Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Bara baajatichaatti naannichatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa haaraa 47 hojiitti galaniiru
Jul 14, 2026 129
Adoolessa 7/2018 (ENA): Bulchiinsa Naannoo Harariitti Bara Bajataa xumurame kana keessatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa haaraan 47 hojiitti galuu isaanii Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa ibse. Warshaaleen naannichatti haala mijataa industirii omishaaf uumameen omisha eegalan lammiileef carraa hojii uumaa akka jiran himameera.   Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Usmaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, naannichatti industiriiwwan omishaa babal’isuuf xiyyeeffannaan guddaan kennamaa jira jedhani. Keessattuu Sochiin Industirii Itiyoophiyaa dandeettii omishaa indaastirii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane, damicharrattis dammaqiinsa guddaa uumaa jira jedhan. Bara baajataa 2018tti industiriiwwan haaraa giddu galeessaa 7 fi xixiqqaa 47 hojiitti galchuun, dabalataan industiriiwwan haaraa 16 hojii ijaarsaa isaanii xumuranii hojii dhaabbii maashinarii eegaluu isaanii ibsaniiru. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa jedhanitti, industiriiwwan naannichatti hojiitti galfaman oomisha bakka bu’aa oomishuun sharafa alaa maddisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru. Industiriiwwan maanufaakchariingii dhiyeessii humna ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa waliin walqabatan rakkoo qaban furuuf hojjechaa akka turan, bara kanas damee industirii qofaan lammiilee 621’f carraan hojii dhaabbataa uumamuusaa ibsaniiru.   Dargaggoo Mahdi Abdulwaasii haala mijataa mootummaan uumetti fayyadamuun bara kana daldala meeshaalee manaa qindeessaniin gara omishaatti ce’uu isaanii dubbateera. Fuulduratti oomisha qulqullina qabu omishuun oomisha isaanii gara biyya alaatti erguuf karoora akka qaban eeruun, miseensota waldichaa malees dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaa ibseera. Zoonii Industirii Magaalaa Hararitti Hogganaan Warshaa Kompileeksii Nyaataa Qananii Tasfaawu Asfaawuu daakuu qamadii oomishuun hawaasa naannoo sanaaf raabsaa akka jiran himaniiru.   Yeroo ammaa kana maashinoota omishaa ammayyaa biyya alaa irraa baasii guddaadhaan galchuun babal’achaa akka jiran hubachiisaniiru. Itti dabaluunis, haalli mijataa mootummaan naannichaa industiriiwwan omishaaf uume, cimanii akka hojjetan isaan jajjabeessuu himani. Warshaa kana keessatti carraan hojii kan kennameef keessaa obbo Bishaawu Hayiluun naannichatti babal’achuun industiriiwwan carraa hojii guddisuu qofa osoo hin taane beekumsa teeknooloojii haaraa babal’isuuf gargaaraa jira jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Godina Boorana Bahaatti walitti qabinsa Galii dijitaalessuun birriin biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'ameera
Jul 14, 2026 103
Adoolessa 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatti Adeemsa walitti qabinsa galii dijitaalessuun, bara baajataa kana galii birrii biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'amuusaa Waajjirri Galiiwwan Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi Karooraa, Hordoffii Bajataa fi Gamaggamaa Ma'aazaa Alii akka jedhanitti, adeemsa walitti qabinsa galii godinichaa saffisaa fi haqa-qabeessa taassisuuf hoj-maanni dijitaalaa diriirfameera. Kanaanis bara bajataa Kanaan dameewwan galii adda addaa irraa walitti qabuuf Birrii biliyoona 1tuqaa4 kan karoorfame keessaa, Birrii biliyoona 1tuqaa 7 ol walitti qabuun danda’amuu ibsaniiru. Galiin waggaa godinichaa irraa walitti qabame kunis karoora qabame irraa Birrii miliyoona 311 fi kuma 917 fi dhibba 8 caalmaa akka qabu beeksisaniiru. Walitti qabinsa galii kana milkeessuufis hojmaata teeknoolojii dijitaalaa diriirsuu fi gibira kaffaluun dirqama lammummaa ta'uu irratti waltajjiin hubannoo uumuu walitti fufiinsaan gaggeeffamuu isaa kaasaniiru. Magaalaa Nagallee Booranaatti dhiyeessaa fi raabsaa meeshaalee ijaarsaa kan ta'an Obbo Warquu Odaa akka jedhanitti, gibira isaanii amanamummaa fi yeroon kaffaluun dirqama isaanii bahachuusaanii ibsaniiru. Gibirri nuyi kaffallu misooma bu'uraatiif ooluun deebi'ee uummata kan fayyadu ta'uusaa hubachuu keenyaan gibira yeroon kaffalleerra jedhaniiru. Magaalichatti daldala meeshaalee garaa garaa irratti kan bobba'an Obbo Biniyaam Asaffaa gama isaaniitiin, gibira kaffaluun dirqama lammummaa fi misooma biyyaatiif ta'uu isaa dubbataniiru. Amanamummaan gibira kaffaluun nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf murteessaa waan ta'eef, hundi keenya ittigaafatamummaa keenya bahachuu akka qabnu yaada dubbataniiru. Obbo Sayid Badruu gamasaaniin gibirri kaffalan misooma biyyaatiif gumaacha mataa isaa akka qabu eeranii; amanamummaan gibira kaffaluun dorgommiin daldalaa haqa-qabeessa ta'e akka jiraatuu fi gaaffiin misooma bu'uraa uummataa deebii akka argatuuf qooda isaanii bahachuu isaanii addeessaniiru.  
