Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 186
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Bara baajataa xumurame kana keessatti pirojektoonni bishaan dhugaatii hamma adda addaa kuma jahaa ol xumuramuun tajaajilaaf dhiyaataniiru
Jul 31, 2026 143
Adoolessa 24/2018 (ENA): Bara baajataa 2018 xumurametti pirojektoonni bishaan dhugaatii guddina adda addaa qaban kuma jahaa ol xumuramuun tajaajilaaf kan dhiyaatan ta’uu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru. Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENAtti akka himanitti, Hojiileen bu’uuraalee misoomaa bal’aan damee bishaan dhugaatii qulqulluu keessatti hojjetaman dhiyeessii bishaanii fi uwwisni qaqqabummaa akka dabalu taasiseera jedhani. Rakkoo haadholii bishaan dhugaatii barbaachaaf karaa dheeraa walakkaa sa’aatii ol deemuun dirqama ta’e hir’isuun fayyadamummaa haadholii keessumaa baadiyyaa fooyyessee jira jedhan. Namoonni mana jireenyaa isaanii irraa kiiloo meetira tokko keessatti ykn daqiiqaa 30 gadi deemuun bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu kan danda’an ta’uu himaniiru. Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu Itiyoophiyaa yeroon fooyya’aa akka dhufe eeraniiru. Maallaqa mootummaa federaalaa fi michoota misoomaa irraa argameen baadiyyaa fi magaalaa keessatti pirojektoonni babal’ina bishaanii bal’inaan hojiirra ooluu isaanii ibsaniiru. Bara baajataa 2018 xumurame keessatti piroojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu hamma adda addaa qaban kuma jahaa ol ijaaramanii bulchiinsa federaalaa, naannoo fi magaalaan tajaajilaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen xumuramuun lakkoofsi fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu biyyaalessaa gara miiliyoona 84 ykn dhibbeentaa 75tti akka ol guddatu beeksisaniiru. Kunis mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu fi bu’uuraalee misoomaa hundaaf akka argatan gochuuf tattaaffiin gochaa jiru dhugoomaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf keessumaa naannolee biyyattii gogiinsaan miidhaman keessatti dursi akka kennamus mirkaneessaniiru. Keessattuu pirojektoota baadiyyaa, naannoo gogiinsaaf saaxilamoo fi magaalota saffisaan guddachaa jiran cimsuun tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufamu himaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo  
Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 19 ol biqiltuu gosa adda addaatiin ni uwwifama
Jul 31, 2026 216
Adoolessa 24/2018 (ENA) : Godina Shawaa Bahaatti sagantaa duula dhaabbi biqiltuu guyyaa tokkoo Wixata dhufu gaggeeffamuun lafti hektaara kuma 19 ol sanyii biqiltuu gara garaatiin akka uwwifamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu guutuu biyyaatti waggaa waggaatti geggeeffamuufi guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona hedduu dhaabuu irratti sosochii uummataa uumuuf yaadamee hojjetamudha. Itti aanaa hoogganaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka himanitti, aanaalee 11 Godinicha keessatti argaman keessatti uummata sagantaa kanarratti damaqinaan hirmaachisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa kanarratti biqiltuu faayidaa adda addaa qaban dhaabuuf hojiin biqiltuu iddoo itti dhaabbatuutti geejjibsiisuu haala of-eeggannoo qabuun raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru. Guyyaan biqiltuu dhaabuu kun akka milkaa’uuf hawaasni gubbaa hanga gadiitti koreen adda addaa dhaabuun adeemsa kana ariifachiisaa akka jiru eeranii, keessattuu dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni hojii biqiltuu geejjibsiisuu fi qopheessuu irratti hirmaannaa olaanaa gochaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana milkeessuuf lafti hektaara kuma 19 ol adda bafamee qophaa'uu dubbataniiru. Obbo Abinnet akka himanitti, hojiin biqiltuu dhaabuu kun bakkeewwan sululaa fi lafa qophaa'an garagaraa irratti kan raawwatamu ta'adha jedhani. Guyyaa sanatti Godinicha keessaa namoota miliyoona 1.2 ta'an hirmaachisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Duula kanarratis kutaaleen hawaasa hundi kan irratti argaman, gaggeessitoota, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, hojjettonni mootummaa, daldalttoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroos ni hirmaatu jedhamee eegama jedhaniru. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Pirojektoonni Godina Jimmaatti Ijaaraman Sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasiseera
Jul 31, 2026 162
Adoolessa 23/2018 (ENA): Godina Jimmaatti pirojektoonni deeggarsa Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisuu isaanii Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir ibsan. Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaaatti pirojektoonni ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru. Pirojektoota ijaaraman keessaa kuusaa galtee qonnaa, Daandiiwwan , Riqicha, buufata fayyaa dhaloota lammaffaa, giddugala gabaafi ijaarsa Gamoo Bulchiinsa Aanichaa dabalatee kan biroonis ni argamu. Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir wayita sana akka jedhanitti fayyadamummaa bu'uura misoomaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektoonni saffisaafi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti pirojektoonni Mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramani sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisaniiru jedhan. Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti, baasii Birrii biiliyoona 5 tuqaa 1 oliin pirojektoota kuma1fi 876 ol ijaaramuu isaanii dubbataniiru. Pirojektoonni kun gaaffii uummataaf deebii kan kennan ta'uu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Abdulkariim Abbaarayyaa gamasaaniitiin aanichatti bara baajataa kana keessatti baasii Birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarsi isaanii kan eegalaman pirojektoota 33 keessaa 23 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uu ibsaniiru. kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf banaa akka ta'an dubbataniiru. Gaaffii misoomaa hawaasaa deebisuuf ijaarsi bu'uura misoomaa taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu jiraataa Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Mahaammad Zeyyin Tammaam ibsaniiru. Obbo Abdullaahii AbbaaJabbal gamasaaniitiin Aanichatti ganda Dooyyuu Qaacamaatti kan ijaarame kuusaa galtee fi bakki kuusaa kanaan dura galtee qonnaa argachuuf gara aanota ollaa deemuun yeroofi maallaqaa qisaasa'aa ture akka hambiseefii dubbataniiru.  
Dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf hojjetamaa jira
Jul 31, 2026 158
Adooleessa 23/2018(ENA) Magaalaa Shaggaritti dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Wajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar, Obbo Abarraa Botoree,turtii ENA waliin taasisaniin, bara kana hojiiwwan fayyaa karoorfaman galmaan gahuuf sochii guddaa taasisaa turuu dubbataniiru. Hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluu ta'u ibsuun, bara kana dhaabbilee fayyaa magaalicha keessatti argaman babal’isuuf hojjetamaa turuu himaniiru. Hawaasni tajaajila fayyaa dhihootti akka argatuuf sochii taasifameen Keellaawwan fayyaa 11, buufata fayyaa 1, akkasumas Hospitaalli Waliigalaa 2 ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf banaa taasifamuu ibsaniiru. Kenna tajaajila dhaabilee fayyaa foyyeessuuf hawaasa hirmaachisuun hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru. kanaanis, qulqullina fayyaa fooyyessuu keessatti meeshaaleen wal’aansaa gahee olaanaa kan qaban ta'uu eeranii, Hospitaalotaafi buufataalee fayyaa ijaaramanii tajaajilaf banaa ta'an keessatti bara kana qarshii miliyoona 600 ol bajaata mootummaafi hirmaannaa hawaasaatiin meeshaaleen wal’aansaa adda addaa sadarkaa isaanii eeggataman dhaabbilee fayyaaf dhiyeessuun danda'ameera jedhan. Akkasumas, ogeessota fayyaa gahumsa qabaniifi ogummaa adda addaa qaban ogeessota 400 ol ta'an bara kana qacarrii fi jijjiirradhaan gara buufataalee fayyaa magaalichaatti dabalamuu eeraniiru. Qulqullina tajaajilaa Fayyaa Magaalichaa fooyyessuuf hojii hojjetameen haqa-qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuun uwwisi bufataa fayyaa dhibbantaa 39 kan turee bara kan dhibbentaa 62 qaqqabuusaa himaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 186
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Carraa Seenaa Keessatti Argamee, Biyya Waloo fi Nageenya Waaraa Ijaaruuf Dandeessisudha - Dr. Biraanuu Leenjisoo
Jul 30, 2026 341
Adoolessa 23/2018(ENA) : Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru biyya waloo, tasgabbii fi nageenya waaraa qabdu ijaaruuf carraa guddaa seenaa keessatti argame ta'uu Oggeessi Saayinsii Hawaasaa Dr. Biraanuu Leenjisoo ibsan.   Dr. Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, biyyi tokko kan ijaaramuu danda'u marii fi waliigaltee lammiilee fooyyessuun waan ta'eef, adeemsi kun bu'uura cimaa ijaarsa biyyaati jedhani. Itoophiyaa keessatti aadaan marii fi wal dhaggeeffachuu kan hin guddanne ta'uu kan eeran Dr. Biraanuun, seenaa siyaasaa darbe keessatti wal-amantaa fi garaagarummaa keessatti furmaata waliinii barbaaduu caalaa walitti bu'iinsatu baay'inaan calaqqisaa ture jedhaniiru. Kanaafuu, jalqabbiin aadaa marii kanaa guutummaan guutuutti rakkoo hunda yoo furuu baateyyuu, marii jalqabuun mataan isaa injifannoo fi milkaa'ina guddaa akka ta'e eeran. Komishinii Marii Biyyaalessaatiin dhimmoota seenaa fi ajandaa dhiyaatan irratti mari'achuu fi uummata gara waliigaltee walootti fiduuf adeemsi taasifamaa jiru kun haalaan barbaachisaa dha jedhaniiru. Biyya mariin keessatti hin dagaagiinii fi waliigaltee uummataatiin hin ijaaramiin keessatti sirna dimookiraasii bu'uureessuuf adeemsi marii kun mataan isaa bu'aa guddaa ta'uu fi wal-hubannoo waloo uumuu irratti gahee murteessaa akka qabu himaniiru. Itoophiyaan biyya sab-daneessaa, aadaa-daneessaa fi afaan-daneessaa ta'uushiitiin, uummatoonni biyyattii dhimmoota ijoo irratti waliigaltee waloo uumuu fi waan waloo tokko wajjin ijaaruun murteessaa akka ta'e eeraniiru. Yeroo amma kana rakkoolee jiran hiikuun kan danda'amu mari'achuun malee akka jaarraa 19ffaa humnaa fi afaan qawweetiin ijaarsa biyyaa itti fufuun akka hin danda'amne Dr. Biraanuun hubachiisaniiru. Rakkoolee fi wal-waraansa seenaa waggaa baay'ee ture hundee irraa furuudhaan biyya tasgabbii, nageenyaa fi misooma qabdu fiduuf jalqabbiin marii aadaa godhachuun amma jalqabame abdachiisaa ta'uu dubbataniiru. Mariin biyyaalessaa kun adeemsa isaatiinuu bu'aa guddaa kan qabudha; sababni isaas Itoophiyaa keessatti wajjin gadi taa'anii dubbii hiikuun aadaa waan hin ta'iniif, aadaa marii jalqabuun waan guddaa ta'uu himaniiru. Hanqinaaleen gara garaa mul'atanis, jalqabbii kana xiqqeessanii ilaaluu osoo hin taane, muuxannoo irraa argachaa fi hanqina jiran hiikaa deemuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Ijaarsa biyyaa