ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo baga ayyaana Qilleetiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Jan 7, 2026 8
Mudde 28/2018 (ENA)-Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana Qilleetiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru. Ayyaanni Qillee kan gammachuu akka ta’u hawwaniiru.
Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Jan 7, 2026 9
Mudde 29/2018 (ENA)- Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa teessoonsaanii Finfinnee ta’e hordoftoota amantaa kiristaanaatiin baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun hawwii gaarii ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Embaasiin Ameerikaa, embaasiin Israa’eelEmbaasiin Hindi hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan ayyaanni kun kan nagaa fi gammachuu isiniif haa ta’u jechuun hawwii gaarii ibsaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaatti embaasiin Yunaayitid Kingidamayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa, gamachuu fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jibutii fi gamtaa Afriikaa fi ‘ECA’tti ergamaan addaa Abdii Mahaammud Iyibee fuula X isaaniirratti ergaa dabarsaniin obboloota koo fi michoota koo lammiilee Itiyoophiyaa ayyaana gaarii akka isiniif ta’un hawwa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Embaasiin Armeeniyaa, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Siwiizarlaand Paakistaan ayyaana gaarii akka ta’u hawwaniiru. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon Itiyoophiyaa ayyaanni Qillee kan naga fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru. Dhaabbanni godaantotaa idil addunyaa gamasaatiin, Itiyoophiyaanota hundaaf ayyaana gaarii hawwanii, hordoftoota maantaa kiristaanaaf nagaa fi gammachii akka ta’u hawweera. Ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa) ayyaanni qillee kan gammachuu fi barakataa akka ta’u hawweera. Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) guyyaa har’aa hordofoota amantaa kiristaanaatiin guutuu Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodan
Jan 7, 2026 24
Mudde 29/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad guyyaa ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) giifti duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qooduusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin ibsaniiru. Ganama addaa kana maaddii qooduun waloomaan dabarsuun keenya afuura gannoo dhugaa kan itti agarsiifnedha jedhaniiru.
Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa eegla
Jan 7, 2026 29
Mudde 29/2018(ENA)- Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa akka eegalu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan, ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota gurguddoo bara haaraa keessa eegalaman keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo miidiaa POA’f akka ibsanitti, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torbee kana keessa ni eegala. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee waggoota hedduuf itti gargaaramaa turuusaa yaadachiisaniiru. Tajaajilli buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee kennu bal’achaa dhufuun human tajaajilaa isa xumuraarra gahuusaa dubbataniiru. Kanaaf tajaajila daandii qilleensichaa bahachuu kan danda’u pirojektiin buufata Xiyyaaraa Bishooftuu ifoomuusaa dubbataniiru. Pirojektiin kun baasii doolaara biiliyoona 10 ta’uun akka jiaaramuu fi ijaarsisaas torban kana keessa akka eegalu eeraniiru.
Ayyaanni Qillee hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin kabajamaa jira
Jan 7, 2026 12
Mudde 29/2018 (ENA)-Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos((Qillee) hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin kabajamaa jira. Ayyaanni kun guyyaan dhaloota Iyyasuus kiristoos Kan itti yaadatamudha. Abbootiin amantaa ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa dabarsaniin kanneen rakkatan gargaaruu fi deeggaruun ayyaanicha dabarsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanneen human hin qabnee fi lammiilee nama isaan gargaaru hin qabne fulla’insaan akka damdamatan deeggaruun akka barbaachisu dubbataniiru. Ayyaannichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka ta’u abbootiin amantaa hawwaniiru.
Siyaasa
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Jan 4, 2026 379
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan. Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera. Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru. Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru. Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru. Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru. Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha. Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru. Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura
Jan 4, 2026 226
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 435
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 310
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera. Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan
Jan 2, 2026 311
Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru. Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha. Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera. Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha. Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera. Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru. Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru. Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru. Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera. Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru. Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture. Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru. Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera. Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a. Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru. Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama. Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru. Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera. Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha. Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.