Magaalaa Shaambuutti Tajaajila Lammummaa Gannatiin arjoomni dhiigaa gaggeeffame.
Jul 14, 2026 132
Adoolessa, 7/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin arjoomi dhiigaa gaggeeffamuun ibsame. Sagantaa tajaajila lammummaa waktii gannaa gageeffamu keessaa Arjoomni dhiigaa tokko yoo ta’u, dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 arjoomaan walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Godinichatti tajaajila lammummaa gannaan qindoomina Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa fi Baankii dhiigaa damee Shaambuutiin hojiin dhiiga arjoomaan walitti qabuu ciminaan hojjetamaa jira. Hojii gaggeessaa olaanaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Taaddalaa Dheeressaa akka jedhanitti, tajaajila lammummaatiin dhiiga walitti qabuun tajaajila fayyaa dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.   Dhiiga bakka bu'uun lubbuu bakka bu'insa hin qabne baraaruu waan ta'eef dhiiga arjoomaa jiraachuu tola ooltootni Magaalaa Shaambuu tokko tokko himaniiru. Hojii gaggeessaan Baankii dhiigaa damee Shaambuu obbo Shifarraa Tolasaa gamasaaniin, Baankiin dhiigaa damee shaambuu erga hundaa'ee yeroo gabaabaa ta'us haadholii, Daa'immanii fi namoota balaa tasaan dhiiga dhaban baraaraa jiraachuu fi bara kana dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dhiiga arjoomuun faayidaa malee miidhaa akka hin qabnee fi hawaasni hirmaannaa isaa cimsuun rakkoo dhiigaan lubbuu darbu hambisuun hawaasa fayyaa buleessa horachuu irratti hojjechuun akka barbaachisus himaniiru jechuun Waajjiri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gabaaseera.  
Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godinichatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa Hawaasa Horsiisee-bulaa guddisaniiru
Jul 14, 2026 118
Adoolessaa 7/2018 (ENA): Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godina Booranaatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa akka guddisan Bulchaa Ol'aanaan Gonichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif ibsa misooma qonnaa ilaalchisee kennaniin, naannoon Booranaa kanaan dura hongeen qoramaa ture, yeroo ammaa misooma qamadiitiin hojii guddaa hojjechaa akka jiru kaasaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaas jireenya hawaasa horsiisee-bulaa fooyyessuufi qabeenya horii balaarraa baraaruuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jira.   Kanneen keessaa saaxilamummaa hongee qonnaan-bulaa fi horsiisee-bulaa hir’isuufi haala jireenyaa fooyyessuuf, ijaarsi pirojektoota jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa isaan ijoodha. Godini Booranaa godinoota pirojektoota ijaarsa bishaanii xixiqqaa fi giddu-galeessaa mootummaan naannichaa maqaa ‘Finnaa’ jedhuun moggaase kanaan fayyadamoo ta’an keessaa isa tokkodha. Bulchaan Olaanaa Godinichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo, Godini Booranaa hanqina bokkaan hongeef kan saaxilame ta’uu kaasanii, erga pirojektiin ‘Finnaa’ hojiitti galee asitti rakkoon kun furamaa dhufuu ibsaniiru. Hidhawwan Jallisii hanga ammaatti tajaajila kennuu eegalan bishaan roobaa kuusuun yeroo hanqinni bokkaa mudatutti faayidaarra akka oolu gochuun, dandeettii dandamannaa balaa hongee hawaasichaa dabalaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Booranaatti pirojektoonni ‘Finnaa’ 18 bishaan kuusuun tajaajila kennaa akka jiran yaadachiisanii; kanaanis hawaasni horsiisee-bulaa nyaata horii, kuduraafi muduraa, qamadii fi sanyiiwwan midhaanii adda addaa oomishaa jiraachuu beeksisaniiru. Dabalataanis,kuusawwan bishaanii kanneenitti fayyadamuun nyaata horii misoomsuun, yeroo hongeen mudatutti loon rakkoof akka hin saaxilamne xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Pirojektoonni kunneen dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa guddisuu bira darbee, aadaa hojii jijjiiraa akka jirus hubachiisaniiru. Akka Odeeffannoon Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee-bulaa Oromiyaarraa argame mul’isutti, Pirojektoota ‘Finnaa’ jalaatti hidhawwan Jallisii 37 xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru. Barana kuusawwan jallisii kanaan bishaan meetir kiyuubiikii miiliyoona 864 kuusuun, lafa bal’aa jallisiin misoomsuun danda’amuun ibsameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni marichaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqii lama irratti mari’atee raggaase
