ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Foramiin Xaanaa Boru Magaalaa Bahaar Daariitti ni jalqabama
Oct 23, 2025 90
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Jilli biyyoota garagaraa foramii Xaanaa 11ffaa boru jalqabamurratti hirmaachuuf Bahaardaar gala jiru. Waltajjiin nagaa fi tasgabbii i Xaanaa 11ffaa hooggantoota Afriikaa fi qooda fudhattoota irratt mariisisuun furmaatilee fulla’aa qiyyaasuuf akeekamee adeemsifamu Onkoloolessa 14 amma 16 bara 2018 Bahaar Daarii fi Finfinneetti ni gaggeeffama. Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, Kantiibaan Bahaar Daarii fi hooggantoonni olaanoo naannichaa biroon garee jilaa kana simataniiru. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos fi de’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Hadaraa Abarraa akkasumas keessummoonni biyyoota garagaraa fooramii Xaanaa 11ffaa nagaa fi tasgabbiirratti mari’atu irratti hirmaachuuf Bahaar Daar galaniiru. Foramiin Xaanaa boru Onkloolessa 14 irraa eegalee magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuu eegala. Foramiin kun Onkoloolessa 15 fi 16 Finfinneetti akka gaggeeffamu ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Tapha Liigichaan Faasil Kanamaan yoo injifatu Magaalaan Shaggarii fi magaalaan Adaamaa wal qixa bahaniiru
Oct 23, 2025 52
Onkoloolessa 13/2018 (TOI)-Sagantaa Priimer Liigii Itiyoophiyaa turban lammaffaa taphoonni guyyaa jalqabaa itti fufaniiru. Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffameen Faasil Kanamaan Yuunivarsiitii Walwaalloo Addigiraat 2 fi 0’n mo’ateera. Barakat Gizaawu fi Abeenezer Yohaannis galchlii garichi ittiin mo’ate a galchaniiru. Faasi Kanamaan tapha liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessiseera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti taphatameen Magaalaan Shaggar fi magaalaan Adaamaa galchii malee walqixa bahaniiru. Yeroo kanatti Walaayittaa Diichaan Magaalaa Dirree Dawaa waliin taphachaa jiru.
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate
Oct 23, 2025 39
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera. Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru. Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru. Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru. Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru. Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Gareen Buna Itiyoophiyaa tapha liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessise
Oct 23, 2025 42
Onkoloolessa 13/2018 (TOI)-Gareen Buna Itiyoophiyaa sagantaa jalqabaa torban lammaffaa tapha piriimar Liigii Itiyoophiaatiin injifannoo jalqabaa galmeessiseera. Sagantaa jalqabaa turban lammaffaa piriimar Liigii Itiyoophiyaatiin Bunni Itiyoophiyaa haaraa kan guddate Nagallee Arsii 2 fi 1’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Abubakar Addaamuu fi Bafiqaaduu Alamaayyoo galchii mo’nnaa galchaniiru. Gabramasqal Dubbaalee garee Nagallee Arsiif galchii tokko galcheera. Akkaataa qabxii kanaatiin Gareen Bunaa liigichaan mo’annaa jalqabaa milkeessaniiru. Nagallee Arsii ammoo tapha liigichaan mo’atamuu jalqabaa keessummeesseera.
Yaa’ichi murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darbanidha-Dr. Darajjee Dhugumaa
Oct 23, 2025 53
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Yaa’iin waggaa 27ffaa damee fayyaa murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darban ta’uu de’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsan. De’eetaawwan ministira fayyaa, Biiroon fayyaa naannoo fi hooggantoonni olaanoon yaa’icha ilaalchisuun gareen mari’achaa jiru. De’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsa kennaniin akka dubbatanitti, yaa’iin kun mata duree “Invastimantii fi Innoveeshiniin egeree sirna fayyaa cimaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojiiwwan ciccimoo waggoottan darban argaman bal’isuu fi itti fufsiisuu akkasumas rakkoolee xiqqeessuun haala danda’amurratti mariin taasifamuu eeraniiru. Dhimmoota kenniinsa fayyaa fooyyessanirratti muuxannoo walii qooduunii fi mareen gaggeeffamuu eeraniiru. Doktar Darajjeen Itti dabaluun, invastimantiiwwan fayyaan lammiilee akka fooyya’u gargaaran maallaqa kennuurratti haala dandeessisan irratti murtoon ni darbu jedhaniiru. Tumsa mootummaa fi dhuunfaa cimsuun dhimma yaa’ichaa isa murteessaa ta’uu dubbatanii, qaqqabummaa tajaajila fayyaa damee dhuunfaa hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Murteewwan sirna faayinaansii damee fayyaan jiru fooyyessuu gargaaran yaa’ii Kanaan akka darban ibsaniiru. Murtoowwan qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, kenniinsa tajaajila dijitaalaa bal’isuu fi sirna fayyaa Invasumantii fi Innoveeshinii biyyaalessaa egereen deeggaruun akka darban dubbataniiru.
