ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisuu danda’an cimsuuf akka hojjataan ibsan.
Oct 12, 2026 103
Onkololeessa 2/2019 (ENA):-Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummataaf argamsiisan irratti tumsa isaanii cimsanii akka waliin hojjetan beeksisaniiru. Walgahiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa har’a Baankook, Taayilaanditti jalqabameera. Jilli olaanaa Itoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa irratti hirmaachuuf Baankook jira. De'eetaan Ministiraa Maallaqaa Aadde Tigist Fissahaa dabalatee, hooggantoonni mootummaa Itoophiyaa jila kana keessatti hammatamaniiru. Jilli Itoophiyaa walgahicha cinaatti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Baankii Addunyaa, Dooktar Niidiyaamé Diyoop waliin marii taasiseera. Marichis tumsa misoomaa dameewwan garaagaraa irratti xiyyeeffateera. Marii kanaanis hariiroon tumsa cimaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa gidduu jiru gamaaggamamuu, akkasumas kallattiiwwan tumsa gara fuulduraa fi dameewwan dursa kennamuuf qaban irratti mari’atamuun ibsameera. Dhimmoota marii keessatti xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko Bu’uura Waliigaltee Tumsa Biyyaalessaa haaraa qopheessuudha. Itti fufiinsa dinagdee gooroo mirkaneessuu, dameen dhuunfaa dorgomaa ta’e akka dagaagu taasisuu fi daldala al-ergii guddisuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo argatan keessaa isaan muraasa ta’uun eerameera. Kana malees, qonna ammayyeessuu fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’u guddisuu, sirna waliiti hidhamiinsa gatii qonnaa cimsuu, bu’uuraalee misoomaa waaraa babal’isuu fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannawaa guddisuun dhimmoota dursa argatan keessaa ta’uun ibsameera. Dabalataanis, misooma qabeenya namaa guddisuu fi sirna eegumsa hawaasaa cimsuun dhimmoota tumsa Itoophiyaafi Baankii Addunyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan ta’uun himameera. Jilli Itoophiyaa, Waltajjii 32ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32), Itoophiyaan bara 2027 keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu ilaalchisee deeggarsi teeknikaa Baankii Addunyaa cimee akka itti fufu gaaffii dhiyeesseera. Akkasumas, pirojektoonni misoomaa yeroo ammaa hojiirra jiran bu’aawwan barbaadaman yeroo gabaabaa keessatti akka argamsiisan raawwiin isaanii saffisiifamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera. Dhuma irratti, Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummata Itoophiyaaf argamsiisan milkeessuuf tumsa isaanii cimsanii fi kutannoo olaanaadhaan waliin hojjechuuf qophii qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba’achuun hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi Waliigaltee cimsan ittifufsiisuuf waadaa seenuuni - gaggeessitoota fi hojjettoota ENA
Oct 12, 2026 121
Onkoloolessa 2/2019(ENA) Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi walii galtee cimsan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaan ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa 19ffaan mata duree “Alaabaan keenya walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun guutuu biyyatti kabajamee jira. Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA guyyaa Alaabaa biyyaalessaa marii paanaalitiinii fi sirna alaabaa ol baasutiin kibajaniiru. Hojii Raawwachiisaa olaanaan ENA Obbo Seyifee Darribee wayita sana akka jedhanitti, Alaabaan biyyaalessaa hiika hedduu kan qabu mallattoo biyyaati jedhaniiru. Alaabaan Itoophiyaa itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuudhaaf, tokkummaa sab-daneessummaa eeguudhaaf fi jaalala lammimma jabeessuudhaaf itti gaafatamummaa guddaa biyyaalessaa kan qabate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis waan nurraa eegamu ba'achuun biyya jabduu dhaloota dhufuuf dabarsuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru. Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii odeeffannoowwan walii gala biyyaalessaa fi tokkummaa uummataa jabeessan bifa sirriitiin uumuudhaan jaalala lammummaa cimsuu akka qabu ibsaniiru. Gaggeessitoonni fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaaleessaa fi waliigaltee jabeessan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaani jedhaniiru. Itti Aanaa Hojii gaggeessa olaanaa ENA Obbo Nagaasii Ambaayee gama isaaniitiin akka jedhanitti, tokkummaa biyyaalessaa jabeesuuf seenessa tokkummaa cimsu gara fuulduraatti fiduun ta’uu qaba jedhaniiru. itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Obbo Tafarra Baqqalaa akka ibsanitti, ENA’n oduu fi hojiiwwan oduu walqabatan l cimsee hojjechuun walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa caalaatti jabeessuudhaaf akka hojjetu dubbataniiru. Itti Aantuu Hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Beteliheem Ababaaw gama isaniitiin alaabaan keenya mallattoo tokkummaa keenyaa ta'uu eeruun, kunis Afrikaanotaaf fakkeenya bilisummaa ta'uu dubbataniiru. Hirmaattonni marii fi hojjettoonni yaada kennaniin, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee cimsan itti fufsiisuuf waadaa kan seennudha jedhaniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #mulataguddaa
Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna-af-yaa’ii Sulxaan Abdusalaam
Oct 12, 2026 114
Onkoloolessa 2/2019 (ENA)- Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna jechuun dubbatan af-yaa’iin naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam. Guyyaan alaabaa biyyaalessaa 19ffaan “Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun naannoo Harariitti kabajameera. Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii, af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni poolisii sirnicharratti argamaniiru. Pirezidaanti Ordiin Badrii fi af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam Alaabaa Fannisaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam saganticharratti akka jedhanitti, Alaabaan abboootii keenyarraa kan dhaalle eenyummaan keenya kan ittiin beekamuu fi ibsituu eenyummaa keenyaati. Alaabaa aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Kanaaf mootummaan ida’amuu karoora biyya ceesisan hojiirra oolchuun fayyadama ummataa mirkaneessuu akka qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannichaa obbo Heenook Mulunaa gamasaaniin; guyyaan Alaabaa kabajamuunsaa dhalootaaf imaanaa kan kenninuu fi badhaadhina bu’ura cimaarra kan dhaabnudha jedhaniiru. Kanaaf Alaabaan waadaa walii galtee biyyaalessaa ittiin cimsinu, nagaa fi misooma ittiin mirkaneessinu ta’uu ibsaniiru. Alaabaan keenya bilisummaa keenyaaf raga, haaromsa keenya gaggeessuu fi Itiyoophiyaa egereef roga amansiisaa ta’ee bara baraaf ol kaafamee ni mirmirfama jedhaniiru.
Gurmaa’insi haaraan tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu hawaasaaf dhiheessuuf dandeesisa
Oct 12, 2026 117
Onkololeessa 2/2019 (ENA):- Godina Lixa Oromiyaa keessatti gurmaa’insa haaraa godinaalee ilaalchisee qaamolee hawaasaa fi qooda fudhattoota waliin mariin hubannoo uumuu eegaleera. Wixinee Labsii Godinaalee Oromiyaa qophaa’e irratti hundaa’uun, gurmaa’insa hojiiwwan murteessoo of keessatti hammateen hawaasni tajaajila sirnaawaa, qulqullina fi itti dhiheenyaan akka argatuuf kan yaadame ta’uun waltajjii marii kana irratti ibsameera. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Bulchaan Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu, haasaa baniinsaa waltajjichaa irratti taasisaniin jijjiiramoota hanga ammaatti taasifamaniin bu’aawwan gurguddaan sadarkaa gandaa irraa kaasee hanga biyyaalessaatti galmaa’anii fi lammiileen irraa fayyadamaa jiran yaadachiisaniiru. Kaayyoon gurmaa’insa haaraa godinaalee, keessumaa Godina Lixa Oromiyaa,Oromiyaa dinagdeen, nageenyaan fi misoomaan cimtuu taate ijaaruuf murteessaa ta’uu Obbo Masfiin ibsaniiru. Kana malees, gurmaa’insi kun sirna cimaa uummata tajaajilu ijaaruu fi cimsuu bira darbee, dhaloota barnootaa fi teknooloojiin gahumsa horatee sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’u uumuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Galma kana milkeessuufis halkanii fi guyyaa hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Waltajjii marii kana irratti Gorsaan Olaanaan Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa, akkasumas Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Taliilaa Tarrafaa, sanada marii gurmaa’insa godinaalee dhiheessaniiru. Obbo Taliilaan, gurmaa’insi haaraan kun tajaajila si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e hawaasaaf dhiheessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Walumaagalatti, mariin kun gurmaa’insa haaraa godinaalee irratti hubannoo uumuun, qooda fudhattoonni kaayyoo fi faayidaa isaa akka hubatan, akkasumas tajaajila mootummaa gahumsa qabu hawaasaaf dhiheessuuf yaadaafi yaada furmaataa akka kennan kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Maddaa-Koominikeeshinii Godinichaa
