ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira
Jan 12, 2026 59
Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan. Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru. Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan. Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 12, 2026 48
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira. Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha. Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru. Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru. Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan. Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira
Jan 12, 2026 29
Amajjii 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu itti biqilu kuma 32tti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Biiroo Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti naannichatti sagantaa Ashaara magarisaa fi misooma qabeenya uumamaan raawwatameen omishtummaaf akkasumas eegumsa Naannoof qooda olaanaa gumaachaa jira. Sagantaa Ashaara Magariisaan lafti miidhamanii fi manca’an akka bayyanatan, haroowwan goganii fi lageen akka misooman taassisuu ibsaniiru. Baatiiwwan bonaa qabaman buufatalee biqiltuu kuma 32tti biqiltuuwan Diinagdeef, Soorataaf,Uwwisa bosonaaf fi miidhaginaaf oolan qopheessuun hojjetamaa jirachuu dubbataniiru. Buufataalee Biqiltuuwwan biqilchan cinaatti Qonnaan bultoonni Naannichaas qophii Biqiltuu keesaatti hirmmaachaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaaf Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa muduraalee, Bosonaaf, Misooma biyyee fi Miidhaginaaf kan oolan dhibbentaa 60 kan haguugan yoo ta’u, kan hafe dhibbentaa 40 uwwisa bosonaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Ganna darbe biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa lakkoofsa marsaa jalqabaa gaggeeffameen dhibbentaa 90 ol qabachuusaa eeraniiru.
Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa walooma ummataa cimsu abdii boruu kan ijaarudha
Jan 12, 2026 63
Amajjii 4/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo cabinsa suphuun walooma hawaasaa kan cimsu abdii booruu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’uu hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin seenessa biyyoolessaa waloo bocuuf Kaayyeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegaleera. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa wayita sana akka ibsanitti, Ijaarsi seenessa waloo tokkummaa fi walooma ummataa kan cimsu meeshaa abdii egeree ijaarudha. Seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa mootummaaf gufuu ta’uu eeruun, seenessa waloo ijaaruun bu’uura mootummaa cimaa akka jabeessu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Ijaarsi seenessa waloo cabinsa Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa suphuun waloomaa fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti Hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru. Pirezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa ijaarse seenessa waloo hammataan ijaarsa mootummaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Fuuldurattis Ijaarsa seenessa waloo hammataa Itiyoophiyaanotaa taasifamu keessatti dhimmoota ijoorratti walii galtee uumuuf tattaaffii taasifamu keessatti shoorasaanii akka bahan ibsaniiru. Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru
Bishaan Afrikaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti- Mahaammud Alii Yusuuf
Jan 12, 2026 25
Amajji 4/2018(ENA)–Bishaan damee hunda kan ilaallatu waan ta’eef dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waloo Ardii Afrikaa ta’uu dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Walgahiin Idilee 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa (PRC) kan nageenya bishaanii Afrikaa irratti xiyyeeffate har’a Waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti eegaleera. Walgahichi mata duree Gamtaa Afrikaa bara 2026 “Dhiyeessii Bishaan Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirna Qulqullina Nageenyaa Mirkaneessuun; Kaayyoo Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu dha. Walgahii kana irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, itti aanaa dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Ambaasaaddar Saalmaa Maaliikaa Hadaadii, hoggantoonni dhaabbilee gamtaa Afrikaa, Ambaasaaddaroonni fi Dippilomaatonni biyyoota miseensa gamtichaa argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf walgahiin Gamtaa Afrikaa baranaa dhimma bishaanii irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru. Bishaan damee hundaafuu murteessaa fi barbaachisaa ta’uu eeruun, milkaa’inoota galmoota Ardii keenyaaf shoora olaanaa qaba jedhan. Akkasumas, Bishaan Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (COP30) Biraazil magaalaa Belemitti gaggeeffame ajandaa xiyyeeffannoo argate keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru. Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa (COP 32) kan Itiyoophiyaan qopheessitu irrattis dhimmi bishaanii ajandaa keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru. Dura taa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii cop32 qopheessuuf filatamuu isheef irra deebiin baga gammaddan kan jedhan yoo ta’u, milkaa’ina yaa’ichaaf Gamtichi deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsaniiru. Walgahiin kun wixinee ajandaawwan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa Guraandhala 4 fi 5, bara 2018 gaggeeffamuuf, akkasumas Yaa’ii Hooggantoota Biyyoota Gamtichaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 gaggeeffamuuf jiru irratti ni mari’ata jedhameetu eegama.
