ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tajaajilli tola ooltummaa waloomaa fi hariiroo lammiilee cimsaa jira
Aug 31, 2026 63
Hagayya25/2018(ENA): Tajaajilli tola ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenya ummataa cimsuudhaan biyya jabduu ijaaruuf daandii saaqaa jiraachuu Wajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa dubbatan. Gurmuun damee dubartootaa Oromiyaa fi hoggantoonni Godina Baalee har'a Aanaa Sinaanaatti argamuun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawataniiru. Tajaajilli tola Ooltummaa boqonnaa sammuu kennuun cinaatti walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa dhufuusaa ibsaniiru. Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa akka jedhanitti Tajaajilli tola Ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenyaa lammiilee cimsaa jiraachuu dubbataniiru. Tola ooltummaan baratamaa dhufuu ibsuun, keessattuu ummata hirmaachisuun tajaajilli kennamu tokkummaa fi wal-gargaarsaan ergama biyyaalessaa milkeessuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru. Naannichatti sagantaa kanaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa, mana harka qal’eeyyii haaromsuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa fi hojiiwwan arjoomaa biroon raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru. Har'as Bulchiinsa Godina Baalee waliin ta'uun tajaajilli tola ooltummaa raawwatame qaama carraaqqii kanaa fi hojii biyya jabduu ijaaruuf taasifamu kan deeggaruudha jedhaniiru. Itti Aanaa Bulchaa Godina Baalee Obbo Abirahaam Haayilee gama isaaniitiin, hojiileen tajaajila tola ooltummaa yeroo gara yerootti taasifaman boqonnaa sammuu kennuu bira dabruun obbolummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa waan dhufaniif cimanii kan ittifuufan ta'uu ibsaniiru. Sagantaa kanaanis mana harka qal’eeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu, Maaddii qoodduu, ashaaraa magariisaa dabalatee tajaajilawwan hawaasummaa hedduu raawwachuun hawasni walii waliisaanii akka wal deeggaraniif carraa uumuusaa dubbataniiru. Aanaa Sinaanaa Ganda Hawushoo kan jiraatan Aadde Hajjoo Adam, tajaajila tola Oooltummaan mana isaanii diigame gara qorqoorrootti jijjiiruuf hojiin jalqabamuu isaatti gamaduu isaanii ibsaniiru.
Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaadha- Obbo Tijjaanii Naasir.
Aug 31, 2026 97
Hagayya 25/2018(ENA): Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaa ta’uusaa bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, baatiiwwan lamaan darban keessatti hojiiwwan gama nageenyaan hojjetaman gaarii ta'uu, qindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fooyyee ta'uu, hojii tajaajila lammummaa dabalatee hojiiwwan jajjabeeffamu hojjetamuusaa dubbataniiru. Gama biraatiinis, dandeettiin raawwachiisummaa hoggansaa hoggansatti garaa garummaa qabaachuu, raawwiin seektaroota, aanaaleefi gandoota gidduutti mul’achuu, hojiiwwan hunda walfaana raawwachuu irratti hanqinaaleen kan turan ta'uus himaniiru. Hojii ijaarsaafi siyaasaa cimaadhaan hojiiwwan misoomaaf nageenyaa hogganuu, hojii hunda keessatti qindoomina cimaadhaan raawwachuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii addaan baasuun hawaasa mariisisuudhaan hiikaa adeemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenyaaf dursa kennuun xinxala gaggeessaa qixaan hogganuu, hojiiwwan misoomaa keessatti galiiwwan mootummaa, carraa hojii uumuu, qusannaa hawaasaa, humnoota waloo afran jabeessuu, haaromee aanaalee hunda keessatti xumursiisuu, kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa 21ffaa Jimmatti kabajamu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Waltajjii kanaan manneen hojii gabaasa isaanii kan dhiyeessan yemmuu ta'u, mariin erga taasifameen nooda kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira. Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojii kamiyyuu milkeessuuf hojmaataan hogganamuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, hojmaataafi qajeelfamoota bahan hunda harcaatii tokkoon malee hojiirra oolchuudhaan hojmaataan hogganuun barbaachisaadha jedhaniiru. Manni Maree Bulchiinsa Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture kallattii hojii itti aanu kaa'uufi murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan dhaabachuunsaanii nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasiseera
Aug 31, 2026 67
Hagayya 25/2018 (ENA)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan dhaabachuunsaanii fi itti fayyadama teeknooloojii cimsuudhaan nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasisuusaa hoggantuun biirii bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii Liidiyaa Girmaa ibsan. Karoorri wagga shanan dhufanii fi bara bajataa 2019 bulchiinsa magaalaa Finfinnee gaggeessitiita bulchiinsa magaalichaa sadarkaan jiraniin irratti mari’atamee har’a ni xumurama. Karoora wagga shaniin qonna magaalaa, ijaarsa manneenii, kenniinsa tajaajila mootummaa, teeknooloojiin akkasumas hojiilee namarratti xiyyeeffatan birootiin hojiileen badhaadhina walii galaa magaalattii mirkaneessan hojjechuun waliigalteerra gahameera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaabbileen karoora tarsiimawaa wagga shan darbee sirriitti raawwachuun kutannoo agarsiisan waggoottan dhufanis cimsanii akka itti fufan karoora ifaa fi hojjechiisuu danda’;u baasanii akka hojjetan qajeelfama hojii kennaniiru. Hoggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ENA’f akka ibsanitti, abbummaa nageenyaa jiraattotaa fi itti fayyadama teeknooloojii humnoota nageenyaa cimsuudhaan nageenyaa fi tasgabbii magaalattii caalaatti cimsuun danda’ameera. Hojii nageenyaa ummata hirmaachise hojjechuudhaan hawaasa al-seerummaa hadheeffatu uumuudhaan magaalattiin fakkeenya nageenyaa akka taatu godhameera jedhaniiru. Nageenyi fulla’aa fi amansiisaan Finfinnee keessa akka jiraatu gochuuf gurmaa’insi raayyaa nageenyaa magaalattii qooda hin tuffatamne bahachaa akka jiru ibsaniiru. Humnoota yakka raawwatanii miliquuf yaalan salphaatti to’achuuf bulchiinsa Shaggar Siitii waliin qindoominaan hojjechuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii, weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa akkasumas yakkoota biroo to’achuudhaan magaalaa olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e gochuuf mul’anni qabame cimee itti ni fufa jedhaniiru.