Ni raawwanna- Miseensotaa fi Mokonninoota Iizzii giddugal Daalol
Oct 12, 2026 150
Onkololessa2/2019 (ENA) Birmadummaa Itoophiyaa ,faayidaa biyyaalessaa fi kabaja Itoophiyaa kabachiisuudhaan Alaabaa ishee ol kaasuuf kutannoodhaan kan hojjetan ta'uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti mokonnonnii fi miseensonni ' Iizzii gidduugala Daalool' ibsan. Guyyaan Ayyaana Alaabaa 19ffaan Magaalaa Jimmaatti sirna garaagaraan bifa miidhageen kabajameera. Kabaja ayyaana kana irratti hoggantoonni ol'aanoo mootummaa, mokonnonnii fi miseensonni raayyaa, manguddoonni biyyaa akkasumas jiraattonni naannichaa hirmaataniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti gaafatamaan Ijaarsa xiinsammuu fi qophii barruu 'Iizzii gidduugala Daalool' Leetenal Koloneel Argaawu Laggasaa, hojiiwwan Itoophiyaanonni gamtaanii fi walta'insaan raawwatan dhumni isaa yeroo hunda injifannoo ta'uu ibsan. Qaamonni biyya diiguuf fi ummata saamuuf tattaaffatan kaayyoon isaanii gonkumaa kan hin milkoofne ta'uu ibsuun; faayidaa biyyaalessaa fi kabaja Itoophiyaa waaraadhaan mirkaneessuuf aarsaan biyyaaf kafalamu cimee kan ittifufu ta'uu hubachiisaniiru. Miseensota 'Iizzii gidduugala Daalool' kan ta'an ajajaa dhibbaa Alamaayyoo Chakolii fi Ajajaa dhibbaa Meelaat Kaassahuun gama isaaniitiin; birmadummaa biyya isaanii kabachiisuun fi akkuma amaleeffatan Alaabaa ol kaasuuf kutannoo cimaadhaan kan hojjetan ta'uu beeksisaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa yeroo kamittuu qaama birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyattii qoru irratti tarkaanfii madaalawaa fudhachuudhaan, faayidaan biyyaalessaa Itoophiyaa guutummatti hamma mirkanaa'utti imalli injifannoosaa cimsee kan ittifu ta’uu ibsaniiru. Kabaja ayyaanaa kana irratti kan argaman Afa-yaa'iin Mana Maree Magaalaa Jimmaa Aadde Mastaawot Yilmaa gama isaaniitiin, Alaabaan dhiigni itti kafalamee mallattoo keenya walooti jedhaniiru. Mootummaan fayyadamummaa waliigalaa ummataa guddisuun guddina waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo ol'aanaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun; gaaffiiwwan hawaasaa bu'uura godhachuudhaan jijjiirama gaarii fiduuf kutannoon kan hojjetan ta'uu dubbataniiru. Magaalaa Jimmaatti carraa hojii uumuu fi damee investimantiitiif xiyyeeffannoo addaa kennamee kan hojjetamu ta'uu kan ibsan Afa-Yaa'iin kun, Guyyaa Alaabaa kabajuun kakuu guddinaa fi tokkummaa haaraa galuudha jedhaniiru. Itti gaafatamaan Diviizyinii Komunikeeshinii Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Komaander Gazzaahenyi Awugichew, guyyaa Alaabaa barana kabajamuun isaa raayyaan daangaa biyyattii kabachiisuuf tattaaffii ol'aanaa taasisaa yeroo jirutti ta'uu isaatiin hiika addaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Lammiin hundi naannoo argamutti nagaa fi tasgabbii eegsisuudhaan, tokkummaa ummataa cimsasaa fi qooda lammiummaa isaa bahachuudhaan guddina waaraa fi nageenya biyya isaatiif gumaacha taasisuun akka irraa eegamu dhaamaniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #mulataguddaa
Siyaasa

Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’ee mirkaneeffachuu fi mirga itti fayyadamuuf qabdu karaa nagaa ta’een argachuuf hojjechaa jirti — Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Oct 12, 2026 164
Onkololeessa 2/2019 (ENA):- Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’ee mirkaneeffachuu fi mirga itti fayyadamuuf qabdu karaa nagaa ta’een argachuuf hojjechaa akka jirtu Pirezidaantiin RFDI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee bakka argamanitti kabajameera. Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan mata-duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf!” jedhuun kabajamaa jira. Pireezidaant Taayyee Atsqasillaasee yeroo kanatti akka ibsanitti, Itoophiyaan imala guddinaa ishee sirrii fi milkaa’ina qabu taasisuuf kutannoon hojjechaa jirti. Agarsiiftuu kallattii guddinaa kanaa keessaa inni guddaan dhimma Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu qabdu ta’uu kaasaniiru. Kallattiin Itoophiyaan hordoftu tumsa waliinii fi faayidaa waloo naannichaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, mirga hulaa galaanaa haqa qabeessa ta’een argachuu fi itti fayyadamuu qabdu mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Kaayyoo kana milkeessuufis karaa nagaa, dippilomaasii fi qajeeltoowwan kennuu fi fudhachuu irratti hundaa’een hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Alaabaan keenya mallattoo Birmadummaa fi kabaja kenyaati Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo
Oct 12, 2026 113
Onkololessa 2/2019 (ENA) Alaabaan keenya mallattoo Birmadummaa fi kabaja kenyaati jedhan Afa-yaa'iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo Guyyaan Ayyaana Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan guutu biyyaalessaatti kabajamaa jira. Hooggantoonnifi Hojjettoonni seektaraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa Alaabaa 19ffaa Waajjira Caffeetti mata duree "Alaabaan keenya waliigaltee biyyaaleessaa fi tokkummaa keenyaaf" jedhuun kabajaniiru. Sirna kabajaa kanarratti Afa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo haasaa taasisaniin guyyaan alaabaa har'a kabajamu yeroo biyyi keenyaa mootummaa haaraa itti hundeessitetti ta'uu ibsuun, birmadummaa fi kabajni biyya keenyaa alaabaa keessatti kan mul'atu ta'uu dubbataniiru. Gootoota biyya keenyaa aarsaa qaqqaalii kaffaluun biyya birmadummaan ishee eegame nu dhaalchisan galateeffataniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamoolee nageenyaa sadarkaan jiran yeroo ammaa birmadummaa biyya keenyaaf arsaa kaffalaa jiraniifis galataa fi kabajni guddaan kan isaanif malu ta'uu ibsaniiru. Abbootiin keenyaa garaagarummaa sabummaa fi amantaa tokko malee tokkummaan biyya keenya diinarraa bilisa baasuun alaabaan biyya keenyaa fakkeenya Afrikaa ta'uun addunyaarratti akka mirmirfamu taasisuu kaasuun, dhaloonni har'aas tokko ta'uun imala badhaadhinaa biyyi keenya eegalte cimsee itti fuufsiisuun biyya badhaate ijaaree dhaloota egeree dhaalchisuun seenaa haaraa hojjechuu akka qabus dhaamaniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Ergaa itti aanaa Ministira Muummee Obbo Tamsgeen Xurunaa
Oct 12, 2026 130
Alaabaan keenya mallattoo duudhaa Ida’amuu, tokkummaa keenyaafi olka’insa Itoophiyaa ti! Har’a Guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaa kabajneerra! Alaabaan biyyaalessaa seenaa wareegama abbootii keenyaa kan nu yaadachiisu, cichoomina hojii har’aa keenyaa kan calaqqisiisu, akkasumas mul’ata badhaadhina egeree keenyaa kan agarsiisu mallattoo olka’insa biyya keenyaa ti. Kaayyoon ijoo Mootummaa Ida’amuu Itoophiyaa tokkummaa, nageenya, misoomaa fi badhaadhina gama hundaan mirkaneessuun biyya keenya gara sadarkaa olaanaatti ceesisuudha. Alaabaan keenya mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa ta’uu qaba malee madda garaagarummaa keenyaa ta’uu hin qabu. Saba, afaan, aadaa fi amantiidhaan garagar haatanuu malee, eenyummaa Itoophiyaummaa keenyaa fi mul’ata misooma waliinii keenyaan tokko taaneerra. Yaad-rimeen Ida’amuu garaagarummaa keenya akka qabeenyaatti akka ilaallu, duudhaalee waliinii keenya akka cimsannu, akkasumas tumsaafi waliin hojjechuun guddinaafi badhaadhina biyya keenyaa qabatamaan akka mirkaneessinu nu kakaasa. Guyyaa biyyaalessaa guddaa kana irratti, alaabaa keenya ol kaasnee yeroo mirmirsinu, tokkummaa keenya, nageenya keenya, birmadummaa biyya keenyaa fi badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf kutannoo qabnu hojii qabatamaadhaan haa agarsiisnu. Baga Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan nagaan geenye! #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Alaabaan mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaa biyyaati
Oct 12, 2026 108