Siyaasa
Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa walooma ummataa cimsu abdii boruu kan ijaarudha
Jan 12, 2026 63
Amajjii 4/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo cabinsa suphuun walooma hawaasaa kan cimsu abdii booruu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’uu hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin seenessa biyyoolessaa waloo bocuuf Kaayyeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegaleera. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa wayita sana akka ibsanitti, Ijaarsi seenessa waloo tokkummaa fi walooma ummataa kan cimsu meeshaa abdii egeree ijaarudha. Seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa mootummaaf gufuu ta’uu eeruun, seenessa waloo ijaaruun bu’uura mootummaa cimaa akka jabeessu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Ijaarsi seenessa waloo cabinsa Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa suphuun waloomaa fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti Hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru. Pirezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa ijaarse seenessa waloo hammataan ijaarsa mootummaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Fuuldurattis Ijaarsa seenessa waloo hammataa Itiyoophiyaanotaa taasifamu keessatti dhimmoota ijoorratti walii galtee uumuuf tattaaffii taasifamu keessatti shoorasaanii akka bahan ibsaniiru. Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad har’a ganama Jibuutii dhaqani
Jan 11, 2026 229
Amajji 3/2018(ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad har'a ganama Jibuutii kan seenan yoo ta'u, Pirezidaantii Ismaa'il Omar Guelleh simannaa taasisaniiruufi. Har'a ganama yeroon Jibuutii gahu Kabajamoo Pirezidaantii Ismaa'eel Omar Guulleehi na simataniiru jedhan doktar Abiyyi Ahimad. Mariin keenya dhimmoota ji’oopoolitikaa, nagaa fi tasgabbii naannoo, akkasumas karaalee tumsa biyyoota lamaanii keenya cimsuu dandeenyu, keessumaa daldala, loojistikii, fi misooma irratti kan xiyyeeffate ture jechuun ibsaniru. Kunis nagaa fi tasgabbii, walitti hidhamiinsa dinagdee fi badhaadhina waliiniif kutannoo waliin qabnu kan calaqqisiisudha jedhani.
Mul’anni kallattii agarsiisa. Ida’amuun cimina gonfachiisa.Kanneen ida’amanii egeree ijaaru
Jan 10, 2026 293
Mul’anni kallattii agarsiisa. Ida’amuun cimina gonfachiisa.Kanneen ida’amanii egeree ijaaru #WMMItiyoophiyaa Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa geejjiba qilleensaa isa guddaa ni ta’a-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu eegalchiisan
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumeera
Jan 9, 2026 337
Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumuu Godina Baaleetti Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq ibsan. Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru. Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argannu nu taassiseera jedhaniiru. Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan kana salphisuun fayyadamuu nu taassiseera” jedhaniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasichaa guddisuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa ammaan dura turan hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera. Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii Uummata Aanichaa yeroo dhihootti deebisuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi hundeeffamanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru. Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru. Gurmaa’insi gandaa komiiwwan ammaan dura Godinaa fi aanaatti dhufaa ture hir’isuu itti quufinsa uummataa dabalaa dhufeera. Hoggantoonnii fi ogeessonni hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhiheenyatti hiikuuf gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni yaadatama. Gurmaa’insi kun hawaasni misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa argatan taassifamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu danda’an irratti mari’atan
Jan 8, 2026 335
Mudde 30/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu dandeessisu irratti mari’achuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Har’a Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yin simachuun dhimma mootummaa fi hariiroo ummataa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa itti fufee jiru irratti mari’anneerra jedhan doktar Abiyyi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. Dhimmoota tumsa misoomaa adda addaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabnu itti fufsiisuu dandeessisu irratti mari’anneerra jedhan. Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa waggoota kurnan hedduuf kan ture hariiroo cimaa ta’uu eeruun, hariiroon kun taateewwan irratti hundaa’uun kan hin jijjiramne gara tumsa tarsiimoo dhaabbataatti guddateera jedhaniiru. Gama dinagdeen, daldala, bu’uraalee misoomaan, dhiyeessii anniisaa fi geejjibaa, akkasumas dameewwan elektironiksii(E Commerce), guddachaa jiran, daldala dinagdee dijitaalaa, hubannoo namtolchee fi misooma anniisaa magariisaa irratti tumsa keenya cimsuu irratti mari’anneerra jedhan.
