Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Harariitti Hojiileen Eegumsaafi Kunuunsa hambaalee fi Misooma koriidaraan hojjetaman daawwattoota hawwachaa jiru
Jul 8, 2026 92
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee fi misooma koriidaraan hojjetaman yaa’insa Tuuristootaa haala olaanaan dabalaa akka jiran ogeeyyiin hojii daawwachiisummaarratti bobba’an beeksisan. Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad dhiheenya kana mata-duree “Tuurizimiin Motora Diinagdee Haaraadha!” jedhuun ibsa kennaniin, hojiilee sektera kanaan hojjetamaniifi bu'aawwan argaman kaasaniiru. Kunis filannoowwan diinagdee hedduu irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu damee Tuurizimii kanaan milkaa'ina galmaa'e ragaa taasisanii dhiyeessaniiru. Harar keessatti hambaalee durii, amantiifi seenaa qaban suphuufi hojiileen misooma koriidarii guddinaafi dammaqiinsa damee Tuurizimiitiif humna gudhaa ta'uu bira dabranii, daawwattoota hawwachaa akka jiran ibsameera. Hambaaleen umurii waggoota dheeraa qaban kanneen balaa uumamaafi nam-tolcheerraa oolchuuf, mootummaa naannichaafi qooda fudhattootaan qindoominaan misooma koriidarii, eegumsaafi kunuunsi hambaalee hojjetamaa tureera. Waggoottan dhihoon asitti Jugol osoo qabiyyee seenaasaa gad-hin dhiisin hojiileen suphaafi haaromsaa hojjetaman, wiirtuulee tuuristootaa miidhagsuufi akkasumas miidhagina halkaniitiin bifa magaalaattii kan jijjiiranii fi pirojektoonni misooma koriidorii, umrii hambaalee dheeressuu bira dabranii daawwattootaaf naannoo mijataafi hawwataa uumuu danda'aniiru. Hojimaanni kun keessattuu tuuristonni biyya keessaafi alaa yeroo magaalattii keessa turan akka dheeressaniifi muuxannoo isaan duudhaalee aadaa irratti qaban akka gabbifatan carraa guddaa uumeera. Hojiin eegumsaafi fooyya'iinsa hambaalee kun galii Turizimii naannichaa dabaluu bira darbee,hojii daawwachiiftummaa, tajaajila hoteelaa, fi gurgurtaa oomishaalee harkaa (aadaa) irratti bobba'aniif carraa hojii bal'aafi madda galii ta'uun faayidaa olaanaa gumaachaa jira. Daawwachiisaan Tuurizimii naannichaa Haayiluu Gaashaawu akka ibsetti, Hambaa Idil-addunyaa Jugool dabalatee, aanaalee baadiyaafi magaalaa keessatti hambaalee seenaafi durii jiran irratti hojiileen eegumsaafi kunuunsa gahaan hojjetamaniiru. Hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee kunneen, akkasumas ayyaanni Shawwaalid dabalatee ayyaanni kabajaman daawwattoota biyya keessaafi alaa hawwachuu keessatti gumaacha guddaa gochaa akka jiran dubbateera. Keessattuu damee Tuurizimii guddisuuf mootummaan naannichaa filannoowwan adda addaatiin hojiin beeksisuu hojjete, abbootiin qabeenyaa magaalattii keessatti Riizoortotaafi hoteelota akka ijaaran carraa uumuu isaas dubbateera. Daawwachiisaa biraa Teediroos Balaay gama isaatiin, magaalattii keessatti misooma koriidariin hojiileen hojjetaman damee Tuurizimii irratti dammaqiinsa uumuusaa, magaalaattii miidhagsuufi qulqulleessuu bira darbanii daawwataan akka deebi'ee dhufu gochaa jiraachuu ibseera. Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii naannichatti damee Tuurizimiitiif xiyyeeffannoo kennameen, iddoowwan hawwata Tuurizimii misoomsuun, yeroo turtii tuuristootaa dheeressuufi humna diinagdee sektericharraa argamu guddisuun hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsuuniiru.
