Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, akka gabbatuu fi eegamuuf ni hojjatama— Obbo Shimallis Abdiisaa
Jun 14, 2026 374
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har’aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta’eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjatama jedhan Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Sirni wal-harkaa fuudhinsa Gadaa Tuulama Oromo 71ffaan Magaalaa Shaggar, Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti haala miidhagaa ta’een gaggeeffameera. Haaluma kanaan, Abbaa Gadaa Melbaa Goobana Hoolaa bara aangoo isaanii xumuruun Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaatiif baallii dabarsaniiru. Guyyoota dura Abbootiin Gadaa fi kutaaleen hawaasaa sadarkaa sirna Gadaa adda addaa keessa jiran Dhakaa Koraatti walitti qabamuun sirnoota aadaa fi amantii adda addaa raawwachaa turaniiru. Akkaataa seera wal-harkaa fuudhinsa baallii Gadaan waggaa saddeet saddeetiin gaggeeffamuun, har’as Gadaa Melbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti ce’umsi 'Alangee' raawwatameera. Sirna aadaa dabarsa Alangee (Baallii) Gadaa Tuulamaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aaddee Sa’adaa Abdurahimaan, hogganoonni ol-aanoo Magaalaa Shaggar, Abbootiin Gadaa, Haadhotiin Siinqee fi miseensonni hawaasaa lakkoofsaan hedduu ta'an argamaniiru. Sirna kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa; Sirni Gadaa tokkummaa uummata Oromootiif bu’uura ijoo waan ta’eef, duudhaalee isaa caalaatti cimsuu fi itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii haaromsa aadaa hojjeteen, kanaan dura aadaaleen fi duudhaaleen Oromoo irraanfatamanii fi gatamanii turan deebi'anii akka baayyanatanii fi ijaaraman taasiseera jedhan. Kana milkeessuufis sadarkaa barnoota gadii irraa eegalee sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennamu taasifamuu fi dhaloota duudhaalee sirna Gadaatiin guddisuuf hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantichi dubbataniiru. Xiyyeeffannoo duraa mootummaan naannichaa kenne keessaa tokko Aadaa Durii, duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo gabbisuu fi caasaa dhaabbataa jabaa diriirsuu ta’uu dubbataniiru. Sirni kun hambaa qofa osoo hin taane, utubaa eenyummaa, jabinnaa fi guddina uummata Oromoo akka ta'e kan amanamu ta'uu fi sirnichi jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa jiraachuu Obbo Shimallis addeessaniiru. Beekumsa durii kana itti fufsiisuu, seenaa sirreessuu, duudhaalee isaa guddina dinagdeef, Aartii, miidiyaaf, og-barruu fi madda beekumsaatiif oolchuu, akkasumas dhaloota of danda'ee fi haala qabatamaa addunyaa wajjin wal-simate uumuun xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta'uu pirezidaantichi ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aaddee Jamiilaa Simbiruu gama isaaniitiin, biirichi bakkeewwan Ardaa Jilaa misoomsuu fi hojiilee qorannoo gaggeessuu irratti hojjachaa turuu isaa eeranii, gara fuulduraattis Gadaa Tuulamaa haaraa Alangee (Baallii) fudhate wajjin qindoominaan akka hojjatan beeksisaniiru. Abbootiin Gadaa Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti argaman, seera sirni Gadaa mirga namaa fi uumamaaf kenne mirkaneessan adda addaa labsaa fi raawwachaa dabarsaniiru.
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame
Jun 14, 2026 240
Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera.   Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini. Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa. Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha. wal harkaa fuudhinsi aangoo Abbaa Gadaa Oromoo Tuulamaa guyyaa har’aa fakkeenya aangoo kan ta’e wal harkaa fuudhinsa alangee sirna guddaan raawwatameera. Waggoottan saddet darban gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaan Gadaa Meelbaa Goobanaa Hoolaa aangoo kan dabarsan yoo ta’u, bara aangoo waggaa saddetii isa haaraaf Abbaan Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa aangoo fudhataniiru. Angoo kan dabarsan Goobanaa Hoolaa kana booda Yuba ykn gorsaa ta’uun tajaajilu. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, kutaaleen hawaasaa naannawaa fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti lafa heektara 960 irratti hojiin sanyii filatamaa baay'isuu hojjetamaa jira
Jun 14, 2026 298