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Jan 4, 2026 745
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan. Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera. Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru. Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru. Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru. Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru. Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha. Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru. Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura
Jan 4, 2026 475
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 682
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.

Hawaasummaa
Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira
Jan 12, 2026 59
Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan. Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru. Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan. Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 12, 2026 48
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira. Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha. Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru. Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru. Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan. Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.
Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan
Jan 12, 2026 39
Amajjii 4/2018(ENA) - Seenessa waloo qabaachuun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sabootaa fi sablammootaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin biyyoolessaa Seenessa waloo qabaachuu irratti kan xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeefamuu eegaleera. Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis wayita sana haasaa taassisaniin, seenessi waloo hanqinoota jiran kan walitti araarsu, hedduummina keessatti duudhaawwan tokkummaa jiru dagaagsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu kan eeran Ministiirichi, yaadonnii fi seenessi qeenxeen saba adda qoodan dhabamsiifamuu akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan tokkummaa sab-daneessummaan imala olka’insaa eegaluushee ibsuun, dhaloota seenessa waloon bocuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Kanaafis qaamoleen qooda fudhattootaa hundi seenessa waloo ijaaruuf qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Walii galtee biyyoolessaa dagaagsuuf amma yeroo sirriidha kan jedhan Ministirichi, adeemsa Marii Biyyoolessaa sirnaan fayyadamuunii fi yaada karaa qaroomeen dhiheessuun bu’aa qabeessummaasaaf tumsuun akka barbaachisu eeraniiru. Seenaa irraa barachuuf qofa fayyadamuun barbaachisaa dha kan jedhan obbo Mahaammad, seenaa kaleessaarraa duudhaa seenaa barsiisaa ta’an fudhachuun har’as ida’amnee seenaa caalu hojjechuu qabna jedhaniiru. Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.
Sararri elektirikaa meetira 600 dheeratu Haroo Abijaataa irratti diriirfame
Jan 12, 2026 66
Amajji 4/2018 (ENA) - Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa addaan ciccituu humna ibsaa industirii oomishaa mudate hambisuuf sararri humna ibsaa meetira 600 dheeratu Haroo Abijataa irratti diriirfamuu beeksise. Diriirfamuun sarara kanaa kan raawwatame Haroo Abijaataa irraa soodaa aashii baasee dhaabbilee oomishtoota qaruuraa, huccuu, burcuqqoo fi dhaabbilee wantoota qulqullinaaf oolan oomishaniif kan dhiheessu waldaa Aksiyoonaa Abijaataa Shaalaaf ta’uun ibsameera. Industiriin oomishaa akka ibsetti, sababa bishaan garmalee guutamuun Haroo Abijataatti utubaawwan elektirikaa kufanii buufanni to’annoo humnaa lolaadhaan guutamee dhiyeessiin ibsaa guutummaatti addaan cite ture. Odeeffannoon dhaabbatichi ENAf erge akka agarsiisutti, haala uumamaa naannoo sanaa irraan kan ka’e utubaan elektirikaa lafti isaa soogidda waan qabuuf nyaatamuun qilleensaan kukkufaa ture. Kanaanis yeroo hedduu suphaa turuu ibseera. Kanaaf Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa utubaan kun lafarra osoo hin taane bishaan keessa akka dhaabbatu taasisuun industirichi humna addaan hin cinne argachuun hojii oomishaa akka raawwatu taasiseera. Industirichaaf dhiyeessii humna ibsaa addaan hin cinne dhiyeessuunii fi hojiitti akka deebi’u taasisuu bira darbee naannoo sanatti abbootiin warraa 150 ta’an humna ibsaa argachuu akka danda’anis himameera.