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 67
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Itiyoophiyaan oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira - Hayyoota
Jul 8, 2026 93
Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Itiyoophiyaan oomishaalee sharafa alaa gatii guddaa qaban oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira jedhan hayyoonni. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kaleessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, dinagdee biyyattii babal’isuu fi ammayyeessuuf dameewwan ijoo ta’an keessaa dinagdeen industirii ijoo fi xiyyeeffannoo ta’uu eeraniiru. Jijjiirama kanaan dura dandeettiin oomishaa industiriiwwan biyyattii dhibbeentaa 47 gadi akka ture hubachiisuun, kanaafis rakkoon akka faayinaansii, lafaa fi dhiyeessii humna ibsaa akka sababaatti ka’uu ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf mootummaan koree addaa hundeessuun tokkoon tokkoon industirii daawwachuun rakkoo isaanii sadarkaa sadarkaan jiru furuu kan danda’e yoo ta’u, carraaqqii cimaa taasifameen dandeettiin oomishaa industiriiwwan duraanii har’a dhibbeentaa 67tti ol guddateera. Industiriiwwan Itiyoophiyaa guddachaa jiran oomisha hedduu omishuudhaan biyya alaatii kan galfamu biyya keessaan bakka buusuu qofa osoo hin taane, hanga biyya alaatti ergamus dabaleera. Akka ogeeyyiin damee kanaa dhimma kana irratti ENA waliin turtii taasisan jedhanitti, akkaataan mootummaan oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa bakka buusuuf hojtete jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira. Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti kutaa Bizinasii fi Diinagdee keessatti barsiisaa kan ta’an Dr. Masfin Mokonnon akka himanitti, waggoota dhiyoo asitti hanqinni sharafa alaa qormaata guddaa ta’us, amma rakkoon kun saffisaan furmaata argachaa jira jedhan. Ijaarsi paarkiiwwan industirii haaraa fi dandeettii oomisha isaanii itti fufiinsaan guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru seenaa Itiyoophiyaa keessatti sharafa alaa guddaa qusateera jedhan. Itti dabaluunis, industiriiwwan oomisha biyya keessaa haala salphaa fi gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun oomisha biyya alaa bakka bu’aa jiru jedhan. Oomishaalee huccuu fi gogaa akka fakkeenyaatti kaasuun, dandeettiin teeknooloojii dijitaalaa biyyattii guddachaa dhufe adeemsa kana keessatti itti fayyadamuu isaa ibsaniiru. Akkasumas hojiin qonna ammayyeessuun oomisha babal’isuun of nyaataan of danda’uu galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu akka danda’u, dhimmoonni mootummaan labsee fi irratti hojjechaa jiru kana caalaa jijjiirama gaarii kan fidan ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessa diinagdee qonnaa fi qorataa kan ta’an Dr. Adabaa Gammachuu akka himanitti, Itiyoophiyaan midhaan akka qamadii fi ruuzii bal’inaan oomishuun oomishaalee biyya alaatii galfaman hir’isuu fi dhabamsiisuuf hojiiwwan milkaa’inaan raawwatteetti jedhani. Oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dargaggootaafi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumaa jira jedhan. Tattaaffiin kun hirkattummaa oomisha nyaataaf biyyoota alaa irratti qabnu hir’isuu fi wabii nyaataa biyyaalessaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan milkaa’ina qabatamaa kanaaf cimtee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Warshaalee babal’isuunis kaayyoo kana galmaan ga’uuf bu’uura ta’aa akka jiru hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Qonnaan bultoonni adda duree Godina Baalee 700 ol ta’an bara bajataa kanatti qonna irraa gara invastimantiitti ce’aniiru
Jul 8, 2026 139
Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti bara bajataa kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uu Waajjirri Invastimantii fi Industirii Godinichaa beeksise. Qonnaan bultootaa fi waldaalee damee hojii isaaniitiin gara invastimantiitti milkaa’inaan ce’aniif jajjabinni kennamu kanaan ol fooyya’aa akka hojjetan kan isaan kakaasu ta’uu ibsaniiru. Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Invastimantii fi Industirii Godinaa obbo Mahaammad Ibroo dubbatanitti, Qonnaan bultoonni Godinichaa gara invastimantii damee hojii isaaniitti milkaa’inaan akka ce’aniif deeggarsi taasifamaa jira. Haaluma kanaan bara baajataa Godinicha keessatti xumuramaa jiru kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uun hayyama invastimantii argachuun hojii eegaluu isaanii agarsiisaniiru. Qonnaan bultootaa fi intarpiraayizoonni waggoota darbanitti damee hojii isaaniitiin milkaa’ina kan argatan yoo ta’u, kaappitaala nama tokkoof Birrii miiliyoona 1.5 ol galmeessuun isaanii ni yaadatama. Qonnaan bultootaa fi waldaaleen kunneen kaappitaala galmeessan Birrii biiliyoona 2.5’n gara invastimantiitti ce’uu isaaniis ibsaniiru. Itti dabaluunis qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’an kunniin gaafa guutummaan guutuutti hojiitti seenan lammiilee kuma 14 fi 400 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroof ni uuma jedhan. Dameewwan hojii qonnaan bultoonni adda duree ta’an irratti bobba’anii turan omisha, tajaajila, industirii fi dameewwan biroo kan hammatu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoota gara invastimantiitti ce’an keessaa tokko kan ta’an obbo Ibraahim Kadir hojii qonnaa irratti bobba’uudhaan qamadii fi midhaan biroo oomishuun milkaa’inaan gara invastimantiitti ce’uu isaanii dubbataniiru. Amma lafa invastimantii argachuun sanyii baay’isuu qulqullina olaanaa qabu irratti bobba’uu himaniiru. Waggoota darban damee qonnaa keessatti hojii milkaa’aa hojjataniif ragaa beekamtii argatan malees, bakki hojii akka onnachiiftuu invastimantiitti argatan kana caalaa akka hojjataniif isaan gargaaruu isaa kan himan immoo obbo Bayyan Mahaammadidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Fiicheettii Pirojektoonni adda addaa xumuramuun Tajaajilaaaf banaa ta’an
Jul 7, 2026 910
Waxabajjii 30/2018(ENA) Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti pirojektoonni garaa garaa baajata mootummaafi Hirmaannaa uummataan birrii Miliyona 629 ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an. Sirna eebbaa kanarrattis hoggantoonni mootummaa Oolaanoon argamaniiru. Pirojektoota eebbifamuun tajaajilaaf ga’an Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa abbaa darbii afurii, Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo (Masoob),Waajjiraalee bulchiinsa Gandaa , Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Magarsaa Badhaasaa fi kanneen biroon xumuraman bakka hoggantoonni olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Sirna eebbaa kanarratti itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti obbo Awwaluu Abdii,Motummaan jijjiiramaa gaaffilee hawaasa deebisuuf hojii hojjetaa jiruun wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ daran babal'isuu irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.   Pirojektoonni kunneen qulqullinaafi aariitiin ijaaramanii xumuramuun rakkowwan kanaan dura kenniinsa tajaajilaa irratti mul’achaa ture furuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uusaanii, Ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, Mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuu irratti fulleffatee hojjechuun pirojektoonni wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘masoobii’fi ijaarsawwan mana Gandaa babal'isuun hawaasni tajaajila itti dhiyeenyaafi bakka tokkotti akka argatu ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jiraatoonni Godinichaa tokko tokko yaada kennaniin, pirojektoonni kun tajaajila si'ataa,haqa-qabeessaa fi qulqulluu kennuun fayyadamummaa isanii kan mirkaneessu ta’uu ragaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa irraa arganne ni mul’isa.  
