Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa ni dhaabama
Jun 6, 2026 142
Caamsaa 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa akka dhaabamu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Godina Jimmaa Aanaa Maannaa keessattis sagantaan dhaabbii biqiltuu bunaa baranaa eegalameera. Iddoo kanatti argamuun saganticha kan eegalchiisan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu, sanyiiwwan bunaa fooyya'an qonnaan bulaaf dhiyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetame bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Barana biqiltuuwwan bunaa biliyoona 2tuqaa 8 qophaa'anii lafa heektara kuma 370 irratti dhaabamaa akka jiranii fi kunis hanga oomisha bunaa walii gala naannichaa gara heektara miiliyoona 3tuqaa 5tti ol akka guddisu ibsaniiru. Gara fuulduraattis oomishtummaa caalaatti guddisuuf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa waliin qindoomuun hojiin sanyiiwwan fooyya'an dhiyeessuun akka itti fufu dubbataniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gama isaaniitiin waggoottan dabran keessa uwwisni bunaa Godinichaa heektara kuma 300 qofa kan ture, amma gara heektara kuma 600 ol gahuu isaa dubbataniiru. Baranas biqiltuuwwan miiliyoona 700 lafa heektara kuma 200 ol irratti dhaabuuf karoorfamee hojiin eegalameera jedhaniiru. Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaruddiin Ahimad aanichatti lafa heektara kuma 9 buna dhaabuuf karoorfamee hojii eegalameen, guyyaa har'aa qofa hirmaannaa uummataatiin lafa heektara 100 irratti biqiltuun dhaabamuusaa ibsaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa kilaasteraan gurmaa'anii jallisiin misoomsuu erga eegalanii as oomishtummaan isaanii haala olaanaaniin guddachuu isaas dabalanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Aanaa Maannaa Ganda ganda Dooyyuu Biqilaa Gaalii Abbaa Zinaab fi Haafiz Badiruu yaada kennaniin; kanaan dura buna dhuunfaa isaaniitiin oomishuuf yaalii taasisaniin oomishni argachaa turan xiqqaachuu isaa yaadachiisaniiru. Amma garuu kilaasteraan gurmoofnee oomishuu erga eegallee fayyadamoo ta'uu dandeenyeerra, oomishni fi oomishtummaan keenyas guddachaa dhufeera jedhaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen dabaluunis, yeroo ammaa kana deeggarsi ogeessaa barbaachisaan taasifamaafi waan jiruuf, bara oomishaa kanatti oomisha olaanaa akka eegan ibsaniiru.
Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti filannoon walii galaa torbaffaan injifannoo isa olaanaadha-Ministira Mahaammad Idriis
Jun 6, 2026 190
Caamsaa 29/2018(ENA)- Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti filannoon walii galaa torbaffaan injifannoo olaanaa godhamee kan fudhatamu ta’uu ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis beeksisan. Carraaqqiiwwan hedduu filannicha gufachiisuuf godhaman fashaleessuun filannoo milkaa’aa gochuun akka danda’ame ibsaniiru. Ministirichi haala yeroorratti ibsa kennaniin filannicha gufachiisuuf badiiwwan garagaraa hundi fashaleeffamanii filannoon milkaa’aan gaggeeffamuusaa yaadachiisaniiru. Diinonni Itiyoophiyaa seenaasaanii keessatti qabsoo hidhannoo malee saanduqa filannoo hin beekne ajandaa baduu fudhatanii ummata yaaddoo keessa galchuuf yeroo hunda kan wixxifatan filannicha gufachiisuuf yaalii godhaniiru jedhaniiru. Baandaawwan bitamtoonni kunneen qindaa’uudhaan filannoon walii galaa torbaffaan akka hin gaggeeffamne gochuuf filannoon dura, yeroo filannoottii fi filannoon booda tattaaffii garagaraa godhaniiru jedhaniiru. Haa ta’u malee filannoon walii galaa torbaffaan waltajjii Lammiileen waloomanii kutannoo ijaarsa sirna demokiraasii cimaaf qaban itti agarsiisan ta’uusaas dabalanii ibsaniiru. Keessumaa gareewwan finxaaleyyii filannoodhaan dura eegaluun odeeffannoowwan waliin dhahaa tamsaasaa turuusaanii yaadachiisanii, yeroo filannoon gahus gochawwan shororkeessaallee osoo hin hafiin raawwachuuf yaaluusaanii kaasaniiru. Fakkeenyaaf