Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira
Jul 22, 2026 44
Adoolessa 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’ee fi oomisha yeroo gabaabaa keessatti argamsiisu lafa heektaara kuma 26 ol irratti yeroo Gannaa dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Taakkalaa jedhanitti, gosoota bunaa fooyya’aa ta’an kanneen dhukkuba dandamatan, oomisha yeroo gabaabaa keessatti kennanii fi oomishtummaan isaanii mirkanaa’e Godinicha keessatti dhaabamaa jira. Bu’uuruma kanaan Ganna amma jiru kana keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 200 ol lafa heektaara kuma 26 ol irratti dhaabamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu bunaa dhaabuu lafa haaraa fi bakka biqiltuu bunaa goggogaan keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kan dulloomee fi oomisha hin kennine buqqisuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa Aanaa Hurrumuu obbo Taammiruu Farrisaa biqiltoota bunaa yeroo Bonaa gamashan callaa gaarii irraa argachuuf kunuunsaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biqiltuu bunaa fooyya’aa dhaabuun callaa bunaa babal’isuun caalaatti fayyadamoo ta’uu isaaniis akeekaniiru. Qonnaan bulaan Geetaachoo Jifaaris gargaarsa ogeeyyii qonnaatiin deeggaramuun hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisan irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa jalatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e bal’inaan dhaabuun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jira
Jul 22, 2026 53
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitiin Jimmaa ijaarsise kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa gochaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo garagaraa gaggeessuudhaan hojii qonnaa ammayyeessuunii fi babal’isuudhaan qoodasaa bahachaa jiraachuun ibsameera. Saayintifiik daarektariin inistitiyuutii teknooloojii Yunivarsiitii Jimmaa Injiinar Efireem Waaqjiraa ENA’f akka ibsanitti, wiirtuun qorannoo baayoogaazii inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitichaa anniisaa maddisiisuun gamatti leenjiis kennaa jira. Hafteen oomishaa Kanaan dura gatamaa ture walitti qabuun baayoo gaazii oomishuudhaan faayidaaf oolaa jiraachuu dubbataniiru. Kana malees wiirtuuWiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jiran kun xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan biyyoo kunuunsuudhaan guddina oomishtummaa qonnaa akka deeggaru taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, qonnaa bu’a qabeessa taasisuuf Yunivarsiiticha keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu jedhaniiru. Keessumaa wiirtuun qorannoo yunivarsiitichaa xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan qonnaan bulaaf raabsuun alatti, hojii qonnaa lafa heektaara 150 irratti hojjetuuf deeggarsa guddaa gochaa akka jiru ibsaniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnootaa makaanikaalaa fi qindeessaan pirojektii wiirtuu qorannoo baayoo gaazii Shawaangizaawu Warqaaganyoo wiirtuun qorannoo kun dame Kanaan ogeessota ga’ooman horachuuf wiirtuu leenjii ta’ee tajaajilaa akka jiru dubbataniiru. Akka Kanaan dame Kanaan barattoonni 18 digirii lammaffaatiin leenji’aa akka jiran eeraniiru. Wiirtuun leenjii Baayoo gaazii kun dhaabbilee mitmootummaa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Yunivarsiitichatti barataan maandisa humna haaromfamaa kan ta’an Iyyarus Anteneh fi Beeteliheem Abbaadii, akkaataa baayoo gaaziin itti oomishamuu fi gara anniisaa fayidaa qabuutti jijjiiramu qabatamaan beekumsa gahaa argachaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees hojii qabatamaan hawaasa gargaaruuf akka isaan gargaaru waraqaa qu’annii leenjii ittiin xumuran qopheessaa akka jiran dubbataniiru. Barataa Filiiphoos Kefelenyi beekumsi damee Kanaan Yunivarsiiticharraa argachaa jiru hojiiwwan qabatamaa wiirtuu qorannoo kana keessatti hojjetamaniin kan deeggarame ta’uu dubbateera. Akkasumas fuuldura dandeettii oomisha baayoo gaazii Itiyoophiyaa guddisuuf akka hojjetamu dubbateera.
Mariin kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa haaraa seenaa fi misoomaatti akka ceetu carraa uuma – Mari’attoota
Jul 22, 2026 73
Adoolessa 15/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa seenaa fi misoomaa haaraatti akka ceetu carraa uuma jedhan mari attoonni lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa konfiraansii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun ajandaalee marii saddeet adda baasuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kunneen Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis keessatti mari’atamaa kan jiran yoo ta’u, mari’attoonni kuma afur kan irratti hirmaataa jiranidha. Mari’attoonni kunneen Adoolessa 13, 2018 irraa eegalanii garee xiqqaatti qoodamanii ajandaa itti ramadaman irratti mari’achuu eegalaniiru. Bakka bu’oonni diyaaspooraa konfiraansii adeemsifamaa jiru kanarratti yaada isaanii kan kennan akka jedhanitti, mariin kun Itiyoophiyaan rakkoo waggoota darban mudate bira darbitee gara marsaa seenaa fi misoomaa fooyya’aa ta’etti ce’uuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi marii kun boqonnaa haaraa marii fi waliigalteedhaan rakkoolee sadrkaa gadii irraa gara oliitti hiikuuf karaa bane ta’uus hubachiisaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Awustiraaliyaa irraa Paachi Aquweer akka jedhanitti; lammiileen Itiyoophiyaa kanaan dura haala akkanaa irratti marii’atanii akka hin beekne ibsuun, affeerraa kana gammachuu fi miira guutuudhaan kan fudhatan ta’uu eerani. Haalli lammiileen Itiyoophiyaa naannoo hundarraa walitti qabaman baay’ee namatti tolu ta’uu hubachiisuun, marii kanaan biyya dhaloota egereef mijattu uumuuf haala kan mijeessu ta’uu dubbatani. Haaluma walfakkaatuun Ameerikaa irraa kan dhufan Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam akka jedhanitti; Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraan jalqabamuu himani. Adeemsi marii kun walitti bu’iinsaa fi rakkoolee karaa qaroomina qabuun waliin marii’achuun furuu akka ta’e hubachiisaniiru. Mariin mari’attoonni kuma afur irratti kan hirmaatan kun egeree ifaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka taasisu ibsaniiru. Kanas adeemsa guddaa Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taane ummata Afrikaa fi addunyaaf hambaa fi muuxannoo ta’uu danda’u jechuun ibsaniiru. Biyya Ingilizii irraa kan dhufan Allebbaachoo Dassaalenyi Itiyoophiyaanonni sablammoota adda addaa fi jaarmiyaalee lammummaa adda addaa irraa dhufan biyya isaanii sadarkaa gaariitti jijjiiruuf kutannoo agarsiisan dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa nagaa biyyattiif gumaachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Rakkoon mariidhaan furuun hin danda’amne akka hin jirre eeruun, nagaa, tasgabbii fi misooma waaraa fiduuf ga’een adeemsi marii biyyaalessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa jirti