Haalli rooba baranaa Qonnaaf mijaawaa waan ta'eef kunuunsa misooma midhaaniif barbaachisu taasisaa jirra - Qonnaan Bultoota
Aug 31, 2026 102
Hagayya 25/2018 (ENA) – Godina Wallagga Lixaatti haalli qilleensaa fi raabsi rooba baranaa hojii qonnaatiif mijaawaa waan ta'eef, qonnaan bultoonni midhaan isaaniitiif kunuunsa barbaachisaa taasisaa akka jiran ibsan. Godinni Wallagga Lixaa lafa gabbata, haala qilleensaa mijaawaa, filannoo bishaan sadarkaa olaanaa fi dandeettii qonnaa guddaa kan qaban keessaa isa tokkodha. Godinichatti caalaatti midhaan akka Boqqolloo, Xaafii, Mishingaa fi Qamadii bal'inaan kan omishaman yoo ta'u, naannichis oomishtummaa bunaa olaanaadhaan beekama. Qonnaan bultoonni Godinichaas haala mijaawaa kanatti fayyadamuudhaan hojii qonnaa isaanii dandeettii guutuudhaan hojiirra oolchaa jiru. Qonnaan bultoonni ENAtti akka ibsanitti, haalli qilleensaa fi roobaa baranaa hojii misooma isaaniitiif haala mijaawaa waan uumeef, akkasumas dhiheessiin galtee gahaan waan jiruuf, midhaan facaasan kunuunsaa jiru. Yaada kennitoota keessaa qonnaan bulaan aanaa Gimbii Fiqaaduu Qaasim, haalli roobaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif haala mijaawaa uumuusaa dubbataniiru. Kanaanis lafa hektaara tokko irratti boqqolloo fi ruuza misoomsuu kan ibsan qonnaan bulaan kun, haalli qilleenssaa midhaanichaaf kunuunsa barbaachisu gochuuf haala mijaawaa akka uumeef dubbataniiru. Qonnaan bulaan aanaa kanaa Eebbaa Oljirraa gamasaaniitiin, lafa hektaara tokko fi walakkaa boqqolloo fi qamadiidhaan misoomsuu ibsaniiru. Galteewwan qonnaa yeroosaaniitti waan dhihaataniif, lafa dursanii sanyiidhaan uwwisan, ammma rooba mijaawaa roobaa jiruun deeggaramanii kunuunsa barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru. Waqtiin Gannaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif mijaawaa waan ta'eef, hojii facaasaa sanyii yeroosaaniitti xumuranii kunuunsa cimsuun akka itti fufan isaan gargaaraa akka jiru kan ibsan immoo qonnaan bulaa aanaa Laaloo Asabii Farradaa Oliiqaa ti. Kanaanis oomisha fooyya'aa argachuuf gorsa ogeessota qonnaa irraa argatan sirnaan hojiirra oolchuudhaan ciminaan akka hojjatan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa gamasaaniitiin, waqtii Gannaa baranaatiin Godinichatti lafti hektaarri kuma 486 fi 836 midhaan gosa adda addaan facaafamuusaa ibsaniiru. Misoomni kun caalaatti tooftaa qonnaa kilaasteraan sanyiidhaan facaafamuu eeraanii, oomisha fi oomishtummaa olkaasuuf galteewwan qonnaa barbaachisan yeroosaaniitti qonnaan bulaaf dhihaachuusaa itti gaafatamaan kun kaasaniiru. Waliigalatti Godinichatti sagantaa qonnaa Gannaa qabatameen oomisha kuntaala miiliyoona 16 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu Misooma Lukkuu amayyeessaa jira.
Aug 31, 2026 95
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu, yaada kabajamoo Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)’n eegale fedhii foon lukkuu fi killee guutuuf misooma lukkuu gara ammayyaa fi oomishtummaa olaanaatti ceesisaa jira. Sanyiiwwan lukkuu fooyya’an babal’isuu, giddugala baasii fi hatchery ammayyeessuu, kunuunsa cuucii fi sirna fayyaa isaanii cimsuu, akkasumas abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun xiyyeeffannoo ijoo dha. Kana malees, horsiistota lukkuu horsiisa xixiqqaa irraa gara horsiisa gabaa irratti xiyyeeffatee fi oomishtummaa qabuutti ceesisuun wabii midhaanii, galii fi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuun ergaa dabrseera ministirri qonnaa. Suuraa: Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Asoosaa, Aanaa Uuraa keessatti, Giddugala Misooma Lukkuu fi Qophii Nyaata Lukkuu “Tsetsee” jedhamutti sochii horsiisa lukkuu yeroo ammaa.
Siyaasa

Kabineen Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira
Aug 31, 2026 124
Hagayya 25/2018 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii (Kabiineen) dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira. Manni Marii Bulchiinsichaa jalqaba irratti kan mari’ate wixinee caasaa gurmaa’insaa fi fedhii humna namaa Dhaabbata Tajaajila Mootummaa Diijiitaalaa giddugala tokkoo " Masoob’Hararii ‘ ilaalchisee dhiyaate irratti. Wixineen kun tajaajiloota qaamolee mootummaa adda addaan kennaman bakka tokkotti walitti qabuu, gurmeessuu fi dijiitaaleessuudhaan;tajaajilamtoonni deddeebii malee fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila dhaqqabamaa, saffisaa, baasii qusatuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufinsa isaanii dabaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Manni Marii Bulchiinsichaas caasaa gurmaa’insaa kana irratti bal’inaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Itti fufuunis, Kabiineen wixinee fooyya’insa gurmaa’insa Bulchiinsa Magaalaa Harar Koree Kantiibaaf murtoof dhiyaate irratti mari’ateera. Fooyya’insi gurmaa’insaa kunis magaalichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef haala gaariin raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insa uumuudhaan, rakkoolee mul’atan furee hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an akka hojjetu raawwachuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Kabineen fooyya’insa kana irratti gad-fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Manni Marii Bulchiinsichaa kana malees ajandaawwan biroo irratti marii taasiisuun murtoo dabarsuun isaas ibsameera.
