Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Jimmaatti hojii misoomaa fi kunuunsa Bunaa hojjechuun qonnaan bultoonni fayyadamoo ta’aniiru
Sep 14, 2026 49
Fulbaana 4/2019 (ENA): Godina Jimmaatti hojii misooma bunaa qindaa'aa fi kunuunsa qulqullinaa bal'inaan hojiirra oolchuun oomishicharraa fayyadamaa ta'uu qonnaan bultoonni ibsan. Godina Jimmaatti kanaan dura oomishni bunaa walitti qabamu hanqina qulqullinaa fi erga walitti qabamee booda sababa rakkoo qabinsaan qonnaan bulaan sadarkaa barbaadamuun fayyadamaa otoo hin taasisiin tureera. Rakkoo kana furuufis hoggantoonnii fi ogeessotni godinichaa qindoomina uumameen waggoota muraasa darbanitti hojiin misooma bunaa qindaa'aa fi fooyya'insi qulqullinaa qophaa'ee hojiitti galameera. Qonnaan bultoonni misoomicharratti hirmaatanii fi fayyadamoo ta'an akka jedhanitti, sirni oomisha bunaa qulqullina isaa eeggate kallattiidhaan gabaaf dhiyeessan diriirsuun, walitti hidhaminsa gabaa kallattii irraa galii argameen fayyadamuu fi haalli jireenya isaanii akka fooyya'u taasiseera. Godinichatti Aanaa Gommaatti Qonnaan Bulaa Musxafaa Abbaa Qannoo carraa gabaa kallattii mootummaan mijeesseen gidduu-seentummaa faddaaltotaa malee buna qulqullinaa fi bal'inaan qopheessanii gabaaf dhiyeessuu danda'aniiru. Haala mijataa uumameefiin bunasaanii kallattiin gabaa alatti dhiyeessaa akka jiran eeruun, hojii teekinoloojiin deeggaramee fi qulqullinaan raawwatameen hektaara tokko irraa hanga kuntaala 10 argachaa jiraachuu ibsaniiru. Hoj-maanni kun galii isaanii fooyyessuu bira darbee sharafa alaa argamsiisuun qooda isaanii akka bahan isaan dandeessiseera. Qonnaan Bulaa Zaakir Abbaafiixaa Waggoota darbanitti mala baratame keessaa bahuun buna kilaastaraan qulqullinaan oomishuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Qonnaan Bulaa dargaggoo Bulii Abbaa Maccaa akka jedhetti Buna qulqullinaan oomishuu fi gabaaf dhiyeessaa jiraachuu ibseera. Bara oomisha bunaa darabetti buna qulqullina qabu kiiloogiraama kuma 20 ol gabaaf dhiyeessuu fi faayidaan kana irraa argamu hirmaannaa dinagdee dargaggootaa akka cimsu ibseera. Qonnaan Bulaa Eeliyaas Abbaasaadii Biqiltuu bunaa kanaan dura oomishan malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun bunaa sanyii filatamaa dhaaban oomisha kennuu eegaluu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Tamaam akka ibsanitti Waggoottan torban darban keessatti hammi misooma bunaa godinichaa hektaara kuma 330 irraa gara hektara kuma 700ti guddachuu ibsaniiru. Uwwisni misooma bunaa sadarkaa olaanaatiin dabaluunsaan oomishtummaa fi sadarkaa qulqullinaa dabaluu bira darbee dandeettii galii qonnaan bulaa guddiseera. Bara xumurame keessa omisha bunaa tonii kuma 341 sassaabame keessaa toniin kuma 94 gabaa Idil-Addunyaatiif kan dhiyaate yoo ta'u, kunis biyyaaf sharafa alaa argamsiisuu bira darbee qonnaan bulaa hanga abbaa investimantii ta'uutti dandeettii uumeera jedhaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa Jira
Sep 14, 2026 48
Fulbaana 4/2019 (ENA) : Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa akka jiru Hojii raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa, Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.   Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun ENA'f akka ibsanitti, Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi cichoominaa, tokkummaa fi kutannoo Itoophiyaanotaa qabatamaan kan mul’ise, “Adwaa Lammaffaa” ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi hidha kanaa, Itoophiyaan dandeettii ofii isheetiin milkaa’ina olaanaa galmeessuu akka dandeessu addunyaaf kan mirkaneesse, akkasumas boqonnaa haaraa seenaa biyyattii keessatti kan bane pirojektii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hidhi kun erga eebbifamee guutummaatti hojii keessa galee as, dandeettii maddisiisuu humna elektirikii biyyattii dachaan ol guddisuu bira darbee, galii sharafa alaa Itoophiyaan damee kana irraa argattu haalaan akka dabalu taasiseera jedhaniiru. Dhaabbatichi bara bajataa 2018 keessatti galii olaanaa biyya keessaa argateen alatti, doolaara Ameerikaa biliyoona walakkaa ol sharafa alaa argachuu eeranii, milkaa’ina seena qabeessa kana keessatti gaheen Hidha Haaromsaa Guddichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Kana malees, Humni Elektirikii Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif seenaa isaa keessatti liqii irraa bilisa ba’ee gara bu’aa argamsiisuutti akka ce’uuf hidhi kun gumaacha olaanaa taasiseera jedhaniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun Itoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif gatii madaalawaan humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu eeranii, hojiitti seenuun Hidha Haaromsaa Guddichaa waliiti hidhiminsaa dinagdee fi hawaasummaa naannichaa cimsuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan Keeniyaa, Jibuutii, Sudaan fi gartokkoon Taanzaaniyaaf humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu kan eeran Injiinar Ashabbir, humna waliigalaa biyyoota kanneenitti ergamu keessaa dhibbeentaa 52 kan ta’u Hidha Haaromsaa Guddichaa irraa kan maddudha jedhaniiru.   Hidhi Haaromsaa Guddichis dhiyeessii humnaa dachaan guddisuun fayyadama biyya keessaa qofaaf osoo hin taane, biyyoota ollaa keessattis dhiyeessii humna elektirikii bal’aa akka argamsiisu taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jira
Sep 14, 2026 101
Fulbaana 4/2019 (ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jiraachuu itti gaafatamtuun Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar Aadde Warqineesh Miidhagsaa ibsan. Erga Magaalli Shaggar hundaa’ee hojiin Buusaa Gonofaa bal’inaan hawaasa magaalaa keessatti hojjetamaa turuusaa Aadde Warqineesh ibsaniiru. Buusaa Gonofaan Labsii fi dambii ittiin hundaa’e ka’umsa godhachuun bu’uura hawaasaa akkaa qabaatuuf hojiin hubannaa uumuun miseensa horachuun hojjetamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan akka magaalaa Shaggaritti waggoottan Afran darab miseensa Buusaa Gonofaa miliyoona 1 fi kuma 300 horachuusaanii ibsaniiru. Magaalichatti Miseensonni Buusaa Gonofaa buusii isaan irraa eegamuu fi gumaataa taasisaa turuusaanii Aadde Warqineesh ibsaniiru. Miseensonni kunneen yeroo balaan uumamaa fi namtolchee uumamutti gaheesaanii adda durummaan bahachaa turuusaanii ibsaniiru. Bara kanas karoora of danda’uu milkeessuuf miseensa horachuu fi buusii miseensaa miiliyoona 150 irraa walitti qabuu fi gumaata miiliyoona 190 walitti qabuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Akkasumas bara kana midhaan yeroo balaan uumamaa fi nam-tolchee mudatuuf midhaan man kuusaatti bara kana walitti qabuuf karooftatanii hojiitti seenuu ibsaniiru. Kanaanis qindoominni koreeqindeessituu olaanaa fi hoggansa sadarkaa sadarkaan jiruu olaanaa ta’uu ibsaniiru. Hoggansi dhimma buusaa gonofaa ajandaa godhachuun qindoomina hawasa waliin hojjechuun waloomaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.  