Siyaasa

Miseensonni Raayyaa Nageenyaa nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eeguun qoodasanii bahaa jiru
Oct 23, 2025 67
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Miseensonni Raayyaa Nageenyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eegsisuun qoodasanii bahaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ibsan. Biiroon Bulchiinsa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinee Ayyaana Damaraa Masqalaa fi Irreecha dabalateetaateewwan adda addaa nagaan akka goolabamaniif miseensota nagenyaa qoodasaanii bahaniif sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera. Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa wayita kana, ayyaanota adda baabaayii bara 2018 kabajaman akkasumas taateewwan adda addaa nagaan akka xumuramaniif raayyaan nageenyaa qooda gumaachaniif galateeffataniiru. Uummanni Abbaa nageenyaa akka ta’uu gochuurratti jiraattonni gurmaa’insa nagaa fi tasagabbii adda addaaratti akka hirmaatan gochuu danda’uu ibsaniiru. Kanaafis ummanni nagaa fi tasgabbii Magaalichaa mirkanaa’uuf qooda mataasaa bahaa jiraachuu hubachiisaniiru. Miseensonni Raayyaa nageenyaa qaamolee nagenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii naannoosaanii eegsisuuf qooda mataasaanii bahaa jiraachuu ibsaniiru. Taateewwan fuulduratti raawwataman nagaan akka xumuramaniif itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan Qajeelcha poolisii waliigalaa Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw gamasaaniin, Raayyaan nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin caalaatti qindoomuun hojii nagaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuu cimsuu akka qaban eeraniiru. Miseensonni raayyaa nageenyaas taateewwan fuulduratti ta’an rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatamaniif qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun ni Kabajama. – Mana Maree Federeeshinii
Oct 22, 2025 222
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa 20ffaan bara kanaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun akka Kabajamu Manni Maree Federeshinii ibse. Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisuun hoggantoonni dhaabbilee Barnootaa Ayyaanicharratti hubannaa akka argataniif waltajjiin marii Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan waajjira Mana Maree Federeeshinii Obbo Balaayi Wuddishaa wayita kana akka ibsanitti, biyya ijaaruu fi guddisuuf hedduumina sirnaan qabachuu fi keessummeessuun qabna jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammootaa fi taatteewwan biroon tokkummaa cimsan keessummeessuun hedduumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa Sirnaan Idileessuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Ayyaanicha waggaa waggaan kabajuu qofa osoo hin ta’iin Lammiileen Barsiisa Heeraarratti hubannaa seera qabeessa akka argataniif hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan darban barsiisa Federaalisimii fi HeeraMootummaarratti xiyyeefatamanii hojiiwwanhojjetamaniin ittifufiinsa misoomaa fi guddina biyyaarratti, tokkummaa sab-daneeessummaa fi tokkummaa biyyaa cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu eraniiru.Ayyaanni Sabaa fi sablammoota yeroo 20ffaa bara kana kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsanaiiru. Akkasumas Barsiifata Federaalizimii fi Heera Mootummaarratti lammiileef hubannaa fooyya’aa uumuuf haala dandeessisuun akka kabajamu dubbataniiru. Ayaanicha haala karoorfameen kabajuun akka danda’amuuf hayyoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran fi qoda fudhattoonni qooda isaan irraa eegamu akka bahan hubachiisaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Ministeera Barnoota Obbo Geetaachoo Tafarraa gamasaaniin, dhaabbilee olaanoorraa eegalee hoggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaa sadarkaan jiran adeemsa ayyaanicha kabajuuf taassifamu keessatti hubannaan akka guddatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis Lammiileen dhaabbilee barnootaa keessatti argaman Federaalizimii fi barsiifata Heera Mootummaarratti hubannaa gahaa qabatanii tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf akka tattaafataniif ni gargaara jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaan qopheessummaa Naannoo Gidduugaleeessa Itiyoophiyaan akka kabajamu ibsamuun ni yaadatama.
Manni maree naannoo Hararii yaa’ii ariifachiisaa gaggeesseen muudama pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa raggaase
Oct 22, 2025 195
Onkoloolessa 12/2018 (TOI) - Manni maree naannoo Hararii yaa’ii ariifachiisaawaggaa 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeesseen muudama pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa raggaase Bulchaan naannichaa Ordiin Badriii Obbo SalahiddiinToofiiq pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa ta’uun akka muudaman kaadhimamaa gochuuf yaa’ii ariifachiisaa kana irratti dhiheessaniiru. Haala Kanaan kaadhimamaa ta’uun kan dhihaatan obbo Salahiddiin Toofiiq, pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa ta’uun akka hojjetan manni maree sagalee guutuun raggaaseera. Obbo Salahiddiin Toofiiq miseensota mana maree fuulduratti waadaa galaniiru. Yaa’iin ariifachiisaa mana maree waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa xumurameera.