Hulaan Galaanaa Nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef furmaata waaraa argachuu qaba— Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo
Aug 31, 2026 114
Hagayya 25/2018 (ENA) — Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu fi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuu ishee ilaalchisee dhiheessitu, nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef, furmaata saffisaa fi waaraa argachuu qaba jechuun Ministirri Bishaanii duraanii, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan. Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan madda Abbayyaa ta’uu ishee sababeeffachuun, Gibtsiifi diinonni ishee seenaa keessatti turan, Itoophiyaa laaffisuuf daba isaan xaxaniin, Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaatu taasifameera. Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee erga dhabde, gochi haqaa hin qabne kun erga raawwatamee gara waggoota soddomaatti kan siqe ta’uu yaadachiisaniiru. Gibxiin “baandota biyya keessaa” fayyadamuun Eertiraan akka Itoophiyaa irraa addaan baatu gochuu ishee, akkasumas gocha seenaa keessatti gantummaa jedhanii ibsan yaadachiisuun, Ambaasaaddar Shifarraan, kanaanis Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee kan ta’an buufata doonii Asabii fi Mitsiwwaa akka dhabdu taasifamuu ibsaniiru. Gibtsiifi “baandonni biyya keessaa” Itoophiyaan buufatawwan doonii fi hulaa galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisan akka dhabdu taasisaniiru jedhaniiru. Mootummaan ummata irraa filatamee hin dhufne tokko, biyya addaan qoqqooduun, ragaa gahaa tokko malee Itoophiyaa biyya hulaa galaanaa hin qabne gochuuf aangoo kamiyyuu akka hin qabne yaadachiisaniiru. Kana malees, gareen seeraan ala ABUT, hulaa galaanaa fi buufatawwan doonii Itoophiyaa dabarsanii kennuun, biyyaafi uummata ishee irratti miidhaa seenaa keessatti hin dagatamne raawwachuu isaa dubbatan. Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee kan seenaa, seeraa, uumamaafi haala teessuma lafaa irraa maddu irraa fagaattee jiraachuu akka hin dandeenye ibsuun, guddinni saffisaa diinagdee yeroo ammaa galmaa’aa jiruufi baay’inni uummata ishees dhimma kana dirqama akka taasisu dubbataniiru. Abbummaan hulaa galaanaa kunis karaa nagaa, qooda kennuu fi qooda fudhachuu, akkasumas seerota idil-addunyaa irratti hundaa’uun deebii argachuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kanattis, mootummaan barbaachisummaa Itoophiyaan hulaa galaanaa qabaachuu akka qabdu kan uummata biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ukkaamfamee ture, biyyoonni addunyaa akka hubatan taasisuun, hojii dipilomaasii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti kan argamtu ta’uu ibsuun, gaaffiin kunis seenaa fi qaroomina biyya kanaa durii irraa eegalee hanga seerotaafi haala uumamaa biyyattii jiranitti, bu’uura sababa qabuudha jedhaniiru. Miidhaan Itoophiyaa irratti abbummaa hulaa galaanaa ishee ilaalchisee raawwatame, dhimma sababa qabeessa qofa osoo hin taane, dhimma murteessaa jiraachuu fi nageenya biyyaatiif ta’eera jechuun ibsaniiru. Itti fufuunis, Itoophiyaan laggeen daangaa ce’anii yaa’an isheetiin biyyoota ollaa ishee fayyadamaa taasisaa jirtu; kanaaf, abbummaa hulaa galaanaa ishees deebii argachuu akka qabu, gaaffii dhalootaa irraa dhalatee dhalootatti darbuudha jechuun kaasaniiru.
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Aug 28, 2026 427
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani. Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha. Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan. Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru. Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Aug 28, 2026 312
Hagayya 22/2018 (ENA)- Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi Siihasaak Fuwangiketkiyawu daawwannaa hojii fi “Inisheetivii Taayilandi-Afriikaa” seena qabeessa ta’e eegalchiisuuf Finfinnee dhufaniiru. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun ministiricha simataniiru. Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi Siihasaak Fuwangiketkiyawu turtii Finfinneetti taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisuun hooggantoota mootummaa olaanoo waliin akka mari’atan ibsameera. Daawwannaan kun hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi Taayilaandi jidduutti guddachaa dhufe sadarkaa caalaatti kan ceesisuu fi tumsa Afriikaa-Taayilaandi kan cimsu boqonnaa haaraa ta’uusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame ni mul’isa.
Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleesseera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Aug 27, 2026 390
Hagayya 21/2018 (ENA)- Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleessuun akka danda’ame Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Waltajjiina nageenyaa waloo komishinaroota poolisii Itiyoophiyaa fi hoggantoota nagaa fi tasgabbii gaggeeffamaa jira. Komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin bu’aaleen nageenya cimsan argamaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaan nagana akka gaggeeffamu, raayyaan poolisii, hoggantoonni bulchiinsaa fi nageenyaa, milishoonni, raayyaan ittisa biyyaa sadarkaan jiru waloomaan karoorsuun hojjechuusaaniitiin filannoon akka biyyattis ta’e sadarkaa addunyaatti fakkeenya ta’e karaa nagaa gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Diinonni biyya keessaa fi biyya alaa Itiyoophiyaan rakkoo keessa akka turtu nagaashee booressuuf barbaadan walitti dhufuun shira hedduu akka karoorsan kan dubbatan komishinar Jeneraal Dammallaash, shiroota kana sadarkaa hundatti lubbuusaaniillee aarsaa gochuunii fi shira kana fashaleessuudhaan, nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuun sadarkaa har’a irra gahameef hojjetamuusaa dubbataniiru. Waltajjichi fuulduratti daba diinonni Itiyoophiyaa nagaa fi tasgabbii gufachiisuuf baandota biyya keessaa fi biyya alaa waliin walitti dhufanii hojjetan hunda fashaleessuuf, raayyaan ammallee qophii ta’uusaa kan itti mirkaneessuu fi ergama fuulduraaf kan itti of qopheessudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa ta’uurra darbee biyya taateewwan Ardii fi idil addunyaa gurguddoon keessatti gaggeeffamu akka taate kaasaniiru. Taateewwan kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffaman raayyaan poolisii qaamolee nageenyaa biro waliin ta’uun ta’uun hojiilee gurguddoo hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru. Taateewwan biyyaalessaa fuulduraaf gaggeeffamaniif waliin mari’achuun, waliin karoorsuunii fi daba diinaa fashaleessaanagaan akka gaggeeffaman gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aas hojii hojjetameen muuxannoo argamanii fi hanqinoota mudatan adda baasuun ergama fuulduraatiif gamanumaa qophaa’uuf kan karoorfame ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran gaggeessan
Aug 26, 2026 296
Hagayya 20/2018 (ENA): Pirezidaantiin Rippaabilika Dimokirataawaa Federaalaa Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran Jaangi Kaangi gaggeessaniiru. Sirna gaggeessaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessatti raawwatame irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa argaman Jaangi Kaangi akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa hundee seenaa cimaa irratti kan ijaarameta’uu ibsaniiru. Hariiroon gam-lameee biyyoota lamaan gidduu jiru dhimmoota tarsiimowaa irratti guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Keessattuu daawwannaa sadarkaa hoggantoota ol-aanaatti taasifamuun, walta'insa dinagdeetiin fi hariiroo ummataa fi ummataatiin guddinni jajjabeessaan galmeeffamuu isaa dubbataniiru. Waggottan Itoophiyaa keessa turanitti hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol-aanaatti ceessisuuf shoora olanaa taphachuu isaas ambaasaaddarichi ibsaniiru. Gara fuulduraattis hariiroo daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru guddisuuf, hirmaannaa dinagdee fi investimantii dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa Itoophiyaa keessatti qaban cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Dabalataanis hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas jijjiirraa aadaa ummatoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuun akka barbaachisu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Michummaa seenaa qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru gara fuulduraattis cimee akkaittifufu abdii qabaachuu saanii ibsuun, yeroo gaarii Itoophiyaa keessatti dabarsaniif galateeffataniiru.
Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuuf Qophiidha –Eebbifamtoota Komandoo koorsii Tsinaat
Aug 24, 2026 1023
Hagayya 18/2018 (ENA)- Leenjii argataniin dirqama biyyaa isaanitti kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qophii ta'uu isaanii leenjitoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa irraa eebbifaman ibsan. Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa komaandoo bu'uuraa leenjii Tsinaat marsaa 45ffaatiif leenjise eebbisiiseera. Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman Itaamaajor Shuumiin Humnoota Waraanaa walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ergaa dabarsaniin; humni qilleensaa fi komaandoon dandeettii qaamaa, cichoomaa fi beekumsa waraana olaanaa isaatiin kallattii lolaa jijjiiramaa ta'uu isaa dubbataniiru. Eebbifamtoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat ENA waliin turtii taasisaniin; leenjii fudhataniin muuxannoo fi dandeettii waraana olaanaa horachuu isaanii ibsaniiru. Eebbifamtoota keessaa komaandoo bu'uuraa Abduulsalaam Siyyum; biyya malee ummanni, ummata malee biyyi adda bahanii ilaalamuu akka hin dandeenye dubbateera. Birmadummaan biyyaa eegamee akka turuuf waraana irraa waan baay'een akka eegamu ibsuun biyya jaallachuun loltummaan tajaajiluu ulfina waan ta'eef leenjii waraana argateen biyya isaa tajaajiluuf qophii ta'uu isaa mirkaneesseera. Itoophiyaa ogummaa waraanaan tajaajiluuf leenjii Tsinaat fudhatte xumuruu isheetiin gammaduu kan dubbatte komandoo bu'uuraa Fantaayee Yaadataa gama isheetiin;leenjii waraana fudhatteen Itoophiyaan dirqama biyyaa ishee irraa feetu hundumaa irratti gahee ishee gahumsaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee ibsiteetti. Eebbifamaan biraan komandoo bu'uuraa Daagim Daawwit; turtii leenjii isaatiin barnoota waraana dandeettii qabu ta'uu isa dandeessisuu fi muuxannoo argachuu isaa dubbateera. Adeemsa leenjii sirnaan xumuruu isaatiin gammaduu ibsee, fuula durattis nagaa biyyaa eegsisuuf qophii ta'uu isaa beeksiseera. Komaandoo bu’uuraa Mulgeetaa Girmaa jaalalli addaa ogummaa waraanaatiif qabu gara Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa seenee leenjii hordofuu kaka’umsa qabaachuu ibsee; wiirtuu sanatti leenjiiwwan adda addaa fudhachuu isaa fi fuula durattis dandeettii waraana horateen daangaa biyya isaa eeguuf qophaa’uu isaa dubbateera. Komaandoo bu'uuraa Qaalkidaan Geetaahuun gama isheetiin; Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaatti leenjiin waraana fudhatte biyya ishee tajaajiluuf ga’oomuu fi qophii akka ishee taasise ibsitee, dandeettii waraana horatteen dirqama biyyaa isheef kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessiteetti.

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa waloomaa fi hariiroo lammiilee cimsaa jira
Aug 31, 2026 63
Hagayya25/2018(ENA): Tajaajilli tola ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenya ummataa cimsuudhaan biyya jabduu ijaaruuf daandii saaqaa jiraachuu Wajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa dubbatan. Gurmuun damee dubartootaa Oromiyaa fi hoggantoonni Godina Baalee har'a Aanaa Sinaanaatti argamuun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawataniiru. Tajaajilli tola Ooltummaa boqonnaa sammuu kennuun cinaatti walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa dhufuusaa ibsaniiru. Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa akka jedhanitti Tajaajilli tola Ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenyaa lammiilee cimsaa jiraachuu dubbataniiru. Tola ooltummaan baratamaa dhufuu ibsuun, keessattuu ummata hirmaachisuun tajaajilli kennamu tokkummaa fi wal-gargaarsaan ergama biyyaalessaa milkeessuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru. Naannichatti sagantaa kanaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa, mana harka qal’eeyyii haaromsuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa fi hojiiwwan arjoomaa biroon raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru. Har'as Bulchiinsa Godina Baalee waliin ta'uun tajaajilli tola ooltummaa raawwatame qaama carraaqqii kanaa fi hojii biyya jabduu ijaaruuf taasifamu kan deeggaruudha jedhaniiru. Itti Aanaa Bulchaa Godina Baalee Obbo Abirahaam Haayilee gama isaaniitiin, hojiileen tajaajila tola ooltummaa yeroo gara yerootti taasifaman boqonnaa sammuu kennuu bira dabruun obbolummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa waan dhufaniif cimanii kan ittifuufan ta'uu ibsaniiru. Sagantaa kanaanis mana harka qal’eeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu, Maaddii qoodduu, ashaaraa magariisaa dabalatee tajaajilawwan hawaasummaa hedduu raawwachuun hawasni walii waliisaanii akka wal deeggaraniif carraa uumuusaa dubbataniiru. Aanaa Sinaanaa Ganda Hawushoo kan jiraatan Aadde Hajjoo Adam, tajaajila tola Oooltummaan mana isaanii diigame gara qorqoorrootti jijjiiruuf hojiin jalqabamuu isaatti gamaduu isaanii ibsaniiru.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan dhaabachuunsaanii nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasiseera
Aug 31, 2026 67
Hagayya 25/2018 (ENA)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan dhaabachuunsaanii fi itti fayyadama teeknooloojii cimsuudhaan nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasisuusaa hoggantuun biirii bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii Liidiyaa Girmaa ibsan. Karoorri wagga shanan dhufanii fi bara bajataa 2019 bulchiinsa magaalaa Finfinnee gaggeessitiita bulchiinsa magaalichaa sadarkaan jiraniin irratti mari’atamee har’a ni xumurama. Karoora wagga shaniin qonna magaalaa, ijaarsa manneenii, kenniinsa tajaajila mootummaa, teeknooloojiin akkasumas hojiilee namarratti xiyyeeffatan birootiin hojiileen badhaadhina walii galaa magaalattii mirkaneessan hojjechuun waliigalteerra gahameera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaabbileen karoora tarsiimawaa wagga shan darbee sirriitti raawwachuun kutannoo agarsiisan waggoottan dhufanis cimsanii akka itti fufan karoora ifaa fi hojjechiisuu danda’;u baasanii akka hojjetan qajeelfama hojii kennaniiru. Hoggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ENA’f akka ibsanitti, abbummaa nageenyaa jiraattotaa fi itti fayyadama teeknooloojii humnoota nageenyaa cimsuudhaan nageenyaa fi tasgabbii magaalattii caalaatti cimsuun danda’ameera. Hojii nageenyaa ummata hirmaachise hojjechuudhaan hawaasa al-seerummaa hadheeffatu uumuudhaan magaalattiin fakkeenya nageenyaa akka taatu godhameera jedhaniiru. Nageenyi fulla’aa fi amansiisaan Finfinnee keessa akka jiraatu gochuuf gurmaa’insi raayyaa nageenyaa magaalattii qooda hin tuffatamne bahachaa akka jiru ibsaniiru. Humnoota yakka raawwatanii miliquuf yaalan salphaatti to’achuuf bulchiinsa Shaggar Siitii waliin qindoominaan hojjechuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii, weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa akkasumas yakkoota biroo to’achuudhaan magaalaa olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e gochuuf mul’anni qabame cimee itti ni fufa jedhaniiru.