Jul 14, 2026 268
Adoolessa 7/2018 (ENA)- Manni marichaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqii lama irratti mari’atee raggaase. Manni maree bakka bu’oota ummataa jahaffaan bara hojii wagga shanaffaa walgahii ariifachiisaa 2ffaa gaggeesseera. Manni marichaa walgahiisaa har’aatiin mootummaa Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii Xaaliyaanii akkasumas baankii addunyaarraa karaa raawwii imaammata guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa waliin wal simeen misooma fulla’aa fi amansiisaa Itiyoophiyaaf kan kennamu walii galtee liqii bajata deeggarsa raawwachiisuuf oolu sagalee raggaaseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa Tasfaayee beeljigee waliigaltee liqichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, waliigalteen liqii kun Yuuroo miiliyoona 70 yoo ta’u, kaffaltii tajaajilaa tokkollee akka hin qabaanne ibsaniiru. Liqiin kun kallattiidhaan gara bajata mootummaa keessa akka galu ibsanii, hojiirra oolmaa dinagdee gooroo si’achiisuudhaan guddina ariifachiisuuf ni gargaara jedhaniiru. Walii galteen kun yeroo bayyanannaa wagga 16 kan qabu yoo ta’u, wagga 30 keessatti kaffalamee kan xumuramu liqii yeroo dheeraa akka ta’e dubbataniiru. Manni marichaa wixinee labsii waliigaltee liqii kana sagalee guutuun raddaaseera. Akkasumas manni marichaa walii galtee liqii pirojektii dijitaalaayizeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Faransaayi jidduutti sadarkaa sirnoota to’annoo ajajaa fi bulchiinsa qabeenyaa raawwachiisuuf oolu mari’atee raggaaseera. Mana marichaatti ministirri itti waamamaa mootummaa waliigalticha ilaalchisuun ibsa taasisaniin, waliigalteen kun deeggarsa faayinaansii Yuuroo miiliyoona 54 fi kuma 600 kan ofkeessatti qabate ta’uu dubbataniiru. Walii galteen liqii kun bayyanannaa wagga 10 keessatti wagga 25tti kaffalamee kan xumuramu ta’uu eeranii, dhallisaas 0 tuqaa 347 dhala xiqqaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Walii galteen liqii kun imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa kan si’achiisu akka ta’e eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan Misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamaniiru
Jul 13, 2026 701
Adoolessa 6/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan misoomaa gaaffiiwwan bu’uuraa uummataa furuu dandeessisan raawwatamuu isaanii Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gamaggamni raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii kan bara baajataa 2018 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.   Wayita sana Pireezidantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, waggoottan shanan darbanitti gaaffiiwwan misoomaa uummata naannichaan ka'aa turan qabatamaan deebii argataniiru jedhan. Keessattuu bara baajataa xumurame keessa dameewwan hundaan bu'aawwan milkaa'oon galmeeffamuu isaanii ibsuun; adeemsa kanaan hoggansi nageenya naannichaa mirkaneessuu dhaan, misoomni hawaasummaa fi dinagdee akka ariifatu taasiseera jedhaniiru. Baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataa qindeessuudhaan gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqiin taasifame bu'a qabeessa akka turees kaasaniiru. Kanaanis, hoggansi naannichaa injifannoowwan argaman cimsanii itti fuufsiisuuf tooftaawwan dandeessisan sakatta'uu fi hanqinoota mul'atan adda baasuun hojiiwwan itti aananiif qophaa'uu akka qaban ibsaniiru. Bara baajataa itti aanuttis poteenshaala jiruu fi fedhii misoomaa naannicha jiruun kan walsimu karoora hiixataa qopheessuun,filannoowwan