Seenaa yaadachuurraa gara Seenaa hojjechuutti: warraaqsa Ijaarsa Meeggaa Pirojektoota dhaloota haaraa
Sep 14, 2026 74
Injifannoon bilisummaa uummata tokkoo, galmee seenaa guyyaa injifannoo sana booda himamu qofa irratti hin xumuramu. Injifannoo dhugaa jechuun seenaa darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, fuula kitaaba seenaa haaraa irratti injifannoo haaraa galmeessuudha. Uummanni seenaa isaa keessatti injifannoo haaraa yeroo galmeessu, hiikaa fi guutummaa injifannoo duraanii caalaatti jabeessa. Kanaaf, dhaloonni haaraan seenaa darbe yaadachuu irraa gara seenaa har’aa hojjechuutti ce’uun, bu’aa hojii isaa dhaloota dhufuuf seenaa dhaalchisuu qaba. Adwaan, gootummaa fi jabina abbootii keenyaa kan calaqqisiisu, mallattoo injifannoo fi bilisummaa biyyaalessaa Itoophiyaati. Injifannoon Adwaa uummata gurraacha addunyaa cunqurfamaa ta’eef kutannoo fi ifa barii bilisummaa mul’isuun, dhaloota har’aatiif immoo kutaannoo “ni danda’ama” jedhu dhaalchiisera. Dhaloonni har’aa gootummaa fi cichoomina abbootii isaa irraa dhaale, fuula seenaa biraa irratti, gaara Guubaa jalatti laga Abbayyaa waggoota dheeraaf hojii malee yaa’a ture irratti Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ijaaruudhaan seenaa mataa isaa barreesseera. Gaafa guyyaa Qaammee 4, bara 2017 guyyaa eebbi Hidha Haaromsaa itti labsame qofa osoo hin taane, guyyaa seenaa dachaa ta’ee galmaa’eera; sababni isaas, guyyaa sanatti pirojektoonni misoomaa gurguddoon, kanneen Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti mul’isan, itti labsamani dha. Itoophiyaan, kutaannoo “ni danda’ama” jedhu hidha Haaromsarraa argatten, dameewwan humnaa, qonnaa, aviyeeshinii, gaazii, albuudaa fi dameewwan biroo keessatti gara ijaarsa pirojektoota misoomaa gurguddootti ce’aa jirti. Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun milkaa’ina pirojektii tokkoo ykn damee tokkoo qofa osoo hin taane, Itoophiyaan qabeenya ishee dandeettii mataa isheetiin misoomsuudhaan imala badhaadhinaa ishee babal’isuuf taasiftu mallattoo ta'e dha. Mul’anni mootummaa Ida’amuu Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti, ilmaan isheetiin ijaaruuf qabu, Injifannoo Adwaa irraa, injifannoo misoomaa hidha Haaromsaa irraa, akkasumas labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa fudhachuun, seenaa yaadachuu irraa gara seenaa haaraa barreessuutti ce’eera. Kunis Hidhi Haaromsaa boqonnaa seenaa tokko keessatti qofa galmaa’ee kan hafu, mallattoo dhalootaa qofa osoo hin taane, dhaloota itti aanuuf dandeettii raawwachiisuu fi kutannoo “ni danda’ama” jedhu dabarsu dhaala ta’uu isaa agarsiisa. Eebbi pirojektii biyyaalessaa guddaa tokkoo, dhalachuu pirojektoota meeggaa biroo labsuudhaan, Itoophiyaan boqonnaa haaraa milkaa’inaa keessatti tarkaanfachaa akka jirtu agarsiisa. Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun buufata humna niwukilarii, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfaman fakkeenya isaanii keessaa muraasa. Pirojektoonni gurguddoon labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa labsaman, humna qonnaa waliin, industirii aviyeeshinii waliin walitti hidhuudhaan, boqonnaa itti aanu imala misoomaa kanaa barreessuu jalqabaniiru. Kunis Itoophiyaan biyya pirojektoota meeggaa abjoottu qofa osoo hin taane, dandeettii isaan raawwachuuf qabdu kan agarsiisu boqonnaa haaraa misoomaati. Mootummaan Ida’amuu erga hundaa’ee as, guddina dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti galmeessuun isaa, biyya rakkoo caasaa keessa turte irraa gara haaromsaatti ceesisuuf bu’aa guddaa fideera. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, guyyaa seenaa qabeessaa Qaammee 4, bara 2017 irratti akka jedhanitti, kutannoo fi abdii hidha Haaromsaan argame, pirojektoota Itoophiyaa egereefi ifa ta’e labsuuf karaa baneera. Kana malees, waggoota muraasa keessatti warshaa niwukilarii kaayyoo isaa nagaaf tajaajilu, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfamee jiraachuu isaanii yaadachuun ni danda’ama. Karoorri misoomaa gurguddoon kun pirojektoota lakkoofsaan qofa kan ibsamuu danda’an miti. Qabeenya uumamaa Itoophiyaa dandeettii raawwachiisuu mataa ishee waliin walitti hidhuudhaan, abdii biyyaalessaa boruu kan agarsiisan kallattiiwwan misoomaati. Mul’anni mootummaa Ida’amuu pirojektoota misoomaa biyyaalessaa gurguddoo kanaan boqonnaa haaromsa waliigalaa Itoophiyaa labsuun, bu’aawwan badhaadhina biyya tokko bocan akka argaman taasisaa jira. Kanneen keessaa pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu isa tokko. Pirojektichi yeroo xumuramutti, dorgommii Itoophiyaa damee aviyeeshinii keessatti sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti qabdu guddisuun, dameewwan dinagdee, turizimii fi dippilomaasii keessatti carraawwan haaraa kan banu bu’uuraalee misoomaa murteessaa ta’edha. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, yeroo ijaarsi pirojektichaa jalqabsiifametti akka jedhanitti, Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu yeroo xumuramu dorgommii Itoophiyaan damee aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti qabu ni guddisа. Akka mul’ata kanaatti, Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu pirojektii aviyeeshinii qofa miti. Itoophiyaan Afrikaa keessatti hoggansa damee aviyeeshinii qabdu caalaatti olkaasuudhaan, fayyadamummaa waliigalaa kan cimsu invastimantii tarsiimawaa ta’edha. Bal’inni fi ammayyummaan Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Itoophiyaa giddugala aviyeeshinii, turizimii fi dippilomaasii taasisuuf dandeettii guddaa qaba jedhan, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Masfin Xaasoo. Kunis aadaa pirojektoota gurguddoo biyya tokko raawwachuu, kan Hidha Haaromsaa irraa eegale, damee humnaa irraa gara aviyeeshinii fi dameewwan misoomaa tarsiimawaa biroo babal’achaa jiraachuu agarsiisa.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii BRICS 18ffaa irratti haasawa taasisaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:
