ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 6, 2026 23
Ministirri Muummee haasawaa eebba tarminaala xiyyaaraa irratti dabarsaniin Carraa gara misoomaatti haa jijjiirru jedhani. Haasaan isaaniis akka armaan gadiitti dhiyaateera: Boohaa jiraachuurra,umurii guutuunii, Maaliif hin qunxuuxu mirgi bitaadhaanii? Kuni walaloo Abbaa Nuuruuti. Magaalaa Bahaar Daar keessa obbo Ahimad Walloo ykn Abbaa Nuuruu kan jedhaman daldalaa Zayitaa turani. Maqaan Daldala Zayitichaa isaanii Afaan Amaaraan Qibee Leminee jedhama ture. Kunis hiikni isaa Zayitiin dhadhaa gadi akka hin taane kan agarsiisudha. Manguddoon kuni daldalaa zayitaa ta’uun alatti waan ittiin beekaman amala tokko qabu turani. Innis namoota galiidhaan isaan gadi jiruuf hojii uumuun ni gargaaru turani. Kunis isaan zayita kennuun warri irraa fuudhan immoo zayiticha qinxaaboon gurguraa,maallaqa isaa erga gurguranii deebisuufii turani. Maanguddoon kuni gaarummaa isaaniin nama baay’ee beekamoo turani. Namoota Maanguddoon kinu deeggaran keessaa dubartiin tokko jiru turani. Haati kuni yeroo hunda dhaqanii zayita fudhatu; gurguranii deebi’anii maallaqicha deebisanii zayita fudhatu. Yeroo hunda gaafa dhaqan garuu ni boo’u turani. Yeroo hundaa osooma boohanii zayita irraa fuudhanii qinxaaboon gurguru. Haalli kuni Abbaa Nuuruutti bitaa gallaan maaliif yeroo hunda gaafa dhuftanii maallaqa naaf kennitanii deebitan boossuu jedhee gaafata. Haati kunis akkas jedhanii deebisaniif,ijoollota laman qaba; ilmi inni tokko zayita isan isin irraa liqaan fudhadhu dhama’ee dadhabee gurguree maallaqa isaa naaf fida. Garuu ilmi koo inni biroon immoo haala ilaallatee dhokatee maallaqa sana na jalaa qisaasessa. Ilmi koo inni tokko na gargaara; inni kan biraan immoo na dhadhabsiisa jedhani. Kanaafi yeroo hunda gaddi natti dhagahama; kanan gadduu fi kanan boohu jedhanii deebisaniifi. Yeroo kana dhagahan obbo Ahimad Walloon, walaloo tokko walaleessanii jedhama. Kunis akkas jedha Afaan Amaaraan ’’Qanyuu yeserraahuun, Giraa kaa ferresee,hulluum xoomaadaarii,honee yaageree sawu’’ jedhanii jedhama. Achumaan itti dabaluun walaloo kan biraa ‘’ Aalqisoo kemenoor idimee zamanuunii, ayixonexixim woy qanyuu giraawuunii jedhanii’’ jedhama. Kana jechuun mirgi bitaadhaan yoo hin qunxuuxne, mirgi yoo bitaadhaan hin abboomne; tasgabbeessuu yoo hin dandeenye, Abdiiwwan argine, yaaliiwwan argine baduu danda’u. Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu jedhani ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Mootummaan hannaa fi al-Seerummaa ittisuuf tarkaanfii jabaa fudhachaa jira – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Aug 6, 2026 32
Adoolessa 30/2018 (ENA) Fooyya’insa Dinagdee gooroo Mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolchaa jiru gufachiisuuf warra socho’anii fi qabeenya biyyaa warra saamaniirratti mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiraachuu beeksise. Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa FDRI Aadde Ennaataalam Mallasaa har’a ibsa miidiyaaf kennaniin; Itoophiyaan waggoota darbanitti guddinaa fi misooma saffisaa mirkaneessuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamuu isaanii ibsuun, kanaanis bu’aawwan biyyaalessaa bal’aanii fi dinqisiisoon galmaa’uu ibsaniiru.Haa ta’u malee, adeemsa kana keessa bu’aan kun guutummaatti karaa salphaa kan dhufe akka hin taane hubachiisaniiru. Hudhaalee biyyaalessaa fi Idil-Addunyaa adda addaan olitti hojiin Al-seerummaa fi malaammaltummaan qormaata misoomaa guddaa ta’ee turuusaa Ministirri kun ibsaniiru. Akka ibsa Ministira kanaatti, rakkoon al-seerummaa qaama tokko qofaaf kan daangeffame osoo hin taane, kutaa hawaasaa bal’aa kan qabatuu fi keessaa fi Alaan humnoonni gurmaa’anii socho’aa turuu dubbataniiru. Kunis Hawaasa Daldalaa, Dhaabbilee misoomaa, caasaa mootummaa, dhuunfaawwanii fi tajaajilamtoota dabalatee bifa gurmaa'een bal'inaan kan mul'atudha. Qaamoleen kun fooyya’insa dinagdee Mandhaalee to’annoo ala gochuuf sirna faayinaansii fi daldala keessa seenuun shira dinagdee olaanaa raawwachaa turaniiru kan jedhan Aadde Ennaataalam; gochi kun biyyattiin sharafa alaa akka dhabdu, daballii gatii seeraan alaa fi kontirobaandiin akka hammaatu, akkasumas meeshaalee dhiyeessii fi fayyadamaarratti hanqina nam-tolchee akka uumamu taasisuu isaa yaadachiisaniiru. Shira gurmaa’aa kana dhaabamsisuuf mootummaan fi qaamoleen seeraa dhimmi ilaallatu opeereeshinii bal’aa gaggeessaniin shira kana fashaleessuun danda’amuu ibsaniiru. Gama biraatiin, caasaa mootummaa tajaajila kennanii fi qaama bulchiinsaa, akkasumas dhaabbilee uummataa keessatti hattuu uummata keessa dhokatan qulqulleessuurratti mootummaan tarkaanfii murteessaa fudhachaa jiraachuu kan beeksisan Aadde Ennaataalam; qabeenya uummataarratti saamicha olaanaa raawwatanii fi shira dhaabbataarratti hirmaatan gaggeessitootaa fi qaamolee faayidaa waliin hidhata qabanirratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu ibsaniiru. Keessattuu dameewwam ijoo keessatti yakka raawwatamerratti qorannoo bal’aan taasifamee akkasumas itti-gaafatamummaan mirkanaa'eera. Kana malees, dhaabbilee mootummaa da’oo taasifachuun namoota qabeenya uummataa saaman, malaammaltummaa raawwatanii fi shira dhaabbataa hojjetan irratti tarkaanfiin cimaa fudhatamaa akka jiru ibsameera. Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa kanneen Fooyya'iinsa diinagdee gufachiisuuf carraaqan dhaabbileen dhiyeessii oomishaalee bu'uuraa 13 ta'an oomisha kuusuun hanqina uumanii gatiin akka ol ka'u taasisaa turan akeekkachiifamaniiru. Dhaabbilee daldalaa seeraan ala oomishaalee kuusaan 7,000 ol ta'an irratti akka cufaman taasisuurraa eegalee tarkaanfiin akka gaafataman taasisuu fudhatameera. Faayinaansii fi sharafa alaan walqabatee namootni Itoophiyaa keessaafi biyya alaas jiraatan 169 gabaa Seeraan alaa keessatti hirmaatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru. Namoonni 36 maallaqa herrega baankii gowwoomsaan fudhatan to'annoo jala oolanii herregni isaanii cufameera. Appilikeeshinoonni Kiriptoo Kaaraansii 7 seeraan ala itti fayyadamaa turan guutummaatti dhorkamaniiru. Dhaabbileen Qumaara taphachiisan 38 gibira mootummaan argachuu qabu dhoksan fi maallaqa seeraan ala sochoosan irratti tarkaanfiin fudhatamee qabeenyi isaanii to'atameera. Damee Albuudaa keessattuu Warqee karaa seeraan alaa baasuun wal-qabatee hojjettootni mootummaa, qaamolee nageenyaa, oomishtootaafi lammiilee biyya alaa dabalatee 183 ta'an warqee kontiro baandiin baasan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera. Warqeen seeraan ala, meeshaaleen warqee itti madaalanii fi baasan, maallaqni biyya alaa fi meeshaaleen waraanaa to'annoo jala oolaniiru. Boba'aa fi loojistiksii hoggantoonni hojii mootummaa 38 xalayaa sobaa qopheessuun fi boba'aa dhoksuun yakka raawwatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru. Namoota dhuunfaa fi dhaabbilee 650 ol daldala boba'aa seeraan ala irratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Bittaa xaa’oon walqabates hoggantoonni Ministeera Qonnaa xaa'oo qulqullina hin qabnee fi yeroon isaa darbe bituu keessatti hirmaatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru. Dhimma Humna Elektirikaa Itoophiyaan walqabatuun hoggantoonni olaanoo 4 dhaabbilee ‘data mining’ 36 waliin waliigaltee humna elektirikaa seeraan ala mallatteessan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Namoota humna elektirikaa hatan irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamuun akka adeemsa seeraan gaafataman taasifameera. Ministeera Hojii fi Ogummaatti Hoggantoonni fi hojjettoonni 8 hojii lammiilee gara biyya alaa erguu irratti malaammaltummaa fi matta'aa fudhachuu keessatti hirmaatan to'annoo jala oolaniiru. Daldaltoonni 44 to’atamuun, dhaabbileen eeyyama seeraan ala qabanis cufamaniiru. Gama Galii fi Gumurukaan Namoota gibira mootummaa hir'isan, ragaa sobaa qopheessan fi sirna odeeffannoo balleessan keessaa shakkamtoonni 109 adda baafamanii, isaanii keessaa 91 to'annoo jala oolaniiru. Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Innaataalam Mallasaa miidiyaaf kennaniin ergaa dabarsaniin mootummaan malaammaltummaa fi saamicha qabeenya mootummaa balleessuuf kutannoo cimaa qabaachuu ibsanii, uummannis malaammaltummaa saaxiluun, matta'aa diduun fi al-seerummaa balaaleffachuun mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Dawannaa Ministira Muummee Bahaar Daaritti
Aug 6, 2026 49
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo waliin ta’uun iddoowwan misoomaa ijoo magaalaa Baahir Daar daawwataniiru. Daawwannaan isaanii hojiiwwan misoomaa magaalattiin dandeettii fi abdachiisaa ta’an kan ibsan yoo ta’u, pirojektoonni misooma tarsiimoo kunneen fayyadamummaa jiraattota ishee mirkaneessuu, turizimii fi dinagdee haaromsuu uumuu, akkasumas gahee magaalattiin giddugala daldalaa fi invastimantii biyyaalessaa ta’uun qabdu daran kan cimsu ta’uu ibsameera. Riifoormii teeknooloojii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jirus dawwataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 52
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eergaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Dabarsan:
Aug 6, 2026 64
