Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsani - ENA Afaan Oromoo
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsani
Fulbaana 26/2019 (ENA): Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif baga ittiin isin gahee dabarsani.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 7ffaan walga’ii idilee isaa jalqabaa kaleessa gaggeesse Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee taasisuun muudeera.
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoon ergaa isaaniin, “Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad irra deebiin filatamuu isaaniitiin baga gammaddan jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.”
Pireesidaanti Ruuttoon itti dabaluudhaan, adeemsi jijjiirama Itoophiyaa akka milkaa’u hawwuun, Keeniyaan Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun biyyoota lamaaniif fayyadamummaa waliinii fi nagaa fi misooma naannoo mirkaneessuuf waadaa galte irra deebitee mirkaneessiteetti jedhaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
#Mootummaa Ida’amuu#
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links