ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaniiru-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Jul 28, 2026 21
Adoolessa 21/2018 (ENA)- Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuusaanii hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan. Dameen hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa mata duree ‘komunikeeshiniin bu’a qabeessi paartii cimaaf’ jedhuun gamaaggama hojii bara bajataa 2018 fi karoora bara 2019 ilaalchisee magaalaa Roobeeti waltajjii gaggeessaa jira. Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa waltajjicharratti dubbii dubbataniin, paartiin badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jira jedhaniiru. Dirreen siyaasaa hammataa, hirmaachisaa fi yaadni hedduun kan itti wal jijjiiramu gochuun akkasumas sirna demokiraasii ijaaruu keessatti bu’ura cimaa kaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tokkummaan ilaalchaa fi gochaa hoggantootaa fi miseensotaa jidduutti akka cimu akkasumas ijaarsi seenessa waloo akka cimu gochuun danda’ameera jedhan. Dabalataanis maatiirraa eegalee sadarkaa biyyaatti badhaadhina mirkaneessuuf hojjetamaa turuusaa kaasanii, bu’aan qabatamaas galmaa’aniiru jechuun dubbataniiru. Sirni siyaasaa hammataa, hirmaachisaa akka jiraatu kan gargaaran hirmaannaa damee hariiroo ummataa fi qooda fudhattootaan hojjetamuusaanii ibsaniiru. “Paartiin badhaadhinaa qofaasaa biyya jijjiiruuf kan ka’e miti” kan jedhan Dr. Biqilaan,yaadamni siyaasaa haaraan hammataa fi hirmaachisaan dhimma biyyaarratti yaadama ida’amuutiin akka gabbatu taasiseera jedhaniiru. Bara bajataa 2018 filannoon walii galaa 7ffaan bilisa, nagaa qabeessaa hirmaachisaa fi demokiraatawaa ta’ee gaggeeffamuunsaa milkaa’ina biyyaalessaa isa guddicha ta’uu kaasaniiru. Sagalee ummanni Partii badhaadhinaaf kenne bu’uureffachuun waggoota shaman dhufanitti mootummaa hundeessuudhaan imaanaa ummanni kenneeh ciminaan bahachuudhaaf qophaa’uusaa dubbataniiru. Haala Kanaan waggoottan shaman dhufan badhaadhina biyyaa hunda galeessa mirkaneessauuf kutannoon hojjechuuf qopaa’uusaas ibsaniiru.
Pirojektiin Jallisii ‘welmal’ Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuun omishaa fi oomishummaa guddisuu dandeessiseera
Jul 28, 2026 71
Adoolessa 21 / 2018 (ENA): Pirojektiin Jallisii 'Welmal' hojii qonnaa hirkattummaa roobaa irraa adda baasuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf dandeettii uumuusaa Ministeerri Jallisii fi Naannoowaa Gammoojjii beeksise. Hoggantoonni hojii Ministeerichaa fi ogeeyyiin miidiyaa godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hawaasa naannichaaf tajaajila kennaa kan jiru Pirojeektii Jallisii 'Welmal' daawwataniiru. Pirojeektichi oomishaa fi oomishtumma qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera. Pirojeektichi xiyyeeffannoo mootummaatiin bara baajatichaatti ijaaramee tajaajilaaf kan gahe yoo ta'u, hawaasa naannichaa fayyadamoo Jallisii taasisaa jira. Daawwannaa dirree kana irratti kan argaman Ministeera Jallisii fi Naannoo Gammoojjiitti itti gaafatamaan Waajjirri Sagantaa Pirojeektii Jallisii Obbo Ashannaafii Likkaasaa akka jedhanitti, biyyattii keessatti sararoota jallisii babal’isuun birmadummaa nyaataa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kanaanis qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan filannoowwan bishaanii garagaraa fayyadamuun omishaa fi omishtumma guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti bu’aawwan jajjabeessoon argamuu isaanii ibsaniiru. Naannoo qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti hanqinni roobaa fi hongee jireenya lammiileetti qormaata ta’ee turuu kan ibsan Obbo Ashannaafiin; naannoo naannootti waggoota jijjiirama darban keessatti bu’uuraalee misooma jallisii filannoo ta’an ijaaramaniin jireenyi isaanii jijjiiramaa dhufuu dubbataniiru. Kanaafis godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti Pirojeektiin Jallisii ‘Welmal’ ijaarame fakkeenya tokko yoo ta'u, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota duraan sagantaa seeftineetiin gargaaramaa turan hirkattummaa roobaa irraa bilisa ta’uun waggaa keessatti yeroo lamaa fi sadii oomishuun fayyadamaa akka ta’an haalli dandeessisu uumameera. Pirojektichi lafa hektaara kuma 12 ol misoomsuu dandeettii kan qabuu fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 24 ol fayyadamoo kan taasise ta’uu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Umar Mahaammad gama isaaniitiin, aanichatti lafti qonnaa misoomuu danda’u bal’aa ta’us hir’ina roobaarra kan ka’e hawaasni naannichaa gargaaramaa seeftineetii ta’ee turuu yaadachiisaniiru. Xiyyeeffannoo mootummaatiin bara kana ijaaramee tajaajilaaf kan gahe Pirojeektiin Jallisii Welmal qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan waggaatti yeroo sadii misoomsuun sadarkaa jireenya fooyya’aatti akka ce’an gargaaraa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota ganda Gomgomaa keessaa Ismaa’el Amaan yaada kennaniin,ammaan duraa isaan dabalatee jiraattonni naannoo isaanii biroon sagantaa seeftineetiin hammatamanii gargaaramaa turuu dubbataniiru. Pirojektiin Jallisii xumuramuusaan lafa hektaara 1tuqaa 5 irratti oomisha gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamaa ta’uu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana qullubbii adii misoomsaa jiran irraa qarshii miliyoona 2 argachuu kan eegan ta’uu dubbataniiru. Ammaan dura waktii roobaa qofa eeguun waggaatti al tokko oomishaa kan turanii fi jireenyi isaanii harka afaanitti qofa ta’aa akka ture kan ibsan immoo fayyadamoo Jallisii biroo Obbo Adam Bayyaanidha. Yeroo ammaa pirojeektii Jallisii fayyadamuun oomisha bal’inaan omishaa jiraachuu dubbataniiru. Obbo Abdullaahii Jibriil gama isaaniitiin, pirojeektiin Jallisii‘welmal ‘ eeggattummaa Seeftineetii irraa bilisa nu baasuun akka of dandeenyu nu gargaareera; jallisiin deeggaramuun midhaan akkasumas kuduraa fi muduraa gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamoo taaneerra jedhaniiru.