Guyyaa har’aa babal’iinsa buufata xiyyaaraa Baahir Daar Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa eebbisneerra. Har’a mooraa xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti tarmiinaala haaraa eebbifneerra. Kunis mooraa xiyyaaraa balal’iinsaa Itoophiyaa isa murteessaa ta’e kanaaf seenaa guddaa fi milkaa’ina guddaadha. Pirojeektiin kun tarmiinaala ammayyaa qofa ta’uu isaa olitti hiika guddaa qaba. Baahir Daar qormaatilee dhiyeenya kana mudatan booda, ijaarsi buufata kanaa xumuramee tajaajila eegaluun isaa agarsiistuu ciminaa, fooyya’iinsaa fi invastimantii itti fufiinsa qabu mirkaneessudha. Tarmiinal haaraan kun bakka buufata xiyyaaraa bal’aa, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa, daandiiwwan seensa/ba’iinsaa hojjetamanii fi meeshaalee ammayyaa kan of keessatti hammatedha. Kunis dandeettii simannaa buufata xiyyaaraa kanaa fooyyessuudhaan fedhii imaltoota naannichaa guddachaa jiru kan guutu ta’uun, imaltootaafis tajaajila mijataa fi ariifachiisaa kenna. Tarminaalli haaraan kun jijjiirama magaalaan haaressaa jiru kana waliin simsiisuun, Baahir Daariin balali’iinsa idil-addunyaa fi biyya keessaatiif bakka murteessaa fi wiirtuu biraa ishee taasisa. Magaalaan si’ooftuun Baahir Daar faayidaa diinagdee argamsiiftu mirkaneessuuf, uummanni naannichaa nageenya isaa eeggachuu kan itti fufu ta’uu akka qabu abdiin qaba. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Siyaasa
Hirmaattonni marii dhimmoota Itoophiyaaf fayyadan irratti mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa
Aug 5, 2026 302
Adoolessa 29/2018 (ENA): Hirmaattonni Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiran garaagaruumaa jiru dhiisuun dhimmoota bu'aa waloo biyyaa dursan irratti mari'achaa jiraachuu Komishinar Piroofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa, yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Yaa’iin Marii kun garee tarsiimo'aa 250 irratti mari'achaa jiraachuu komishinarri olaanaan ibsaniiru. Gareewwan tarsiima'aa 250 dhimmoota ramadaman irratti yaada kaasan irratti mari'achuun qaboo walga'ii qabachuun mallatteessuu eegaluu isaanii dubbataniiru. Adeemsi qaboo yaa’ii mallatteessuu har'a yoo xumurame yaa’iin tarsimo'aa gareewwan 500 boru akka eegalamu hubachiisaniiru. Mariin gareewwan tarsiimo'aa yaadota irratti taasisan har'a kan darbu yoo ta'e yeroon yaa’ichi 500 itti eegalamu akka dheeratuus dubbataniiru. Mariilee gareewwan kanaa keessatti yaadotni ka'an hedduun gara waliigalteetti kan geessan ta'uu eeruun, yaadotni tokko tokko qulqulleeffachuu bal'aa kan gaafatan ta'uu dubbataniiru. Hirmaattonni garaagarummaa yaadaa yoo qabaatanillee guddummaa Itoophiyaa ilaaluun mari'achaa jiraachuu fi gahee isaanii ba'aa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa yeroo qabameefiitti haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah
Aug 5, 2026 207
Adoolessa 29 /2018 (ENA): Riifoormii roga hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffameen bu’aan milkaa’aan galmaa’uu isaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah himaniiru. Waajjirri Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karoora bara baajata 2018 fi waltajjii seensa karoora bara baajata 2019 gaggeesse. Akka Itti Aanaa Pireezidaantii paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah jedhanitti damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti hojiin haaromsaa bal’aan galmaa’ee jira. Akkasumas, sochii marii biyyaalessaatiin uumame fayyadamuun riifoormichi gara jijjiirama sirna siyaasaa guutuutti galmaan ga’uuf akka itti fufu ibsaniiru. Finxaaleyyii qolachuufi hariiroo paartilee lameenii guddisuufi dhaabbilee ciccimoo uumuuf hojiin istaandardii taasifamuu eegalame cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru. Obbo Adam mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu hojii dhaabaa bu’a qabeessa ta’ee fi mootummaa cimaa fi biyya cimtuu ijaaru raawwachuu danda’uu isaa ibsaniiru. Hogganaa fi miseensota dabalatee caasaa hunda sochoosuun hojiin misoomaa ummata fayyadamoo taasisu hojjetamuus ibsaniiru. Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaa fi gahumsaan raawwachuu akka qaban kan ibsan obbo Adam, bu’aa olaanaa bara baajataa keessatti galmaa’eef gumaacha hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa taasisaniifis galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Adeemsi yaa’ii Mariichaa Abdachiisaadha
Aug 5, 2026 187
Adoolessa 29/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa abdachiisaa ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsan. Yaa’iin marii biyyaalessaa guddaan Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Bakka bu'oonni ummata Itoophiyaa kuma afur biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimmoota ijoo saddeet irratti waliigaltee irra ga'uuf marii bal'aa fi hirmaachisaa ta'e gaggeessaa jiru. Bakka bu'oonni uummataa yaa’icharratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti Walga’iin marii biyyaalessaa kun sagaleen Itoophiyaanota hundaa kan itti dhaga'amu, hirmaachisaa fi iftoomina kan qabu ta'uu ibsaniiru. Hirmaattota marii gidduutti tokko yaada namaa biroo kan dhaggeeffatan