Sep 14, 2026 207
Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee Ida’amuu Afrikaan egeree teeknooloojii ammayyaa abbummaadhaan akka hoggantuuf gahee guddaa qaba. Biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandamachuu akka danda’aanif dandeettii fi sirna isaanii cimsachuu qabu. Haaluma kanaan, Itoophiyaanis sirnoota qormaata dandamachuu ishee dandeessisan ijaaruu irratti argamti. Mootummaan wabii midhaanii nyaataa irratti hojii hojjechaa jiruun, Itoophiyaan qamadii alaa galfamu irratti hirkannaa guutummaatti keessaa baatee of danda’uu dandeesseetti. Itoophiyaan gabaa BRICS ‘Grain Exchange’ hojiirra ooluuf karoorfame keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii dha. Itoophiyaan rakkoolee damee fayyaa keessatti uumaman dandamachuuf dandeettii oomishaa biyya keessaa cimsachaa jirti. Kana malees, warshaalee qorichaa fi oomishaalee farmaasitikaalaa babal’isaa jirti. Damee teeknooloojii keessatti bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyumeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi sirna waljijjiirraa odeeffannoo bal’inaan ijaaramaa jiru. Odeeffannoon nageenyi isaa eeggamee, seeraan akka itti fayyadamu taasisamaa jira. Hubannoo Nam-tolchee jijjiirama kana daran ni jajjabeessa. Hubannoo Nam-tolchee dhaloota itti aanu keessatti caalaatti namoota tajaajiluu, afaanota hedduu hubachuu fi beekumsa bal’aa ilma namaa hammachuu qaba. Afrikaan egeree Hubannoo Nam-tolchee abbummaadhaan hogganuuf qorannoo, dandeettii kompiitaraa, ogummaa fi dhaabbilee barbaachisoo ta’an qabaachuu qabdi. Itoophiyaan dandeettii teeknooloojii Afrikaa bakka bu’u ijaaruuf dhaabbilee BRICS waliin ta’uun hojjechuuf fedhii qabdi. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu yoo taatu, biyyoonni miseensa BRICS immoo kaappitaala, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa qabu. Itoophiyaan qabeenya albuudaa, anniisaa haaromfamuu danda’uufi dandeettii industirii ishee guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsa uumuu fi hariiroo waliin hojjechuu uumuuf qophii dha. Humni elektirikaa Itoophiyaan biyyoota ollaa isheef dhiyeessaa jirtu dinagdee biyyoota kanneenii keessatti gahee olaanaa gumaachaa jira. Dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaan biyyoonni qaban haqa qabeessa ta’uu qaba; bakka bu’ummaan kunis bu’aa qabatamaa fiduu
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaa fi Israa'el guddina Daldalaa fi Investimantiif haala mijataa Uumeera – Ambaasaaddara Dr. Abiraam Nugusee
Sep 14, 2026 121
Fulbaana 4/2019 (ENA): Hariiroon dippiloomaasii cimaan Itoophiyaa fi Israa'el gidduu jiru tumsa daldalaa fi investimantii guddisuuf haala mijataa uumuu isaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa'el Dr. Abiraam Nugusee beeksisan. Ambaasaaddar Dr. Abiraam Nugusee ENA’f akka ibsanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Israa'el seenaa fi tumsa dippiloomaasii ammayyaa walitti makuun damee hundaan guddachaa dhufeera. Yeroo ammas mootummaa fi mootummaa, damee dhuunfaa daldalaa fi investimantii, akkasumas tumsa dhaabbilee misoosaa miti-mootummaatiin damee hundaan tumsi bu'aa qabeessi uumamuu ibsaniiru. Kunis hariiroo ummataa fi ummata biyyoota lamaanii cimsuun, damee tumsa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa bal'isuudhaan carraa faayidaa waliinii fidu uumuu isaa dubbataniiru. Daawwannaan hojii hoggantoota mootummaa olaanaa Itoophiyaa fi Israa’el walta'insa faayidaa waliinii kan cimsu ta'uu isaas eeraniiru. Dhaabbileen tola ooltotaa Israa'el gara Itoophiyaatti dhufuun tajaajila tola ooltummaa kennuu isaanii eeranii, keessattuu damee fayyaa irratti hojiileen raawwataman kan eeramaniidha. Ce’umsa beekumsaa fi teeknoolojii, jijjiirraa muuxannoo fi dameelee garaa garaa irratti dandeettii ogeessotaa leenjiidhaan cimsuudhaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda'ameera jedhaniiru. Yeroo ammas dhaabbileen Israa'el 100 ol ta'an filannoowwan daldalaa fi investimantii Itoophiyaa garaa garaa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Tattaaffii faayidaa waliinii biyyoota lamaanii ol kaasuuf taasifamu irrattis Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fi Indaastiriin Aviyeeshinii Israa'el gahee murteessaa taphachaa jiru. Balalliin kallattii Finfinnee irraa hanga Teel Avitti sa'aatii afur qofa kan fudhatu ta'uun isaa jijjiarraa daldalaa fi tajaajilaa yeroo gabaabaa keessatti ariifachiisuuf carraa gaarii uumuu isaa ibsaniiru. Kunis Israa'el oomishaalee qonnaa Itoophiyaa, Itoophiyaan immoo bu'aawwan uumamaa fi teeknoolojii gurgurtaa fi daldalaatiin akka ariifatu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Hundeeffamni gabaa kaapitaala Itoophiyaa, Finfinnee gidduugala dippiloomaasii siyaasa Afrikaa fi Addunyaa ta'uun ishee Israa'el inveestimantiif biyya filattu akka taatu ishee dandeessiseera jedhaniiru. Fooyya'insi dinagdee gooroo fi misooni dijitaalaa Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Israa'eliif dameelee daldalaa fi investimantii garaa garaa irratti qabeenya isaanii akka investi godhaniif haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.