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 1156
Waxabajjii 30 /2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaan uummanni Itiyoophiyaa guddinaa fi dandeettii qorumsa danda'uuf qabu kan agarsiisedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ibsa kennaniinis, filannoon waliigalaa 7ffaan qaama siyaasaa barachuuf fedha qabu kamiyyuuf barumsa guddaa kan kenne, uummanni Itiyoophiyaa immoo ogummaa fi qabeenya kuufamaa jaarraa dheeraa kan qabu ta'uu isaa kan mirkaneessedha jedhaniiru. Ministirri Muummee filannichi kanneen kanaan dura gaggeeffaman mara irraa adda kan isa taasisan keessaa gurguddoo ibsuun; mormitoonni ‘hin galmaa’iinaa, hin deeggarinaa fi hin filatinaa" jedhanii doorsisaa fi dhorkaa itti fe'an osoo hin sodaatin, uummanni gurmaayee bahuun hamma halkanitti kan filatee fi gootummaan guddaan kan keessatti argame ta'u ibsaniiru. Qaamoleen filannoon kun akka hin milkoofne barbaadan, filannicharratti xiyyeeffatee socho'aa akka turan yaadachiisaniiru. Humnoonni Baandotaa fi ergamtoota bobbaasan hundi filannoo waan hin jaallanneef, adeemsichi akka hin gaggeeffamneef waan danda'an mara gochuu isaanii ibsuun; ta'us hin milkoofneef jedhaniiru. Uummanni Itiyoophiyaa rakkina ce'uu fi dhimmoota ogummaan dabarsuu beeku, qorumsa kana hundumaa ce'ee filachuu fi injifachuu isaatiif kabajni guddaan isaaf mala jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni sagalee tokkoon finxaalessummaa, gandummaa fi qomoon wal-qooduu hin barbaannu; biyya waliinii misoomsuu fi badhaadhomsuudha kan barbaannu dhaamsa jedhu filannichaan waliin calaqqisiisuu isaanii Ministirri Muummee ibsaniiru. Yeroo filannichaa ijoolleen isaanii biyya fi mootummaa jabaataa fi nagaa qabu argachuu qabu ejjennoo jedhu kan qabatan Itiyoophiyaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman, keessumattuu maanguddoonni, dhukkubsattoonni fi haadholiin, osoo rasaasni itti dhuka'uu kanaan osoo hin na’iin gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennuu isaanii yaadachiisaniiru. Kutannoon lammiilee kun namoota filatamanii fi mootummaaf imaanaa guddaa kan kenne ta'uus ibsaniiru. Uummanni jalqabbii keessan jaallanneerra; hattoota isin keessa jiran qulqulleessitanii, tajaajila fooyyessitanii, Itiyoophiyaa jabduu fi badhaate ijoollee keessaniif dabarsuu dandeessu carraa jedhu waan nuuf kenneef, uummata keenya sirriitti tajaajiluu itti-gaafatamummaa guddaa qabna jedhaniiru. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti, akkasumas qaamolee "filannoon nuun ala hin jiru" jedhanii, Paartiin Badhaadhinaa falmii fi mormii guddaa gaggeessuun murtoo guddaa dabarsuu isaa ifa taasisaniiru. Haaluma kanaan, paartichi filannichaan teessuma parlaamaa dhibbantaa 85 irratti qofa dorgomuun, teessoo hafe dhibbenta 15 immoo paartilee dorgomtootaaf qofatti akka irratti dorgomaniif carraa kennuu isaa dubbataniiru. Filannicharratti sagaleen hedduun akka hirmaatu fedhiin akka turee fi kanaanis paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an hedduun hirmaachuu isaanii ibsuun; waliigala filannichi nagaa, diimokiraatawaa fi Eeyyama uummataa kan argate ta'uun milkiidhaan xumurameera jedhaniiru.
Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira
Jul 7, 2026 761
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018, yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa ilaalchisee kaasaniif deebii kennaa jiru. Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin MM Dr. Abiyyi Ahimad akka dubbatanitti, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa dhimma salphaa osoo hin taane tarkaanfii guddaa nagaa waaraa ijaaruuf fudhatamedha jedhani. Carraan kun kan argame naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi yeroo hundeeffamee, bu’uuraaleen misoomaa jeequmsaa fi miidhaman deebisuuf ta’uu ibsaniiru. Piritooriyaan akka mariitti ilaalamuu hin qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, mootummaan nageenya buusuuf gatii guddaa akka kaffale ibsaniiru. Haa ta'u malee, warri naannicha keessatti nageenya hin barbaanne ammas jireenya nagaa ummata Tigraay booressaa akka jiran dubbataniiru. Humnoonni nageenya diiguu kunneen maatii ofii Finfinnee, biyya alaa nagaa fi tasgabbiin eegaa kan jiran yoo ta’u, lubbuu namoota qulqulluu naannichaa irratti hookkara geessisaa akka jiran himaniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana dargaggoonni Tigraay hedduun garee wayyaanee seeraan ala Sudaan keessatti butamanii waraanaaf gurguramaa akka jiran ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarkaanfiin kun hatattamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan yoo ta’u, harki mootummaan nagaaf diriirfame jabaa ta’uu mirkaneessaniiru. Kana malees, hidhattoonni kuma 60 gadi hin taane kaffaltii (DDR) erga argataniin booda raayyaa ittisa biyyaa irraa gad lakkifamuu, hidhamtoonni fi booji’amtoonni hedduun akka gadi lakkifaman ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 512
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa gatii guddaa nageenyaaf waaraaf kaffalame ta’uu ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisee kaasaniif deebii fi ibsa kennaa kennaa jiru. Kanuma waliin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii keessatti Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisuun ibsa kennaniin, waliigalteen nageenyaa kun nagaa waaraa fiduu fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbachuuf gatii guddaa kaffalamedha jedhani. Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo hundeeffamu eeruun, Hidhattoota deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii kuma 60 ol leenjisuu fi deebisanii dhaabuun akka raawwatame ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee hawaasummaa naannicha keessa jiran deebisanii ijaaruun ummanni fayyadamoo akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Naannichatti ammas tattaaffiin nageenya booressuu akka jiru eeruun, ummanni Tigraay karaa nagaa bahee fi bahuu akka hin dandeenyee fi rakkoon kun hammaataa dhufuu dubbatani. Warri jeequmsa kakaasan ijoollee isaanii biyya alaa fi Finfinnee keessa kaa’anii, dargaggoota Tigraay hedduu waraana Sudaan keessatti hirmaachisuun fi kasaaraa guddaa irraan geessisaa akka jiran hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, waraana kakaasuuf irra deddeebiin tattaaffiin godhamus, mootummaan obsaan irra darbaa jira jedhan. Madda nageenya booressan mootummaan akka gaariitti akka beeku ibsaniiru, rakkoo kana madda irraa maqsuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru. Mootummaan birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya waaraa hundeessuuf dandeettii amanamaa akka qabus ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad humnoonni nageenyaa fi seera kabachiisan biyyattii yeroo kamuu caalaa dandeettii lakkoofsa, qulqullinaa fi teeknooloojiin qaban ijaaruun haala kamiinuu ejjennoo nageenya qabu keessa akka jiraatan mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan furuun waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuufi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 493
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan hiikuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuuf akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa ka'aniif deebii kennaa jiru. Ibsa isaanii keessatti Ministirri Muummee akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufaman furuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuudha. Carraan marii amma argame hedduun, akka salphaatti ilaalamuu akka hin qabnee fi sirnaan itti fayyadamuu akka qabu hubachiisaniiru. Carraan tokko yeroo dhufutti sirriitti itti fayadamuun barbaachisaadha kan jedhan mimistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, erga darbee gaabbuu, akkasumas osoo lubbuun jirruu osoo hin beekiin yeroo lubbuun darbu faarsuun amala badaa jijjiiramuu qabu dha jedhani. Mariin biyyaalessaa kun ariitiin gaggeeffamaa akka hin jirree fi manni marichaaf yeroon dabalataa kennameefii of eeggannoodhaan qajeelfamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Mariin kun hirmaannaa qindaa’ee fi ajandaa hawaasa hundarraa madda waan ta’eef, adeemsa gatii guddaa qabuu fi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutuu Afrikaaf fakkeenya ta’ee