaan waliin dhahuuf yaalaa turte yeroo ammaas itti fufuushee dubbataniiru. Abbayyaan kan biyyoonni inni keessa darbu tumsaan itti fayyadamani malee qabeenya dhuunfaa Gibxii miti kan jedhan Dr. Aragawiin, gama Kanaan duulli Gixbi waliin dhahuuf wixxifachaa jirtu dhaabachuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon olaanaan Itiyoophiyaan qabdu tumsaan guddachuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni tumsaan maal fiixa baasuu akka danda’an ijaarsa hidha haaromsaa guddichaan agarsiisuusaanii kaasanii, fuulduras hidha hedduuijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu qabu jedhaniiru. Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa irratti ummata qindeessuudhaan muuxannoon guddaan argamuusaa dubbataniiru. Muuxannoon kun hojiilee misoomaa akkasii fuulduratti hojjetamaniif galtee guddaa ta’uusaa ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Manneen Murtii Oromiyaa teekinooloojii Dijiitaalaa Hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa haqaa saffisiisaa jira – Teediroos Mihirat
Aug 16, 2026 402
Hagayya Hagayya 10/2018 (ENA): Manneen Murtii Oromiyaa teekinoloojii Dijiitaalaa hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa saffisiisaa jiraachuu Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Teediroos Mihirat ibsan. Yaa’iin Abbootii Seeraa bilisummaa abbaa seerummaafi haqaa Heera mootummaan kennameef akka dhugoomu kan gargaaru ta’uu, Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Tewodiroos Mihirat dubbataniiru. Manneen Murtii Oromiyaa teeknoloojiitti gargaaramuun tajajaila dijiitaalaa hojiirra oolchuun manneen murtii naannolee biyyattiif fakkeenya kan ta’uufi kan galateeffamu ta’uusaa dubbataniiru. Qulqullina, saffisaafi bu’a qabeessummaa haqaa mirkaneessuun ammoo hojii tumsa hundaa barbaadudha jechuun, Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa Magaalaa Bishooftuutti taa'amaa jirurratti argamuun dubbataniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira
Aug 13, 2026 522
Hagayya 07/2018 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoon sadarkaa gara garaa Wiirtuu Tajaajila tokkoo Masoob Aanaa Maannaa daawwataniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob magaalotaa fi aanaalee keessatti babal’achaa jiru tajaajila mootummaa duraan bifa bittinnaa'een kennamaa tureefi qisaasama yeroo fi baasii hin malleef hawaasa Saaxilaa ture bu'uurarraa furuun itti quufiinsa maamilaa dabalaa akka jiru Obbo Awwaluun ibsaniiru. Yeroo ammaa kanattis magaalotaafi aanaalee Oromiyaa 96 keessatti baballachuun kaayyoo qabameef milkeessaa akka jirus himaniiru. Wiirtuun tajaajila tokkoo Masoob Bulchiinsa Aanaa Maannaa tajaajiloota 88 seekaroota aanichaa 10 irraa fooddaawwan 9 fi ogeeyyii 43 ta'aniin tajaajila kennaa jira. Daawwannaa kanarratti Ittigaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliifi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee Bulchoota Godinaaleefi Kantiibota Magaalota ollaa dabalatee qaamoleen gara garaa argamuusaanii odeeffannoon BKO argame mul’isa.