Onkololessa 2/2019 (ENA) Alaabaan mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaati jedhan Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Ahimad Shidee. Guyyaan Ayyaana Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaan bakka Pirezidaantiin FDRI Taayyee AtsqaSillaasee argamanitti kabajamaa jira. Ayyaanichi mataduree ‘’Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf" jedhuun kabajaa jira. Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Ahimad Shidee guyyaa Alaabaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin " baga guyyaa Ayyaana Alaabaa bara kanaatiin nagaan geessan" jedhaniiru. Barana marsaa 19ffaaf kan kabajamu guyyaan kun mata duree murteessaa fi yeroo isaatiin walsimatuun kabajamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Alaabaan keenya seenaa waloo Itoophiyaa kan irratti barreeffame, mallattoo ciminaa fi gootummaa keenyaa, akkasumas ibsituu birmadummaa keenyaati jedhaniiru. Mani marichaas Aangoo fi itti gaafatama seeraan kennameefiin ayyaana biyyaalessaa kana ol'aantummaan qindeessuu, hogganuu fi hojii kabaja Alaabaa ol kaasanii hojjechuu ibsaniiru. Mani mariachi Imaanaa seenaa fi ummataa kana fudhatee taatee guddaa kana qopheessuu isaatiin gammachuu guddaantu itti dhaga'ama jechuun dubbataniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa

Hawaasummaa
Barnoonni keenya galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinudha -- Obbo Shimallis Abdiisaa
Oct 10, 2026 464
Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa sirna barnootaa keessatti mudate suphuun dhaloota ofitti amanamummaa fi dorgomaa ta’e akkasumas jaalala biyyaa qabu horachuuf Sirna barnootaa qulqullina qabu, dhaqqabummaafi haqa qabeessaa ta’e hojiirra akka oolu taasisaa jira. Biiroon Barnootaa Oromiyaas barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan guyyaa har'aa magaalaa Bishooftuutti beekkamtiifi badhaasa kenneera Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin Barnoonni keenya egeree keenya, meeshaa waa hundaan itti dursinu ta'uu kaasuun, Barnoonni keenyaa hundaa ol Galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinu ta'uu ibsaniiru. Barnootarratti xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun bakka kufeerraa mataasaa akka ol qabatu taasifamee jiraachuu kaasuun, sabni barnootaafi teeknolojiin hin gahoomne eessayyuu gahuu hin danda'u waan ta'eef dhaloota barnootaaf teeknoloojiidhaan gahoomsuudhaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Yeroo itti aanuuttis barnoonni keenyaa ka'ee akka dhaabbatu, dandeettii barsiisoota keenyaa fooyyeessuu, gosoota baruumsaa murteessoo ta'an irratti xiyyeeffachuufi hooggansa barnootaa fooyyeessuurratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta'uu dubbachuun, Barattoonni guyyaa har'aa badhaafaman qabxiin amma fidan qabxii sabichaa ta'uu beekuun naamusa cimaadhaan ergama qabsoo itti aanuuf of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa ni laata
Oct 10, 2026 384
Fulbaana 30/2019(ENA) Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa akkakennu beeksiseera. Biirichi sagantaa beekamtii kana mata duree ''Barnoota Qulqullina qabu Mana Barnootaa Qulqullina qabu Keessatti'' jedhuun magaalaa Bishooftuutti kan qopheesse yoo ta'u barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaa onneechiftuu kan kennu ta'a. Sagantaa badhaasa kanaanis, barattoota 165 bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessanif beekamtiifi badhaasa ni kennama jechuun BKO beeksiseera
Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatame
Oct 10, 2026 259
Fulbaana 30/2019(ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatameera. Abbootii Gadaa, haadholii Siinqee ,Qeerroofi Qarree dabalatee Qaamoleen hawaasaa garaa garaa uffata aadaa Oromoon faayamuun ayyaana irreeffatan. Irreechi Hora Ayeetuu Amboo dhiibbaa sirnoota darbaniin waggoota 126'tiif adda citee ture sirna bulchiinsa jijjiiramaatiin bakkatti deebi'uun bara kana marsaa 6ffaaf kabajame. Namootni ayyaana irreechaa kana irratti hirmaatanis mootummaan jijjiiramaa haaromsaa aadaa gaggeessaa jiruun sirna irreeffannaa bakkatti deebisuutti baay'ee gammaduu himaniiru.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture Dilbata dhufu eegalchiisa
Oct 9, 2026 358
Fulbaana 29/2019 (ENA):- Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo muraasaaf balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture, Dilbata Onkoloolessa 1/ 2019 irraa eegalee akka deebi’u beeksise. Maamiltootnis waajjira Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhihoo jiruu fi giddugala bilbilaa lakkoofsa 6787 irratti bilbiluudhaan imala isaaniif galmaa’uu fi tikeetii bitachuu akka danda’an beeksiseera. Mootummaa Ida’amuu! Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa
Diinagdee
Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisuu danda’an cimsuuf akka hojjataan ibsan.