“Hayyuun eenyu dha?”
Jan 2, 2026 301
Hayuun nama miiraan oofamu miti. Ibsituuwwan Hayyuu:- • Yaada kan kabajuu fi jaallatu • Gad-fageenyaan kan xiinxaluu fi baay’ee kan gaafatu • Kan dubbisuu fi kan ibsu • Rakkoo kan hiikuu fi furmaata kan kennu Sirna kabajaa Yunvarsiitii Finfinnee wagga 75ffaa irratti cuunfaan yaada kiyyaa kanarratti xiyyeeffata. Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mariin biyyaalessaa carraa garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Jan 2, 2026 260
Mudde 24/2018(ENA)-Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Jechuun ibsa baaseen wal dhabdeen bara dheeraa Itiyoophiyaa keessa jiruu fi ataakaroon akkasumas madda walitti bu’iinsaa kan ture bu’aa aadaa siyaasaa boodatti hafaan nurratti fe’edha jedheera tajaajilichi. Rakkoo kana maddasaarraa furuu fi dhimmoota buyyaa fi garaagarummaawwanii fi dhaadhessummaa ajandaawwan biyyaalessaarratti mul’atan fageessuuf mariin biyyaalessaa dhimma murteessaadha jedheera. Ibsi tajaajila komunikeeshinii mootummaa akka armaan gadiitti dhihaateera- Aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii rakkoosaanii mariidhaan yaadaan qofa furuu qabu amantaa jedhu qaba mootummaan. Hojiirra oolmaa isaaf ammo mootummaan hojjechaa jira. Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi karaa nagaa furuuf carraa arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha. Carraan kun qaamlee hundaaf kan baname eenyuuniyyuu kan hin qoonne carraa marii hammataadha. Carraa kanatti fayyadamuuf Hundi keenya qophaa’uu qabna. Carraan kun aadaa siyaasaa keenya badaa duudhaa obbolummaa qabnu nu jalaa dadhabsiise yaaluun fayyisuurra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma ijoodha. Carraan kun dhimmoota keenya bu’uraarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, sirna demokiraasii gabbachaa deemu ijaaruuf akkasumas wal amantaa jidduu keenyatti uumuun walta’insaa fi tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf shoora bakka hinbu’amne ni qabaata. Waraannii fi warraaqsi furmaata guutuu akka hin finne seenaa Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan kan mirkanaa’edha. Mo’annaa karaa lamaanuu argame kan yeroo fi deebisee haaloo fi jibba kanfidu ta’uunsaa irraa baranneerra. Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf aadaa dinqisiisaa rakkoo fi waldabdee jidduusaanii jiru marii fi marabbaan furuu dandeessisu qabu ture. Garuummoo duudhaan kun sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaa gabbachaa dhufeen oolee bulee dimimmisee seenessaan baaqqee addaan qoqqoodu kan ittiin beekamnu ta’uurra gaheera. Biyyoonni addunyaa hedduun afuura garaagarummaa dhaadhessummaa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuuf marii biyyaalessaa akka furmaataatti fayyadamaniiru. Nutis kana gochuuf waanti nu rakkisu akka hin jirre duudhaaleen aadaa keenyaa bakkeewwan garagaraa jiran agarsiiftuudha jedhaniiru. Kanaaf furmaata fulla’aa fiduuf fedhii siyaasaa haqa qabeessaaf garalaafummaan marii kennanii argachuunii fi furmaata waloof hundi gumaacha taasisuuf ka’uu qaba. Maraammartoon walitti bu’iinsaa fi waraanaa dabarsine gahuu qaba kan itti jennu ammadha. Walitti bu’iinsaan moataa kan hin qabne maraammartoo badii waan ta’eef marii biyyaalessaa milkaa’aa gochuu, rakkoolee karaa nagaa furuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf mijattu ijaaruu fi hunda keenya mo’ataa gochuuf nu gargaara. Kanaaf qaamni hundi marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu carra Kanaan waamicha dabarsina. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Tajaajila komunikeeshinii mootummaa Mudde bara 24/2018

Hawaasummaa
Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo baga ayyaana Qilleetiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Jan 7, 2026 8
Mudde 28/2018 (ENA)-Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana Qilleetiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru. Ayyaanni Qillee kan gammachuu akka ta’u hawwaniiru.
Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Jan 7, 2026 9
Mudde 29/2018 (ENA)- Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa teessoonsaanii Finfinnee ta’e hordoftoota amantaa kiristaanaatiin baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun hawwii gaarii ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Embaasiin Ameerikaa, embaasiin Israa’eelEmbaasiin Hindi hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan ayyaanni kun kan nagaa fi gammachuu isiniif haa ta’u jechuun hawwii gaarii ibsaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaatti embaasiin Yunaayitid Kingidamayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa, gamachuu fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jibutii fi gamtaa Afriikaa fi ‘ECA’tti ergamaan addaa Abdii Mahaammud Iyibee fuula X isaaniirratti ergaa dabarsaniin obboloota koo fi michoota koo lammiilee Itiyoophiyaa ayyaana gaarii akka isiniif ta’un hawwa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Embaasiin Armeeniyaa, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Siwiizarlaand Paakistaan ayyaana gaarii akka ta’u hawwaniiru. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon Itiyoophiyaa ayyaanni Qillee kan naga fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru. Dhaabbanni godaantotaa idil addunyaa gamasaatiin, Itiyoophiyaanota hundaaf ayyaana gaarii hawwanii, hordoftoota maantaa kiristaanaaf nagaa fi gammachii akka ta’u hawweera. Ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa) ayyaanni qillee kan gammachuu fi barakataa akka ta’u hawweera. Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) guyyaa har’aa hordofoota amantaa kiristaanaatiin guutuu Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodan
Jan 7, 2026 24
Mudde 29/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad guyyaa ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) giifti duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qooduusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin ibsaniiru. Ganama addaa kana maaddii qooduun waloomaan dabarsuun keenya afuura gannoo dhugaa kan itti agarsiifnedha jedhaniiru.
Ayyaana Qillee fi Cuuphaa ilaalchisuun balaan akka hin mudanneef qophiin haal duree barbaachisu xumurameera- Komishinii hoggansa hojii sodaa ibiddaa fi balaa Magaalaa Finfinnee
Jan 6, 2026 122
Mudde 28/2018(ENA)–Ayyaana Qillee fi Cuuphaa ilaalchisuun balaan akka hin uumamne qophiin haalduree taasaasifamuu Komishinii hoggansa hojii sodaa ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinnee beeksise. Itti aannaan Komishinaraa Komishinii hoggansa hojii soda ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Fufaa Biirichi balaan akka hin uumamneef of eeggannoo barbaachisu taasisuusaa turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ibsaniiru. Hawaasni wantoota itti fayyadamu kanneen akka Cilee, elektirikaa fi duungoo of eeggannoon fayyadamuu akka qabus hubachiiisaniiru. Itti Aanaan Komishinera Dassaalenyi Fufaa akka jedhanitti, dhaabbatichi balaa ittisuu fi wantoota ka’umsa balaa ta’an ittisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni Ayyaanota Qillee fi Cuuphaa kabajamu ilaalchisee balaan akka hin uumamneef of eeggannoo barbaachisaa taassisuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Balaan yoo uumame hojjettoonni komishinichaa fi qooda fudhattoonni deebii ariifachiisa kennuuf sa’aatii 24 qophii ta’uu ibsaniiru. Hawaasichi balaan yoo uumames bilbila bilisaan 939 hatatammaan bilbiluun beeksisuu akka qabu ibsaniiru.