jiran hundatti guutummaatti fayyadamuun akka barbaachisu ibsaniiru. Keessattuu badhaadhina maatii mirkaneessuuf qusannaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun kan qaban yoo ta'u; yaa'insa investimantii ariifachiisuuf godinaalee ,Aanaalee fi magaalota keessa haalawwan mijatoo jiran sakatta'uu fi hojii irra oolchuun akka qaban hubachiisaniiru. Dabalataanis, dandeettii fi gahumsa hoggansa ganda irraa kaasee hanga naannootti jiru gamaggamaan sakatta'uun, bu'aawwan murtaa'a argamaniin osoo hin dagatiin ammas dandeettii guutuun socho'uun akka barbaachisu dubataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kafyaalawu Tafarraa gama isaaniitiin, bara baajataa kanatti riifoormii siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee gara qabatamaatti jijjiiruu keessatti injifannoowwan abdii namatti horan galmeeffamuu ibsaniiru. Bara baajataa xumurame qofa keessatti pirojeektonni gara kuma 21 ta'an ijaaramanii tajaajila uummataaf akka oolan taasifamuu kaasanii; kunis raawwii karoora waggichaa bu'a qabeessa kan taasise yoo ta'u, raawwiinsaa guutuu Godinaalee fi magaalotaatti wal-fakkaataa ta'uu dhabuu isaa eeraniiru. Filannoo biyyaalessaa torbaffaa irratti uummatni ba’ee hirmaachuun fedhii jabaa dimokiraasiif qabu kan agarsiise fi injifannoon siyaasaa guddaan kan galmeeffame ta’uu kan eeran hoggantoonni kun; bara baajataa haaraa qabame kanatti hoggansi guutummaa dandeettii fi kutannoon socho'uu akka qabu dhaamaniiru.    
Magaalaan Finfinnee Ijaarsa Seenessa Waloo Cimsuun gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa jirti
Jul 12, 2026 1591
Adoolessa 5 / 2018 (ENA): Magaalaan Finfinnee ijaarsa seenessa waloo fi tokkummaa cimsuudhaan gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa ta'aa dhufuushee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa isaa galma yaa'ii mana marichaa Giddu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessaa jira. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee yaa'ii idilee mana marichaa kana irratti gabaasa raawwii hojii waggaa kan bara baajataa 2018 Bulchiinsa Magaalichaa dhiyeessaa jiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa isaaniitiin; Finfinnee akka maqaa ishiitti miidhagsuuf waadaa gallerratti hundaa'uun, waggoottan shanan darban keessatti jijjiiramoota bu'uuraa fi hundee-qabeessa ta'an hedduu raawwachuu dandeenyee jirra jedhaniiru. Dabalataanis, ilaalchota boodatti hafoo fi rakkoolee hundee gadi fageeffatanirratti, jabeenyaan qabsaa’uun, Finfinnee siyaasa faayidaa hin qabne wal-dhiibuu fi wal-harkisuurraa walaba kan taate, gidduu-gala nageenyaa fi misoomaa gochuun akka danda'ame dubbataniiru. Akka fakkeenyaattis, Gidduu-gala Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaaruudhaan, bu'uura seenessa waloo fi walitti qabaa ta'e ijaaruu dandeessisu ta’uusaa akka ragaatti hubachiisaniiru. Finfinneetti nageenyi fulla'aan akka mirkanaa'u, miidhagduu, magariisaa fi qulqulluu gochuun, fakkeenya badhaadhina Itiyoophiyaa akka taatuuf bu'uuraaleen dandeessisan lafa qabachaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalattii jijjiiruudhaan, magaalittiin Afriikaa keessaa magaalota qulqulluu kudhan keessaa tokko ta'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu ishee kaasaniiru. Uwwisni Magariisummaa Magaalattii dhibbeentaa 2tuqaa8 irra ture gara dhibbeentaa 24tti ol guddachuun isaas ragaa jijjiirama bu'uuraa kan biroo ta'uusaa eeraniiru. Daandileen Finfinnee bal'aa, dukkana magaalittii dura ture ifaatti jijjiiramuu kan ibsan kantiiba Adaanech; kunis dandeettii Magaalittiin yaa'iiwwanii fi daawwattootaa hedduu keessumsiisuuf qabdu akka dabale ibsaniiru. Giddu-gala dippilomaasii ta'uunshees caalaatti cimee, Itiyoophiyaanota qofa osoo hin taane, Afriikaanotni hundi 'Magaalaa guddoo keenya' jedhanii kan waamanii fi hunda keenyaa kan boonsu ta'uu ishee ibsaniiru.

Hawaasummaa
Magaalaa Shaambuutti Tajaajila Lammummaa Gannatiin arjoomni dhiigaa gaggeeffame.
