ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaan dabalatatti dirqama hawaasummaa isaa bahachaa jira - Obbo Aaganyoo Tashaagar
Sep 17, 2026 201
Fulbaana 07/2019(ENA): Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyoo Tashaagar Manni Marichaa ergama Heera Mootummaa itti kennameen dabalataan dirqama hawaasummaa isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Manni Maree Federeeshinii fi dhaabbileen itti waamamni isaanii Mana mare Federeeshinii ta’an manneen tola ooltummaa Gannaatiin Naannoo Somaalee Magaalaa Goodeetti ijaaran fayyadamtootaaf dabarsanii kennaniiru. Manni Marichaa lammiilee galii gadi aanaa qabanii fi namoota humna hin qabne deeggaruun sadarkaa jireenya isaanii fooyyessuuf hojjechaa akka jiru Obbo Aaganyoo Tashaagar ibsaniiru. Mana duwwaa qofa osoo hin ta’iin meeshaalee mana keessaa fi midhaan nyaataaf oolu kan ji’a tokkoof itti gargaaraman waliin dabarsanii akka kennanis ibsameera. Tola ooltummaan akkanaa kunis aantummaa Manni Maree Federeeshinii ummataaf qabu kan agarsiisu yoo ta’u, gara fuulduraattis caalaatti cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Tola ooltummaan Manni Maree Federeeshinii hojjete kuni mootummaan misooma ummataa mirkaneessuuf hammam kutannoo akka qabu kan agarsiisu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoo Somaalee, Haliimaa Hasan dubbataniiru. Namoonni Manni ammayyaa isaaniif kenname yaaddoo roobaa yeroo Gannaa fi aduu yeroo Bonaa kan irraa hambisee ta’uu ibsuun deeggarsa Manni Marichaa fi Dhaabbilee itti waamama isaa taasisanif galateeffachuu ibsaniiru.
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii wal qixa bahe
Sep 17, 2026 107
Fulbaana 7/2019 (ENA)-Gulaallii zoonii seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 20 gadiitiin Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan 0 fi 0’n gargar bahaniiru. Taphni kun Taanzaaniyaa Istaadiyeemii Uhuruutti gaggeeffame. Akkaataa qabxii kanaatiin Itiyoophiyaan qabxii jalqabaa argatteetti. Gareen biyyaalessaa kun tapha lammaffaa Fulbaana 9 bara 2019 dorgommicha kan qopheessite Taanzaaniyaa waliin taphata. Ramaddii Kanaan tapha dheengadda taphatameen Taanzaaniyaan 3 fi 0’n Ruwaandaa mo’atteetti. Itiyoophiyaan xumura walakkaatti darbuuf Taanzaaniyaa mo’achuu qabdi. Gulaalliin zoonii Seekaafaa waancaa Afriikaa wagga 20 gadii Fulbaana 5 bara 2019 irraa eegalee gaggeeffamaa jira. Biyyoonni sagal ramaddii sadiitti qoodamanii dorgommii taasisaa jiru. Gulaallii Kanaan biyyoonni xumuraaf qaqqaban lama riijinicha bakka bu’uun waancaa Afriikaa wagga 20 gadii A.L.A bara 2027 Gaanaatti gaggeeffamurratti hirmaatu. Gulaalliin zoonii seekaafaa amma Fulbaana 15 bara 2019tti ni gaggeeffama.
Hulaa Galaanaa Itoophiyaarraa Seeraan Alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama qaba — Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa
Sep 17, 2026 287
Fulbaana 7/2019 (ENA)—Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa karaa seeraan alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa akka qabu miseensi duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa ibsan. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa garaagaraa irratti waggoota dheeraaf biyyasaanii tajaajilaniiru. Gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa ofii ishee argachuuf dhiheessaa jirtu dhimma seeraa, seenaa, nageenya naannawaa, teessuma lafaa fi dinagdee bu’uura kan godhate ta’uu hayyoonni garaagaraa yeroo adda addaatti ibsaa turaniiru. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaanis ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabuu ishee yaadachiisuun, ulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabde kana deebitee argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa gahaa ta’e qabdi jedhaniiru. Kaayyoon Itoophiyaa kan nama biraa saamuu ykn mirga nama biraa sarbuu osoo hin taane, mirga seeraan qabdu deebifachuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee karaa nagaa, seeraa fi waliigaltee irratti hundaa’een mirkaneessuu akka ta’e ibsaniiru. Addunyaarratti biyyoota ummata miliyoona 130 ol qaban keessaa Itoophiyaan qofatu hulaa galaanaa irraa guutummaatti daangeffamee jiraachuu eeranii, biyyattiin Galaana Diimaa irraa fageenya kiiloo meetira 50 gadiitti kan argamtu ta’us, hulaa galaanaa dhabuun ishee waan fudhatama hin qabne ta’uu himaniiru. Haalli kunis faayidaa biyyaalessaa biyyattii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan muraasaan dura Itoophiyaan hulaa galaanaa lamaa fi isaa ol kan qabdu ta’uu yaadachiisuun, dogoggora seenaa keessatti raawwatameen hulaa galaanaa irraa adda baafamuu ishee himaniiru. Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa seeraan alaa fudhatame kana dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa qaba jedhaniiru. Guddinni dinagdee Itoophiyaa yeroo gara yerootti ariitiin guddachaa kan jiruufi baay’inni uummata ishees haalaan dabalaa waan jiruuf, biyyattiin hulaa galaanaa ofii ishee kana keessummeessuu argachuun dirqama ta’uu himaniiru. Kanaaf, gaaffiin hulaa galaanaa ofii ishee argachuu Itoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasiin deebii akka argatu hojjechuun filannoo jalqaba ta’uu akka qabu himanii, yoo kun milkaa’uu baates, dhaloonni har’aa seenaa fi seera bu’uureffachuun, miidhaan caalu osoo hin mudatiin, furmaata waaraa argachuu qaba jedhaniiru.
Yaadamni Ida’amuu haaromsa turizimiif bu’uura cimaa kaa’eera.