Yunivarsiitii Gondoritti barattoota tapha kubbaa ilaalaa turan irratti boombii darbachuun barataan tokko akka du’u kan godhan yoo ta’u, barattoota biroo ammoo madeesaniiru jedhaniiru. Finxaaleyyiin guyyaa filannoo dabalatee karaa garagaraa dubbii barbaadaa kan turan yoo ta’u yaaliin isaanii osoo hin milkoofne hafeera kan jedhan ministirichi humnoonni badii kun raawwachiifii dadhabe naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Asakootti lammiileerratti haleellaa raawwachuusaanii ibsaniiru. Haleellaa kanaan qaamolee nageenyaa, manneen amantaa, manneen jireenyaa fi bu'uuraalee misoomaa irratti miidhaan kan qaqqabe yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun Godinichatti Aanaalee Hanqalloo waabee fi Shirkaa keessattis rakkoon walfakkaataan uumamuu isaa Ministirichi eeraniiru. Rakkoo kana bu’uraarraa furuuf carraaqqiin gama hundaa taasifamaa jiraachuu isaa caqasuun, adeemsa kanaan abbootii amantaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, hoggantoota Naannoo Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifameera jedhaniiru. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu , rakkoo uumame faayidaa siyaasaa hin malleef oolchuuf yaaliin taasifamu guutummaatti fudhatama kan hin qabne ta'uu Ministirichi cimsanii ibsaniiru. Haala kanaan ka'umsa godhachuun qaamonni fedhii siyaasaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf fiigan gocha isaanii kanarraa of qusachuu akka qaban akeekachiisanii, qaama balleessaa raawwate waliin ta'anii akka balaaleffatan hubachiisaniiru. Waliigalaan, filannoo walii galaa 7ffaa gufachiisuuf yaaliwwan karaa adda addaan gaggeeffamaa kan turan yoo ta'u, filannichi milkiin xumuramee seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaan haaraan banameera jedhaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa jira-Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Jun 6, 2026 154
Caamsaa 29/2018(ENA)- Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Manni barnootaa leenjii qondaaltotaakaadhimamoo Hursoo kaadhimamtoota qondaaltotaa koorsii tsinaat marsaa 27ffaaf leenjise har’a eebbisiiseera.   Sirna eebbaarratti kan argaman fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, raayyaan gurmaa’insaa fi ga’umsa yeroon barbaaduun deeggaramee birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya gootonni baraa baraatti birmadummaa fi kabajashee eeganii nuun gahan ta’uushee ibsanii, yeroo ammaas raayyaan ga’umsasa olaanaanaan qabatamaan agarsiisaa jira jedhaniiru. Raayyaan ergama badii baandaawwanii fi ergamtoota diinota alaarraa ergama fudhatanii biyya miidhanii fashaleessaa fi hordofee tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jiru ibsaniiru. Kan har’a eebbifamanis haleellaa birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti aggaamaman qolchuudhaan gootummaasaanii agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.   Eebbifamtoonni beekumsa loltummaa ammayyaa fudhatan muuxannoo qaban waliin qindeessuudhaan raawwii ergama raayyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Ajajaan mana barumsaa leenjii qondaaltota kaadhimamtootaa Hursoo koloneel Kadir Caancoo gamasaaniin, manni barumsaa seena qabeessi kun gootota birmadummaa fi kabaja Itiyoophiyaa aarsaa olaanaadhaan eegan horachuusaa itti fufuusaa ibsaniiru. Eebbifamtoonni ga’umsa qaamaan, ilaalchaan,xin-sammuu fi dhimmoota bu’uraa biroo irratti leenjii ga’aa waan fudhataniif dirqama kennamuuf kamiyyuu ga’umsaan bahachuu akka danda’andubbataniiru. Miseensonni haraa eebbifaman gama isaaniitiin, beekumsaa fi ogummaa loltummaa gonfataniin deeggaramuun itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuuf qooda isaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Qormaatilee Kamiyyuu keessatti nageenya lammiilee, birmadummaa fi daangaa biyyaa eeguufis waadaa galaniiru. Sagantaa kana irratti, Ministeera raayya Ittisa Biyyaatti Hogganaan Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Mokonnin, leenjifamtoota