keessatti hayyoonni siyaasaa wajjin gadi taa'anii mari'achuun, mul'ata waloo kaayyachuufi biyya eenyummaa lammiilee wal-qixxummaatti bakka bu'u ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Seenessi biyyattii seenessa gara tokkotti qofa deebi'ee osoo hin taane, seenessa uummattoota biyya kanaa wal-qixxummaan calaqqisiisu ta'uu danda'uu qabas jedhaniiru. Jalqabbii marii kana kunuunsuudhaan, rakkoolee fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessaa deemuun biyya tasgabbii fi badhaatuu ijaaruun ni danda'amas jedhaniiru. Itoophiyaa keessatti abdiin marii biyyaalessaa irratti kaa'ame guddaa waan ta'eef, dogoggora malee waan hundumaa raawwachuuf eeguu caalaa, yaalii fi adeemsa keessa sirreessaa deemuun amala marii ta'uu akka qabu dubbataniiru. Aadaa siyaasa wal-mari'achuu hin baratamne keessaa gara marii fi wal-dhaggeeffachuutti ce'uun adeemsa barumsa guddaa biyya fayyadu ta'uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jirra.-Jaal Sanyii Nagaasaa
Jul 29, 2026 573
Adoolessa 22/2018(ENA): Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jiraachuusaanii Jaal Sanyii Nagaasaa ibsan. Marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa kan jiran Jaal Sanyiin akka jedhanitti, hanga ammatti mariicha irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii’atamaa jiraachuu ibsaniiru. Waldhabdeewwan biyya keessa jiran hunda karaa nagaa fi mariitiin hiikuuf Mariin Biyyaaleessaa furtuu murteessaa ta’uu Jaal Sanyiin ibsaniiru. Waldhabdee biyya keessatti waggoota hedduudhaaf ture karaa nagaatiin furuuf mariin baay'ee murteessaa ta'uu dubbataniiru. Itti dabaluunis, yeroo ammaa wanti bosonatti nama hambisu hin jiru; kanaaf karaa nagaa fi marii akka filannootti fudhanneerra jechuun ibsaniiru. Rakkoolee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuun furmaata filatamaa akka hin taane kan eeran Jaal Sanyiin, kanaan dura sababa karaan nagaa cufamee tureef qawwee kaasuun dirqama ta’ee akka turee fi amma garuu carraa argameen rakkoolee jiran karaa nagaan furuuf filachuu isaanii dubbataniiru. Hanga ammatitti ajaandawwan adda addaa irratti garee gareen ta’uudhaan dammaqinaan mari’atamaa akka jiru himaniiru. Mariin Biyyaaleessaa kun siyaasa biyyaa keessattis ta’e rakkoolee biroo karaa nagaan furuuf carraa guddaa argameedha jedhaniiru. Hirmaattonni marichaa naannoolee hunda irraa dhufan irratti hirmaachuun isaanis rakkoolee jiran mariin furuuf carraa gaarii akka ta’e eeraniiru. Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#mariidhaan# See less
Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan waliin mari’atan
Jul 29, 2026 442
Adoolessa 22/2018 (ENA): Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan Dr.Sahiibaa Gafaroovaa fi miseensaota isaanii waliin mari’ataniiru. Mariichaanis dhimmoota hojiiwwan paarlaamaa, walitti dhufeenya dinagdee, dhimmoota naannoo fi Idil-Addunyaa irratti mari’ataniiru. Obbo Aganyoo Tashaagar wayita sana akka ibsanitti, daawwannaan kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan cimaa dhufaa jiru gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo waliinii qaban kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo dhiyoo daawwannaa Baakuutti taasisan walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan gidduutti boqonnaa haaraa banuu isaa yaadachiisaniiru. Keessattuu Azarbaajaan tajaajila gama "Masoob" tajaajila wiirtuu tokkoo fooyyessuuf deeggarsa taasiftee dinqisiifachuun, tumsi kun ammayyummaa tajaajila mootummaa irratti gumaacha olaanaa taasisuu isaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama biyyaalessaa gaggeessaa jirtu bal’inaan ibsuun, komishiniin marii biyyaalessaa adeemsa ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf gahee qabu ibsaniiru. Dabalataanis sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi pirojektoota misooma koriidaraa eegumsa naannoo, misooma waaraa fi ammayyummaa magaalotaa saffisiisuuf kan tajaajilan ta’uu hubachiisaniiru. Damee dippiloomaasii paarlamaatiin, gareewwan michummaa biyyoota lamaanii seera baasuu, ijaarsa dandeettii dhaabbataa, sirna paarlamaa dijiitaalaa, akkasumas hirmaannaa ummataa gabbisuu irratti tumsa isaanii guddisuu akka danda'an ibsanii, keessattuu walitti dhufeenyi miseensota paarlaamaa dargaggootaa fi dubartootaa cimuun walitti dhufeenya ummataa fi ummataa biyyoota lamaanii kan guddisu ta’uu kaasaniiru.  
