ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jira
Aug 12, 2026 21
Hagayya 6/2018 (ENA): Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Jimmaa haala baratameen buna, boqqolloo fi mi’eessituu adda addaan kan beekamu yoo ta’uyyuu, waggoota dhiyoo asitti misooma sanyii midhaan zayitaa adda addaa babal’isuu fi galii qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jira. Godina kana keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi meeshaalee jallisii industirii biyya keessaa bakka buusuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti kuduraalee fi muduraalee dabalatee oomishni loozii xiyyeeffannoo ijoo ta’ee jira. Kanarraa kan ka’e godinni kun bara omishaa kanatti lafa heektaara 40,512 irratti boqqolloo misoomsuu fi kuntaala kuma 920 ol sassaabuuf karoorfamee jira. Itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinichaa obbo Tijaanii Tamaam waggoota dhiyoo asitti oomisha baratameen alattis misoomni sanyii midhaan zayitaa kanneen akka loozii fi suufii babal’achaa dhufeera jechuun ENAtti himan. Godinaalee aanichaa adda addaatti misooma loozii babal’isuun omisha olaanaa galmeessisuuf tattaaffiin hojjetamaa jiraachuu hubachiisiisuun, bara omishaa bara kanaas omishni dabaluu isaa ibsaniiru. Looziin alattis suufii lafa heektaara kuma 3 fi 300 irrattis misoomuu eeruun, oomishtummaa sanyii midhaan zayitaa guddisuuf hojiiwwan deeggarsa teeknikaa fi hordoffii adda addaa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Misooma sanyii midhaan zayitaa naannoo sanaaf mijatu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru. Godina kana Aanaa Cooraa Botor keessatti loozii misoomsaa kan jiran qonnaan bultoonni Ahmad Sheek Mahmuud fi Araarsee Boruu waggoota darban keessatti misooma loozii irraa bu’aa gaarii galmeessisuun bara kana omisha fooyya’aa akka eegan himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baankichi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuuf hojjechaa jira- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Aug 12, 2026 16
Hagayya 6/2018 (ENA): Baankiin Siinqee hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan fakkeenyummaa gaarii kan qaban hojjechaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Baankichi gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2018 gaggeesseera. Pirezidaantiin Baankichaa obbo Niwaay Magarsaa, bu'aan baankichi bara baajataa darbe keessatti galmeesse daran olaanaa fi imala baankichaa hundagaleessaa kan saffisiisu ta'uu ibsaniiru. Qabeenyi waliigalaa Baankii Siinqee Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 16 ol qaqqabuus obbo Niwaay dubbataniiru. Dhiyeessiin liqii hanga ammaatti Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 27.1 kan gahee fi lammillee kuma 800 fi kuma 55 oliif liqeessuu himan. Kaappitaalli waliigalaa isaas gara Birrii biiliyoona 23.1 tti guddateera jedhan. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicharratti argamuun, Baankiin Siinqee Bara baajataa 2025/26 raawwii hojii olaanaa galmeessuu dinqisiifataniiru. Baankichi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan hojjechaa jiru fakkeenyummaa gaarii kan qaban ta’uu himaniiru. Baankichi hanga ammaatti liqii waliigalaa kenne, jiruuf jireenya hawaasaa kallattiin jijjiiruu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Baankichi imala guddina gama hundaan eegale kana cimsee akka itti fufuuf Mootummaan Naannichaa deeggarsa barbaachisaa ni taasisaas jedhan #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Shinooyyee: Aadaa, Sirbaa fi Tapha Ce’umsaa Shamarran Oromoo
Aug 12, 2026 55
Shinooyyeen sirba aadaa fi tapha duudhaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu ta’ee, keessumaa shamarran hin heerumneen (qarreewwaniin) yeroo ce’umsa waggaa haaraa fi ji’a Qaammee simachuuf kan raawwatamudha. Aadaan kun gamtaa, kabaja, gammachuu fi eenyummaa hawaasa Oromoo keessatti qabu gadi fageenyaan calaqqisiisa. Yeroo fi Haala Tapha Shinooyyee Shinooyyeen simannaa Birraaf, aduun birraa baatuuf hawwiin eegamtuttii fi biqiltuun lalisuu jalqabu—keessumaa ji'a Qaammee simachuuf taphatama. Yeroo kana shamarran ganda keessaa walitti qabamuun: •Uffata Aadaa: Uffata aadaa miidhagaa fi faaya aadaatiin miidhaganii dhihaatu. •Sochii fi Sagalee: Harka dhahuun, sagalee wal-simsiisuu fi dhiichisa qaamaatiin sirba isaanii dhiheessu. •Ganda Naanna'uu: Qarreewwan wal waamanii qe'ee keessa naanna'uun weedduu aadaa sirbu, hawaasas eebbisu. Kaayyoofi Ergaa Shinooyyee Taphnii fi sirbi Shinooyyee ergaa hawaasummaa fi afuuraa gadi fagoo ta’an hawaasaaf dabarsu: 1.Ce’umsa Nagaa fi Badhaadhinaa Hawwuu: Yeroo Gannaa irraa gara Birraatti ce’an nagaa, araara, badhaadhinaa fi milkii hawaasaaf hawwuuf taphatama. 2.Duudhaa Ganamaa Dabarsuu: Dhaloota haaraaf aadaa, safuu fi duudhaa ganamaa Oromoo akkasumas kabaja walii dhaalaan dabarsuuf gargaara. 3.Ergaa Hawaasummaa fi Jaalalaa: Weedduun Shinooyyee jaalala, tokkummaa, jabina hawaasummaa, gorsa akkasumas qoosaa fi qeeqaa gaarii (kan walitti dhiheenya uumu) of keessaa qaba. Iddoo fi Sirna Raawwii Shinooyyeen sirba gammachuu fi bashannanaa ta'uun isaa ayyaana waggaa fi yeroo Qaammee fi simannaa Qaammeef qofaaf kan daangeffame miti. Yeroo cidhaa (gaa'elaa) fi ayyaanota adda addaa irratti shamarran walitti qabamanii wal-qixxeessanii taphatu. Sirni kun walitti dhiheenya hawaasaa cimsuu fi gammachuu ce’umsaa waliin qoodachuu keessatti gahee olaanaa taphata.
Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii irratti hirmaataniif Simannaan taasifame
Aug 12, 2026 26
Hagayya 6/ 2018 (ENA): Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii Ameerikaa Origon keessatti gaggeeffame irratti hirmaachaa turaniif simannaa ho'aan taasifameefi. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana walumaa galatti meedaaliyaa 6 argachuun kan xumurte yoo ta’u, warqee 2, meetii 3 fi naasa 1 aragatteetti. Biyyi dorgommii bara kanaa keessummeessite Ameerikaan meedaaliyaa 24’n dursaa xumurteetti. Keeniyaan meedaaliyaa 11 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa wayita baatu, Itiyoophiyaan dorgommii kana akka addunyaatti sadarkaa 5ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa bahuun xumurteetti. Itiyoophiyaan dorgommii walfakkaatu waggaa lama dura Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffameen warqee 6, walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun ishee kan yaadatamudha. Shaampiyoonaan kun Ameerikaa bulchiinsa Origon magaalaa Yuujiin keessatti Adoolessa 29 hanga Hagayya 3, 2018tti gaggeeffameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hin danda’amu-MM Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 12, 2026 50
Hagayya 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hindanda’amu jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad. Doktar Abiyyi Ahimad erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanin, qoodamni umrii ummata keenyaa akka argisiisutti, dargaggoonni baay’ina olaanaa qabaachuun isaanii badhaadhina mirkaneessuu fi cimsuuf carraa guddaadha jedhan. Aadaa fi barmaatilee boodatti hafoo, falmiiwwan, waldhabdee fi walitti bu’iinsa biyya keenya duubatti harkisaa turan irraa fagaachuun, dargaggoonni yeroo ammaa misooma irratti xiyyeeffachuu; hiyyummaas jibbuu himan. Mootummaan Ida’amuu dargaggoonni karaa hundaan fayyadamoo akka ta’anii fi gahee isaanii hoggansa keessatti akka cimsan xiyyeeffannoo fi kutannoo olaanaan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru. Mul’ata keenya dhugoomsuuf hunduu dammaqinaan carraaqaa, jaalalaan akka jiraannu waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Siyaasa
Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina walii galaa Itoophiyaa fi walitti-hidhaminsa Riijinii kan mirkaneessanidha – Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Aug 11, 2026 209
Hagayya 5/2018 (ENA) Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa Riijinii kan mirkaneessudha jechuun Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinaar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Abbayii fi Galaanni Diimaan seenaa Itoophiyaa, Ji'oo-politiksii fi guddina dinagdee keessatti kan walirraa hin cinnee fi lamaan isaanii tokkoo ta’uusanii ibsaniiru. Bishaanonni lamaan kun kaartaa siyaasaa riijinichaa irratti qaama tarsiimo’aa madaalliin humnaa itti murtaa'an ta'uu dubbataniiru. Itoophiyaan gaaffii abbummaa ulaa gaalaanaa ishee mirkaneessuuf bu'uura amala fayyadama woloo hordofuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jirti. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa turtii ENA waliin taasisaniin; Abbayii fi Galaanni Diimaan hiree Itoophiyaa murteessaa turuu isaanii ibsaniiru. Jireenyi Itoophiyaanotaa qaamolee bishaanii kana waliin walitti-dhufeenya olaanaa qabaachuu isaas ibsuudhaan. Itoophiyaan Abbayii akka hin misoomsinee fi akka hin fayyadamne humnoonni alaa karaa garaa garaatiin carraaqqii yeroo dheeraaf taasisaa turuu isaanii eeruudhaan; akkasumas shiraan Galaana Diimaarraa akka fagaattu gochuun Itoophiyaanonni gatii guddaa kaffalaa turuu isaaniifi eeraniiru. Hidha Haaromsaatiin Itoophiyaanotni bara dheeraaf hawwaa kan turani keessaa abjuu isaanii keessaa tokko galmaan gahuu danda'uu isaanii ibsuun; kunis Itoophiyaanota irratti dhiibbaa gahaa ture cabsuuf milkaa’ina dandeessise ta'uusaa kaasaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa shira biyyattii irratti taasifamaa turan hambisuu kan danda'e ibsituu boonsaa Itoophiyaanotaa ta'uusaa eeraniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa shira garaa garaatiin akka dhabdu erga ta'ee booda dhimma kana kaasuun kan hin hayyamamneef maqaa biraa kennisiisaa kan ture ta'uus yaadachiisaniiru. Itoophiyaan yeroo ammaa kana abbummaa ulaa galaanaa ishee karaa nagaatiin argachuu qabdi jettee gaaffii kaaste kutannoo hoggansa olaanaan kan irratti mul'ate ta'uu isaa eeraniiru. Dhimmi Galaana Diimaa dhimma mootummaa ykn dhaabbata siyaasa tokkoo qofa miti hojii dhalootatti ce'udha jechuun; Abbayii fi Galaana Diimaa bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa riijinii kan mirkaneessanidha jechuun kaasaniiru. Akkasumas naannoo Galaana Diimaatti dorgommii ji'oo-politikaa addunyaa mul'atanii fi balaawwan nageenya galaana irraa jiran salphisuuf kan dandeessisu ta'uu isaas eeraniiru. Itoophiyaanonni tokkummaa Hidha haaromsaa irratti mul’isan Galaanaa Diimaarratti dabaluu akka qabnis dhaamaniiru.
Dhimmoota Amantii fi Ajandaawwan Ijaarsa Nageenyaa irratti Mari’attoonni waliigaluu ibsani
Aug 11, 2026 159
Hagayya 5/2018(ENA): komishiniin marii biyyaalessaa Itoophiyaa ajandaawwan saddeet Manni Maree Komishinichaan adda baasan irratti Adoolessa 8/2018 irraa eegalee walgahii marii biyyaalessaa gaggeessaa akka jiru ni beekama. Haaluma kanaan ajandaawwan irratti gareewwan hojii saddeet miseensota 500 qabaniin mari’atamaa jiru. Akka hojmaata Komishinichaatti gareen tokko miseensota 500 qabu ajandaa tokko irratti mari'achaa jira. Haala kanaan gareewwan lamaan dhimma amantii fi ajandaa ijaarsa nagaa irratti adda addaan mari’achaa kan turan yoo ta’u, yaada isaanii irratti waliigaluun walgahii har’aa Hagayya 5, 2018 mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa'iin Marii Biyyaalessaa tokkummaa ummataa ni cimsa - jiraattota Finfinnee
Aug 11, 2026 152
Hagayya 5 /2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee konfiraansiin marii biyyaalessaa Itoophiyaa waliigaltee tokkummaa ummataa cimsuu fi guddina diinagdee saffisiisu akka ijaaru abdii qaban ibsaniiru. Konfiraansiin Marii Biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee, Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshin keessatti gaggeeffamaa jira. Konfiraansii kanarratti bakka bu’oonni ummataa kuma afur lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessuun ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti waliigaltee uumuuf marii gaggeessaa jiru. Jiraattonni Finfinene ENA'tti akka himanitti, Yaa'iin Marii Biyaalessaa Itoophiyaanota gidduutti waliigaltee uumuu fi nagaa waaraa fiduuf karaa murteessaa ta'uu cimsinee amanna jedhani. Adeemsi marii kun waliigaltee tokkummaa biyyaa cimsu, nagaa waaraa argamsiisuu fi guddina dinagdee guddisu akka uumu abdii guddaa qaban ibsaniiru. Namoota yaada kennan keessaa jiraataa Finfinee Roobeel Birhaanuun mariin biyyaalessaa kun lammiilee gidduutti waliigaltee uumuuf karaa hojiirra ooluu danda’uu fi bu’a qabeessa ta’uu ibseera. Rakkoo biyyaalessaa irratti mariin yeroo gaggeeffamu ajandaalee bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf karaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis gama siyaasaatiin waliigaltee uumuu fi hojii misoomaa tasgabbaa'aa dandeettii diinagdee biyyattii ijaaru haala mijeessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itoophiyaa bakka yaadonni gaariin itti maddisiifamaniifi waliigaltee guddina diinagdee fi tokkummaa ummataa cimsu ijaaru akka ta’u abdiin qaba jedheera. Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraataan magaalaa Finfinnee kan biraa obbo Haayilee Alamayyoo akka himanitti, lammiileen biyya tokkoo mariidhaan dhimmoota waloo irratti waliigaltee uumuuf walitti qabaman mataan isaa milkaa’ina guddaadha jedhani. Waltajjii seena qabeessa kana booda Itoophiyaan waliigaltee guddina diinagdee ishee itti fufsiisu ijaaruun dandeettii Afrikaa keessatti adda duree ta’uuf akka uumtu amantaa qaban ibsaniiru. Obbo Yaadataa Guddataanis gama isaaniin Mariin Biyyaalessaa hunda hammatee lammiilee gidduutti hubannoo waloo ijaaruun tokkummaa ummataa daran akka cimsu abdii qaban ibsaniiru. Yaada kennituu kan biraa aadde Almaaz Tammiraat akka himanitti, Mariin Biyyaalessaa waltajjii waloo Itoophiyaa lammiilee gidduutti hubannoon cimaan jiru ijaaruuf bu’uura kaa’uudha jedhani. Haaluma walfakkaatuun jiraataa magaalaa Finfinnee obbo Aschaaloo Bargaa Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa waltajjii barbaachisaa dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Obbo Garramaa Dabbabaas bu’aan Marii Biyyaalessaa kun hubannoo waloo kan nagaa fi guddina dinagdee itti fufiinsuu qabu lammiilee Itoophiyaa hundaaf saffisiisu akka uumu ni amanna jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Adeemsi marii gara marsaa xumuraatti ce'aa jira
Aug 10, 2026 318
Hagayya 4 /2018 (ENA): Adeemsi Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gara marsaa xumuraatti ce'aa jira jedhan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Adeemsi marii adeemsa murtee kennuu osoo hin taane adeemsa gorsa kennuu akka ta’es ibsaniiru. Haala yeroo ammaa adeemsi marii kun irra jiru ilaalchisee ibsa kennaniin, adeemsi marii kun cimee sadarkaa fooyya’aa ta’etti ce’aa akka jiru Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa beeksisaniiru. Yaadonni kanaan dura hirmaattota 10 fi 50’n ka’aa turan gara garee 250tti babal’achuu isaanii eeraniiru. Sadarkaa amma irra jiruun gareen 250 lamaan hojii mari’atanii fi hojjetan qindeessanii gabaabsuun garee 500’f dhiyeessuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Miseensonni garee 500 marsaa itti aanu eegalan yaadota isaaniif dhiyaatan dhaggeeffachuun yaadota hammatamuu qaban qopheessaa jiru jedhan. Hirmaattonni 250 yeroo ammaa mari'achaa jiran har'a waaree booda kan xumuran yoo ta'u, boru ganama kan xumuran ammoo boru waaree booda garee isaanii 500 ta'aniif yaada isaanii ni dhiyeessu. Jalqaba adeemsa kanaa irratti yaadonni, falmiin fi ibsi miira adda addaa agarsiisan uumamaa marii ta’uu ibsuun, kunis hirmaannaa fi haaluma marii kanaa kan agarsiisan ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni dhimma tokkoon tokkoon gandaa fi naannoo achi jiru furuuf dhufuu osoo hin taane, Itoophiyaa akka wiirtuutti mariisisuuf dhufuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Adeemsi marichaa adeemsa murtee kennuu osoo hin taane, adeemsa yaada kennuu akka ta’e eeruun,yaadonni dhiyaatan kunniin immoo qaamota seera raawwachiisan,seera kabachiisan,seera baasan,seera hiikan,paartiile siyaasaaf fi waldaalee siiviliif kan dhiyaatan ta’u jedhani. "Murteen tokko sagalee caalmaadhaan ni kennama" ykn "murtoon dhiibbaa keessoo fi alaatiin ni kennama" jechuun oduun odeeffamaa jiru olola dha. Yeroo ammaa kana mari’attoota gidduutti falmiin fi waliigaltee dhabuun sadarkaa ‘daayivarjansii’ sadarkaa adda bahuu irra waan jiruuf fudhatama kan qabudha jedhani. Yeroo gara marsaa walitti dhufeenyaatti dhufnu yaada dhuunfaa keenyaa dhiifnee yaada waloo Itoophiyaa giddu galeessa godhate qabannee gara fuulduraatti tarkaanfanna jedhaniiru. Ajandaawwan baay’ee wal falmiisoodha jedhamanii kan turan,kanaan dura uummanni kan keenyadha jedhee gara giddu galeessaatti fideera jedhani. Ifaajii baatii tokkoon booda,turban tokko ykn lama booda hirmaattota kuma 4 waliin marii adeemsifamuun,mariachi ni xumurama jedhani. Sana booda yaadota dhiyaatan komishinichi cimsee qaama raawwachiiftuutti kan ergu yoo ta’u, hojiirra oolmaa isaaniis hordofee ummataaf ifa ta’a jedhaniiru. Komishinarri Olaanaan kuni namoota adeemsa kana namuusaan hordofaa jiran hundaaf biyya keessaas ta’e biyya alaa galata guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa’ii marii biyyaalessaa gaggeefamaa jiruun ajandaan Murtii argate hin jiru - Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa
Aug 10, 2026 226
Hagayya 4/2018 (ENA): Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin kan hin dabarre ta'uu fi galmi isaa olaanaan qaamota raawwachiisaniif yaada galtee qopheessuu ta'uu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan. Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa, waa'ee yaa’ii Marii biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Hirmaattota garee 10 irraa walitti ba'an keessaa gareen miseensota 250 lamaan yaada qopheessan walitti fiduun xumuraa akka jiran komishinarichi eeraniiru. Itti aansuun gareen miseensota 250 lamaan kun wal ta'uun yaaddoota miseensota 500 irratti mari'atan miseensota 500’f dhiyeessaa akka jiranis adeemsi kunis itti fufinsa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Gareen ajandaa miseensota 500 yaadota irratti yaada kennuun ajandaawwan akka gabbatan taasisaa akka jiran eeraniiru. Yeroo ammaa kana mariin miseensota 500 eegaluu isaa fi gareewwan marii miseensota 500 hundi guyyoota lama keessatti guutummaatti gara mariitti akka seenan himaniiru. Marii’attoonni Kutaa hawaasaa addaddaarraa kan walitti ba'an yaadotaa fi gaaffii adda addaa kaasudhaan mari'achaa akka jiranii fi adeemsi waliigalaa gaariituusaa ibsaniiru. Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin darbe kan hin jirre ta'uu kan dubbatan komishinarichi, galmi olaanaan adeemsichaa gorsawwan (yaada galtee) dhiyeessuu ta'uu ibsaniiru. Gorsawwan yaa’ii irratti dhihaatan mootummaa fi paartiilee siyaasaa dabalatee qaamota raawwachiisaniin kan raawwataman ta'uu hubachiisaniiru. Maricha irratti murtiiwwan akkasii ni dabarfamu kan jedhan odeeffannoo kijibaa ta’uusaa dubbataniiru. Yaa’ii marichaa sadarkaa amma irra jiruutti yaadota wal hin simne kaasuun isaa sirrii fi adeemsa umamaa ta'uu eeruun, kunis fuulduratti yaada gara gidduutti fiduuf adeemsa keessatti bu'uura murteessaa kan kaa'u ta'uu kaasaniiru. Sadarkaa walitti qabamuutti yeroo ga'u yaadonni dhuunfaa gatamaa deemanii Itoophiyaa kan giddu-galeessa godhatan yaadonni gamtaa akka dhufan eeraniiru. Ajandaawwan saddeettan irratti mariin taasifamu fuulduratti gorsawwan fooyya'oo akka argamsiisan komishinarichi amantaa qaban ibsaniiru.
Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 10, 2026 268
Hagayya 4/2018(ENA)- Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii fi deebii tibbana Oromia Broadcasting Network (OBN) waliin taasisaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii gareen tokko oromoon abbaa dabareetii, garee biraan immoo ammallee oromoon waan isaaf malu argachaa hin jiru jedhu ilaalchisuun gaafatamaniif deebii kennaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita deebisan gartuun lamaanuu yaada siyaasaa gahaa ta’e hin qabani, yaada faallaa dubbatu garuu waliin hojjetuu jechuun ibsaniiru. Gareen gaaffii akkasii kaasu tokko warra saamuu bare, qabeenyakee akka barbaade saamee, sabakee hidhee ofii tokkoffaa ta’ee ati akka lammaffaa taatu kan fedhuu fi amma saamicha dhabetu yaada akkanaa kaasa jedhaniiru. Itti dabaluunis gareen biroon warra ilaalcha anamalee jedhuun guutamanidha jechuun ibsuun gareen lamaanuu yaada siyaasaa gahaa hin qaban jedhaniiru. Gareen lamaan yaada garaa garaa qabatanii waliin dhaabbatanii mootummaa jigsuuf socho’aa jiru jedhan. Gareen kun dhimma uummattummaa akka hinqabne dubbataniiru. Oromoon qabeenya namaa saamee,hatee hin beeku; kanaafis fedha hin qabu jechuun ibsaniiru. Oromoon qe’ee namaa deemee hin saammane, kan ofii fedhee kennuuf hanqatee hin beeku jechuun dubbataniiru. Gareen baay’een kan ofii kan kootii jedha, kankee immoo kana walooti jedhu,kan ofii qofaa bulfatee,to’atee, itti fayyadamee kan keemmoo waliin qooddanna warri jedhan wal qixxummaa jibbuurraa kan maddudha jedhan. kan ofii bulfachuun kan waloorrattis seera tumachuun waloon bulfachuun walqixxummaa dhugoomsuuf qabsoofna jechuun ibsaniiru. Nuti walqixxummaarraa malee olaantummaarraa hin buufannu akkas akka ta’us hin barbaannu jechuun turtii OBN waliin taasisaniin ibsaniiru.
Qabxiilee Gurguddoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii OBN Waliin taasisaniin kaasan:
Aug 9, 2026 480
Walitti Hidhamiinsa Seeraan Alaa: Hidhattoonni Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay keessa socho'an mootummaa moo'achuu akka hin dandeenye hubatanii walitti hidhaminsa/gaa'ela seeraan alaa uumaniiru. Yaada Siyaasaa dulloomaa/Moofaa/: Gareen ABUT haala qabatamaa ammaa keessatti milkaa'uu kan hin dandeenye, yaada fi gaggeessummaa siyaasaa moofaa keessatti qabamee jira. Hidhattoota Meeshaa Taasifachuu: Gareen kun hidhattoota kutaa biyyaa biraa akka michuutti osoo hin taane, biyya diiguuf akka meeshaatti itti fayyadamaa jira. Fedhii diinota Alaa Tajaajiluu: Diinota seenaa kanneen Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguuf fedhii tarsiimoo yeroo dheeraa qabaniif akka meeshaatti tajaajilaa jira. Gara Olaantummaa Seeraatti Ceessisuu: Dimokiraasiin dhugaa bilisummaa siyaasaa irraa gara mariitti, mariin immoo gara olaantummaa seeraa waliigaltee walootiin bocamutti guddatee ce'uu qaba.
Ida'amuun Yaadama Mandhaalee jijjiirama qabatamaa damee hundaan kan fidedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmmad
Aug 9, 2026 298
Hagayya 3/2018 (ENA): Yaadamni Ida’amuu milkaa'inoota qabatamaa damee hundumaa keessatti galmeeffamaniif bu'uura kan kaa’e yaadama mandhaalee ta'uu isaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad turtii OBN waliin taasisaniin yaadni ida’amuu jedhu orma biraa kan waraabame osoo hin taane, bu'aa yaadaa fi falaasama mandhaalee ta'uu isaa ibsa taasisaniiru. Hojiin gaggeessaa siyaasaa dhugaan uummata rakkoo keessa gale keessaa baasee gara jireenya gaarii fi fooyya'aatti ceessisuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hojii riifoormii damee dinagdeetiin raawwataman ilaalchisee yeroo ibsan, Naannoo Oromiyaa keessatti misooma jallisiitiin hojiilee gurguddoon raawwatamuu isaanii caqasaniiru. Kanaanis godinaalee Booranaa fi Baalee keessatti bu'aan galmeeffame agarsiistuu gaarii ta'uu isaa eeraniiru. Manneen barnootaa idileen duraa bal'isuu irrattis hojii guddaan raawwatamuu isaa ibsaniiru. Gama biraatiin yaada ida’amuuntiin hariiroo alaa keessatti dhageettii fi bifa Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu kan ol kaasan hojiileen raawwatamuu isaanii ibsaniiru. Qajeeltoo Yaadama Ida’muu keessatti gara duubaatti ilaaluun barnoota fudhachuuf qofa ta'uu isaas dubbataniiru. Kitaabni yaada Ida’amuu qabatee jiru Afaanota garagaraa 10tti hiikamuufi yaadni sun qabatamaan jijjiirama fidaa jiraachuu isaa arguun kan danda'amu ta'uu dubbataniiru. Walii galatti , yaadni Ida’amuu hojiilee rifoormii damee hundumaa keessatti bu'aan akka galmeeffamuuf shoora murteessaa taphachuu isaa ibsaniiru.