Lammiin Lammiif jechuun qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha
Aug 31, 2026 94
Hagayya 25/2018(ENA): Lammiin Lammiif jechuun qabatamaan agarsiisuun barbaachisaa ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse. Hojii Kenna Tajaajila Lammummaan Barattoota Harkaa qalleeyyiifi Maatii Harka Qalleeyyii 150 ta'aniif Deeggarsi akaakuu garaagaraa Qarshii 8,000,000 tilmaamamu taasifame. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti,hojii tajaajjila lammummaan harka qalleeyyiif deeggarsi gosa garaagaraa hirmaannaa Biiroo Qonnaa Oromiyaan taasifame. Deeggarsi taasifame kunis bakka I/G Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa, Bulchaa Aanaa Ejeree Aadde Likkeellesh Bayiifi Koree qindeessituu Aanaa Ejeree argamanitti, taasifameera. Lammiin wal-jaallachuun, waliif birmachuun deeggersi Tajaajila kenna lammummaan waliif taasisaa jiru hojii eebbifamaafi cimee itti fufu qabu ta'uu Obbo Geetuu Gammachuu Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa himan. Obbo Diidhaa Guddataa Bulchaa Godina Shawaa Lixaa saganticharratti argamuun Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii birmadummaa biyyaa mirkaneessuun dinagdee biyyaa utubuurratti adda durummaan hojjechaa jirurratti dabalataan hawaasa isaaniif maddii qooduuf Godina Sh/Lixaa Aanaa Ejereetti argamuu isaaniitiif galateeffataniiru. Bulchaan Aanaa Ejeree Aadde Likkeellesh Bayii akka jedhanitti, hojiin tajaajila lammummaa bifa itti fufiinsa qabuun hojjetamaa jiraachuufi kunis kutaalee hawaasaa bal'aaf abdii ta'uu himuun, Hojichis cimee itti Fufee jiraachuu himaniiru.
Magaalaa Shaggaritti qulqullina barnootaa bara 2019 guddisuuf hojiileen dandeessisan hojetamaa jiru
Aug 31, 2026 81
Hagayya 25/2018 (ENA) : Qulqullina barnootaa bara 2019 guddisuuf qophiin Magaalaa Shaggar keessatti taasifamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa bulchiinsa magaalattii beeksise. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar erga hundeeffamee kaasee hanqina bu’uuraalee misoomaa fi qulqullina damee barnootaa keessatti mul’atu guutuuf karoora bal’aa irratti hojjachaa tureera. Keessattuu manneen barnootaa fi daree barnootaa fooyyessuu, adeemsa baruu-barsiisuu teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun, haala barumsaa mijataa uumuu irratti hojiin bal’aan hojjetameera. Waajjirri Barnootaa bulchiinsa kanaa bara barnootaa dhufuuf qophiin bal’aan taasifamaa akka jiru ENA’tti himeera. Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalichaa obbo Firakiyyaa Kaasahuun himanitti, rakkoolee kanaan dura mudatan furuuf pirojektoonni haaromsaa fi babal’ina adda addaa manneen barnootaa keessatti hojjetamaa jira jedhani. Qulqullinaa fi walqixxummaa barnootaa mirkaneessuu fi gahumsa barnootaa fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamuu isaa kan agarsiisan itti gaafatamaan kun, yeroo magaalaan Shaggar hundeeffame lakkoofsi manneen barnootaa 958 qofa akka ture yaadachiisaniiru. Hojii hojjetameen lakkoofsi manneen barnootaa gara kuma 1 fi 430tti ol guddachuu ibsaniiru. Akkasumas, yeroo Magaalaan Shaggar hundeeffamtu lakkoofsi barattootaa kuma 298 qofa akka ture eeruun, lakkoofsi barattootaa dachaa lama dabaluudhaan bara barnootaa kana keessatti barattoota kuma 484 ol galmeessuuf karoorfamee hojiin eegalamuu ibsaniiru. Hojiin damee barnootaa keessatti hojjetamaa jirus lammiileef carraa barnootaa uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Haaluma kanaan qulqullina barnootaa guddisuuf leenjiin ijaarsa dandeettii barsiisotaaf kennamee, manneen barnootaa paarkii dijiitaalaa fi mana kitaabaa dijitaalaa dhiyeessuudhaan teeknooloojiin ammayyeessuun hojjetamuusaa ibsaniiru. Sagantaan galmee barattootaa magaalattii bara barnootaa keessatti dhibbeentaa 100 hojiirra akka oolus eeruun, leenjiin fooyya’iinsa qulqullinaa dhaabbilee tajaajila nyaataaf kennameera jedhani. Haaluma kanaan bara barnootaa kana keessatti barattoonni 484,000 ol sagantaa galmee kanaan fayyadamoo ta’u jedhan.