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)
Aug 11, 2026 558
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa
Aug 11, 2026 465
Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid. Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera. Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru. Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru. Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru. Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera. Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a jalqaba
Aug 21, 2026 81
Hagayya 15/2018(ENA) : Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a eegalama. Tapha har’a eegalamu Arsenaalii fi Kovantarii Siitii ni eegalama jedhamee eegama. Taphni baniinsaa Piriimiyerii Liigii Ingilaandi bara dorgommii 2026/27 har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Arsenaaii fi Kovantarii Siitiin dirree Emireetsitti waliin ni taphatu. Shaampiyoonaan Piriimiyerii Liigii barana dhiheenya kana waggaa 22 dhabee deebise Arsenaal, dorgommiiwwan Gannawwan afran darban keessatti tapha jalqabaa hunda moo'achuun jalqabe. Keessattuu, warri Arsenaal dirree isaanii irratti kilaboota haaraa Liigichatti makaman waliin taphatan 45 keessatti morkii tokkollee moo'atamuu dhabuun isaanii injifannoo har'aatiif onnee guddaa isaanitti horeera. Leenjisaa Mikeel Arteettaan har'a kilabni isaanii yoo injifate, leenjistoota seenaa ‘EPL’ keessaaa taphoota 249 irratti injifannoo 150 galmeessan kan akka Peeppi Gaardiyoolaa, Joosee Morinihoo, Yargan Kiloppii fi Sar Aleeksi Farguusaniitti aanuun leenjisaa 5ffaa ta’uun seenaa hojjeta. Gama biraatiin, Kovantarii Siitiin waggoota 25 booda gara Liigichaatti deebi'eera. Tapha har'aatiin Arsenaal ittistoota isaanii murteessoo Wiiliyaam Saaliibaa fi Yuuriyeen Tiimbar miidhaatiin kan hin hiriirsine yoo ta'u, Kovantarii Siitiin gama isaatiin Haajii Raayiit miidhaadhaan taphaa ala ta'eera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Taphni Arsenaal fi Maanchisteer Siitiin Waancaa Koomuniitii Shiildii fudhachuuf taasisan hawwiin eegama
Aug 16, 2026 427
Hagayya 10, 2018 (ENA): Taphi xumura Waancaa Koomuniitii Shiildii kan bara 2026 gidduu Arsenaal fi Maanchisteer Siitiitti har'a ni gaggeeffama. Taphi kun sa'aatii 11:00 irratti magaalaa guddoo Weels, Kaardif keessatti Istaadiyeemii seenaaqabeessa Pirinsiipaalitiitti kan gaggeeffamu ta'a. Taphi baninsa bara dorgommii haaraa kan xiyyeeffannoo guddaa qabu kun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Ingiilaand bara 2025/26 kan ta'e Arsenaal fi mo'ataa Waancaa FA (FA Cup) bara 2026 kan ta'e Maanchisteer Siitii kan walqunnamsiisudha. Arsenaal waggoota 22 booda kabaja Piriimiyer Liigii kan gonfataniif, Maanchisteer Siitiin immoo tapha xumura Waancaa FA irratti Cheelsii 1-0n mo'achuun gara tapha har'aatti dhihaataniiru. Akka odeeffannoon mul’isutti, seenaa Koomuniitii Shiildii keessatti Arsenaal Maanchisteer Siitii irratti olaantummaa guutuu qaba. Gara waltajjii kanaatti gareen lamaan kanaan dura si'a sadii kan walqunnaman yoo ta'u, taphoota sadanittuu Arsenaal mo'ateera. Gareen kunniin dhuma irratti akka L.A bara 2023tti tapha Koomuniitii Shiildii taasisaniin Arsenaal darbiin penaltiitiin mo'achuun isaanii ni yaadatama. Taphni kun kanaan dura Istaadiyeemii Weembilii Landan keessatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barana immoo gara Istaadiyoomii seenaa qabeessa Pirinsiipaalitii magaalaa guddoo Weels Kaardifitti akka jijjiiramu taasifameera. Sababni isaas Istaadiyeemii Weembilii keessatti konsertiin muuziqaa kanaan dura qabame waan jiruuf akka ta'e beekameera. Kunis dorgommiin kun waggoota 20 booda irra deebidhaan gara magaalaa guddoo Weelsitti akka deebi'u taasiseera. Dorgommiin Koomuniitii Shiildii jalqaba dhihaatee akka L.A. bara 1908tti moggaasa "FA Charity Shield" jedhuun kan jalqabame yoo ta'u, dhiyoo kana akka L.A. bara 2002tti moggaasa ammaa "FA Community Shield" jedhutti jijjiirame. Dorgommiin kun shaampiyoonaa liigichaa fi mo'ataa Waancaa FA walqunnamsiisuun bansa bara dorgommii haaraa kan labsudha. Galii gurgurta tiikeetii fi beeksisa irraa walitti qabamu guutuun Ingiilaand keessatti dhaabbata arjoomaa fi hojiiwwan misooma kubbaa miilaa hawaasaatiif kan oolu ta'a. Maanchisteer Yunaayitid si'a 21 mo'achuun kilaba dorgommii kanaatti milkaa'ina guddaa kan qabudha. Arsenaal waancaa 17 fudhachuun isaatti ana. Maanchisteer Siitiin immoo si'a torba mo'ateera.
Chelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'e
Aug 13, 2026 565
Hagayya 7/2018 (ENA): Cheelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'uu beeksise. Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Cheelsii Enzoo Fernaandeez fudhachuuf fedhii akka qabu himamaa jira. Cheelsiinis Maanchistar Siitiin taphataa kanaa bituuf gaaffii nanbitaa daangaa guyyaa keessatti dhiheesuu danda'u murteeseera. Maanchistar Siitiin hanga Jimaata galgalaatti qofa Yuuroo miliyoona 120( £120) Cheelisiin beeksiseera jedhameera. Cheelisiin guyyaa kanaan booda Maanchistar Siitiin gaaffii taphaticha bituu yoo dhiheesse taphaticha akka hin gurgurre ibseera. Daangaa yeroo gurguraa kaa'ame kanas bakka buutota Maanchistar Siitii fi taphaticha beeksisuu isaa kilabichi ibseera.
PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifate
Aug 13, 2026 438
Hagayya 7/2018 (ENA): PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifateera. PSG'n tapha Awurooppaa Suuper Kaappiin Aston Viilaa 2 fi 1n injifachuun Shaampiyoonaa Liigii Kilaboota Awurooppaa ta'eera. Taphichaan PSG'f daqiiqaa 20ffaa irratti Kivachaa Kiravatiskeli'aan immoo Dizayer Duwee immoo daqiiqaa 61ffaa irratti goolii injifannoof isaan geesise galchaniru. Aston Viilaaf immoo Biiraayyaan Maagoon daqiiqaa 45ffaatti galchus; PSG'n Aston Viilaa injifachuun waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi/ waancaa mo'aa mo'atootaa bara 2026 fudhateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 99
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera. Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru. Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 424
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira. Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee!
Aug 14, 2026 380
Sagantaan Ashandaa Magariisaa biqiltuu dhaabuu ykn naannoo miidhagsuu caalaa akka ta’e agarsiisaa jira; misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura eegsisuuf, misoomsuu fi cimsuuf tarsiimoo jalqabbii biyyaalessaati. Sochiin biyyaalessaa guddaan kun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabnu cimsuu qofa osoo hin taane, sirna ikoo uumamaa keenya sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa lafa magariisaa taasisaa jira. Itiyoophiyaan dandeettii mataa ishee fi tattaaffii waloo lammiilee isheetiin qabeenya uumamaa ishee eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneesse yoo ta’u, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu keessatti biyyoota biroof fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u milkaa’ina ummataa ta’uu hojiiwwan waggoota darban keessatti raawwataman mirkaneessee jira. Qabeenya uumamaa eeguun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaa, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi guddina dinagdeefis bu’aa olaanaa qaba. Kanaafidha Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu isa ijoo taasifnee wabii nyaataa fi dinagdee keenya cimsuuf kan hojjenne. Dhaloonni kun qabeenya uumamaa isaa tiksuu fi misoomsuun fedhii bara kanaa guutuu bira darbee Itoophiyaa badhaatee fi mo’amuu hin dandeenye dhaloota itti aanutti dabarsee kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Itoophiyaa boruuf bu'uura cimaa fi amanamaa kaa'uuf piroojektoonni misooma magariisaa qindoominaan jalqabne cimee itti fufa. Itti aanaa ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Konsoo: Aadaa fi Ogummaa Qonnaa walitti qindaa'e.
Aug 14, 2026 395
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa, Godina Konsoo keessatti, lafti gaarreen irraa fi tabbaawwan olka’oo qabu, uumamaa fi ogummaa ilma namaa walitti makuun, bifa lafaa ajaa’ibsiisaa fi bareedaa uumeera. Ummanni Konsoo waggoota dheeraaf lafa gaara bu'aa ba'iin itti heddummate dhagaa fi biyyeen daangessuun, ittisuun akkasumas sirnaan tarreessuun, gara lafa qonnaaf mijataa fi oomishaa ta’etti jijjiireera. Hojii harkaan raawwatamu kun lafti akka hin mancaane, biyyeen rooba irraa kan ka’e akka hin dhiqamne taasisee, naannicha qonna walmakaa (agroforestry) fi hojiiwwan qonnaa adda addaatiif mijataa taasiseera. Hojiin daagaa Konsoo kun ogummaa ajaa’ibaa eegumsa qabeenya uumamaa of keessatti qabatee, amaloota addaa hedduu qaba. Naannoon kun hojii eegumsa naannoo fi aadaa isaa addaa ta’eef, bara 2011tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ‘UNESCO’n Hambaa Addunyaa ta’ee galmaa’eera. Daagaan Konsoo, uumamaa wajjin walsimnee jiraachuu akkasumas cimina, obsaa fi kutannoo ilma namaa kan agarsiisu mallattoo guddaadha. Ummanni Konsoo har’as hambaa ajaa’ibaa fi bareedaa kana eegaa, kunuunsaa fi dhalootaa dhalootatti dabarsaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16716
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16250
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.