carraa gaarii kan uume, waliigaltee waloo kan ijaaruu fi abdachiisaa ta'uu ibsaniiru. Hirmaataan marichaa kan ta’an Obbo Caalaa Gaarummaa akka ibsanitti, gaaffiileen biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ka'an deebii argachuuf bara dheeraaf walitti bu'insii fi wal dhabbiin yeroo dheeraaf kan baratame taa’ee tajaajileera. Mariin karaa furmaataa fi waliigaltee bu'a qabeessaadha kan jedhan hirmaataan kun bakka bu'oonni ummataa kuma afur ta'an waliin ta'uun waa'ee biyyaarratti mari'achuuf carraan uumamuun isaa yaadaa haaraa ibsachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Aadaan ijaarsa biyyaa olaantummaa yaadaarratti hundaa’ee dagaagsuuf ashaaraa keenyaa kan itti keenyu carraa guddaa uumuusaa fi itti gaafatamummaadha jedhaniiru. Hirmaataan biraa Obbo Wandimmuu Gizaawu gamasaaniin, walgahichi dhaloota dhufuuf olaantummaa yaadaarratti kan hundaa'e waliigalteen kan keessatti uumame Itoophiyaa dabarsanii kennuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsaniiru. Adeemsi bu'a qabeessi yaa’ii marii biyyaalessaa kunis Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'uutti kan ceessisuu fi abdii kan namatti horu ta'uu dubbataniiru. Walgahichi qorumsa Itoophiyaan bara dheeraaf dabarsite mariidhaan furuun dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti furmaata waliinii fi waliigaltee ijaaruuf gahee guddaa akka qabu kaasaniiru. Dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mari'atamu irratti marii bal'aa, hirmaachisaa fi ifaa ta'e taasifamaa jira kan jedhan immoo hirmaataa Obbo Taammannaa Haayiluuti. Marichaan iftoominaa fi hirmaannaan yaadni maddisiifamu waliigaltee waliiniirratti kan hundaa'e mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka gumaachaniif abdi qaban ibsaniiru. Hirmaataa biroon Obbo Balaayinee Densaamoo gamasaaniin kan nu qoodanirra dhummoonni nu tokkoomsantu caala, marii keenyaanis nagaa waaraa, misoomaa fi guddina Itoophiyaatiif kan barbaachisu mijeessuuf mari'achaa jirra jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun qabxii garaagarummaa gara waliigaltee waliiniitti jijjiiruun, Itoophiyaa fooyyoftuu, nagaa qabduu fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruuf carraa seenaa qabeessa ta'uu isaas ibsaniiru.
Shira Kaayiroo Duuba; Dhugaa Itoophiyaa CNN’n Ifoomse
Aug 5, 2026 188
Tarsiimoon Masriin laga Abbayyaa to'achuuf qabdu inni guddaan foormulaa "Itoophiyaan cimtuu fi tasgabbaa'aan Kaayiroodhaaf balaadha" jedhu ture. Kanaaf mootummoonni Kaayiroo walduraa duubaan Itoophiyaan tasgabbooftuu akka taatuu fi qabeenya ishee akka sirnaan hin fayyadamne gochuuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru. Seenaa keessatti madda laga Abbayyaa guutummaatti to’achuuf yaalii hedduu kan goote Masrii, lola seena qabeessa Gundeet (1875) fi Guuraa (1876) irratti harka Itoophiyaanotaan kufaatii hadhaawaa argatteetti. Kaayiroon waraana kallatti irraa erga deebitee booda tooftaa ishee gara "bittinnaa'uu keessootti" jijjiirteetti. Kunis mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannoo fi qabeenya maallaqaa isaa pirojektoota misoomaa (keessumaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi bu’uuraalee misoomaa) irraa gara nagaa fi tasgabbii eeguutti akka deebisu taasisee, biyyattii jeequmsa keessoo dhuma hin qabne keessa galchuuf shira hedduu raawwachaa tureera. Kun yeroo fashalaa’u akka filannootti odeeffannoo sobaatti gargaaramuun ammas itti fuftee jirta. Erga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eegalamee as saayintistoonni siyaasaa fi dippilomaatonni Masrii seeneffama sobaa isaanii babal’isuun “hidhichi biyyoota yaa’a gadii irratti miidhaa hamaa geessisa” jechuun hawaasa addunyaa burjaajessaa turaniiru. Haa ta’u malee, hoggansa ogummaa qabuun Ministira Muummee Dr. Abiyiy Ahimad jalatti Itoophiyaan dhiibbaa alaa fi qormaata keessoo irra aanuun pirojektii guddaa kana xumuruu dandeesseetti. Kun fakkeenya guddaa qormaata gara carraatti jijjiiruudha; kunis yaada ida’amuuti. Ijaarsa hidhichaa hordofuun Kaayiroon irra deddeebiin komii sobaa fi olola jal’aa ta’u dhiyeessitus, dhugaan jiru suuta suutaan addunyaaf ifa ta’aa jira. Kana kan agarsiisu gabaasa gaazexeessituu Viktooriyaa Rubaadirii sagantaa CNN’n ji’a ji’aan “Connecting Africa” jedhu irratti dhiheessitedha. Badhaasa BBC’n bara 2020 ‘Komla Dumor Prize’ kan injifatte Viktooriyaa Rubadirii gabaasa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti dhiheessiteen dhugaawwan qabatamaa fakkeessaa Kaayiroo fashaleessu hawaasa addunyaaf ifa goote. Agarsiisa gahumsa injinariingii fi misooma waloo CNN gabaasa isaa keessatti Hidhi Haaromsaa shira sobaa waggootaaf odeeffamaa ture osoo hin taane, moodeela gahumsa injinariingii tattaaffii injinarootaa fi ogeeyyii