Jul 22, 2026 68
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa akka jirtu miseensi mana maree bakka bu’oota Naayijeeriyaa Agbeedii Firederiik ibsan. Itiyoophiyaan tumsa ardii cimsuunii fi qoodni seena qabeessi dandeettii ofiitiin misooma mirkaneessuuf bahatte guddaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota sirna paarlaamaatiin seenaa ture qaban keessaa tokko ta’uusheetiin qoodni ijaarsa sirna demokiraasiif gumaachaa jirtu kan raajeffatamudha. Keessumaa kallattii tumsa riijinii fi dandeettii ofiitiin dhaabbachuu jabeessuuf qoondi baate olaanaa ta’uu kaasaniiru. Filannoon walii galaa torbaffaan milkaa’inaan xumuruunshees kutannoo adeemsa demokiraasiif qabdu qabatamaan kan itti agarsiifte ta’uusaa dubbataniiru. Ijaarsa sirna demokiraasiif kan barbaachisu inni ijoon fedhii lammiilee kan deebisu, nagaa kan buusuu fi gaggeessaa guddina biyyaalessaa si’achiisu kan itti gaafatamni itti dhagahamu ta’uu hubachiisaniiru. Kanaaf Itiyoophiyaan gama hundaanuu birmadummaashee mirkaneessuuf tattaaffiin qabatamaa itti jirtuu fi milkaa’inni galmeessisaa jirtu Afriikaaf calaqqee ifaa ishee taasiseera jedhaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa guddachaa dhufuusaa kan kaasan miseensi mana maree kun, carraaqqiin dippilomaasii michooma paarlaamaa fi hariiroo paarlaamaa biyyoota lamaan jidduutti cimsuuf taasifame kan raajeffatamu ta’uu eeraniiru. Kun ammoo tumsa hunda galeessa gamlamee dhaabbilee demokiraasii biyyoota lamaanii cimsuuf qaban guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Hariiroo gamlameen gamatti Itiyoophiyaan tumsa Ardii fi dandeettii ofiitiin dhaabachuu gama guddisuutiin qooda seena qabeessa bahatte raajeffataniiru. Biyyoonni Afriikaa tumsaa fi walgargaarsa jidduusaanii jiru cimsuuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
Kan mul'ate

Marii'ataan Mala Hin Dhabu!   
Jul 22, 2026 125
Rakkoolee yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessatti turan hundee irraa furuuf, Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Labsii Lakk. 1265/2014, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin ragga'een hundaa’e hojiitti galeera. Kaayyoo Guddaa Hundeeffama Komishenii Marii Biyyaalessaa · Marii Biyyaalessaan Waliigaltee Uumuu: Dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti hoggantoota siyaasaa, hayyootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuudhaan marii bal'aa fi hunda-galeessa ta'e gaggeessuu; ta'us waliigaltee biyyaalessaa waaraa bira gahuu dha. · Wal-dhabdeewwan Mariidhaan Furuu: Garaagarummaa fi wal-dhabdeewwan siyaasaa fi hawaasummaa kanneen seeraanis ta'e dhiyeenya kana uumaman karaa nagaa fi marii qofaaan furuu. · Duudhaalee Hawaasummaa Haaromsuu: Duudhaalee biyyaalessaa wal-kabajuu fi waliin hojjechuu cimsan suphuu, akkasumas wal-amantaa hawaasaa fi qaamolee adda addaa gidduutti ijaaruu dha. Komishiiniin kunis komishinaroota bilisaa fi walaba ta'an 11 qabatee kan hundaa’e dha. Haaluma kanaan, waldhabdee fi rakkoolee biyyattii keessatti yeroo dheeraaf turaan furuuf hojiin bal'aan eegalamee jira. Akkuma beekamu, Itiyoophiyaan seenaa sirna mootummaa yeroo dheeraa kan qabduu fi biyya saboota, sab-lammoota,Ummatoota, afaani fi aadaawwan hedduti. Ta'us, adeemsa sirna hundeeffama ishee keessatti dhimmootni seenaa, eenyummaa, abbaa biyyummaa fi haqaafi kanneen wal-qabatan hedduun utuu furmaata sirrii hin argatiin yeroo lakkoofsiisaniiru. Rakkooleen caasaa irraa furmaata dhaban kunniinis, yeroo baay’ee biyyattii gara walitti bu'iinsaa, tasgabbaa'uu dhabuu fi wal-waraansaatti galchuun gaaga’ama hama uumaniiru. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Mariin Biyyaalessaarratti abdatameera. Haaluma Kanaan komiishiin marii biyyaaleessa Itiyoophiyaa haala duree hedduu keessa darbeera. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Marii Biyyaaleessaa irratti abdatameera. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktor Abiyyi Ahimad guyyaa jalqabbii Marii kana Irratti akka jedhanitti “Mariin kun salphaatti kan deebi’ee hin argamne, seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti kaayyoo fi galma guddaa kan qabudha.” Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuufi Afriikaaf fakkeenya guddaa kan ta’uu fi Marii hunda hirmaachise ta’uu ibsani turan. Itiyoophiyaanoonni rakkina gurguddaa bira darbaniiru kan jedhan Ministirri Muummeen; mariin kun furmaata waldhabdee akka ta’e ibsaniiru. Dhaloota dhufuuf biyyaa mijaata ta’e ijaaruuf eegeree tolchuuf mariin kun carraa gaarii ta’uu ibsuun; milka’ina isaaf hunduu akka tumsaan dhaamaniru. Komishinarri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ara'ayaa gama isaaniitiin, 'Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya cimtuufi nageenya amansiisaa taate qabdu ijaaruuf carraa guddaa kan uumuudha,' jechuun yeroo sana ibsanii turaan. Mariin kun keessattuu, gaaffileen siyaasaafi sirnaa walxaxaan waggoota dheeraaf kuufaman har'as nagaafi tokkummaa biyya keenyaa qoraa akka jiran yaadachiisaniiru. Garaagarummaan yaadaa rakkoo akka hin taaneefi ilaalchota adda addaa karaa tasgabbaa'aafi diimokiraatawaa ta'een mariin furuun murteessaa ta'uu isaa himaniiru. Rakkoolee hidda fageeffatan humnaan, furmaata yeroon yookaan adeemsa qoodinsaafi alatti hambisuutiin waaraatti furuun akka hin danda'amne seenaan kan nu barsiise ta'uu isaa irratti xiyyeeffannaa kennanii dubbataniiru. Furmaanni waaraafi tokkichis marii biyyaalessaa amanamummaa, hirmaachisummaafi karaa saayinsaawaa ta'een gaggeessuu qofa ta'uu isaa ibsaniiru. Mariin kun garaagarummaa jiru haala sodaa tokko maleefi karaa qaroomina qabuun waliin mari'achuun waan filannoo hin qabne ta'uu isaa ibsaniiru. Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa haala dureewwan hedduu keessa darbee jira. Isaanis: · Ajandaa Walitti Qabuu fi Qooda Fudhattoota Adda Baasuu:   Komishinichi kutaalee biyyaattii gara garaatti, akkasumas diyaasporaawwan ala jiraatan biratti socho'uudhaan waldaalee adda addaa, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, dubartoota, dargaggoota, paartilee siyaasaa fi kutaalee hawaasaa irraa ajandaa marii walitti qabaa tureera. · Bakka Bu'oota Marii Adda Baasuu: Ummanni mataan isaa kallattiidhaan bakka bu'oota filachuun, sagaleen sadarkaa gadii irratti argamu gara waltajjii marii gidduugaleessaatti akka dhihaatu taasisameera. · Ajandaawwan Gurmeessuu: Hawaasa adda addaa biraa ajandaawwan kumaatamaan walitti qabaman gosagosaan adda baasuu fi gurmeessuu hojiin isaa raawwatameera. Amma namootni marii irratti hirmaatan Kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufaa kuma 4 akkasumas haala mijeessitootaan deeggaramuun mariin eegalameera. Haluma kanaan namootni marii irratti hirmaatan garee adda addaatti qoodamuun ajandalee adda baafaman irratti marii eegalaniiru. Marii biyyaalessaa – Egeree Waloof Waliigaltee Biyyaalessaa Uumuu Itiyoophiyaan seenaa ishee keessaatti adeemsa siyaasaa hiikkaa guddaa qabu keessa tokko kan ta’e Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeessuun erga hojii jalqabee wagga sadii ta’eera. Komishiiniin kun bu’uura labsii 1265/2014 Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa raggaaseen hundaa’ee hojii eegale. Kayyoon Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’eef inni ijoonis rakkoowwaan siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessa yeroo dheeraaf turan marii fi waliigaltee biyyaalessaan furuufidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!
Jul 21, 2026 267
Adoolessa 14/ 2018(ENA): Wantoota ijoo Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Kaleessa Mari’attoonni gareedhaan qoodamanii marii kan jalqaban har’as garee isaaniitiin mari’achuu itti fufaniiru. Mari’attoota 50 kan hammate gareen 80’n kaleessa waaree booda irraa eegalee garee xiqqaa isaanii keessatti marii’achaa jiru. Adeemsi kun hanga boruutti kan itti fufu ta’a. Adeemsa kana keessatti mari’attoonni dhimmoota ajandaa irratti mari’achaa jiran irratti yaada fi ilaalcha hedduu dhiheessaa jiru. Adeemsi kun dhimmoota biyyaalessaa hunda caalaa bu’uuraa ta’an kanneen sababa waliigaltee dhabuu ta’an irratti ilaalchaa fi sababoota walii isaanii akka hubatan waltajjii uumuun ni eegama. Adeemsa kana galmaan gahuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa paanaalii ogeeyyii dhaabbilee adda addaa irraa dhufan, kanneen gama ogummaa, barnootaa fi ogeessota qaboo yaa’ii qabaniin gahumsa qaban walitti fidee Yaa’ii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiru. Yaa’ii kana irratti ogeessota gahumsa olaanaa qaban 80 walitti fidee marii kana akka deeggaran taasisaa jira. Ogeessonni kunneenis yaadota iftoomina barbaadan irratti ibsa kennaa mari’attoota deeggaraa jiru. Gama biraatiin, Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kana keessatti, taajjabdoonni walaba ta’an 50 ol ta’an Tumsa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa, waldaalee ogummaa adda addaa, Mana Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa irraa, akkasumas dhaabbileen biyya keessaa adda addaa , adeemsa marii kana taajjabaa jiru. Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 14, 2018 #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa galmee qorannoo miseensota garee yakka cimaa 17 ministeera haqaaf erge
Jul 21, 2026 212
Adoolessa 14/2018 (ENA)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa namoota kan deddeebisan 17 to’annaa jala oolchee galmee qorannoo raga namaa fi sanadaatiin gurmeessee ministeera haqaaf erguusaa beeksise. Poolisiin federaalaa karaa kutaa baha biyya keenyaa karaa Jibutii fi Yaman namoota seeraan ala ergaa kan turanii fi miidhamtootarraa birrii miiliyoona tokkoo ol kan fudhatan, namoota karaa seeraan alaa kan deddeebisu Mahaammad Xaahir Adan (Wardiin) kan durfaman ka gurmaa’an miseensonni garee yakkaa 17 to’atee raga namaa fi galmee qorannoon gurmeessee ministeera haqaaf erguusaa beeksiseera. Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ragaa namaa fi sanadaa walitti qabeen shakkamtoonni namaan daldaluu yaaduudhaan garee yakka gurmeessuudhaan gocha yakkaa keessatti sadarkaa olaanaadhaan hirmaachuusaanii galmee qorannaatiin qulqulleeffachuusaa ibseera. Shakkamtoonni karaa namoota ittiin dabarsan mijeessuudhaan, miidhamtoonni karaa Yaman gara Saa’udii Arabiyaatti dhaqaniijireenya gaarii akka jiraatan abdii sobaa kennuu fi amansiisuudhaan kutaa biyyattii garagaraarraa karaa faddaaltotaa miidhamtoota fo’achuudhaan ergaa turuusaanii poolisiin mirkaneesseera. Gamlee qorannoorratti akka barreeffameen miidhamtoonni karaa seeraan alaa fudhataman daangaa Itiyoophiyaa akkuma cehaniin gara Yamanitti geeffamanii biyya Yaman keessatti kan argaman mankuusota kanaaf jecha qophaa’an ukkamfamanii gochoonni farra namoomaa irratti raawwatamaa turan. Keessumaa shakkamtoonni miidhamtoota qabanii gara maatiisaaniitti bilbiluun maallaqa guddaa gaafachaa akka turanii fi maatii maallaqa kaffaluu hin dandeenye miidhamtoota reebanii akkasumas gidirsaa viidiyoo waraabuudhaan dhiibbaa xiin sammuu uumaa akka ture poolisiin mirkaneesseera. Haala Kanaan poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ministeera haqaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa akkasumas qooda fudhattoota biroo waliin hordoffii fi qorannoo cimaa qindoominaan taasiseen argannoowwan gurguddoo hedduu ifoomseera. Kanneen keessaa kanneen seeraan ala namoota deddeebisan miidhamtootarraa birrii miiliyoona 1 ol karaa seeraan alaa fudhachuu, namoota 40,000 ol karaa seeraan alaa deddeebifamuu, namoonni 60 ol lubbuun darbuusaanii akkasumas dubartoonni hedduun qorannoodhaan bira gahameera. Dhimma yakkaa kanarratti namoonni hedduun Saa’udii Arabiyaa fi Itiyoophiyaarraa kallattiidhaan kallattiidhaan karaa viidiyoo konfaransii jechasaanii kennaniiru. Shakkamtoonni maallaqa karaa seeraan alaa argatanitti fayyadamuun biyya keessaa fi biyya alaatti qabeenya dhaabbataa fi socho’aa horachuusaanii poolisiin kan mirkaneesse yoo ta’u mana, konkolaataa fi maallaqni akka dhorkamu taasiseera. Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa shakkamtoota yakkoota namaan daldaluu, hawaalaa seeraan alaa fi maallaqa karaa seeraan alaa deddeebisuutiin (Money Laundering) qorannoosaa xumuree ministeera haqaaf erguusaa beeksiseera. Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa kanneen nama deddeebisanii fi tumsitoonnisaanii to’annaa jala akka oolan qaamota deeggarsa taasisan galateeffachaa, hawaasni appilikeeshinii hirmaannaa ummataa (EFPApp), bilbila bilisaa 991 fi buufata poolisii nama malee (SPS) tti gargaaramuun odeeffannoo erguun tumsa isaa akka itti fufu dhaameera.