Gibira yeroosaattii fi sirnaan kafaluun dirqama Lammummaa keenya bahaa jirra – kaffaltoota gibiraa Naannoo Hararii
Jul 28, 2026 50
Adoolessa21/2018(ENA):Gibira Sirnaanii fi yeroon kaffaluun dirqama lamummaasaanii bahaa jiraachuu kaffaltoonni gibiraa Naannoo Hararii ibsani. Naannoon Hararii kaffaltoota gibiraa amanamoo gibira isaanirraa eegamu yeroon kaffalaniif beekamtii kenneera. Kaffaltoonni gibiraa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti gibira isaanii sirnaanii fi yeroon kafaluun dirqama lammummaa isaan irraa eegamu bahaa jiru. Kaffaltoota gibiraa amanamoo naannichaa keessaa hojii wal’aansa Ijaarratti kan bobba’an Dr.Nuuraddin Abdii akka jedhanitti; gibira narraa eegamu yeroon kaffaluu kootiin beekamtiin naaf kenname hojii caaluuf kan nakakaasuudha jedhaniiru. Kaffaltoota gibiraa irraa galiin walitti qabamu misooma naannoof kan oolu ta’uusaa ibsaniiru. Gibira sirnaa fi amanamummaan kafaluun dhaloota dhufuuf biyya mijattuu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa ofii kaa’uu kan dandeessisuudha jedhaniiru. Magaalittiitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an Haayiluu Kasaa fi Aadde Yusraa Mahaammad gama isaaniitiin, gibira kaffaluun misoomaa fi guddinaaf gahee taphatu hubachuun dirqama lammummaa keenya bahaa jirra jechuun dubbataniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana hojiwwan misoomaa raawwatamaa jiran irraa fayyadamaa ta’uun keenya yeroo fi karaa sirrii ta’een gibira kafaluu keenya itti fufna jedhaniiru. Mootummaa naannichaatiin beekamtiin nuuf kennamees caalaatti hojjechuuf fi warra kaaniif fakkeenya ta’uuf kan isaan kakaase ta’uu ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Galiiwwan Naannichaa Yaasin Abdullaahii akka ibsanitti naannichatti fedhiirratti hundaa’uun gibira guddisuun baasii misoomaa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf karoorfatamee hojiitti galameera. Keessattuu seerota taaksii hojiitti galchuun kafaltiin taaksii haqa qabeessa ta’e raawwatamaa kan jiru yoo ta’u kun yeroo gara yerootti guddachaa fi jijjiiramni irratti galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa kanatti naannichatti matadureewwan galii garagaraatti galii birrii biiliyoona 6 fi miliyoona 4 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galameera. Fuuldurattis sirna walitti qabinsa taaksii ammayyeessuu fi hawaasni daldalaa adeemsa walitti qabinsa taaksii irratti hojiin hubannoo kennuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Afriikaan Madda Faayinaansii Waaraa fi Amansiisaa Uumuun Dhiibbaa Ishee Addunyaarratti Cimsachuu Qabdi
Jul 28, 2026 45
Adoolessa 21/2018 (ENA)-Afriikaan madda faayinaansii waaraa fi amansiisaa ta’e uumuun dhiibbaa ishee sadarkaa addunyaatti cimsachuu akka qabdu Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Federaalawa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtaa Afriikaa 49ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Ga’uu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, Barreessaa Olaanaa Komishinii Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kilaver Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ediwaardi Biizimaanaa, Ministironni Dhimma Alaa biyyoota miseensotaa, dippiloomaatoonni fi keessummoonni biroo argamaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos yeroo kanatti akka jedhanitti, dorgommiin ji'o-politikaa, ce’umsi teeknoolojii fi dhiibbaan jijjiirama qilleensaa sirna addunyaa irratti jijjiirama guddaa fidaa jiru. Afriikaan haala jijjiiramaa addunyaa fi tilmaamamuu hin dandeenye kana akka carraa gaariitti fayyadamuun, fedhii mataa isheetiin kan bocamtu ta'uu akka qabdus ibsaniiru. Kanaafis, dhaabbileen ardichaa haala qabatamaa addunyaa ilaalcha keessa galchuun hojii riifoormii gochuu akka qaban dubbataniiru. Gamtichi sirreeffama teeknikaa muraasa irratti qofa osoo hin daangeffamiin, murteewwan tarsiimoo fi siyaasaa hammate riifoormii gadi fageenyaa gochuu akka qabu hubachiisaniiru. Afriikaan sagaleen ishee sadarkaa addunyaatti dhageetii akka argatuuf, dhiibbaa uumuu fi maddaa faayinaansii waaraa fi madaallamaa mataa ishee qabaachuu akka qabdu eeraniiru. Kanaanis Afriikaan rakkoolee addunyaatiif furmaata ardichaa uumuun shoora murteessaa taphachuun akka irraa eegamu ibsaniiru. Afriikaan qormaatilee ishee mudatan keessa ta'uun guddina galmeessisaa jiraachuu kan eeran ministirichi, akka lakkoofsa Faraanjitti bara 2026tti biyyoota 10 addunyaa irratti ariitiidhaan guddatan keessaa saddeettan isaanii biyyoota Afrikaa akka ta’an eegama jedhaniiru. Gamtaan Afriikaa dhimmoota addunyaa irratti dhiibbaa uumuuf akka isa dandeessisu riiformii gochuudhaan, madda faayinaansii waaraa fi madaallamaa qabaachuu akka qabu agarsiisaniiru. Qabeenyi Afirikaas dhaabbilee fi caasaa ardichaatiin bulfamuu akka qabu eeraniiru. Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa akka dhaabbata tokkummaa fi mul'ata waliinii ardichaa isa ijoo ta'etti kan ilaaltu ta'uu ibsuun, imaammata, tarsiimoo fi galma waaraa gamtichaa milkeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetamu ta'uudhas hubachiisaniiru. Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtichaa gabaasa raawwii fi hojiirra oolmaa mata duree bara 2026 Gamtaa Afrikaa irratti dhihaate irratti gadi fageenyaan ni mari'ata. Dabalataanis, waliigalteewwan Gamtaa Afriikaa ariitiidhaan akka mirkanaa'anii fi hojiirra oolaniif, akkasumas gabaasa koree hojiirra oolmaa galma Ajandaa 2063 irratti ni mari'ata jedhamee eegama.