ijaarsaa Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dhugoomse ta’uu ibseera. Mootummaan Masrii hidhicha akka “madda balaatti” fakkeessuuf yaalus, hidhichi Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutummaa naannichaaf waltajjii misooma waliinii ta’uu gabaasni CNN ibseera. Pirojektiin guddaan Fulbaana bara 2025 ifatti eebbifame kun, dhiyeessii anniisaa biyyattii guddisuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniif ibsaa akka jiru agarsiiseera; akkasumas hidhichi qaama Itoophiyaan hiyyummaa keessaa of baasuuf taasiftu ta’uu mul’iseera. Gabaasni Gaazexeessituu Rubadirii Ijipti irra deddeebiin komii fi shira xaxaa turte qabxiilee gurguddoo sadii irratti ni morma. Qajeelfama Faayidaa Wal-faayidaa: Hidhichi pirojektii qajeelfama wal-faayyaduu irratti hundaa’e yoo ta’u, biyyoota yaa’a gadii hin miidhu, garuu dhangala’aa bishaanii to’achuu fi biyyee hir’isuu keessatti gahee gaarii kan qabu ta’uu hogganaan ijaarsa hidhichaa Injinar Kiflee Horoo agarsiisaniiru. Yaada Ida'amuu Naannoo: Itoophiyaan humna ibsaa gurguruun galii argachuun alattis hidhichi biyyoota naannichaa karaa anniisaa fi diinagdee kan walqunnamsiisu ta’uu ibsameera. Kunis mul’anni naannoo mootummaa ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hoogganamu, jechuunis “waliin guddachuu fi wal deeggaruu” hojii irra ooluu fi akka Masriin jettutti naannicha gara tasgabbii dhabuutti akka hin geessine kan agarsiisudha. Cehumsa dinagdee ummata giddu galeessa godhate: Akkuma Gabaasa CNN keessatti hammataman Itti Gaafatamaa Giddugala Guddina Idil Addunyaa (IGC) Itoophiyaa Teediroos Mokonnen ifatti ibsan, Itoophiyaan ummanni ishee dhibbeentaa 70 umuriin isaa waggaa 30 gadi ta'e, galii mataa namaa giddu galeessa waggoota 15 duraa gadi ture Afrikaa keessaa dinagdee guddicha keessaa tokko taatee jirti. Hidhichi humna dargaggeessa kana gara oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tattaaffii taasifamaa jirudha. Goolaba: Walumaagalatti duulli dippilomaasii fi ololaa Masriin hidha kana irratti hundaa’uun gaggeessaa jirtu qumaara siyaasaa waan ta’eef dhugaa saayinsii fi lafa irraan wal hin simnedha. Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi, dandeettii biyya keessaa fi hoggansa biyyaalessaa ogummaa qabuun dhugoome, utubaa misoomaa bara diinagdee Itoophiyaa egeree bocuu fi naannoo Afrikaa humnaa fi daldalaan kan walqunnamsiisu yoo ta’u, biyya kamiifuu balaa kan ta’u miti. Injifannoon seena qabeessa yaadama ida’amuun kan guutame kun naannicha guutuu ibsuu itti fufee jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa’ii Marii Biyyaalessaan yaadota waldhabdee mariitiin furuu fi waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu danda’an ni eegamu - konfiraansii marii
Aug 5, 2026 248
Adoolessa 29/2018 (ENA): Konfiraansiin marii kun yaadota garaagarummaa mariitiin hiikuu fi nagaa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’an ni qopheessa jedhamee eegama. Konfiraansiin marii Itoophiyaa guddichi Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee magaalaa Finfinee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni konfiraansii marii kuma afur, lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun ajandaa biyyaalessaa gurguddoo saddeet irratti mari’achaa jiru. Hirmaattota konfiraansii marii kana keessaa tokko Ongolay Goshando ENAtti akka himanitti, Konfiraansiin marii kun Itoophiyaa keessatti nagaa dhugaa fi waaraa uumuuf waadaa guddaa qaba jedhani. Konfiraansichi ilaalchaa fi yaada adda addaa bilisaan calaqqisiisuun dhaloota dhufuuf biyya fooyya’aa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Shaaron Amanaawuu waltajjiin kun yaada lammiilee Itoophiyaa hundaa ifatti kan calaqqisu ta’uu dubbataniiru. Bakka hirmaattonni yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi garaagarummaa dhiphisuu fi hubannoo walootti dhufan ta'uu ibsiteetti. Hirmaattonni namootaa fi jaarmiyaalee kutaalee biyyattii adda addaa bakka bu’an waltajjii tokko irratti walga’uun isaanii tokkummaa biyyaalessaa daran kan ijaaru ta’uu obbo Sir’aat Sangireetiin ibsaniiru. Mariin waloo Itoophiyaa karaa bakka bu’oota isaanii taasifamu biyya waloo isaanii waliin ijaaruuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Kutannoo Ummanni Itoophiyaa Sirna Diimokraasii Ijaaruuf Qabu Qabatamaan Kan Mirkaneesseedha
Aug 2, 2026 947