Yaa’iin idilee Caffee Oromiyaa muudama abbootii murtii raggaasisuun xumurame
Jul 20, 2026 239
Adoolessa 13/2018 (ENA) - Yaa’iin idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa gabaasa waajjira odiitii muummee naannichaa fi muudama abbootii murtii raggaasisuun xumurameera. Hogganaan waajjira odiitii muummee naannichaa obbo Tafarii Wandiyifraawu yaa’icharratti akka jedhanitti, hojii odiitii bara bajataa xumurametti qabeenyi mootummaa fi ummataa qisaasamuuf ture akka deebi’u taasifameera. Qaqqabummaa fi uwwisni Odiitii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuusaa himanii, gibira galii, taaksii fi liizii walitti qabuu akkasumas akaakuu fi odiitii naannawaarrattiraawwiin gaariin bara itti galmaa’e akka ture himaniiru. Itti dabaluunis bajanni misooma ummataaf ramadame kaayyoo barbaachisuuf akka oolu deeggarsa, hordoffii fi to’annoo Caffeen gochaa jiru akka cimsu gaafataniiru. Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin, argannoon odiitii naannichaa bu’a qabeessummaadhaan deebii akka argatan mootummaan naannichaa deeggarsaa fi gargaarsa barbaachisaa gochuusaa ibsaniiru. Bu’aan bara bajataa xumurame galmaa’e kan argame waajjiraaleen sektara mootummaa humna guutuun tumsaan waan hojjetanii fi waajjira odiitiif deeggarsi barbaachisu waan taasifameef ta’uu eeraniiru. Yeroo itti aanus argannoon odiitii hundi deebii akka ta’an qooda fudhattoota waliin tumsaa fi humna guutuun ni hojjenna jedhaniiru. Caffeen kun xumura yaa’ii kanarratti muudama abbootii murti ikan raggaase yoo ta’u, abbootii murtii 94 har’a muudaman keessaa 30 dubartoota ta’uun beekameera.
Diinagdee
Caffeen Oromiyaa baajata bara 2019 Qar. Bil. 704 raggaase!
Jul 20, 2026 251
Adoolessa 12/2018(ENA): Caffeen Oromiyaa yaa'iisaa idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa bara Hojii Caffee 6ffaa guyyaa har'aa geggeessaa jiruun baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qarshii Biliyoona 704 raggaaseera. Haaluma kanaan, qarshii 80,220,067,180 baasii marmaartuu naannootiif, qarshii 162,670, 695,269 baasii kaappitaalaa naannootiif, qarshiin 459,109,237,551 deeggarsa aanaaleefi bulchiinsa magaalotaaf akkasumas qarshiin 2,000,000,000 ittiin eeggannoo naannootiif ta'ee ragga'eera.   Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Maallaqaa Naannoo Oromiyaa obbo Tolasaa Gaddafaan Caffeef ibsanitti, baajatichi hirkattummaa irraa gara of danda'uutti tarsiimoo qabame dhugoomsuuf kan akeekedha. Ramaddiin baajataa sagantaalee misoomaa irratti hundaa’ee fi guddina naannichaa saffisiisuuf haala qophaa’een kan raawwatame ta’uu hubachiisaniiru. Milkaa’ina karoora misoomaa mirkaneessuuf dhaabbilee seektaraa naannichaa hunda waliin mariin gaggeeffamuu eeruun itti gaafatamaan Biiroo ramaddii baajataa keessatti naannolee xiyyeeffannoo addaa barbaadaniif dursi kennamee akka ture ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis baajatni kun kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 76'n dabaluu kan ibsan yoo ta’u, pirojektoota misoomaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Nagahee seeraa malee galii bifa kamiinuu walitti qabuun dhorkaa ta’uu fi itti gaafatamummaa seeraa kan geessisu ta’uus cimsanii dubbataniiru. Miseensonni Caffee baajata kanarratti kennaniin ramaddiin baajataa galma hirkattummaa gargaarsaa irraa bilisa bahuu fi of danda’uu galmaan ga’uu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee, bajanni ramadame hundi-baajata kaappitaalaa dabalatee-kaayyoo yaadameef qofa akka itti fayyadaman deeggarsaafi hordoffiin cimaan barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara baajatichatti dameewwan misoomaa gurguddoon bu’aawwan abdachiisaa ta’an galmeeffamaniiru
Jul 19, 2026 213
Adoolessa12/2018(ENA):Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana keessa hojiiwwan dameewwan misoomaa gurguddoo irratti raawwatamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmeeffamuun ibsame. Yaa’ii idilee 11ffaa Caffee Oromiyaa adeemsifamaa jiru irratti, miseensonni Caffee gaaffiiwwan nageenya kabachiisuu fi tajaajila bu’uuraalee misooma ilaallatan kaasaniiru. Gaaffiiwwan ka’aniif deebii fi ibsa kan kennan gaggeessitoonni hojii dameewwan garaa garaa naannichaa, bara bajataa kana keessa hojiiwwan abdii namaa kennan raawwatamuu isaanii ibsaniiru.   Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Naannoo Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa; nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojii qindoominaa hojjetameen nagaan naannichaa fooyya’aa dhufuu isaa dubbataniiru. Hawaasnii fi mootummaan waliin ta’uun hojii hojjetaniin nagaan naannichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufuu isaa eeranii, kanaanis naannichatti filannoon biyyaalessaa 7ffaan nagaadhaan xumuramuunsaa agarsiistuu tokko jedhaniiru.   