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Godina Shawaa Lixaatti dhiyeessii sanyii filatamaa oomisha gannaa baranaa dandeettii ofitiin uwwisuuf, lafa heektara 960 irratti hojiin sanyiiwwan filatamaan adda addaa baay'isuu gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinni Shawaa Lixaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa bakkeewwan oomishni midhaanii keessatti omishaman keessaa tokko yoo ta'u, keessattuu kanneen akka qamadii, garbuu, xaafii fi midhaan dheedhii bal'inaan itti oomishamu. Waajjirri Qonnaa Godinichaa waggaa waggaadhaan guddina oomishtummaa dabaluuf galteewwan qonnaa ammayyaa’aa dhaqqabamaa gochuuf ni hojjeta. Godinichatti hojiin lafa heektara 960 irratti sanyii filatamaa baay'isuun eegalame kun, hanqina kanaan dura ture hanbisuun godinichi dhiyeessii sanyii filatamaatiin akka of danda'uu gochuuf kan kaayyeffatedha. Tarsiimoon kun akaakuu biyyee fi haala qilleensa godinicha keessatti argaman bu'uura godhachuudhaan, sanyiiwwan midhaanii filatamanii fi oomisha ol'aanaa kennan naannichatti baay'isee kallattiidhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf dandeessisa. Waajjira Qonnaa Godinichaatti Dursaan garee makaanaayizeeshinii Qonnaa fi Fayyadama galteewwanii Obbo Zarihuun Geetinet ENA'f akka ibsanitti; oomisha fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyiiwwan filatamaa fooyya'an baay'isuu fi bal'isuu irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira. Godinichatti oomisha gannaa kanaan sanyiiwwan filatamaa oomisha ol'aanaa kennanii fi dhibee dandamachuu danda'an lafa heektara 960 irratti baay'isuudhaan, kuntaala kuma 24 fi 200 argachuuf karoorfamee gara hojiitti senameera jedhaniiru. Kanneen keessaa Boqqolloon, Qamadiin, Xaafiin fi midhaanotni biroo akka keessatti argaman akeekaniiru. Hanga ammaatti adeemsa jiruun lafa heektara 130 ol sanyii boqqolloo filatamaatiin uwwifamuu kan ibsan Obbo Zarihuun; qonnaan bultoonni galteewwan qonnaa fi hojimaata ekisteenshinii hojiirra oolchaa jiru jedhaniiru. Hojiin sanyii baay'isuu kun Aanaalee Dandii, Iluu Galaanii fi Baakkoo Tibbee keessatti yuuniyoona waldaa gamtaa, fi lafa qonnaan bultoota moodelaa irratti qindoominaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Hojii sanyii baay'isuu kanaan qonnaan bultoota kuma 2 ol kan hirmaachaa jiran yoo ta'u, milkaa'ina hojichaatiif qonnaan bultootaaf leenjii kennuun alatti waajjirichi dhiyeenyatti deeggarsa teeknikaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin sanyii baay'isuu kun hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa furuu bira dabree, gabaaf kan dhiyaatu madda galii dabalataa akka ta'us Obbo Zarihuun addeessaniiru. Godina Shawaa Lixaa keessatti oomisha gannaa baranaatiin walumaagala lafa heektara kuma 900 ol midhaan gosa adda addaa misoomaa jira.

Jun 14, 2026 260
  Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera. Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini.   Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa. Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha.   Waggaa saddeet saddeetiin kan gaggeeffamu Sirni baallii wal-harkaa fuudhinsa Abbaa Gadaa Tuulamaa, har’as mallattoo aangoo kan ta’e sirni dabarsa 'Alangee' haala miidhagaa ta’een raawwatameera. Waggoottan saddeettan darban keessa gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaa aangoo isaanii kan dabarsan yoo ta'u, bara aangoo waggaa saddeet haaraatiif itti gaafatamummaa kan fudhatan ammoo Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa ti. Goobanaa Hoolaa alangee ykn aangoo dabarsan kun, gara fuulduraatti 'Yuuba' ykn gorsituu ta'uudhaan tajaajilaa deema. Sagantaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, hoogganoonni hojii mootummaa Federaalaa fi Naannichaa, Abbootiin Gadaa, Maangaddoonni biyyaa, miseensonni hawaasa naannichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni  dandeettii  ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 358
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 2462
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA  
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 3706
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa
Jun 9, 2026 3354
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan. Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma. Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye. Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira. Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira. Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru. Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru. Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru. Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru. Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti. Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.
Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Jun 9, 2026 2705
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa – 1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera. Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Hawaasummaa
Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, akka gabbatuu fi eegamuuf ni hojjatama— Obbo Shimallis Abdiisaa
Jun 14, 2026 374
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har’aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta’eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjatama jedhan Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Sirni wal-harkaa fuudhinsa Gadaa Tuulama Oromo 71ffaan Magaalaa Shaggar, Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti haala miidhagaa ta’een gaggeeffameera. Haaluma kanaan, Abbaa Gadaa Melbaa Goobana Hoolaa bara aangoo isaanii xumuruun Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaatiif baallii dabarsaniiru. Guyyoota dura Abbootiin Gadaa fi kutaaleen hawaasaa sadarkaa sirna Gadaa adda addaa keessa jiran Dhakaa Koraatti walitti qabamuun sirnoota aadaa fi amantii adda addaa raawwachaa turaniiru. Akkaataa seera wal-harkaa fuudhinsa baallii Gadaan waggaa saddeet saddeetiin gaggeeffamuun, har’as Gadaa Melbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti ce’umsi 'Alangee' raawwatameera. Sirna aadaa dabarsa Alangee (Baallii) Gadaa Tuulamaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aaddee Sa’adaa Abdurahimaan, hogganoonni ol-aanoo Magaalaa Shaggar, Abbootiin Gadaa, Haadhotiin Siinqee fi miseensonni hawaasaa lakkoofsaan hedduu ta'an argamaniiru. Sirna kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa; Sirni Gadaa tokkummaa uummata Oromootiif bu’uura ijoo waan ta’eef, duudhaalee isaa caalaatti cimsuu fi itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii haaromsa aadaa hojjeteen, kanaan dura aadaaleen fi duudhaaleen Oromoo irraanfatamanii fi gatamanii turan deebi'anii akka baayyanatanii fi ijaaraman taasiseera jedhan. Kana milkeessuufis sadarkaa barnoota gadii irraa eegalee sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennamu taasifamuu fi dhaloota duudhaalee sirna Gadaatiin guddisuuf hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantichi dubbataniiru. Xiyyeeffannoo duraa mootummaan naannichaa kenne keessaa tokko Aadaa Durii, duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo gabbisuu fi caasaa dhaabbataa jabaa diriirsuu ta’uu dubbataniiru. Sirni kun hambaa qofa osoo hin taane, utubaa eenyummaa, jabinnaa fi guddina uummata Oromoo akka ta'e kan amanamu ta'uu fi sirnichi jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa jiraachuu Obbo Shimallis addeessaniiru. Beekumsa durii kana itti fufsiisuu, seenaa sirreessuu, duudhaalee isaa guddina dinagdeef, Aartii, miidiyaaf, og-barruu fi madda beekumsaatiif oolchuu, akkasumas dhaloota of danda'ee fi haala qabatamaa addunyaa wajjin wal-simate uumuun xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta'uu pirezidaantichi ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aaddee Jamiilaa Simbiruu gama isaaniitiin, biirichi bakkeewwan Ardaa Jilaa misoomsuu fi hojiilee qorannoo gaggeessuu irratti hojjachaa turuu isaa eeranii, gara fuulduraattis Gadaa Tuulamaa haaraa Alangee (Baallii) fudhate wajjin qindoominaan akka hojjatan beeksisaniiru. Abbootiin Gadaa Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti argaman, seera sirni Gadaa mirga namaa fi uumamaaf kenne mirkaneessan adda addaa labsaa fi raawwachaa dabarsaniiru.
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame
Jun 14, 2026 240
Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera.   Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini. Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa. Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha. wal harkaa fuudhinsi aangoo Abbaa Gadaa Oromoo Tuulamaa guyyaa har’aa fakkeenya aangoo kan ta’e wal harkaa fuudhinsa alangee sirna guddaan raawwatameera. Waggoottan saddet darban gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaan Gadaa Meelbaa Goobanaa Hoolaa aangoo kan dabarsan yoo ta’u, bara aangoo waggaa saddetii isa haaraaf Abbaan Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa aangoo fudhataniiru. Angoo kan dabarsan Goobanaa Hoolaa kana booda Yuba ykn gorsaa ta’uun tajaajilu. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, kutaaleen hawaasaa naannawaa fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame
Jun 14, 2026 260
  Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera. Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini.   Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa. Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha.   Waggaa saddeet saddeetiin kan gaggeeffamu Sirni baallii wal-harkaa fuudhinsa Abbaa Gadaa Tuulamaa, har’as mallattoo aangoo kan ta’e sirni dabarsa 'Alangee' haala miidhagaa ta’een raawwatameera. Waggoottan saddeettan darban keessa gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaa aangoo isaanii kan dabarsan yoo ta'u, bara aangoo waggaa saddeet haaraatiif itti gaafatamummaa kan fudhatan ammoo Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa ti. Goobanaa Hoolaa alangee ykn aangoo dabarsan kun, gara fuulduraatti 'Yuuba' ykn gorsituu ta'uudhaan tajaajilaa deema. Sagantaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, hoogganoonni hojii mootummaa Federaalaa fi Naannichaa, Abbootiin Gadaa, Maangaddoonni biyyaa, miseensonni hawaasa naannichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Diinagdee