Sagaleewwan tarsiimawaa Itoophiyaa waltajjii BRICS irratti dhaga’amaniiru — Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Sep 14, 2026 118
Fulbaana 3/ 2019 (ENA)- Sagaleewwan Tarsiimawaa Itoophiyaa Waltajjii BRICS Irratti dhaga’amaniiru jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa. Tajaajilichi ibsa har’a baaseen, Carraaqqiin dippilomaasii bilchina qabu Itoophiyaan taasifte, fedhii biyyoonni hedduun qaban, miseensa tumsa kanaa ta’uu, akka milkeessituu fi carraa kana irraa akka fayyadamtu taasiseera jedheera. Ibsii Guutuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa baasee akka armaan gadiiti dhiyaatera. BRICS gara tumsa bal’aatti guddateera. Yeroo ammaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa guutuu 11 kan qabu yoo ta’u, biyyoota michuu 10, kanneen walga’ii Kaazaan, Raashiyaa irratti ifatti labsamanis, sirna addaa tumsa michoomaa keessatti hammachuun dhiibbaa isaa daran cimsateera. Gamtaan BRICS uummata addunyaa keessaa gara walakkaa, oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) addunyaa keessaa gara %40, akkasumas daldala addunyaa harka afur keessaa tokko bakka bu’a. Guddinni fi bal’inni isaa olaanaadha. BRICS kana booda tumsa idilee qofa miti; sirna diinagdee addunyaa keessatti humna ijoo ta’aa jira. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an sadarkaa idil-addunyaatti daangaa dhiibbaa uumtummaa isaanii kan bal’ifatan; qabeenya, teeknooloojii fi gabaa addunyaa keessatti wiirtuuwwan ijoo ta’aniiru. Carraaqqiin dippilomaasii bilchina qabu Itoophiyaan taasifte, fedhii biyyoonni hedduun qaban, miseensa tumsa kanaa ta’uu, akka milkeessituu fi carraa kana irraa akka fayyadamtu taasiseera. Adeemsa kana keessatti Itoophiyaan faayidaa mataa ishee eegsisuu qofa osoo hin taane, sagalee Afrikaa ta’uun gaaffilee ardichaa fi hojiiwwan faayidaa waliinii mirkaneessan kutannoon hojjechaa jirti. Hojiiwwan hafan keessaa inni tokko carraa seenaa kana fayyadamuun dandeettiiwwan gurguddoo gamtichaa walitti hidhuun sona olaanaa uumuu fi sonni kun bakka qabeenyi sun argamutti kallattiin akka oomishamu taasisuudha. Gama Kanaan Itoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsawwan tarsiimawaa kanneen dhugoomsuuf qophiidha. Damee albuudaan, Itoophiyaan qabeenya akka liitiyeemii, tantaalamii fi potaashii kanneen teeknooloojii addunyaa fi ce’umsa anniisaa keessatti murteessaa ta’an biyya keessatti qindeessuun, cancala sona indaastirii keessatti hirmaachuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti. Sosochiin kun biyyoonni qabeenya qaban meeshaa dheedhii qofa erguu irraa oomishaalee xumuraman akka oomishaniif kan dandeessisu boqonnaa diinagdee waloo uuma. Gama biraatiin, Itoophiyaan dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun biyyootaaf anniisaa magariisaa fi qulqulluu dhiyeessuufi waliingahuu dandeessi. Qabeenya humna bishaanii, ji’oo-teermalii fi aduu misoomsuun, naannawichaafis ta’e biyyyoota michuuwwaniif wiirtuu anniisaa amansiisaa akka taatuuf bu’uura cimaa kaa’aa. Walitti hidhamiinsi diinagdee kun qabeenya baasuu fi qindeessuu qofa irratti kan hundaa’e qofa osoo hin taane ce’umsa teeknooloojii fi cimina dhaabbilee irrattis hundaa’uu qaba. Sirnoota hojimaataa keenya cimsuun, akkasumas hubannoo namtolchee dabalatee teeknooloojiiwwan haaraan fedhiiwwan misoomaa fi hawaasummaa Afrikaa sirriitti akka tajaajilan gochuuf tattaaffiiwwan waloo qindeessuun barbaachisaadha. Kanaafis Itoophiyaan kutannoo guutuu qabdi. Guddinni waaraan akka mirkanaa’uuf sirnoonni faayinaansii haqa qabeessa ta’uu qabu. Kanaaf, biyyoota guddachaa jiran irratti dhiibbaa liqii jiru salphisuuf adeemsa amansiisaa fi haqa qabeessa liqii irraa aara galfannaa argamsiisuu diriirsuun murteessaadha. Waltajjiin BRICS tumsa Kibba-Kibbaa fayyadamuun sirni faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’e akka diriiruuf sagalee cimaa dhageessisuuf dandeettii qaba. Ce’umsa diinagdee cinatti, hojiiwwan eegumsa qabeenya qilleensaa wabii nyaataa fi misooma waaraa waliin walitti hidhuu barbaachisa. Hojiileen akka Ashaaraa magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensa dandamachuu keessatti gahee qaban babal’isuun, waltajjiin BRICS tumsa waliinii gara duudhaa abatamaa, cichoominaa fi guddina waaraa walootti jijjiiruuf carraa seenaa qabeessa uuma. Itoophiyaanis carraa kana, sagalee Afrikaa ta’uu dabalataan fayyadamuu jalqabdeetti.
BRICS tumsa waliinii gara qabeenya waliinii, cichoominaa fi guddina waaraatti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal'aa qaba-Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Sep 13, 2026 351
Fulbaana 3/2019 (ENA) BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa akka qabu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Yaa’ii BRICS 18ffaa Hindii, Niiwuu Deeliitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiru. Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, yaa'ii BRICS mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaafi Itti fufinsa Ijaaruu” jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun keenya nu boonseera jedhan. BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa qaba jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad. Biyyoota miseensa BRICS keessatti qabeenya, teeknooloojii fi gabaa bal’aan jiraachuus ibsanira. Carraan amma jiru dandeettiiwwan kana walitti hidhuun sona olaanaa uuma akkasumas sonni uumamu kun bakka qabeenyi jirutti akka oomishamu taasisa jechuunis dubbatan. Itiyoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi bu’uura indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsaawwan kana ijaaruuf qophii ta'uus hubachiisan. Dabalataanis, sirnoota hojii keessatti cimina ijaaruu, hubannoon namtolchee fedhii Ardichaa akka tajaajilu taasisuu, adeemsa boqonnaa liqaa amanamaa fi bu’a qabeessa ta’e guddisuu, akkasumas hojiiwwan eegumsa qilleensaa jijjiirama diinagdeen walitti hidhuun akka barbaachisus hubachiisan. Waltajjiin BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa akka qabus kaasaniiru

Hawaasummaa
Hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jira
Sep 14, 2026 101
Fulbaana 4/2019 (ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jiraachuu itti gaafatamtuun Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar Aadde Warqineesh Miidhagsaa ibsan. Erga Magaalli Shaggar hundaa’ee hojiin Buusaa Gonofaa bal’inaan hawaasa magaalaa keessatti hojjetamaa turuusaa Aadde Warqineesh ibsaniiru. Buusaa Gonofaan Labsii fi dambii ittiin hundaa’e ka’umsa godhachuun bu’uura hawaasaa akkaa qabaatuuf hojiin hubannaa uumuun miseensa horachuun hojjetamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan akka magaalaa Shaggaritti waggoottan Afran darab miseensa Buusaa Gonofaa miliyoona 1 fi kuma 300 horachuusaanii ibsaniiru. Magaalichatti Miseensonni Buusaa Gonofaa buusii isaan irraa eegamuu fi gumaataa taasisaa turuusaanii Aadde Warqineesh ibsaniiru. Miseensonni kunneen yeroo balaan uumamaa fi namtolchee uumamutti gaheesaanii adda durummaan bahachaa turuusaanii ibsaniiru. Bara kanas karoora of danda’uu milkeessuuf miseensa horachuu fi buusii miseensaa miiliyoona 150 irraa walitti qabuu fi gumaata miiliyoona 190 walitti qabuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Akkasumas bara kana midhaan yeroo balaan uumamaa fi nam-tolchee mudatuuf midhaan man kuusaatti bara kana walitti qabuuf karooftatanii hojiitti seenuu ibsaniiru. Kanaanis qindoominni koreeqindeessituu olaanaa fi hoggansa sadarkaa sadarkaan jiruu olaanaa ta’uu ibsaniiru. Hoggansi dhimma buusaa gonofaa ajandaa godhachuun qindoomina hawasa waliin hojjechuun waloomaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.  