Afriikaan ajandaa ishee hojiirra oolchuuf qabeenya mataashee fayyadamuu irratti xiyyeeffachuu qabdi
Jul 28, 2026 69
Adoolessa 21/2018 (ENA): Afriikaan qabeenya ofii fayyadamuudhaan ajandaa ishee hojiirra oolchuu fi kaayyoo ishee galmaan gahuu irratti xiyyeeffachuu qabdi jedhan Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Edwaardi Biizimaanaa. Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Kaayyoo Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa Edwaardi Biiziimaanaa Afriikaan dhimmoota waloo ishee irratti sagalee tokkoon fi gamtaa tokkoon akka dhaabbattu dhaamaniiru. Ministirri kun Afriikaanonni dantaa waliigalaa isaanii mirkaneessuuf tokkummaa waloo cimaa duudhaalee Paan Afriikaanizimii irratti hundaa’e ijaaruu qabu jedhan. Akkasumas biyyoonni Afrikaa haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti ejjennoo waloo akka qabaniifi bu’uuraaleen Gamtichaa sirnaan hojiirra ooluu fi hordofamuu akka qaban hubachiisaniiru. Bu’uuraaleen kunneen fedhii Afrikaa dirree idil-addunyaa irratti guddisuuf meeshaalee ijoo ta’uu ibsaniiru. Faayinaansii itti fufiinsa qabu Gamtichaa ilaalchisee Ministirri kun Afrikaan qabeenya ofii fayyadamuudhaan ajandaa mataa ishee hojiirra oolchuu fi murtee kennuu keessatti walabummaa ishee eeguu irratti xiyyeeffachuu qabdi jedhan. Dabalataanis biyyoonni Afriikaa gama kanaan deeggarsa maallaqaa gochuu qabu jedhan. Waliigalteen mallattoo bilchina siyaasaa malee dadhabina akka hin taane eeruun, biyyoonni Afriikaa duudhaalee waloo walitti dhiheessan akka barbaadaniif meeshaa ijoo ta’uu dubbatani. Ajandaawwanii fi waadaa galaman gara bu’aa qabatamaa jireenya Afriikaanota jijjiirutti hojjechuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Siyaasa

Mariin Biyyaalessaa haala milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jira
Jul 28, 2026 55
Adoolessa 21/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa milkaa’inaan gaggeeffamaa jira jedhan Komishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisuun Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsa kennaniiru. Komishinarri Olaanaa ibsa isaanii keessatti mariin biyyaalessaa kun milkaa’inaan gaggeeffamaa akka jiru hubachiisaniiru. Akkasumas mari’attoonni ajandaawwan irratti ramadaman irratti garee isaaniitiin mari’achaa akka jiran fi dhimmoota mari’atan sirnaan galmeessuu isaanii ibsaniiru. Kanaafuu, adeemsa marii kanarratti yaadonni qooda fudhattoota irraa walitti qabaman gara garee shantamaa ,achiin garee dhibba lamaafi shantamaatti ykn garee tarsiimootti akka dhiyaatu himaniiru. Kanaaf adeemsa marii irratti yaadonni bilisaan dhiyaachaa akka jiranii fi sadarkaa sadarkaan mariin gaggeeffamaa akka jiru dha malee, ajandaa murtee dhumaarra gahe akka hin jirre eeraniiru. Marii garee yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru erga xumuranii booda torbee dhufu marsaa itti aanutti akka ce’an beeksisuun, kunis marsaa marii dhibba shanii ta’a jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Yaa'iin Idilee 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Jalqabe
Jul 28, 2026 64
Adoolessa 21/2018 (ENA): Yaa’iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti eegaleera. Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a. Baniinsa yaa’ichaarratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf; Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Federaalaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos; Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kilaver Gateetee; Ministira Dhimma Alaa Buruundii fi Dura taa’aa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu, Ediwaardi Biizimaanaa, Ministiroota Dhimma Alaa Biyyoota Miseensotaa, dippiloomaatotaa fi keessummoonni biroo argamaniiru. Ministiroonni kunneen dursa ijoo fi dhimmoota walitti hidhaminsa ardii Afriikaa saffisiisan irratti ni mari’atu. Gabaasa Koree Raawwii Ajandaa 2063, akkasumas haala raawwii waliigalteewwanii fi bu’uuraalee Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa ammaa jalatti argaman ni gamaaggamu. Hojiirra oolmaa Mul'ata Gamtichaa bara 2026 irrattis ni mari'atu jedha odeeffannoon Gamtaa Afriikaa irraa argame akka mul’isutti. Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa hanga guyyaa Boruutti itti fufa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Leenjiin Dargaggoota Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dippilomaasii keessatti kabachiisan horachuuf dandeessisu kennamaa jira
Jul 28, 2026 59
Adoolessa20/2018(ENA):Leenjiin dargaggoota damee dippiloomaasiitiin faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan horachuuf dandeessisu kennamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Dhimma Alaa ibse. Sirni jalqabsiisaa leenjii gannaa (Summer Camp) dippiloomaasii marsaa lammaffaa ji'aa tokko Inistitiyuutii Dhimma Alaatti gaggeeffameera. Akka Inistitiyuutichi ibsetti, Addunyaa saffisaan jijjiiramaa fi walxaxaa ta'aa dhufe keessatti humna namaa dandeettii fi ogummaa dippilomaasii qabu horachuun barbaachisaa dha. Daarektarri olaanaa michummaa tarsiimowaa Inistitiyuutichaa fi Itti gaafatamaan waajjira daarektara olaanaa yeroo Dr. Gizaachoo Asiraat, leenjichi dargaggoonni adunyaa saffisaan walitti hidhamaa fi walxaxaa ta'aa dhufe keessatti amantaa guutuun akka hirmaatan, yaada xiinxala murteessaa, aadaa dandeettii walii galtee ce’uu, dandeettii gaggeessummaa fi dandeettii furmaata rakkoo akka argatan gahoomsuuf faayidaa olaanaa qabaachuusaa hubachiisaniiru. Inistitiyuutichi dargaggoota irratti fuuldurattis invastii gochuun dhimmoota biyyaalessaa, naannoofi addunyaarratti hirmaannaa hiika guddaa qabu kan gumaachu dhaloota haaraa horachuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibseera. Fuuldurattis dippilomaatonni dargaggoonni Itiyoophiyaa dhimmoota biyyaalessaa, Ardii fi addunyaarratti hirmaannaa dammaqaa akka taasisan waltajjiiwwan dandeessisan uumuun akka itti fufu mirkaneessaniiru. Leenjichi dandeettii beekumsaa fi gaggeessummaa guddisuuf, hirmaannaa odeeffannoo irratti hundaa'e jajjabeessuuf fi dhaloota dorgommii addunyaa gitu ijaaruuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjii gannaa marsaa tokkoffaa bara darbe gaggeeffameen hirmaattonni walitti hidhaminsa ogummaa akka uumanii fi Itiyoophiyaa Idil-Addunyaatti gahee qabdu irratti hubannoo bal'aa akka argatan carraa kan uume ta'uu yaadachiisaniiru. Leenjii baranaa kana keessatti mariin Imaammataa, gaggeessitoota dippilomaasii bebbeekamoo, hayyootaa fi Imaammata baastota waliin mariin taasifamu hojileen leenjichaa ijoo ta'uu kaasaniiru. Daarektarri olaanaa leenjii qaamolee dhimmi ilaaluufi tajaajila gorsaa Inistitiyuutichaa yeroo Malaakuu Mulaalam; Inistitiyuutichi qorannoo gad fagoo,ragaa tarsiimawaa fi dandeettii dippilomaasii gabbisuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa tajaajiluuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Leenjii gannaa marsaa lammaffaa kana keessatti walitti dhufeenya idil-addunyaafi imaammata alaa wajjin kan wal qabatan matadureewwan leenjii 10 ol kan hammataman ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii ta’uusheen, leenjiin ji'a tokkof turu kun dargaggoonni waa'ee dippilomaasii beekumsa qaban gochaan kan gabbifatan ta'uu ibsaniiru. Leenjiin boodas dargaggoonni Inistitiyuuticha wajjin sagantaalee garaagaraarratti akka hirmaatan carraan kan jiru ta'uu dabaluun ibsaniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan dhimmoota Riijinii fi Idil-Addunyaarratti gaheen qabdu dagaagaa waan dhufee fi itti gaafatamni Inistitiyuutichaas dabalaa dhufuusaa ibsaniiru.