Godina Shawaa Lixaatti lafa heektara 960 irratti hojiin sanyii filatamaa baay'isuu hojjetamaa jira
Jun 14, 2026 298
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Godina Shawaa Lixaatti dhiyeessii sanyii filatamaa oomisha gannaa baranaa dandeettii ofitiin uwwisuuf, lafa heektara 960 irratti hojiin sanyiiwwan filatamaan adda addaa baay'isuu gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinni Shawaa Lixaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa bakkeewwan oomishni midhaanii keessatti omishaman keessaa tokko yoo ta'u, keessattuu kanneen akka qamadii, garbuu, xaafii fi midhaan dheedhii bal'inaan itti oomishamu. Waajjirri Qonnaa Godinichaa waggaa waggaadhaan guddina oomishtummaa dabaluuf galteewwan qonnaa ammayyaa’aa dhaqqabamaa gochuuf ni hojjeta. Godinichatti hojiin lafa heektara 960 irratti sanyii filatamaa baay'isuun eegalame kun, hanqina kanaan dura ture hanbisuun godinichi dhiyeessii sanyii filatamaatiin akka of danda'uu gochuuf kan kaayyeffatedha. Tarsiimoon kun akaakuu biyyee fi haala qilleensa godinicha keessatti argaman bu'uura godhachuudhaan, sanyiiwwan midhaanii filatamanii fi oomisha ol'aanaa kennan naannichatti baay'isee kallattiidhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf dandeessisa. Waajjira Qonnaa Godinichaatti Dursaan garee makaanaayizeeshinii Qonnaa fi Fayyadama galteewwanii Obbo Zarihuun Geetinet ENA'f akka ibsanitti; oomisha fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyiiwwan filatamaa fooyya'an baay'isuu fi bal'isuu irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira. Godinichatti oomisha gannaa kanaan sanyiiwwan filatamaa oomisha ol'aanaa kennanii fi dhibee dandamachuu danda'an lafa heektara 960 irratti baay'isuudhaan, kuntaala kuma 24 fi 200 argachuuf karoorfamee gara hojiitti senameera jedhaniiru. Kanneen keessaa Boqqolloon, Qamadiin, Xaafiin fi midhaanotni biroo akka keessatti argaman akeekaniiru. Hanga ammaatti adeemsa jiruun lafa heektara 130 ol sanyii boqqolloo filatamaatiin uwwifamuu kan ibsan Obbo Zarihuun; qonnaan bultoonni galteewwan qonnaa fi hojimaata ekisteenshinii hojiirra oolchaa jiru jedhaniiru. Hojiin sanyii baay'isuu kun Aanaalee Dandii, Iluu Galaanii fi Baakkoo Tibbee keessatti yuuniyoona waldaa gamtaa, fi lafa qonnaan bultoota moodelaa irratti qindoominaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Hojii sanyii baay'isuu kanaan qonnaan bultoota kuma 2 ol kan hirmaachaa jiran yoo ta'u, milkaa'ina hojichaatiif qonnaan bultootaaf leenjii kennuun alatti waajjirichi dhiyeenyatti deeggarsa teeknikaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin sanyii baay'isuu kun hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa furuu bira dabree, gabaaf kan dhiyaatu madda galii dabalataa akka ta'us Obbo Zarihuun addeessaniiru. Godina Shawaa Lixaa keessatti oomisha gannaa baranaatiin walumaagala lafa heektara kuma 900 ol midhaan gosa adda addaa misoomaa jira.
Ijaarsi pirojektii misooma qarqara haroo Hawaasaa eegale
Jun 13, 2026 662
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa Pirojektiin Misooma Haroo Hawaasaa bu’uuraalee misoomaa adda addaa kan ijaaru ta’uu beeksiseera. Sagantaan eegalchiisa ijaarsa pirojektii misooma qarqara lagaa Hawaasaa gaggeeffamaa jira.   Pirojektichi miidhagina uumamaa Haroo Hawaasaa bu'uraalee misooma turizimii ammayyaa waliin qindoomsuun, guddina diinagdee magaalattiif gumaacha olaanaa qabaata jedhameera. Piroojektiin qarqara lagaa ku baasi Birrii Biiliyoona 3.2 kan ijaaramu yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa fi jiraattoonni magaalichaa kan hirmaatan ta’uun eerameera. Pirojektiin Misooma Haroo Hawaasaa marsaan jalqabaa Fiqir haayiqii(Haroo Jaalala), Amooraa Gadal fi Gabaa Qurxummii of keessatti qabata. Misoomni qarqara haroo kanaa ifatti har’a ijaarsi isaa kan eelame yoo ta’u, gaafa xumuramu wiirtuu bashannanaa guddicha naannichaa akka ta’u himameera. Sadarkaa itti aanaa kantiibaa magaalaa Hawaasaatti, Itti gaafatamaan kutaa misooma magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa Injinar Cheerinnat Filaatee waa’ee pirojektichaa ENAtti akka himanitti,ijaarsi pirojektichaa tajaajiloota adda addaa kan hammate ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi pirojektichaa manneen nyaataa(reestoraantii), suuqii, bakka irra dhaabbatanii dawatan,bakka qurxummii kiyyeessan, bakka walga’ii ummataa, bakka bishaan lolaa calalu, daandii biskileetii fi miilaa qarqara haroo fi kanneen biroo kan hammate ta’uu ibsaniiru. Akkasumas pirojektiin misooma qarqara haroo kun ji’a jaha keessatti xumuramee tajaajilaaf kan qophaa’u ta’uu ibsuun, ijaarsi kun lammiilee kuma 1 ol ta’aniif carraa hojii akka uumu ibsaniiru. Bishaan Gurraacha irraa kaasee hanga gaara Taaboritti misoomni qarqara haroo kiiloo meetira 12 akka hojjetamus eeraniiru. Sagantaa jalqabsiisa piroojektii kanarratti , Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedamoo, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa , hoggantoonni olaanoo naannichaa fi magaalichaa biroo, abbootiin qabeenyaa, ogeeyyiin fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Hojiileen misooma Kooriidarii bifa magaalattii fi jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiru
Jun 12, 2026 1118
Waxabajjii 5/2018(ENA)- Hojiileen misooma Kooriidarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman magaalattii miidhagsuudhaan jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa akka jiran jiraattonni magaalatti ENA’f yaada kennan ibsan. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bifni magaalattii sadarkaa idil addunyaa kan eege, jiraattotaaf mijataa fi magaalaa ammayyaa gochuuf hojiilee misooma kooriidarii bal’aa hojjechaa jira. Jiraattota yaada kennan keessaa obbo Raggaasaa Jimaa, Kanaan dura bakkeewwan ijaaf hin tolle, bu’urri misoomaa kan hin guutamnee fi aduun dhiinaan miilaan deemuuf rakkisaa kan ture har’a ibsaa fi paarkii ammayyaatiin miidhaganii arguun boqonnaa seenaa isa guddaa ti. Misoomni kooriidarii kun haala hojii fi jireenya jiraattotaa guyya guyyaa fooyyessuusaa kan dubbatan ammoo magaalattiitti gaazexaa gurguruun kan jiraatan obbo Dabbabaa Girmaati. Bakki Kanaan dura Gaazexaan itti gurguramuu fi itti dubbifamu mijataa waan hin turreef maamiltoonni dhukkee fi aduuf saaxilamaa akka turan yaadatanii, har’a garuu bakki sadarkaasaa eeggatee fi miidhagaan hojjetamuusaa akkasumas teessoon qophaa’uunsaa namoonni dubbisan dabalaa dhufaniiru jedhan. Bu’aa guddaa misoomni kooriidarii argamsiise keessaa bifa magaalattii jijjiiruusaa fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun isa tokko ta’uu kan dubbatan ammoo jiraataa magaalichaa obbo Akliiluu Taklatsiyoonidha. Dabalataanis obbo Kabbadaa Waaqgaarii miidhaginnnii fi mijannaan uumame hawaasni fayyaasaaf xiyyeeffannoo akka kennu karra baneera jedheera. Daandiiwwan lafoo fi bishkileetii bal’aan hojjetaman haala mijataa waan uumaniif yeroo ammaa halkanillee jiraattonni hedduun sosochii qaamaa gochaa akka jiran eeraniiru.
Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa isaanii dabaluun haala mijataa uumeera
Jun 12, 2026 943
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Riifoormiin dinagdee Gooroo biyyattii invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa guddisuun haala mijataa uumeera jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun damee dinagdee fi faayinaansii, bulchiinsa sharafa alaa, invastimantii, haaromsa dhaabbilee fi seeraa fi imaammataa irratti haaromsi taasifameera. Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, haaromsi diinagdee Gooroo biyyattii keessatti gaggeeffame hirmaannaa invastimantii diyaaspooraa Itiyoophiyaa keessatti dabaluudhaan haala mijataa uumeera jedhan. Itti dabaluunis diyaaspooraan invastimantii, reemiitaansii fi deeggarsa hawaasummaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Gabaa, Maallaqa idil addunyaarratti hundaa’uun taasifamuun isaa diyaaspooraan invastimantii irratti caalaatti akka hirmaatu haala mijataa kan uume ta’uu ibsuun, qajeelfamni Firaankoo Vaalutaa hayyama sharafa alaa malee oomishaalee biyyattiif faayidaa qaban akka galfaman hayyamuun isaa hirmaannaan daldalaa diyaaspooraa akka dabalu taasisuu hubachiisaniiru. Haaromsi bulchiinsa sharafa alaa maallaqa seeraan gara Itiyoophiyaatti ergamu (remittances) haalaan akka dabalu hubachiisaniiru. Bara kana diyaaspooraan Baankota Itiyoophiyaa keessatti herrega haaraa kuma 20 ol banuun hirmaachaa jiraachuu ambaasaaddar Fitsum hubachiisaniiru. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon biroo hojiitti galchuun diyaaspooraan invastimantii keessatti hirmaachuun haala mijataa akka uumuus hubachiisaniiru. Misoomni koridarii fi qarqara lagaa, akkasumas bakkeewwan turizimii babal’isuun diyaaspooraan biyyattii daawwachuu fi dameewwan invastimantii filannoo ta’an akka ilaalan balbala baneera jedhan. Diyaaspooraan lakkoofsi guddaan daawwannaa fi boqonnaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufaa jiru yoo ta’u, kunis kaka’umsa misoomaa fi invastimantii biyyaalessaatiif qaban kan dabalu ta’uu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 1299
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Jun 12, 2026 602