Jul 14, 2026 132
Adoolessa, 7/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin arjoomi dhiigaa gaggeeffamuun ibsame. Sagantaa tajaajila lammummaa waktii gannaa gageeffamu keessaa Arjoomni dhiigaa tokko yoo ta’u, dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 arjoomaan walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Godinichatti tajaajila lammummaa gannaan qindoomina Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa fi Baankii dhiigaa damee Shaambuutiin hojiin dhiiga arjoomaan walitti qabuu ciminaan hojjetamaa jira. Hojii gaggeessaa olaanaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Taaddalaa Dheeressaa akka jedhanitti, tajaajila lammummaatiin dhiiga walitti qabuun tajaajila fayyaa dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.   Dhiiga bakka bu'uun lubbuu bakka bu'insa hin qabne baraaruu waan ta'eef dhiiga arjoomaa jiraachuu tola ooltootni Magaalaa Shaambuu tokko tokko himaniiru. Hojii gaggeessaan Baankii dhiigaa damee Shaambuu obbo Shifarraa Tolasaa gamasaaniin, Baankiin dhiigaa damee shaambuu erga hundaa'ee yeroo gabaabaa ta'us haadholii, Daa'immanii fi namoota balaa tasaan dhiiga dhaban baraaraa jiraachuu fi bara kana dhiiga yuunitii kuma 2 fi 500 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dhiiga arjoomuun faayidaa malee miidhaa akka hin qabnee fi hawaasni hirmaannaa isaa cimsuun rakkoo dhiigaan lubbuu darbu hambisuun hawaasa fayyaa buleessa horachuu irratti hojjechuun akka barbaachisus himaniiru jechuun Waajjiri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gabaaseera.  
Diinagdee
Bara baajatichaatti naannichatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa haaraa 47 hojiitti galaniiru
Jul 14, 2026 129
Adoolessa 7/2018 (ENA): Bulchiinsa Naannoo Harariitti Bara Bajataa xumurame kana keessatti industiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa haaraan 47 hojiitti galuu isaanii Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa ibse. Warshaaleen naannichatti haala mijataa industirii omishaaf uumameen omisha eegalan lammiileef carraa hojii uumaa akka jiran himameera.   Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Usmaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, naannichatti industiriiwwan omishaa babal’isuuf xiyyeeffannaan guddaan kennamaa jira jedhani. Keessattuu Sochiin Industirii Itiyoophiyaa dandeettii omishaa indaastirii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane, damicharrattis dammaqiinsa guddaa uumaa jira jedhan. Bara baajataa 2018tti industiriiwwan haaraa giddu galeessaa 7 fi xixiqqaa 47 hojiitti galchuun, dabalataan industiriiwwan haaraa 16 hojii ijaarsaa isaanii xumuranii hojii dhaabbii maashinarii eegaluu isaanii ibsaniiru. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa jedhanitti, industiriiwwan naannichatti hojiitti galfaman oomisha bakka bu’aa oomishuun sharafa alaa maddisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru. Industiriiwwan maanufaakchariingii dhiyeessii humna ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa waliin walqabatan rakkoo qaban furuuf hojjechaa akka turan, bara kanas damee industirii qofaan lammiilee 621’f carraan hojii dhaabbataa uumamuusaa ibsaniiru.   Dargaggoo Mahdi Abdulwaasii haala mijataa mootummaan uumetti fayyadamuun bara kana daldala meeshaalee manaa qindeessaniin gara omishaatti ce’uu isaanii dubbateera. Fuulduratti oomisha qulqullina qabu omishuun oomisha isaanii gara biyya alaatti erguuf karoora akka qaban eeruun, miseensota waldichaa malees dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaa ibseera. Zoonii Industirii Magaalaa Hararitti Hogganaan Warshaa Kompileeksii Nyaataa Qananii Tasfaawu Asfaawuu daakuu qamadii oomishuun hawaasa naannoo sanaaf raabsaa akka jiran himaniiru.   Yeroo ammaa kana maashinoota omishaa ammayyaa biyya alaa irraa baasii guddaadhaan galchuun babal’achaa akka jiran hubachiisaniiru. Itti dabaluunis, haalli mijataa mootummaan naannichaa industiriiwwan omishaaf uume, cimanii akka hojjetan isaan jajjabeessuu himani. Warshaa kana keessatti carraan hojii kan kennameef keessaa obbo Bishaawu Hayiluun naannichatti babal’achuun industiriiwwan carraa hojii guddisuu qofa osoo hin taane beekumsa teeknooloojii haaraa babal’isuuf gargaaraa jira jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Godina Boorana Bahaatti walitti qabinsa Galii dijitaalessuun birriin biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'ameera
Jul 14, 2026 103
