Angafoota Oduu
Dhaabbileen Faayinaansii Damee Qonnaaf Birrii Biiliyoona 92 Liqeesseera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 28, 2023 17
Bitootessa 19/2015 (TOI) – Baatii jahan bara bajataa kanatti dhaabbileen Faayinaansii damee dinagdeef birrii biiliyoona 92 liqeessuusaanii ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad walgahii idilee manni maree bakka bu’oota ummataa adeemsiseen gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru. Bara bajataa kanatti dhaabbileen faayinaansii guddina fayyaalessaa galmeessisuusaanii eeranii, birrii biiliyoona 311 liqeessuusaanii dubbataniiru. Kun ammoo kan bara bajataa bardheengaddaa waliin wayita madaalamu dachaan dabaluusaa kaasaniiru. Kana malees dhaabbileen misoomaa liqii kennan keessaa birrii biiliyoona 172 sassaabuusaanii dubbataniiru. Baankonni liqiisaanii dhibbantaa 90 damee dinagdee dhuunfaaf oolchuusaanii kaasanii, kun ammoo misooma Itiyoophiyaaf ga’ee guddaa qaba jedhaniiru. Keessumaa dinagdee biyyattii keessatti murteessaa kan ta’e damee qonnaa fi birrii biiliyoona 92 kan liqeessan yoo ta’u, kan bardheengaddaarra daballii dhibbantaa 29 agarsiisuu ibsaniiru. Intarpiraayizoota xiqqaa fi maayikiroof liqiin birrii biiliyoona 39 dhihaachuu himaniiru. Guddinni damee faayinaansii fayyaalessa ta’uu eeranii, ta’us kufaatii baankiiwwan sadarkaa addunyaatti jiranirraa barachuu fi ofeeggachuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru. Baankiin biyyaalessaa fi ministirri maallaqaas fayyaalessummaan baankolee eegamuu sirna dinagdee biyyaaf ga’ee uddaa waan qabuuf sirnaan to’achuu akka qaban eeraniiru.
Walitti bu’iinsota Itiyoophiyaa keessatti mul’atan qolachuun nageenya waaraa buusuuf waliin hojjechuun nibarbaachisa-Ministira muummee Abiyyi Ahimad
Mar 28, 2023 22
Bitootessa 19/2015 (TOI) - Itiyoophiyaa keessatti walitti bu’iinsota iddoowwan addaddaatti mul’atan qolachuun nageenya waaraa buusuuf waliin hojjechuun akka barbaachisu ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan. Gaaffiiwwan miseensonni mana maree 6ffaa bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 11ffaa bara hojii waggaa lammaffaa kaasaniif ministirri muummee abiyyi Ahimad deebii kennaniiru. Haala Kanaan sochii hidhataan Shanee Naannawa Wallagga Lixaatti taasisu nagana hiikuuf mootummaan maal hojjechaa akka jiru gaaffiin dhihaateera. Ministirri muummee deebii kennaniin waggoota shaman darba Wallagga Lixaatti nagana dhabamuusaatiin hojii misoomaarratti gufuu ta’uurra darbee du’a namaaf, buqqa’uu fi godaanuuf sababa ta’uu eeraniiru. Nageenya ture bakkatti deebisuuf mootummaan fedhii olaanaa akka qabu ibsanii, kanaafis koree nageenyaa hundeessuun hojjetamaa akka jiru himaniiru. Rakkoo kana hiikuuf baatiiwwan lamaan darban gama mootummaatiin yaaliiwwan al 10 taasifamanis humnoonni hidhattootaa naannawa kanatti socho’an bittinnaa’uun waan ta’eef adeemsa kanarratti rakkoo akka ta’e eeraniiru. "Humni nageenya jibbu hinjiru” kan jedhan ministirri muummee, milkaa’inasaaf jabaannee nihojjenna jechuun ejjennoo mootummaa ifa taasisaniiru. Haata’u malee yaalii nageenyaaf taasifamu cinaatti humnoonni nageenyaa mootummaa naannawa kanatti nagaa buusuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. "Wlajjeessuun eenyuyyuu hinfayyadu” kan jedhan ministirri muummee Abiyyi Ahimad, raakkoo jiru nagana hiikuun faayidaa qaba jedhaniiru. Adeemsa nageenyaa ilaalchisuun bu’aasaa walumaan argina jechuun dubbataniiru. Waraanni Kaaba Itiyoophiyaatti ture dhaabachuunsaa tarkaanfii tokko fuulduratti nudeemsiseera, haata’u malee nageenya guutuu bira gahuuf hojiiwwan hedduun nu eeggatu jechuun ibsaniiru. Walitti bu’iinsonni guddina biyyattii boodatti harkisaa waan jiraniif nageenyi akka bu’u waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Qaala’insa gatii hir’isuuf hojjetamaa jira- Ministira muummee Abiyyi Ahimad