Diinagdee
Haalli rooba baranaa Qonnaaf mijaawaa waan ta'eef kunuunsa misooma midhaaniif barbaachisu taasisaa jirra - Qonnaan Bultoota
Aug 31, 2026 102
Hagayya 25/2018 (ENA) – Godina Wallagga Lixaatti haalli qilleensaa fi raabsi rooba baranaa hojii qonnaatiif mijaawaa waan ta'eef, qonnaan bultoonni midhaan isaaniitiif kunuunsa barbaachisaa taasisaa akka jiran ibsan. Godinni Wallagga Lixaa lafa gabbata, haala qilleensaa mijaawaa, filannoo bishaan sadarkaa olaanaa fi dandeettii qonnaa guddaa kan qaban keessaa isa tokkodha. Godinichatti caalaatti midhaan akka Boqqolloo, Xaafii, Mishingaa fi Qamadii bal'inaan kan omishaman yoo ta'u, naannichis oomishtummaa bunaa olaanaadhaan beekama. Qonnaan bultoonni Godinichaas haala mijaawaa kanatti fayyadamuudhaan hojii qonnaa isaanii dandeettii guutuudhaan hojiirra oolchaa jiru. Qonnaan bultoonni ENAtti akka ibsanitti, haalli qilleensaa fi roobaa baranaa hojii misooma isaaniitiif haala mijaawaa waan uumeef, akkasumas dhiheessiin galtee gahaan waan jiruuf, midhaan facaasan kunuunsaa jiru. Yaada kennitoota keessaa qonnaan bulaan aanaa Gimbii Fiqaaduu Qaasim, haalli roobaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif haala mijaawaa uumuusaa dubbataniiru. Kanaanis lafa hektaara tokko irratti boqqolloo fi ruuza misoomsuu kan ibsan qonnaan bulaan kun, haalli qilleenssaa midhaanichaaf kunuunsa barbaachisu gochuuf haala mijaawaa akka uumeef dubbataniiru. Qonnaan bulaan aanaa kanaa Eebbaa Oljirraa gamasaaniitiin, lafa hektaara tokko fi walakkaa boqqolloo fi qamadiidhaan misoomsuu ibsaniiru. Galteewwan qonnaa yeroosaaniitti waan dhihaataniif, lafa dursanii sanyiidhaan uwwisan, ammma rooba mijaawaa roobaa jiruun deeggaramanii kunuunsa barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru. Waqtiin Gannaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif mijaawaa waan ta'eef, hojii facaasaa sanyii yeroosaaniitti xumuranii kunuunsa cimsuun akka itti fufan isaan gargaaraa akka jiru kan ibsan immoo qonnaan bulaa aanaa Laaloo Asabii Farradaa Oliiqaa ti. Kanaanis oomisha fooyya'aa argachuuf gorsa ogeessota qonnaa irraa argatan sirnaan hojiirra oolchuudhaan ciminaan akka hojjatan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa gamasaaniitiin, waqtii Gannaa baranaatiin Godinichatti lafti hektaarri kuma 486 fi 836 midhaan gosa adda addaan facaafamuusaa ibsaniiru. Misoomni kun caalaatti tooftaa qonnaa kilaasteraan sanyiidhaan facaafamuu eeraanii, oomisha fi oomishtummaa olkaasuuf galteewwan qonnaa barbaachisan yeroosaaniitti qonnaan bulaaf dhihaachuusaa itti gaafatamaan kun kaasaniiru. Waliigalatti Godinichatti sagantaa qonnaa Gannaa qabatameen oomisha kuntaala miiliyoona 16 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu Misooma Lukkuu amayyeessaa jira.
Aug 31, 2026 95
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu, yaada kabajamoo Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)’n eegale fedhii foon lukkuu fi killee guutuuf misooma lukkuu gara ammayyaa fi oomishtummaa olaanaatti ceesisaa jira. Sanyiiwwan lukkuu fooyya’an babal’isuu, giddugala baasii fi hatchery ammayyeessuu, kunuunsa cuucii fi sirna fayyaa isaanii cimsuu, akkasumas abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun xiyyeeffannoo ijoo dha. Kana malees, horsiistota lukkuu horsiisa xixiqqaa irraa gara horsiisa gabaa irratti xiyyeeffatee fi oomishtummaa qabuutti ceesisuun wabii midhaanii, galii fi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuun ergaa dabrseera ministirri qonnaa. Suuraa: Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Asoosaa, Aanaa Uuraa keessatti, Giddugala Misooma Lukkuu fi Qophii Nyaata Lukkuu “Tsetsee” jedhamutti sochii horsiisa lukkuu yeroo ammaa.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Giddu Galli Gabaa Beeyiladaa ijaarame fayyadamummaa hawaasaa kan guddisudha
Aug 29, 2026 230
Hagayya 23/2018(ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Giddu Galli Gabaa Beeyiladaa Qarshii Miliyoona 73 oliin hojjetame eebbifamuun Tajaajilaaf banaa taasifame. Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti Qindoomina Dhaabbata FSRP 'Food System Reliance Program' fi Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanichaa waliin ta’uun kan hojjetame xumuramuun eebbifamee tajaajilaaf banaa taasifameera. Pirojektiin Ijaarsa gidduu gala gurgurtaa Beeyiladaa qarshii Miliyoona 73 oliin qulqullinaa fi saffisaan hojjetamuun tajaajilaaf qophaa'uun rakkoolee gabaa turan kan furu ta'uu Bulchaan Aanaa Guduruu obbo Fiqaaduu Abdiisaa himaniiru. Bu'aa Beeladaa irraa diinagdee barbaadamu argachuuf gidduu galli gurgurtaa Beeyiladaa ammayyaa'aan barbaachisaa waan ta'eef aanaalee hundatti babal'isuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dinagdee cimsuu, Wabii Midhaan nyaataa mirkaneessuu galma godhatee hojjechaa jiruun gidduu gabaa beeladaa ammayyaa'aan galii qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti aanaan Bulchaa Godina Horroo Huduruu Wallaggaa obbo Luluu Qixxaataa himaniiru. Gidduu galichi galii Magaalaa cimsuu, Carraa hojii uumuu fi ce'umsa dinagdeef gahee olaanaa kan bahatu ta'uus himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Inisheetivoonni qonna magaalaa bu’aa olaanaa galmeessaa jiru
Aug 29, 2026 128
Hagayya 23/2018(ENA): Inisheetiviin qonna magaalaa dhiyeessii nyaataa magaalota keessatti akka tasgabbaa'u, sirni nyaataafi aadaa hojii hawaasaa guyyuu jijjiiruurratti argama. Hawaasni magaalaa loon foonii, aannaniifi bu'aalee aannanii, lukkuufi buuphaa, akkasumas kuduraafi muduraa garaagaraa haala salphaan argachuu eegaluun, inisheetivichi jalqabbii abdachiisarra jiraachuu kan agarsiisudha. Magaalota Oromiyaatti jijjiirama gama kanaan argamaa jiru kana idileessuuf, inisheetivicha qooddattoota lama irratti xiyyeeffatee hojjatamuu qabaata. Inni duraa babaldhisuu (Scaling) yoota'u, kana jechuun inisheetivoota qonnaa bu'aa argamsiisuu eegalan baay'inaan babaldhisuun ittifufsiisudha. Gama biraatin immoo sona dabaluu irratti waan hojjatamudha. Kunimmoo dhiyeessiin omisha qonnaa magaalichatti ammuma baay'inni isaa olguddataa deemu sona itti dabaluun kurfeessuun gabaaf dhiyeessuun tarkaanfii fudhatamuu qabudha. Gama biraan, inisheetivoonni indastirii Godoofi kanneen biroo, inisheetivoota qonnaa hojiirra jiran waliin walitti hidhamiinsa gara duraaf boodaa akka uuman taasisuun tarkaanfii eegalame akka idilaa'uuf sochii taasisuu barbaachisaa ta’uu odeeffannoon Miidiyaa Hawaasaa Waajjira Pireesidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Aug 29, 2026 283
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee. Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru. Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru. Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru. Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera. Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru. Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru. Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegale.