Diinagdee
Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa eegla
Jan 7, 2026 29
Mudde 29/2018(ENA)- Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa akka eegalu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan, ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota gurguddoo bara haaraa keessa eegalaman keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo miidiaa POA’f akka ibsanitti, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torbee kana keessa ni eegala. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee waggoota hedduuf itti gargaaramaa turuusaa yaadachiisaniiru. Tajaajilli buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee kennu bal’achaa dhufuun human tajaajilaa isa xumuraarra gahuusaa dubbataniiru. Kanaaf tajaajila daandii qilleensichaa bahachuu kan danda’u pirojektiin buufata Xiyyaaraa Bishooftuu ifoomuusaa dubbataniiru. Pirojektiin kun baasii doolaara biiliyoona 10 ta’uun akka jiaaramuu fi ijaarsisaas torban kana keessa akka eegalu eeraniiru.
Kabaja Ayyaana Qilleerratti ibsaan akka Addaan hin ciccinne qophii gahaan taassifameera –Tajaajila humna Ibsaa
Jan 5, 2026 131
Mudde 27/2018(ENA)–Ayyaana Qilleef Addaan Ciccitinsi humnaa akka hin mudanneef qophii gahaan taassifamuu tajaajilli Humna ibsaa beeksise. Dhaabbatichi Ayyaana Qillee fi cuuphaa ilaalchisuun haalduree qophii taassiseerratti ibsa kenneera. Tajaajilichatti daarektarri oppireeshinii fi ekselansii bu’uura misoomaa Neetwoorkii Ferred Abdulsalaam ibsasaaniin, Qillee dabalatee Ayyaanota dhufanitti itti fayyadama aannisaa gidduu galeessa taassisuun addaan ciccitinsi humnaa akka hin mudanneef qophiin taassifamuu ibsaniiru. Addaan ciccitinsi yoo mudate deebii ariifachiisaa kennuuf qophiin taassifamuu ibsaniiru. Kanaafis akka gargaaruuf guutuu biyyattiitti teekinooloojii Ammayyaan deeggaramuun sakatta’insaa fi suphaa sararoota humna gidduugaleessaa baatan dursanii raawwachuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis humna tiraanisfoormarootaa guddisuu fi hojiin suphaa raawwatamuusaanii eeraniiru. Yeroo ayyaanaa sababa itti fayyadama humnaa rakkoon uumamu yoo jiraate gareen oppireeshinii deebii ariifataa kennu qophaa’uu ibsaniiru. Hawaasni yeroo Ayyaanaa dhiibbaa Aannisaa hir’isuuf hojii humna baay’ee barbaadu yeroo humni baay’een hin fayyadamnetti fakkeenyaaf galgala sa’aatii 4:00 yoo raawwatan filatamaadha jedhaniiru. Eeruu tajaajilaaf kennuuf hawaasni bibila sarara bilisaa 905 fayyadamuu akka danda’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaan bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa ni taati - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 5, 2026 109
Mudde 27/2018 (ENA)-Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa bara 2023tti moodeela badhaadhina Afrikaa taasisuuf kan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf qophaa’erratti waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasaa taasisaniiru. Akka mootummaatti Itiyoophiyaan bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uu akka qabdu mul’ata keewwannee jirra; kanas guutummaan galmaan ni geenya jechuun ibsaniiru. Akkasumas bara 2040tti immoo biyyoota addunyaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessu akeekaniiru. Mul’anni kun akka milkaa’u galmoota ijoo ta’an sadii akka jiran hubachiisaniiru: kabaja namummaa, olaantummaa dinagdee mirkaneessuu fi biyya Afriikaa ishee olaantummaa qabdu ta’uu akka ta’e hubachiisaniiru. Shoora ogeessota cehaa fi walitti hidhame gumaachuuf dammaqinaan hirmaachuu, kaayyoo ofirra darbe qabaachuu akkasumas ogummaan tajaajiluu fi riqicha ta’uun barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Itti dabaluunis danqaawwan yaadaa turan irraa bilisa haa baanu, yaada haaraa uumuuf haa hojjennu, daangaa yaadaa irra darbinee waliin taanee Itiyoophiyaa badhaate haa uumnu jedhan. Walii gallee waliin yoo dhaabbanne, waliin yoo hojjenne bu'aan galmaan gahuu dandeenyu olaanaa dha jedhan. Gaarummaa fi sammuu gaariin waliin hojjechuun Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesifna jedhaniiru doktar Abiyyi Ahimad.