Oct 12, 2026 103
Onkololeessa 2/2019 (ENA):-Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummataaf argamsiisan irratti tumsa isaanii cimsanii akka waliin hojjetan beeksisaniiru. Walgahiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa har’a Baankook, Taayilaanditti jalqabameera. Jilli olaanaa Itoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa irratti hirmaachuuf Baankook jira. De'eetaan Ministiraa Maallaqaa Aadde Tigist Fissahaa dabalatee, hooggantoonni mootummaa Itoophiyaa jila kana keessatti hammatamaniiru. Jilli Itoophiyaa walgahicha cinaatti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Baankii Addunyaa, Dooktar Niidiyaamé Diyoop waliin marii taasiseera. Marichis tumsa misoomaa dameewwan garaagaraa irratti xiyyeeffateera. Marii kanaanis hariiroon tumsa cimaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa gidduu jiru gamaaggamamuu, akkasumas kallattiiwwan tumsa gara fuulduraa fi dameewwan dursa kennamuuf qaban irratti mari’atamuun ibsameera. Dhimmoota marii keessatti xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko Bu’uura Waliigaltee Tumsa Biyyaalessaa haaraa qopheessuudha. Itti fufiinsa dinagdee gooroo mirkaneessuu, dameen dhuunfaa dorgomaa ta’e akka dagaagu taasisuu fi daldala al-ergii guddisuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo argatan keessaa isaan muraasa ta’uun eerameera. Kana malees, qonna ammayyeessuu fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’u guddisuu, sirna waliiti hidhamiinsa gatii qonnaa cimsuu, bu’uuraalee misoomaa waaraa babal’isuu fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannawaa guddisuun dhimmoota dursa argatan keessaa ta’uun ibsameera. Dabalataanis, misooma qabeenya namaa guddisuu fi sirna eegumsa hawaasaa cimsuun dhimmoota tumsa Itoophiyaafi Baankii Addunyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan ta’uun himameera. Jilli Itoophiyaa, Waltajjii 32ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32), Itoophiyaan bara 2027 keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu ilaalchisee deeggarsi teeknikaa Baankii Addunyaa cimee akka itti fufu gaaffii dhiyeesseera. Akkasumas, pirojektoonni misoomaa yeroo ammaa hojiirra jiran bu’aawwan barbaadaman yeroo gabaabaa keessatti akka argamsiisan raawwiin isaanii saffisiifamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera. Dhuma irratti, Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummata Itoophiyaaf argamsiisan milkeessuuf tumsa isaanii cimsanii fi kutannoo olaanaadhaan waliin hojjechuuf qophii qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 10, 2026 493
Waliigaltee Investimenti holdingii Itoophiyaa fi Saam Pireeshiyas Meetaals gidduutti taasifameen, Naannoo Diinagdee Addaa Boolee Lammiitti Zoonii dinagdee addaa ijaarame waarshaa biyyaalessaa Albuudawwan qaalii qulqulleessu eebsiisee hojii eegalchiisuu kootti gammachuu guddaantu natti dhaga'ama. Warrshaan qulqulleessaa kun waggaatti Albuudawwan qaalii ta'an toonii 600 ol qulqulleessuu danda'u kun; oomisha biyya keessatti sona dabaluuf, Damee Albuuda Itoophiyaa cimsuu fi biyya keenya riijinii Albuuda gatii qaalii ta’an taasisuuf imala eegalameef boqonnaa guddaadha. Mul'anni kun qabeenya keenya dandeettii indaastiriitiin wal-qabsiisuun galii daldala alaa guddisuuf, carraa hojii dandeettii irratti hundaa'e uumuuf, indaastirii miidhagaginaa deeggaruuf, akkasumas walitti hidhaminsa sona gatii warqee caalaatti dagaagsuuf iftoomina fi dorgomaa ta'e ijaaruuf kutannoo mootummaan 'Ida'amuu' qabu kan agarsiisudha
Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa -Obbo Shimallis Abdiisaa.
Oct 9, 2026 402
Guyyaa har’aa, jila Pirezidaantii I/A Rippabiliika Federaalawaa Naayijeeriyaa, Kab. Kashiim Shettimaan durfamuufi qooda fudhattoota biroo waliin mariifi daawwannaa dirree taasifneerra. Sirni muuxannoo waljijjiirraa kun gama tokkoon magaalomsuu, gama birootiin ce’umsa qonnaafi baadiyyaa, akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaa irratti kan xiyyeeffateedha. Muuxannoo ce’umsa qonnaafi baadiyyaa akkasumas wabii nyaataafi soorata madaalawaatiif, Oromiyaan gahiitii ta’eera. Marii keenya keessatti, ijaarsa cancala sonaa, babaldhina carraa hojiifi badhaadhinaa mirkaneessuu ilaalchisee, muuxannoo damee qonnaa keessatti horanne qoonneerra. Daawwannaan dirree ittaansee taasifnes, yaadi marii keessatti kaafne qabatamaan hojiitti hiikamaa jiraachuu mirkaneessuuf carraa kan