Aug 29, 2026 120
Hagayya 23/2018(ENA): Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegaluu ibsame. Jiraattonni Aanaa Aallees, kanaan dura seektaraaleen mootummaa walirraa fagachuun tajaajila argachuuf dhamaatiin adda addaa irra gahaa turuu himan. Wiirtuun kun hojii eegaluun dhamaatii hambisee baasii nuu qusachuun tajaajila si'ataa akka argannuuf nu gargaara jedhan jiraattonni kunniin. Bulchaan Aanaa Aallee Obbo Kaliifaa Zeenuu, wiirtuun tajaajila Iddoo tokkoo birrii miliyoona 100fi miliyoona 68 ijaarame kun foddaawwan 8 keessatti tajaajila gosa 69 kan kennu ta'uu himan. Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin, Mootummaan lammiileen tajaajila hunda karaa dijitaalaa akka argataniif hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Tajaajilli wiirtuu Iddoo tokkoo 'Masoob' ammoo tajaajila si'aataa kennuu qofa osoo hin taane tajaajila loogii irraa bilisa ta'e hawaasaaf kennuuf gahee guddaa qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru
Aug 29, 2026 103
Hagayya 23/2018 (ENA): Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtumma bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiraachuuhayyoonni ibsan. Mootummaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee guddisuuf qonna ammayyeessuurra darbee muuxannoo waqtii eeganii oomishuu jalaa bahuuf misooma qamadii jallisii Bonee hojiirra oolcheera. Kun ammoo oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuun hirkattummaa hambisuurra darbee Qamadii biyya alaatti erguuf gumaacha olaanaa gochaa jira. ENA’n hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa karoora misooma qonnaa mootummaa ilaalchisuun ogeessotaa fi qorattoota damichaa waliin turtii taasiseera. Ogeeyyota damichaa ibsa ogummaa taasisan keessaa qindeessaa sagantaa qorannoo qamadii biyyaalessaa fi qorataan wiirtuu qorannoo Bishooftuu Dr. Nagaash Galataa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan misooma qonnaa teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuu fi yeroo eeganii oomishuu jalaa bahuuf kan gargaarudha. Bishaan lafa jalaa fi lafa gubbaa faayidaaf oolchuudhaan qonnaan bulaan rooba eeguu jalaa bahee misooma jallisii bal’inaan fayyadamuudhaan oomishtummaa fi fayyadamummaa guddifachaa dhufuusaa dubbataniiru. Misoomni qonnaa bu’a qabeessa akka ta’u waggoottan darban xaa’ummaa lafaa guddisuu fi jiidhatti gargaaramee misoomsuuf hojiin hojjetame milkaa’uusaa dubbataniiru. Naannichatti sanyii filatamaa gargaaramuun alatti qonna kilaastaraa babal’isuun oomishtummaa qonnaa guddisuusaa kan ibsan ammoo intarpiraayizii sanyii filatamaa Itiyoophiyaatti ogeessa olaanaa agiroonoomii damee Baalee obbo Dassaalanyi Dajaneeti. Kanaafis, intarpiraayiziichi sanyiiwwan filatamoo qamadii, garbuu fi baaqelaa qonnaan bulaaf dhiyeessuu bira darbee, sirna kilaastaraa fi kunuunsa midhaanii irratti deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Dhiyeessii sanyii filatamaa kanaan midhaan dhukkubaa fi hongee dandamatu qonnaan bulaaf dhiyeessuun, dandeettii dinagdee isaanii guddisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaa jallisii irratti dhiyeessiin sanyii filatamaa gahaa fi qaqqabamaa akka ta’u gochuun, bu’a qabeessummaa isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti qindeessaa olaanaan piroojeektii qorannoo qamadii fi qorataa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Jamaal Abdulkariim, gama isaaniitiin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi misooma qamadii jallisii guddisuuf qonnaan bultoota leenjii fi galteewwan qonnaatiin deeggaramaa jira. Keessattuu, qonnaan bultoonni godinaalee Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa keessa jiran misooma qamadii Bonaa jallisii irratti beekumsa itti fayyadama teeknooloojiiwwan qonnaa akka argatan leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan qonnaa fi dhiyeessii sanyiiwwan filatamoo qaqqabamaa taasisuun, bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman oomishtummaa dabaluudhaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 ce’umsa dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’eera – Hayyoota
Aug 26, 2026 183
Hagayya 20/2018 (ENA): Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 Ce’umsa Dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’uusaa Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Mootummaan Itoophiyaa bara Faranjootaa 2020tti tarsiimoo dijiitaalaa Itoophiyaa 2025n ifoomse,Teekinoolojii fayyadamuun guddina dinagdee biyyaattii ariifachiisuufi tajaajiloota ammayyeessuuf sagantaa biyyaaleessa qophaa’eedha. Tarsiimichi Qonna,Tturizimii, Maanuufakcharingii fi tajaajiloota dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii haaraa uumuuf kaayyoo kan godhatedha. Akka Hayyoonni ibsanitti, marsaa Dijital Itiyoophiyaa 2025 keessatti bu'aa olaanaan kan keessatti galmeeffamee fi milkaa'inaan kan xumuramee dha jedhaniiru. Bu'aawwan gurguddoo galmeeffaman keessaa babal'ina tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob, hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Fayyidaa, qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa Intarneetiin kennuu fi