yeroo leenjii isaaniitti kaadhimamtoota raawwii caalmaa qabaniitiif sadarkaan kennameera. Eebba kana irratti, Ajajaan Muummee Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa akkasumas, qondaaltota waraanaa olaanoo, Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar, Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Harbii Buuhii, Bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, akkasumas Ugaazoonnii fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Gamtaan Afriikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo cimsuuf kutannoo qaban agarsiisani
Jun 5, 2026 1105
Caamsaa 28/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo isaanii daran guddisuuf akka hojjetan beeksisan. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuuf waajjira isaaniitti Hogganaa Ergama Chaayinaa Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddar Jiyaangi Feengi simataniiru. Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Ambaasaaddarichi marii isaanii keessatti tumsa tarsiimoo Gamtaa Afriikaa, Chaayinaa fi dhimmoota dantaa waloo qaban irratti mari’ataniiru. Marii kanarratti hojiiwwan Fooramii Tumsa Chaayinaa-Afriikaa (FOCAC) jalatti hojjetaman dabalatee walta’iinsa tarsiimoo yeroo dheeraa ardii kanaa fi Chaayinaa gidduu jiru daran cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru. Akkasumas Chaayinaan dursa misoomaa Afrikaaf deeggarsa taasisuu fi qormaata haaraa waliin ta’uun furuuf hojii itti fufee jiru irratti yaada wal jijjiiraniiru. Dura taa’aan kun Chaayinaan Afriikaa waliin tumsa itti fufuu ishee eeruun, keessumaa duula weerara Iboolaa to’achuuf geggeeffamaa jirutti deeggarsa ariifataa fi yeroon taasifte dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Qaamonni lamaan tumsa dinagdee irrattis kan mari’atan yoo ta’u, jalqabbii daldala qaraxa irraa bilisa ta’e Chaayinaan al-ergii Afriikaaf taasiftu xiyyeeffannoo ijoo ta’eera. Galmoota Ajandaa 2063, daandii misooma yeroo dheeraa ardii kanaa galmaan ga’uuf tumsa walfayyadu cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Qaamonni lamaan qajeeltoowwan birmadummaa, daangaa fi michummaa biyyootaa irratti kutannoo cimaa akka qaban ibsaniiru. Nageenya Ardichaa, misoomaa fi badhaadhina waloo ardii kanaa mirkaneessuuf tumsi gamtaa Afriikaa fi Chaayinaa cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu ibseera odeeffannoon ENA’n Gamtirra irraa argate. ENA_Afaan_Oromoo #ENA  
Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiisedha
Jun 5, 2026 1096
Caamsaa 28/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiise ta’uu Manni Maree Jaarmiyaalee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa ibseera. Manni Marichaa bu’uura Labsii Lakk. 1113/2011tiin Dhaabbilee waldaalee siivikii Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii FDRI’n galmaa’anii fi beekamtii argatan bakka bu’uun Itiyoophiyaa keessatti akka socho’u hayyamni kennameefii jira. Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen ENA’tti akka himanitti; Manni Marichaa Filannoon Waliigalaa Torbaffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u gochuu keessatti gahee isaa ba’eera jedhani. Yeroo filannoon duraattis waltajjiiwwan paartileen siyaasaa wal falmanii fi iftoomina akka qabaataniif haala mijeessuun barnootaa fi hubannoo filannoo uumuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Taajjabbii filannoo waliigalaa torbaffaa eeruun, filannoon kun adeemsa nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee fi lammiileen baay’inaan kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Ummanni Itiyoophiyaa ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 6:00tti buufataalee filannoo adda addaatti obsaan fi dammaqinaan sagalee kennuu isaa mirkaneessanii jiru. Akkasumas, manguddoota, qaama miidhamtoota, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee lammiileen hedduun filannoo kana irratti sagalee