Guddinni bu’uuraalee misoomaa  Barnootaa  irratti raawwatamaa jiru dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jira
Sep 13, 2026 370
Fulbaana 4/2019 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boranaa Bahaatti bu’uuraaleen misoomaa barnootaa irratti hojjetamaa jiru qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise. Godinichatti bara barnootaa haarawaaf reeshoo barataa fi kutaa barnootaa walgita taasisuuf manneen barnootaa Idileen duraa 18 fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 5 ijaaramanii barattoota simachuuf qophii ta'uun isaanii ibsameera. Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Booranaa Bahaa Obbo Diidhaa Galgaloo qophii bara haarawaaf taasifame ilaalchisee ENA waliin turtiisaniiru.   Ibsa isaaniitiinis damee barnootaatiif, adeemsa baruu fi barsiisuu waliigalaatiif, keessattuu qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaatiif qophiin qindaa'aan taasifamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan, bara barnootaa haarawaa kanatti barattoota idilee kuma 189 fi 340 ol simachuuf qophiin guutuun taasifamuu dubbataniiru. Ijaarsi manneen barnootaa kunis bara barnootaa 2019tti barattoota kuma 1fi 500 ol simachuu kan dandeessisu ta'uu ibsaniiru. Walumaagalatti Godina Booranaa Bahaatti bu’uuraaleen misooma barnootaa irratti raawwatamaa jiru qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jira jedhaniiru. Jiraataan magaalaichaa Ajajaa dhibbaa Amaare Asiraat akka ibsanitti ijaarsi mannee barnootaa bu'uura dhaloota ijaaruu waan ta'eef hirmaannaan hunda keenyaa murteessaadha jedhaniiru. Tumsa cimaa ummataa fi mootummaatiin godinichatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi haarawa ijaaruun adeemsa baruu fi barsiisuuf qophii akka ta'an taasifameera jedhaniiru.
Bara Haaraa Itiyoophiyaa, Abaaboo Birraa fi Caffee
Sep 11, 2026 804
Bara Haaraa Itiyoophiyaa, Abaaboo Birraa fi Caffee: Mallattoo Haaromsaa fi Abdii Itiyoophiyaa keessatti, ayyaanni bara haaraa, jireenya haaraa fi abdiin kan guutamedha. Bara haaraa kana simachuuf ammoo, abaabo birraan mallattoo guddaadha.   Ayyaanni kun Fulbaana 1 kabajama. Lammiileen Itiyoophiyaa ayyaana kana maatii fi firoota isaanii wajjin kabaju. Wayita ayyaana kana kabajan immoo caffeen ykn afanni allaadduun lalisaaniifi abaaboo birraa mana miidhagsuu fi guyyaa sana ayyaana ayyaana fakkeessuuf gargaaramu.   Bunni ayyaanaaf qophaa’e bu’ee shiniin diriifamee jiru biratti immoo caffeen afamuun kanuma baramedha. Kuni hin taane taanaan ayyaanniyyuu ayyaana hin fakkaatu jedhama. Abaaboo Birraa: Mallattoo Haaromsaa fi Miidhaginaa Abaaboo birraan waktii Birraa qofa waan daraaree miidhaguuf itti akka moggaafames ni dubbatama.   Abaaboo birraan halluu bifa keelloo midhaggaadhaa fi foolii gaarii qabudha. Abaaboo birraan mallattoo midhagina uumamaa, haaromsa jireenyaa fi abdii jireenya egeree fooyya'aa kan agarsiisu ta’uu maanguddoonni dhugaa bahu.   Hawaasni ayyaana kana kabajus abaaboo birraan mana isaa miidhagfata. Warri baadiyaa oyiruuma ofii keessaa haammachuun mana ofii kan miidhagfatan yoo ta’u, warreen magaalaa immoo bitachuun itti fayydamu. Gaafa ayyaana waggaa bara haaraa caffeen mana ofii keessa afamee,magariimmaan isaa fi bunni akaawamee aarri isaafi aarri ixaanaa waliin simboo ayyaanaaf dabalu.   Uummanni Itiyoophiyaas inni qabu isa hin qabneef qooduun kan qabummoo wal waamuun dabareen waliin ayyaana ayyaaneffata. Gaafa kanas caffeenii fi abaaboon simboo addaa ayyaana kanaa ta’uun miidhagsu.   Baga Bara Haaraa 2019’n Nagaanii fi Gammachuudhaan Ittiin Isin Gahe!  
Diinagdee
Godina Jimmaatti hojii misoomaa fi kunuunsa Bunaa hojjechuun qonnaan bultoonni fayyadamoo ta’aniiru
Sep 14, 2026 49
Fulbaana 4/2019 (ENA): Godina Jimmaatti hojii misooma bunaa qindaa'aa fi kunuunsa qulqullinaa bal'inaan hojiirra oolchuun oomishicharraa fayyadamaa ta'uu qonnaan bultoonni ibsan. Godina Jimmaatti kanaan dura oomishni bunaa walitti qabamu hanqina qulqullinaa fi erga walitti qabamee booda sababa rakkoo qabinsaan qonnaan bulaan sadarkaa barbaadamuun fayyadamaa otoo hin taasisiin tureera. Rakkoo kana furuufis hoggantoonnii fi ogeessotni godinichaa qindoomina uumameen waggoota muraasa darbanitti hojiin misooma bunaa qindaa'aa fi fooyya'insi qulqullinaa qophaa'ee hojiitti galameera. Qonnaan bultoonni misoomicharratti hirmaatanii fi fayyadamoo ta'an akka jedhanitti, sirni oomisha bunaa qulqullina isaa eeggate kallattiidhaan gabaaf dhiyeessan diriirsuun, walitti hidhaminsa gabaa kallattii irraa galii argameen fayyadamuu fi haalli jireenya isaanii akka fooyya'u taasiseera. Godinichatti Aanaa Gommaatti Qonnaan Bulaa Musxafaa Abbaa Qannoo carraa gabaa kallattii mootummaan mijeesseen gidduu-seentummaa faddaaltotaa malee buna qulqullinaa fi bal'inaan qopheessanii gabaaf dhiyeessuu danda'aniiru. Haala mijataa uumameefiin bunasaanii kallattiin gabaa alatti dhiyeessaa akka jiran eeruun, hojii teekinoloojiin deeggaramee fi qulqullinaan raawwatameen hektaara tokko irraa hanga kuntaala 10 argachaa jiraachuu ibsaniiru. Hoj-maanni kun galii isaanii fooyyessuu bira darbee sharafa alaa argamsiisuun qooda isaanii akka bahan isaan dandeessiseera. Qonnaan Bulaa Zaakir Abbaafiixaa Waggoota darbanitti mala baratame keessaa bahuun buna kilaastaraan qulqullinaan oomishuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Qonnaan Bulaa dargaggoo Bulii Abbaa Maccaa akka jedhetti Buna qulqullinaan oomishuu fi gabaaf dhiyeessaa jiraachuu ibseera. Bara oomisha bunaa darabetti buna qulqullina qabu kiiloogiraama kuma 20 ol gabaaf dhiyeessuu fi faayidaan kana irraa argamu hirmaannaa dinagdee dargaggootaa akka cimsu ibseera. Qonnaan Bulaa Eeliyaas Abbaasaadii Biqiltuu bunaa kanaan dura oomishan malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun bunaa sanyii filatamaa dhaaban oomisha kennuu eegaluu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Tamaam akka ibsanitti Waggoottan torban darban keessatti hammi misooma bunaa godinichaa hektaara kuma 330 irraa gara hektara kuma 700ti guddachuu ibsaniiru. Uwwisni misooma bunaa sadarkaa olaanaatiin dabaluunsaan oomishtummaa fi sadarkaa qulqullinaa dabaluu bira darbee dandeettii galii qonnaan bulaa guddiseera. Bara xumurame keessa omisha bunaa tonii kuma 341 sassaabame keessaa toniin kuma 94 gabaa Idil-Addunyaatiif kan dhiyaate yoo ta'u, kunis biyyaaf sharafa alaa argamsiisuu bira darbee qonnaan bulaa hanga abbaa investimantii ta'uutti dandeettii uumeera jedhaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa Jira
Sep 14, 2026 48