Waxabajjii5/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti tajaajila kenniinsa geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf babal'ina tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Naannichaa ibse. Ejansichatti Daarektarri Tajaajila Geejjiba Ummataa Obbo Musbaahuddiin Abdulmajiid ENA'f akka ibsanitti; kenniinsa tajaajila geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan babal'isa tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, bara baajataa Kanaan hanga taarifaa, fageenya daandiiwwan uwwifamanii fi iddoowwan ka'umsaa fi ga'umsa geejjibaa ifatti akka beekaman taasifameera jedhan. Konkolaachistootaa fi gargaartonnis hojimaata kana akka hordofan gochuu bira darbee, konkolaattonni sarara ramaddii isaaniif hayyamame qofaan akka hojjetan, booloo fi inshuraansii qaama sadaffaa maxxansuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas sirnoonni to'annoo dandeettii teeknikaa fi hayyama ramaddii akka ciman ibsaniiru. Kana malees, imalawwan fageenya walfakkaataa qaban kaffaltii taarifa walfakkaataa akka qabaatanii fi konkolaattonni ramaddii ji'aa isaanii sirnaan akka raawwatan sirni ramaddii diijitaalaa diriirfamuu isaa dubbataniiru. Keessattuu, dhiyeessii fi fedhii geejjiba uummataa walitti fiduuf akkasumas tajaajilicha ammayyeessuuf misoomni buufata konkolaataa ammayyaa’aa fi qinda’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Jimma, Naqamtee, Walisoo, Roobee fi Shaashamannee dabalatee magaalaalee naannichaa 17 keessatti ijaarsi buufataalee konkolaataa ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru. Buufataleen kunneen tajaajila hojimaata badaarraa qulqulluu kan ta'e akka kennaniif, to'annoo fi hordoffiin kallattii kaameraa Siisiitiivii (CCTV) tiin deeggarame wiirtuu guddaa ejensichaa irraa taasifamaa jira jedhaniiru. Dabalataan, magaalaalee Bulee Horaa fi Asallaa dabalatee ijaarsi buufataalee ammayyaa haaraa afurii gaggeeffamaa akka jiru akeekaniiru. Walii galaan, godinaalee naannichaa hundaa fi magaalaalee gurguddoo 23 keessatti buufatalee geejjiba ummataa 380 ol ta'an irratti sirni to'annoo diijitaalaa diriireera jedhaniiru. Konkolaachistoonni adabbiin irratti jiru bakka jiran irraa bilbila harkaa isaaniitiin kaffaltii raawwachuu srni dandeessisus diriiruu isaa dabalanii ibsaniiru. Ejansichi bara baajataa itti aanutti tajaajilicha caalaatti ammayyeessuu fi dhaqqabamaa gochuuf karroorsee hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Musbaahuddiin; hojimaata tajaajilamtoonni karaa Telebirriitiin bakka jiranirraa bilbilaan belleettoo imalaa konkolaataa barbaadanii kutachuu kan danda'an hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.      
Ergaa Ministira Muummee  Doktar Abiyyi  Ahimad
Jun 11, 2026 1053
Jaallatamtoota Hawaasa Itiyoophiyaatiif, baga milkaa’ina sagantaa Koodaroota Miliyoona 5tiif baga gammaddan! Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame waggaa lamaa gadi keessatti milkeessuun danda'ameera. Sagantaan Koodaroota Itiyoophiyaa Miliyoona 5 Adoolessa 16 bara 2016 erga eegalee kaasee pirogiraamii kompiitaraa (Computer Programming), xiinxala ragaa (Data Analysis), misooma sooftiweerii Andirooyidii (Android Software Development) fi barumsa bu'uuraa beekumsa hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence)tiin leenji'uuf Namoonni 5,005,146 galmaa’anii, isaan keessaa miiliyoona 3 ol kan ta'an leenjicha xumuraniiru. Milkaa'inni kun kutannoo fi dandeettii uummata keenyaa daangaa hin qabne kan mirkaneessudha. Boqonnaan seenaa addunyaa dijiitaalaa keessatti of ijaaruuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata biyyaalessa keenya caalaatti ittiin ariifachiifnudha. Hanga Hagayya bara 2018tti lakkoofsa leenjifamtootaa miliyoona 7 geessisuuf galma qabame milkeessuuf, Itiyoophiyaan dabalataan hundi ergama biyyaalessa kanaa akka ta'u waamicha koo nan dabarsa. Dargaggootaa fi barattoota keenyaaf yeroon Gannaa dhuftu kun carraa guddaadha. Yeroo keessan akkasumatti gubuu irraa of qusachuun, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barumsaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, geggeessitoota dijiitaalaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan dhaama. Leenjichi guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta'u, waraqaan ragaa (certificate) kennamus sadarkaa addunyaatti beekamtii kan qabudha. Egereen isin ijaartan har'a eegala! ‎Galmaa’uuf liinkii gadii tuqaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob tajaajilamtoota kuma 230 ol keessummeessuu danda’eera
Jun 10, 2026 1137
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Hojiin tajaajila dijiitaalaa mootummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Addis Masoob erga eegalee yeroo gabaabaa keessatti namoota kuma 230 ol keessummeessuusaa waajjirri kantiibaa beeksise. Gidduugalichi itti quufinsa maamilaa dhibbentaa 99 galmeessuusaa beeksiseera. Kenninsa tajaajilaa magaalaa Finfinnee ammayyeessuu fi tajaajila mootummaa dijitaalaa wiirtuu tokkoof haala mijataa uumuuf kan eegalame pirojektiin tajaajila wiirtuu haaraan Addis Masoob kun milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru. Hanga Waxabajjii 30 bara 2018 giddugalaawwan 11 banuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hanga Caamsaa 30 bara 2018tti saglan isaanii guutummaatti tajaajila eegalaniiru. Isaanis: Araadaa, Boolee, Lidataa, Qirqoos, Addis Katamaa, Gullallee, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo fi Ekkaan guutummaa guutuutti hojiitti galaniiru. Hojii-geessisaan Olaanaan tajaajila dijitaalaa giddugala tokkoo "Addis Masoob" Injiinar Dassaalenyi Tarrafaa akka ibsanitti, giddugalaawwan hafan kanneen akka Aqaaqii fi Lammii Kurraa raawwiin ijaarsa isaanii dhibbantaa 99 tuqaa 5 ol waan ta'eef, guyyoota dhiyoo keessatti eebbifamanii tajaajila akka eegalan qophiin xumurameera. Milkaa'inni kun kan argame deeggarsa addaa bulchiinsa magaalichaan qacarrii ogeessotaa, leenjii fi meeshaaleen bu'uuraa dursanii guutamuu isaaniitiin akka ta'e Injinar Dassaalenyi dabalanii ibsaniiru