isaanii akka kennan ibsaniiru. Ijaarsi sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa suuta suutaan guddachuu fi hirmaannaa hunda hammate dagaagsuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Pireezidaantichi itti dabaluudhaan filannoon kun akka milkaa’uuf mootummaan, paartileen siyaasaa, miidiyaaleenii fi qooda fudhattoonni biroo gahee isaanii ba’aniiru jedhan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee dimokiraasii fi haqaa cimsuu irratti xiyyeeffannaa kennuuf fakkeenya tokko ta’uu eeraniiru. Filannoon waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha inni gumaache kaasuun dandeettiin Boordichi of danda’ee fi loogii malee raawwachuu guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Filannoon mul’ata ijaarsa sirna dimokiraasii ta’uu kan ibsan Pirezidaantichi, aadaa siyaasaa fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf meeshaa ijoo ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimokiraasii cimsuuf tumsi qaamota hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA  
Leenjichi michummaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf gargaara
Jun 5, 2026 888
Caamsaa 28/2018 (ENA): Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafar Badiruu leenjiin inistiitiyuutichi qopheesse hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ol guddisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.   Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walta’iinsa naannoo, ijaarsa dandeettii fi hariiroo tarsiimoo cimsuuf kaayyeffatee dippilomaatota Sudaan Kibbaaf leenjii dippilomaasii sadarkaa olaanaa kennuu eegaleera. Leenjiin kun itti fayyadama qabeenya, Paan Afrikaanizimii, akkasumas dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaas hubatameera. Kanuma waliin Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Jaafar Badiruu eenyummaa seenaa, aadaa, afaaniifi eenyummaa daangaa ce’aa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa yaadachiisaniiru. Biyyoonni lamaan michummaa fi ollummaa cimaa akka qaban kan hubachiisan yoo ta’u, egeree waloo cimaa bocuuf murteessaa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Leenjichi hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Itti dabaluunis leenjiin kun ga’ee dippilomaatota tumsa naannoo fi hariiroo biyyoota lamaanii keessatti qaban irratti hubannoo bal’aa fi faayidaa qabu kan kennu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, dippilomaatonni itti fayyadama qabeenya waliinii, Paan Afrikaa fi dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo keessatti gahee guddaa waan qabaniif, dhimmoota waloo irratti waliin dhaabbachuu akka qaban dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Imbaasii Sudaan Kibbaa Itti Aanaan Ambaasaaddara Took Deengi leenjiin kun ijaarsa dandeettii fi muuxannoo waljijjiirraa dammaqinaan uumuu qofa osoo hin taane, walta’iinsaa fi walitti dhufeenya seenaa gadi fagoo Iityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa jira-Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Jun 6, 2026 154
Caamsaa 29/2018(ENA)- Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Manni barnootaa leenjii qondaaltotaakaadhimamoo Hursoo kaadhimamtoota qondaaltotaa koorsii tsinaat marsaa 27ffaaf leenjise har’a eebbisiiseera.   Sirna eebbaarratti kan argaman fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, raayyaan gurmaa’insaa fi ga’umsa yeroon barbaaduun deeggaramee birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya gootonni baraa baraatti birmadummaa fi kabajashee eeganii nuun gahan ta’uushee ibsanii, yeroo ammaas raayyaan ga’umsasa olaanaanaan qabatamaan agarsiisaa jira jedhaniiru. Raayyaan ergama badii baandaawwanii fi ergamtoota diinota alaarraa ergama fudhatanii biyya miidhanii fashaleessaa fi hordofee tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jiru ibsaniiru. Kan har’a eebbifamanis haleellaa birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti aggaamaman qolchuudhaan gootummaasaanii agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.   