Yaadonni Marii Biyyaalessaa irratti murtoo irra gahan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama -Pirezdaanti Taayyee Atsqasillaasnee - ENA Afaan Oromoo
Yaadonni Marii Biyyaalessaa irratti murtoo irra gahan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama -Pirezdaanti Taayyee Atsqasillaasnee
Fulbaana 26/2019 (ENA): Yaadonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaatti dhiyaatanii murtoo irra gahaman xiyyeeffannoon hojiirra akka oolu pireezdaanti Taayyee Atsqasillaasee dubbatan.
Manneen Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshiniin walga’ii waloo isaanii gaggeessaaniiru.
Pireezdaanti Taayyee Atsqasillaasee haasaa manneen kanaaf taasisaniin, konfiraansiin marii biyyaalessaa dhiheenya kana gaggeeffame, gatiiwwan hawaasummaa walitti hidhuun Itoophiyaa bu’uura ilaalchaa jabaa irratti ijaaruuf bu’uura kaa’uu hubachiisaniiru.
Konfiraansiin kun hojii siyaasni Itoophiyaa ilaalcha irratti hundaa’ee, ummata jalatti akka gadi bu’u, nagaa qabeessummaa waloo isaa akka ta’u kan dandeessise ta’uu ibsaniiru.
Yaadota hirmaattonni konfiraansii dhiyeessan hojiirra oolchuun bara bajataa 2019tti hojiiwwan mootummaan dursa kenneef keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan gocha siyaasa Itoophiyaa ammayyeessuuf tarkaanfii fudhachaa jiru cimsuu fi adeemsa siyaasaa tasgabbaa’aa ta’e mirkaneessuuf akka itti fufus ibsaniiru.
Fedhii cimaa ummataa fi mootummaa Itoophiyaa kan ta’e nagaa waaraa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetus akeekaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
#Mootummaa Ida’amuu#
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links