Hojiiwwan ijoo mootummaan bara 2019f xiyyeeffannoon hojjetu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen dhiyeessan: - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan ijoo mootummaan bara 2019f xiyyeeffannoon hojjetu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen dhiyeessan:
1. Nageenyi guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaatiif barbaachisaa waan ta’eef, yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa, tumsaan kan hojjetamu ta’uu eeruun,hojiin dursa Itoophiyaaf kennamu ta’uu dubbatan.
2. Jijjiiramni caasaa bal’aa qulqullina irratti hundaa’e hojiirra ni oola.
3. Misoomni lammiilee giddu galeessa godhate barnoota, fayyaa fi eegumsa hawaasummaa baay’ina irraa gara qulqullinaatti jijjiiruun ni ariitiin ni hojjetama.
4. Dandeettiin keenya bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaruu, akkasumas qabeenya industirii fi galtee qonnaaf barbaachisan ofiin of danda’uuf hojiin hojjetamu daran cimee itti fufa.
5. Raawwiin pirojektii fi faayinaansiin pirojektii ammayyaa, saffisaa, gahumsa qabuu fi itti gaafatamummaa kan qabu ta’a.
6. Bu’uura gibiraa ammayyeessuun, liqaa kan dandamatu, dandeettiin mootummaan galii fi baasii sirnaan to’achuu ni guddata.
7. Adeemsi qindoominaa fi raawwii mootummaa federaalaa fi naannolee tokkummaa, deeggarsa, gahumsaa fi mudaa kan hin qabne ta’a.
8. Hariiroon Itoophiyaa fudhatamummaa irraa gara dhiibbaa uumuutti kan ceesisu,kessumaa michummaa baay’isuuf kan ifaaju, warra mul’ata diinummaa qaban immoo gorsuun, yeroo hunda nagaa naannoo fi tumsa diinagdeetiif yeroo hunda dursa kennuudhaan, jalqabbii fudhatama idil-addunyaa keenyaa guddisan kan qabaatu ta’a.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
#Mootummaa Ida’amuu#
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links