Hirmaannaan ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu fi rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamudha-Komishinar Bileen Gabramadin
Oct 21, 2025 345
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Hirmaannaa fi tumsi ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu akkasumas rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bileen Gabramadin ibsan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa mana mareen hundeeffamee boqonnaa qophiirraa kaasee boqonnaa marii ajandaa walitti qabuurratti argama. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Bileen Gabramadin, hojiin marii ajandaa walitti qabuu amma ammaatti bu’a qabeessummaan raawwatamuu fi galteewwan rakkoolee biyyaalessaa furuu dandeessisan hedduun argamuu ibsaniiru. Kutaalee Hawaasaa garagaraa mariisisuun milkaa’ina marichaaf qoodasaanii akka bahan gochuun fi ajandaansaanii ka’anii akka irratti mari’atamu akka galteetti fudhatamuu isaanii yaadachiisaniiru. Deeggarsi qaamolee garagaraa adeemsa mariirratti mul’achaa jiru hirmaannaa fi tumsi ummataa akkasumas rakkoolee mariin furuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu komishinar Bileen dubbataniiru. Hojii hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuurratti hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, paartilee siyaasaa fi waldaalee siviikii garagaraa hedduu nugargaareera jedhaniiru. Komishinichi mata duree “qooda dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa marii biyyaalesaa bu’a qabeessaaf” jedhuun naannolee garagaraatti waltajjiiwwan maree gaggeessaa akka jiru nibeekama.
Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf Itiyoophiyaanonni Hundi waloon hojjechuu qabu– Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 220
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuun dhimmaa taattaaffii fi dadhabbii Itiyoophiyaanota hundaa gaafatudha jechuun Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “Haasaa soofumar”tti hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad biyyi dhaloota tokkoon hin hojjetamtu dhaloonni tokko eegalee kan xumuru miti jedhaniiru. Adduyaa kamirraayyuu kan jiru biyyi kan ijaaramtu walitti daddabarsuuni kan jedhan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaloonni eenyummaasaanii kaleessaa, jireenyasaanii har’aa fi booru bu’aa walooti jechuun ibsaniiru. Eenyuummaa guutuu dhalootaa sirnaan hubachuuf gahumsa biyya ijaaruu fi yaadama akka bal’isus dubbataniiru. Walharkaa fuudhinsa dhalotaa kana keessatti biyyi ni ijaaramti kan jedhan Ministirri Muummee hunduu yeroo jiraatu keessatti biyyasaaf waan gaarii hawwuurra darbee tattaafachuu, dadhabuu fi hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Badhaadhinni dadhabbii fi hojiin ala hin dhufu, bu’aas arguun hin danda’amu jedhan Ministirri Muummee. Itiyophiyaanonni hundi badhaadhina abjoonnu fiduuf ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuu qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba
Oct 20, 2025 292
Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuuf qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaaggama raawwii kurmaana waggaa paartii badhaadhinaa bara bajataa 2018 har’as itti fufeera. Waltajjii Kanaan raawwii hojiilee mootummaa irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u galmoonni carraa hojii uumuuf, qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojjetamanii fi bu’aaleen argaman akkasumas irkattummaa jalaa bahuuf qabaman ajandaa marii dhihaatanidha. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka jedhanitti, ajandaawwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadanidha. Irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, Bifa qindaa’een dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Galmoota biyyaalessaa sadan karaa guutuu ta’een milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru. Akka biyyaatti raawwiin jiru bu’aan argamuu eeranii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf hojechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Damee Kanaan bu’a qabeessummaa guddisuuf waloomaan karoorsuu fi raawwii ammoo waloomaa gamaaggamaa deemuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.
Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah
Oct 19, 2025 498
Onkoloolessa 9/2018(TOI)- Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen milkaa’oon fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman gochuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Paartiin badhaadhinaa waltajjii gamaaggamaa hojiilee paartii fi sosochii ummataa kurmaana wagga bara bajataa 2018 irratti xiyyeeffate gaggeessaa jira. Hooggantoonni paartichaa waltajjicharratti hiraachaa kan jiran yoo ta’u raawwiin dame dameen dhihaatee mari’atamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, gaggeessummaan bu’a qabeessi paartichi taasise hojiileen bu’a qabeessi ummata fayyadan akka hojjetaman godheera. Pirojektoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa qaba eebbifamuusaanii eeranii gama hundaanuu bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii kaasaniiru. Paartiin, ummannii fi dameen dhuunfaa qindaa’anii ida’amuu jiddugaleessa gochuun qabeenyi biyyi qabdu hojiirra akka oolan godhamuunsaa sababoota milkaa’inni akka argamu taasisan keessa ta’uu ibsaniiru. Adeemsa hojiirra oolmaa hordofuun hojiileen dilbii fi qabeenya bakka garagaraa jiran irratti hundaa’an hojjetamaniiru kan jedhan obbo Adam Faaraah, aadaan qormaata gara carraatti jijjiiru guddachaa dhufuu dubbataniiru. Bara bajataa kanas milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin gamaaggamaa har’aas raawwii dhimmoota waliin karoorfaman gamaaggamuu fi hojiilee itti aanan dhimmoota tumsa gaafatan adda baasuun kallattii kaa’uuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin gamaaggamaa kun naannolee jidduu muuxannoo qooduun akka jiraatu gochuun raawwiin walfakkaatu akka jiraatu gochuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Yaa’ichi murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darbanidha-Dr. Darajjee Dhugumaa
Oct 23, 2025 53
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Yaa’iin waggaa 27ffaa damee fayyaa murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darban ta’uu de’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsan. De’eetaawwan ministira fayyaa, Biiroon fayyaa naannoo fi hooggantoonni olaanoon yaa’icha ilaalchisuun gareen mari’achaa jiru. De’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsa kennaniin akka dubbatanitti, yaa’iin kun mata duree “Invastimantii fi Innoveeshiniin egeree sirna fayyaa cimaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojiiwwan ciccimoo waggoottan darban argaman bal’isuu fi itti fufsiisuu akkasumas rakkoolee xiqqeessuun haala danda’amurratti mariin taasifamuu eeraniiru. Dhimmoota kenniinsa fayyaa fooyyessanirratti muuxannoo walii qooduunii fi mareen gaggeeffamuu eeraniiru. Doktar Darajjeen Itti dabaluun, invastimantiiwwan fayyaan lammiilee akka fooyya’u gargaaran maallaqa kennuurratti haala dandeessisan irratti murtoon ni darbu jedhaniiru. Tumsa mootummaa fi dhuunfaa cimsuun dhimma yaa’ichaa isa murteessaa ta’uu dubbatanii, qaqqabummaa tajaajila fayyaa damee dhuunfaa hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Murteewwan sirna faayinaansii damee fayyaan jiru fooyyessuu gargaaran yaa’ii Kanaan akka darban ibsaniiru. Murtoowwan qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, kenniinsa tajaajila dijitaalaa bal’isuu fi sirna fayyaa Invasumantii fi Innoveeshinii biyyaalessaa egereen deeggaruun akka darban dubbataniiru.
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood
Oct 22, 2025 192
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan. Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera. Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha. Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru. Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera. Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru. Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha. Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru. Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera
Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’ameera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 21, 2025 193
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’amuusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeeibsan. Sagantaan beekamtii tola ooltotaa bara 2017 gaggeeffamaa jira. Kantiibaa Adaanech Abeebee saganticharratti akka ibsanitti, mootummaan fayyadama lammiilee haqa qabeessa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjeteera. Keesumaa hojiileen misoomaa haala jireenyaa harka qalleeyyii fooyyessan bal’inaan hojjetamuu ibsanii, kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa akka ture ibsaniiru. Guddina biyyaa fi gaaffii hawaasaa garagaraa hojii mootummaan hojjetuun qofa deebisuun hin danda’amu kan jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa namarratti xiyyeeffatu kan mootummaan jijjiiramaa boceen hojiileen hammatoo fi hirmaachisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru. Keessumaa yaadama tola ooltummaa ummata qabsiisuun hojiinn hojjetaman faayidaa guddaa akka qaban kaasaniiru. Tajaajiloota tola ooltummaa dargaggoota tola ooltotaan, ogeeyyota dameelee hojii garagaraa irratti bobba’anii fi dureeyyiin raawwatamaniin lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuun danda’ameera jedhan. Yeroo ammaa tola ooltummaan aadaa ta’aa dhufuurra darbee tokkummaan, waloomnii fi waldeeggaruun hawaasa biratti akka baratamu carraa uumuusaa ibsaniiru. Lammiileen harka qalleeyyiin tajaajila tola ooltummaan fayyadamaa akka jiran eeraniiru. Dargaggootaa fi dureeyyii tajaajila tola ooltummaa raawwatan kan galateeffatan yoo ta’u beekamtiin kun hojii fuuldura hojjetaniif kaka’umsa uumuuf kan akeekamedha jedhaniiru.
Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii hojjetu ittifufa- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 176
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii itti jiru cimsee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hoggantoota durii fi amma hojiirra jiran waliin marii’ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad nageenyi bu’uuura misoomaa ta’uu amanuun nageenyi akka bu’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi amma dhufutti caallisnee hin teenyu naheenyi hanga dhufutti ni misoomsina, filannoon keenya nageenya cimsaa misoomsaa itti fufuudha jechuun dubbataniiru. Harka tokkoon nageenya eegsisaa isa biroon misoomsuu yoo hin dandeenye nageenya hawwinu cimsuu fi fiduu hin dandeenyu jedhaniiru. Nageenyi misoomaan ala hin cimu kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, lammiin hundi misooma biyyasaaf akka tumsu waamicha dhiheessaniiru. Gama kanaan dilbii naannichaa baasnee yeroo fayyadamnuu fi bu’aan hojii keenyaa yeroo itti ida’amu Itiyoophiyaa baay’ee miidhagdee fi badhaate arguu dandeenya jedhaniiru Ministirri Muummee.
Diinagdee
Sosochiiwwan Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa industiriiwwanii mirkaneessaa jira
Oct 23, 2025 49
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Sosochiiwwan Itiyoophiyaan haa oomishtuu hudhaalee damee oomishaan jiran furuuf eegalaman bu’a qabeessummaa industiriiwwanii mirkaneessaa jiraachuu af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan. Hooggantoonnii fi misoonsonni mana maree bakka bu’oota ummataa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industiriitti zoonii dinagdee addaa Boolee Lammii daawwataniiru. Dabalataanis hooggantoonnii fi miseensonni mana marichaa sochii hojii ‘AM G’ hooldiingis daawwataniiru. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bi’oota ummataa Loomii badhoo, mana maree bakka bu’oota ummataatti de’eetaan ministiraa gargaaraa itti waamamaan mootumma Masarat Hayilee fi miseensonni mana maree saganticharratti hirmataniiru. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo wayita kana akka jedhanitti, daawwanichi sochii hojii Industiriiwwanii fi sadarkaa irra jiran ilaaluuf kan akeekamedha jedhaniiru. Buna galtee itti dabalame gabaa biyya alaaf erguu fi oomisha sibiilaarratti kan hojjetu ‘AM G’ hooldiingis daawwannaan industirii Paarkiitti gaggeesse kun waamicha ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiheessan bu’uureffachuun ta’uu dubbataniiru. Namni mul’ata qabu maal uumuu akka danda’u daawwannaa Kanaan argineerra jedhan af-yaa’iin kun. Hudhaalee damee kanarratti mul’atan furuuf kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa Industiriiwwanii mirkaneessaa akka jiru arguusaanii eeraniiru. Dameen oomishaa sharafa alaa oolchuu fi carraa hojii bal’aa uumuudhaan gumaacha dinagdee olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Hojiilee guddina damee kanaa mirkaneessuuf eegalaman cimsuun akka barbaachisu hubachiisanii, kanaaf ammoo manni marichaa deeggarsa barbaachisu akka godhu mirkaneessaniiru.
Godinichatti Buna Qulqullinaa fi baay’inaan misoomsuuf hubannaan kennamaa jiru adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee fayyadamummaa Diinagdee guddiseera
Oct 23, 2025 237
Onkoloolessa13/2018(TOI)-Godina Gujiitti Buna Qulqullinaa fi baay’inaan misoomsuuf hubannaan kenaamaa jiru adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa guddisuusaa bulchaan Godinichaa Nagaash Bullaallaa ibsan. Waltajjiin marii qulqullinaa fi gurgurtaa buna uumamaa irratti Magaalaa Adoolaatti walitti qabdoota Omisha bunaa, dhiheessitootaa fi daldaltootaa waliin gaggeefameera. Waltajjii marii kanarratti Bulchaan Godinichaa Nagaash Bullaallaa akka jedhanitti, Godina Gujiitti Lafti hektaarri kuma 300 ol misooma Bunaan qabameera. Buna Godinichatti Omishamu sadarkaa qulqullinasaa eegee gabaa gidduugaleesaaf akka dhuhaatuuf omishtootaa fi hirmaattota daldalaaf hojiin hubannaa uumuu raawwatamuu ibsaniiru. Kunis godinichatti buna baay’inaa fi qulqullinaan omishuuf hubannaan kennamaa jiru adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee fayyadamummaa dinagdee qonnaan bulaa guddiseera jedhaniiru. Fakkeenyaaf Godinichatti waggaa darbe omishini bunaa qulqulluu fi sadarkaasaa eeggate toonii