Mar 28, 2023 14
Bitootessa 19/2015 (TOI) – Mootummaan qaala’insa gatii hir’isuuf hojiiwwan addaddaa hojjechaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirrii muummee biyyi Ahimad gaaffii miseensota mana maree bakka ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Gaaffiiwwan kanneen keessaa tokko dhimma qaala’iinsa gatii kan ilaallatudha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniin qaala’iinsa gatii xiqqeessuuf hojiiwwan mootummaan hojjechaa jiru ibsaniiru. Haala Kanaan qaala’iinsa gatii itityoophiyaatti mudate lammiilee jireenya gadi aanaa jiranirratti miidhaa geessisaa jiru mootummaan nihubata jedhaniiru. Rakkoon qaala’iinsa jireenyaa amma mul’ate waggoota 29 darban qaala’insi gatii walirraa hincinne uumamuusababa tokko akka ta’e eeraniiru. Kana malees ulaa shamattootaa fi oomishtoota jidduu jiru sirreessuun dadhabamuun ala waraanni, ongeen, deeggarsi gargaartotaa hir’achuu magaalaatti godaanuun qaala’iinsa gatiif sababoota olaanoodha jedhaniiru. Furmaatonni kanaaf dhihaatanis dhiheessiirratti bal’inaan hojjechuu, sirna jiddugaleessa nyaataa fi maaddii qooddachuu bal’isuurratti hojjetamaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi ibsaniiru. Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf deeggarsi addaddaa taasifamaa jiraachuu eeranii, agarsiiftuun kanaas baatiiwwan saddet darban birriin miiliyoona 50 ol deeggarsi taasifamuu eeraniiru. Haala Kanaan konkolaattonni kuma 133 ta’an deeggarsa kanatti fayyadamaa ta’uusaanii ibsaniiru.
''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti ni hojjetamu.
Mar 28, 2023 14
Bitootessa 19/2015 (TOI) -''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti kan hojjetaman ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffilee Mana Maree Bakka Bu'oota UmmataaN gaafataniif deebii yeroo kennan himan. Pirojeektoota kanaaf adeemsa ji'a tokko hin guunne keessatti birriin biliyoonni 5 walitti qabamuu himaniiru. Pirojektoota saddeet kana keessaa lama invastaroota dhuunfaatiin kan hojjetaman ta’uus Ministirri Muummee ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen inaannoo Tigraay "Gara Altaa", naannoo Oromiyaa Jimmaa, naannoo Amaaraa "Haayiq", naannoo Kibbaa "Arbaaminci", Affaar fi naannoo Somaalee keessatti kan raawwataman ta'uu ibsaniiru. Kana malees, qaama pirojektichaa kan ta'an naannoo Beenishaangul Gumuz, naannawwa Hidha haaromsaa guddichattifi naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti invastaroota dhuunfaatiin kan misooman ta’uu eeraniiru. Pirojektoonni kunneen sochii turizimii Itoophiyaa haalaan kan kakaasan ta’uufi lammiileen damee kanarraa caalaatti fayyadamoo akka ta’an kan taasisan ta'uu eeraniiru. Itoophiyaanonni pirojektoonni kun galma barbaadame akka gahaniif akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru. Gama biraatiin qaamaa ''Maadii Biyyaaf'' kan ta'an piroojektoonni Gorgoraa, Wancii fi Kooishaa sadarkaa qulqullinaa isaaniif kaa'ameen hojjetamaa akka jiran himaniiru. Isaan keessa garri tokko yeroo muraasa booda tajaajilaaf banaa ta'u jedhaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 347
ENA
Siyaasa

Rakkoolee nageenyaa naannoo daangaa jiran karaa nagaafi mariin furuun hojii Itoophiyaan dursa laatuufidha.