Dirree Dawaatti Omishni ga'aan Ayyaanaaf dhihaateera
Jan 4, 2026 138
Mudde26/2018(ENA)– Dirree Dawaatti Gabaa Ayyaana Qilleef omishni Beelladaa fi Midhaanii haala ga’aa ta’een dhihaachuusaa Waajjirri Daldalaa Bulchiinsichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsichaa Obbo Amiinuu Xahaa akka dubbatanitti , torban Itti Aanaan Ayyaanota kabajaman shammattoonni omisha Qonnaa fi Industirii fi horii qalmaa gatii madaalawaan gabaaf dhihaateera. Gandoota Baadiyaa Bulchiinsichaatti waldaaleen gurmaa’an Omishni Qonnaa Gabaa sanbataa fi Dilbataaf dhiheessusaanii eeruun Industiriiwwan omisha nyaataas Baazaarii Daldalaa fi Egizibiishinii Magaalichatti qophaa’anitti argisisiisuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis naannoolee ollaa waliin walitti hidhaminsa uumameen omisha qonnaa fi horii qalmaa sadarkaa ga’aa ta’een gabaaf akka dhihaatu ta’uu ibsaniiru. Akka ibsa obbo Amiinuutti, ayyanota sababeeffachuun daldaltoota gatii hin malle shaqaxootarratti dabalan gochasaaniirraa akka of qusatan barsiisuurra darbee tarkaanfiin seera fudhatamaa jira. Hordoffii fi to’annaan ayyaanaa taassifamaa jiru cimuusa ibsuun daldaltoot seeraan ala gatii dabalan15n irratti tarkaanfiin Bulchiinsa fi seeraa fudhatameera. Jiraattonnis ayyaana Qillee bara kanaaf omisha industirii fi qonnaa bakkeewwan adda addaa gabaaf qophaa’anitti dhihaachuusaanii ibsaniiru. Gabaawwan ayyaanaaf qophaa’aniin omisha barbaadan bakka tokkotti gatii madaalawaan shammataa jiraachuusaanii ibsaniiru. Gatiin beelladaa kana bara darbeen yeroo madaalamu wal fakkaataa ta’uu ibsameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 6, 2026 86
Mudde 28/2018(ENA)-Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya jechuun hubachiisani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee ilaalchisuun waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasawaa taasisaniiru. Waraqaa isaanii erga dhiyeessanii boodas gaaffilee dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniiru. Wayita sanattis mootummaan misooma koriidaraa fi daandii hojjetee jiraattotaaf yeroo dhiyeessu kana immoo haala gaariin qabuun akkamiin akka danda'amurratti hayyoonni magaalummaa sammuu dhala namaa irratti hojjechuu isaan barbaachisa jedhan. Hubannoo namtolchee waliin walqabatees Itiyoophiyaan biyya abdii olaanaa qabdu ta'uu ibsaniiru. Hubannoon namtolchee kan inni barbaadu keessaa tokko humna ibsaa ta'uu eeruun, gama kanaan Itiyoophiyaan baay'ee oomishuuf humna akka qabdu mirkaneessaniiru. Humna ibsaa irratti invastii yoo goone hubannoo namtolcheef furmaata tokko arganne hechuudha jechuun ibsaniiru. Kan biroo hubannoon namtolchee kan inni barbaadu dhimma odeeffannoo(daataa) fi giddugala odeeffannoo( data centre) ta'uu hubachiisani. Galteewwan hubannoo namtolcheef oolan baay'inaan Afrikaa keessatti akka argaman himaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan
Jan 5, 2026 136
Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan. Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru. Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru. Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru. Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera. Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru. Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan. Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Sirni Gurgutaan Dijiitaalaa sochii daldalaa ariifachiisaa jira
Jan 4, 2026 168