Mariin biyyaalessaa gaaffilee uummataaf furmaata dhugaa fiduuf bu'uura kan kaa'udha – Hirmaattota
Jul 29, 2026 497
  Adoolessa 22/2018 (ENA): Yaa'iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gaaffilee uummataatiif furmaata dhugaa fiduun tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu hirmaattonni ibsan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanoota biyya keessaa fi ala jiran mariisisuun ajandaawwan marii ijoo saddeet adda baasuun dhiyeessuun isaa ni yaadatama. Kaniinis hirmaattonni kuma afur Finfinnee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti marii gaggeessaa jiru. Hirmaattonni mariichaa akka ENA’f ibsanitti; yaa'ii marii biyyaalessaa kana irratti dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta'an irratti haala ifa ta'een mariin taasifamaa jira. Yaada kennitoota keessaa Paastar Abbaayinee Bofee akka ibsanitti; mariin kun biyya keessaas ta'e biyya alaatti guutummaatti hawaasa Itiyoophiyaa kan hirmaachiseedha jedhaniiru. Mariin gaggeeffamu kun ijaarsa nageenya Itiyoophiyaatiif bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsuun; ajandaawwan filataman irratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru,. Mariin biyyaalessaa hirmaachisaan kun rakkoolee Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf turan furuun waliigaltee biyyaalessa uumuuf furmaata guddaa akka ta’u Obbo Tasfaayee Dhaabaa dubbataniiru. Kanaafis marii biyyaalisaa Itiyoophiyaaf guutuu biyyattiirra walitti dhufuun yaadasanii bilisaan ibsachaa jiraachuu ibsuun, kunis gaaffii uummataaf furmaata waaraa fiduuf bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Bara baajataa xumurame kana keessatti pirojektoonni bishaan dhugaatii hamma adda addaa kuma jahaa ol xumuramuun tajaajilaaf dhiyaataniiru
Jul 31, 2026 143
Adoolessa 24/2018 (ENA): Bara baajataa 2018 xumurametti pirojektoonni bishaan dhugaatii guddina adda addaa qaban kuma jahaa ol xumuramuun tajaajilaaf kan dhiyaatan ta’uu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru. Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENAtti akka himanitti, Hojiileen bu’uuraalee misoomaa bal’aan damee bishaan dhugaatii qulqulluu keessatti hojjetaman dhiyeessii bishaanii fi uwwisni qaqqabummaa akka dabalu taasiseera jedhani. Rakkoo haadholii bishaan dhugaatii barbaachaaf karaa dheeraa walakkaa sa’aatii ol deemuun dirqama ta’e hir’isuun fayyadamummaa haadholii keessumaa baadiyyaa fooyyessee jira jedhan. Namoonni mana jireenyaa isaanii irraa kiiloo meetira tokko keessatti ykn daqiiqaa 30 gadi deemuun bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu kan danda’an ta’uu himaniiru. Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu Itiyoophiyaa yeroon fooyya’aa akka dhufe eeraniiru. Maallaqa mootummaa federaalaa fi michoota misoomaa irraa argameen baadiyyaa fi magaalaa keessatti pirojektoonni babal’ina bishaanii bal’inaan hojiirra ooluu isaanii ibsaniiru. Bara baajataa 2018 xumurame keessatti piroojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu hamma adda addaa qaban kuma jahaa ol ijaaramanii bulchiinsa federaalaa, naannoo fi magaalaan tajaajilaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen xumuramuun lakkoofsi fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu biyyaalessaa gara miiliyoona 84 ykn dhibbeentaa 75tti akka ol guddatu beeksisaniiru. Kunis mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu fi bu’uuraalee misoomaa hundaaf akka argatan gochuuf tattaaffiin gochaa jiru dhugoomaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf keessumaa naannolee biyyattii gogiinsaan miidhaman keessatti dursi akka kennamus mirkaneessaniiru. Keessattuu pirojektoota baadiyyaa, naannoo gogiinsaaf saaxilamoo fi magaalota saffisaan guddachaa jiran cimsuun tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufamu himaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo  
Dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf hojjetamaa jira
Jul 31, 2026 158
Adooleessa 23/2018(ENA) Magaalaa Shaggaritti dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Wajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar, Obbo Abarraa Botoree,turtii ENA waliin taasisaniin, bara kana hojiiwwan fayyaa karoorfaman galmaan gahuuf sochii guddaa taasisaa turuu dubbataniiru. Hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluu ta'u ibsuun, bara kana dhaabbilee fayyaa magaalicha keessatti argaman babal’isuuf hojjetamaa turuu himaniiru. Hawaasni tajaajila fayyaa dhihootti akka argatuuf sochii taasifameen Keellaawwan fayyaa 11, buufata fayyaa 1, akkasumas Hospitaalli Waliigalaa 2 ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf banaa taasifamuu ibsaniiru. Kenna tajaajila dhaabilee fayyaa foyyeessuuf hawaasa hirmaachisuun hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru. kanaanis, qulqullina fayyaa fooyyessuu keessatti meeshaaleen wal’aansaa gahee olaanaa kan qaban ta'uu eeranii, Hospitaalotaafi buufataalee fayyaa ijaaramanii tajaajilaf banaa ta'an keessatti bara kana qarshii miliyoona 600 ol bajaata mootummaafi hirmaannaa hawaasaatiin meeshaaleen wal’aansaa adda addaa sadarkaa isaanii eeggataman dhaabbilee fayyaaf dhiyeessuun danda'ameera jedhan. Akkasumas, ogeessota fayyaa gahumsa qabaniifi ogummaa adda addaa qaban ogeessota 400 ol ta'an bara kana qacarrii fi jijjiirradhaan gara buufataalee fayyaa magaalichaatti dabalamuu eeraniiru. Qulqullina tajaajilaa Fayyaa Magaalichaa fooyyessuuf hojii hojjetameen haqa-qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuun uwwisi bufataa fayyaa dhibbantaa 39 kan turee bara kan dhibbentaa 62 qaqqabuusaa himaniiru.