Yaa'iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Har'a Jalqaba
Jul 28, 2026 59
Adoolessa 21/2018 (ENA): Yaa’iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala. Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a. Walgahichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu Komishinii Gamtaa Afrikaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, ministeerota dhimma alaa biyyoota miseensa ta’an walitti fiduun aantummaa fi dhimmoota ijoo walitti hidhaminsa ardii Afrikaa saffisiisan irratti mari’atama. Walgahii kanarratti ministiroonni kunneen gabaasa Koree Raawwii Ajandaa 2063, akkasumas haala raawwii waliigalteewwanii fi bu’uuraalee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa ammaa jalatti argaman ni gamaaggamu. Hojiirra oolmaa Mul'ata Gamtichaa bara 2026 irrattis ni mari'atama jedhameera. Walgahiin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu kun qaama tattaaffii Gamtaa Afrikaa ‘AU’n qindoomina imaammataa cimsuu fi hojiirra oolmaa ajandaa ardii kanaa saffisiisuuf taasisaa jirudha. Walgahiin akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara 2017 fooyya’insa miseensota dhaabbilee Hoggantoota Biyyootaa fi Mootummoota Gamtaa Awurooppaatiin raggaasifaman ka’umsa kan taasifatedha. Haaromsichi qoodinsa itti gaafatamummaa biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa ’AU’ ta’anii, haala dinaagdeefi hojmaata Ardii gidduutti jiru ifatti kaa’a. Akkasumas walgahii waggaa Gamtaa Afriikaa ‘AU’ ji’a Waxabajjii fi Adoolessaa keessa gaggeeffamu hambisuun, walgahii waloo haaraa Gamtaa Afriikaa dhaabbilee ardii kanaa waliin hojjetuun bakka buusuu danda’eera. Bu’aan walga’ii kanaa mul’ata yeroo dheeraa Gamtaa Afrikaa (Ajandaa 2063) kan misooma itti fufiinsa qabu, walitti hidhamiinsaa fi badhaadhina ardii kanaaf galmaan ga’uuf qophaa’e milkeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu odeeffannoon Gamtichaa ni mul’isa. Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa hanga guyyaa Boruutti itti fufa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaa tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afriikaaf gahee ishee bahachaa jirti
Jul 27, 2026 178
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itoophiyaan tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf gahee ishee bahachaa jirti jechuun ibsan qondaaltonni mootummaa Ruwaandaa. Akkaadamii Waraanaa Itiyoophiyaa kaadhimamtoota koorsii Matammaa marsaa 71ffaa leenjise eebbisiiseera. Akkaadamiin kun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufanis leenjisee eebbisiiseera. Eebbifamtoota keessaa lammii Ruwaandaa kan ta’e itti aanaan ajajaa dhibbaa Negeenaa Luusii akkaadamiicha keessatti barnoota qalamaa fi gocha irratti hundaa'e argachuu isaanii ENA’tti himaniiru. Itiyoophiyaan yeroo waraana Kooriyaa, Riwaandaa fi hojii nageenya kabachiisuu biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti hirmaatte keessatti seenaa boonsaa galmeessiteetti jechuun ibsaniiru. Lammiin biyya Ruwaandaa Itti Aanaan ajajaa Dhibbaa Fireemootwaa Hiirwaa, akkaadamiicha keessatti barnootaa fi leenjii gochaa fi qalamaa hojii isaanii gahumsaan raawwachuuf isaan dandeessisu argachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan shororkeessummaa ittisuun nageenyaa fi tasgabbii addunyaatiif hojjechaa turteetti; akkasumas nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf adda duree ta'uun tajaajilaa jirti jechuun ibsaniiru. . Nageenya waaraa mirkaneessuuf tumsi biyyootaa murteessaa ta'uu isaa ibsanii, akkaadamii waraanaa Itiyoophiyaa keessatti leenjii argachuun isaanii Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaaf tumsa taasistu kan agarsiisu ta'uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan riijinicha keessatti nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jirti
Jul 27, 2026 193
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el ibsan. Simpooziyeemiin lojistiksii fi komunikeeshinii Itiyoophiyaan Izzii Ameerikaa Afriikaa (AFRICOM) waliin ta’uun qopheessitu Finfinneetti eegalameera. Ministirri maallaqaa Injinar Ayishaa Mahaammad, ajajaan Izzii Ameerikaa Afriikaa Jeneraal Dagviin Andarsan, hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el, hoggantoonni raayyaa ittisaa biyyattii fi hoggantoonni waraanaa biyyoota Afriikaa garagaraa sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru. Itiyoophiyaan riijinichaaf akkasumas nagaa fi tasgabbii Afriikaaf kutannoo qabdu yeroo dheeraa ta’uusaa hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el dubbataniiru. Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee ibsaniiru. Sirna lojistiiksii fi komunikeeshinii guutuu ta’e mirkaneessuudhaan shororkeessummaa qolachuu fi nagaa buusuudhaan ergama milkaa’aa raawwatteetti jedhan. Sirni komunikeeshinii qindaa’aan yoo hin gurmoofne rakkisaadha kan jedhan hogganaan kun, xiyyeeffannoo damee kanaaf kennamu karaa yeroo waliin deemuun cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Waltajjiin kun rakkoolee yeroo duulaa fi bobbii quunnaman furuuf tooftaa ammayyaa baasuuf carraa uumuuf ni gargaara jedhaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa deeggarsa guddisuun fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira
Jul 28, 2026 62