Sep 17, 2026 172
Itoophiyaan qabeenya uumamaa, madda turizimii uumamaa fi namtolchee, ajaa’ibsiisoo ta’an hedduu kan badhaatedha. Qabeenyaa daawwattoota hawatan, irra deddeebi’anii yoo ilaalanillee, yeroo dheeraaf yoo dawwatanillee kan hin nuffisiifne, qorannoon illee kan hin dhumne ta’an hedduu qabaatus, waggoota dheeraaf sirnaan osoo hin beeksisin, hamma barbaachisummaa isaatti osoo hin daawwatamin fi osoo hin beekamin turaniiru. Kana gochuu dhabuu isheetiinis qabeenyaa turizimii hedduu irraa osoo hin fayyadamin waggoota dheeraa dabarsiiteetti. “Seenaadhaaniis ta’e kenna uumamaatiin biyyoonni nu waliin dorgomuu hin dandeenye hedduun industiricha irraa waan guddaa yommuu buufatan nuti qaaliiwwan keenya dhoksinee,seenaa keenya dhukkee uffisnee,bara dheeraa turre.” — Kitaaba Mootummaa Ida’amuu, fuula 262 Har’a garuu seenaan kun jijjiiramaa jira. Turizimiin, utubaalee dinagdee shanan Mootummaa Ida’amuu keessaa tokko ta’e,seenaafi hamabalee akkasumas qabeenyaa uumamaafi namtolchee murteessoo gara qabeenya dinagdee fi galiitti jijjiiruun, Itoophiyaa addunyaatti beeksisaa jira. Pirojektoonni misooma turizimii haaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad’n Arat Kilootti “tokko” jedhamee jalqabame, pirojektoota Maaddiin biyyaafiin gara kutaalee biyyattii hundaatti babal’ateera. Mootummaan Ida’amuu Qabeenya turizimii Itoophiyaa yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo dhabanii turaniif dursa kennun haaromsi isaanii labsameera. Qabeenyaa turizimii waggoota dheeraaf dagatamanii turan dhukkee irraa hurgufuun, miidhaginni fi hawwattummaan isaanii mul’achaa jira. Qabeenya uumamaa hawwataa Dallool irraa kaasee hanga Tulluuwwan Raas Daashanitti argaman, akkasumas iddoowwan uumamaa miidhaginaa fi hawwata addaa qaban, caalaatti addunyaatti beeksifamaa jiru. Qabeenyi uumamaa misoomaan haaraan, tarkaanfiiwwan misooma turizimii fudhatamaniin, ifa ba’uun beekamtii argachaa jiru. Olka’iinsa Yaadama Ida’amuu kan mul’isan keessaa tokko, yaadaa fi sadarkaa raawwii pirojektoota damee turizimii keessatti hojjetamanidha. Inisheetiivota kana keessaa tokko, Pirojektii Maaddiin Shaggariif yoo ta’u, Haaromsaa Masaraa Mootummaa irraa eegalee Finfinnee akkuma maqaa isheetti haaraa taasiseera. Pirojektiin Maaddiin Shaggariif, warraaqsa turizimii kakaasuun Paarkii Tokkummaa, Entotoo fi Paarkii Michummaa, akkasumas pirojektoota walqabatan biroo hojiirra oolcheera. Har’a Finfinnee bifa haaraa uffachiisuun, naannolee duraan manca’anii turan gara iddoowwan bareedaa fi hawwataa ta’aniitti jijjiiree, daawwattoota miliyoonaan lakkaa’amanitti bakka daawwannaa ta’aniiru. Maaddiin Shaggariif irraa itti fufuun, bifaalee haaraa Itoophiyaa mul’ise, inisheetiivii Pirojektii Maaddiin Biyyaaf jedhudha. Hojiileen Maaddiin Biyyaaf Naannoo Oromiyaa keessatti Wancii; Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Daawuroo fi Kontaa kan hammatu Koyishaa; akkasumas Naannoo Amaaraa keessatti qarqara Haroo Xaanaa irratti kan argamu Gorgoraa miidhagsuun misoomseera. Pirojektoonni kun seenaa, uumamaa fi aadaa Itoophiyaa garaagaraa mul’isuun, Itoophiyaaf hawwata fi miidhagina dabalataa ta’aniiru. Maaddiin Biyyaaf itti aansuun, pirojektiin Maaddiin Dhalootaaf hojiirra oole immoo bal’inaan Naannoo Somaalee keessatti Riizoortii Shabalee, Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Ikoo-loojii Danbii , Naannoo Amaaraa keessatti riizoortii Loogoo Hayiq, Naannoo Affaar keessatti Paalm loojii Ni’in lee , akkasumas konfeeransii riizoortii Arbaa MiinciiConference Resort hojiirra oolcheera. Maaddiin Shaggarirraa kaasee hanga pirojektoota Maaddiin Dhalootaafitti, Mootummaan Ida’amuu hambalee seenaa eeguufi misoomsun sona itti dabaluun beeksisuuf hojiiwwan boonsaa hojjetameera. Kanaafis, Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irraa eegalee manneen hambaalee seenaa, amantii fi aadaa hedduun suphamaniiru haaromsamaniiru. Jijjiiramoonni damee turizimii waggoota muraasa darban keessatti mul’atan, bifa Itoophiyaa beeksisuun, naannolee adda addaatti abdii fi misooma ittifufsiisuun, hojiiwwan dhalootatti ce’anidha. Pirojektoonni kunis seenaa guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaa keessatti boqonnaalee haaraa ta’uun, dhalootaaf mallattoo bara dheeraaf tajaajilan ta’anii dhaabbatu.
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Sep 17, 2026 160
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan. Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru. Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera. Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru. Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan. Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru. Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru. Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru. Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera. Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru. Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru. Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.
Siyaasa

Olkaa'insi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa kan labsuudha – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Sep 16, 2026 734
Itoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun, akkasumas sagalee dhugaa Afrikaanota ta’uu eegalteetti. Haala walxaxaa fi jijjiiramaa ji’oopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu kan dandeesse Itoophiyaan, Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niiwuu Deelii, Indii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti. Yaa’iin mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kun, Itoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mul’ise ture. Itoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mul’isteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa ta’uu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa “BRICS Grain Exchange” keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Waltajjicharratti Itoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo bal’inaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaan bara teeknooloojii egeree abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS wajjiin waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa ta’uu Itoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenya kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas oomisha dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti. Itoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu, biyyoota ollaattif dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteetti. Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi bu’aa qabatamaa fidu qabaachuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti. Yaa’ii kanarratti hirmaannaa dammaqinaa qabu taasisteen, Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaa’iin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti. Kana malees, Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Waajjira isaa Finfinneetti akka banamu fi dhimmoota dursa kennamaniif gara waliigalteeatti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessiteef fudhatamni bal’aan argameera. Hojiiwwan dipilomaasii bal’aa waltajjii BRICS cinatti gaggeeffaman keessaatti mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eeguufi tumsa cimsuu irraatti milkaa’ina guddaan kan galmaa’e ture. Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameera. Mariin kun dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa, teeknooloojii, akkasumas aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoo waloo mirkaneesseera. Dabalataanis, qophii COP32, jijjiirama haala qilleensaa fi galmoota misoomaa irratti tumsa cimsuuf waliigaltee uumuun danda’ameera. Ministira Muummee Indii Naareendiraa Moodii waliin immoo, tumsa ittisaa cimsuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameera. Hariiroo seenaa dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’ame ibsameera. Akkasumas, Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahiim waliin invastimantii, turizimii, tumsa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi muuxannoo damee oomishaa irratti mariin gaggeeffamee, misooma biyya keessaa kan deeggaru carraan guddaan akka banamu taasifameera. Dhaalaa Gonfoo Mootummaa Abuu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan, waliin dhimmoota dursaa BRICS fi tumsa gama hedduu irratti mariin gaggeeffameera. Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeezhkiyaan waliin immoo haala yeroo naannawa Galaana Diimaa, tasgabbii nageenyaa naannichaa, akkasumas daldala, dinagdee fi misoomaa irratti waljijjiirraa bu’aa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuurratti waliigalteen irra ga’ameera. Walumaagalatti, Itoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hojii dippilomaasii tarsiimawaa gaggeessitee fi bu’aawwan qabatamaa galmeessite, jijjiirama dippilomaasii fi dinagdee yeroo dheeraa biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoo ta’aniiru. Mootummaan waltajjii seena qabeessa kanarratti Itoophiyaan miseensummaa BRICS fayyadamuun faayidaa tarsiimawaa ishee ija jabinaan akka gaafattu, akkasumas misooma Afrikaa, nageenyaa fi tumsa addunyaa haqa qabeessa ta’eef michuu amanamaa ta’uu ishee qabatamaan mirkaneeteetti.Olka’iinsi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa labsaa jira! Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Qormaatawwan Naannichatti mul’atan waaraan furuu Keessatti kutannoon waloo biyyootaa murteessaadha — Dr. Warqinaa Gabayyoo
Sep 16, 2026 492