Kenniinsa tajaajila fayyaa naannoo Hararii fooyyessuuf xiyyeeffatameera
Jul 29, 2026 456
Adoolessa 22/2018 (ENA)-Bara bajatichaa naannoo Harariitti damee fayyaa galtee fi humna namaan gurmeessuun kenniinsa tajaajilaa gabbisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu hogganaan biiroo fayyaa naannichaa Dr. Abdii Amiin ibsan. Bara bajataa 2019 imaammata dhukkuba ittisuu fi wal’aanuun fayyisuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu hogganaan kun ibsaniiru. Hudhaalee dhukkuba ittisuu fi waldhaanuun fayyisuurratti turan furuudhaan wal’aansa qulqullina qabu kennuuf sirna tajaajila fayyaa ammayyeessuuf akka hojjetamu eeraniiru. dheessiin fedhii hawaasaa qorichaa fi galteewwan wal’aansaa yeroo yeroon dabalaa dhufe ka’umsa godhachuun dhiheessiin galteewwan wal’aansaa akka jiraatu akka xiyyeeffatamu dubbataniiru. Bara bajataa kana inisheetiivota dijitaalaa fayyaa garagaraa bu’a qabeessummaasaa kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf akeekaman dhaabbilee fayyaa keessatti hojiitti galchuun tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuuf ni hojjetama jedhaniiru. Naamusa ogummaa ogeeyyota dhaabbilee fayyaa fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuun dhimma xiyyeeffannoon kennameef ta’uu ibsaniiru. Dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Keessumaa Sirna fayyaa fi nyaataa haadholii, daa’immanii fi dargaggootaa fooyyessuu, dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoon addaa kennamee ni hojjetama jedhaniiru. Hawaasni dhukkubarraa akka of eegu hubannoon ni uumama jedhaniiru. Ijaarsarratti kan argaman Hospitaalli walii galaa Dirree Xiyyaaraa fi kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa walii galaa Miiyaayi hatattamaan xumuruuf ni hojjetama jedhaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa deeggarsa guddisuun fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira
Jul 28, 2026 325
Adoolessa 21/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa aadaa deeggarsaa guddisuu fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii. Magaalaa Jimmaatti tajaajila tola ooltummaan qarshii miliyoona 63 ol baasii taasisuun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf nyaataa fi meeshaaleen deeggarsaaf oolaniiru. Deeggarsa taasifame keessaa jireenya lammiilee itti fufinsaan kan fooyyessuu danda’an gaagura kanniisaa fi cuucii lukkuu ta’uu ibsameera. Akka itti gaafatamaan damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii himanitti kallattii mootummaan kaa’e keessaa tokko tajaajila tola ooltummaatiin jireenya lammiilee fooyyessuudha jedhani. Itti dabaluunis tajaajilli tola ooltummaa hojii jijjiiramaa fi misooma walitti fiduun jireenya lammiilee jijjiiru ta’uu ibsaniiru. Tajaajilli kun aadaa wal-deeggarsa horachuu fi jireenya lammiilee haala qabatamaa ta’een fooyyessaa akka jirus obbo Namarraan eeraniiru. Aadaa ummataa jiru keessaa tokko wal deeggarsa ta’uu eeruun, waggoota sadii hanga afur darbanitti naannichatti pirojektoonni gurguddaa 50 ol tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Deeggarsi guddaan barattoota, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroof taasifamuu fi jijjiirama fidees eeraniiru. Tajaajilli tola ooltummaa imala hiyyummaa keessaa ba’uuf karoora qabame irratti jijjiirama guddaa fidaa jiraachuu kan himan obbo Namarraan, lammiileen waggoota dura gargaarsa irratti hirkatanii turan gara of danda’uutti ce’aniiru jedhan. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaniitiin, tajaajilli tola ooltummaa aadaa wal deeggarsaafi tokkummaa lammiilee guddisa jedhan. Abbootii qabeenyaa, jiraattotaa fi dhaabbilee magaalaa Jimmaa har’a hojii tola ooltummaa kana irratti hirmaataniif galata galchaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Diinagdee
Pirojektoonni Godina Jimmaatti Ijaaraman Sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasiseera
Jul 31, 2026 162
Adoolessa 23/2018 (ENA): Godina Jimmaatti pirojektoonni deeggarsa Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisuu isaanii Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir ibsan. Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaaatti pirojektoonni ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru. Pirojektoota ijaaraman keessaa kuusaa galtee qonnaa, Daandiiwwan , Riqicha, buufata fayyaa dhaloota lammaffaa, giddugala gabaafi ijaarsa Gamoo Bulchiinsa Aanichaa dabalatee kan biroonis ni argamu. Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir wayita sana akka jedhanitti fayyadamummaa bu'uura misoomaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektoonni saffisaafi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti pirojektoonni Mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramani sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisaniiru jedhan. Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti, baasii Birrii biiliyoona 5 tuqaa 1 oliin pirojektoota kuma1fi 876 ol ijaaramuu isaanii dubbataniiru. Pirojektoonni kun gaaffii uummataaf deebii kan kennan ta'uu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Abdulkariim Abbaarayyaa gamasaaniitiin aanichatti bara baajataa kana keessatti baasii Birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarsi isaanii kan eegalaman pirojektoota 33 keessaa 23 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uu ibsaniiru. kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf banaa akka ta'an dubbataniiru. Gaaffii misoomaa hawaasaa deebisuuf ijaarsi bu'uura misoomaa taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu jiraataa Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Mahaammad Zeyyin Tammaam ibsaniiru. Obbo Abdullaahii AbbaaJabbal gamasaaniitiin Aanichatti ganda Dooyyuu Qaacamaatti kan ijaarame kuusaa galtee fi bakki kuusaa kanaan dura galtee qonnaa argachuuf gara aanota ollaa deemuun yeroofi maallaqaa qisaasa'aa ture akka hambiseefii dubbataniiru.  