Mootummaan dandeettii qaamolee nageenya naannichaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kana milkeessuufis hojiiwwan ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ammas naannichatti qaamolee meeshaa waraanaa baatanii socho’an waamicha nagaa dhiyaateef kan fudhatan yoo ta’e, mootummaan naannichaa mari’achuuf qophaa’ee eegaa jira jechuun ibsaniiru. Gama biraatiin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuudhaan dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf hojiin jalqabe milkaa’aa dhufuu isaa Hogganaan Biiroo Barnoota Naannichaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.   Naannichatti hojiin barnootaa adeemsa gaarii irratti kan argamu ta’uun kan kaasani hogganaan kun, barattoonni naamusa gaariin bocamanii fi dandeettii kan qaban ta’anii akka bahan hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun, naannichatti jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojii raawwatameen bu’aawwan jajjabeessoon argamuu isaanii Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Naannichaa Injinar Girmaa Raggasaa dubbataniiru. Waggoottan darbanitti hojiiwwan hojjetamaniin pirojektoota jallisii 512 xumuruun hojii eegalchiisuun danda’amuu ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Naannichaa Injiinar Helen Taammiruu gama isaaniitiin, gaaffiiwwan bu’uuraalee daandii uummataa sadarkaa sadarkaan deebi’aa jiraachuu dubbataniiru.   Keessattuu hanqinni dandeettii kontiraakterootaa,qaala’insa meeshaalee ijaarsaa fi bakkoota tokko tokkotti rakkoon nageenyaa mul’atan harkifannaa pirojektoota daandiitiif sababa akka ta’an eeranii, rakkoolee kana qaamolee dhimmi ilaallatu waliin furuudhaan hojiiwwan daandii ariifachiisuuf ni hojjetama jedhaniiru.   Dhaqqabamummaa bishaan dhugaatii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojii hojjetameen uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu naannichaa guddisuun danda’amuu isaa kan dubbatan ammoo Hogganaa Biiroo Bishaan fi Inarjii Naannichaa Injinar Miliyoon Baqqalaati. Biiroon kun bajata mootummaan alatti hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee tumsitootaa fayyadamuun uwwisa bishaan dhugaatii guddisuuf hojii qabatamaa hojjechuu isaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee dhaabbilee bu'aa olaanaa galmeessaniif beekamtii kennani
Jul 19, 2026 182
Adoolessa 12/ 2018 (ENA): Bara bajataa 2018 keessa biiroowwan, dhaabbilee, kutaalee magaalaa fi aanaalee hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechuun bu'aa olaanaa galmeessisaniif beekamtii fi badhaasni kennamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Haaluma kanaan: Biiroowwan miseensa Kaabinee ta'an (badhaasa konkolaataa) • Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii • Biiroo Fayyaa • Biiroo Galii • Biiroo Diizaayinii fi Hojii Ijaarsa • Biiroo Barnootaa • Badhaasa addaa kan argate: Giddugala Haaromsa Dubartootaa fi Gabbisa Dandeettii "Le Negewaa" Kutaalee Magaalaa (badhaasa konkolaataa) • Kutaa Magaalaa Boolee • Kutaa Magaalaa Lammii Kuuraa • Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Dhaabbilee miseensa Kaabinee hin taane (badhaasa konkolaataa) • Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii • Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii • Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala'aa • Abbaa Taayitaa Konkolaachisaa fi Konkolaataa • Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaa Kana malees, aanaalee 33 keessaa, kutaa magaalaa hunda keessatti aanaa tokkoon tokkoon irraa hojii gaarii hojjetaniin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti kan bahan badhaafamaniiru. Biiroowwan miseensa Kaabinee ta'an (badhaasa ragaa beekamtii) • Biiroo Faayinaansii • Biiroo Misooma Industirii • Biiroo Kominikeeshinii • Biiroo Daldalaa • Biiroo Haqaa Dhaabbilee miseensa Kaabinee hin taane (badhaasa ragaa beekamtii) • Tajaajila Galmee Sivilii fi Jiraattummaa • Bulchiinsa Misooma Bakka Hojii • Addis Miidiyaa Netiwoorki (AMN) Kutaalee Magaalaa (badhaasa ragaa beekamtii) • Kutaa Magaalaa Kolfee • Kutaa Magaalaa Lidataa • Kutaa Magaalaa Eekkaa Beekamtii fi badhaasni har'a kenname kun hojii waloo hoggantoota, ogeessota sadarkaa hunda, qaamolee dhimmi ilaallatuu fi ummata waliin hojjete hundaaf kan kenname ta'uu Aadde Adaanech ibsaniiru. "Kunis hojii caalaatti cimsinee fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessinu, miira dorgommii gaarii akka uumnu, akkasumas warri duubatti hafan of madaalanii gara fuulduraatti akka tarkaanfatan kan jajjabeessudha" jedhan. Kanaafuu, beekamtiin kun bara bajataa itti aanu keessattis ciminaan hojjechuun fayyadamummaa ummataa fi tajaajila hawaasaaf dhiyaatu caalaatti akka mirkaneessinu imaanaa nutti kenname guddaadha jedhan.
Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 bu’aa % 96 oliin xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 19, 2026 185
Adoolessa 12/2018(ENA): Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 magaalaa Finfinnee bu’aa % 96 oliin xumurame jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen. Gamaaggama gaggeeffamaa turen karoorawwan kana guutummaatti milkeessuuf aadaa hojii halkanii fi guyyaa (24/7) hordofuun, hanqinoota jiran sirreessuuf walii galameera jedhan. Hojiiwwan dameewwan diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi kanneen biroo magaalaa guddoo biyyattii keessatti galmaa’an magaalattii bareedduu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taane, beekamtii idil-addunyaa argamsiiseera jechuun ibsaniiru. Qaala’insa tasgabbeessuu, pirojektoota misoomaa gurguddoo galmaan gahuu, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu akka danda’ames beeksisaniiru. Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaaxiraar Abbay gama isaaniin akka ibsanitti, waggoota shanan darban keessatti gama magaalatti miidhagsuutiin milkaa’inni hunda galeessa galmaa’uusaa himaniiru. Bu’aan argame bu’aa hooggansi gaaffii ummataaf deebii kennuu fi pirojektoota gurguddoo qulqullinaa fi saffisaan hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu isaa ta’uu ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa akka ibsanitti bara baajata 2018tti badhaadhina waliigalaa magaalichaa fi Itiyoophiyaa saffisiisuuf hojiiwwan hojjetamanii milkaa’aa dha jedhani. Bifa gaarii magaalattii guddisuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti bu’aa qabatamaan argamuu akka akka danda’es dubbataniiru. Itti aanaan kantiibaa itti gaafatamaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Finfinnee obbo Miliyoon Maatiwoos hojiiwwan diinagdee ijoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran lammiileef carraa hojii bal’aa uumaa akka jiran hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, fayyadamummaa carraa hojii lammiilee mirkaneessuu keessatti dameen industirii, qonna magaalaa, konistiraakshinii fi tajaajilaa iddoo guddaa qaba jedhan. Itti aanaan kantiibaa hogganaa Biiroo pablik sarvisii fi Misooma humna namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinee Dr. Jamaaluu Jambaruu gama isaaniitiin tajaajilli mootummaa dijitaalaa itti quufinsa fayyadamtootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Dandeetti sirna ammayyaa tajaajila wiirtuu tokkoon eegalame daran cimsuun qaqqabummaa isaa akka babal’isu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jira
Jul 22, 2026 53
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitiin Jimmaa ijaarsise kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa gochaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo garagaraa gaggeessuudhaan hojii qonnaa ammayyeessuunii fi babal’isuudhaan qoodasaa bahachaa jiraachuun ibsameera. Saayintifiik daarektariin inistitiyuutii teknooloojii Yunivarsiitii Jimmaa Injiinar Efireem Waaqjiraa ENA’f akka ibsanitti, wiirtuun qorannoo baayoogaazii inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitichaa anniisaa maddisiisuun gamatti leenjiis kennaa jira. Hafteen oomishaa Kanaan dura gatamaa ture walitti qabuun baayoo gaazii oomishuudhaan faayidaaf oolaa jiraachuu dubbataniiru. Kana malees wiirtuuWiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jiran kun xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan biyyoo kunuunsuudhaan guddina oomishtummaa qonnaa akka deeggaru taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, qonnaa bu’a qabeessa taasisuuf Yunivarsiiticha keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu jedhaniiru. Keessumaa wiirtuun qorannoo yunivarsiitichaa xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan qonnaan bulaaf raabsuun alatti, hojii qonnaa lafa heektaara 150 irratti hojjetuuf deeggarsa guddaa gochaa akka jiru ibsaniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnootaa makaanikaalaa fi qindeessaan pirojektii wiirtuu qorannoo baayoo gaazii Shawaangizaawu Warqaaganyoo wiirtuun qorannoo kun dame Kanaan ogeessota ga’ooman horachuuf wiirtuu leenjii ta’ee tajaajilaa akka jiru dubbataniiru. Akka Kanaan dame Kanaan barattoonni 18 digirii lammaffaatiin leenji’aa akka jiran eeraniiru. Wiirtuun leenjii Baayoo gaazii kun dhaabbilee mitmootummaa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Yunivarsiitichatti barataan maandisa humna haaromfamaa kan ta’an Iyyarus Anteneh fi Beeteliheem Abbaadii, akkaataa baayoo gaaziin itti oomishamuu fi gara anniisaa fayidaa qabuutti jijjiiramu qabatamaan beekumsa gahaa argachaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees hojii qabatamaan hawaasa gargaaruuf akka isaan gargaaru waraqaa qu’annii leenjii ittiin xumuran qopheessaa akka jiran dubbataniiru. Barataa Filiiphoos Kefelenyi beekumsi damee Kanaan Yunivarsiiticharraa argachaa jiru hojiiwwan qabatamaa wiirtuu qorannoo kana keessatti hojjetamaniin kan deeggarame ta’uu dubbateera. Akkasumas fuuldura dandeettii oomisha baayoo gaazii Itiyoophiyaa guddisuuf akka hojjetamu dubbateera.
Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa kalaqa teeknooloojii ni guddisa – Soofiyaa Ashipaalaa
Jul 20, 2026 264