Eebbifamtoonni beekumsa loltummaa ammayyaa fudhatan muuxannoo qaban waliin qindeessuudhaan raawwii ergama raayyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Ajajaan mana barumsaa leenjii qondaaltota kaadhimamtootaa Hursoo koloneel Kadir Caancoo gamasaaniin, manni barumsaa seena qabeessi kun gootota birmadummaa fi kabaja Itiyoophiyaa aarsaa olaanaadhaan eegan horachuusaa itti fufuusaa ibsaniiru. Eebbifamtoonni ga’umsa qaamaan, ilaalchaan,xin-sammuu fi dhimmoota bu’uraa biroo irratti leenjii ga’aa waan fudhataniif dirqama kennamuuf kamiyyuu ga’umsaan bahachuu akka danda’andubbataniiru. Miseensonni haraa eebbifaman gama isaaniitiin, beekumsaa fi ogummaa loltummaa gonfataniin deeggaramuun itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuuf qooda isaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Qormaatilee Kamiyyuu keessatti nageenya lammiilee, birmadummaa fi daangaa biyyaa eeguufis waadaa galaniiru. Sagantaa kana irratti, Ministeera raayya Ittisa Biyyaatti Hogganaan Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Mokonnin, leenjifamtoota yeroo leenjii isaaniitti kaadhimamtoota raawwii caalmaa qabaniitiif sadarkaan kennameera. Eebba kana irratti, Ajajaan Muummee Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa akkasumas, qondaaltota waraanaa olaanoo, Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar, Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Harbii Buuhii, Bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, akkasumas Ugaazoonnii fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.
Hirmaannaan cimaan Filannoo Dargaggootaa egeree Itiyoophiyaa ijaaruuf humna guddaa uuma
Jun 6, 2026 117
Caamsaa 29/2018 (ENA)–Hirmaannaan cimaan dargaggoonni filannoo walii galaa torbaffaa irratti taasisan, egeree Itiyoophiyaa bu'uura dimookiraasii cimaa irratti ijaaruuf humnaa fi carraa guddaa kan uume ta'uu Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa beeksise. Filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u, kanaanis Itiyoophiyaanonni filataniiru, Itiyoophiyaanis mo'atteetti. Bakka bu'aan Pirezdaantii Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Aleksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti; Federeeshinichi adeemsa filannichaa keessatti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota taajjabdummaa fi adeemsa barnoota filattootaa kennuu keessatti hirmaachisuun itti gaafatamummaa isaa ba'achaa turuu dubbataniiru. Kanaanis, filannicha irratti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota kuma 32 fi 500 taajjabdummaan, gama qindeessummaatiin ammoo dargaggoota kuma 2 fi 500 bobbaasuun kan hirmaachise yoo ta'u, hojiiwwan hubannoo uumuu dandeessisan hojjetamuu isaanii ibsaniiru. Adeemsa kanaan taajjabdoonni Federeeshinichaa bakka bu'oota paartilee siyaasaa adda addaa, dhaabbata hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoo waliin qindoominaan hojjechuun itti gaafatamummaa isaanii dandeettiin ba'achuu isaanii eeraniiru. Filannoo biyyaalessaa gaggeeffame kanaan dargaggoonni hirmaannaa cimaa taasisuun isaanii, egeree Itiyoophiyaa ijaaruu kan danda'an humnaa fi carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru. Filannichi Itiyoophiyaa keessatti siyaasa tasgabbaa'aa fi adeemsa ijaarsa sirna dimookiraasii gabbateef bu'uura gaarii qabachaa jiraachuu kan agarsiisudhas jedhaniiru. Kunis, Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabrsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu itti dabaluun kaasaniiru. Keessattuu, filannoo walii galaa baranaatiin paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an adda addaa, dargaggoonni hirmaannaa siyaasaa keessatti akka taasisan carraa kan kennan ta'uus dubbataniiru.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa ni dhaabama
Jun 6, 2026 142