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan akka furamaniif tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa ta’uu Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Manni Maree Ministirootaa IGAD walga’ii ariifachiisaa isaa 74ffaa har’a Jibuutii keessatti gaggeesseera. Walga’icharratti ministiroonni dhimma alaa fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa IGAD hirmaataniiru. Walga’icharratti nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akkasumas dhimmoota ijoo biroo irratti mariin taasifameera. Barreessaa Olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo yeroo kanatti akka jedhanitti, qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan furuuf tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa dha. Hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa Sekireetariyaatiin IGAD raawwataman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, dhaabbanni kun badhaadhina uummata naannichaa mirkaneessuuf kutannoo cimaa qabaachuu beeksisaniiru. Qormaatawwan garaagaraa ji’oo-poolitiksii jiraatanillee, raawwii hojii Sekireetariyaatii IGAD ji’oota jahan darban keessatti galmeesse kan nama jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Hojiilee bu’uuraalee misoomaa fi damee fayyaa naannichaa keessatti galmaa’an kaasuun, sirni odeeffannoo bishaan lafa jalaa naannichaa tajaajila gahumsaa fi qaqqabummaa fooyya’aa galmeessuu ibsaniiru. Akkasumas, indeeksii haguuggii fayyaa addunyaa naannichaa dhibbeentaa 60 irraa gara dhibbeentaa 65tti olka’uu fi kunis karoora bara 2027tti dhibbeentaa 70tti guddisuuf qabame galmaan ga’uuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Gama biraatiin, Sudaan gara miseensummaa guutuu IGADtti deebi’uun tumsa fi tokkummaa naannichaa daran cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Barreessaan Olaanaa kun yeroo Adoolessa 2026 Sudaan daawwatanitti, Waajjirri Buufata IGAD Sudaanitti argamu irra deebi’uun ifatti banamuu yaadachiisuun, tarkaanfiin kun walitti dhufeenya kallattii fi waaraa IGAD’n uummata naannichaa waliin qabu daran cimsuun akka itti fufu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. IGAD Gamtaa Afrikaa, dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii fi michoota tarsiimawaa biroo waliin hariiroo qabuun misooma waaraa naannichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Tumsi kun dandeettii biyyoota Baha Afrikaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabuus kaasaniiru. Balaa jijjiirama qilleensaa gara fuulduraatti uumamuu danda’u sirna akeekkachiisa duraa cimsuun dandamachuuf hojmaatawwan barbaachisoo qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Biyyoonni balaa jijjiirama qilleensaa El Ninoon fiduu danda’u hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Gama biraatiin, naannicha hubannoo namtolchee waliin walitti hidhuu fi bu’uura misoomaa teeknoolojiin deeggaramu diriirsuuf hojiiwwan jalqabaman abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Walga’ichi nageenya, tasgabbii fi guddina diinagdee waliigalaa naannichaa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa irratti mari’achuun, murteewwan dabarsuun xumuramuu odeeffannoon ENAn Sekireetariyaatii IGAD irraa argate ni mul’isa. Manni Maree Ministirootaa IGAD caasaalee imaammataa ijoo dhaabbatichaa keessaa tokko yoo ta’u, hojiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu fi biyyoota miseensotaa gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha
Guyyaa lammaffaa Yaa'ii BRICS 18ffaa
Sep 14, 2026 1014
Yaa’iin BRICS 18ffaa Fulbaana 2, 2019 eegalerratti ministirri muummee Abiyyiy Ahimad (PhD) fi jilli isaanii irratti hirmaachuun kan yaadatamudha. Yaa’ichi guyyaa lammaffaa Fulbaana 3, 2019, mata duree “Ijaarsa dandamachuu, kalaqa, tumsaa fi itti fufiinsa” jedhuun gaggeeffameera. Walgahii kanarratti hoggantoonni biyyoota miseensa BRICS fi michuu, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa hirmaataniiru. Walgahiin kun ibsa waloo qabxii 140 (Labsii Niiw Deelii) baasuun xumurameera. Labsiin BRICS ‘New Delhi’ kun haaromsa bulchiinsa idil-addunyaa, nageenya idil-addunyaa fi naannoo, guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hariiroo ummataa dabalatee dhimmoota ijoo irratti ejjennoo waloo biyyoonni miseensa ta’an yaada kan dhiyeessan ta’uu ibsameera. Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf carraaqqii taasiftu gamtaan kun deeggarsa cimaa kan taasisu ta’uu ibsuun, akkasumas Itiyoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa keessatti teessoo dabalataa argachuuf carraaqqii taasiftu kan deeggaru ta’uu ibsameera. Itiyoophiyaan jalqabbii biyyattiin fi qophii konfiraansii jijjiirama qilleensaa ‘COP32’f taasiftu deeggarsa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Gamtaan kun yaa’ii BRICS 19ffaa Chaayinaan akka keessummeessuus waliin raggaasiseera. Walgahii Hooggantootaa cinaatti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hoggantoota biyyoota miseensaa fi michuu ta’an waliin tumsa biyyoota lamaanii irratti marii bu’a qabeessa taasisaniiru. Walta’iinsa daldalaa fi invastimantii, tumsa ittisaa fi dijitaalaayizeeshinii irratti gadi fageenyaan kan mari’atan ta’uu ibsameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad hooggantoota biyyoota miseensa ‘BRICS’ adda addaa fi michuu ta’an waliin irbaata erga qooddatanii booda; walgahii BRICS guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuranii gara biyyaatti deebi’aniiru. #PMOEthiopia
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii BRICS 18ffaa irratti haasawa taasisaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:
Sep 14, 2026 831
Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee Ida’amuu Afrikaan egeree teeknooloojii ammayyaa abbummaadhaan akka hoggantuuf gahee guddaa qaba. Biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandamachuu akka danda’aanif dandeettii fi sirna isaanii cimsachuu qabu. Haaluma kanaan, Itoophiyaanis sirnoota qormaata dandamachuu ishee dandeessisan ijaaruu irratti argamti. Mootummaan wabii midhaanii nyaataa irratti hojii hojjechaa jiruun, Itoophiyaan qamadii alaa galfamu irratti hirkannaa guutummaatti keessaa baatee of danda’uu dandeesseetti. Itoophiyaan gabaa BRICS ‘Grain Exchange’ hojiirra ooluuf karoorfame keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii dha. Itoophiyaan rakkoolee damee fayyaa keessatti uumaman dandamachuuf dandeettii oomishaa biyya keessaa cimsachaa jirti. Kana malees, warshaalee qorichaa fi oomishaalee farmaasitikaalaa babal’isaa jirti. Damee teeknooloojii keessatti bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyumeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi sirna waljijjiirraa odeeffannoo bal’inaan ijaaramaa jiru. Odeeffannoon nageenyi isaa eeggamee, seeraan akka itti fayyadamu taasisamaa jira. Hubannoo Nam-tolchee jijjiirama kana daran ni jajjabeessa. Hubannoo Nam-tolchee dhaloota itti aanu keessatti caalaatti namoota tajaajiluu, afaanota hedduu hubachuu fi beekumsa bal’aa ilma namaa hammachuu qaba. Afrikaan egeree Hubannoo Nam-tolchee abbummaadhaan hogganuuf qorannoo, dandeettii kompiitaraa, ogummaa fi dhaabbilee barbaachisoo ta’an qabaachuu qabdi. Itoophiyaan dandeettii teeknooloojii Afrikaa bakka bu’u ijaaruuf dhaabbilee BRICS waliin ta’uun hojjechuuf fedhii qabdi. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu yoo taatu, biyyoonni miseensa BRICS immoo kaappitaala, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa qabu. Itoophiyaan qabeenya albuudaa, anniisaa haaromfamuu danda’uufi dandeettii industirii ishee guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsa uumuu fi hariiroo waliin hojjechuu uumuuf qophii dha. Humni elektirikaa Itoophiyaan biyyoota ollaa isheef dhiyeessaa jirtu dinagdee biyyoota kanneenii keessatti gahee olaanaa gumaachaa jira. Dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaan biyyoonni qaban haqa qabeessa ta’uu qaba; bakka bu’ummaan kunis bu’aa qabatamaa fiduu
Hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaa fi Israa'el guddina Daldalaa fi Investimantiif haala mijataa Uumeera – Ambaasaaddara Dr. Abiraam Nugusee
Sep 14, 2026 679
Fulbaana 4/2019 (ENA): Hariiroon dippiloomaasii cimaan Itoophiyaa fi Israa'el gidduu jiru tumsa daldalaa fi investimantii guddisuuf haala mijataa uumuu isaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa'el Dr. Abiraam Nugusee beeksisan. Ambaasaaddar Dr. Abiraam Nugusee ENA’f akka ibsanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Israa'el seenaa fi tumsa dippiloomaasii ammayyaa walitti makuun damee hundaan guddachaa dhufeera. Yeroo ammas mootummaa fi mootummaa, damee dhuunfaa daldalaa fi investimantii, akkasumas tumsa dhaabbilee misoosaa miti-mootummaatiin damee hundaan tumsi bu'aa qabeessi uumamuu ibsaniiru. Kunis hariiroo ummataa fi ummata biyyoota lamaanii cimsuun, damee tumsa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa bal'isuudhaan carraa faayidaa waliinii fidu uumuu isaa dubbataniiru. Daawwannaan hojii hoggantoota mootummaa olaanaa Itoophiyaa fi Israa’el walta'insa faayidaa waliinii kan cimsu ta'uu isaas eeraniiru. Dhaabbileen tola ooltotaa Israa'el gara Itoophiyaatti dhufuun tajaajila tola ooltummaa kennuu isaanii eeranii, keessattuu damee fayyaa irratti hojiileen raawwataman kan eeramaniidha. Ce’umsa beekumsaa fi teeknoolojii, jijjiirraa muuxannoo fi dameelee garaa garaa irratti dandeettii ogeessotaa leenjiidhaan cimsuudhaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda'ameera jedhaniiru. Yeroo ammas dhaabbileen Israa'el 100 ol ta'an filannoowwan daldalaa fi investimantii Itoophiyaa garaa garaa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Tattaaffii faayidaa waliinii biyyoota lamaanii ol kaasuuf taasifamu irrattis Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fi Indaastiriin Aviyeeshinii Israa'el gahee murteessaa taphachaa jiru. Balalliin kallattii Finfinnee irraa hanga Teel Avitti sa'aatii afur qofa kan fudhatu ta'uun isaa jijjiarraa daldalaa fi tajaajilaa yeroo gabaabaa keessatti ariifachiisuuf carraa gaarii uumuu isaa ibsaniiru. Kunis Israa'el oomishaalee qonnaa Itoophiyaa, Itoophiyaan immoo bu'aawwan uumamaa fi teeknoolojii gurgurtaa fi daldalaatiin akka ariifatu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Hundeeffamni gabaa kaapitaala Itoophiyaa, Finfinnee gidduugala dippiloomaasii siyaasa Afrikaa fi Addunyaa ta'uun ishee Israa'el inveestimantiif biyya filattu akka taatu ishee dandeessiseera jedhaniiru. Fooyya'insi dinagdee gooroo fi misooni dijitaalaa Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Israa'eliif dameelee daldalaa fi investimantii garaa garaa irratti qabeenya isaanii akka investi godhaniif haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.