Adoolessa 26/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaan kutannoo ummanni Itoophiyaa sirna diimokiraasii ijaaruuf qabu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin turtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiinis, filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti kan gaggeeffamee fi ummatnis osoo hin nuffiin sa'aatii dheeraa hiriiree sagalee isaa kenne ta'uu eeraniiru. Filannoon agarsiistuu sirna diimokiraasiiti kan jedhan Ministirri Muummeen filannoon karaa ummatni mootummaa diimokraatawaa ijaaruuf kutannoo qabu ittiin agarsiisu ta'uu isaas dubbataniiru. Lammiileen miiliyoona 54 ol ta'an adeemsa filannoo kana irratti hirmaachuun isaanii waan baay'ee akka barannu nu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummeen, nageenya keenya akka sakattaanu, dhaabbilee keenya akka fooyyessinuu fi miira ummataa caalaatti akka hubannu nu taasiseera jedhaniiru. Kanaan booda Itoophiyaa keessatti karaa filannootiin ala karaa biraatiin aangoo itti argatan akka hin jirres eeraniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan aangoo karaa nagaa fi eeyyama ummataatiin qofa argachuun akka danda'amu kan agarsiise ta'uu eerun, filannichi hiika guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan dammaqsaas ture kan jedhan Ministirri Muummeen, lammiileen sagaleen dhukaasaa osoo itti dhaga'amuu, roobni, qorrii fi gufuuleen osoo isaan hin daangessiin gatii baasanii sagalee isaanii kennuuf tattaaffiin taasisan kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Filannichi Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaa irratti yaada faallaa dhaga'uuf qophaa'oo ta'uu dhabuu isaanii qabatamaan kan agarsiise ta'uus ibsaniiru. Ijaarsa biyyaa fi jiraachuun mootummaa faayidaan isaa maal akka ta'e dhaamsa guddaa kan dabarse ta'uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 1184
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu eegala- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Jul 31, 2026 887
Adoolessa 24/2018(ENA) : Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu ni eegala jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan. Piroofeesar Masfin Ara’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, gareewwan 16 hirmaattota 250 qaban ajandaalee irratti mari’achaa turan gabbisuun gareewwan 8 hirmaattota 500 qabaniif kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru. Mari’attoonni ajandaalee irratti waliigalteerra gahuun akka irraa eegamu eeranii, waliigalteerra gahuun seeraafi sirna mataasaa qaba jedhaniiru. Adeemsa waliigalteerra gahuu keessatti guutummaatti waliigalamuu yoo baate adeemsi ittiin hiikamu jiraachuus kaasaniiru. Kanaaf immoo gareen bakka bu’oota sadarkaa naannoo fi federaalaatti filatan jiraachuu eeruun, garichis garee naannoo fi bulchiinsa magaalotaa yookaan garee dhaabbilee federaalaa akka jedhamu ibsaniiru. Ogeeyyiin garaagaraa guyyoottan itti aanan hirmaattotaaf deeggarsa akka taasisan kaasanii, ogeeyyiin kunneen Kanaan duras deeggarsa gochaa turuu eeraniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira. #TOI #ENA Afaan Oromoo

Hawaasummaa
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Jila isaanii waliin Bahaar Daar dhaqan
Aug 6, 2026 88
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoo, itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa fi Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar waliin ta’uun magaalaa Baahir Daar galaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.
Aug 5, 2026 268
Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras. Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru. Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira. Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru. Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru. Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru. Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Bara bajata kanatti hojiiwwan tokkummaa sab-lammootaa cimsan raawwatamaniiru
Aug 5, 2026 136
Adoolessa29/2018 (ENA) Bara baajataa xumurametti hojiin tokkummaa sab-lammootaa caalaatti cimsan raawwatamuu isaanii Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsaniiru. Ministeerri Aadaa fi Ispoortii gamaaggama raawwii karoorraa bara baajataa 2018, marii karoora bara baajataa 2019 fi walga’ii waggaa akkasumas waggoota sadan dhufan kan giddu-galeessaa gaggeessaa jira. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa yeroo kana akka ibsanitti, walga’ichaan aadaan, Aartii fi Ispoortiin dinagdee biyyaa fi jireenya hawaasaaf gumaacha taasisaniin karaa saayinsaawaa ta'een deeggaruuf fuuldurattis kallattii imaammataa bocuuf mariin kan taasifamu ta'uu ibsaniiru. Bara baajatichaatti hojiwwan gurguddoo raawwataman kan kaasan Ministirri kun bara baajatichaa ayyaanota jijiirraa waggaa sab-lammootaa 47 fi ayyaanota kabajaa biyyaalessaa 5 milkaa’inaan kabajamuu isaanii dubbataniiru. Ayyaanota kana irratti ummanni miliyoona 46 ol hirmaachuun tokkummaa sab-lammootaa caalmaatti cimsuu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan bara baajatichaatti imaammanni ispoortii waggoota 28 darban hojiirra ture fooyya'uu isaa ibsanii, imaammatichi dinagdeef gumaacha akka taasisuf kan yaadame ta'uu ibsaniiru.
Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera
Aug 4, 2026 371
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera. Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru. Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru. Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru. Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru. Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru. Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Diinagdee
Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 6, 2026 23
Ministirri Muummee haasawaa eebba tarminaala xiyyaaraa irratti dabarsaniin Carraa gara misoomaatti haa jijjiirru jedhani. Haasaan isaaniis akka armaan gadiitti dhiyaateera: Boohaa jiraachuurra,umurii guutuunii, Maaliif hin qunxuuxu mirgi bitaadhaanii? Kuni walaloo Abbaa Nuuruuti. Magaalaa Bahaar Daar keessa obbo Ahimad Walloo ykn Abbaa Nuuruu kan jedhaman daldalaa Zayitaa turani. Maqaan Daldala Zayitichaa isaanii Afaan Amaaraan Qibee Leminee jedhama ture. Kunis hiikni isaa Zayitiin dhadhaa gadi akka hin taane kan agarsiisudha. Manguddoon kuni daldalaa zayitaa ta’uun alatti waan ittiin beekaman amala tokko qabu turani. Innis namoota galiidhaan isaan gadi jiruuf hojii uumuun ni gargaaru turani. Kunis isaan zayita kennuun warri irraa fuudhan immoo zayiticha qinxaaboon gurguraa,maallaqa isaa erga gurguranii deebisuufii turani. Maanguddoon kuni gaarummaa isaaniin nama baay’ee beekamoo turani. Namoota Maanguddoon kinu deeggaran keessaa dubartiin tokko jiru turani. Haati kuni yeroo hunda dhaqanii zayita fudhatu; gurguranii deebi’anii maallaqicha deebisanii zayita fudhatu. Yeroo hunda gaafa dhaqan garuu ni boo’u turani. Yeroo hundaa osooma boohanii zayita irraa fuudhanii qinxaaboon gurguru. Haalli kuni Abbaa Nuuruutti bitaa gallaan maaliif yeroo hunda gaafa dhuftanii maallaqa naaf kennitanii deebitan boossuu jedhee gaafata. Haati kunis akkas jedhanii deebisaniif,ijoollota laman qaba; ilmi inni tokko zayita isan isin irraa liqaan fudhadhu dhama’ee dadhabee gurguree maallaqa isaa naaf fida. Garuu ilmi koo inni biroon immoo haala ilaallatee dhokatee maallaqa sana na jalaa qisaasessa. Ilmi koo inni tokko na gargaara; inni kan biraan immoo na dhadhabsiisa jedhani. Kanaafi yeroo hunda gaddi natti dhagahama; kanan gadduu fi kanan boohu jedhanii deebisaniifi. Yeroo kana dhagahan obbo Ahimad Walloon, walaloo tokko walaleessanii jedhama. Kunis akkas jedha Afaan Amaaraan ’’Qanyuu yeserraahuun, Giraa kaa ferresee,hulluum xoomaadaarii,honee yaageree sawu’’ jedhanii jedhama. Achumaan itti dabaluun walaloo kan biraa ‘’ Aalqisoo kemenoor idimee zamanuunii, ayixonexixim woy qanyuu giraawuunii jedhanii’’ jedhama. Kana jechuun mirgi bitaadhaan yoo hin qunxuuxne, mirgi yoo bitaadhaan hin abboomne; tasgabbeessuu yoo hin dandeenye, Abdiiwwan argine, yaaliiwwan argine baduu danda’u. Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu jedhani ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Dawannaa Ministira Muummee Bahaar Daaritti
Aug 6, 2026 49
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo waliin ta’uun iddoowwan misoomaa ijoo magaalaa Baahir Daar daawwataniiru. Daawwannaan isaanii hojiiwwan misoomaa magaalattiin dandeettii fi abdachiisaa ta’an kan ibsan yoo ta’u, pirojektoonni misooma tarsiimoo kunneen fayyadamummaa jiraattota ishee mirkaneessuu, turizimii fi dinagdee haaromsuu uumuu, akkasumas gahee magaalattiin giddugala daldalaa fi invastimantii biyyaalessaa ta’uun qabdu daran kan cimsu ta’uu ibsameera. Riifoormii teeknooloojii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jirus dawwataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eergaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Dabarsan:
Aug 6, 2026 64
Guyyaa har’aa babal’iinsa buufata xiyyaaraa Baahir Daar Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa eebbisneerra. Har’a mooraa xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti tarmiinaala haaraa eebbifneerra. Kunis mooraa xiyyaaraa balal’iinsaa Itoophiyaa isa murteessaa ta’e kanaaf seenaa guddaa fi milkaa’ina guddaadha. Pirojeektiin kun tarmiinaala ammayyaa qofa ta’uu isaa olitti hiika guddaa qaba. Baahir Daar qormaatilee dhiyeenya kana mudatan booda, ijaarsi buufata kanaa xumuramee tajaajila eegaluun isaa agarsiistuu ciminaa, fooyya’iinsaa fi invastimantii itti fufiinsa qabu mirkaneessudha. Tarmiinal haaraan kun bakka buufata xiyyaaraa bal’aa, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa, daandiiwwan seensa/ba’iinsaa hojjetamanii fi meeshaalee ammayyaa kan of keessatti hammatedha. Kunis dandeettii simannaa buufata xiyyaaraa kanaa fooyyessuudhaan fedhii imaltoota naannichaa guddachaa jiru kan guutu ta’uun, imaltootaafis tajaajila mijataa fi ariifachiisaa kenna. Tarminaalli haaraan kun jijjiirama magaalaan haaressaa jiru kana waliin simsiisuun, Baahir Daariin balali’iinsa idil-addunyaa fi biyya keessaatiif bakka murteessaa fi wiirtuu biraa ishee taasisa. Magaalaan si’ooftuun Baahir Daar faayidaa diinagdee argamsiiftu mirkaneessuuf, uummanni naannichaa nageenya isaa eeggachuu kan itti fufu ta’uu akka qabu abdiin qaba. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Guddinni damee albuudaa waggoota darban keessa saffisaan dabalaa dhufeera - Ministira Injinar Habtaamuu Taganyi
Aug 6, 2026 93
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waggoota darban keessatti guddinni damee albuudaa saffisaan dabalaa dhufe jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi. Ministeerichi madaallii raawwii hojii bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 gaggeessaa jira. Waltajjii madaallii kanarratti Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi dabalatee hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbilee dhimmi ilaallatu argamaniiru. Ministirichi dameen albuudaa utubaawwan diinagdee biyyattii shanan keessaa tokko ta’uu ibsuun, waggoota darban keessatti guddinni damichaa saffisaan dabalaa dhufuu himaniiru. Bara baajataa xumurame keessatti damee kanarraa sharafa alaa gara doolaara biiliyoona 5.6 argachuu akka danda’ame ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Saayinsii fi teeknooloojii