Mudde26/2018(ENA)– Sirna gurguraa dijiitaalaa Itiyoophiyaatti guddachaa dhufeen sochii daldala ariifachiisuurra darbee faayidaa hedduu argamsiisaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Finfinnee ENA’f yaada kennen ibsan. Jiraattonni kun gabaa Ayyaana Qillee fi Ximqataa tajaajila Teelee birrini fi Mobaayil Baankiin fayydamuun bu’aa bahii tokko malee raawwachuuf qopha’uusaanii ibsaniiru. Jiraattota yaadasaanii ENA’f kennan keessaa obbo gazaahanyi Makaashaa akka ibsanitti sirni gurgurtaa Dijiitaalaa haala mijataa uumeen kaffaltii kamiyyuu teelee birri fi mobaayil Baankingiin akka raawwatan ibsaniiru. Kunis yeroo fi humna qusachuurradarbee,maallaqa socho’aa qabachuun sodaa isaan mudatuu fi burjaajjessitootarraa of eeguu akka isaan gargaare ibsaniiru. Haata’u malee ayyanota dhufaniif waantota bitan dijiitaalaan fayyadamuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Dabalataanis Doktar Saaron Siisay akka jedhanitti tajaajilli kaffaltiiwwanii ammaan dura turan deddeebbiin kan guutaman yeroo sirnaan fayyadamuuf kan hin mijanne akka turan ibsaniiru. Amma garuu tajaajilli kaffaltii hundi dijiitaalaan raawwatamuun haala hunda kan salphise ta’uu ibsaniiru. Guddina Ariifataa Itiyoophiyaan eegalte ittifufsiisuuf Addunyaa dijiitaalaatti makamuunshee kan isaan gammachiise ta’uu barsiituu Fireehiwoot Lammaa ibsaniiru. Ofiisarri olaanaan Biizinasiimanii Itiyoo teeleekoom Obbo Buruuk Adaanaa dhaabbatichi Mul’ata Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan Afran darban kaffaltiiwwan dijiitaalaa miiliyoona 57 ol ta’an gama maamiltootaan gurgurtaan birriii tiriiliyoona 6 ol raawwatameera. Ayyana Qillee fi Ximqataa dhufutti gurgurtaa dijiitaala maamiltootaa raawwatamuun maamiltoo addan citinsa tokko malee akka raawwataniif haaldureen qohii taassifamuu mirkneessaniiru.
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jan 4, 2026 100
Mudde 26/2018(ENA) – Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee ibsani. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifatti eegalsiisan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma ga’uu isaa ibsuun isaanii ni beekama. Deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee akka jedhanitti, filannoowwan teeknooloojii dijitaalaa sirnaan fayyadamuun qulqullinaa fi waliin gahinsi barnootaa akka mirkanaa’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ariitii guddina idil addunyaa hordofuun, damee barnootaan hawaasa beekumsaa fi gahumsa qabu horachuuf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa taphatee darbeera jedhani. Keessumaa adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuunii fi kenniinsa qormaataa dijitaalawaa gochuun nageenya qormaataa eeguun danda’ameera jedhani. Itti dabaluunis, tarsiimoon kun dhaabbileen barnoota olaanoo dirree leenjii imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii deeggaran akka bananii fi humna namaa damichaan gahumsa qabu oomishuuf galtee akka argataniif haala mijataa uuma jedhan. Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojii ammayyeessuun eegalame daran haala mijeessuuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 mootummaan hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru. Tarsiimoon kun lammiileen filannoowwan teeknooloojii dijitaalaatiin gargaaramuun, bakka jiran hundarraa barnoota isaanii akka hordofan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon kunis dhaqqabamummaa barnootaa fi qulqullina walitti makuun bu'aa guddaa akka qabaatu hubachiisaniiru. Damee teeknooloojii dijitaalaa irratti humna namaa ogummaa qabu horachuuf akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo indaastirichatti dhiheessuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru. Itti dabaluunis barattoonni beekumsa qabatamaa fi dandeettii teeknooloojii akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Bu’aa qorannoo dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuudhaan dameen barnootaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf itti gaafatamummaa biyyaalessaa eegamu ni fudhata jedhaniiru.