Sagaleewwan tarsiimawaa Itoophiyaa waltajjii BRICS irratti dhaga’amaniiru — Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Sep 14, 2026 679
Fulbaana 3/ 2019 (ENA)- Sagaleewwan Tarsiimawaa Itoophiyaa Waltajjii BRICS Irratti dhaga’amaniiru jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa. Tajaajilichi ibsa har’a baaseen, Carraaqqiin dippilomaasii bilchina qabu Itoophiyaan taasifte, fedhii biyyoonni hedduun qaban, miseensa tumsa kanaa ta’uu, akka milkeessituu fi carraa kana irraa akka fayyadamtu taasiseera jedheera. Ibsii Guutuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa baasee akka armaan gadiiti dhiyaatera. BRICS gara tumsa bal’aatti guddateera. Yeroo ammaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa guutuu 11 kan qabu yoo ta’u, biyyoota michuu 10, kanneen walga’ii Kaazaan, Raashiyaa irratti ifatti labsamanis, sirna addaa tumsa michoomaa keessatti hammachuun dhiibbaa isaa daran cimsateera. Gamtaan BRICS uummata addunyaa keessaa gara walakkaa, oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) addunyaa keessaa gara %40, akkasumas daldala addunyaa harka afur keessaa tokko bakka bu’a. Guddinni fi bal’inni isaa olaanaadha. BRICS kana booda tumsa idilee qofa miti; sirna diinagdee addunyaa keessatti humna ijoo ta’aa jira. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an sadarkaa idil-addunyaatti daangaa dhiibbaa uumtummaa isaanii kan bal’ifatan; qabeenya, teeknooloojii fi gabaa addunyaa keessatti wiirtuuwwan ijoo ta’aniiru. Carraaqqiin dippilomaasii bilchina qabu Itoophiyaan taasifte, fedhii biyyoonni hedduun qaban, miseensa tumsa kanaa ta’uu, akka milkeessituu fi carraa kana irraa akka fayyadamtu taasiseera. Adeemsa kana keessatti Itoophiyaan faayidaa mataa ishee eegsisuu qofa osoo hin taane, sagalee Afrikaa ta’uun gaaffilee ardichaa fi hojiiwwan faayidaa waliinii mirkaneessan kutannoon hojjechaa jirti. Hojiiwwan hafan keessaa inni tokko carraa seenaa kana fayyadamuun dandeettiiwwan gurguddoo gamtichaa walitti hidhuun sona olaanaa uumuu fi sonni kun bakka qabeenyi sun argamutti kallattiin akka oomishamu taasisuudha. Gama Kanaan Itoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsawwan tarsiimawaa kanneen dhugoomsuuf qophiidha. Damee albuudaan, Itoophiyaan qabeenya akka liitiyeemii, tantaalamii fi potaashii kanneen teeknooloojii addunyaa fi ce’umsa anniisaa keessatti murteessaa ta’an biyya keessatti qindeessuun, cancala sona indaastirii keessatti hirmaachuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti. Sosochiin kun biyyoonni qabeenya qaban meeshaa dheedhii qofa erguu irraa oomishaalee xumuraman akka oomishaniif kan dandeessisu boqonnaa diinagdee waloo uuma. Gama biraatiin, Itoophiyaan dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun biyyootaaf anniisaa magariisaa fi qulqulluu dhiyeessuufi waliingahuu dandeessi. Qabeenya humna bishaanii, ji’oo-teermalii fi aduu misoomsuun, naannawichaafis ta’e biyyyoota michuuwwaniif wiirtuu anniisaa amansiisaa akka taatuuf bu’uura cimaa kaa’aa. Walitti hidhamiinsi diinagdee kun qabeenya baasuu fi qindeessuu qofa irratti kan hundaa’e qofa osoo hin taane ce’umsa teeknooloojii fi cimina dhaabbilee irrattis hundaa’uu qaba. Sirnoota hojimaataa keenya cimsuun, akkasumas hubannoo namtolchee dabalatee teeknooloojiiwwan haaraan fedhiiwwan misoomaa fi hawaasummaa Afrikaa sirriitti akka tajaajilan gochuuf tattaaffiiwwan waloo qindeessuun barbaachisaadha. Kanaafis Itoophiyaan kutannoo guutuu qabdi. Guddinni waaraan akka mirkanaa’uuf sirnoonni faayinaansii haqa qabeessa ta’uu qabu. Kanaaf, biyyoota guddachaa jiran irratti dhiibbaa liqii jiru salphisuuf adeemsa amansiisaa fi haqa qabeessa liqii irraa aara galfannaa argamsiisuu diriirsuun murteessaadha. Waltajjiin BRICS tumsa Kibba-Kibbaa fayyadamuun sirni faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’e akka diriiruuf sagalee cimaa dhageessisuuf dandeettii qaba. Ce’umsa diinagdee cinatti, hojiiwwan eegumsa qabeenya qilleensaa wabii nyaataa fi misooma waaraa waliin walitti hidhuu barbaachisa. Hojiileen akka Ashaaraa magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensa dandamachuu keessatti gahee qaban babal’isuun, waltajjiin BRICS tumsa waliinii gara duudhaa abatamaa, cichoominaa fi guddina waaraa walootti jijjiiruuf carraa seenaa qabeessa uuma. Itoophiyaanis carraa kana, sagalee Afrikaa ta’uu dabalataan fayyadamuu jalqabdeetti.

Hawaasummaa
Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaan dabalatatti dirqama hawaasummaa isaa bahachaa jira - Obbo Aaganyoo Tashaagar
Sep 17, 2026 201
Fulbaana 07/2019(ENA): Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyoo Tashaagar Manni Marichaa ergama Heera Mootummaa itti kennameen dabalataan dirqama hawaasummaa isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Manni Maree Federeeshinii fi dhaabbileen itti waamamni isaanii Mana mare Federeeshinii ta’an manneen tola ooltummaa Gannaatiin Naannoo Somaalee Magaalaa Goodeetti ijaaran fayyadamtootaaf dabarsanii kennaniiru. Manni Marichaa lammiilee galii gadi aanaa qabanii fi namoota humna hin qabne deeggaruun sadarkaa jireenya isaanii fooyyessuuf hojjechaa akka jiru Obbo Aaganyoo Tashaagar ibsaniiru. Mana duwwaa qofa osoo hin ta’iin meeshaalee mana keessaa fi midhaan nyaataaf oolu kan ji’a tokkoof itti gargaaraman waliin dabarsanii akka kennanis ibsameera. Tola ooltummaan akkanaa kunis aantummaa Manni Maree Federeeshinii ummataaf qabu kan agarsiisu yoo ta’u, gara fuulduraattis caalaatti cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Tola ooltummaan Manni Maree Federeeshinii hojjete kuni mootummaan misooma ummataa mirkaneessuuf hammam kutannoo akka qabu kan agarsiisu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoo Somaalee, Haliimaa Hasan dubbataniiru. Namoonni Manni ammayyaa isaaniif kenname yaaddoo roobaa yeroo Gannaa fi aduu yeroo Bonaa kan irraa hambisee ta’uu ibsuun deeggarsa Manni Marichaa fi Dhaabbilee itti waamama isaa taasisanif galateeffachuu ibsaniiru.