Ispoortii
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni  dandeettii  ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 358
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Finfinneen dorgommii ardii fi idil-addunyaatiif magaalaa filatamtuu taate
Jun 13, 2026 777
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Finfinneen dorgommii ispoortii Afriikaa fi idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamtuu ta’uu Waajjirri Kantiibaa beeksise. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo addaa damee ispoortii fi ijaarsa bu’uuraalee ispoortii gurguddaa raawwateen wiirtuu ispoortii filatamaa ta’uu agarsiiseera. Giddu-galli ispoortii ummataa fi dargaggootaa waggoota darban keessatti magaalattii keessatti ijaaraman 1,580 ol ta’an hirmaannaa hawaasummaa guddisuu qofa osoo hin taane dorgommiiwwan biyyaalessaa fi idil-addunyaa keessummeessuuf bu’uura guddaa ta’uu ibsameera. Magaalattiin dorgommiiwwan ispoortii idil-addunyaa adda addaa, atileetiksii, fiigicha daandii fi kanneen biroo dabalatee, fiigicha Walakkaa Maaraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dhiheenya kana xumuramee Addabaabayii Masqalaa irratti gaggeeffame dabalatee, magaalattiin magaalaa mijataa fi adda duree ta’uu ishee agarsiisa jedhameera. Finfinneen amma magaalaa nagaa fi bareedduu taateewwan ispoortii gurguddoo fi deeggartoota keessummeessitu ta’uu waajjirri kun beeksiseera. Waggoota dhiyoo as bulchiinsi magaalichaa pirojektoota misooma koridarii qindoomina qaban, misooma qarqara lagaa fi babal’ina wiirtuuwwan ispoortii ammayyaa hojiirra oolchuun, haala magaalattii jijjiiruu qofa osoo hin taane guddina turizimii ispoortiitif carraa guddaa uumeera. Guddinni turizimii ispoortii kun, faayidaa ispoortii isaatiin alatti, industirii hoteelotaa, damee geejjibaa fi daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa biyya keessaaf carraa hojii uumuudhaanis sochii dinagdee fi hawaasummaa guddaa uumeera. Kunis kaayyoo bulchiinsi magaalichaa fayyadamummaa hunda galeessa dargaggootaa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu dabaluu waliin kan walsimu ta’uu waajjirichi beeksiseera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuun alatti isportesitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira
Jun 12, 2026 556
Waxabajjii 5/2018 (ENA) – Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Magaalaa Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu itti kennameen alatti, isportessitoota kabaja biyyaa addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu Ajajaan Qajeelchichaa Letanal Jeneraal Asiraat Deeneeroo ibsan. Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee ispoortessitoota miseensa poolisii bara 2018tti qabxii olaanaa galmeessisaniif guddina sadarkaa, badhaasa maallaqaa, akkasumas sagantaa beekamtii fi galateeffannaa qopheessee jira. Ajajaan qajeelcha walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee Letanal Jeneraal Asraat wayita sana akka jedhanitti, Adeemsi Filannoo Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan guutummaatti nagaa fi tasgabbaa'aa ta'ee akka xumuramuuf poolisiin gahee murteessaa bahateera. Kanaafis miseensota poolisii magaalattii hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru. Poolisiin Finfinnee hojii nageenya eeguu dabalataan, isportessitoota kabaja biyyaa dirree ispoortii addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu isaas dubbataniiru. Ispoortessitoonni dhaabbaticha keessaa bahan dorgommiiwwan ardii fi addunyaarratti injifannoo argachuun medaaliyaa hedduu galmeessisuun kabajni biyyaa addunyaa irratti akka calaqqisu gochuu isaanii ibsaniiru. Milkaa'inni jajjabeessaan kun argamuu kan danda'e isportessitoota bakka bu'an horachuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu isaatiin ta'uu dubbataniiru. Sagantaan beekamtii taasifame kun isportessitoota injifatan jajjabeessuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, gara fuulduraattis dhaabbileen poolisii madda isportesitoota bakka bu'anii akka ta'an xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Isportessitoonni guddina sadarkaa fi badhaasa argatan gamasaniitiin akka jedhanitti, badhaasni kun hojiiwwan keenya darbaniif beekamtii kennuu bira darbee, gara fuulduraatti cimnee hojechuun biyyaa fi kilaba keenya bu'aa caaluun waamsisuuf haamlee nutti uumeera jedhaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni Ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira
Jun 13, 2026 774
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti misooma damichaa irraa fayyadamoo ta’an akka jedhanitti, misoomni ashaaraa magariisaa naannoof eegumsa gochuu bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira. Sagantaa Misooma ashaaraa Magariisaa bara kanaa Hararge Lixaatti biqiltuuwwan miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksise. Waggoota darbanitti biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan Godinicha keessatti dhaabamanii bu’aa hedduu argamsiisaa jiru. Kanumaan walqabatee qonnaan bultoonni ENA waliin turtii taasisan, misooma ashaaraa magariisaa irraa karaa hedduun fayyadamoo ta’aa akka jiran himaniiru. Jiraattota kana keessaa qonnaan bulaan Zarihuun Kabbadaa fi qonnaan bulaan Malkaamuu Tasfaayee akka himanitti, biqiltuun Waggaa waggaan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamu, lafa gogaa ta’e uwwisuu qofa osoo hin taane madda galii fi nyaataa ta’aa jira jedhani. Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Godinichaatti Dursaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa obbo Waasee Baqqalaa, hojiiwwan misooma ashaaraa magariisaa waggoota darban gaggeeffaman karaa hedduun bu’aa argamsiisaa akka jiran ibsaniiru. Naannoo eeguun alattis bu’uura wabii nyaataa fi madda galii gaarii ta’aa jira jedhan. Kanaafuu, bara kana biqiltuu dhaabuuf qophiin qindoomina qabu taasifamuu isaa ibsuun, sagantichaan biqiltuuwwan kaayyoo hedduu qaban miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 76 ol biqiltuu dhaabuuf qophii ta’uus kan eeran yoo ta’u, karoora kana galmaan ga’uuf hawaasni hunduu gahee isarraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru. Bakka bu’aan hogganaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Godinichaa obbo Fitsum Amaaree akka himanitti, hirmaannaan hawaasaa eegumsaa fi kunuunsa biqilootaaf taasisan hojii misoomaa bu’aa qabeessi akka argamu taasiseera jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baay’ina qabeenya bosonaa dabaluu qofa osoo hin taane, wabii nyaataaf bu’uura kaa’ee carraa hojiis uumeera jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Diinagdeen nu fayyadeera - Qonnaan Bultoota Godina Iluu Abbaa Booraa
Jun 12, 2026 983
Waxabajjii 5 /2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manca’iinsa naannoo ittisuu bira darbee dinagdeen fayyadamoo akka taanu nu taasiseera jedhani. Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa gama isaatiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hojiin qophii bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. Akka qonnaan bultoonni Godinichaa himanitti, misoomni Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti gaggeeffame magariisummaa naannoo isaanii dabaluu qofa osoo hin taane, madda dinagdee isaaniif ta’aa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa aanaa Hurrumuu obbo Balaachoo Alamaayyoo akka jedhanitti, Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuuwwan faayidaa dachaa qabaniif xiyyeeffannoon kennameef wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera. Biqiltoonni firii adda addaa waggoota darban qabeenya dhuunfaa isaanii irratti dhaaban amma oomisha gaarii kan argamsiisan yoo ta’u, nyaata qofaaf osoo hin taane, madda galii dhaabbataa ta’uu ibsaniiru. Jiraataan biraa obbo Takkaallinyi Taaddagee akka himanitti, lafti isaanii garmalee miidhamee qullaatti hafee ture amma deebi’ee misooma qonnaaf kan oolu ta’uu dubbatani. Lafa dhuunfaa isaa irratti firii adda addaa misoomsuu fi gurgurtaa oomishaa irraa waggaatti hanga birrii kuma 300 argachuun jireenya isaa fooyyessuu akka danda’e himeera. Jiraattonni Godinichaa obbo Aynaalam Kidaanuu fi obbo Isaayyaas Asaffaa akka himanitti, naannoowwan manca’an akka deebi’anii fi magariisa ta’an gargaaruu bira darbee, Ashaaraan magariisaa madda galii dabalataa isaaniif ta’aa jira. Hojii kana cimsuuf yeroo ammaa boolla biqiltuu qopheessuun biqiltoota faayidaa dachaa qaban dhaabuuf karoorfachuus ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka jedhanitti, biqiltuun waggoota darban sagantichaan dhaabame hojii qonnaaf haala qilleensaa mijataa ta’e uumeera. Wabii nyaataa fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuun gumaacha guddaa taasiseera jedhan. Kanas itti fufsiisuuf qophiin duraa boolla dhaabbii fi geejjibni biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif taasifamaa akka jirus beeksisaniiru. Hogganaan kun akka himanitti, biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 254 ol Godinicha keessatti dhaabuuf qophaa’uu isaanii eeruun, kanaanis lafti heektaara kuma 54 ni misoomu jedhamee eegama jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 2981
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 22811
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 3185
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 9204
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015