Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Siyaasa
Hawaasummaa
Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu
May 25, 2026 395
Caamsaa 17/2018(ENA): Mootummaan fayyadamummaa ittifufinsa lammiilee qabu mirkaneessuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos ibsan.   Bulchiinsa magaalichaatti kutaaleen hawaasaa sagantaan wiirtuulee nyaataa Tasfaa Birihaan fayyadamaa turan dinagdeedhaan of dandasiisuu kaayyeffate adeemsifameera. Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos wayita sana akka himanitti, magaalattiin saffisa guddinaa olaanaa irratti argamti jedhani. Kanaanis keessattuu, misooma namaa irratti xiyyeeffatee fi misooma itti fufinsa qabuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan bajata guddaa ramadee hojjetamaa jira jedhaniiru. Wiirtuuleen nyaataa Finfinnee keessatti ijaaraman mootummaan keessattuu erga jijjiirama biyyaalessaatii as misooma namaa irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kenne kan agarsiisudha jedhaniiru. Wiirtuuleen kun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen guyyaatti al tokko nyaachuu hin dandeenye, kanneen rakkoo fayyaa hammaataa qabanii fi maanguddoota gargaarsa hin qabne dhaabbatummaadhan guyyaa guyyaatti nyaachisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Har'as wiirtuulee nyaataa kutaa magaalaa hundatti argaman keessaa dubartoota 400 fayyadamoo turaniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee hojii jalqabsiisuu danda'u taasifamuu isaa dubbataniiru. Dabalataanis, leenjii barbaachisaa kennuudhaan gara hojiitti akka galan ni taasifama jedhaniiru. Kanaanis bulchiinsi magaalichaa lammiilee gargaarsa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuu hojii eegale cimee akka ittifufu ibsaniiru. Gara biraatiin, Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qonjit Dabalaa; wiirtuulee nyaataa 29 magaalittii keessatti argaman keessaa lammiilee 400 fayyadamoo turan gara hojiitti galchuun danda'amuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. Kanaanis magaalattii keessatti wiirtuuleen nyaataa gargaarsa kan jajjabeessan qofa osoo hin taane, gara oomishtummaatti ce'uuf akka riqichaattis tajaajilaa jiraachuu isaanii agarsiiftuu tokkodha jedhaniiru.
Raayyaan Ittisaa ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa cimsuu itti fufee jira
May 25, 2026 318
Caamsaa 17/2018 (ENA): Raayyaan Ittisa Biyyaa, birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuu bira darbee, ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa keessatti gahee isaa cimsuu itti fufuu isaa, Giddu-galli Nagaa Eegumsa Ministeera Ittisaa Federaalaa, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo beeksise. Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa Giddu-galli Nagaa Eegsisuu, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo, loltoota ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa irratti leenjise har’a eebbisaa jira. Eebbifamtoonni har’aa dandeettii fi beekumsa loltummaa ammayyaa qabatamaa fi ti’oorii ergama isaanii gahumsa guddaadhaan akka raawwatan isaan dandeessisu horachuu isaanii ibsameera.   Mana Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursootti Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii fi Miidiyaa kumalaa Akiliilaa Laggasaa ENAtti akka himanitti, eebbifamtoonni kunneen yuunitoota ergama nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti Somaaliyaa, ‘Awsom’ fi Gamtaa Afrikaa jalatti immoo Sudaan Kibbaatti, ‘UNAMIS’ jalatti bobbaafamaniif leenjii bobbaa duraa xumuraniiru jedhani. Raayyaan ittisaa kuni itti gaafatamummaa birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuuf qaban ogummaa olaanaa fi wareegama hin hin jijjiiramne bahaa akka