Adoolessa 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatti Adeemsa walitti qabinsa galii dijitaalessuun, bara baajataa kana galii birrii biliyoona 1 ol walitti qabuun danda'amuusaa Waajjirri Galiiwwan Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi Karooraa, Hordoffii Bajataa fi Gamaggamaa Ma'aazaa Alii akka jedhanitti, adeemsa walitti qabinsa galii godinichaa saffisaa fi haqa-qabeessa taassisuuf hoj-maanni dijitaalaa diriirfameera. Kanaanis bara bajataa Kanaan dameewwan galii adda addaa irraa walitti qabuuf Birrii biliyoona 1tuqaa4 kan karoorfame keessaa, Birrii biliyoona 1tuqaa 7 ol walitti qabuun danda’amuu ibsaniiru. Galiin waggaa godinichaa irraa walitti qabame kunis karoora qabame irraa Birrii miliyoona 311 fi kuma 917 fi dhibba 8 caalmaa akka qabu beeksisaniiru. Walitti qabinsa galii kana milkeessuufis hojmaata teeknoolojii dijitaalaa diriirsuu fi gibira kaffaluun dirqama lammummaa ta'uu irratti waltajjiin hubannoo uumuu walitti fufiinsaan gaggeeffamuu isaa kaasaniiru. Magaalaa Nagallee Booranaatti dhiyeessaa fi raabsaa meeshaalee ijaarsaa kan ta'an Obbo Warquu Odaa akka jedhanitti, gibira isaanii amanamummaa fi yeroon kaffaluun dirqama isaanii bahachuusaanii ibsaniiru. Gibirri nuyi kaffallu misooma bu'uraatiif ooluun deebi'ee uummata kan fayyadu ta'uusaa hubachuu keenyaan gibira yeroon kaffalleerra jedhaniiru. Magaalichatti daldala meeshaalee garaa garaa irratti kan bobba'an Obbo Biniyaam Asaffaa gama isaaniitiin, gibira kaffaluun dirqama lammummaa fi misooma biyyaatiif ta'uu isaa dubbataniiru. Amanamummaan gibira kaffaluun nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf murteessaa waan ta'eef, hundi keenya ittigaafatamummaa keenya bahachuu akka qabnu yaada dubbataniiru. Obbo Sayid Badruu gamasaaniin gibirri kaffalan misooma biyyaatiif gumaacha mataa isaa akka qabu eeranii; amanamummaan gibira kaffaluun dorgommiin daldalaa haqa-qabeessa ta'e akka jiraatuu fi gaaffiin misooma bu'uraa uummataa deebii akka argatuuf qooda isaanii bahachuu isaanii addeessaniiru.  
Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godinichatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa Hawaasa Horsiisee-bulaa guddisaniiru
Jul 14, 2026 118
Adoolessaa 7/2018 (ENA): Pirojektoonni Jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa Godina Booranaatti ijaaraman dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa akka guddisan Bulchaa Ol'aanaan Gonichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif ibsa misooma qonnaa ilaalchisee kennaniin, naannoon Booranaa kanaan dura hongeen qoramaa ture, yeroo ammaa misooma qamadiitiin hojii guddaa hojjechaa akka jiru kaasaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaas jireenya hawaasa horsiisee-bulaa fooyyessuufi qabeenya horii balaarraa baraaruuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jira.   Kanneen keessaa saaxilamummaa hongee qonnaan-bulaa fi horsiisee-bulaa hir’isuufi haala jireenyaa fooyyessuuf, ijaarsi pirojektoota jallisii xixiqqaa fi giddu-galeessaa isaan ijoodha. Godini Booranaa godinoota pirojektoota ijaarsa bishaanii xixiqqaa fi giddu-galeessaa mootummaan naannichaa maqaa ‘Finnaa’ jedhuun moggaase kanaan fayyadamoo ta’an keessaa isa tokkodha. Bulchaan Olaanaa Godinichaa Obbo Abduusalaam Waariyoo, Godini Booranaa hanqina bokkaan hongeef kan saaxilame ta’uu kaasanii, erga pirojektiin ‘Finnaa’ hojiitti galee asitti rakkoon kun furamaa dhufuu ibsaniiru. Hidhawwan Jallisii hanga ammaatti tajaajila kennuu eegalan bishaan roobaa kuusuun yeroo hanqinni bokkaa mudatutti faayidaarra akka oolu gochuun, dandeettii dandamannaa balaa hongee hawaasichaa dabalaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Booranaatti pirojektoonni ‘Finnaa’ 18 bishaan kuusuun tajaajila kennaa akka jiran yaadachiisanii; kanaanis hawaasni horsiisee-bulaa nyaata horii, kuduraafi muduraa, qamadii fi sanyiiwwan midhaanii adda addaa oomishaa jiraachuu beeksisaniiru. Dabalataanis,kuusawwan bishaanii kanneenitti fayyadamuun nyaata horii misoomsuun, yeroo hongeen mudatutti loon rakkoof akka hin saaxilamne xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Pirojektoonni kunneen dandeettii dandamannaa balaa hawaasa horsiisee-bulaa guddisuu bira darbee, aadaa hojii jijjiiraa akka jirus hubachiisaniiru. Akka Odeeffannoon Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee-bulaa Oromiyaarraa argame mul’isutti, Pirojektoota ‘Finnaa’ jalaatti hidhawwan Jallisii 37 xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru. Barana kuusawwan jallisii kanaan bishaan meetir kiyuubiikii miiliyoona 864 kuusuun, lafa bal’aa jallisiin misoomsuun danda’amuun ibsameera.