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Aug 5, 2026 215
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee. Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru. Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani. Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru. Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan. Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru. Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 111
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru. Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu. Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan birmadummaan dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Aug 5, 2026 133
Adoolessa 29/2018 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Imala jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane pirojektiin "Faayidaa Varsi" gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna banininsa piroojektii kanaa sababeeffachuun akka jedhanitti; Pirojektiin "Faayidaa varsi" hojii eegaluun isaa tarkaanfii seena qabeessa Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa isheef kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha. Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waggoota muraasa darban keessatti lafee dugdaa dinagdee dijitaalaa biyyattii ta’ee ijaaramuu isaa hubachiisuun, akkasumas hanga ammaatti lammiileen miliyoona 50tti siqan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Kunis waraqaa eenyummaa biyyaalessaa miiliyoona 13 ol kennuu, tajaajila mirkaneessa eenyummaa miiliyoona 160 ol kennuu, bu’uuraalee eenyummaa dijitaalaa damee dinagdee tarsiimoo 13 keessatti hundeessuun kan dabalatudha. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa maqaa “Faydaverse” jedhuun Invastimantii Itoophiyaa Holdingis jalatti akka dhaabbata misooma mootummaatti irra deebiin gurmaa’uu ibsaniiru. Sagantaan kun giddugala bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa Itoophiyaa mataasaa danda’e ta’ee akka tajaajilu hubachiisaniiru. Pirojektichi bara 2030tti oomisha biyya keessaa (GDP) Itoophiyaa dhibbeentaa 6’n dabaluu fi bu’aa diinagdee kallattiin doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Tajaajilli kun karaa ‘application FaydaPass’ fi oomishaalee dijitaalaa ammayyaa birootiin kan kennamu yoo ta’u, kunis dhaqqabummaa fi dandeettii furmaataa tajaajilichaa haalaan kan dabalu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis yeroo keenyatti daataa utubaa dinagdee fi birmadummaa ijoo waan ta’eef teeknooloojiiwwan nageenya saayibarii ammayyaa fi imaammattoonni bulchiinsa daataa ciccimoon itti fufiinsaan hojiirra oolchuun nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Teeknooloojiin hawaasa baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhuu, qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf gargaaruu akka qabu ibsaniiru. Hubannoo dijitaalaa lammiilee guddisuun qaama ijoo tarsiimoo ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa(“Digital Ethiopia 2030”) jedhuun walsimsiisuun muuxannoo bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa biroo waliin qooddachuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis tumsa ardiilee fi dippilomaasii dijitaalaaf bu’uura cimaa akka ta’u ibsaniiru. Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa akka fandii qabeenya birmadumaa biyyattiitti qabeenya biyyaalessaa haala bu’a qabeessa ta’een bulchuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. “Fayidaa varsi” maatii kanatti makamuun isaa tarkaanfii seena qabeessa eenyummaan dijitaalaa akkuma daandii, humnaa fi telekoomii bu’uuraalee tarsiimoo murteessaa ta’uu isaa mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ogeessota teeknooloojii, hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettootaa fi michoota misoomaa milkaa’ina kana dhugoomsuuf gumaachan galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti
Aug 4, 2026 270
Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan. Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru. Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan. Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Ispeen Arjentiinaa injifachuun waancaa addunyaa kaafte
Jul 20, 2026 1477
Adoolessa 13/2018 (ENA): Ispeen tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa irratti Arjentiinaa 1 fi 0’n injifatte. Taphichi Niiw Yoorkitti Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti kan gaggeeffame kun yeroo xapha idilee booda goolii malee qixa xumurame. Taphataan sarara gidduu Arjentiinaa Enzoo Fernandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa fi kaardii diimaa erga argateen booda dirreedhaa lakkisee baheera. Gareen kunneen daqiiqaa 90 booda osoo hin injifatiin gara sa'aatii dabalataatti seenaniiru. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti goolii injifannoo galcheera. Ispeen tapha kana irratti ol'aantummaa qabattee jirti. Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qusachuu danda'eera. Morkattoonni Arjentiinaa tapha kana irratti ga’umsa gaarii agarsiisaniiru. Gareen kun carraa goolii galchuu tokkollee uumuu hin dandeenye. Bu'aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatte. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjentiinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye. Abjuun isaanii yeroo 4ffaaf waancaa kana injifachuuf qaban diigameera.
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2867
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 6310
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 4234
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 52
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 80
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 67
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera. Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 136
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti. Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15819
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15736
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.