Hawaasummaa
Shinooyyee: Aadaa, Sirbaa fi Tapha Ce’umsaa Shamarran Oromoo
Aug 12, 2026 55
Shinooyyeen sirba aadaa fi tapha duudhaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu ta’ee, keessumaa shamarran hin heerumneen (qarreewwaniin) yeroo ce’umsa waggaa haaraa fi ji’a Qaammee simachuuf kan raawwatamudha. Aadaan kun gamtaa, kabaja, gammachuu fi eenyummaa hawaasa Oromoo keessatti qabu gadi fageenyaan calaqqisiisa. Yeroo fi Haala Tapha Shinooyyee Shinooyyeen simannaa Birraaf, aduun birraa baatuuf hawwiin eegamtuttii fi biqiltuun lalisuu jalqabu—keessumaa ji'a Qaammee simachuuf taphatama. Yeroo kana shamarran ganda keessaa walitti qabamuun: •Uffata Aadaa: Uffata aadaa miidhagaa fi faaya aadaatiin miidhaganii dhihaatu. •Sochii fi Sagalee: Harka dhahuun, sagalee wal-simsiisuu fi dhiichisa qaamaatiin sirba isaanii dhiheessu. •Ganda Naanna'uu: Qarreewwan wal waamanii qe'ee keessa naanna'uun weedduu aadaa sirbu, hawaasas eebbisu. Kaayyoofi Ergaa Shinooyyee Taphnii fi sirbi Shinooyyee ergaa hawaasummaa fi afuuraa gadi fagoo ta’an hawaasaaf dabarsu: 1.Ce’umsa Nagaa fi Badhaadhinaa Hawwuu: Yeroo Gannaa irraa gara Birraatti ce’an nagaa, araara, badhaadhinaa fi milkii hawaasaaf hawwuuf taphatama. 2.Duudhaa Ganamaa Dabarsuu: Dhaloota haaraaf aadaa, safuu fi duudhaa ganamaa Oromoo akkasumas kabaja walii dhaalaan dabarsuuf gargaara. 3.Ergaa Hawaasummaa fi Jaalalaa: Weedduun Shinooyyee jaalala, tokkummaa, jabina hawaasummaa, gorsa akkasumas qoosaa fi qeeqaa gaarii (kan walitti dhiheenya uumu) of keessaa qaba. Iddoo fi Sirna Raawwii Shinooyyeen sirba gammachuu fi bashannanaa ta'uun isaa ayyaana waggaa fi yeroo Qaammee fi simannaa Qaammeef qofaaf kan daangeffame miti. Yeroo cidhaa (gaa'elaa) fi ayyaanota adda addaa irratti shamarran walitti qabamanii wal-qixxeessanii taphatu. Sirni kun walitti dhiheenya hawaasaa cimsuu fi gammachuu ce’umsaa waliin qoodachuu keessatti gahee olaanaa taphata.
Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hin danda’amu-MM Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 12, 2026 50
Hagayya 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hindanda’amu jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad. Doktar Abiyyi Ahimad erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanin, qoodamni umrii ummata keenyaa akka argisiisutti, dargaggoonni baay’ina olaanaa qabaachuun isaanii badhaadhina mirkaneessuu fi cimsuuf carraa guddaadha jedhan. Aadaa fi barmaatilee boodatti hafoo, falmiiwwan, waldhabdee fi walitti bu’iinsa biyya keenya duubatti harkisaa turan irraa fagaachuun, dargaggoonni yeroo ammaa misooma irratti xiyyeeffachuu; hiyyummaas jibbuu himan. Mootummaan Ida’amuu dargaggoonni karaa hundaan fayyadamoo akka ta’anii fi gahee isaanii hoggansa keessatti akka cimsan xiyyeeffannoo fi kutannoo olaanaan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru. Mul’ata keenya dhugoomsuuf hunduu dammaqinaan carraaqaa, jaalalaan akka jiraannu waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Mariin Biyyaalessaa Nagaa fi Badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba
Aug 11, 2026 86
Hagayya 5/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa guddina biyyattii saffisiisuu fi nagaa waaraa dhugoomsuuf qooda qabaachuusaa Manguddoonni Magaalaa Amboo ENA'f yaada kennan dubbatan. Itoophiyaan garaagarummaa Siyaasaa, Hawaasaa fi Dinagdee bara dheeraaf turan karaa waaraan furuuf yaa’ii walii gala marii biyyaalessaa gaggeessaa jirti. Mariichaan sagaleen uummataa baay'ee kan itti dhaga'amu, seenessi dogongoraa kan itti sirratuu fi walta’insi biyyaalessaa kan itti uumamu akka ta’u ibsaniiriru. Manguddoonni Magaalaa Amboo akka ibsaniitti, mariin kun wal-hubannoo dhabuu fi madda walitti bu'insaa lammiilee gidduutti turan karaa waaraan furuuf akka dandeessisu abdii qaban ibsaniiru. Yaada kennitoota keessaa obbo Baqqalaa Bay’isaa; mariin kun Itoophiyaanota garaagarummaa isaanii mariidhaan furuun yaada waloo cimsuun guddina biyya isaanii saffisiisuu kan itti danda’an ta'uusaa ibsaniiru. Gaaffiiwwan sab-daneessaa waggootaaf komii fi walitti bu'iinsaa uumaa turan mariidhaan yeroo furaman lammiileen hunduu injifannoodhaan guddina biyyaaf kan dhaabbatan akka ta’u amantaa qaban dubbataniiru. Manguddoon magaalaa fi hirmaataan marichaa kan ta'an obbo Baay’isaa Joobir gama isaaniitiin, adeemsichi nagaa waaraan akka bu’uuf fi hojiileen misoomaa eegalaman cimee akka itti fufu taasisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Manguddoon biyyaa obbo Fufaa Qaqqabaa gama isaaniitiin, Itoophiyaanota garaagarummaa sabaa fi amantaatiin utuu hin burjaajja'in jaalalaa fi kabajaadhaan bara dheeraaf uummata waliin jiraachaa turan ta'uu yaadachiisaniiru. Kanaafuu dhimmoota qoqqoodinsaa hambisuu fi seenessa waloo ijaaruuf adeemsa marii dandeessisu ta'uu eeraniiru. Mariin biyyaalessaa haammataa ta'e kun gaaffii uummataa mariidhaan kan deebisu ta'uusaan, lammiileen hunduu deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa itti fufee jira
Aug 11, 2026 99
Hagayya 5/2018 (ENA): Hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru ciminaan itti fufuu isaa itti gaafatamtuun paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Damee Dargaggootaa Aadde Rahimaa Yuusuf beeksisan. Godina Jimmaatti hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa godinaalee aanichaa gara garaa keessatti cimee kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, arjooma dhiigaa, mana qaama miidhamtootaa haaromsuu fi hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa biroo dabalatee hojjetamaa jira. Guyyaa har'aa Aanaa Mannaa fi Gommaatti qaama miidhamtootaaf deeggarsi tola ooltummaan adda addaa taasifameera. Sagantaa kana irratti Hoggantuun paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa kutaa Dargaggootaa, Bulchaan Bulchiinsa Godina Jimmaa Tijaani Naasir fi hoggantooonni hojii mootummaa biroo argamaniiru. Deeggarsi taasifame kun jireenya gareewwan rakkoof saaxilamoo ta’anii haala itti fufiinsa qabuun jijjiiruuf kan kaayyeffate ta’uus ibsameera. Deeggarsa kennaman keessaa meeshaalee barnootaa, dhiyeessii nyaataa, gaagura kanniisaa fi eelee buddeenaa elektirikaa ammayyaa ni argamu. Aadde Rahimaan hojiin tajaajila tola ooltummaa naannicha keessatti namoota hedduu fayyadamoo taasise cimee itti fufuu eeruun; kana keessatti hirmaannaan dargaggootaa ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas bakka danda’ametti tumsuun hirmaannaa tajaajila tola ooltummaa keessatti hawaasni qabu cimsuu akka qabu dubbataniiru. Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir akka himanitti, tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa keessatti hanga ammaatti manneen qaama miidhamtoota Godinicha keessa jiran kuma 5 fi 500 haaromsuuf karoorfamee kanneen keessaa walakkaan ol raawwatamuu dubbatani. Bulchaan kun deeggarsi kennamu guyyaa guyyaa qofa osoo hin taane itti fufiinsa kan qabu ta’uu ibsuun, fayyadamtoonni hojjatanii jireenya isaanii akka jijjiiran dhaamaniiru. Sagantaa Tola Ooltummaa Gannaa aanaa Mannaatiin hanga ammaatti manneen namoota harka qalleeyyii 300 ol suphamuu isaanii kan dubbatan immoo Bulchaa aanichaa obbo Samaaruddiin Ahimad dha. Kana malees arjoomni dhiigaa fi hojiiwwan biroo gaggeeffamaa akka jiran eeruun, tajaajilli tola ooltummaa gargaaruu qofa osoo hin taane, akka sirna Gadaatti duudhaa keenya waliif yaaduu fi wal deeggaruu akka ta’e ibsaniiru. Jiraattoota aanaa Mannaa Namoota deeggarsa argatan keessaa Aadde Faaxumaa Abbaagaroo fi Tigistee Geetaachoo Akaka ENAtti himanitti deeggarsi isaan argatan nyaata guyyaa guyyaa qofa osoo hin taane jireenya isaanii keessatti jijjiirama waaraa ta’uu isaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Hojii tola ooltummaatiin hojii fi jijjiiruu fi namoota biroo deeggaruun itti fufuuf waadaa galaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Diinagdee
Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jira
Aug 12, 2026 21
Hagayya 6/2018 (ENA): Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Jimmaa haala baratameen buna, boqqolloo fi mi’eessituu adda addaan kan beekamu yoo ta’uyyuu, waggoota dhiyoo asitti misooma sanyii midhaan zayitaa adda addaa babal’isuu fi galii qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jira. Godina kana keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi meeshaalee jallisii industirii biyya keessaa bakka buusuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti kuduraalee fi muduraalee dabalatee oomishni loozii xiyyeeffannoo ijoo ta’ee jira. Kanarraa kan ka’e godinni kun bara omishaa kanatti lafa heektaara 40,512 irratti boqqolloo misoomsuu fi kuntaala kuma 920 ol sassaabuuf karoorfamee jira. Itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinichaa obbo Tijaanii Tamaam waggoota dhiyoo asitti oomisha baratameen alattis misoomni sanyii midhaan zayitaa kanneen akka loozii fi suufii babal’achaa dhufeera jechuun ENAtti himan. Godinaalee aanichaa adda addaatti misooma loozii babal’isuun omisha olaanaa galmeessisuuf tattaaffiin hojjetamaa jiraachuu hubachiisiisuun, bara omishaa bara kanaas omishni dabaluu isaa ibsaniiru. Looziin alattis suufii lafa heektaara kuma 3 fi 300 irrattis misoomuu eeruun, oomishtummaa sanyii midhaan zayitaa guddisuuf hojiiwwan deeggarsa teeknikaa fi hordoffii adda addaa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Misooma sanyii midhaan zayitaa naannoo sanaaf mijatu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru. Godina kana Aanaa Cooraa Botor keessatti loozii misoomsaa kan jiran qonnaan bultoonni Ahmad Sheek Mahmuud fi Araarsee Boruu waggoota darban keessatti misooma loozii irraa bu’aa gaarii galmeessisuun bara kana omisha fooyya’aa akka eegan himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baankichi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuuf hojjechaa jira- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Aug 12, 2026 16
Hagayya 6/2018 (ENA): Baankiin Siinqee hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan fakkeenyummaa gaarii kan qaban hojjechaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Baankichi gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2018 gaggeesseera. Pirezidaantiin Baankichaa obbo Niwaay Magarsaa, bu'aan baankichi bara baajataa darbe keessatti galmeesse daran olaanaa fi imala baankichaa hundagaleessaa kan saffisiisu ta'uu ibsaniiru. Qabeenyi waliigalaa Baankii Siinqee Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 16 ol qaqqabuus obbo Niwaay dubbataniiru. Dhiyeessiin liqii hanga ammaatti Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 27.1 kan gahee fi lammillee kuma 800 fi kuma 55 oliif liqeessuu himan. Kaappitaalli waliigalaa isaas gara Birrii biiliyoona 23.1 tti guddateera jedhan. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicharratti argamuun, Baankiin Siinqee Bara baajataa 2025/26 raawwii hojii olaanaa galmeessuu dinqisiifataniiru. Baankichi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan hojjechaa jiru fakkeenyummaa gaarii kan qaban ta’uu himaniiru. Baankichi hanga ammaatti liqii waliigalaa kenne, jiruuf jireenya hawaasaa kallattiin jijjiiruu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Baankichi imala guddina gama hundaan eegale kana cimsee akka itti fufuuf Mootummaan Naannichaa deeggarsa barbaachisaa ni taasisaas jedhan #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Inisheetiviin Shayii Oromiyaa bu'aa argamsiisaa jira
Aug 11, 2026 144