Adoolessa 13/ 2018 (ENA) – Itti Gaafatamtuun Damee Barnootaa Gamtaa Afrikaa Soofiyaa Ashipaalaa akka jedhanitti, karoorri Itoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qabdu biyyattii wiirtuu teeknooloojii fi kalaqaa Afrikaa taasisuuf tarkaanfii seena qabeessa dha. Itiyoophiyaan bu'aa teeknooloojii ammayyaa irraa fayyadamtee abbaa teeknooloojii ta'uu fi lammiilee ishee hawaasa addunyaa waliin walqunnamsiisuuf hojii bal'aa hojjechaa jirti. Hojiiwwan kanneen keessaa tokko ijaarsa Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee xumuruun tajaajilaaf banaa gochuuf hojii bal'aan gaggeeffamaa jira. Soofiyaa Ashipaalaan akka ibsanitti, Itoophiyaan damee teeknooloojii dijitaalaa keessatti bu'uura cimaa diriirsuun hojii jajjabeessaa hojjechaa jirti. Akkasumas tarsiimoon 'Digital Ethiopia' fi sagantaan 'Ethio Coders' miliyoona shanii beekumsaa fi dandeettii lammiilee damee dijitaalaa, Hubannoo Namtolchee fi saayinsii daataan guddisaa jiru. Keessumaa ammoo, misooma Hubannoo Namtolchee saffisiisuuf Yuunivarsiitii addaa hundeessuuf tarkaanfiin mootummaa Itoophiyaan fudhatame tarkaanfii guddaa dinqisiifatamuu qabu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, hojiin misooma teeknooloojii dijitaalaa Itiyoophiyaan eegalte biyyoota Afrikaa biroottis invastimantiiwwan wal fakkaatan akka babal'atan karaa kan banu ta'uu himaniiru. Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee isa jalqabaa hundeessuuf mul'anni qabame, gara fuula duraatti barnootaa fi qorannoo fooyyee qabu diriirsuun biyyattiin damee kana keessatti mootummaa dursituu akka taatuuf kan gargaaruu dha jedhaniiru. Babal'inni bu'uuraalee misooma barnootaa Iiytoophiyaa, qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuun biyyoota Afrikaa biroofillee fakkeenya gaarii ta'uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa
Jul 16, 2026 1098
Adoolessa 9/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa jedhan pireesidaantiin yunivarsiitichaa Dr. Tamasgeen Dabaloo. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa fi ENA’n qorannoo fi dhaqqabamummaa beekumsa dhalootaa irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru. ENA’n dhaabbata miidiyaa dhiibbaa guddaa uumu qabuu fi bal’inaan dhaqqabummaa qabu waan ta’eef waliigaltichi yuunivarsiitichaaf gatii guddaa akka qabu pirezidaantiin yunivarsiitichaa waliigaltee kana irratti ibsaniiru. Yuunivarsiitiin kun Yuunivarsiitii dhaloota sadaffaa ta’uun ramadamuu kan ibsan pireezidaantichi, hojiiwwan barsiisummaa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Biyyattiin beekumsa mandhalee keessattuu qonna, albuudaa fi sirna Gadaa sirna barnootaa ammayyaa waliin walitti makuun galma misoomaa ishee galmaan ga’aa akka jirtu ibsaniiru. Doktar Tamasgeen akka jedhanitti, waliigaltichi sochii yunivarsiitichaa sadarkaa biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddisuuf, akkasumas hariiroo qooda fudhattoota waliin qabu daran cimsuuf dandeettii kan uumu ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee gamasaaniitiin muuxannoo waggoota 85 ol kan qabu ENA’n adeemsa jijjiiramaa keessa akka jiru hubachiisuun, waliigalteen kun kaayyoo waloo dhaabbileen lamaan kaa’an galmaan ga’uuf milkaa’ina murteessaa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, ENA’n qabeenya uumamaa fi beekumsa mandhalee naannoo Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti argamu sadarkaa ardiitti guddisuuf dandeettii olaanaa qabuun damee kana irratti michuu filatamaa ta’uu ibsaniiru. Waliigaltichi yaad-rimee beekumsa mandhalee fayyadamuun badhaadhina mirkaneessuuf galma kaa’ameef faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. ENA’n hojii oduutiin alatti qorannoo idil-addunyaa, dokumantarii fi sagantaalee adda addaa irratti cimee hojjechaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, Yuunivarsiitichi Afrikaa keessatti dhaabbata beekamaa ta’uuf tattaaffii taasisu keessatti gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' Roobee Tajaajila si’ataa kennuu dandeessiseera
Jul 15, 2026 732
Adoolessa 8/2018 (ENA): Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' Magaalaa Roobeetti hojiirra ooluun isaa, tajaajiloota hedduu bakka tokkotti kennuudhaan deddeebbii tajaajilamtoota duraan mudachaa ture hir'isuu akka dandeessise ibsame. Yeroo amma tajaajiloonni garaa garaa 124 adda bahananii fi gurmaa'an wiirtuu tokkoon akka kennaman taasifamuunsaa ibsameera. Hojii tajaajilichaa ilaalchisee tajaajilamtoonni Magaalichaa ENA’f yaada kennan, akka jedhanitti; wiirtuun kun tajaajiloota hedduu bakka tokkotti fiduunii fi adeemsa isaa dijitaala taasisuun hojii milkaa'aa ta'e raawwachaa jira jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa aadde Atikaa Xahaa yaada kennaniin; ammaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf waajjiraalee garaa garaa deddeebi'anii rakkachaa akka turan yaadachiisaniiru.   Amma garuu hojmaata wiirtuu tokkoo kanaan tajaajila hedduu bakka tokkotti argachuu isaaniitiin boqonnaa guddaa akka argatanii fi rakkoo deddeebi'ii jalaa akka isaan oolche dubbataniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Siraaj Adam akka jedhanitti, hojmanni kun iftoominaa fi saffisa akka qabaatu taasifamuu fi ragaan tajaajilamtootaa sirna koompiiteraatiin saffisaan qindaa’uunsaa jijjiirama guddaa fiduu eeraniiru. Hoj maata teekinoolojiin deeggarame kanaan yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuratanii ba’uu akka danda'an dubbataniiru. Obbo Tsaggaayee Mangistuu gama isaaniitiin; tajaajilli kun hojiirra ooluusaan amman dura dhimmoota guyyoota fi torban fudhatan yeroo amma daqiiqaa muraasa keessatti akka xumuraman gochaa jira jedhaniiru. Hojmanni haaraan kun yeroo fi humna qusachuu bira darbee,rakkoo bulchiinsa gaarii fi haqaa uummata biraa ka'aa turan furaa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Tajaajila Wiirtuu tokkoo Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Eeliyaas Huseen akka jedhanitti; wiirtichi rakkoolee harkifannaa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii uummata biraa ka'an haala fulla’aa ta'een hiikuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Wiirtuu kana keessatti tajaajiloonni adda addaa 124 bakka tokkotti akka kennaman taasifameera jedhaniiru. Tajaajilamtoonni rakkoo malee tajaajila barbaadan akka argataniif foddaa 11 irratti humna namaa saffisaa fi teekinoolojiin qindaa’ee dhiyaateera. Tajaajilichi teekinoolojiin deeggaramuunsaa birookraasii hanbisuun, qulqullina tajaajilaa fooyyessuudhaan lammiilee yeroo gabaabaa fi haala iftoomina qabun tajaajila akka argatan dandeessiseera jedhaniiru. Gara fuulduraattis wiirtichi hojii fooyya'iinsa teekinoolojiin deeggarame caalaatti cimsuun itti quufinsa uummataa sadarkaa olaanaatti guddisuuf tattaaffii taasisu akka cimsu hojii gaggeessaan kun beeksisaniiru.