leenjii Itiyoo koodarsii Lammiilee miiliyoonaan lakkoofamaniif kenname hayyoonni kun eeraniiru. Yuunvarsiitichatti Barsiisaan Kutaa Barnootaa Inistityuutii Teeknoolojii damee Makaanikaal Injiinarinjgii Barsiisaa Shawaangizaw Warqaaganyoo Sosochiin teeknoolojii biyyaattii bal’inaan guddachaa dhufuu ibsuun, milkaa’ina dabalataan ogeessota dame sanaa hedduu horachuu danda’amuu eeraniiru. Babal'inni teekinoolojii dijitaalaa dhaabbilee adda addaa keessatti qabannaa odeeffannoo ammayyeessuu bira darbee tajaajila kennamu ariifachiisuu isaanii addeessaniiru. Kunis lammiileen tajaajila rakkoo malee akka argataniif, akkasumas yeroo fi qarshii isaanii akka qusatan isaan dandeessiseera. Keessumaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariirratti mul’atan furuun gumaacha inni taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti daarektarri wiiirtuu hubannoo nam-tolchee Injinar Jaarmiyaa Baayyisaa akka jedhanitti, tajaajilli dijitaalaa qajeeltoo iftoominaa cimsuudhaan malaammaltummaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dhaabbileen ijaaramuu fi ammayyaa’uun, tajaajilli mobaayil baankiingii babal’achuunsaa, akkasumas filannoon walii galaa 7ffaan galmeerraa eegalee akkaataan odeeffannoon ittiin qindaa’e ammayyaa fi milkaa’aa ta’uunsaa bu’aalee cehumsa dijitaalaa isaan ijoo ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni galmaa’an fuulduras cimanii itti fufuu akka qaban Injiinar Jaarmayaan hubachiisaniiru. Keessumaa tarsiimoon dijitaalaa 2030 galma akka gahuuf hojiileen misooma dijitaalaa eegalaman qindoominaan itti fufuu akka qaban ibsaniiru. Tajaajiloota kanneen akka dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuu, leenjiiwwan akka Itiyoo-Koodarsii cimsuu fi damee Kanaan ogeeyyota ga’ooman hedduu horachuun milkaa’ina cehumsa dijitaalaa itti aanuuf murteessaa ta’uu Injiinar Jaarmiyaan dubbataniiru. Biyyoonni guddatan dinagdeesaanii cimsuuf akka ijootti kan itti gargaaraman teeknooloojii dhaabbilee dhuunfaatti fayyadamuunii fi babal’isuudhaan hirmaannaa cimaa taasisuun ta’uu eeranii, mootummaanis dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hirmaachisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Ispoortii
Har’a falmiin Astoon Viilaa fi Arsenaal gidduutti taasifamu ni eegama
Aug 31, 2026 106
Hagayya 25/ 2018 (ENA) : Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaa torbee 2ffaan morkiin har’a halkan Astoon Viilaan Arsenaal waliin taasisu ni eegama. Shaampiyoonaan bara darbee Arsenaal tapha torbee jalqaban Koovantarii Siitii kan injifate yoo ta’u, Astoon Viilaan ammo Biraayitaniin injifatamuun kan yaadatamuudha. Kilaboonni lamaan taphoota shan yeroo dhiyeenya waliin taphatan keessaa s’a lama lama wal injifachuun tapha tokko ammoo qabxii qoodataniiru. Taphni eegamu kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Viillaa Paarkiitti taphatama.
Livarpuulii fi Notiingihaam Forest wal qixa bahan
Aug 29, 2026 179
Hagayya 23/2018 (ENA)- Sagantaa torbee lammaffaa Piriimar Liigii Ingiliziin Livarpuulii fi Notiingihaam Forest galchii lamaa fi lamaan wal qixa bahaniiru. Taphni garee lamaanii kan wal gitee fi dorgommiin bashannansiisaa kan keessatti mul’ate ture. Haala Kanaan Livarpuul taphoota walitti aananiin qabxii harcaaseera. Notiingihaam Foresti dorgommii bara kanaatiin qabxii jalqabaa galmeessiseera.
Maanchistar Siitii 4 fi 1'n Kiristaal Paalaas mo'ate
Aug 29, 2026 121
Hagayya 23/2018(ENA): Tapha pirimeerliigii Ingilaandi torbee 2ffaa Siitiin galchii 4 fi 1'n Paalaas mo'ateera. Galchiiwwan argaman mara taphattoonni Maanchistar Siitii kan lakkoofsisan yoo tahu, Haalaandiifi Cheerkiin galchii 2 qixa Siitiif, Paalaasiif immoo Doonaarumaan ofitti lakkoofsisaniiru.
Tapha Liigota gurguddoo Awurooppaa guyyaa har'aaf karoorfame
Aug 29, 2026 117
Hagayya 23/2018(ENA): Pirimeerliigii Ingilaandi (Torbee 2ffaa) 8:30 Liveerpuul Nootingihaam Foreesti waliin morkata. 11:00 Boornimaawuz vs Evarteen 11:00 Koveenterii Siitii vs Haal Siitii 1:30 Tooteenhaam vs Niwukaastil ●Laaligaa Ispeen (Torbee 3ffaa ) 12:00 Leevaantee vs Riyaal Beetis 2:00 Riyaal Soosidaad vs Ispaanyol 4:30 Siiviyaa vs Atileetikoo Maadrid ●Bundeesligaa Jarman (Torbee 1ffaa) 10:30 Eelversibeergi vs B/Leeverkuseen 10:30 RB Leepzhig vs Moncheegilaadbaa 10:30 Unuyeen Beerlin vs Firaankiferti 1:30 Doortimandi vs Humburgi ●Seeriyaa Xaaliyaan (Torbee 2ffaa ) 1:30 Fiyoorentinaa vs Firoosinoonee 3:45 Juveentus vs Parmaa
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 344
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 453
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru. Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera. Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 526
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera. Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru. Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 765
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira. Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17309
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16594
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.