Naannichatti Qonnaan-bulaafi Horsiisee-bulaan hundi waktii Qonnaatti hojii Misooma Qonnaarratti akka hirmaatu taasisuun danda'ameera
Jul 14, 2026 173
Adoolessa 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Qonnaan bulaafi horsiisee-bulaan waktiiwwan qonnaa hundarratti hojii misooma qonnaarratti akka hirmaatu taasisuun danda'amuusaa Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Naannichatti omishni Arfaasaa bara 2018tti misoome lafa hektaara kuma 500 olirra walitti qabamuunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ENA'f akka ibsanitti; damee qonnaatiin jireenya Qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaa naannichaa haala fulla’aa ta'een fooyyessuuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru. Haaluma kanaan, waggoottan darban keessa qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaan waktiiwwan qonnaa hundatti hojii misooma qonnaarratti akka bobba'u taasisuun danda'ameera jedhaniiru. Waktii misooma kanatti keessattuu waqtii Arfaasaa qonnaan-bultoonniifi horsiisee-bultoonni naannawaa gammoojjii jiraatan hojii qonnaarratti bal'inaan hirmaachuun,nyaataan of-danda’uu bira darbee gabaa tasgabeessuuf hojiiwwan gargaaran raawwachuu isaanii ibsaniiru. Naannichatti bara 2018 godinaalee midhaan Arfaasaa omishanitti lafa hektara miliyoona 2tti dhiyaatu midhaan adda addaatiin misoomuu isaa eeraniiru. Qonnaan-bulaan sanyiiwwan midhaanii hongee dandamachuu danda'aniifi yeroo gabaabaa keessatti gahan kanneen akka Qamadii,Bisingaa,Boqqolloo,Baaqelaafi Daagusaa akka dhiyaatan taasifamuus eeraniiru. Naannichatti bakkeewwan hojiin qonna Arfaasaa bal'inaan itti raawwatamu keessaa godinaaleen Baalee, Baalee Bahaa, Gujii, Gujii lixaa, Harargee Bahaa, Harargee lixaa, Arsii, Arsii lixaafi Booranaa kan eeraman ta’uu Obbo Bariisoon ibsaniiru. Yeroo ammaa midhaan Arfaasaan omishame bilchaate walitti qabuun jalqabuu isaa kan ibsan itti-aanaan hoogganaa kun, hamma yoonaatti midhaan lafa hektaara kuma 500 irratti misoome walitti qabamuusaa mirkaneessaniiru. Milkaa'ina misooma Arfaasaatiif Biiroon Qonnaa Naannichaa xaa'oo biyyeefi sanyiiwwan filatamoo yeroon qonnaan-bulaafi horsiisee-bulaaf dhiheessuusaa ibsuun; qophii lafaarraa eegalee hamma sassaabbii callaatti deeggarsi ogummaa fi hordoffiin walitti fufaan taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan dandeettii hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horatteetti
Jul 11, 2026 1453
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horachuushee bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo ibse. Foramiin nageenya odeeffannoo paarlaamaa idil addunyaa kaleessa Adoolessa 3 bara 2018 irraa eegalee guyyoota lamaaf galma wal gahii mana maree bakka bu’oota ummataatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Itti fayyadamni hubannoo nam-tolchee , nageenyi saayibarii, eegumsi bu’uraalee misoomaa ijoo, namoota seeraan ala deddeebisuu fi dhimmoota akka addunyaatti yaaddoo ta’an irratti waltajjii kanaan bal’inaan mari’atameera. Itti aanaan daarektara bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Daani’eel Guutaa wayita kana akka jedhanitti, yaaddoowwan nageenya Saayibarii daangaa kan cehan waan ta’eef yaaddoo qolachuuf seerota idil addunyaa wal simsiisuu fi hojiin qindoominaa murteessaadha. Biyyoonni nageenya saayibarii eegsisuu fi haleellaawwan aggaamaman seera wal siman qabaachuu akka qaban kaasanii, Itiyoophiyaanis haala Kanaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenya saayibarii eegsisuu kan ishee dandeessisu dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii horatteetti. Foramiin kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa qophheessuuf dandeettii qabdu agarsiisuu fi biyya beeksisuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Naayijeeriyaa fi foramichaa Dr. Agbadii Yeetiiyenee Fireedriik foramii Itiyoophiyaatti qophaa’erratti hirmaachuunsaanii biyyoota garagaraa irraa muuxannoo wal jijjiiruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii industirii kaaliingaa Hinduutti argamutti daarektarri hariiroo idil addunyaa Dr. Vaaruun Sutraa gamasaaniin, Itiyoophiyaan foramii kana karaa ogummaatiin gaggeessuunshee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.  