Ayyaanonni Damaraa Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajamaniif gaheen dargaggootaa murteessaadha
Sep 17, 2026 86
Fulbaana7/2019 (ENA):Finfinneetti ayyaanonni haala ho'aan kan kabajaman ayyaanonni Damaraa, Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajamaniif dargaggoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee hubachise. Biirichi Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Finfinnee waliin ta'uun mata duree "Waliigaltee waloo nageenya fulla’aatiif" jedhuun konfiraansii dargaggoota sadarkaa magaalaatti gaggeessaa jira. Itti aanaan hoji gaggeessaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee obbo Tasfaaye Dandir wayita sana akka jedhanitti, ayyaanonni Damaraa ,Masqalaa fi Irreechaa ayyaana jaalalaa, obbolumma, Nageenyaa fi galateeffannaati. Ayyaanonni kunneen hedduumminaa fi miidhagina biyya keenyaa addunyaaf kan beeksisan, tuuristoota hedduu gara magaalaa keenyaatti kan hawwatan qabeenya keenya gudaa waan ta'aniif, ayyaanonni kunniin milkaa'inaan akka kabajamaniif dargaggoonni gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru. Keessummoota ayyaana kanarratti hirmaatan kabaja guddaa fi duudhaa keessummaa simannaa keenyaan keessummeessuudhaan fooyya’ina magaalaa keenyaa addunyaaf agarsiisuuf dargaggoonni itti gaafatamummaa isaanii akka bahanis waamicha dhiyeessaniiru.
Tajaajilli Lammummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee furaa jira
Sep 16, 2026 446
Fulbaana 6/2019 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaatti tajaajilli Lammummaa aadaa wal-deeggarsaa cimsuudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuu keessatti gumaacha taasisaa jiraachuun ibsame. Komishinarri Komishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaalid Mahaammad akka ENA’f ibsanitti; tajaajila Lammummaa Gannaa bara kanaatiin dargaggootaa fi kutaa hawaasaa garagaraa kuma 90 ol hirmaachisuudhaan damelee 14 keessatti hojiiwwan garaagaraa raawwatamaa jiru. Hojiiwwan tajaajila kanaan raawwatamaa jiran keessaa maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ashaaraa magariisaa, barnoota deeggarsaa, ijaarsa duudhaa nageenyaa fi meeshaalee barnootaa barattootaa walitti qabuu kanneen jedhaman keessatti argamu. Dameewwan kanaan hanga ammaatti hojiiwwan raawwatamaniin kutaaleen hawaasaa kuma 250 ol fayyadamoo ta'uu isaanii dubbataniiru. Sektarota Mootummaa Federaalaa fi manneen hojii bulchiinsichaa qindeessuudhaan manneen manguddootaa haaraa 250 ijaarsarra kan jiran yoo ta'u, hanga ammaattis manneen 100 ol ijaarramanii xumuramuun dabarfamanii kennamanii jiraachuun ibsameera. Tajaajila Lammummaan Manneen 150 haaromsamaa jiran keessaas 80 xumuramuun manguddootaaf kan dabarfaman ta'uus beeksisaniiru. Hojiin tajaajila Lammummaa aadaa wal-gargaarsaa cimsuudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuu keessatti shoora guddaa taphachaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Hojiin kun waldeeggasa cimaa uumudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuuf bu'uura waan kaa'eef fuulduraafis cimee kan ittifuufu ta'uu hubachiisaniiru. Namoonni tajaajila lammummaa kanaan manni ijaarameefis; tajaajilli Lammummaa haala ulfaataa kanaan dura maatii isaanii waliin keessa jiraachaa turan kan jijjiire ta'uu ibsataniiru. Deeggarsi hawaasummaa kun rakkina isaanii salphisuu bira darbee, namni isaan yaadatu jiraachuu isaanii gochaan kan agarsiise ta'uu isaanii ibsaniiru.
Dirree Dhawaatti hojiin Qulqullina Barnootaa mirkaneessuun dhaloota ga’ooman horachuu cimee itti fufeera
Sep 16, 2026 309
Fulbaana 6/2019 (ENA): Biiroon Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin gahinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman sadarkaa ol'aanaan itti fufsiisuun hojiin dhaloota bu'a qabeessa horachuu cimee itti fufuu ibseera. Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsichaa obbo Sulxaan Aliiyyii ENA’f akka ibsanitti bara barnootaa haarawa kana keessatti qulqullinaa fi waliin gahinsa Barnootaa fooyyessuudhaan adeemsa baruu fi barsiisuu bu'aa qabeessa taasisuuf hojiiwwan garaagaraa raawwatamaniiru. Keessattuu waktii Gannaatti sochii "Barnoota Dhalootaaf" jedhuun hirmaannaa uummataatiin ijaarsa manneen barnootaa Idileen duraa haarawaa, manneen barnootaa suphuu fi mooraa bareechuudhaan adeemsa baruu fi barsiisuutiif mijataa gochuudhaaf hojiin hojjetameera jedhan. Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa haarawaa dabalataa saddeet ijaarsi isaanii xumuramaa jiranis tajaajilaaf oolchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, adeemsa baruu fi barsiisuu dijitaalaatti ceesisuuf leenjii fi kompiitaroota, meeshaalee laaboraatorii fi kitabaa guutuuf hojjetamaa jira. Bara baajataa darbe keessatti qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bulchiinsichatti bu'aa gaarii galmeeffame cimsanii itti fufuun dhaloota gahumsa qabu oomishuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Itti gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Saabiyaan Obbo Ejjetaa Mokonnon waggoottan darban keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin barattoota gahumsa qabanii fi dorgomaa ta'an horachuun danda'ameera jedhaniiru. Ganna keessa dandeettii barsiisotaa cimsuu fi meeshaalee barnootaa guutuuf hojiin bal'aan hojjetamuu isaatiin barana bu'aa caalu fiduuf hojiin gargaaru hojjetameera jedhaniiru. Itti aantuun mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa "Misraaq Jagnoochi" Fireehiwoot Taaddasee gama isaaniitiin; Barnoota daa'immanii irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuudhaan barnoota gochaan deggarame daa'immaniif kennuu eegalleera jedhaniiru. Maatii barattootaa keessaa Dr. Seeyifuu Taaddasaa akka ibsaniti; Maatiin manneen barnootaa waliin hariiroo fi deeggarsa isaanii cimsachuudhaan ijoolleen isaanii bu’aa gaarii akka galmeessan deeggarsa isaanii akka itti fufan ibsataniiru.
Diinagdee
Yaadamni Ida’amuu haaromsa turizimiif bu’uura cimaa kaa’eera.