Fulbaana 4/2019 (ENA) : Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa akka jiru Hojii raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa, Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.   Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun ENA'f akka ibsanitti, Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi cichoominaa, tokkummaa fi kutannoo Itoophiyaanotaa qabatamaan kan mul’ise, “Adwaa Lammaffaa” ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi hidha kanaa, Itoophiyaan dandeettii ofii isheetiin milkaa’ina olaanaa galmeessuu akka dandeessu addunyaaf kan mirkaneesse, akkasumas boqonnaa haaraa seenaa biyyattii keessatti kan bane pirojektii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hidhi kun erga eebbifamee guutummaatti hojii keessa galee as, dandeettii maddisiisuu humna elektirikii biyyattii dachaan ol guddisuu bira darbee, galii sharafa alaa Itoophiyaan damee kana irraa argattu haalaan akka dabalu taasiseera jedhaniiru. Dhaabbatichi bara bajataa 2018 keessatti galii olaanaa biyya keessaa argateen alatti, doolaara Ameerikaa biliyoona walakkaa ol sharafa alaa argachuu eeranii, milkaa’ina seena qabeessa kana keessatti gaheen Hidha Haaromsaa Guddichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Kana malees, Humni Elektirikii Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif seenaa isaa keessatti liqii irraa bilisa ba’ee gara bu’aa argamsiisuutti akka ce’uuf hidhi kun gumaacha olaanaa taasiseera jedhaniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun Itoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif gatii madaalawaan humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu eeranii, hojiitti seenuun Hidha Haaromsaa Guddichaa waliiti hidhiminsaa dinagdee fi hawaasummaa naannichaa cimsuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan Keeniyaa, Jibuutii, Sudaan fi gartokkoon Taanzaaniyaaf humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu kan eeran Injiinar Ashabbir, humna waliigalaa biyyoota kanneenitti ergamu keessaa dhibbeentaa 52 kan ta’u Hidha Haaromsaa Guddichaa irraa kan maddudha jedhaniiru.   Hidhi Haaromsaa Guddichis dhiyeessii humnaa dachaan guddisuun fayyadama biyya keessaa qofaaf osoo hin taane, biyyoota ollaa keessattis dhiyeessii humna elektirikii bal’aa akka argamsiisu taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Seenaa yaadachuurraa gara Seenaa hojjechuutti: warraaqsa Ijaarsa Meeggaa Pirojektoota dhaloota haaraa
Sep 14, 2026 74
Injifannoon bilisummaa uummata tokkoo, galmee seenaa guyyaa injifannoo sana booda himamu qofa irratti hin xumuramu. Injifannoo dhugaa jechuun seenaa darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, fuula kitaaba seenaa haaraa irratti injifannoo haaraa galmeessuudha. Uummanni seenaa isaa keessatti injifannoo haaraa yeroo galmeessu, hiikaa fi guutummaa injifannoo duraanii caalaatti jabeessa. Kanaaf, dhaloonni haaraan seenaa darbe yaadachuu irraa gara seenaa har’aa hojjechuutti ce’uun, bu’aa hojii isaa dhaloota dhufuuf seenaa dhaalchisuu qaba. Adwaan, gootummaa fi jabina abbootii keenyaa kan calaqqisiisu, mallattoo injifannoo fi bilisummaa biyyaalessaa Itoophiyaati. Injifannoon Adwaa uummata gurraacha addunyaa cunqurfamaa ta’eef kutannoo fi ifa barii bilisummaa mul’isuun, dhaloota har’aatiif immoo kutaannoo “ni danda’ama” jedhu dhaalchiisera. Dhaloonni har’aa gootummaa fi cichoomina abbootii isaa irraa dhaale, fuula seenaa biraa irratti, gaara Guubaa jalatti laga Abbayyaa waggoota dheeraaf hojii malee yaa’a ture irratti Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ijaaruudhaan seenaa mataa isaa barreesseera. Gaafa guyyaa Qaammee 4, bara 2017 guyyaa eebbi Hidha Haaromsaa itti labsame qofa osoo hin taane, guyyaa seenaa dachaa ta’ee galmaa’eera; sababni isaas, guyyaa sanatti pirojektoonni misoomaa gurguddoon, kanneen Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti mul’isan, itti labsamani dha. Itoophiyaan, kutaannoo “ni danda’ama” jedhu hidha Haaromsarraa argatten, dameewwan humnaa, qonnaa, aviyeeshinii, gaazii, albuudaa fi dameewwan biroo keessatti gara ijaarsa pirojektoota misoomaa gurguddootti ce’aa jirti. Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun milkaa’ina pirojektii tokkoo ykn damee tokkoo qofa osoo hin taane, Itoophiyaan qabeenya ishee dandeettii mataa isheetiin misoomsuudhaan imala badhaadhinaa ishee babal’isuuf taasiftu mallattoo ta'e dha. Mul’anni mootummaa Ida’amuu Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti, ilmaan isheetiin ijaaruuf qabu, Injifannoo Adwaa irraa, injifannoo misoomaa hidha Haaromsaa irraa, akkasumas labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa fudhachuun, seenaa yaadachuu irraa gara seenaa haaraa barreessuutti ce’eera. Kunis Hidhi Haaromsaa boqonnaa seenaa tokko keessatti qofa galmaa’ee kan hafu, mallattoo dhalootaa qofa osoo hin taane, dhaloota itti aanuuf dandeettii raawwachiisuu fi kutannoo “ni danda’ama” jedhu dabarsu dhaala ta’uu isaa agarsiisa. Eebbi pirojektii biyyaalessaa guddaa tokkoo, dhalachuu pirojektoota meeggaa biroo labsuudhaan, Itoophiyaan boqonnaa haaraa milkaa’inaa keessatti tarkaanfachaa akka jirtu agarsiisa. Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun buufata humna niwukilarii, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfaman fakkeenya isaanii keessaa muraasa. Pirojektoonni gurguddoon labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa labsaman, humna qonnaa waliin, industirii aviyeeshinii waliin walitti hidhuudhaan, boqonnaa itti aanu imala misoomaa kanaa barreessuu jalqabaniiru. Kunis Itoophiyaan biyya pirojektoota meeggaa abjoottu qofa osoo hin taane, dandeettii isaan raawwachuuf qabdu kan agarsiisu boqonnaa haaraa misoomaati. Mootummaan Ida’amuu erga hundaa’ee as, guddina dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti galmeessuun isaa, biyya rakkoo caasaa keessa turte irraa gara haaromsaatti ceesisuuf bu’aa guddaa fideera. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, guyyaa seenaa qabeessaa Qaammee 4, bara 2017 irratti akka jedhanitti, kutannoo fi abdii hidha Haaromsaan argame, pirojektoota Itoophiyaa egereefi ifa ta’e labsuuf karaa baneera. Kana malees, waggoota muraasa keessatti warshaa niwukilarii kaayyoo isaa nagaaf tajaajilu, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfamee jiraachuu isaanii yaadachuun ni danda’ama. Karoorri misoomaa gurguddoon kun pirojektoota lakkoofsaan qofa kan ibsamuu danda’an miti. Qabeenya uumamaa Itoophiyaa dandeettii raawwachiisuu mataa ishee waliin walitti hidhuudhaan, abdii biyyaalessaa boruu kan agarsiisan kallattiiwwan misoomaati. Mul’anni mootummaa Ida’amuu pirojektoota misoomaa biyyaalessaa gurguddoo kanaan boqonnaa haaromsa waliigalaa Itoophiyaa labsuun, bu’aawwan badhaadhina biyya tokko bocan akka argaman taasisaa jira. Kanneen keessaa pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu isa tokko. Pirojektichi yeroo xumuramutti, dorgommii Itoophiyaa damee aviyeeshinii keessatti sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti qabdu guddisuun, dameewwan dinagdee, turizimii fi dippilomaasii keessatti carraawwan haaraa kan banu bu’uuraalee misoomaa murteessaa ta’edha. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, yeroo ijaarsi pirojektichaa jalqabsiifametti akka jedhanitti, Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu yeroo xumuramu dorgommii Itoophiyaan damee aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti qabu ni guddisа. Akka mul’ata kanaatti, Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu pirojektii aviyeeshinii qofa miti. Itoophiyaan Afrikaa keessatti hoggansa damee aviyeeshinii qabdu caalaatti olkaasuudhaan, fayyadamummaa waliigalaa kan cimsu invastimantii tarsiimawaa ta’edha. Bal’inni fi ammayyummaan Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Itoophiyaa giddugala aviyeeshinii, turizimii fi dippilomaasii taasisuuf dandeettii guddaa qaba jedhan, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Masfin Xaasoo. Kunis aadaa pirojektoota gurguddoo biyya tokko raawwachuu, kan Hidha Haaromsaa irraa eegale, damee humnaa irraa gara aviyeeshinii fi dameewwan misoomaa tarsiimawaa biroo babal’achaa jiraachuu agarsiisa.