uumedha. Kunis muuxannoo inisheetivoota ykn pirojektoota tokko tokkoon qooduu qofa osoo hintaane, imala ce’umsa qonnaafi baadiyyaa Oromiyaa keessatti maal jechuu akka ta’e; akkasumas wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuu, oomishtummaa namaa dabaluu, carraa hojii uumuu, galii dabaluu, qusannaa guddisuu, invastimantii babaldhisuufi badhaadhina mirkaneessuu keessatti hiika maal akka qabu hubachuuf carraa ture. Nubiratti qonni damee omishaa qofa miti; madda carraa hojii, galii, wabii nyaataa, soorata madaalawaafi bu’uura jireenyaafi ce’umsa dinagdeeti. Kanaaf, qonna ammayyeessuun, ka’umsa ce’umsa dinagdeeti malee gahiitii miti. Galmi keenya qonnaan bulaa oomishtummaa olaanaa qabu, wabii nyaataafi soorata madaalawaa mirkaneeffate, cancala sonaafi gabaa keessatti hirmaatu, galii guddaa argatu, qusatu, qabeenya horatu, invastimantii keessatti hirmaatufi jireenya fooyya’aa jiraatu ijaaruudha. Daawwannaan Godina Giddugaleessa Oromiyaatti taasifnes, yaada kana qabatamaan muldhiseera. Kilaastara qamadii, inisheetivoota muuziifi paappayyaa, qonnaafi horsiisa qurxummii Qooqaa, Kurfeessa Qanna Lumee, Wiirtuu Leenjii Maaddii Guutuufi Badhaadhina Maatii Mojoo akkasumas Waldaa Aksiyoona Jabduu Mootors daawwachuun wanti argine, inisheetivootafi pirojektoota adda addaa qofa osoo hintaane 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗲’𝘂𝗺𝘀𝗮𝗮 𝗾𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 ture. Galmi keenya omisha baay’isuu qofa miti. Omisha argame kuusuu, qopheessuu, kurfeessuu, sona dabaluufi gabaaf dhiyeessuu; qoteefi horsiisee bultootarraa kaasee hanga indastiriifi gabaa baldhaatti, cancala sonaafi walitti hidhamiinsaa cimaa uumuudha. Teknooloojii, jallisii, faayinaansii, sirna galtee, qorannoo, gabaafi indastirii walitti hidhuun sirna oomishtummaa haaraa ijaaruudha. Qonna damee harkaa-gara-afaanii irraa gara 𝗺𝗼𝗼𝘁𝗼𝗿𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲tti ceesisuudha. Magaalaa Mojootti, mana maatii tokkootti goruun turtiin taasifne ammoo, bakka adeemsi keenya kun jalqabaa hanga dhumaatti itti madaalame ture. Maalifi yoojenne, gaaffiin dhumaa omishni hammam dabale ykn pirojektoonni hammam baay’atan kan jedhu qofa miti. Sochiin kun qabatamaan jireenya maatii jijjiireeraa? Maatiin nyaata madaalawaa mirkaneessaa jiraa? Galiin, qusannaafi qabeenyi isaa dabalaa jiraa? Carraan hojii umamaa jiraa? Dandeettiin of-danda’uu isaa cimeeraa? Bu’uuruma kanaan, haalli maatii kanaa, ce’umsi dinagdee jalqabame jireenya qabatamaatti ce’aafi badhaadhina maatii ce’aa jiraachuu kan mirkaneessedha. Daawwannaan buufata biqiltuu '𝗸𝗮𝗮𝘀𝗵𝗲𝘄' ammoo, hiika waljijjiirraa muuxannoo kanaa guutuu kan taasise. Mudurri gabaa ‘Kaashew’, yeroo duraatiif Naayijeeriyaarraa gara Itoophiyaa dhufe. Naannoon keenyas, haala qabatamaa biyya keenyatti madaqsuu irratti hojjechaa jira. Kunis naannoon keenya muuxannoo gaarii akkuma jirutti waraabuu osoo hintaane, hubachuu, madaqsuu, haaromsuufi gara sirna ofiitti galchuu irratti dandeettii horataa dhufuu kan mirkaneessedha. Adeemsa mara keessatti, Oromiyaan muuxannoo qonnaa qofa osoo hintaane, 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗷𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗴𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂 qoodaa jira. Muuxannoo ijaarsa sirna dinagdee ummata keenya daawwataa misoomaa ta’uurraa gara abbaa jijjiiramaatti ceesisuu irratti horanne qoodaa jirra. Qoteefi horsiisee bulaa, qonna, indastirii, faayinaansii, galtee, teknoolojii, cancala omishaafi sona dabalataa ooyruurraa kaasee hanga warshaafi gabaatti jiru gidduutti hariiroo cimaa waggoottan darban ijaaraa dhufne qoodaa jirra. Kanaaf, nuuf dhimmi qonnaafi baadiyyaa dhimma wabii nyaataa qofa miti; galmoota Qabsoo Ummata Oromoo milkeessufi milkeessuu dhabuu waliin walqabata. Galmi 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 qabnu, dhaloota nyaata madaalawaa argatee guddina samuufi fayyaa qaamaa sirrii horateen utubama. Galmi 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗮𝗮𝗻𝗴𝗼𝗺𝗲 𝘂𝘂𝗺𝘂𝘂𝗳 qabnu, teknooloojii, faayinaansii, galtee, indastirii, cancala sonaafi gabaa cimsuun, qonnaa madda carraa hojii, galii, dandeettii qusannaafi invastimantii taasisuun utubama. Galmi 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝘄𝗮𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗳 qabnu, aadaa hojii cimaafi haaromaa, miira ofitti amananummaa, dandeettii ofiin