Caamsaa 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa akka dhaabamu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Godina Jimmaa Aanaa Maannaa keessattis sagantaan dhaabbii biqiltuu bunaa baranaa eegalameera. Iddoo kanatti argamuun saganticha kan eegalchiisan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu, sanyiiwwan bunaa fooyya'an qonnaan bulaaf dhiyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetame bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Barana biqiltuuwwan bunaa biliyoona 2tuqaa 8 qophaa'anii lafa heektara kuma 370 irratti dhaabamaa akka jiranii fi kunis hanga oomisha bunaa walii gala naannichaa gara heektara miiliyoona 3tuqaa 5tti ol akka guddisu ibsaniiru. Gara fuulduraattis oomishtummaa caalaatti guddisuuf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa waliin qindoomuun hojiin sanyiiwwan fooyya'an dhiyeessuun akka itti fufu dubbataniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gama isaaniitiin waggoottan dabran keessa uwwisni bunaa Godinichaa heektara kuma 300 qofa kan ture, amma gara heektara kuma 600 ol gahuu isaa dubbataniiru. Baranas biqiltuuwwan miiliyoona 700 lafa heektara kuma 200 ol irratti dhaabuuf karoorfamee hojiin eegalameera jedhaniiru. Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaruddiin Ahimad aanichatti lafa heektara kuma 9 buna dhaabuuf karoorfamee hojii eegalameen, guyyaa har'aa qofa hirmaannaa uummataatiin lafa heektara 100 irratti biqiltuun dhaabamuusaa ibsaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa kilaasteraan gurmaa'anii jallisiin misoomsuu erga eegalanii as oomishtummaan isaanii haala olaanaaniin guddachuu isaas dabalanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Aanaa Maannaa Ganda ganda Dooyyuu Biqilaa Gaalii Abbaa Zinaab fi Haafiz Badiruu yaada kennaniin; kanaan dura buna dhuunfaa isaaniitiin oomishuuf yaalii taasisaniin oomishni argachaa turan xiqqaachuu isaa yaadachiisaniiru. Amma garuu kilaasteraan gurmoofnee oomishuu erga eegallee fayyadamoo ta'uu dandeenyeerra, oomishni fi oomishtummaan keenyas guddachaa dhufeera jedhaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen dabaluunis, yeroo ammaa kana deeggarsi ogeessaa barbaachisaan taasifamaafi waan jiruuf, bara oomishaa kanatti oomisha olaanaa akka eegan ibsaniiru.
Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa horsiisee bulaan ongeef akka hin saaxilamne gochaa jiru
Jun 6, 2026 81
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa naannoo Oromiyaatti ijaaraman hanqina bishaanii fi ongee naannawoota horsiisee bulaatti mudachuu danda’an damdamachuuf humna ta’aa akka jiran biiroon jallisii fi misooma horsiisee bulaa naannichaa ibse. Hogganaan biirichaa injiinar Girmaa Raggaasaa TOI’tti akka himanitti, miidhaa ongee sababa hanqina bishaaniitiin naannichatti loonii fi namarra gahu damdamachuuf pirojektiin Finnaa jedhamu hojiirra oolaa jira. Ijaarsi pirojektootaa xiqqaa fi jiddu galeessaa 73 karaa pirojektii kanaa hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanneen keessaa 40 kan ta’an ijaaramanii xumuramanii tajaajilaaf qaqqabaniiru jedhaniiru. Pirojektiin hawaasa horsiisee bulaa biratti hojiirra oolaa jiran dandeettii balaa ongee damdamachuu gabbisuudhaan gumaacha olaanaa gochaa akka jiran hogganaan kun eeraniiru. Keessumaa pirojektoonni kunneen rakkoo godinaalee Boorana, Harargee fi Baaleetti naannawa horsiisee bulaatti sababa ongeetiin namootaa fi loon mudachaa ture furuuf gargaarsa olaanaa gochuusaanii eeraniiru. Pirojektoota kanneen hanqinni bishaanii bakka itti mudatu bakkeewwan birootti bal’isuun rakkoo mudachuu danda’u dursanii qolachuu fi damdamachuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Pirojektoonni jallisii kunneen guutummaan xumuramanii tajaajila yeroo eegalan hanqina bishaanii naannawaa fulla’insaan furuurra darbee jireenya horsiisee bulaa loon horsiisuu qofarratti hirkate misooma qonnaa waliin walitti hidhuun caalaatti akka fayyadaman taasisu jedhan.