Omishni fi itti fayyadamni damma Godinichaa dabaleera
Jul 31, 2026 119
Adoolessa 24/2018 (ENA): Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa akka beeksisetti teeknooloojiin oomisha dammaa, dhiyeessii fi itti fayyadamni Godinicha keessatti dabaluu isaa beeksiseera. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Awal Mahaammad ENAtti akka himanitti, waggoota shanan darban keessatti omisha dammaaf xiyyeeffannoon kennameef jijjiramni damee kanarratti akka uumamu taasiseera jedhani.   Dameen kun hojii isaaf barbaachisan Gaagura ammayyaa fi teeknooloojiiwwan kanaan walqabatan bal’inaan raabsuun damicha babal’isuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Kana hordofuun waggaa shan dura omishni damma Godinicha keessatti toonii kuma 5 hin caalleen gara toonii kuma 20tti ol guddachuu ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultootaa fi lammiilee daldala dammaa irratti bobba’aniif akkasumas lammiilee omisha gaaguraa irratti bobba’aniif carraan hojii uumameera. Godinicha aanaa Bachoo keessatti qonnaan bultoonnii fi waldaaleen kuma 8 ol horsiisa kanniisaa fi oomisha dammaa irratti bobba’anii hojjechaa jiru jedhan itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa obbo Tasfaayee Deebisaa. Waajjirichi xiyyeeffannoo dhiheessii gaagura ammayyaatiif kenneen waldaalee fi qonnaan bultootaaf gaagura kuma 50 ol dhiyeessuu danda’eera jedhan. Qonnaan bultoota misooma omisha dammaa irratti hirmaatan keessaa aadde Ayinaalam Geetachoo oomisha damma isaanii gaagura12’n kan jalqaban amma gara gaagura 50tti guddisuu himaniiru.   Omisha dammaa kana irraa maatii ittiin bulchaa jiraachuu eeruun, waggaatti damma kiiloo giraama 300 gabaaf dhiyeessuu dubbataniiru. Dargaggoo Baashuu Abdurahmaan fi hiriyyoonni isaa waldaan gurmaa’anii omisha dammaa irratti milkaa'uu isaanii dubbateera. Damee kanarratti cimanii hojjechuun carraa hojii uumuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus himaniiru. Walumaagalatti qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa kuma 70 ol horsiisa kanniisaa fi omisha dammaa irratti bobba’anii jiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni Godina Jimmaatti Ijaaraman Sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasiseera
Jul 30, 2026 365
Adoolessa 23/2018 (ENA): Godina Jimmaatti pirojektoonni deeggarsa Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisuu isaanii Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir ibsan. Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaaatti pirojektoonni ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru. Pirojektoota ijaaraman keessaa kuusaa galtee qonnaa, Daandiiwwan , Riqicha, buufata fayyaa dhaloota lammaffaa, giddugala gabaafi ijaarsa Gamoo Bulchiinsa Aanichaa dabalatee kan biroonis ni argamu. Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir wayita sana akka jedhanitti fayyadamummaa bu'uura misoomaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektoonni saffisaafi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti pirojektoonni Mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramani sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisaniiru jedhan. Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti, baasii Birrii biiliyoona 5 tuqaa 1 oliin pirojektoota kuma1fi 876 ol ijaaramuu isaanii dubbataniiru. Pirojektoonni kun gaaffii uummataaf deebii kan kennan ta'uu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Abdulkariim Abbaarayyaa gamasaaniitiin aanichatti bara baajataa kana keessatti baasii Birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarsi isaanii kan eegalaman pirojektoota 33 keessaa 23 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uu ibsaniiru. kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf banaa akka ta'an dubbataniiru. Gaaffii misoomaa hawaasaa deebisuuf ijaarsi bu'uura misoomaa taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu jiraataa Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Mahaammad Zeyyin Tammaam ibsaniiru. Obbo Abdullaahii AbbaaJabbal gamasaaniitiin Aanichatti ganda Dooyyuu Qaacamaatti kan ijaarame kuusaa galtee fi bakki kuusaa kanaan dura galtee qonnaa argachuuf gara aanota ollaa deemuun yeroofi maallaqaa qisaasa'aa ture akka hambiseefii dubbataniiru.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 656
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 385
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 384
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.   Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.   Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Jijjiiramni Magaalaa Finfinneetti argame magaalittii gara wiirtuu Turizimii Afriikaatti ishee guddiseera-Komishinara Hundee Kabbadaa
Jul 25, 2026 355
Adoolessa 18/2018 (ENA): Jijjiiramni bal’aan Finfinneetti adeemsifame magaalattiin giddugala Turizimii ardii irraa gara wiirtuu Turizimii Afrikaatti akka jijjiiramtu ishee taasiseera jedhan Komishinarri Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa. Dhaabbanni miidiyaa Palsi Of Afriikaa(POA) fi Komishiniin Tuurizimii Finfinnee damee Turizimii irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaltee tumsaa waliif mallatteessaniiru. Waliigaltee kana kan mallatteessan hoji gaggeessaan ENA obbo Seeyifee Darribee fi Komishinara Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaadha.   