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2162
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3539
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira
Jul 22, 2026 44
Adoolessa 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’ee fi oomisha yeroo gabaabaa keessatti argamsiisu lafa heektaara kuma 26 ol irratti yeroo Gannaa dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Taakkalaa jedhanitti, gosoota bunaa fooyya’aa ta’an kanneen dhukkuba dandamatan, oomisha yeroo gabaabaa keessatti kennanii fi oomishtummaan isaanii mirkanaa’e Godinicha keessatti dhaabamaa jira. Bu’uuruma kanaan Ganna amma jiru kana keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 200 ol lafa heektaara kuma 26 ol irratti dhaabamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu bunaa dhaabuu lafa haaraa fi bakka biqiltuu bunaa goggogaan keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kan dulloomee fi oomisha hin kennine buqqisuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa Aanaa Hurrumuu obbo Taammiruu Farrisaa biqiltoota bunaa yeroo Bonaa gamashan callaa gaarii irraa argachuuf kunuunsaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biqiltuu bunaa fooyya’aa dhaabuun callaa bunaa babal’isuun caalaatti fayyadamoo ta’uu isaaniis akeekaniiru. Qonnaan bulaan Geetaachoo Jifaaris gargaarsa ogeeyyii qonnaatiin deeggaramuun hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisan irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa jalatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e bal’inaan dhaabuun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Gumaachi Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya lubbuu qabeeyyetiif taasisaa jirtu ol’aanaadha
Jul 21, 2026 136
Adoolessa 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya uumamaa fi lubbu-qabeeyyiif sadarkaa addunyaatti gumaachi taasisaa jirtu ol’aanaa ta’uusaa Barreessituu hojii raawwachiiftuu waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shomaker ibsan. Abbaan Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa ayyaana hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabajachaa jira. Waltajjii kanarratti Pirezidaantiin Ripaabilika Dimokiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayyee Atsqa-Sillaasee, Ministira Muummee duraanii fi walitti qabaa Boordii faawondeeshinii Haayilemaaramii fi Roomaan ,Haayilemaram Dassaaleny, De’eetaa Ministira Turiizimii Dr.Endegena Abbabaa, Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa Kumarraa Waaqjiraa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni dhaabbilee addunyaa affeeraman argamaniiru. Barreessituun hojiiraawwachiiftuu Waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shoomaker, Itiyoophiyaan iddoo biqiltuu fi bineensota adda ta'an hedduu fi handhuura qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyii ta'uushee dubbataniiru. Shoorri biyyattiin eegumsa lubbuu qabeeyyii addunyaatiif gumaachaa jirtus caalaatti guddaa ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sanyiiwwan bineensotaa adda addaa addunyaa irratti bakka biraatti hinargamne ta'uushee eeruun; hambaan uumama addaa kun boonsaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, addunyaa guutuufis gatii shallagamuu hin danda’amnee ol ta'e akka qabu dubbataniiru. Dhaabbatichi waggoottan jaataman darbaniif qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyiif eeguuf kutannoo agarsiiseefis dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Biyyattiin bakkeewwan eegumsaa sirnaan bulchuu, sanyiiwwan balaa irra jiran baraaruu fi walitti bu'iinsa namaa fi bineensota gidduutti uumamu to'achuuf carraaqqiin taassifamu jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru. Galmawwan qabeenya lubbuu qabeeyyii kaa’ame milkeessuuf hawaasni addunyaa qabeenya bosonaa eeguu, sanyiiwwan balaa irraa baraaruu fi daldala bineensota seeraan alaa to'achuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ashaaraan Magariisaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera.
Jul 21, 2026 111
Adoolessa 14/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera jedhan jedhan Pireezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen. Ayyaanni waggaa 60ffaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa mata duree “Waggoota 60 Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Pireezidaanti Taayyeen wayita kana, Itiyoophiyaanonni Eegumsa Bineensota bosonaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuun duudhaa gaarii qabu jedhan. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa nageenya sirnakkoo eeguun bineensonni bosonaa bakka jireenyaa mijataa akka argataniif carra uumuu kaasaniiru. Barii jijjiirama biyyaalessaa waggoottan darban keessa qabeenya uumamaa fi madaala sirnakkoo eeguun hojiileen hedduun hojjetamuu eeraniiru. Sirni aadaa kunuunsa bineensota bosonaa lammiilee Itiyoophiyaa biratti gatii ajaa’ibaa dhalootaa dhalootatti darbaa akka ta’es dubbataniiru. Mallattoo bineensota bosonaa Itiyoophiyaa kan ta’e Waaliyaa Ayibeeksi gadi bu’uun isaa dhimma yaaddessaa ta’uu eeruun, Kana baraaruuf dirqama biyyaalessaa fi idil-addunyaa qabna jedhan. Bineensota bosonaa kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e gorsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina hunda galeessa akka ta’u dandeessisuun nageenya heddummina lubbu qabeeyyiif gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Nageenya paarkiiwwanii mirkaneessuu fi bu’uuraalee misoomaa isaanii ammayyeessuun eegumsa bineensota bosonaa qofa osoo hin taane daawwattoota biyya keessaa fi alaa hawwachuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf furtuu ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Paarkoonni magaalota keessatti ijaaramaa jiran beekumsa hawaasni waa’ee bineensota bosonaa irratti qabus bal’isaa akka jiran hubachiisaniiru. Bu’aa damichaa irraa eegamu galmaan ga’uuf hojiin cimaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuun, waggoota jaatama darban keessatti kunuunsa uumamaaf gumaacha guddaa aangawootaa fi michoota taasisaniif galateeffataniiru. Waltajjicharratti Pireezidaantiin Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Taayyee Atsqasillaaseen, Ministira Muummee duraanii fi Dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Roomaa Hayilamaariyaam Dasaalee, De’eetaa Ministeera Tuurizimii Dr. Indaganaa Abbabaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa, Kumarraa Waakjiraa, akkasumas haggantoota hojii olaanoo mootummaa fi keessummoonni dhaabbilee idil addunyaa irraa affeeraman argamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddiseera
Jul 18, 2026 239
Adoolessa 11/2018(ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddisaa akka jiru waldaan dargaggoota Finfinnee ibse. Yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 kan eegalame sagantaan ashaaraa magariisaa bosona badaa dhufee fi biyyoo dhiqamaa ture ittisuudhaan gumaacha taasisaa jira. Waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol kan dhaabaman yoo ta’u baranas mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 8 ol dhaabuuf hojiitti galameera. Sagantaan kun bosona dabaluun gamatti carraa hojiillee uumuuf gargaareera. Waldaan dargaggoota Finfinnee biiroo miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun guyyaa har’aa sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa gaggeesseera. Gaggeessitoonnii fi dargaggoonni saganticharratti hirmaatan sagantaan ashaaraa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuun gamatti aadaa tajaajila tola ooltummaa guddisuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun pirezidaantii waldaa dargaggoota Finfinnee Foolii Nugusee sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, miidhagina magaalattii eeguu fi bakka mijataa uumuuf gumaacha akka qabu dubbatteetti. Barreessaan waldichaa Ermiyaas Wandimmuu gamasaatiin, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa guyyaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifoomee eegalee dargaggoon hirmaachaa akka jiran dubbateera. Sagantichi biyya fooyyofte, badhaadhinaa fi abdiin guutamte dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan gargaaru ta’uu ibseera. Sagantaan ashaaraa magariisaa magaalattii magariisa, qulqulluu fi mijattuu akka taatu taasiseera kan jedhan ammoo kutaa magaalaa Booleetti itti gaafatamaa waajjira qulqullinaa fi miidhaginaa aanaa tokkoo Yenuus Mahaammadi. Saganticharratti kan hirmaatan dargaggoo Katamaa Baalchaa fi dargaggoo Taganee Boonee gamasaaniin har’a biqiltuu kunuunsuun dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uu waan ta’eef fulla’insaan biqiltuu akka kunuunsan dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28705
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 14571
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15031
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015