tajaajiluu danda’u ta’uu ibsaniiru. Akkasumas kaayyoon marii kanaa inni guddaan rakkoolee waggoota darban keessatti kuufaman irratti waliin mari’achuu akka ta’e, akkasumas bakka waliigalteen hawaasummaa haaraan hojiirra ooluu danda’u ta’uu hubachiisaniiru. Rakkooleen marii kanaan furaman kan duraan turan malee kan haaraa uumaman miti; rakkoon jiru taateewwan seena qabeessa mootummaa ammaa kana mudataniidha jedhani. Kanaaf miseensonni paartilee wal morkatanii fi namoonni siyaasaa biyya alaa jiraatan karaa fi ilaalcha jallate keessaa bahanii rakkoolee jiran waliin hiikuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaada ummataa qindeessee mootummaaf akka dhiyeessu akeekuun, mootummaan yaadota dhiyaatan irraa barachuun dhimmoota fooyya’uu qaban waliin raggaasisuun waliigaltee biyyaalessaa akka uumu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Walitti dhufeenyi Yuunivarsiitii, Hospitaalotaa fi Industirii Guddina Damee Fayyaa Afrikaaf Murteessaadha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 6, 2026 637
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Guddina damee fayyaa Afrikaaf walitti dhufeenyi yunivarsiitiiwwan, hospitaalotaa fi industirii cimsuu akka barbaachisu itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru. Yaa'iin Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawaa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera. Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti. Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan. Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka ardiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitootaa fi babaliistota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan. Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan. Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Diinagdee
Naannoo Harariitti Hojiileen Eegumsaafi Kunuunsa hambaalee fi Misooma koriidaraan hojjetaman daawwattoota hawwachaa jiru
Jul 8, 2026 92
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee fi misooma koriidaraan hojjetaman yaa’insa Tuuristootaa haala olaanaan dabalaa akka jiran ogeeyyiin hojii daawwachiisummaarratti bobba’an beeksisan. Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad dhiheenya kana mata-duree “Tuurizimiin Motora Diinagdee Haaraadha!” jedhuun ibsa kennaniin, hojiilee sektera kanaan hojjetamaniifi bu'aawwan argaman kaasaniiru. Kunis filannoowwan diinagdee hedduu irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu damee Tuurizimii kanaan milkaa'ina galmaa'e ragaa taasisanii dhiyeessaniiru. Harar keessatti hambaalee durii, amantiifi seenaa qaban suphuufi hojiileen misooma koriidarii guddinaafi dammaqiinsa damee Tuurizimiitiif humna gudhaa ta'uu bira dabranii, daawwattoota hawwachaa akka jiran ibsameera. Hambaaleen umurii waggoota dheeraa qaban kanneen balaa uumamaafi nam-tolcheerraa oolchuuf, mootummaa naannichaafi qooda fudhattootaan qindoominaan misooma koriidarii, eegumsaafi kunuunsi hambaalee hojjetamaa tureera. Waggoottan dhihoon asitti Jugol osoo qabiyyee seenaasaa gad-hin dhiisin hojiileen suphaafi haaromsaa hojjetaman, wiirtuulee tuuristootaa miidhagsuufi akkasumas miidhagina halkaniitiin bifa magaalaattii kan jijjiiranii fi pirojektoonni misooma koriidorii, umrii hambaalee dheeressuu bira dabranii daawwattootaaf naannoo mijataafi hawwataa uumuu danda'aniiru. Hojimaanni kun keessattuu tuuristonni biyya keessaafi alaa yeroo magaalattii keessa turan akka dheeressaniifi muuxannoo isaan duudhaalee aadaa irratti qaban akka gabbifatan carraa guddaa uumeera. Hojiin eegumsaafi fooyya'iinsa hambaalee kun galii Turizimii naannichaa dabaluu bira darbee,hojii daawwachiiftummaa, tajaajila hoteelaa, fi gurgurtaa oomishaalee harkaa (aadaa) irratti bobba'aniif carraa hojii bal'aafi madda galii ta'uun faayidaa olaanaa gumaachaa jira. Daawwachiisaan Tuurizimii naannichaa Haayiluu Gaashaawu akka ibsetti, Hambaa Idil-addunyaa Jugool dabalatee, aanaalee baadiyaafi magaalaa keessatti hambaalee seenaafi durii jiran irratti hojiileen eegumsaafi kunuunsa gahaan hojjetamaniiru. Hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee kunneen, akkasumas ayyaanni Shawwaalid dabalatee ayyaanni kabajaman daawwattoota biyya keessaafi alaa hawwachuu keessatti gumaacha guddaa gochaa akka jiran dubbateera. Keessattuu damee Tuurizimii guddisuuf mootummaan naannichaa filannoowwan adda addaatiin hojiin beeksisuu hojjete, abbootiin qabeenyaa magaalattii keessatti Riizoortotaafi hoteelota akka ijaaran carraa uumuu isaas dubbateera. Daawwachiisaa biraa Teediroos Balaay gama isaatiin, magaalattii keessatti misooma koriidariin hojiileen hojjetaman damee Tuurizimii irratti dammaqiinsa uumuusaa, magaalaattii miidhagsuufi qulqulleessuu bira darbanii daawwataan akka deebi'ee dhufu gochaa jiraachuu ibseera. Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii naannichatti damee Tuurizimiitiif xiyyeeffannoo kennameen, iddoowwan hawwata Tuurizimii misoomsuun, yeroo turtii tuuristootaa dheeressuufi humna diinagdee sektericharraa argamu guddisuun hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsuuniiru.