Mar 28, 2023 24
Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Itoophiyaan hojiin dursa kenniteefii hojjettu tokko rakkoo nageenyaa naannoo daangaa jiru karaa nagaafi mariitiin hiikuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhimmoota adda addaa irratti dhihaataniif ibsaa fi deebii kennaa jiru. Gaaffilee Ministira Muummeetiif dhiyaatan keessaa tokko rakkoo nageenyaa naannawwaa daangaa Sudaan fi Sudaan Kibbaatti mudatan ilaalchisuunidha. Ministirri Muummee deebii kennaniin rakkoolee naannoo daangaatti mudatan hundaa karaa nagaa hiikuuf dursi kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan irratti mudachaa jirtu hiikuuf komishiniin hundeeffamuus ibsaniiru. Rakkoon Sudaan waliin mudate gaafa dhimmi daangaa daangessuu furmaata argatu dhaabbataadhaan kan furamu ta’uu himaniiru. Hangasitti namoonnii dhuunfaaf qonnaan bultoonni akka hin miidhamne ni hojjetama jedhaniiru. Gama biraatiin "Ibsi mootummaan Sudaan Kibbaa Itoophiyaa weraree jira jedhamee dubbiin ka'e sirrii akka hin taane Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad himaniiru. Qonnaan bultoonniifi Horsiisee bultoonni Sudaan kibbaa hongeen cimaan nu mudateera jechuun beelladootaa kuma 20 oofanii daangaa Itoophiyaa galuu himaniiru. Kana ilaalchisuun mariin bal'an kan geggeeffame yoo ta'uu gama kanaan rakkoon uumamuu hin jiru jedhaniiru.
Miidiyaaleen addunyaa kanarra jiran baay'eedha. Namni keessaa filatee itti fayyadamuu qaba
Mar 28, 2023 23
Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Wal-gahii idilee 11ffaa mana maree bakka bu’oota uummataa taa’amaa jiruun Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gaaffiwwan miseensoota mana maree irraa dhihaataniif deebii kennaa jiru. Gaaffiiwwan miidiyaalee ilaallataan miseensa mana mareerraa dhihaateefis yeroo deebisaan "Addunyaa kanarra miidiyaaleen jiran baay'eedha, namni kana keessaa addaan filatee dhaggeeffachuu qaba," Namoonnii miidiyaalee filatanii kan hin dhaggeeffannee yoo ta'ee gabasawwaan hin qulqulloofineef dogoggora ta'aan dhaggeeffachuuf carraan qaban guddaa ta'uu himaniiru. Miidiyaaleen biyya keenyaa of qorachuu akka qaban eeranii miidiyaan akkuma bilisummaa qabu dirqamaafi itti gaafatamummaa qaba jedhaniiru. Dhaabbileen miidiyaa tokko tokko nageenya booressuu keessatti gahee bahaa jiru kanaaf qaamni asirratti hojjetu to’annoof hordoffii taasisuu cimsuu qabas jedhaniiru. Miidiyaaleen tokko tokko walitti bu'insoonni amma jiran yoo dhaabbatan walitti bu'insi waggoota 50 ture ni xiqqaata, Miidiyaaleen kunneen Morma irraa Hamartii fudhachuuf morma kan kutanidha isaan dhaggeeffachuu dhiisuun adabuu ni dandeenya jedhaniiru. Miidiyaan waldhabdee uumuu qofa osoo hin taane, waldhabdee baabal'isu, yoo kun milkaa'uufi dide immoo waldhabdee gama seenaan jiru butatanii ka'u jedhaniru. Kanaaf hojiin gama kanaan olaantummaa seera kabachiisuu cimaan abbaa taayitaa miidiyaalee Itoophiyaan eegalame cimuu akka qabus ibsaniiru. "Miidiyaaleen keenya bal'inaan of qorachuu qabu" jedhan.

Hawaasummaa
''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti ni hojjetamu.