Naannichatti teeknooloojii qonnaa bal’inaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jun 5, 2026 1327
Caamsaa 28/2018 (ENA): Lafa qonnaa babal’isuun alatti, itti fayyadama teeknooloojii qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti dabaluudhaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuun ibsameera. Godina Iluu Abaa Booraatti qonni Gannaa haalaan kan itti fufe yoo ta’u, har’as hojiin lafa qophaa’e sanyii boqqollootiin uwwisuu aanaa Dooraniitti eegalameera. Akka Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa Injiinaar Girmaa Raggaasaa himanitti qonni Bonaa fi Gannaa naannichatti bal’inaan hojjetamaa jira jedhani. Keessattuu waggoota muraasa darbanitti naannichatti misooma jallisii irratti bu’aa gurguddaan argamuu eeruun, ijaarsi hidhaalee misooma jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa cimee hojjetamuu ibsaniiru. Wabii nyaataa mirkaneessuun irra caalaa qonna babal’isuudhaan galma gahuu akka danda’u kan ibsan Injinar Girmaan, naannichatti misooma qamadii Bonaarratti milkaa’inni guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Kunis duudhaa kanaan dura waggaatti al tokko oomishamu ture fooyyessee, qonna Gannaaf dandeettii dabalataa uumeera jedhan. Yeroo oomishaa dhufutti lafa misooma qonnaaf oolu danda’u qotuu fi makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Akkasumas Godina Iluu Abaa Booraatti qonna Gannaatiin lafti heektaara kuma 389 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qonna kilaastaraan aanaalee Godinichaa keessatti sanyiidhaan uwwisuu cimee itti fufuus eeraniiru. Dhiyeessiin makaanaayizeeshinii qonnaa omishtummaa guddisu godinaalee hunda keessatti dabalaa jiraachuu eeraniiru. Qonna Gannaa tiraaktaraatiin qotuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Barana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera
Jun 5, 2026 397
Caamsaa 28/2018 (ENA)-Bara bajataa xumurame kana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Biirichatti daarektarri qulqullinaa fi misooma Bunaa obbo Taakkalaa Hayilamaaram ENAtti akka himanitti, naannichatti misoomni Bunaa Inisheetiivii addaatiin bocamee hojiitti erga galamee asitti oomishnii fi oomishtummaan Bunaa sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera. Jiruu fi jireenyi qonnaan bulaa kallattiidhaan misooma Bunaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kan eeran daarektarichi, misoomni Bunaa bal’inaa fi karaa ammayyaa hojjetamuunsaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru. Biirichi oomisha Bunaa akaakuu fi baay’inaan guddisuuf hojiileen hedduun hojjechuusaa eeraniiru.   Kanneen keessaa sanyii Bunaa fooyya’aa yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa kennan qonnaan bulaa biraan ga’uu, muka Bunaa dulloomee fi oomisha hin kennine haaraan bakka buusuun isaan ijooti jedhaniiru. Dabalataanis ogeeyyota qonnaatiin deeggaramuun muka Bunaa gamashuu bal’inaan hojjetamuu ibsaniiru. Haala Kanaan bara oomishaa 2018 naannichatti Buna kuntaala miiliyoona 18 walitti qabuuf karoorfamee amma ammaatti Bunni kuntaalli miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera jedhaniiru.   Dandeettii dorgommii gabaa addunyaa fi qulqullina eegsisuuf hojiileen hubannoo qonnaan bulaa jiddu galeessa godhatan hojjetamuu obbo Taakkalaan ibsaniiru. Keessumaa qonnaan bultoonni Buna diimaa qofa akka funaanan gochuun akka danda’ame ibsanii, Buna walitti qabame qulqullinaan gogsuun aadeffamuu dubbataniiru. Fayyadamaa qonnaan bulaa caalaatti guddisuu fi faddaaltota seeraan alaa ittisuuf osoo eenyuyyuu jidduu hin seeniin kallattiin gabaa addunyaaf dhiheessuuf haalli mijataa uumamaa akka jiru gaggeessaan kun beeksisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 1362