Sep 17, 2026 172
Itoophiyaan qabeenya uumamaa, madda turizimii uumamaa fi namtolchee, ajaa’ibsiisoo ta’an hedduu kan badhaatedha. Qabeenyaa daawwattoota hawatan, irra deddeebi’anii yoo ilaalanillee, yeroo dheeraaf yoo dawwatanillee kan hin nuffisiifne, qorannoon illee kan hin dhumne ta’an hedduu qabaatus, waggoota dheeraaf sirnaan osoo hin beeksisin, hamma barbaachisummaa isaatti osoo hin daawwatamin fi osoo hin beekamin turaniiru. Kana gochuu dhabuu isheetiinis qabeenyaa turizimii hedduu irraa osoo hin fayyadamin waggoota dheeraa dabarsiiteetti. “Seenaadhaaniis ta’e kenna uumamaatiin biyyoonni nu waliin dorgomuu hin dandeenye hedduun industiricha irraa waan guddaa yommuu buufatan nuti qaaliiwwan keenya dhoksinee,seenaa keenya dhukkee uffisnee,bara dheeraa turre.” — Kitaaba Mootummaa Ida’amuu, fuula 262 Har’a garuu seenaan kun jijjiiramaa jira. Turizimiin, utubaalee dinagdee shanan Mootummaa Ida’amuu keessaa tokko ta’e,seenaafi hamabalee akkasumas qabeenyaa uumamaafi namtolchee murteessoo gara qabeenya dinagdee fi galiitti jijjiiruun, Itoophiyaa addunyaatti beeksisaa jira. Pirojektoonni misooma turizimii haaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad’n Arat Kilootti “tokko” jedhamee jalqabame, pirojektoota Maaddiin biyyaafiin gara kutaalee biyyattii hundaatti babal’ateera. Mootummaan Ida’amuu Qabeenya turizimii Itoophiyaa yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo dhabanii turaniif dursa kennun haaromsi isaanii labsameera. Qabeenyaa turizimii waggoota dheeraaf dagatamanii turan dhukkee irraa hurgufuun, miidhaginni fi hawwattummaan isaanii mul’achaa jira. Qabeenya uumamaa hawwataa Dallool irraa kaasee hanga Tulluuwwan Raas Daashanitti argaman, akkasumas iddoowwan uumamaa miidhaginaa fi hawwata addaa qaban, caalaatti addunyaatti beeksifamaa jiru. Qabeenyi uumamaa misoomaan haaraan, tarkaanfiiwwan misooma turizimii fudhatamaniin, ifa ba’uun beekamtii argachaa jiru. Olka’iinsa Yaadama Ida’amuu kan mul’isan keessaa tokko, yaadaa fi sadarkaa raawwii pirojektoota damee turizimii keessatti hojjetamanidha. Inisheetiivota kana keessaa tokko, Pirojektii Maaddiin Shaggariif yoo ta’u, Haaromsaa Masaraa Mootummaa irraa eegalee Finfinnee akkuma maqaa isheetti haaraa taasiseera. Pirojektiin Maaddiin Shaggariif, warraaqsa turizimii kakaasuun Paarkii Tokkummaa, Entotoo fi Paarkii Michummaa, akkasumas pirojektoota walqabatan biroo hojiirra oolcheera. Har’a Finfinnee bifa haaraa uffachiisuun, naannolee duraan manca’anii turan gara iddoowwan bareedaa fi hawwataa ta’aniitti jijjiiree, daawwattoota miliyoonaan lakkaa’amanitti bakka daawwannaa ta’aniiru. Maaddiin Shaggariif irraa itti fufuun, bifaalee haaraa Itoophiyaa mul’ise, inisheetiivii Pirojektii Maaddiin Biyyaaf jedhudha. Hojiileen Maaddiin Biyyaaf Naannoo Oromiyaa keessatti Wancii; Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Daawuroo fi Kontaa kan hammatu Koyishaa; akkasumas Naannoo Amaaraa keessatti qarqara Haroo Xaanaa irratti kan argamu Gorgoraa miidhagsuun misoomseera. Pirojektoonni kun seenaa, uumamaa fi aadaa Itoophiyaa garaagaraa mul’isuun, Itoophiyaaf hawwata fi miidhagina dabalataa ta’aniiru. Maaddiin Biyyaaf itti aansuun, pirojektiin Maaddiin Dhalootaaf hojiirra oole immoo bal’inaan Naannoo Somaalee keessatti Riizoortii Shabalee, Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Ikoo-loojii Danbii , Naannoo Amaaraa keessatti riizoortii Loogoo Hayiq, Naannoo Affaar keessatti Paalm loojii Ni’in lee , akkasumas konfeeransii riizoortii Arbaa MiinciiConference Resort hojiirra oolcheera. Maaddiin Shaggarirraa kaasee hanga pirojektoota Maaddiin Dhalootaafitti, Mootummaan Ida’amuu hambalee seenaa eeguufi misoomsun sona itti dabaluun beeksisuuf hojiiwwan boonsaa hojjetameera. Kanaafis, Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irraa eegalee manneen hambaalee seenaa, amantii fi aadaa hedduun suphamaniiru haaromsamaniiru. Jijjiiramoonni damee turizimii waggoota muraasa darban keessatti mul’atan, bifa Itoophiyaa beeksisuun, naannolee adda addaatti abdii fi misooma ittifufsiisuun, hojiiwwan dhalootatti ce’anidha. Pirojektoonni kunis seenaa guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaa keessatti boqonnaalee haaraa ta’uun, dhalootaaf mallattoo bara dheeraaf tajaajilan ta’anii dhaabbatu.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa akka qabaattu gochuun dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi dhimma birmadummaa dinagdeeti
Sep 17, 2026 121
Fulbaana 7/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabde deebisiisuun dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, birmadummaa dinagdee mirkaneessuu fi nageenya naannoo cimsuu ta’uu gorsaan dargaggootaa fi ispoortii ministira muummee Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Akkaadaamiin hoggansaa Finfinnee dhimma laga Abbayyaa fi hulaa galaanaa ilaalchisee marii paanaalii gaggeessaa jira. Gorsaan dargaggootaa fi ispoortii ministira muummee Qajeelaa Mardaasaa wayita kana akka jedhanitti, hulaan galaanaa dinagdee, nageenyaa, dhiheessii anniisaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa waliin kan walitti hidhatedha. Galaanni diimaan sararoota daldalaa fi geejjiba anniisaa idil addunyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu ibsanii, qaqqabiinsa daldalaa, dandeettii lojistiksii, dandeettii dorgommii dinadgee fi nageenyaaf qooda olaanaa qaba. Hulaan galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, birmadummaa dinagdee fi nageenya naannichaa kabachiisuu ta’uu ibsaniiru. Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa ambaasaaddar Diinaa Muftii, haalli hulaa galaanaa seenaa, teessuma lafaa, dinagdee fi nageenyaa Itiyoophiyaan kan wal qabate jajandaa fulla’aa ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaatti dhioo ta’uunshee, baay’inni ummatashee fi dinagdeenshee saffisaan guddachaa dhufe fedhii hulaa galaanaaf qabdu guddaa taasisa. Faayidaa biyyaalessaan gamatti walitti hidhataa dinagdee fi nageenyaa ollootaa fi biyyoota Afriikaa akkasumas sirna idil addunyaa waliin qabaatu xiinxaluu akka barbaachisu ibsaniiru. Dhimmi hulaa galaanaa Itiyoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasii, walii galtee fi tumsaanfurmaata akka argatu cimsitee barbaaddi jedhaniiru. Pirezidaantiin akkaadaamii hoggansaa Finfinnee Dr. Xaasoo Gabree gamasaaniin, dhimmoonni hulaa galaanaa fi Naayil dinagdee Itiyoophiyaa fi naannawaa egereef, faayidaalee nageenyaa fi walitti hidhamiinsaan madaalamee gaggeeffamuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmoonnu hula galaanaa fi Naayil mariidhaan, wal amantaan, hammattoowwan seeraa fi faayidaa waloo fulla’aa ummattoota hundaa hubannoo keessa galchuun gaggeeffamuu qabu jedhaniiru.
Haaromee : Motora Ce’umsa Baadiyaa
Sep 17, 2026 160
Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruuf jireenya hawaasaa jijjiiruuf gama hundaan hojjetaa jira.Tarsiimoowwan bu'aa qabeessa bocuunis milkaa'inoonni gurguddaan galmaa'aniiru. Keessattuu,baadiyyaa ceesisuun fayyadamummaan hawaasa baadiyaa akka mirkanaa'u gochuudhaaf sagantaa haaromeetiin hojii hojjetamaa jiruun bu'aa qabatamaa galmeessuun dandaa'ameera. Sagantaa haaromeetiin fooyya'insa mana jireenyaan gamatti, tajaajilli bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaa, wiirtuu yaala fayyaa,gabaafi kkf qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa akka qaqqabu taasisuun hojii hojjetamaa jiruudha. Akkasumas,Haaromeen hawaasni baadiyaa dhiyeessii galtee qonnaa dhiyeenyatti akka argatan taasisuu,carraan hojii akka uumamu haala dandeessisu uumuu, ogummaafi dhaweessummaa babal'isuun hawaasa fayyadamaa taasisa. Walumaagalatti sagantaan Haaromee riqicha ammayyummaa baadiyyatti geessu, dinagdee damdaneessa dhugoomsu,bu'uuralee misoomaa qaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa uummataa dhugoomsu yoo ta'u, ida'aman badhaadhina mirkaneessuuf hojii xiiqii guddaan hojjetamaa kan jiru ta’uu odeeffannoon paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaarraa argame mul’isa.
Abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akkasumas guddina dinagdee saffisiisuuf bu’uura cimaadha
Sep 17, 2026 208
Fulbaana 7/2019 (ENA) — Abbummaan hulaa galaanaa Itoophiyaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu, akkasumas guddina diinagdee waaraa saffisiisuuf bu’uura cimaa ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Itoophiyaa Injiinar Abdulbar Shamsuun ibsan. Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee dhabuu isheetiin sirna daldala galtee fi al-ergii, akkasumas dameewwan geejjibaa, loojistiksii fi tajaajila buufata doonii irratti dhiibbaa guddaan uumamaa jiraachuu ibsaniiru. Biyyattiin waggaa waggaadhaan sharafa alaa biliyoona hedduutti lakkaa’amu kaffaluuf dirqamaa ta’uunis guddinaa fi sochii diinagdee waliigalaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu eeraniiru. Kunis, ummataa fi mootummaa Itoophiyaatiin gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa kaasamaa jiru sababoota uumamaa, teessuma lafaa, tarsiimawaa fi seera qabeessa irratti kan hundaa’e ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Injiinar Abdulbar Shamsuun ENA’f akka ibsanitti, Itoophiyaan dandeettii ishee damee geejjibaa fi loojistiksii galaanaa keessatti cimsuuf hojjechaa jirti. Daandiiwwan daldala galaanaa, akkasumas sochiin loojistiksii fi geejjibaa galaanaa, dooniiwwan gurguddoo, kaappiteenota gahumsa qabanifi bu’uuraalee misoomaa dagaagan fayyadamuun kan raawwataman ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii Itoophiyaan damee kana keessatti qabdu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee dhabuu isheetiin sochii geejjibaa fi loojistiksii galaanaa irratti dhiibbaa guddaan uumamaa jiraachuu kan ibsan Injiinar Abdulbar, biyyattiin waggoota kumaatamaan lakkaa’amanitti buufatawwan doonii Galaana Diimaa irratti argamanitti fayyadamaa turte jedhaniiru. Haa ta’u malee, dabaa seenaa keessatti raawwatameen biyyattiin buufatawwan doonii abbummaan qabdu irraa addaan baafamuun damee kana irratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Hulaan galaanaa dhabamuun kiraa buufataa, harkifannaa sochii meeshaalee galtee fi al-ergii, akkasumas rakkoolee geejjibaa fi loojistiksii biroo uumuun guddina diinagdee Itoophiyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu eeraniiru. Abbummaan hulaa galaanaa jiraachuun rakkoolee tajaajila buufataa, geejjibaa fi loojistikii keessatti mul’atan hir’isuun guddina diinagdee saffisiisuu fi bu’uura jireenya lammiilee fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa rakkoolee tajaajila buufataa keessatti mul’atan, kanneen akka dhiphachuu ykn cufamuu tiraanzitii, harkifannaa oomishaalee galtee fi al-ergii, akkasumas kaffaltii kiraa buufataa hir’isuuf bu’uura diinagdee cimaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa, kan seenaa, seeraa, teessuma lafaa fi uumamaa irratti hundaa’e, guddina diinagdee waaraa saffisiisuuf dhimma murteessaa ta’uu Injiinar Abdulbar Shamsuun ibsaniiru. Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa deebii akka argatuuf taasifamu keessatti lammiin hundi tumsa fi hirmaannaa dammaqinaan taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Sep 17, 2026 160
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan. Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru. Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera. Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru. Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan. Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru. Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru. Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru. Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera. Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru. Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru. Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.
Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa
Sep 10, 2026 1752
Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti. Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti. Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa. 1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives) Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira: Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII): Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti. Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa. Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative): Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha. Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera. Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira. Teeknooloojii Daataa fi Muster AI (Tech Hubs & Data Centers): Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna. 2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira: Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira. 3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru: Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude. Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti. Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti. Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Imala Dijiitaala Itoophiyaa
Sep 10, 2026 677
Itoophiyaan guddina hundagaleessa imala badhaadhina milkeessu galmaan ga'uuf tarkaanfilee gurguddaa galmoota tarsimaa'a waliin qopheessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Tarkaanfilee tarsiimaa'a kanneen keessaa dijiitaala Itoophiyaan isa tokkoo dha. Itoophiyaa Dijiitaalaa 2030n waggoota dhiyootti dandeettii teeknoolojii biyyattii ol kaasuu xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti. Guddinni teeknoloojii dijiitaalaa Itoophiyaa saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, karoora Dijiitaatala Itoophiyaa 2030 (Digital Ethiopia 2030) irratti huda'uun utubaa dinagdee biyyattii ta'aa jira. Keessattuu tajaajilawwan mootummaa fi dhuunfaa gara sirna dijiitaalaatti jijjiiruun milkaa'ina guddaan argameera. Tarsiimoon kun utubaawwan gurguddoo sadii irratti hundaa'a. "Itoophiyaan Dijiitaalaa 2030 dhaqqabamummaa bal'isuu, carraa wal-qixa uumuu fi dhaabbilee fi uummata hunda biratti amantaa uumuu irratti xiyyeeffata. Misooma digiitaalaa kana keessatti dhimmoonni ijoon akka armaan gadiitti ibsamu: 1. Bu'uuraalee Misoomaa fi (Telecom) Lakkoofsa Maamiltootaa: Lakkoofsi maamiltoota bilbila (mobile) miliyoona 97 kan gahe yoo ta'u, fayyadamtoonni intarneetaa miiliyoona 57 qaqqabaniiru. Tajaajila 4G fi 5G: Magaalonni kuma1 fi 030 ol tajaajila intarneeta saffisaa 4G kan argatan yoo ta'u, karoora 'Digital Ethiopia 2030' tiin tajaajila 5G gara magaalaa 100tti babal'isuuf hojjetamaa jira. 2. Kaffaltii Dijiitaalaa Kaffaltiin dijitaalaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, tajaajiloonni garaagaraa fi sirnoota kaffaltii haaraa fayyadamuun bakka jiranitti bittaa, gurgurtaa fi kaffaltii gibiraa raawwachuun ni danda'ama. Telebirr fi Kaffaltiiwwan Biroo: Sirni kaffaltii maallaqa harkaa malee ykn dijiitaalaa gabaa keessatti baay'ee babal'ateera. Telebirr, Ethiopay, fi appilikeeshiniin baankota dhuunfaa fi mootummaa tajaajila dinagdee saffisiisaniiru. 3. Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda - National ID) Sirni eenyummeessa biyyaaleessaa dijiitaalaa (Fayda) lammiilee miiliyoona dhibbaa ol walitti hidhuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, kutaalee tajaajila baankii,tajaajiloonni biroon fi tajaajilawwan mootummaa argachuuf akka ulaagaa ijoo ta'etti tajaajilaa jira. Faayidaan eenyummeessaa imala dijitaalessuu kan milkeessudha. Tajaajilootni hedduunis waraqaaa eenyummeessa dijitaalaan kennamuu eegalaniiru. 4.Tajaajilawwan Mootummaa Dijiitaalessuu Mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan isaa 900 ol gara sirna digiitaalaatti jijjiireera. Kunis iftooma uumuuf, rakkoo bulchiinsa gaarii , qisaasama yeroo fi maallaqaa hanbisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatuuf gargaareera. Walumaagalatti, imalli dijiitaalaa Itoophiyaa hojii dhabdummaa hir'isuu, kalaqa haaraa jajjabeessuu, fi dinagdee beekumsaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee tarkaanfataa jira. Tajaajila wiirtuu tokkoo masoob sadarkaa biyyaalessati babal’isuun imala dijiitaala 2030 dhugoomsuu fi itti fayyadama hawaasaa guddisuuf hojjetamaa jira. Galmi isaa dorgommii dirree teeknoloojii jaarraa 21ffaa keessa seenuu yoo ta'u, kenni tajaajila mootummaas iftooma, haqa qabeessummaa si'ataa taasisuun al-seerummaafi hoj-maata badaa qolachuuf kan gargaarudha. Kanaanis imala dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti qabame kan milkeessudha.
Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti-tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Sep 10, 2026 580
Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjennuuni! Milkaa’inni boruu kan bocamu carraaqqii keenya har’aatiini. Kan darberraa muuxannoo gaarii fudhachuun, kan har’aa sirriitti hubachuun har’arra dhaabachuun mul’ata boruu ijaaruun amantaa cimaa fi amala mootummaan keenya ittiin beekamudha. Beekumsa man-dhalee teeknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun egeree baraaruuf qophaa’uun itti gaafatama guddaa dhaloota kanarraa eegamu akka ta’e mootummaan cimseetu amana. Dijitaalaayizeeshinii akka damee dinagdeetti fudhachuun xiiyyeeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa kan jiru kanaafi. Itiyoophiyaan dhaloota dhufuuf mindaa malee idaa hin dhaalchiftu. Dhimma yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun idaa dhalootaati. Biyyi keenya guddattoota miiliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti soorachiisuun kan barsiiftu kanaafi; dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarsii bilisaatiin ga’oomsaa kan jirtu kanaafi; yunivarsiitii hubannoo nam-tolchee kan jalqabaa hundeessaa kan jirtu kanaafi. Egereen beekumsa teeknooloojii malee, egereen nageenya saayibarii malee, egereen birmadummaa odeeffannoo malee balaa jiraachuu akka ta’e mootummaan keenya ni hubata; kanaaf ammoo dhaloota ni qopheessa. Damee dinagdee jedhamaa kan ture qonni bara dheeraaf boodatti hafaa kan jedhame fuulduraaf teeknooloojiin alatti itti fufiinsisaa balaarra jira. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee of eeggannoon duraa fi deebii kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaadha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi hatattamaan lammiilee qaqqabsiisuuf hojmaatileen baroota darbanii boruuf mitii har’aafiyyuu nama hin baasan. Dargaggoota sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’anii fi hojii uuman baay’isuuf ogummaan dijitaalaa baay’ee barbaachisa. Itiyoophiyaan wantoota kana irratti xiyyeeffachuun hojjechaa waan jirtuufidha “Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf. Qaam’ee guyyaa shanaffaa guyyaa egeree jennee kabajuun keenya barri itti aanu dandettii dorgommii teeknooloojii kan barbaadu, murteen odeeffannoo xiinxaluu irratti hundaa’e kan itti kennamu, qorannoowwqan qonnarraa amma saayinsii hawaatti teeknooloojii dijitaalaan kan gargaaraman jala bultiirra waan jirruuf dhaloota kana madaalu baay’isuuf akka hojjennu hubachiisuufi. Qaam’ee 5 moggaasa guyyaa egeree jedhuun kabajamuunsaa dijitaalaayizeeshiniin ijaarsaa fi kabajamuu birmadummaa Itiyoophiyaa egereef biyyi keenya cehumsa dijitaalaayizeeshiniirra akka jirtu ibsuufi.
Ispoortii
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii wal qixa bahe
Sep 17, 2026 107
Fulbaana 7/2019 (ENA)-Gulaallii zoonii seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 20 gadiitiin Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan 0 fi 0’n gargar bahaniiru. Taphni kun Taanzaaniyaa Istaadiyeemii Uhuruutti gaggeeffame. Akkaataa qabxii kanaatiin Itiyoophiyaan qabxii jalqabaa argatteetti. Gareen biyyaalessaa kun tapha lammaffaa Fulbaana 9 bara 2019 dorgommicha kan qopheessite Taanzaaniyaa waliin taphata. Ramaddii Kanaan tapha dheengadda taphatameen Taanzaaniyaan 3 fi 0’n Ruwaandaa mo’atteetti. Itiyoophiyaan xumura walakkaatti darbuuf Taanzaaniyaa mo’achuu qabdi. Gulaalliin zoonii Seekaafaa waancaa Afriikaa wagga 20 gadii Fulbaana 5 bara 2019 irraa eegalee gaggeeffamaa jira. Biyyoonni sagal ramaddii sadiitti qoodamanii dorgommii taasisaa jiru. Gulaallii Kanaan biyyoonni xumuraaf qaqqaban lama riijinicha bakka bu’uun waancaa Afriikaa wagga 20 gadii A.L.A bara 2027 Gaanaatti gaggeeffamurratti hirmaatu. Gulaalliin zoonii seekaafaa amma Fulbaana 15 bara 2019tti ni gaggeeffama.
Manchistar Yunayitid dorgommii Kaaraabaa’oo kaap irraa gaggeeffame
Sep 17, 2026 124
Fulbaana 7/2019 (ENA)-sagantaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Ingiliziin Biraayitan Manchistar Yunaayitidiin 3 fi 2’n mo’ateera. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Olditiraafoolditti taphatameen Manchistar Yunayitid 2 fi 0’n duraa ture. Biraayitan galchii sadii lakkoofsiseen mo’achuu danda’eera. Haala Kanaan Biraayitan gara marsaa afraffaatti yoo darbu Manchistar Yunaayitid gaggeeffameera. Sagantaalee birootiin Astonviilaan Koventarii Siitii 3 fi 1’n, Everton Wolvisiin, akkasumas Filiitwud Shefildi Yunaayitidiin qabxii wal fakkaataa 1 fi 0’n mo’achuun marsaa itti aanutti darbaniiru. Sagantaan marsaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Waancaa kan of harkaa qabu Manchistar Siitii fi Leestar Siitiin tapha boru taphataniin xumurama.
Obbo Isaayyaas Jiraa Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filataman
Sep 15, 2026 535
Fulbaana 5/2019(ENA) Obbo Isaayyaas Jiraa yeroo 3ffaaf walitti aansuun Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filatamaniiru. Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa 18ffaa adeemsisaa kan jiru yoo ta'uu Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin yeroo 3ffaaf Federeshinicha Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif filatamaniru. Obbo Isaayyaas bara bulchiinsa isaanii waggoota 4'n itti aanan keesssatti misooma kubbaa miilaa Itoophiyaa caalmaatti guddisuu dabalatee gareen biyyaalessaas waltajjii gurguddaa irratti akka hirmaatuuf kutannoon kan hojjetan tahuu waadaa galaniiru. Obbo Isaayyaas Jiraa sagalee 88 keessaa sagalee 81 argachuun waggoota 4 itti Aanan Pirezidaantummaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa irra deebiin gaggeessuuf filatamaniiru.
Taphoota har'a galgala taphatamuuf karoorfaman
Sep 15, 2026 305
Fulbaana 05/2019(ENA): Taphoota har'a galgalaaf karoorfaman keessaa muraasni: ●Taphoota waancaa Kaaraabaa'oo marsaa 3ffaatiin 3:45 Weestaam Yuunaayitid vs Fuulhaam 4:00 Ipisiwiich Taawoon vs Arseenaal 4:00 Liveerpuul vs Tooteenhaam 4:00 Reediingi vs Bireentifoordi ●Torbee 6ffaa Laaligaa Ispeen 2:00 Raayoo Vaayookaanoo vs Ispaanyool 3:00 Dipoortivoo Alaavis vs Vaaleenshiyaa 4:30 Eelchee vs Riyaal Maadrid
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 363
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 300
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee
Sep 7, 2026 1318
Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti. Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru. Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan. Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.
Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa
Sep 5, 2026 1214
Hagayya 30/2018 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi lubbu qabeeyyiin akka eegaman qooda ijoo gumaachaa akka jiru Gamtaa Afriikaatti daarektarri naannawa itti fufiinsa qabuu fi dinagdee Biluu Harsan Niyaambee ibsan. Daarektarichi turtii ENA waliin taasisaniin,ashaaraan magariisaa qilleensa qulqulluu dabalatee faayidaalee eegumsa sirna dachee argamsiisuun olitti, gadhiisii kaarboonii hir’isuudhaan hoo’a qilleensaa dabalaa deemu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Lafti dhiqamee fi haalli uumama lafaa naannawaa akka bayyanatu gochuun miidhaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti qooda ijoo bahachaa akka jiru dubbataniiru. Walumaa gala ashaaraan magariisaa faayidaalee hunda galeessa hedduu kan qabu inisheetiivii biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru. Biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuurratti muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban daarektarichi ibsanii; gama Kanaan rakkoolee eegumsa naannoorratti isaan mudatuuf furmaata kaa’uuf Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu akka danda’an ibsaniiru. Itiyoophiyaanis muuxannoo mulkaa’aa kana biyyoota Afriikaa biroof qooduudhaan qooda adda durummaa bahachuu akka qabdu daarektarichi kaasaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 19307
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17641
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.