Itiyoophiyaan oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira - Hayyoota
Jul 8, 2026 93
Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Itiyoophiyaan oomishaalee sharafa alaa gatii guddaa qaban oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira jedhan hayyoonni. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kaleessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, dinagdee biyyattii babal’isuu fi ammayyeessuuf dameewwan ijoo ta’an keessaa dinagdeen industirii ijoo fi xiyyeeffannoo ta’uu eeraniiru. Jijjiirama kanaan dura dandeettiin oomishaa industiriiwwan biyyattii dhibbeentaa 47 gadi akka ture hubachiisuun, kanaafis rakkoon akka faayinaansii, lafaa fi dhiyeessii humna ibsaa akka sababaatti ka’uu ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf mootummaan koree addaa hundeessuun tokkoon tokkoon industirii daawwachuun rakkoo isaanii sadarkaa sadarkaan jiru furuu kan danda’e yoo ta’u, carraaqqii cimaa taasifameen dandeettiin oomishaa industiriiwwan duraanii har’a dhibbeentaa 67tti ol guddateera. Industiriiwwan Itiyoophiyaa guddachaa jiran oomisha hedduu omishuudhaan biyya alaatii kan galfamu biyya keessaan bakka buusuu qofa osoo hin taane, hanga biyya alaatti ergamus dabaleera. Akka ogeeyyiin damee kanaa dhimma kana irratti ENA waliin turtii taasisan jedhanitti, akkaataan mootummaan oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa bakka buusuuf hojtete jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira. Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti kutaa Bizinasii fi Diinagdee keessatti barsiisaa kan ta’an Dr. Masfin Mokonnon akka himanitti, waggoota dhiyoo asitti hanqinni sharafa alaa qormaata guddaa ta’us, amma rakkoon kun saffisaan furmaata argachaa jira jedhan. Ijaarsi paarkiiwwan industirii haaraa fi dandeettii oomisha isaanii itti fufiinsaan guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru seenaa Itiyoophiyaa keessatti sharafa alaa guddaa qusateera jedhan. Itti dabaluunis, industiriiwwan oomisha biyya keessaa haala salphaa fi gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun oomisha biyya alaa bakka bu’aa jiru jedhan. Oomishaalee huccuu fi gogaa akka fakkeenyaatti kaasuun, dandeettiin teeknooloojii dijitaalaa biyyattii guddachaa dhufe adeemsa kana keessatti itti fayyadamuu isaa ibsaniiru. Akkasumas hojiin qonna ammayyeessuun oomisha babal’isuun of nyaataan of danda’uu galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu akka danda’u, dhimmoonni mootummaan labsee fi irratti hojjechaa jiru kana caalaa jijjiirama gaarii kan fidan ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessa diinagdee qonnaa fi qorataa kan ta’an Dr. Adabaa Gammachuu akka himanitti, Itiyoophiyaan midhaan akka qamadii fi ruuzii bal’inaan oomishuun oomishaalee biyya alaatii galfaman hir’isuu fi dhabamsiisuuf hojiiwwan milkaa’inaan raawwatteetti jedhani. Oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dargaggootaafi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumaa jira jedhan. Tattaaffiin kun hirkattummaa oomisha nyaataaf biyyoota alaa irratti qabnu hir’isuu fi wabii nyaataa biyyaalessaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan milkaa’ina qabatamaa kanaaf cimtee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Warshaalee babal’isuunis kaayyoo kana galmaan ga’uuf bu’uura ta’aa akka jiru hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Qonnaan bultoonni adda duree Godina Baalee 700 ol ta’an bara bajataa kanatti qonna irraa gara invastimantiitti ce’aniiru
Jul 8, 2026 139
Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti bara bajataa kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uu Waajjirri Invastimantii fi Industirii Godinichaa beeksise. Qonnaan bultootaa fi waldaalee damee hojii isaaniitiin gara invastimantiitti milkaa’inaan ce’aniif jajjabinni kennamu kanaan ol fooyya’aa akka hojjetan kan isaan kakaasu ta’uu ibsaniiru. Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Invastimantii fi Industirii Godinaa obbo Mahaammad Ibroo dubbatanitti, Qonnaan bultoonni Godinichaa gara invastimantii damee hojii isaaniitti milkaa’inaan akka ce’aniif deeggarsi taasifamaa jira. Haaluma kanaan bara baajataa Godinicha keessatti xumuramaa jiru kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uun hayyama invastimantii argachuun hojii eegaluu isaanii agarsiisaniiru. Qonnaan bultootaa fi intarpiraayizoonni waggoota darbanitti damee hojii isaaniitiin milkaa’ina kan argatan yoo ta’u, kaappitaala nama tokkoof Birrii miiliyoona 1.5 ol galmeessuun isaanii ni yaadatama. Qonnaan bultootaa fi waldaaleen kunneen kaappitaala galmeessan Birrii biiliyoona 2.5’n gara invastimantiitti ce’uu isaaniis ibsaniiru. Itti dabaluunis qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’an kunniin gaafa guutummaan guutuutti hojiitti seenan lammiilee kuma 14 fi 400 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroof ni uuma jedhan. Dameewwan hojii qonnaan bultoonni adda duree ta’an irratti bobba’anii turan omisha, tajaajila, industirii fi dameewwan biroo kan hammatu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoota gara invastimantiitti ce’an keessaa tokko kan ta’an obbo Ibraahim Kadir hojii qonnaa irratti bobba’uudhaan qamadii fi midhaan biroo oomishuun milkaa’inaan gara invastimantiitti ce’uu isaanii dubbataniiru. Amma lafa invastimantii argachuun sanyii baay’isuu qulqullina olaanaa qabu irratti bobba’uu himaniiru. Waggoota darban damee qonnaa keessatti hojii milkaa’aa hojjataniif ragaa beekamtii argatan malees, bakki hojii akka onnachiiftuu invastimantiitti argatan kana caalaa akka hojjataniif isaan gargaaruu isaa kan himan immoo obbo Bayyan Mahaammadidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Fiicheettii Pirojektoonni adda addaa xumuramuun Tajaajilaaaf banaa ta’an
Jul 7, 2026 910
Waxabajjii 30/2018(ENA) Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti pirojektoonni garaa garaa baajata mootummaafi Hirmaannaa uummataan birrii Miliyona 629 ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an. Sirna eebbaa kanarrattis hoggantoonni mootummaa Oolaanoon argamaniiru. Pirojektoota eebbifamuun tajaajilaaf ga’an Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa abbaa darbii afurii, Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo (Masoob),Waajjiraalee bulchiinsa Gandaa , Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Magarsaa Badhaasaa fi kanneen biroon xumuraman bakka hoggantoonni olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Sirna eebbaa kanarratti itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti obbo Awwaluu Abdii,Motummaan jijjiiramaa gaaffilee hawaasa deebisuuf hojii hojjetaa jiruun wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ daran babal'isuu irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.   Pirojektoonni kunneen qulqullinaafi aariitiin ijaaramanii xumuramuun rakkowwan kanaan dura kenniinsa tajaajilaa irratti mul’achaa ture furuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uusaanii, Ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, Mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuu irratti fulleffatee hojjechuun pirojektoonni wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘masoobii’fi ijaarsawwan mana Gandaa babal'isuun hawaasni tajaajila itti dhiyeenyaafi bakka tokkotti akka argatu ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jiraatoonni Godinichaa tokko tokko yaada kennaniin, pirojektoonni kun tajaajila si'ataa,haqa-qabeessaa fi qulqulluu kennuun fayyadamummaa isanii kan mirkaneessu ta’uu ragaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa irraa arganne ni mul’isa.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 67
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 707
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 3670
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 4376
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 2037
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 6487
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 1311
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 968
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera.   Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru.   Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 27261
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 11853
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 13609
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015