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 1594
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 1686
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 4641
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 1119
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 2981
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
ENA’n hirmaannaa qabatamaa ashaaraa magariisaarratti qabu cimsee itti ni fufa
Jul 11, 2026 1200
Adoolessa 4/2018(ENA)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hawaasa dammaqsuun gamatti qabatamaan irratti hirmaachuun qooda adda durummaasaa cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaan olaanaa Seeyifee Darribee ibsan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun Paarkii Inxooxxootti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Seeyifee Darribee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee biqiltuu dhaabuu aadaa godhatteetti. Itiyoophiyaan milkaa’ina ashaaraa magariisaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa yaaddessaa jiru qolachuuf ga’ee bahachaa jirtu addunyaaf beeksisuudhaan ENA’n qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Galmi biyyaalessaa akka milkaa’u ENA’n hawaasa dadammaqsuu fi odeeffannoo dabarsuun gamatti, adda durummaan qabatamaan hirmaachuudhaan qoodasaa akka cimsu beeksisaniiru. Keessumaa hojiiwwan Itiyoophiyaan wiirtuu ashaaraa magariisaa akka taatu hojjetaman beeksisuu fi hubannoo uumuuf hojii itti jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniif gammaduusaanii ibsaniiru. ENAtti daarektarri sagantaa qabiyyee Raahel Abbabaa, sagantichi bosona biyyattii dabaluurra darbee Itiyoophiyaan dippilomaasii magariisaatiin akka beekamtu humna guddaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun qopheessituu kitaabee Nagaariit Yeshiimmabeet Dammaqaa gamasaaniin, ogeeyyonni Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasuun cinaatti qabatamaan hirmaachuudhaan itti gaafatama biyyaalessaa bahachuu akka qaban dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti firii akka kennan kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. Qopheessaan olaanaa deeskii afaan biyya alaa Heenook Taaddalaa yaada kenneen, Itiyoophiyaan bosonashee guddisuuf hojiin hojjettu addunyaaf fakkeenya ta’aa jiraachuusaa eereera. Ogeeyyonni ENA Reedwaan Shamdasir fi Sarkaalam Zallaqaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa lalistuu uumuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha
Jul 11, 2026 658
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha jedhan ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ibsan. Balaawwan uumamaa addunyaa qoraa jiran keessaa jijjiiramni haala qilleensaa adda durummaan eerama. Dhiimmaa kana qolachuuf yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa qabatamaan jijjiirama agarsiisaa barana wagga saddettaffaa qabateera. Sagantaawwan dhaabbii biqiltuu waggoottan kanneen keessatti dhaabamaniin bosona biyyattii akka dabaluu fi haalli qilleensaa mijataan akka uumamu gochuun olitti guddina oomishaa fi oomishtummaa damee qonnaaf qooda olaanaa gumaachuusaa qaamonni garagaraa ni ibsu. Itiyoophiyaan waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan raawwate yoo ta’u bara kanas mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf hojiitti galameera. Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ENA’n dubbise, hojiin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu hawaasa addunyaaf fakkeenya guddaa kan ta’u milkaa’ina olaanaadha jechuun dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Israa’el Dr. Abrihaam Nugusee akka dubbatanitti, Imaammanni ashaaraa magariisaa fi adeemsi dhaabbii biqiltuu Itiyoophiyaan gaggeessitu guddaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi haala qilleensaa guutuu addunyaa kan yaaddessu mudannoo idil addunyaa waan ta’eef Itiyoophiyaan adeemsa kana keessumaa ardii Afriikaarraa adda durummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siriilaankaa Niirmallaa Paranaviitaa akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan sagantaa misooma magariisaa akkasii hojiirra oolchuunshee adeemsa abshaalummaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuusaa ibsuudhaan, Siriilaankaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabdu karaa hojiira oolchitu qorachaa akka jirtu ta’uushee eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan daldalaa fi dhimmoota Invastimantii Paakistaan Baasiit Saaliim Shaah gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf miidhaginaa fi hanannaa addaa gumaachuun olitti, naannawa faalama qilleensaarraa qulqullqq’e babal’isuuf gimaacha guddaa taasisuusaa eeraniiru. Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa kanarraa ga’uunsaanii dinqisiifatamuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 2668
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28160
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 13558
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 14493
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015