Mar 28, 2023 14
Bitootessa 19/2015 (TOI) -''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti kan hojjetaman ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffilee Mana Maree Bakka Bu'oota UmmataaN gaafataniif deebii yeroo kennan himan. Pirojeektoota kanaaf adeemsa ji'a tokko hin guunne keessatti birriin biliyoonni 5 walitti qabamuu himaniiru. Pirojektoota saddeet kana keessaa lama invastaroota dhuunfaatiin kan hojjetaman ta’uus Ministirri Muummee ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen inaannoo Tigraay "Gara Altaa", naannoo Oromiyaa Jimmaa, naannoo Amaaraa "Haayiq", naannoo Kibbaa "Arbaaminci", Affaar fi naannoo Somaalee keessatti kan raawwataman ta'uu ibsaniiru. Kana malees, qaama pirojektichaa kan ta'an naannoo Beenishaangul Gumuz, naannawwa Hidha haaromsaa guddichattifi naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti invastaroota dhuunfaatiin kan misooman ta’uu eeraniiru. Pirojektoonni kunneen sochii turizimii Itoophiyaa haalaan kan kakaasan ta’uufi lammiileen damee kanarraa caalaatti fayyadamoo akka ta’an kan taasisan ta'uu eeraniiru. Itoophiyaanonni pirojektoonni kun galma barbaadame akka gahaniif akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru. Gama biraatiin qaamaa ''Maadii Biyyaaf'' kan ta'an piroojektoonni Gorgoraa, Wancii fi Kooishaa sadarkaa qulqullinaa isaaniif kaa'ameen hojjetamaa akka jiran himaniiru. Isaan keessa garri tokko yeroo muraasa booda tajaajilaaf banaa ta'u jedhaniiru.
Galmeen baratoota qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii Bitootessa   20 hanga Ebla15tti geggeeffama.
Mar 27, 2023 33
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Galmeen baratoota qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii karaa toora Intarneetii Bitootessa 20 hanga Ebla 15 kan geggeeffamu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii beeksise Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaawwanii galmee qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffa kan bara kanaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennera. Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaatawwanii dokatar Asheetuu Kabbadaa, galmeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhatanii Bitootessa 20 hanga Ebla 2015tti karaa toora intarneetii akka geggeeffamu beeksisaniiru. Adeemsa galmee xumuruuf barattoonni qaamaan argamuu akka qaban ibsuun, waraqaa eenyummaa mana barnootaa isaanii qabatanii deemuunis dirqama ta’uu ibsaniiru. Galmeen barattoota idilee fi galgalaa manneen barnootaa keessatti akka raawwatamus eeraniiru. Akkasumas galmeen baratoota irra deebiin qoraamaticha qoramaniifi barattoota barnoota fagoon baratanii waajjiraalee barnootaa aanaa filatamanitti akka gaggeeffamu ibsaniiru. Adeemsi galmee kun guyyoota eerman kana walitti aansuun guyyoota hojii kan raawwataman ta'uus himaniiru. Manneen barnootaa kana hubatanii galmee kanaaf meeshaaleefi qabeenya barbaachisu hunda dhiyeessuu akka qabanis eeraniiru. Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa kan bara kana Yuunivarsiitiwwanitti kan kennamu ta'uus hubachiisaniiru. Tajaajilichi barattoonni guyyaa murtaa’etti argamuun odeeffannoo sirrii guutuudhaan akka galmaa’anis waamicha dhiyeessee jira.