dhaabachuufi harka-galfannaa alaa hambisuutiin utubama. Tokkos—sadis: dinagdeen yoo hinjabaatiin, carraan dhalootaa nidaangeffama; dhaloonni yoo hinyaadiin, hinkalaqin, dorgomaa hinta’in, dinagdeen boruu nidadhaba; sirni yoo hinjabaatin, dandeettii ummataa gara bu’aa dinagdeefi dorgomtummaatti jijjiiruun nirakkisa. Kab. Kashiim Shettimaan yeroo lammaffaaf gara Itoophiyaafi Oromiyaa dhufuun isaanii, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa akkanaa Afrikaanota gidduutti cimsuuf carraa gaariidha. Rakkooleen jiran hedduun kan walooti; furmaanni isaaniis waloomina barbaada. Kanaaf, dandeettii keenya walitti fiduu, muuxannoowwan fakkeenya ta’an qooddachuu, milkaa’inoota jiranirraa barachuufi wal-sirreessuun gara fuulduraatti waliin socho’uun dhimma cimee ittifufuu qabuudha. Walumaagalatti, adeemsa muuxannoo waljijjiirraa Itoophiyaafi Naajeeriyaa kana keessatti, MNO muuxannoo isaa qoodera. Kanaaniis qonnaa ammayyeessuun galma dhumaa osoo hintaane, ka’umsa ce’umsa dinagdee ta’uu agarsiifnerra. Akkasumas, muuxannoowwan biroo irraa qooddachaa, irraa barachaafi haala ofiitti madaqsinee gara sirna omishaa keenyatti galchaa jiraachuu mirkaneessineerra. Dhumarratti, sochii mara hawaasa boru arguu barbaannu — 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮, 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗯𝗯𝘂𝘂𝗳𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 — dhugoomsuu keessatti gahee qabuun kan madaallu ta’uu hubachiifnerra. Kun, 𝗜𝗺𝗮𝗹𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮ti! Maddaa-Oromia President Office
Gaaffiin Hulaa Galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef deebii sirrii barbaada
Oct 8, 2026 439
Fulbaana 28/2019 (ENA) Gaaffiin hulaa galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef, deebii sirrii hanga argatutti tattaaffii mootummaan taasisaa jiru akka deeggaran jiraattonni Godina Kibba Oromiyaa ibsan. Jiraattonni yaada isaanii ENA’f kennan;akka ibsanitti Gaaffii hulaa galaanaa mootummaan gaafachaa jiru dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eeef tattaaffii mootummaan hulaa galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasisaa jiru ni deeggarra jedhaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa guddina dinagdee fi wabii nageenyaatiif murteessaa waan ta’eef deebii madaalawaa barbaada; nutis gaaffichi hanga deebiii argatutti mootummaa cinaa dhaabbachuun shoora nu irraa eegamu bahuuf qophiidha jechuun jiraattonni ibsaniiru. Jiraattota kanneen keessaa jiraataan magaalaa Adoolaa Obbo Ashannaafii Daanqoo, guddina magaallichatti eegalame caalaatti cimsuudhaan itti fufsiisuuf shoora isaanii akka bahatan eeraniiru. Jiraataan magaalaa kan biraan Obbo Isheetuu Haayiluu gama isaaniitiin; mootummaan karaa nagaatiin hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii gochaa jiru kan dinqisiifatamudha jedhaniiru. Tattaaffiin diploomaasii mootummaan gochaa jiru gara hojiitti hanga jijjiiramutti mootummaa bira dhaabbachuun shoora isaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Jiraattuu magaalaa Nagellee Booranaa Aadde Rahimaa Abdullaahii gama isaaniitiin; mootummaan badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kallattii kaa’e guutummaatti akka deeggaran ibsaniiru. Bu’aawwan misoomaa kanaan dura galmeeffaman cimsuudhaan itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun dhimma filannoo hin qabneedha jechuun ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# fi Mul'ata Guddaa#
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 576
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 848
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1289
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 1637
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Ispoortii
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 732
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 893
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 664
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 1053
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2229
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1656
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1635
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 1545
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 21670
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18892
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.