jiru, dirqamni kun yeroo kamuu caalaa cimee akka itti fufe ibsaniiru. Kana malees, raayyaan ittisa biyyaa nagaa addunyaa eegsisuu fi dagaagsuuf gumaacha olaanaa fi itti gaafatamummaa addunyaa isaa yeroo kamiyyuu caalaa cimsee itti fufuu isaa ibsaniiru. Miseensonni humna nagaa eegsisuu har’a eebbifamaa jiran ergama isaanii olaantummaadhaan bahuudhaan dirree addunyaa irratti maqeenya amansiisaa fi jaalala ummataa loltoonni Itiyoophiyaa qaban itti fufsiisu jedhaniiru. Sirna kana irratti Itti aanaan itaamaajor shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Jeneraal Ababaawu Taadasaa, Hogganaa Giddugala Nagaa Eegsisuu, Mejer Jeneraal Addaamnehi Mangistee, Ajajaa Mana Barumsaa Leenjii Hursoo, Birgaadeer Jeneraal Addisuu Tarfaasaa, akkasumas Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Kadir Juhaar fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti
May 26, 2026 86
Caamsaa 18/2018(ENA): Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jiraachuu Ishee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Itti waamamaan olaanaan Mootummaa Ministir Doktar Tasfaayee Baljigee ibsan. Gaaffiin Itiyoophiyaan dhimma abbummaa hulaa Galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru. Ministirri Doktar Tasfaayee Baljigee ENA’f akka ibsanitti,Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tokkummaa dinagdee naannichaa mirkaneessan tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti jedhani. Gaaffiin Itiyoophiyaan haqa abbummaa hulaa Galaanaa qabduus, carraaqqii ishee walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaa uumuuf taasiftu irraa adda baafamee kan ilaalamu akka hin taane hubachiisaniiru. Humna elektiriikii Hidha haaromsaa Guddicha fedhii Itiyoophiyaatiin wareegama waliinii Itiyoophiyaanotaatiin ijaarame irraa maddu, walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaatiif gumaacha guddaa gumaacha jira jedhaniiru. Gara fuulduraattis, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 bu'uura godhachuun, Itiyoophiyaan tokkummaa dinagdee Ardii ariifachiisuuf qabeenya isheetti fayyadamuun kutannoodhaan akka hojjettu ibsaniiru,. Itiyoophiyaan Galaana Diimaa wajjin hidhata ishee uumamaa, seenaan, teessuma lafaa fi seera qabeessummaa walitti hidhe ta'uu isaa ibsanii, akka isheen abbummaa hulaa Galaanaa dhabdu gochuuf kiyyoo fi dabaan dhimmi deemame gaddisiisaa fi yaada Itiyoophiyaa dadhabsiisuu irraa kan madde ta'uu isaa dubbataniiru. Herregni Itiyoophiyaan qabeenya isheetti fayyadamtee guddina ishee mirkaneessinaan sodaa keenya taati jedhu, murtii boodatti hafaa fi dogoggoraa diinota seenaati jedhaniiru. Kanaanis, gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabdu bu'uura seenaa kan qabu, dhugaa uumamaa fi teessuma lafaa kan qabu, seera qabeessummaa fi loogii maleessummaa kan walitti hidhe dhimma jireenyaati jedhaniiru. Sadarkaa Idil-Addunyaatti biyyoota laatin Ameerikaa Booliviyaa fi Peeruu, Biraaziil fi Paaraaguway; Afriikaatti immoo muuxannoo Maalii, Senegaalii fi Kooti DiiVuwaar furmaata waliinii itti fayyadaman akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Gaaffiin Itiyoophiyaan Abbummaa hulaa galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru Kanaanis, gaaffii Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa seenaan, seeraa, teessuma lafaa fi madaalawaa qabdu karaa dippilomaasiitiin milkeessuun akka danda'amu dubbataniiru. Biyya ummata baay'ee qabduuf kun qananii osoo hin taane, dhimma faayidaa biyyaalessaa furtuu kabaja abbummaa dinagdee mirkaneessudha jechuun ibsaniiru. Tajaajila bufata doonii fi loojistiksiitiif qabeenyi guddaan waggaa waggaan baasii ta'u,dorgammii daldalaa Idil addunyaa fi imala guddinaa irratti dhiibbaa guddaa akka uume hubachiisaniiru.