kuma 56 fi 270 ol gabaa gidduu galeessaaf dhihaachuu yaadachiisaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Daldalaa Godinichaa Areeruu Waaree gamasaaniin, bara baajataa qabame buna qulqulluu fi sadarkaasaa eeggate toonii kuma 100 ol gabaa gidduu galeessaf dhiheesuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis Omishaaf, Daldalaa fi dureeyyiif omisha walitti qabuu fi kuusuurratti qulqullinaaf xiyyeeffannoo akka kennan leenjiin hubnannaa cumsuu kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Adeemsa buna gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf taassifamu keessatti daldala seeraan alaa to’achuuf qindoominaan hojjetamuusaa kaasaniiru. Bunni Gujii Beekmtii Idil-addunyaa argachuusaan omishasaa baay’inaa fi qulqullinaan dhiheessuuf kaka’umsa nuuf uumeera kan jedhan immoo godinichatti aanaa Shaakkisootti bakka bu’aa walitti qabaa fi dhiheessaa Buna Daalachoo Eermiyaas Singaagoo ti. Waltajjii mariirratti kan hirmaate qotee bulaa dargaggoo Zalaalam Alamuu gamasaan misoomaa fi gurgurtaa bunaa saffisiisuuf hubannaan yeroo yerootti kennamu omishicha baay’inaa fi qulqullinaan gabaa gidduu galeessaf dhiheessuun fayyadamaa taassisuu ibsaniiru. Xiyyeeffannoon addaa misooma Bunaaf kennameen omishicha baay’inaa fi qulqullinaan omishuuf isaan gargaarruurra darbee daldaltootaa fi dhiheessitoota haarawaa uummachuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufeera
Oct 23, 2025 52
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin Haroo Nigaatirratti madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufuu itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naanno Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan. Waajjira Pirezidaantii fi Biiroo koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaatiin kan qophaa’e mariin gumii balal 46ffaan mataduree “Hidhi Haaromsaa Abdiirraa gara Ifaa qabatamaatti ” jedhuun hara’a gaggeefamera. Maricharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naanno Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsituu tokkummaa fi waqloomaa Itiyoophiyaanottaa kan ta’e hidhi haaromsa Itiyoophiyaa guddichi Imimmaaniin, dafqaa fi dhiigaan xumuramuu yaadachiisaniiru. Kanaanis hidhichi bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomse abdiirraa gara ifaa qabatamaatti kan ceessisedha jechuun ibsaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddichi beekumsa Itiyoophiyaanotaan, qabeenyaa fi ciminaan ijaaramee xumuramuun olka’insa Itiyoophiyaanotaaf bu’uura cimaadha jechuun dubbataniiru. Milkaa’ini Hidhichaa deebii gaaffii dhalooni ammaa ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taassisuuf fakkeenya kan ta’udha jechuun ibsaniiru. Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mallattoo tokkummaan fi birmadummaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu eeruun, keessumaa yaada Paan Afriikaanizimii kan ta’e miira ni danda’amaa pirojektii haaressuu danda’e ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Idil Addunyaatti hojii cimaa dippiloomaasiirratti hojjetameen mormiiwwan shiraan guutaman ragaa fi odeeffannoon injifachuun pirojekticha xumnuruun danda’amuu dubbachuun kunis seenessa bishanii Afriikaarra jiru guutummaatti jijjiiree boqonnaa haaraa baneera jedhaniiru. Ummanni Oromoo Obbolootasaa sabaa fi sablammii waliin ta’uun ijaarsa hidhichaaf qooda olaanaa Taasisuusaa Obbo Awwaluun kaasaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsaa Annisaa gahaa maddisiisuu qofa osoo hin ta’iin haroon Nigaat naanniichatti uumame madda diinagdee ta’aa dhufuu Itti Aanaan Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Dubbataniiru. Hidhi Haaromsaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufeera Itti Gaafatamaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannichaa obbo Haayiluu Adduyaa, pirojektichi yaadama hindanda’amu jedhu jijiiruun Afriikaa Misoomaaf kakaasuu danda’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhugoomuu kan danda’e hoggansii fi ummanni tattaaffii taassisaniin ta’uu dubbachuun hidhichi ibsituu tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaanotaati jedhaniiru. Saganticharratti hayyoonni adda addaa kan hirmaatan yoo ta’u qabeenya bishaan Itiyoophiyaarratti barreeffamni qorannoo dhihaatee mariin gaggeeffameera .
Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf Xiyyeeffannoo kenneen milka’inoonni galmaa’aa jiru
Oct 23, 2025 42
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf Xiyyeeffannoo kenneen milka’inoonni sadarkaa sadarkaan galmaa’aa jiraachuu De’eetaan Ministira Industirii obbo Taarraqany Bulultaa ibsan. Hoggantoonnii fi miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa koorporeeshinii misooma paarkii Industiriitti Zoonii Dinagdee Addaa Boolee Lammii daawwataniiru. Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Itti Aantuu Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Loomii Badhoo, Mana Maree bakka bu’oota Uummataatti itti wamaamaa gargaaraa Mootummaa De’eetaa Ministiraa Masarat Haayilee akkasumas miseensonni mana Mana Maree argamaniiru. De’eetaan Ministira Industirii obbo Taarraqany Bulultaa ibsa daawwattootaaf kennaniin , Inidutiriiwwan omishaa carraa hojii uumuuf akkasumas argamsa sharafa Alaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu dubbataniiru. Waggoottan torban darban xiyyeeffannoo Mootummaan damichaaf kenneen milka’inoonni sadarkaa sadarkaan galmaa’uusaanii dubbataniiru. Sosochii Itiyoophiyaan haa omishtuun hudhaawwan damee omishaa bal’inaan furuun danda’amuu dubbataniiru. Industiriiwwan hedduu sababa adda addaan cufamanii turan sosochii Kanaan gara hojiitti deebi’uusaanii ibsaniiru. Dabalataanis dhiheessiin bu’uuraalee misoomaa furamaa jiru kan jedhan de’eetaan ministiraa, damichi Dinagdee keessatti qooda dursummaa akka qabaatuuf hirmaannaa gochuu akka qaban hubachiisaniiru. Mootummaan dorgommii damichaa guddisuuf kutannoon hojjecha jiraachuu ibsuun, bu’aawwan kana cimsuu fi rakkoowwan furuun furmaata waaraa kennaa jiraachuu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi Miseensonni Mana Maree bakka bu’oota uummataa fuuldurattis industiriuiwwan adda addaa deemanii akka daawwatan ni eegama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa ni argatu
Oct 22, 2025 204
Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutiin Miitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen akka beeksisetti, kutaalee biyyattii Kanaan dura rooba gannaa argachaa turan kutaaleen biyyaa Lixaa fi kibba lixaa rooba itti fufaa ni argatu. Gama buraatiin kutaalee biyyattii Kaabaa lixaa fi Kaabaatti roobba hin eegamne xiqqaa akka argatan odeeffannoowwan Miitiwoorooloojii ni mul’isu jedheera. Baaroo Akooboon, Oomoo, Gibe, sululli qinxaamaa jiddu galeessaa fi gadii, Gannaalee Daawwaa gubbaa fi jiddu galeessaa, Waabii Shabalee gadii fi jiddugaleessa, Ogaadiin gadii, abbayyi gadii fi Takazeen gadii jiidha jiddugaleessaa akka argatan ibsicha keessatti eerameera.
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa
Oct 22, 2025 115
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifameera-Itiyoo Telekoom
Oct 17, 2025 308
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifamuu hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom waliin gahiinsa intarneetii Itiyoophiyaatti caalaa guddisuuf tajaajila Ze Nekses jedhu ifatti eegalchiiseera. Hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoo-Telekoom ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf telekoomii fi bu’ura misoomaa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Waggoottan jahan darban tajaajila neetwoorkii dhaloota afraffaa fi shanaffaa, Kilaawudii, teelee birrii fi Zaman gabayaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiirra oolan humna guddaa ta’aa akka jiran eeraniiru. Baay’ina maamilootaa miiliyoona 100’n gahuuf garoorfamuu ibsanii, kana keessaa maamiloonni miiliyoona 69 fayyadamtoota moobaayilii fi Birood band Intarneetii gochuuf tarsiimoon bahee hojiin eegalamuu ibsaniiru. Maamiloonni Itiyoo telekoom miiliyoona 85 tuqaa 9 Itiyoophiyaa kessa akka jiran eeranii, kanneen keessaa miiliyoonni 47 qofti Intarneetii akka fayyadaman beeksisaniiru. Kanaaf ammoo sababoonni garagaraa kan jiran yoo ta’u gatiin meeshaalee Ismaart kana fayyadamuuf oolan mi’aa ta’uu sababa ijoo ta’uu eeraniiru. Itiyoo Telekoom kana yaada keessa galchuun tajaajila Ze Nekses jedhu ifoomsuuibsaniiru. Tajaajila kana qaqqabaa gochuuf bilbiloota moobaayilii teeknooloojii Kilaawud fayyadaman, Laaptooppota, Taableetotaa fi Woorkisteeshinoota gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuusaa dubbataniiru. Maamiloonni meeshichatti fayyadaman Kilaawudii Itiyoo Telekoom kallattiin fayyadamuun tajaajila tajaajila akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu dhiheessuuf qophiin taasifamuu eeranii, qaqqabummaa Intarneetii kana guddaa fooyyessa jedhan. Yeroo ammaa qonna, tajaajila dijitaal faayinaansii barumsa dabalatee tajaajiloonni mootummaa garagaraa Intarneetiin akka kennaman eeranii, gama Kanaan tajaajilli Ze Nekses hojii eegaluunsaa faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli Ze nekses dhaabbileen akka waldorgoman gochuuf akkasumas tajaajiloota si’ataa fi ammayyaa qaqqabaa akka taasisan qooda olaanaa akka bahu himaniiru.