Inisheetiviin Shayii Oromiyaa Godilaalee Jimmaa,Iluu Abbaa Boor fi Bunnoo Beddellee keessatti bal'inaan beekamu carraa hojii dargaggootaa fi madda galii qonnaan bultootaa ta'uu Pireesidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru. Ergaan Guutuu isaanii akka itti aanutti dhiyaateera: 𝐒𝐡𝐚𝐲𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚: 𝐎𝐦𝐢𝐬𝐡𝐚 𝐐𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐃𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐓𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐦𝐚’𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 Qabeenya qabaachuu qofti badhaadhina hinmirkaneessu. Gara humna dinagdee qabatamaatti jijjiiruuf ogummaa, dhaweessummaa, sirna deeggarsaa —teknoolojii, faayinaansii, invastimantii, sona dabalataa fi hidhata gabaa— akkasumas cancala sonaa cimaa barbaada. Inisheetiviin Shayii Oromiyaa, tarkaanfiilee yaada kana guutummaan hojiirra oolchuuf fudhatamaa jiran keessaa isa adda dureedha. Lafti, qonnaan bulaan, biqiltuun, faayinaansiin, teknoolojiin, warshaan, gabaafi al-ergiin walumaagalatti cancalli sonaa sirna oomishtummaa tokko keessatti walitti hidhamaa jiru. Hanga Inisheetiviin kun bara 2013 Labsii Alleetiin ifoomutti, misoomni baala shaayii naannoo keenyaa sadarkaa isaa malurraa fagoo ture. Hanqinni kun uwwisa lafaa, oomishtummaa, qulqullinaafi galii irraa argamu keessatti muldhataa ture. Kufaatiin kun rakkoo haala qilleensaa ykn lafa mijataa dhabuu hinturre; hanqina dandeettii qabeenya jiru gara omisha dorgomaa, tarsiima’aafi sona qabuutti jijjiiruu ture. Inisheetivii Shayii Oromiyaatiin, omisha qonnaafi sirna deeggarsaa ciccitaa irraa gara omisha gabaa tarsiima’aafi sirna deeggarsaa qindaa’aatti ce’aa jirra. Hanqinaalee gama uwwisa lafaa, oomishtummaafi qulqullinaatiin turan hambisuu qofa osoo hintaane, qonnaan bulaa cancala sonaa, kurfeessa omishaafi sona dabalataa, invastimantiifi hidhata gabaa biyya keessaafi alaa keessatti hirmaataa taasisaa jirra. Kanaaniis, bu’uura sirna dinagdee baadiyyaa haaraa kaa’aa jirra. Haata’u malee, ce’umsi qabatamaa sirna dinagdee baadiyyaa kan dhugoomu omisha qofaan osoo hintaane sirna dinagdee shaayii ijaarudhaani. Bu’uuruma kanaan, intarpiraayizoonni qonnaa, warshaaleen shaayiifi cancalli sonaa —sassaabbii, geejjibaafi qophii omishaa irraa eegalee hanga ‘packaging’, ‘branding’fi raabsaatti— babal’achaa jiru. Inisheetiviin Shayii dhimma omisha tokkoo qofa miti. Qonnaan bulaa keenyaaf madda galii haaraati; dargaggootaaf carraa hojiifi ogummaadha; dubartootaaf carraa dinagdeeti; invastarootaaf gabaa haaraadha. Naannoofi biyya keenyaf ammoo gos-daneessummaa omishaalee al-ergii, madda sharafa alaa haaraa, dorgomtummaa idil-addunyaafi humna dandamannaa dinagdeti. Kanaaf, waa’ee baala tokkoo osoo hintaane waa’ee jijjiirama sirna dinagdee baadiyyaati. Yeroo dhihoo keessatti, ‘Hobe Tea’, ‘Chora Tea’ fi ‘Gefere Tea’ maqaa kilaastaroota shaayii Oromiyaa irraa maddan ta’anii gabaa idil-addunyaa irratti muldhachuu jalqabu. Maatiin qonnaan bultootaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa, Bunnoo Baddalleefi Jimmaa, cancala sonaa kana keessatti baldhinaan hirmaachaa jiranis, of-jijjiiruu bira darbanii, ce’umsa caasaa dinagdee baadiyyaa keessatti gahee muldhataa qabaatu. Inisheetivii Shayii Oromiyaa: baala qofa osoo hintaane, humna dinagdee haaraa biqilchaa jirra!
Godina Gujiitti lafa Qonna gannaaf qophaa'e keessaa lafti hektaara kuma 106 ol sanyiidhaan facaafameera
Aug 11, 2026 94
Hagayya 5/2018 (ENA): Godina Gujiitti misooma Gannaaf lafa qophaa'e keessaa hanga ammaatti lafti hektaara kuma 106 ol midhaan sanyii filatamaa garaa garaan facaafamuusaa waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Naannoo oromiyaa Godinni Gujii haala qilleensaa baddaa , gammoojjii fi baddadareetti kan qoodamu ta’uusaatiin omisha midhaan garaa garaa oomishuuf uumamaan mijataa dha. Godinichatti yeroon roobaa fi sanyii facaasaa Hagayyaa hanga walakkaa Fulbaanaatti, akkasumas yeroon sassaabbii oomishaa Muddee hanga dhuma Amajjii yoo ta'u; oomishoota waktii gannaa baay'inaan oomishaman keessaa boqqolloo, qamadii, garbuu, xaafii, baaqelaa fi midhaan zayitaa ni caqasamu. Waajjira Qonnaa Godinichaatti dursaan garee misoomaa fi eegumsa midhaanii obbo Mangistuu Hirbaayee akka ibsaniitti, misooma gannaa qabameef lafti hektaarri kuma 439 fi 778 sanyii midhaan filatamaa garaagaraan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 13 fi kuma 200 ol argachuuf karoorfameera. Misooma gannaa qabameen oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hoj-maatilee qonnaa fooyya'an hojiirra oolchuu fi galteewwan haala barbaadameen fayyadamuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru. Haaluma kanaan qonna makaanaayizeeshinii babal'isuu, qophii lafaa kilaasteraa fi tooftaa sararaan facaasuutiin sochiin bal'aa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Misooma gannaan sochii hanga ammaatti taasifameen qonnaan bultoonni kuma 119 fi 216 hirmaachisuun lafa hektaara kuma 106 fi 159 mala kilaastaraan midhaan sanyii filatamaa garaa garaan uwwifamuu yaadachiisaniiru. Godinichatti oomisha gannaan midhaan misooman keessaa gosa midhaanii kanneen akka xaafii, qamadii, garbuu, baaqelaa fi boloqqee kan eeramanidha. Dhiyeessii galteen godinichatti aanota hundaaf sanyii filatamaan kuuntilli kuma 12 fi 429 fi xaa'oo biyyee kuuntila kuma 71 fi 600 dhiyeessuu danda'amuu yaadachiisaniiru. Qonnaan bultootaa qonna kana irratti hirmaatan keessaa Aanaa Addoolaa Reddee ganda Darartuu irraa obbo Neenqoo Waaree, bara oomishaa darbe hoj-maata qonnaa adda addaa qonna fooyya'an hojiirra oolchuun lafa qonnaa isaan misoomsuurraa oomisha fooyya'aa argachuun dubbataniiru. Muuxannoo gaarii bara darbe argatan bu'uureffachuun, qonna gannaa kanaan kilaasteraan misoomsuuf lafa qopheessan irraa oomisha olaanaa argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan ganda kanaa obbo Maatewoos Aduulaa gama isaaniitiin, galteewwan qonnaa bara oomishaatiif barbaachisan yeroonii fi haala gahaa ta’een dhiyaachuusaa kaasanii, oomishaa fi oomishtummaa karoorfame galmaan gahuuf ogeeyyiin qonnaa dhiyeenyatti deeggarsa taasisaafii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)
Aug 11, 2026 163
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa
Aug 11, 2026 112
Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid. Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera. Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru. Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru. Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru. Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera. Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira
Aug 10, 2026 187
Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise. Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira. Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru. Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru. Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera. Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa
Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Aug 10, 2026 144
Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera. Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera. Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera. Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru. Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru. Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru. Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha. Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru. Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture. Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii irratti hirmaataniif Simannaan taasifame
Aug 12, 2026 26
Hagayya 6/ 2018 (ENA): Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii Ameerikaa Origon keessatti gaggeeffame irratti hirmaachaa turaniif simannaa ho'aan taasifameefi. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana walumaa galatti meedaaliyaa 6 argachuun kan xumurte yoo ta’u, warqee 2, meetii 3 fi naasa 1 aragatteetti. Biyyi dorgommii bara kanaa keessummeessite Ameerikaan meedaaliyaa 24’n dursaa xumurteetti. Keeniyaan meedaaliyaa 11 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa wayita baatu, Itiyoophiyaan dorgommii kana akka addunyaatti sadarkaa 5ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa bahuun xumurteetti. Itiyoophiyaan dorgommii walfakkaatu waggaa lama dura Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffameen warqee 6, walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun ishee kan yaadatamudha. Shaampiyoonaan kun Ameerikaa bulchiinsa Origon magaalaa Yuujiin keessatti Adoolessa 29 hanga Hagayya 3, 2018tti gaggeeffameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Medaaliyaa 6 Argachuun Dorgommicha Xumurte
Aug 10, 2026 211
Hagayya 4/2018 (ENA): Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Meedaaliyaa 6 Argachuun dorgommii ishee xumurteetti. Halkan edaa sagantaa guyyaa dhumaa gaggeeffameen gosa dorgommii fiigicha meeitra 1500 koorniyaa lamaaniin kan hirmaatte Itoophiyaan, meedaaliyaa argachuu hin dandeenye. Dorgommii dubartootaan Elsaabeet Amaaree 4ffaa, Haragawayin Kaalaayuu 9ffaa ta'uun xumuraniiru. Dhiiraan immoo Dastaa Taaddee sadarkaa 12ffaa qabachuun xumureera. Itoophiyaan walumaagalatti medaaliyaa Warqee 2, Meetii 3 fi Nahaasa 1 argatteetti. Waggaa lamaan dura dorgommii walfakkaataa Peeruu, Liimaatti gaggeeffameen Itoophiyaan medaaliyaa warqee 6 dabalatee walumaagalatti medaaliyaawwan 10 argachuun xumuruun ishee ni yaadatama. Dorgommii baranaatiin biyyi qopheessituu turte Ameerikaan medaaliyaawwan 24 walitti qabachuun sadarkaa jalqabaatiin xumurteetti. Keeniyaan medaaliyaa 11’n sadarkaa 2ffaa kan qabatte yoo ta'u, Itoophiyaan Addunyaarraa 5ffaa, Afrikaa irraa immoo sadarkaa 2ffaa qabachuun dorgommii ishee xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan dorgommii Atileetiksii Addunyaa umurii waggaa 20 gadiitiin Madaaliyaa Warqee Lammaffaa argatte
Aug 9, 2026 259
Hagayya 3/2018 (ENA) Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 21ffaa Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiruun Itoophiyaan madaaliyaa warqee lammaffaa argatteetti. Dorommii Fiigicha meetira 3000 umrii 20 gadii atileetiksii addunyaa irratti dorgomameen Atileeti Yordaanos Tsiggaa’ab madaaliyaa warqee mo'atteetti. Atileetiin kun sa'aatii fooyya'aa dhuunfaa ishee 8:43.65 galmeessuudhaan biyya isheetiif madaaliyaa warqee argamsiisteetti. Atileetiin kan biraan Shittoo Gumii sa'aatii 8:45.06n lammaffaa ba'uudhaan madaaliyaa meetii (biirrii) argamsiisteetti. Atileetiin kun waldorgommmii meetira 5000tiinis madaaliyaa meetii argachuun ishee ni yaadatama. Shampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 Gadii Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiru har'a kan xumuramu ta'a. Itoophiyaan dorgommii kanaan madaaliyaa warqee 2, meetii(birrii) 3 fi meedaaliyaa naasii 1 argachuun gabatee madaaliyaatiin sadarkaa 3ffaa irratti argamti
Biruunoo Gumaareesh Arsenaalitti makame
Aug 8, 2026 340
Hagayya 2/2018 (ENA): Kilabiin Kaaba Landan Arsenaal taphataa sarara gidduu lammii Biraazil ganna 28 Biruunoo Gumaareesh Niwukaastil Yunaayitid irraa jijjiirraa isaa xumuruu isaa har'a beeksise. Shaampiyoononni Piriimiyerliigii ammaa taphatichaaf kaffaltii paawundii miiliyoona 75 kan kaffalan yoo ta'u, Gumaareesh waggaa afuriif mallatteessee waggaa dabalataa filachuu danda'a. Garee Miikel Arteettaa keessatti shamizii lakkoofsa 39 uffatee taphata. Biruunoo Gumaareesh qormaata haaraa mudatee waancaa gurguddaa injifachuuf gara Arsenaalitti makamuu akka barbaadu dubbateera. Taphataan ganna 28 kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti ji'a Adoolessa 2026tti Arsenaalitti makamuuf waliigaltee dhuunfaa isaa kan mallatteesse ta’uun ni yaadatama. Taphataan kun bara 2022tti kilaba Keliyoon irraa gara Niwuukaastil yunaayitiditti jijjiramuun taphachaa tureera. Biruunoo Gumaareesh Kiristoos Zoolisii fi Ilaan Meesliyer hordofuun taphataa 3ffaa jijjiirraa ganna kanaan Arsenaalitti makame ta'eera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 388
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 276
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 263
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera. Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 324
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti. Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16150
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15911
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.