Komishinar Hundee Kabbadaa sirna waliif mallatteessuu kanarratti akka ibsanitti, waliigaltichi hariiroo hojii kanaan dura jiru irratti sona guddaa dabaluu fi sadarkaa walta’iinsa olaanaatti kan ceesisu ta’a jedhani. Waliigaltichi hojiiwwan Turiizimii hunda galeessa Finfinnee bal’inaan beeksisuudhaan sochii Turizimii cimsuu fi guddina damichaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee waggoota darban keessa bakkeewwan gahumsa Turizimii hedduu fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaramaniin moodeela magaalaa i ta’uus akka dandeesse ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Finfinneen wiirtuu Turizimii konfiraansii ardii kanaa keessatti adda duree ta’uu ibsuun, bara baajataa xumurame keessatti konfiraansii idil-addunyaa 221 milkaa’inaan keessummeessuu ishee ibsaniiru.   ENA’n dantaa biyyaalessaaf dursa kennuun, bifa biyyaalessaa ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo hojii gaggeessaa olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribeedha ENA’n dhaabbata seenaa keessatti adda duree ta’ee fi deeggarsa odeeffannoo fi oduutiin ummatoota Afriikaa koloneeffannaa jalaa bilisa baasuu keessatti gahee ijaarsaa taphate ta’uu yaadachiisaniiru. Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan hundeeffame Palsi of Afriikaan(POA), mul’ata Paan-Afrikaazimii abbootii keenyaa itti fufsiisuuf dhaabbata jalqabame ta’uu yaadachiisaniiru. Dhaabbanni miidiyaa Puulsii Afrikaa (POA) yeroo ammaa kana waa’ee Afrikaa seeneffama jallaa sirreessuu fi ardii kana dhugaa qabatamaa ta’een dhiyeessuun suuraa idil-addunyaa fooyya’aa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haala kanaan fayyadamummaa Turizimii fi bu’aa misoomaa Finfinnee bal’inaan daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti beeksisuuf gahee olaanaa qaba jedhan. Waliigalteen tumsaa kun, suuraa magaalattii guddisuu bira darbee, Afriikaanonni waa’ee pirojektoota misoomaa Finfinnee akka baratan gochuudhaan, yaa’insa Turizimii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Dabalataanis waliigalteen tumsaa kun bu’aa qabatamaatti kan jijjiiramu ta’uu fi afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun dandeettii Turizimii magaalaa Finfinnee addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin akka taasifamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2538
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3914
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 19 ol biqiltuu gosa adda addaatiin ni uwwifama
Jul 31, 2026 216
Adoolessa 24/2018 (ENA) : Godina Shawaa Bahaatti sagantaa duula dhaabbi biqiltuu guyyaa tokkoo Wixata dhufu gaggeeffamuun lafti hektaara kuma 19 ol sanyii biqiltuu gara garaatiin akka uwwifamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu guutuu biyyaatti waggaa waggaatti geggeeffamuufi guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona hedduu dhaabuu irratti sosochii uummataa uumuuf yaadamee hojjetamudha. Itti aanaa hoogganaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka himanitti, aanaalee 11 Godinicha keessatti argaman keessatti uummata sagantaa kanarratti damaqinaan hirmaachisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa kanarratti biqiltuu faayidaa adda addaa qaban dhaabuuf hojiin biqiltuu iddoo itti dhaabbatuutti geejjibsiisuu haala of-eeggannoo qabuun raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru. Guyyaan biqiltuu dhaabuu kun akka milkaa’uuf hawaasni gubbaa hanga gadiitti koreen adda addaa dhaabuun adeemsa kana ariifachiisaa akka jiru eeranii, keessattuu dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni hojii biqiltuu geejjibsiisuu fi qopheessuu irratti hirmaannaa olaanaa gochaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana milkeessuuf lafti hektaara kuma 19 ol adda bafamee qophaa'uu dubbataniiru. Obbo Abinnet akka himanitti, hojiin biqiltuu dhaabuu kun bakkeewwan sululaa fi lafa qophaa'an garagaraa irratti kan raawwatamu ta'adha jedhani. Guyyaa sanatti Godinicha keessaa namoota miliyoona 1.2 ta'an hirmaachisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Duula kanarratis kutaaleen hawaasa hundi kan irratti argaman, gaggeessitoota, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, hojjettonni mootummaa, daldalttoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroos ni hirmaatu jedhamee eegama jedhaniru. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
ENA’n Odeeffannoo Saffiisaa Dhiheessuu Qofa Osoo Hin Taane, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Irrattis Hirmaannaa Cimaa Taasisaa Jira
Jul 31, 2026 135
Adoolessa 24/ 2018 (ENA) : ENA’n odeeffannoo sirrii, amanamaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dhiyeessuu qofa osoo hin taane, sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyaaleessaa milkeessuuf hirmaannaa qabatamaa taasisaa jiraachuu Itti Aanaan Hogganaa Olaanaa ENA Obbo Abrahaa Girmaay ibsan. Itoophiyaan erga sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalqabdee biqiltuu biliyoona 48 ol dhaabuun milkaa'ina seenaqabeessa galmeessiteetti. Bara kanattis biqiltuu biliyoona 8 dabalataan dhaabuuf karoorfattee hojii jalqabdeetti. Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, lammiileen Itoophiyaa hundi Wiixata dhufu tokkummaadhaan bahuun guyyaa tokko keessatti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama. Kaayyoo kana milkeessuuf hooggantoonnii fi hojjettoonni ENA Paarkii Inxooxoo keessatti argamuun biqiltuu dhaabaniiru. Obbo Abrahaa Girmaay akka himanitti, ENA’n madda odeeffannoo amanamaa ta'uu bira darbee hojiiwwan misooma biyyaarratti mootummaa fi uummata waliin hirmaannaa cimaa taasisaa jira jedhani. Dhaabbatichi akka aadaatti fudhachuun, hojjettoonni ENA waggaa waggaan sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti hirmaachuun jijjiirama qilleensaa hir'isuu fi uwwisa bosonaa biyyattii guddisuuf gumaacha isaanii bahachaa jiru. Kana malees, biqiltoonni har’a dhaabbamaan naannoo waliin kan wal simuu fi hanga sirnaan latanii guddatanitti kunuunsaa fi eegumsi barbaachisu akka taasifamu ibsaniruu. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaadannoo "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaa magariisa, miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu ijaaruun dirqama dhalootaa ta'uu irratti hirmaattonni hojjettoota ENA isaanii ibsaniiru. Daayirektarri Seeraa, Naamusaa fi Dhimmoota Addaa ENA aadde Taaddalech Boggaalaa, dhaabbatichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa hojii qabatamaatiin bahachaa jiraachuu eeruun, sagantaan Ashaaraa Magariisaas hojiiwwan mootummaa kana keessaa isa tokko ta'uu himaniiru. Ogeessi Bulchiinsa Qabeenyaa aadde Buzaayyoo Abaataa, yeroo jahaffaaf saganticha irratti hirmaachuu isaanii ibsuun, biqiltoonni dhaabbatan akka latanii guddatanitti kunuunsa barbaachisu hunda akka taasisan mirkaneessaniiru. Akkasumas, Ogeettiin Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa aadde Haagaree Tasfaahuun, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane sirnaan kunuunsuun dhiqama biyyee ittisuu, gabbina biyyee eeguu fi naannoo magariisaa uumuuf murteessaa ta'uu dubbataniiru. Kanaafis kunuunsa itti fufiinsa qabu gochuuf qophaa'oo ta'uu isaanii ibsaniiru. Waggoota saddeet darban keessatti ENA’n sagantaalee ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaatee, eegumsa naannoo fi guddina uwwisa bosonaa biyyattii keessatti gumaacheera. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Sagantaa duula dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaachuun ashaaraa keenya kaa’uuf qophoofneerra – Jiraattota
Jul 31, 2026 126
Adoolessa 24/2018 (ENA): Jiraattoonni Naannoo Hararii Sagantaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan ashaaraa isaanii kaa'uuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa Magarisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo irratti wiixata dhufu gaggeeffamuun biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorfameera. Sagantaa dhaabbii biqiltuu magarisaa guyyaa tokkoo Naannoo Harariitti gaggeeffamuuf biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban dhaabbiif qophaa'aniiru. Jiraattoonni naannichaa ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa faayidaa hedduu qabu hubachuudhaan, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoorratti hirmaachuudhaan ashaaraa isaanii kaa'uuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Jiraattota keessaa Salamoon Fiqiree waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaan lafti miidhame deebi’ee akka dandamatuu fi omishtummaan akka guddatuuf gahee isaanii ba'achuu isaanii ibsaniiru. Hojicha itti fufsiisuunis sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo kan bara kanaa irratti kaka'umsaan hirmaachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Waggaa waggaan sagantaa dhaabbii biqiltuurratti hirmaachuun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir'isuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee ishee ba'achaa jiraachuu Masaay Silashii ibsiteetti. Sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoorratti hirmaachuu qofa osoo hin taane, kunuunsuudhaan bu'aaf akka ga'an hojjechuuf qophaa'uu ishee ibsiteerti. Jiraataan Magaalaa biroon Obbo Abdullaaziiz Kadiir waggoota torban darban sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti biqiltuu dhaabuudhaan hirmaachaa turuu isaanii yaadachiisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkoo kan baranaarratti hirmaachuuf qophaa'uu isaaniis dubbataniiru. Waggaa waggaan biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane kunuunsaafi eegumsa barbaachisaa taasisaa turuu isaanii kan dubbatan immoo Saabiit Xahaati. Jiraataan Magaalattii biqiltuu dhaabuu aadaa godhachaa dhufuu isaanii eeranii, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magarisaa guyyaa tokkootiifis qophaa'uu isaanii dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 466 dhaabuuf qophiin xumurame.
Jul 31, 2026 137
Adoolessa 24/2018(ENA): Biiroon Qonnaa Oromiyaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera. Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu Naannoo Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamuun mata duree 'Abdii Haa Dhaabnu' jedhuun biqiltuu mil. 466 lafa heektaara 182,105 irratti kan dhaabamu ta'uu himanii, kanaafis iddoowwan 4,778 adda bahanii jiraachuu dubbataniiru. Hojii sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tiin akka Naannoo Oromiyaatti buufataalee biqiltuu kuma 27 keessatti biqiltuu gosa adda addaa bil. 5.3 dhaabbiif qophaa'ee jiraachuu, 4.34 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu biliyoona 3.5 ol dhabbateera. Naannoo Oromiyaatti sosochiin duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kan eegalame yoo ta'u, waggoottan 7’n darbanitti naannichatti biqiltuuwwan faayidaa garagaraaf oolan biliyoonni 28.2 ol lafa hektaara miiliyoona 8.2 irra dhaabbachuu Obbo Geetuun himanii, biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 85 qabachuu (latuu)himaniiru. Hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin uwwisni bosonaa Naannoo keenyaa gara %17 qofa ture gara dhibbeentaa 29 ol guddachuu himaanii, dabalataanis haroowwan gogan deebi'uu, dhiqamni biyyee hir'achuufi carraawwan hojii hedduun uumamuu kaasaniiru. Hojiin inisheetiivi magariisaatiin hojjetame dinagdee guddisuu irra darbee dhimma dippiloomaasiis ta'uu danda'eera jedhan. Sagantaa dhaabbi biqiltuuAshaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana irrattis namoonni mil. 15 ol kan hirmaatan ta'uu himanii, guyyaa kanas hawaasni keenya tokkummaan bahee abdii egeree dhaabuudhaan Ashaaraa isaa kaa'u akka qabu waamicha dhiheessuu isaanii BKMNO ibseera. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 29066
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15227
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15409
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015