Adoolessa 21/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa aadaa deeggarsaa guddisuu fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii. Magaalaa Jimmaatti tajaajila tola ooltummaan qarshii miliyoona 63 ol baasii taasisuun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf nyaataa fi meeshaaleen deeggarsaaf oolaniiru. Deeggarsa taasifame keessaa jireenya lammiilee itti fufinsaan kan fooyyessuu danda’an gaagura kanniisaa fi cuucii lukkuu ta’uu ibsameera. Akka itti gaafatamaan damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii himanitti kallattii mootummaan kaa’e keessaa tokko tajaajila tola ooltummaatiin jireenya lammiilee fooyyessuudha jedhani. Itti dabaluunis tajaajilli tola ooltummaa hojii jijjiiramaa fi misooma walitti fiduun jireenya lammiilee jijjiiru ta’uu ibsaniiru. Tajaajilli kun aadaa wal-deeggarsa horachuu fi jireenya lammiilee haala qabatamaa ta’een fooyyessaa akka jirus obbo Namarraan eeraniiru. Aadaa ummataa jiru keessaa tokko wal deeggarsa ta’uu eeruun, waggoota sadii hanga afur darbanitti naannichatti pirojektoonni gurguddaa 50 ol tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Deeggarsi guddaan barattoota, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroof taasifamuu fi jijjiirama fidees eeraniiru. Tajaajilli tola ooltummaa imala hiyyummaa keessaa ba’uuf karoora qabame irratti jijjiirama guddaa fidaa jiraachuu kan himan obbo Namarraan, lammiileen waggoota dura gargaarsa irratti hirkatanii turan gara of danda’uutti ce’aniiru jedhan. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaniitiin, tajaajilli tola ooltummaa aadaa wal deeggarsaafi tokkummaa lammiilee guddisa jedhan. Abbootii qabeenyaa, jiraattotaa fi dhaabbilee magaalaa Jimmaa har’a hojii tola ooltummaa kana irratti hirmaataniif galata galchaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Mariin Biyyaalessaa Ijaarsa Mootummaa Cimaafi labsii Injifannoo Walooti
Jul 27, 2026 183
Adoolessa 20/2018(ENA):Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuufi injifannoo waliinii kan labsu ta'uu qaamoleen dhaabbilee hawaasa sivilii maricharratti hirmaatan ibsan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa jiran mariisisuun ajandaawwan mariif dhihaatan saddeet ifoomsuun isaa kan yaadatamu dha. Kanaanis hirmaattonni kuma afur ta'an Finfinnee Konveenshinii Idil - Addunyaa Addisitti marii'achaa jiru. Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Itiyoophiyaa Obbo Ahimad Huseen ENA’f akka ibsanitti; marichi fedhii fi ilaalcha walii sirriitti hubachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Mariin kun lammiileen fedhii isaanii ibsuufi yaada waliisaanii dhaga'uuf haala mijataa uumuusa ibsaniiru. Walga'ichi yaadni ijaarsaa fi bu'a qabeessa ta'an kan itti ka'an Itiyoophiyaatti aadaafi muuxannoo haaraa ta'uu isaa eeraniiru. Lammiilee gidduutti wal-amantaa uumuu kan dandeessisuu walga'ii hirmaachisaafi hammataa ta'uu isaatiin ijaarsa mootummaaf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Daarektarri Waldaa gamtaa Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Obbo Masuud Gabayyoo,yaa’iin marii biyyaalessaa rakkoolee bara dheeraaf hidda gadi fageeffatan buqqisuuf tarkaanfiifi milkaa'ina guddaa ta'uu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni hawaasa bal'aa ajandaawwan garaa garaarratti dammaqinaan yaada irratti kennaa kan jiran ta'uu isaanii taajjabdoota kudhanii ol bobbaasuun hubachuu isaanii dubbataniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hirmaattota Itiyoophiyaa guutuurraa walitti babba'an yaada isaanii afaan isaaniitiin bilisummaadhaan ibsuufi dhaga'uu akka danda'anaf turjumaanota bobbaasuu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni marichaa hirmaannaa ho’aan marii’achuun ajandaawwanirratti waligaltee siyaasaa waloo uumuun furmaata dhaabbataa fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaa olaanaan Federeeshiinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Yoseef Abarraa gamasaatiin, marii kana irratti hirmaachuun muuxannoo fi beekumsa garaagaraa argachuusaa ibseera. Maricharratti yaadonni olka'insa Itiyoophiyaa mirkaneessan ka’aa jiraachuu ibsuun, Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya'aatti ceesisuuf milkaa'inni dandeessisu akka galmeeffamu abdiin qaba jedheera.
Damee Bishaaniifi Inerjiitiin Waggoota Shanan darban bu'aawwan gurguddoon galmaa'aniiru
Jul 26, 2026 203
Adooleessa 19/2018 (ENA): Waggoota shanan darban hojiiwwan bu'a qabeessi damee bishaanifi inarjiitiin raawwataman jijjiirrama qabatamaa fiduu isaanii Ministirri Bishaaniifi inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru. Waggoota shanan darban dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu dhibbeentaa 75 tuqaa 59 ga'uu fi lammiileen miliyoonni 84 ol ta'an fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu ta'uu isaanii ibsaniiru. Ministeerichi waggoota shanan darban damee bishaanifi inarjiitiin milkaa'ina galmaa'aniif qooda fudhattoota dhaabbilee mootummaa, michoota misoomaa, kontiraaktaroota, gorsitootaafi qaamolee biroo gumaacha godhaniif sagantaa beekamtii fi galatteeffanaa gaggeesseera. Sirnicharratti kan argaman Ministirri Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa akka ibsaniitti, damee kanaan bu'aawwan galmaa'an qaamolee mootummaa, dhaabbilee naannoofi tattaaffii qindoomina michoota misoomaatiin ta'een kan argamaniidha. Sirnichi qaamolee gumaacha godhan galateeffachuuf qofa osoo hin ta'iin hojiwwan misooma bishaaniifi inerjii fuulduraa irratti kallattiiwwan qindoominaa cimaa qopheessuuf kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru. Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajilli saaniteeshinii fooyya'iinsa olaanaa agarsiisuu isaa eeranii, damee misooma bishaan lafa jalaatiin raawwiin dhibbeentaa 87 tuqaa 5 hojjetamuu gabaasni raawwii hojii kan mul'isu ta'uu dubbataniiru. Guddina damee inerjiitiin pirojektoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee dandeettii elektiriika biyyaalessaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaanii eeraniiru. Michoonni misoomaafi dhaabbileen deggertootaa deeggarsa hunda galeessa damichaaf taasisaniif galateeffatanii; milkaa'ina galmaa'an itti fufsiisuufi fayyadamummaa lammiilee guddisaa deemuuf fuuldurattis qindoominni cimaan akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajame
Jul 26, 2026 166