Diinagdee
Dhaabbileen Faayinaansii Damee Qonnaaf Birrii Biiliyoona 92 Liqeesseera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 28, 2023 17
Bitootessa 19/2015 (TOI) – Baatii jahan bara bajataa kanatti dhaabbileen Faayinaansii damee dinagdeef birrii biiliyoona 92 liqeessuusaanii ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad walgahii idilee manni maree bakka bu’oota ummataa adeemsiseen gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru. Bara bajataa kanatti dhaabbileen faayinaansii guddina fayyaalessaa galmeessisuusaanii eeranii, birrii biiliyoona 311 liqeessuusaanii dubbataniiru. Kun ammoo kan bara bajataa bardheengaddaa waliin wayita madaalamu dachaan dabaluusaa kaasaniiru. Kana malees dhaabbileen misoomaa liqii kennan keessaa birrii biiliyoona 172 sassaabuusaanii dubbataniiru. Baankonni liqiisaanii dhibbantaa 90 damee dinagdee dhuunfaaf oolchuusaanii kaasanii, kun ammoo misooma Itiyoophiyaaf ga’ee guddaa qaba jedhaniiru. Keessumaa dinagdee biyyattii keessatti murteessaa kan ta’e damee qonnaa fi birrii biiliyoona 92 kan liqeessan yoo ta’u, kan bardheengaddaarra daballii dhibbantaa 29 agarsiisuu ibsaniiru. Intarpiraayizoota xiqqaa fi maayikiroof liqiin birrii biiliyoona 39 dhihaachuu himaniiru. Guddinni damee faayinaansii fayyaalessa ta’uu eeranii, ta’us kufaatii baankiiwwan sadarkaa addunyaatti jiranirraa barachuu fi ofeeggachuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru. Baankiin biyyaalessaa fi ministirri maallaqaas fayyaalessummaan baankolee eegamuu sirna dinagdee biyyaaf ga’ee uddaa waan qabuuf sirnaan to’achuu akka qaban eeraniiru.
Qaala’insa gatii hir’isuuf hojjetamaa jira- Ministira muummee Abiyyi Ahimad
Mar 28, 2023 14
Bitootessa 19/2015 (TOI) – Mootummaan qaala’insa gatii hir’isuuf hojiiwwan addaddaa hojjechaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirrii muummee biyyi Ahimad gaaffii miseensota mana maree bakka ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Gaaffiiwwan kanneen keessaa tokko dhimma qaala’iinsa gatii kan ilaallatudha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniin qaala’iinsa gatii xiqqeessuuf hojiiwwan mootummaan hojjechaa jiru ibsaniiru. Haala Kanaan qaala’iinsa gatii itityoophiyaatti mudate lammiilee jireenya gadi aanaa jiranirratti miidhaa geessisaa jiru mootummaan nihubata jedhaniiru. Rakkoon qaala’iinsa jireenyaa amma mul’ate waggoota 29 darban qaala’insi gatii walirraa hincinne uumamuusababa tokko akka ta’e eeraniiru. Kana malees ulaa shamattootaa fi oomishtoota jidduu jiru sirreessuun dadhabamuun ala waraanni, ongeen, deeggarsi gargaartotaa hir’achuu magaalaatti godaanuun qaala’iinsa gatiif sababoota olaanoodha jedhaniiru. Furmaatonni kanaaf dhihaatanis dhiheessiirratti bal’inaan hojjechuu, sirna jiddugaleessa nyaataa fi maaddii qooddachuu bal’isuurratti hojjetamaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi ibsaniiru. Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf deeggarsi addaddaa taasifamaa jiraachuu eeranii, agarsiiftuun kanaas baatiiwwan saddet darban birriin miiliyoona 50 ol deeggarsi taasifamuu eeraniiru. Haala Kanaan konkolaattonni kuma 133 ta’an deeggarsa kanatti fayyadamaa ta’uusaanii ibsaniiru.
Hanqinni oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate rakkoo nam tolcheedha.
Mar 28, 2023 16
Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Hanqinnii oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate rakkoo nam tolchee malee kan uumamaa akka hin taane Ministiorri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'oota uummatarraa dhihaateef deebii kennaniinru. Gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasan keessaa hojjettoonni mootummaafi lammiileen galii gadi aanaa qaban sababa qaala'iinsa jireenyaatiin dhiibbaa guddaa jala jiraachuudha. Doktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin, Rakkoon hanqina oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate hanqina nama tolche malee kan uumamaan akka hin taane himaniiru. Keessattuu qonnaan bultoonniifi qooda fudhattoonni biroon gatii dabaluu kana caalaa dabaluu danda'a abdii jedhuun oomishaalee adda addaa dhoksuun qaala'iinsa gatii namtolchee uumaa jirachuu himaniiru. Qorannoo taasifameen dhiheenya magaalaa finfinneetti qonnaan bultoonni Qamadii hanga kumtaalaa kuma 1 mana isaanii keessatti kuusaanii jiran jiru. Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti qamadii baay’ee omishitee gara gabaa biyya alaatti jiraachuun gabaasa dirree irraa hubachuun akka danda'amu himanii, omishaaleen qonnaa biroos bal'inaan oomishamaa akka jiran hubachiisaniiru. Namoonni hanqina namtolchee uumuun lammiilee irratti rakkoo fidaa jiran gocha isaanii irraa akka of qusatan gaafataniiru. Mootummaan rakkicha furuun oomisha haala gahaa ta'een oomishuu, wiirtuuwwan nyaataa fi sirna qoodinsa nyaataa, akkasumas deeggarsa adda addaa babal’isuu itti fufa jedhaniiru.