Tumsi dinagdee, daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Biraaziil gara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jira
Sep 12, 2026 507
Fulbaana 2/2019 (ENA)- Tumsi dinagdee, daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Biraaziil gara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jiraachuu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Biraaziil Jandiir Fareeraa ibsan. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Biraaziil Jandiir Fareeraa Doos Saantoos turtii ENA waliin taasisaniin, tumsi dinagdee, daldalaa, invastimantii fi dameewwan tarsiimawaa jidduu jiru bal’achaa dhufeera. Akka Kanaan hariiroon biyyoota lamaan jirugara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jira jedhaniiru. Biraaziil waajjira ejensii daldalaa fi invastimantii Afriikaatti beeksisu (Apex Brasil) kan jalqabaa Finfinneetti banuushee eeranii; haalli kun tumsa dinagdee, daldalaa fi siyaasaa biyyoota lamaanii guddaa akka cimsu ibsaniiru. Dureeyyiin Biraaziil carraalee dinagdee Itiyoophiyaa dandeettii dameelee dhuunfaa akka hubatan, akkasumas mootummaa Itiyoophiyaa waliin tumsa gam-lamee cimaa akka uuman ni mijeessajedhaniiru. Qonni biyyoota lamaaniifuu dinagdee keessatti ijoo waan ta’eef fuulduratti xiyyeeffannoon kennameefii kan irratti hojjetamu dame tumsaa isa ijoo keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Kana malees Biraaziil sagantaa “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan itti jirturraa muuxannoo guddaa akka fudhattu eeraniiru. Turtii waggoottan arfan darban Finfinneetti taasisaniin fooyyessi dinagdee Itiyoophiyaa keessatti galmaa’e, komishinii marii biyyaalessaa fi guddina bu’uraalee misoomaa taajjabuusaanii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa
Sep 10, 2026 1247
Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti. Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti. Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa.   1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives) Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira: Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII): Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti. Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa.   Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative): Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha. Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera. Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira.   Teeknooloojii Daataa fi Muster AI (Tech Hubs & Data Centers): Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna.   2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira:   Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira.   3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu   Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru: Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude.   Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti.   Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti.   Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Imala    Dijiitaala Itoophiyaa 
Sep 10, 2026 402
Itoophiyaan guddina hundagaleessa imala badhaadhina milkeessu galmaan ga'uuf tarkaanfilee gurguddaa galmoota tarsimaa'a waliin qopheessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Tarkaanfilee tarsiimaa'a kanneen keessaa dijiitaala Itoophiyaan isa tokkoo dha. Itoophiyaa Dijiitaalaa 2030n waggoota dhiyootti dandeettii teeknoolojii biyyattii ol kaasuu xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti. Guddinni teeknoloojii dijiitaalaa Itoophiyaa saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, karoora Dijiitaatala Itoophiyaa 2030 (Digital Ethiopia 2030) irratti huda'uun utubaa dinagdee biyyattii ta'aa jira. Keessattuu tajaajilawwan mootummaa fi dhuunfaa gara sirna dijiitaalaatti jijjiiruun milkaa'ina guddaan argameera. Tarsiimoon kun utubaawwan gurguddoo sadii irratti hundaa'a. "Itoophiyaan Dijiitaalaa 2030 dhaqqabamummaa bal'isuu, carraa wal-qixa uumuu fi dhaabbilee fi uummata hunda biratti amantaa uumuu irratti xiyyeeffata.   Misooma digiitaalaa kana keessatti dhimmoonni ijoon akka armaan gadiitti ibsamu: 1. Bu'uuraalee Misoomaa fi (Telecom) Lakkoofsa Maamiltootaa: Lakkoofsi maamiltoota bilbila (mobile) miliyoona 97 kan gahe yoo ta'u, fayyadamtoonni intarneetaa miiliyoona 57 qaqqabaniiru. Tajaajila 4G fi 5G: Magaalonni kuma1 fi 030 ol tajaajila intarneeta saffisaa 4G kan argatan yoo ta'u, karoora 'Digital Ethiopia 2030' tiin tajaajila 5G gara magaalaa 100tti babal'isuuf hojjetamaa jira. 2. Kaffaltii Dijiitaalaa Kaffaltiin dijitaalaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, tajaajiloonni garaagaraa fi sirnoota kaffaltii haaraa fayyadamuun bakka jiranitti bittaa, gurgurtaa fi kaffaltii gibiraa raawwachuun ni danda'ama. Telebirr fi Kaffaltiiwwan Biroo: Sirni kaffaltii maallaqa harkaa malee ykn dijiitaalaa gabaa keessatti baay'ee babal'ateera. Telebirr, Ethiopay, fi appilikeeshiniin baankota dhuunfaa fi mootummaa tajaajila dinagdee saffisiisaniiru.   3. Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda - National ID) Sirni eenyummeessa biyyaaleessaa dijiitaalaa (Fayda) lammiilee miiliyoona dhibbaa ol walitti hidhuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, kutaalee tajaajila baankii,tajaajiloonni biroon fi tajaajilawwan mootummaa argachuuf akka ulaagaa ijoo ta'etti tajaajilaa jira. Faayidaan eenyummeessaa imala dijitaalessuu kan milkeessudha. Tajaajilootni hedduunis waraqaaa eenyummeessa dijitaalaan kennamuu eegalaniiru. 4.Tajaajilawwan Mootummaa Dijiitaalessuu Mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan isaa 900 ol gara sirna digiitaalaatti jijjiireera. Kunis iftooma uumuuf, rakkoo bulchiinsa gaarii , qisaasama yeroo fi maallaqaa hanbisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatuuf gargaareera.   Walumaagalatti, imalli dijiitaalaa Itoophiyaa hojii dhabdummaa hir'isuu, kalaqa haaraa jajjabeessuu, fi dinagdee beekumsaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee tarkaanfataa jira. Tajaajila wiirtuu tokkoo masoob sadarkaa biyyaalessati babal’isuun imala dijiitaala 2030 dhugoomsuu fi itti fayyadama hawaasaa guddisuuf hojjetamaa jira. Galmi isaa dorgommii dirree teeknoloojii jaarraa 21ffaa keessa seenuu yoo ta'u, kenni tajaajila mootummaas iftooma, haqa qabeessummaa si'ataa taasisuun al-seerummaafi hoj-maata badaa qolachuuf kan gargaarudha. Kanaanis imala dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti qabame kan milkeessudha.  
Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti-tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Sep 10, 2026 313
Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjennuuni! Milkaa’inni boruu kan bocamu carraaqqii keenya har’aatiini. Kan darberraa muuxannoo gaarii fudhachuun, kan har’aa sirriitti hubachuun har’arra dhaabachuun mul’ata boruu ijaaruun amantaa cimaa fi amala mootummaan keenya ittiin beekamudha. Beekumsa man-dhalee teeknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun egeree baraaruuf qophaa’uun itti gaafatama guddaa dhaloota kanarraa eegamu akka ta’e mootummaan cimseetu amana. Dijitaalaayizeeshinii akka damee dinagdeetti fudhachuun xiiyyeeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa kan jiru kanaafi. Itiyoophiyaan dhaloota dhufuuf mindaa malee idaa hin dhaalchiftu. Dhimma yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun idaa dhalootaati. Biyyi keenya guddattoota miiliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti soorachiisuun kan barsiiftu kanaafi; dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarsii bilisaatiin ga’oomsaa kan jirtu kanaafi; yunivarsiitii hubannoo nam-tolchee kan jalqabaa hundeessaa kan jirtu kanaafi. Egereen beekumsa teeknooloojii malee, egereen nageenya saayibarii malee, egereen birmadummaa odeeffannoo malee balaa jiraachuu akka ta’e mootummaan keenya ni hubata; kanaaf ammoo dhaloota ni qopheessa. Damee dinagdee jedhamaa kan ture qonni bara dheeraaf boodatti hafaa kan jedhame fuulduraaf teeknooloojiin alatti itti fufiinsisaa balaarra jira. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee of eeggannoon duraa fi deebii kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaadha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi hatattamaan lammiilee qaqqabsiisuuf hojmaatileen baroota darbanii boruuf mitii har’aafiyyuu nama hin baasan. Dargaggoota sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’anii fi hojii uuman baay’isuuf ogummaan dijitaalaa baay’ee barbaachisa. Itiyoophiyaan wantoota kana irratti xiyyeeffachuun hojjechaa waan jirtuufidha “Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf. Qaam’ee guyyaa shanaffaa guyyaa egeree jennee kabajuun keenya barri itti aanu dandettii dorgommii teeknooloojii kan barbaadu, murteen odeeffannoo xiinxaluu irratti hundaa’e kan itti kennamu, qorannoowwqan qonnarraa amma saayinsii hawaatti teeknooloojii dijitaalaan kan gargaaraman jala bultiirra waan jirruuf dhaloota kana madaalu baay’isuuf akka hojjennu hubachiisuufi. Qaam’ee 5 moggaasa guyyaa egeree jedhuun kabajamuunsaa dijitaalaayizeeshiniin ijaarsaa fi kabajamuu birmadummaa Itiyoophiyaa egereef biyyi keenya cehumsa dijitaalaayizeeshiniirra akka jirtu ibsuufi.
Ispoortii
Darbiin Maanchistar yeroo 199ffaa har’a gaggeeffama
Sep 13, 2026 279
Fulbaana 3/2019 (ENA)፦ Piriimeer Liigii Ingiliiziittin tapha torbe 4ffaattin, Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitiin har’a tapha darbii magaalaa Maanchistariin waliin taphatu. Taphni dorgommii cimaa ta’e kun galgala sa’aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Oold Tiraaforditti ni gaggeeffama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 4’n sadarkaa 13ffaa irratti argama,Maanchistar Siitiin immoo qabxii 9’n sadarkaa lammaffaa irra jira. Kilaboonni lameen kun dorgommiiwwan hunda keessatti yeroo wal qunnaman, kun yeroo 199ffaa dha. Taphoota 198 kanaan dura taphatan keessatti, Maanchistar Yunaayitid yeroo 81 mo’achuun dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitiin yeroo 63 injifateera. Taphoota 54n immoo walqixa xumuramaniiru. Piriimeer Liigii keessatti yeroo 58 walitti kan dhufaan yoo ta’u, Maanchistar Yunaayitid yeroo 27 yoo injifatu, Maanchistar Siitii yeroo 21 injifateera. Taphoota 10 hafan irratti immoo walqixa xumuramaniiru. Taphoota liigii isaanii shanan darban keessatti, kilaboonni lameen tokkoon tokkoon isaanii yeroo lama injifataniiru. Tapha tokko irratti immoo walqixa xumuramaniiru. Maanchistar Yunaayitidii fi Maanchistar Siitiin kilaboota magaalaa tokkoo kanneen bara dheeraa wal dorgomaa turanidha. Kilaboonni lameen yeroo jalqabaaf bara 1881 walitti dhufanii kan taphatan yoo ta’u, tapha sana Maanchistar Yunaayitid goolii 3 fi 0’n injifateera. Kilaboonni lameen tapha isaanii isa jalqabaa irraa eegalee waggoota 145f dorgommii cimaa Ingiliizii fi sadarkaa Awurooppaa irratti gaggeessaa turaniiru. Maanchistar Yunaayitid waancaa liigichaa yeroo 20 moo’achuun kilaboota Ingiliizii keessatti dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitii immoo yeroo 10 waancaa liigichaa moo’ateera. Kilaboonni lameen yeroo dhumaaf Piriimeer Liigii keessatti kan wal qunnan Guraandhala 2018 yoo ta’u, yeroo sanatti Maanchistar Yunaayitid goolii 2 fi 0’n injifachuun isaa ni yaadatama. Maanchistar Yunaayitid torban sadaffaa keessatti Evarton waliin 2-2n walqixa baheera. Har’a ammoo gara mo’ichaatti deebi’uuf kaayyoo guddaa qabaachuun dirree seena. Morkataan magaalaa isaa Maanchistar Siitiin immoo taphoota liigii sadan jalqabaa hunda injifateera. Har’a yoo injifate, dursummaa liigii Arsenaal irraa deebi’ee fudhachuuf carraa qaba. Tapha har’aa irratti dorgommii walqixa fi hawwataa ta’e akka mul’atu ni eegama. Abbaan murtii umuriin isaa waggaa 41 Mikaa’el Olivar, tapha darbii eegamaa jiru kana ni dursu. Guyyaa har’aa sagantaan taphaa biraa Koovantarii Siitii fi Biraayiton gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sa’aatii 10:00 irraa eegalee ni taphatu.
Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti
Sep 8, 2026 554
‎Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama. ‎ ‎Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha. ‎ ‎Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera. ‎ ‎Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera. ‎ ‎Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera. ‎ ‎Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture. ‎ ‎Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata. ‎ ‎Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 870
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 1242
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 31036
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 18811
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17381
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015