Adoolessa 19/2018 (ENA): Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala duudhaa amantichaa eegeen kabajameera. Ayyaanichi haala obbolummaafi waliin jireenya cimsuun kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Ayyaanni Qullubbii Gabre’eelii waggaatti yeroo lama Mudde 19 fi Adoolessa 19 kan kabajamu yoo ta’u, hordoftoonni amantichaa biyya keessaa fi alaa kuma dhibbaan lakkaa’amanii fi daawwattooni biyyoota adda addaa sirnicharratti ni hirmaatu. Bakkichi iddoo kadhannaa,wareegaa fi galateeffannaa ta'uu isaatiin iddoowwan Turizimii hafuuraatiin biyyattii gurguddoo keessaa tokko taasisa. Ayyaaneffaannaa kanarratti argamuuf kan dhufan hordoftootni amantichaa; ayyaanichi sirna amantii isaa eeguun, waloon kabajuu isaanii kan dubbataan aadde Tigisti Baqqalaa; ayyaanichi akka sirni amantii ajajutti galgala irraa eegalee waloomaan kabajneerra jedhaniiru. Keessattuu ayyaanichi nagaan akka kabajamuufi amantoonni nagaan ba'anii nagaan akka deebi'an qaamoleen nageenyaa hojii hojjetaniif galata qabu jedhaniiru. Ayyaanichi safuu Itiyoophiyaa agarsiisuun wal gargaaruudhaan waliin jireenyaafi nagaan kabajuu isaa kan dubbate immoo dargaggoo Masfin Adduunyaati. Keessattuu hawaasni naannichaa hirmaattota ayyaanaaf simannaa gaarii taasisuusaanii ibseera. Ayyaanicharratti yeroo jalqabaaf dhufuusaa kan dubbate hirmaataan ayyaanaichaa biroon Tafarii Mollaa; ayyaanichi sirna amntiin alatti tokkummaa Itiyoophiyaa kan cimsu ta'uun kabajuusaa dubbateera. Daandiirrattis ta'ee iddoo ayyaanichaatti rakkoon tokkoyyuu akka isaan hin qunnamne kan dubbatan obbo Kabbadaa Imshaawum ayyaanicha nagaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaa kutaa ittisa yakkaa qajeelcha poolisii godina Harargee Bahaa Itti aanaa Komaandaraa Jibriil Adam gama isaaniitiin, ayyaanichi rakkoo tokko malee bifa miidhagaafi nagaan kabajameera jedhaniiru. Kanaafis, humnoonni nageenyaa naannoo ollaaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, miseensonni milishaa qindaa'uun hojii eegumsaa cimaa hojjetan gumaacha gochuusaa dubbataniiru. Ayyaanicharratti balaan tiraafikaafi yakki tokkoyyuu akka hin mudanne itti aanaa Komandara Jibriil kan ibsan yoo ta'u, hawaasni naannichaas qaamolee nageenyaa wajjin qindaa'uun hojiin hojjetan jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru
Diinagdee
Pirojektiin Jallisii ‘welmal’ Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuun omishaa fi oomishummaa guddisuu dandeessiseera
Jul 28, 2026 71
Adoolessa 21 / 2018 (ENA): Pirojektiin Jallisii 'Welmal' hojii qonnaa hirkattummaa roobaa irraa adda baasuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf dandeettii uumuusaa Ministeerri Jallisii fi Naannoowaa Gammoojjii beeksise. Hoggantoonni hojii Ministeerichaa fi ogeeyyiin miidiyaa godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hawaasa naannichaaf tajaajila kennaa kan jiru Pirojeektii Jallisii 'Welmal' daawwataniiru. Pirojeektichi oomishaa fi oomishtumma qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera. Pirojeektichi xiyyeeffannoo mootummaatiin bara baajatichaatti ijaaramee tajaajilaaf kan gahe yoo ta'u, hawaasa naannichaa fayyadamoo Jallisii taasisaa jira. Daawwannaa dirree kana irratti kan argaman Ministeera Jallisii fi Naannoo Gammoojjiitti itti gaafatamaan Waajjirri Sagantaa Pirojeektii Jallisii Obbo Ashannaafii Likkaasaa akka jedhanitti, biyyattii keessatti sararoota jallisii babal’isuun birmadummaa nyaataa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kanaanis qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan filannoowwan bishaanii garagaraa fayyadamuun omishaa fi omishtumma guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti bu’aawwan jajjabeessoon argamuu isaanii ibsaniiru. Naannoo qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti hanqinni roobaa fi hongee jireenya lammiileetti qormaata ta’ee turuu kan ibsan Obbo Ashannaafiin; naannoo naannootti waggoota jijjiirama darban keessatti bu’uuraalee misooma jallisii filannoo ta’an ijaaramaniin jireenyi isaanii jijjiiramaa dhufuu dubbataniiru. Kanaafis godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti Pirojeektiin Jallisii ‘Welmal’ ijaarame fakkeenya tokko yoo ta'u, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota duraan sagantaa seeftineetiin gargaaramaa turan hirkattummaa roobaa irraa bilisa ta’uun waggaa keessatti yeroo lamaa fi sadii oomishuun fayyadamaa akka ta’an haalli dandeessisu uumameera. Pirojektichi lafa hektaara kuma 12 ol misoomsuu dandeettii kan qabuu fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 24 ol fayyadamoo kan taasise ta’uu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Umar Mahaammad gama isaaniitiin, aanichatti lafti qonnaa misoomuu danda’u bal’aa ta’us hir’ina roobaarra kan ka’e hawaasni naannichaa gargaaramaa seeftineetii ta’ee turuu yaadachiisaniiru. Xiyyeeffannoo mootummaatiin bara kana ijaaramee tajaajilaaf kan gahe Pirojeektiin Jallisii Welmal qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan waggaatti yeroo sadii misoomsuun sadarkaa jireenya fooyya’aatti akka ce’an gargaaraa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota ganda Gomgomaa keessaa Ismaa’el Amaan yaada kennaniin,ammaan duraa isaan dabalatee jiraattonni naannoo isaanii biroon sagantaa seeftineetiin hammatamanii gargaaramaa turuu dubbataniiru. Pirojektiin Jallisii xumuramuusaan lafa hektaara 1tuqaa 5 irratti oomisha gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamaa ta’uu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana qullubbii adii misoomsaa jiran irraa qarshii miliyoona 2 argachuu kan eegan ta’uu dubbataniiru. Ammaan dura waktii roobaa qofa eeguun waggaatti al tokko oomishaa kan turanii fi jireenyi isaanii harka afaanitti qofa ta’aa akka ture kan ibsan immoo fayyadamoo Jallisii biroo Obbo Adam Bayyaanidha. Yeroo ammaa pirojeektii Jallisii fayyadamuun oomisha bal’inaan omishaa jiraachuu dubbataniiru. Obbo Abdullaahii Jibriil gama isaaniitiin, pirojeektiin Jallisii‘welmal ‘ eeggattummaa Seeftineetii irraa bilisa nu baasuun akka of dandeenyu nu gargaareera; jallisiin deeggaramuun midhaan akkasumas kuduraa fi muduraa gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamoo taaneerra jedhaniiru.