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 427
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Ispoortii
Tapha Liigichaan Faasil Kanamaan yoo injifatu Magaalaan Shaggarii fi magaalaan Adaamaa wal qixa bahaniiru
Oct 23, 2025 52
Onkoloolessa 13/2018 (TOI)-Sagantaa Priimer Liigii Itiyoophiyaa turban lammaffaa taphoonni guyyaa jalqabaa itti fufaniiru. Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffameen Faasil Kanamaan Yuunivarsiitii Walwaalloo Addigiraat 2 fi 0’n mo’ateera. Barakat Gizaawu fi Abeenezer Yohaannis galchlii garichi ittiin mo’ate a galchaniiru. Faasi Kanamaan tapha liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessiseera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti taphatameen Magaalaan Shaggar fi magaalaan Adaamaa galchii malee walqixa bahaniiru. Yeroo kanatti Walaayittaa Diichaan Magaalaa Dirree Dawaa waliin taphachaa jiru.
Gareen Buna Itiyoophiyaa tapha liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessise
Oct 23, 2025 42
Onkoloolessa 13/2018 (TOI)-Gareen Buna Itiyoophiyaa sagantaa jalqabaa torban lammaffaa tapha piriimar Liigii Itiyoophiaatiin injifannoo jalqabaa galmeessiseera. Sagantaa jalqabaa turban lammaffaa piriimar Liigii Itiyoophiyaatiin Bunni Itiyoophiyaa haaraa kan guddate Nagallee Arsii 2 fi 1’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Abubakar Addaamuu fi Bafiqaaduu Alamaayyoo galchii mo’nnaa galchaniiru. Gabramasqal Dubbaalee garee Nagallee Arsiif galchii tokko galcheera. Akkaataa qabxii kanaatiin Gareen Bunaa liigichaan mo’annaa jalqabaa milkeessaniiru. Nagallee Arsii ammoo tapha liigichaan mo’atamuu jalqabaa keessummeesseera.
Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa walqixa bahan
Oct 20, 2025 230
Onkoloolessa 10 /2018 (TOI)-Sagantaa torban jalqabaa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa galchii malee walqixa bahaniiru. Tapha har’a waaree booda Istaadieemii Finfinneetti gaggeeffameen taphataan magaalaa Adaamaa Hayidar Sharafaa kaardii keelloo lamaan kaardii diimaan dirreerraa baheera. Hayidar bardheengaddaa bardheengaddaa Itiyoophiyaa Madin dursaa kilabichaa ta’uun Waancaa kan argate yoo ta’u taphataa cimaa ta’uun filatamees ture. Itiyoophiyaa Madin imala kabaja waancaa eegsisuuf taasisu qabxii buusuun eegaleera. Sagantaalee turban jalqabaa biroon magaalaan Bahaar Daar Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Finfinneetti, Midire Gannat Shiree Maqalee 70 Indartaa waliin Istaadiyeemii Hawaasaatti sa’aatii wal fakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu.
Torban saddettaffaa Piriimer Liigiin Maanchastar Siitiin Everta mo’ate
Oct 18, 2025 356
Onkoloolessa 8/2018 (TOI)- Torban saddettaffaa Piriimer Liigii Ingiliziin Maanchastar Siitiin Everta 2 fi 0’n mo’ate. Tapha Istaadiyeemii Ithaaditti taphatameen Arliing Halaand goolii lachuu galcheera. Baay’inni goolii Halaand Liigichaan galche 11’n gahuun taphataa goolii baay’ee galche ta’uun itti fufeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Maanchastar Siitiin qabxii 16’n yeroof sadarkaasaa gara tokkoffaatti dhufeera. Benleey Liidsi Yuunaayitidiin, Sandarlaand Wolvisiin qabxii wal fakkaataa 2 fi 0’n mo’ataniiru. Biraayitan Niwukaastil Yuunaayitidiin 2 fi 1’n mo’ateera. Bornimaawuz Kiristaal Paalaas 3 fi 3’n walqixa bahaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate
Oct 23, 2025 39
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera. Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru. Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru. Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru. Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru. Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 279
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 303
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 536
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8049
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6507
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.