Ispoortii
Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.
Jan 4, 2026 173
Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu. Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata. Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru. Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru. Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye. Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a. Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu. Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 92
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Liigucha dursaa kan jiru Arsanaal Bornimaawuz waliin nitaphata
Jan 3, 2026 142
Mudde 25/2018 (ENA)-Sagantaan piriimar Liigii Ingiliiz torban 20ffaan har’a eegala. Guyyaa har’aa taphoonni afur ni gaggeeffamu. Bornimaawuz Arsanaal waliin galgala sa’aatii 2 fi 30tti Istaadiyeemii Vayitaalitiitti nitaphatu. Bornimaawuz qabxii 23’n sadarkaa 15ffaa qabateera. Arsanaal qabxii 45niin Liigicha dursaa jira. Har’a dirreesaarratti kan taphatu Bornimaawuz taphoota liigichaa 10 darban taphateen tokkollee hin mo’anne. Morkataansaa Arsanaal taphoota liigichaa afur darban mo’ateera. Arsanaal yoo mo’ate garaagarummaa qabxii sadarkaa lammaffaarra kan jiru Manchastar siitii waliin qabu toorbatti guddifata. Sagantaalee birootiin sadarkaa sadaffaarra kan Astonviilaan Notiingihaam foresti waliin ni taphata. Biraayitan Barnileeyi akkasumas Wolvis Westihaam Yunaayitid waliin yeroo wal fakkaataatti galgala sa’aatii 12tti ni taphatu. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama.
Jan 1, 2026 210
Mudde 23/2018(ENA)– Piriimar Liigii Ingilizitti oolmaa guyyaa dhumaa torban 19ffaan taphoonni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00 Senderlaandi Maanchister Siitii waliin Istaadiyeemii Ooflaayititti taphni gaggeessan ni eegama. Senderlaandi qabxii 28n sadarkaa 7ffaa qabateera. Maanchistar Siitiin qabxii 40n sadarkaa 2ffaarra jira. Bara Dorgommii kanatti gara Liigiitti kan guddate Senderlaandi yeroo gaarii dabarsaa jira. Haala gaariirratti kan argamu Maanchistar Siitiin gahumsa cimaa Liigichatti agarsiisaa jira. Manchistar Siitiin yoo injifate dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qaban gara 2tti gad buusa. Abbaan Istaadiyeemichaa Senderlaandi yoo injifate, bu’aa taphoota wal qixaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uu isa dandeessisa. Sagantaawwan biroon Liivarpuul Liids Yuunaayitid waliin fi Kiristaal Paalaas Fuulhaam waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu. Biriintifoordi Tootinihaam Hootisparsi waliin galgala sa’aatii 5:00 irratti ni taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Gaambeellaatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti ni hojjetama
Jan 5, 2026 83
Muddee 27/2018 (ENA)-Biiroon Qonnaa Naannoo Gaambeellaa bara kana lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti kunuunsi biyyee fi bishaanii akka hojjetamu beeksise. Daarektarri Misooma fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa Biirichaa obbo Keet Chool Daak ENAtti akka himanitti, yeroo ammaa kunuunsi qabeenya uumamaa aanaalee adda addaa keessatti hojjetamaa jira. Kunuunsi qabeenya uumamaa kun bishaan kuufamaa adda addaa 101 hojii kanaaf adda baafaman keessatti kan hojjetamu akka ta’es ibsaniiru. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii kanarratti namoonni kuma 75 akka hirmaatan eeruun, yeroo ammaa kanatti tokkoon tokkoon bishaan kuufamaa irratti ogeeyyiin qonnaa argamuun gargaarsa ogummaa kennaa akka jiran ibsaniiru. Akka naannichatti bishaan kuufamaa 168 kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa gara 50 kan ta’an misoomatti galuu himuun, kanneen hafan keessatti kunuunsii fi misoomni qabeenya uumamaa hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Itti dabaluunis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa osoo hin jalqabiin dura leenjiin, suulullii fi meeshaaleen adda baafamuu dubbataniiru. Waggoota darban keessatti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjatamaa tureen oomishnii fi oomishtummaan akka dabale eeruun, kanaanis fayyadamummaan diinagdee qonnaan bultootaa akka dabale hubachiisaniiru. Akkasumas, dhiqannaa biyyee hir’achuu fi lafti gogaa ta’e misoomuu isaa beeksiseera. Hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa kan waloo waan ta’eef hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo ammaa hojjetamaa jiru irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Godina Iluu Abbaa Booritti sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii niraawwatamu