Gibira yeroosaattii fi sirnaan kafaluun dirqama Lammummaa keenya bahaa jirra – kaffaltoota gibiraa Naannoo Hararii
Jul 28, 2026 50
Adoolessa21/2018(ENA):Gibira Sirnaanii fi yeroon kaffaluun dirqama lamummaasaanii bahaa jiraachuu kaffaltoonni gibiraa Naannoo Hararii ibsani. Naannoon Hararii kaffaltoota gibiraa amanamoo gibira isaanirraa eegamu yeroon kaffalaniif beekamtii kenneera. Kaffaltoonni gibiraa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti gibira isaanii sirnaanii fi yeroon kafaluun dirqama lammummaa isaan irraa eegamu bahaa jiru. Kaffaltoota gibiraa amanamoo naannichaa keessaa hojii wal’aansa Ijaarratti kan bobba’an Dr.Nuuraddin Abdii akka jedhanitti; gibira narraa eegamu yeroon kaffaluu kootiin beekamtiin naaf kenname hojii caaluuf kan nakakaasuudha jedhaniiru. Kaffaltoota gibiraa irraa galiin walitti qabamu misooma naannoof kan oolu ta’uusaa ibsaniiru. Gibira sirnaa fi amanamummaan kafaluun dhaloota dhufuuf biyya mijattuu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa ofii kaa’uu kan dandeessisuudha jedhaniiru. Magaalittiitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an Haayiluu Kasaa fi Aadde Yusraa Mahaammad gama isaaniitiin, gibira kaffaluun misoomaa fi guddinaaf gahee taphatu hubachuun dirqama lammummaa keenya bahaa jirra jechuun dubbataniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana hojiwwan misoomaa raawwatamaa jiran irraa fayyadamaa ta’uun keenya yeroo fi karaa sirrii ta’een gibira kafaluu keenya itti fufna jedhaniiru. Mootummaa naannichaatiin beekamtiin nuuf kennamees caalaatti hojjechuuf fi warra kaaniif fakkeenya ta’uuf kan isaan kakaase ta’uu ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Galiiwwan Naannichaa Yaasin Abdullaahii akka ibsanitti naannichatti fedhiirratti hundaa’uun gibira guddisuun baasii misoomaa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf karoorfatamee hojiitti galameera. Keessattuu seerota taaksii hojiitti galchuun kafaltiin taaksii haqa qabeessa ta’e raawwatamaa kan jiru yoo ta’u kun yeroo gara yerootti guddachaa fi jijjiiramni irratti galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa kanatti naannichatti matadureewwan galii garagaraatti galii birrii biiliyoona 6 fi miliyoona 4 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galameera. Fuuldurattis sirna walitti qabinsa taaksii ammayyeessuu fi hawaasni daldalaa adeemsa walitti qabinsa taaksii irratti hojiin hubannoo kennuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Afriikaan Madda Faayinaansii Waaraa fi Amansiisaa Uumuun Dhiibbaa Ishee Addunyaarratti Cimsachuu Qabdi
Jul 28, 2026 45
Adoolessa 21/2018 (ENA)-Afriikaan madda faayinaansii waaraa fi amansiisaa ta’e uumuun dhiibbaa ishee sadarkaa addunyaatti cimsachuu akka qabdu Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Federaalawa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtaa Afriikaa 49ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Ga’uu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, Barreessaa Olaanaa Komishinii Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kilaver Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ediwaardi Biizimaanaa, Ministironni Dhimma Alaa biyyoota miseensotaa, dippiloomaatoonni fi keessummoonni biroo argamaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos yeroo kanatti akka jedhanitti, dorgommiin ji'o-politikaa, ce’umsi teeknoolojii fi dhiibbaan jijjiirama qilleensaa sirna addunyaa irratti jijjiirama guddaa fidaa jiru. Afriikaan haala jijjiiramaa addunyaa fi tilmaamamuu hin dandeenye kana akka carraa gaariitti fayyadamuun, fedhii mataa isheetiin kan bocamtu ta'uu akka qabdus ibsaniiru. Kanaafis, dhaabbileen ardichaa haala qabatamaa addunyaa ilaalcha keessa galchuun hojii riifoormii gochuu akka qaban dubbataniiru. Gamtichi sirreeffama teeknikaa muraasa irratti qofa osoo hin daangeffamiin, murteewwan tarsiimoo fi siyaasaa hammate riifoormii gadi fageenyaa gochuu akka qabu hubachiisaniiru. Afriikaan sagaleen ishee sadarkaa addunyaatti dhageetii akka argatuuf, dhiibbaa uumuu fi maddaa faayinaansii waaraa fi madaallamaa mataa ishee qabaachuu akka qabdu eeraniiru. Kanaanis Afriikaan rakkoolee addunyaatiif furmaata ardichaa uumuun shoora murteessaa taphachuun akka irraa eegamu ibsaniiru. Afriikaan qormaatilee ishee mudatan keessa ta'uun guddina galmeessisaa jiraachuu kan eeran ministirichi, akka lakkoofsa Faraanjitti bara 2026tti biyyoota 10 addunyaa irratti ariitiidhaan guddatan keessaa saddeettan isaanii biyyoota Afrikaa akka ta’an eegama jedhaniiru. Gamtaan Afriikaa dhimmoota addunyaa irratti dhiibbaa uumuuf akka isa dandeessisu riiformii gochuudhaan, madda faayinaansii waaraa fi madaallamaa qabaachuu akka qabu agarsiisaniiru. Qabeenyi Afirikaas dhaabbilee fi caasaa ardichaatiin bulfamuu akka qabu eeraniiru. Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa akka dhaabbata tokkummaa fi mul'ata waliinii ardichaa isa ijoo ta'etti kan ilaaltu ta'uu ibsuun, imaammata, tarsiimoo fi galma waaraa gamtichaa milkeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetamu ta'uudhas hubachiisaniiru. Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtichaa gabaasa raawwii fi hojiirra oolmaa mata duree bara 2026 Gamtaa Afrikaa irratti dhihaate irratti gadi fageenyaan ni mari'ata. Dabalataanis, waliigalteewwan Gamtaa Afriikaa ariitiidhaan akka mirkanaa'anii fi hojiirra oolaniif, akkasumas gabaasa koree hojiirra oolmaa galma Ajandaa 2063 irratti ni mari'ata jedhamee eegama.
Xaafii Kilaasteraan omishuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun danda’ameera
Jul 28, 2026 61
Adoolessa21/2018 (ENA): Godina Shawaa Lixaatti Xaafii kilaasteraan omishuun Fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluun danda'amuu Bulchaan Godinichaa Obbo Diidhaa Guddataa ibsan. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersaa Laafootti qonna gannaan xaafii kilaasteraan lafa hektaara kuma 4 irratti misoomsuun hojjetameera. Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa guddataa bara omishaa kanaatti godinichatti omishaa fi omishtummaa dabaluun galma nyaataan of danda’uu qabame milkeessuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Xiyyeeffannoo olaanaa waggoota jijjiiramaa asitti damee qonnaatiif kennameen teekinooloojii qonnaa sirnaan fayyadamuun waan danda’ameef omishaa fi omishtummaa guddisuun danda’amuusaa ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaaa obbo Tafarraa Araarsaa gamasaaniin godinichatti omishtummaa Xaafii guddisuuf hojiiwwan dandeessisan hedduun raawwatamaa turuusaanii fi kanaanis fayyadamummaan qonnaan bulaa dabalaa dhufuusa ibsaniiru. Godinichatti bara omishaa kanaatti lafa heektaara kuma 84 sanyii xaafii facaasuuf karoorfamee, hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 58 sanyiin facaafamuu dubbataniiru. Bulchaan Aanaa Ejersa Lafoo obbo Kabbadaa Lalisaa qonna gannaa qabame kanaan lafa hektaara kuma 25n ol midhaan gosa adda addaan facaasuuf karoorsanii hojiitti seenuu ibsaniiru. Kana keessa lafa hektaara kuma 12 irratti xaafii omishuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Godinichatti omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf galteewwan qonnaa Xaa’oo biyyee fi sanyii filataama haala fooyyee qabuun dhihaachuusaa ibsuun, paakeejiiwwan qonnaa guutummaan hojiirra akka oooluuf deeggarsi ogummaa taasifamaa jiraachuu himaniru. Bara omishaa qabame kanatti ciminaa fi qindoominaan hojjechuun lafa hektaara tokko irraa omisha xaafii hanga kuntaala 21 argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 310
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 192
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 194
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru. Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Jijjiiramni Magaalaa Finfinneetti argame magaalittii gara wiirtuu Turizimii Afriikaatti ishee guddiseera-Komishinara Hundee Kabbadaa