Itoophiyaan bishaan lafa jalaa kan tajaajila Jallisiif ooluu danda'u meetira kiyuubii biiliyoona 23 akka qabdu mirkanaa'eera
Mar 28, 2023 22
Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Itoophiyaan qabeenya bishaan lafa jalaa meetira 30 hin caallerratti argamu kan tajaajila misooma jallisiif ooluu meetira kiyuubii biiliyoona 23 akka qabdu mirkanaa’uu Inistiitiyuutiin Tiraansifoormeeshinii Qonnaa beeksise. Qabeenyi bishaanii Itoophiyaan qabdu yeroo ammaa lafa heektaara miiliyoona 6 jallisiin misoomsuuf humna kan qabu yoo ta'u, gara fuulduraatti lafa heektaara miiliyoona 11 misoomsuuf carraa akka qabdu eerameera. Karoora hoggansa galmoota misooma Itoophiyaa waggaa kudhanii keessaatti damee misooma diinagdee galmaan gahuuf jiijjiiramni caasaa qonnaa hojii guddaa ta’ee dhiyaateera. Qonni Itoophiyaa waqtii roobaarratti kan bu'uureffameefi oomishitummaa gad aanaa kan qabudha. Malli qonnaa kun immoo Ce’umsa caasaa qonnaa irraa eegamu mirkaneessuun furmaata ijoo akka hin taaneefi misooma jallisiif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu karoora keessatti eerameera. Kanaafis hidhaalee bishaanii xixiqqaa fi gurguddaa ijaaruun qabeenya bishaan lafaarraa fi lafa jalaa biyyattiin qabdu misooama jallisiif oolchuun sirnaan akka itti fayyadamu ni hojjeta. Hojii gaggeessaan Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa Dr. Mandaafroo Nugusee TOItti akka himanitti, damee diinagdee qonnaa rooba eeguun hojjetamu irraa bilisa ta'e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis roobaa waqtii tokko dhufu qofaa eeganii oomishurra gara misooma jallisiin waggaatti yeroo sadi oomishuutti ce'amaa jiraachuu himaniiru. Milkaa’ina karoora misooma jallisii keessatti gahee olaanaa taphachaa kan jiru bishaan lafa irraa dabalatee bishaan lafa jalaa meetira 30 hin caalle irratti argamu fayyadamuun misooma jallisii fayyadamuuf qorannoon adda baafama jirachuu himaniiru. Haluma kanaan bishaan lafa jalaa meetiraa 30 hin caallerratti argamuu danda'u meetirik Kuubii biliyoona 23 biyyattin qabachuun mirkana'eera jedhaniiru. Dandeettii bishaanii kana sirnaan bulchuudhaan dargaggootaa fi dubartoota misooma jallisii xixiqqaa irratti hirmaatan fayyadamoo akka taasisus ibsaniiru. Qabeenya bishaanii lafa irraa fi lafa jalaa amma qorannoon adda bahe kanaan haala amma jiruun hanga lafa heektaara miliyoona 6 misoomsuun kan danda'amu himaniiru. Gara fuula duraatti immoo yeroo dheeraa keessatti qabeenya bishaanii sirnaan fayyadamuun hanga heektaara miiliyoona 11 misoomsuuf carraan akka jiru ibsaniiru. Haala kanaan waggoota muraasa booda lafa heektaara miliyoona 14 biyyattii keessatti qonnaaf oolu keessaa harki caalaan isaa jallisiin ni misoomu jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii guddisuu irratti hojjechaa jirra
Mar 27, 2023 44