Jan 3, 2026 128
Mudde 25/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti misooma sululaa bonaatiin sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii akka raawwatamu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Awwal Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatu gochuusaaniitiin oomishtummaan akka dabalu godheera. Hojii misoomaa hojjetameen bosonnillee dabaluusaa dabalanii ibsaniiru. Baranas misoomni sululaa qindaa’aan sululoota 257 irratti ni gaggeeffama jedhaniiru. Kutaalee hawaasaa kuma 300 caalan misooma kanarratto hirmaachisuun lafa hektaara kuma 131 misoomsuuf qophiin xumuramuu eeraniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa muuxannoowwan waggoottan darban itti fufsiisuun baranas cimanii hirmaachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Isaan keessaa jiraataan aanaa Bachoo ganda Bakkojjii qonnaan bulaan Abduu Suphaa, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin laftisaanii Kanaan dura lolaadhaan dhiqamaa ture deebi’ee waan bayyanateef oomishnisaanii guddachuusaa kaasaniiru. Kana malees madden gogan deebi’anii waan bayyanataniif bona jallisiidhaan misoomsuun oomishnisaanii guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Faayidaa eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa qabatamaan waan arganiif hojii misoomaa barana raawwatamu irratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Jiraataa aanichaa kan ta’an obbo Taarikuu Ayyalaa eegumsa biyyoo fi bishaanii Kanaan dura hojjetamaniin naannawisaanii deebi’ee waan lalisee fi filmaanni bishaanii waan babal’ateef oomishnisaanii dabaluusaa dubbataniiru. Misoomni Sululaa iddoowwan miidhaman deebi’anii akka bayyanatan waan godheef hawaasa dadammaqsuun hojii kanarratti bal’inaan hirmaachisuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Jan 2, 2026 182
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa. Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera. Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera. Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera. Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera. Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera. Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama. Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama. Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.
Hojiileen eegumsa naannoof taasifaman oomishaa fi oomishtummaa guddisaniiru- Biiricha
Dec 31, 2025 205
Mudde 22/2018(ENA) - Waggoottan darban keessa hojiileen kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf taasifameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuuz. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Abdulkariim Muusaa akka jedhanitti, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa baatii Amajjii keessa ni eegala. Hojiin kun aanaalee hunda keessatti akka hojjetamu eeruun, kutaaleen hawaasaa hedduun akka hirmaatan beeksisaniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara kuma 57 ol ta’u irratti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Bara darbe lafa heektaara kuma 52 irratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu yaadachiisaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetaman bu’aa hedduu argamsiiseera jechuun ENAtti himaniiru. Faayidaalee kanneen keessaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu, burqaawwan bishaanii guddisuu fi itti fayyadama jallisii dabaluu eeraniiru. Faayidaa kunuunsi qabeenya uumamaa qabu hedduu ta’uu hubachuun, hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Amajjii keessa eegalamu iraatti hirmaannaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1514
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9871
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.