Jul 25, 2026 164
Adoolessa 18/2018 (ENA): Jijjiiramni bal’aan Finfinneetti adeemsifame magaalattiin giddugala Turizimii ardii irraa gara wiirtuu Turizimii Afrikaatti akka jijjiiramtu ishee taasiseera jedhan Komishinarri Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa. Dhaabbanni miidiyaa Palsi Of Afriikaa(POA) fi Komishiniin Tuurizimii Finfinnee damee Turizimii irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaltee tumsaa waliif mallatteessaniiru. Waliigaltee kana kan mallatteessan hoji gaggeessaan ENA obbo Seeyifee Darribee fi Komishinara Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaadha. Komishinar Hundee Kabbadaa sirna waliif mallatteessuu kanarratti akka ibsanitti, waliigaltichi hariiroo hojii kanaan dura jiru irratti sona guddaa dabaluu fi sadarkaa walta’iinsa olaanaatti kan ceesisu ta’a jedhani. Waliigaltichi hojiiwwan Turiizimii hunda galeessa Finfinnee bal’inaan beeksisuudhaan sochii Turizimii cimsuu fi guddina damichaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee waggoota darban keessa bakkeewwan gahumsa Turizimii hedduu fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaramaniin moodeela magaalaa i ta’uus akka dandeesse ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Finfinneen wiirtuu Turizimii konfiraansii ardii kanaa keessatti adda duree ta’uu ibsuun, bara baajataa xumurame keessatti konfiraansii idil-addunyaa 221 milkaa’inaan keessummeessuu ishee ibsaniiru. ENA’n dantaa biyyaalessaaf dursa kennuun, bifa biyyaalessaa ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo hojii gaggeessaa olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribeedha ENA’n dhaabbata seenaa keessatti adda duree ta’ee fi deeggarsa odeeffannoo fi oduutiin ummatoota Afriikaa koloneeffannaa jalaa bilisa baasuu keessatti gahee ijaarsaa taphate ta’uu yaadachiisaniiru. Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan hundeeffame Palsi of Afriikaan(POA), mul’ata Paan-Afrikaazimii abbootii keenyaa itti fufsiisuuf dhaabbata jalqabame ta’uu yaadachiisaniiru. Dhaabbanni miidiyaa Puulsii Afrikaa (POA) yeroo ammaa kana waa’ee Afrikaa seeneffama jallaa sirreessuu fi ardii kana dhugaa qabatamaa ta’een dhiyeessuun suuraa idil-addunyaa fooyya’aa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haala kanaan fayyadamummaa Turizimii fi bu’aa misoomaa Finfinnee bal’inaan daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti beeksisuuf gahee olaanaa qaba jedhan. Waliigalteen tumsaa kun, suuraa magaalattii guddisuu bira darbee, Afriikaanonni waa’ee pirojektoota misoomaa Finfinnee akka baratan gochuudhaan, yaa’insa Turizimii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Dabalataanis waliigalteen tumsaa kun bu’aa qabatamaatti kan jijjiiramu ta’uu fi afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun dandeettii Turizimii magaalaa Finfinnee addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin akka taasifamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Ispoortii
Ispeen Arjentiinaa injifachuun waancaa addunyaa kaafte
Jul 20, 2026 560
Adoolessa 13/2018 (ENA): Ispeen tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa irratti Arjentiinaa 1 fi 0’n injifatte. Taphichi Niiw Yoorkitti Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti kan gaggeeffame kun yeroo xapha idilee booda goolii malee qixa xumurame. Taphataan sarara gidduu Arjentiinaa Enzoo Fernandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa fi kaardii diimaa erga argateen booda dirreedhaa lakkisee baheera. Gareen kunneen daqiiqaa 90 booda osoo hin injifatiin gara sa'aatii dabalataatti seenaniiru. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti goolii injifannoo galcheera. Ispeen tapha kana irratti ol'aantummaa qabattee jirti. Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qusachuu danda'eera. Morkattoonni Arjentiinaa tapha kana irratti ga’umsa gaarii agarsiisaniiru. Gareen kun carraa goolii galchuu tokkollee uumuu hin dandeenye. Bu'aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatte. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjentiinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye. Abjuun isaanii yeroo 4ffaaf waancaa kana injifachuuf qaban diigameera.
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2351
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 5731
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3727
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti biqiloonni faayidaa adda addaa qaban lafa hektaara kuma 733 irratti dhaabamaniiru
Jul 27, 2026 186
Adoolessa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara kuma 733 biqiltuu faayidaa hedduu qaban dhaabamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Akka Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Indaashaawu Jamaanee ENAtti himanitti, yeroo Ganna amma jiruun naannichatti lafa heektaara miliyoona tokkoo qabxii tokko irratti biqiltuu gosa adda addaa dhaabuuf karoorri qabamee hojiitti galameera. Lafa karoorfame keessaa hanga ammaatti heektaara kuma 733 ol biqiltuuwwan faayidaa hedduu qabaniin dhaabamuu himaniiru. Biqiltuun naannicha Godina hunda keessatti dhaabamaa akka jiru ibsanii, irra caalaa uwwisa bosona, nyaata beeyladaa, leemmana, miidhaginaa fi nyaataaf kan oolu ta’uu dubbatani. Biqiloonni kunneen mootummaa, waldaalee fi namoota dhuunfaan kan qophaa’an ta’uu, yeroo ammaa kana kutaaleen hawaasaa hedduun misooma isaa irratti hirmaachaa akka jiran hubachiisaniiru. Daarektarri kun itti dabaluudhaan biqiltuu dhaabuun qofti galma nama hin geessisu waan ta’eef, akkuma hawaasni dhaabbii biqiltuu irratti dammaqinaan hirmaate, kunuunsa isaafis waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Jul 25, 2026 233
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru. Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru. Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha. Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru. Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru. Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan. Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru. Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 25, 2026 182
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru. Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera. Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru. Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a. Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru. Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru. Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhalootaaf kan darbu hojii fakkeenya qabudha
Jul 23, 2026 307
Adoolessa 16/2018(ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhalootaaf kan darbu hojii fakkeenya qabu ta’uusaa daarektarri olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa qooda fudhattoota waliin qindaa’uudhaan mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gannaa kan baranaa qarqara lagaa Beellaa ganda 18tti gaggeesseera. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Hayimaanot Zallaqaa saganticharratti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhaloota dhufuuf seenaa kan keenyu hojii fakkeenya qabudha jedhaniiru. Xiyyeeffannoon keenya biqiltuu dhaabuun qofa osoo hin daangeffamiin, kan dhaabaman kunuunsuun guddisuu fi qabachuusaanii mirkaneessuu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Sagantichi muduraawwan wabii nyaataaf gargaaranii fi sanyii mukaa kunuunsa naannoof faayidaa qaban kan of keessatti qabatu ta’uu ibsaniiru. Abbaan taayitichaa sagantaa ashaaraa magariisaa 8ffaatiin biqiltuu kuma 45 fi 125 dhaabuuf karoorfatee amma ammaatti naannawa magaalota garagaraatti biqiltuun kuma 43 dhaabamuunsaa ibsameera.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 14896
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15216
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.