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Itoophiyaan diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ishee himame. Guyyaan Dubartoota Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa akkaataa itti fayyadama dinagdee dijitaalaa dubartootaa guddisuu danda'amurratti mariyachuun kabajameera. Marii kanarratti deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii riifoormii damee telekoomii Itoophiyaatti fudhatamaa jiru ibsaniiru. Itoophiyaan hojiirra oolchaa kan jirtu Sagantaa dijitaalaa bara 2025 keessatti dubartoonni teeknooloojii sadarkaa barbaadamuun akka hin fayyadamne waantoota taasisan keessaa hanqinni dandeettii fi beekumsa dijitaalaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf dandeettii dijitaalaa dubartootaa guddisuuf hojiiwwan ogummaa fi beekumsa irratti xiyyeeffatan hojjechuudhaan diinagdee hunda hammate uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Garaa garummaa beekumsa dijitaalaa dubartootaa fi dhiirota gidduu jiru dhiphisuuf qorannoon biyyaalessaa gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Argannoo qorannichaa irratti hundaa’uun tooftaa bocuun dubartoota fayyadamoo taasisuuf ni hojjanna jedhaniiru. Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Dinagdee Afrikaa bakka bu'uun waltajjichiarratti kan argaman dhaabbatichi karoora dijitaalaa bara 2025 Itoophiyaan qabattee jirtu galma ga’uuf akka deeggaru ibsaniiru. Sadarkaa idil addunyaatti dinagdee dijitaalaa handa hammate uumuun dhabuun dubartoonni miliyoonaan lakkaa’aman tajajila interneetii akka fayyadamaa hin jirre himameera.
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse
Mar 25, 2023 51
Bitootessa 16/2015 (TOI) - Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Hojiirra Oolmaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dura taa’aa olaanaa Inistiitiyuutii Toonii Bileer Sre Toonii Bileer waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin kun gamtoomina dhaabbilee lamaan jidduu jiruu fi dhimmoota fuuladura hojjechuuf karoorfame irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Inistiitiyuutiin Toonii Bileer tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa2025(Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa) yeroo qophiirraa kaasee amma raawwachiisuutti teekniikaan(ogeessa), hojiirra oolmaa I-sarviisii qorachuun, dandeettii raawwachiisummaa akkasumas deeggarsa gurmaa’insaa fi adeemsa hojii fooyyessuuf dandeessisutaasisaa turuun ibsameera. Inistiitiyuutichi bu’ura misoomaa dijitaalaa ilaalchisuun jiddugaleessa deetaa, qaqqabiinsa Intarneetiin, kilaawudii fi teeknooloojiiwwan haaraarratti deeggarsa fuuladuraaf taasisurratti mariin taasifamuu beekameera. Gama biraatiin daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee zemikaa’el Ser Toonii Bileeriif waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Daarektarichi deeggarsa tajaajilasaaf kennuu fi rakkoowwan misooma bu’uraan walqabatan irrattis ibsa taasisaniiru. Abbaa umurii waggaa 69 ministirri muummee Ingiliz duraanii Toonii Bileer akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1997 amma 2007tti ministira muummee ta’uun tajaajilaniiru.
Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiin dursaa Jira- Fireehiywoot Taammiruu
Mar 24, 2023 50
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiitiin dursaa akka jiru hojii raawwachiiftuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom teeleebirrii haaraa baase appilikeeshinii moobaayilii “suppar app” ifoomseera. Teeknooloojiin kun maamiltoonni hojiisaanii guyya guyyaa salphaa taasisuu fi hojiilee daldalaa teeknooloojiin deeggarame mijeessuuf yaadamee kan qophaa’edha. Appilikeeshiniin kun maamiltoonni altokkotti tajaajiloota bittaa fi gurgurtaa addaddaa akka argatanii fi adeemsa bittaa kamiifuu akka itti fayyadaman kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Appilikeeshiniin haaraa kun rakkinoota kanneen akka raawwii, sirna seekuriitii, xiqqaachuu dandeettii bilbilaa deetaa qabachuu fi rakkinoota kanneen biroo appilikeeshinii teeleebirrii yeroo ammaa hojiirra jiruurratti mul’atan hiikuuf nidandeessisa jedhameera. Akkasumas appilikeeshinii maayi-Itiyoo-teel fi appilikeeshiniiwwan kanneen biroo bakka tokkotti fiduun kanqindaa’e, ga’oomaa akkasumas tajaajiloota salphaatti argachuuf kan dandeessisu ta’uudha jedhameera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti kaampaanichi tajaajila kennu yeroo gara yerootti guddisaa jira. Itiyoo Telekoom dinagdee dijitaalaa dhugoomsuuf cimee itti fufuun damee Kanaan dursaa akka jiru ibsaniiru. Qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuuf teeknooloojiin deeggaramuun murteessaa ta’uu dubbatanii, appilikeeshiniin har’a dhugoome kun kanuma kan gabbisu ta’uu dubbataniiru. Kna biraammoo fayyadamni bilbila Smaart ta’uu ibsanii, bilbiloota amma ammaatti neetwoorkiirratti galmaa’an miiliyoona 81 keessaa dhibbantaa 46 bibila Smaart ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin guyyaa har’aa ifoome teelee birr suppar app appilikeeshinoota tajaajiloota addaddaaf itti fayyadamnu hunda appilikeeshinii tokkorratti fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Yeroo fi baasii gama qusachuutiin appilikeeshiniin kun qooda olaanaa akka qabus eeraniiru.
Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Akka Taasifamuuf Gaafatan
Mar 22, 2023 96
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Imaammatarratti Hundaa’e Akka Taasifamu Gaaffii Dhiheesse. Imaammanni dargaggoota hojii uumtota yaada haaraa qabatanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii ibseera. Waldaan dargaggoota hojii uumtotaa Itiyoophiyaa ministeera Innoveshinii fi Teeknooloojii waliin ta’yuun waltajjii maree walitti hidhiinsaa fi advookeesii imaammataa “Zalala” jedhamu adeemsiseera. Pirezidaantiin waldichaa Saamiyaa Abdulqaadir, namoonni kalaqaa hedduun deeggarsa kanneen akka faayinaansii dhabuusaaniitiin waan yaadan milkeessuu akka hindandeenye ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf sirna faayinaansii keessa galchuun dargaggoota kalaqxootaaf gargaarsa maallaqaa Imaammataan deeggarame gochuu barbaachisa jedhaniiru. Haala walqabateen waldichi rakkoolee gama kanaan mul’atanirratti hojjechuu fi furmaata barbaaduuf yaalii taasisaa turuusaa beeksisaniiru. Haala Kanaan miseensota kuma 1 ol walittiqabuun dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa 17 ol waliin walitti hidhiinsi akka uumamuuf taasisuusaanii Pirezidaantiin kun eeraniiru. Kalaqxoonni TOI’n dubbise yaada kennaniin deeggarsi faayinaansii fi leenjii karaa mootummaa osoo guutameefii hojii biyya fayyadu hojjechuu akka danda’an dubbataniiru. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti hooggantuun misooma staartaappii inniveeshinii Salaamyihun Adafris gamasaaniin, imaammanni faayinaansii namoota yaada kalaqaa qaban deeggaru dhabamuunsaa rakkoo ta’ee turuusaa ibsaniiru. Kanaaf rakkoo kana egereef hiikuuf imaammanni dargaggoota hojii kalaqaa haaraa fidanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru eeranii, yeroo dhihootti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Hooggantoonni ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii, Hooggantoonnii fi ogeessonni Baankii, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa maree advookeesii imaammataa kanarratti hirmaataniiru. Mariin baatii tokkotti altokko adeemsifamu kun dargaggoonni gama teeknooloojiin gahumsa kalaqaa qaban mootummaa fi mitmootummaarraa deeggarsa faayinaansii fi leenjii argatanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru
Mar 17, 2023 103
Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera. Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru. Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru. Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha. Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru.   Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan. Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu. Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru. Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu
Feb 11, 2023 222
Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan. Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera. Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba. Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru. Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru. Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru. Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti. Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir. Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru. Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.
Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira
Feb 8, 2023 215
Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 444
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 395
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.
Jan 24, 2023 249
Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise. Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera. Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera. Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru. Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru. Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera. Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru. Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru. Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru. Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015