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 3267
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaan Maalaawwii waliin tapha michuummaa ni taphatti
Jun 6, 2026 328
Caamsaa 29/2018 (ENA):–Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gitasaa Maalaawwii waliin har’a tapha michuummaa Idil-Addunyaa ni gaggeessa. Taphichi galgala sa'aatii 12:00 irratti Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasifama. Leenjisaan garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yohaannis Saahilee qophii tapha michuummaaf Caamsaa 19 bara 2018 taphattoota 23f waamicha kan taasisan yoo ta'u, gareen biyyalessichaa Caamsaa 24 bara 2018 kaasee Finfinnee fi Dirree Dawaatti qophii taasisaa tureera. Gareen Ituyoophiyaa tapha isaa jalqabaa har'aa taasisuun, shaakalliisaa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Taphattoonni garee biyyaalessichaa hundi fayyummaa gaarii irratti akka argaman Federeeshiniin Ispoortii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Gama biraatiin, leenjisaan lammii Zimbaabuwee waggaa 55 Kaalisto Paasuwaa tapha kanaaf taphattoota 23f waamicha taasisanii gareen isaanii qophii taasisaa tureera. Gareen Maalaawwii leenjii isaa isa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Itiyoophiyaa fi Maalaawwiin kanaan dura taphoota dorgommii fi michuummaa irratti si'a 14 wal arganiiru. Waliyoonni si'a afur yoo mo'atan, Maalaawwiin si'a shan mo'ataniiru.   Taphoota shanan hafan ammoo qixa ba'aniiru. Taphoota kanaan Itiyoophiyaan galchii 16 kan lakkoofsiste yoo ta'u, Maalaawwiin goolii 14 galchiteetti. Biyyonni lameen yeroo dhumaaf kan waliin taphatan dorgommii deebii Waancaa Afrikaa 34ffaa ammaan dura bara 2022 fi 2023 Kootdivaaritti gaggeeffameef darbuuf tapha gulaalli taasisaniinii ture. Taphoota gulaallii lameen keessaa Maalaawwiin tokko yoo mo'attu, tapha hafe irratti ammoo goolii malee qixa ba'aniiru. Itiyoophiyaan yeroo dhumaaf Maalaawwii kan mo'atte bara 2021 Istadiyeemii Baahir Daaritti tapha michuummaa taasifameen yoo ta'u, gareen biyyaalessaa yeroos galchii 4 fi 0n injifannoo galmeessisee ture. Biyyonni kunneen tapha isaanii jalqabaa A.L.I bara 1983 taasisan keessatti Maalaawwiin Itiyoophiyaa galchii 4 fi 0n mo'attee turte. Taphichi A.L.A. bara 1986 Waancaa Addunyaa FIFA 13ffaaf Meeksiikootti qophaa'e tapha calallii zoonii Afrikaa ture. Biyyonni lameen har'a si'a 15ffaaf waiin taphatu. Sadarkaa FIFA irratti Itiyoophiyaan sadarkaa 144ffaa, Maalaawwiin ammoo sadarkaa 127ffaa irratti argamu. Gareen Biyyaalessaa biyyoota lameenii tapha michummaa isaanii isa lammaffaa Waxabajjii 2 bara 2018 Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasisu. Waliyoonni taphoota isaanii kanneen kan gaggeessan, guyyoota tapha garee biyyaalessaa Idil-Addunyaa FIFA fayyadamuun akka ta'e Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 4772
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani.   Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 126
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 686
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 462
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 21234
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 7063
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 6910
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015