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafti dhibbeentaa 80 ol qonna kilaastara Gannaatiin misooma
May 25, 2026 685
Caamsaa 17/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti qonna kilaastara Gannaatiin dhibbeentaan 80 ol kan misoomu ta’uu Waajjirri Qonna Gonichaa beeksiseera. Akkasumas qonna Gannaa Godinicha keessatti midhaan gosa adda addaatiin lafa heektaara kuma 389 ol uwwisuuf hojiin eegalameera.   Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbba Booraa keessatti qonna teeknooloojiin deeggaramu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin hojjetamaa akka jiru itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinaa obbo Addaamuu Taakkalaa beeksisaniiru. Qonna Gannaa keessatti boqqolloo, maashillaa, ruuzii, atooboonsituu fi gosootni midhaan biroo akka facaafaman akeekuun, lafti dhibbeentaa 80 ol kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsaniiru. Qonna kilaastaraaf xaa’oo fi sanyii qulqullina qabu dhiyeessuudhaan oomishtummaa guddisuu irratti xiyyeeffachuu isaaniis ibsaniiru. Qonna Gannaa kana keessatti xaa’oo keemikaalaa kuntaala kuma 161 ol fi sanyiiwwan filatamoo adda addaa qaban kuntaala kuma 24 ol kan hojiirra oolu ta’uu ibsaniiru. Kana keessaa lafti heektaara kuma 61 boqqolloodhaan kan uwwifamu yoo ta’u, itti dabaluudhaanis xaa’oon kuntaala kuma 50 ol kan ta’u dhimma kanaaf qophaa’uu ibsaniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni Geetachoo Baqqalaa, Tasfaayee Habtamaariyaam fi Birhaanee Asaffaa qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun lafa heektaara 116 ol irratti kilaastaraan boqqolloo facaasuu eegalaniiru. Sanyii filatamaas ta’e xaa’oo yeroon argachuun kan isaan fayyade ta’uu himaniiru. Bulchiinsi godinichaas tiraaktara fayyadamuun hojii qonnaa isaanii teknolojiidhaan akka deeggaran deeggarsa barbaachisu taasisuu isaa ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaatiif) Hanqinni omishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbii akka qabaatuuf qophiin taasifameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
May 25, 2026 425
Caamsaa 17/2018(ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adihaa (Arafaatiif) hanqinni oomishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbaawaan akka jiraatu qophii gochuu isaa Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin akka jedhanitti; Bulchiinsi magaalichaa hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) barana yeroo 1147ffaaf kabajamu sababeeffachuun, jiraattonni dhiibbaa gabaa fi dhiphina tokko malee ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif, meeshaaleen bu'uuraa fi oomishoonni ayyaanichaa gatii madaalawaa fi hamma gahaadhaan akka dhiyaatan qophii bal'aa taasiseera. Keessattuu, wiirtuulee gurgurtaa oomishaalee qonnaa magaalattii keessatti argaman 7 keessatti, oomishoonni akaakuu midhaanii adda addaa, muduraa fi kuduraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka dhiyaatan hubachjiisaniiru. Bitattoonni salphaatti naannoo isaaniitti akka bitachuu danda'aniif, gabaaleen Sanbataa fi Dilbataa 250 bakkeewwan hundatti argaman hanga ayyaanichaatti banamanii akka hojjetan taasifamuu isaa ibsaniiru. Suuqota waldaalee hojii gamtaa shammattootaa kuma 2 fi 52 fi kuusaa dhaabbata daldalaa hojiiwwan Finfinnee keessatti oomishoonni zayitaa fi daakuu hamma gahaadhaan dhaqqabamaa ta'uusaanii ibsaniiru. Jiraattonni magaalattii filannoowwan gabaa eeraman keessaa kan naannoo isaaniitti dhiyoo jiru fayyadamuu akka danda'an Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 1210
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 940
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 962
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani.   Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 1635
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 1256
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti  hojiin misooma sululaa raawwatameera 
May 18, 2026 1229
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 19412
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 3523
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 5072
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015