Diinagdee
Walakkaa waggaa jalqabaatti omishni misooma shayii toonii Miiliyoona 4 tuqaa 8 ol walitti qabame
Jan 12, 2026 37
Amajjii 4/2018(ENA)- Walakkaa wagga barabaajatichaatti shaayii Dureeyyii fi Qonnaan bultootaan misoomerraa omishni toonii 4 tuqaa 854 walitti qabamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksiseera. Lafti hektaarri kuma 6 fi 396 dureeyyii fi qonnaan bultootaan misooma shayiin misoomuu Abbaa Taayitichaatti Hojii gaggeessaa olaanaan Misooma Bunaa, Shayii fi Mi’eessituuwwanii Obbo Fiqaaduu Dafarris ENA’f ibsaniiru. Walii gala kan misoome keessaa yeroo ammaa omisha kan kenne hektaara Kuma 4 fi 936 ta’uu dubbataniiru. Kanarraas bara baajataa walakkaa xumurame kanatti misoomni shaayii toonii 4 tuqaa 854 walitti qabamuu mirkaneessaniiru. Odeeffannoo hanga ammaa jiruu fi adda baheen Itiyoophiyaatti misooma baala shaayiif mijataa ta’e lafti hektaara miiliyoona 6 ol ta’u jiraachuu ibsaniiiru. Haalaa Humna misooma jiruun kan misoomaa jiru xiqqaa ta’uu, kaasuun damichaan gara fuula duraatti caalaatti fooyya’e hojjechuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennuu beeksisaniiru. Baalli shayii Itiyoophiyaa gara biyyoota adda addaatti erguun fedhii sharafa Alaa biyyattii akka deeggaru kaasaniiru.
Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaadha -Hoggantoota Paartii Siyaasaa
Jan 11, 2026 150
Amajji 3/2018(ENA)- Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu hoggantoonni Paartiilee Siyaasaa adda addaa ibsani. Abbummaan ulaa galaanaa karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa dhalootaa, biyyaalessaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uus eeraniiru. Dhimmicha hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf hojiin dippiloomaasii hojjetame bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu hoggantoonni paartiilee siyaasaa ENAn dubbise ibsaniiru. Dura taa’aan Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Agawu doktar Addisuu Mokonnon adeemsa Itiyoophiyaan shira siyaasaatiin buufata galaanaa ishee dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu ibsani. Ulaan galaanaa lafee dugdaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun ishee dinagdee isheerratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jiraachuu dubbatani. Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuufis dhaloonni hunduu waloon dhaabbachaa jiraachuu ibsaniiru. Itti gaafatamaan hariiroo alaa Paartii Dimokiraatawaa Raayyaa Raayyuu Geetaachoo Kabbadaa akka jedhanitti, ulaa galaanaa argachuun daandii olka’insa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura ijoo ta’uu ibsaniiru. Dhimmichas dhimma idil addunyaa gochuun hojiin eegalame kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru. Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa Paartii Haqaa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (EZEMA) kan ta’an Asaffaa Tarrafaa, “Dhimmi buufata galaanaa dhimma hunda keenyaati, waliin hojjenna” jedhan. Dura taa’aan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Zarihuun G/Igzi’aabiher akka jedhanitti, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhabuun madaa onnee lammiilee Itiyoophiyaa akka malee miidhudha jedhan. Itiyoophiyaan buufata galaanaa mataashee karaan itti dhabde al seerummaan kan guutame ta’uu eeruun, yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa ta’ee hunduu gahee isaa bahachuun ajaa’ibsiifamuu qabu waan ta’eef milkaa’ina isaafis hunduu tokkummaan hojjechuu qabna jedhani.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaati
Jan 11, 2026 114
Amajji 3/2018(ENA) -Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaalessaa ta’ee itti fufa jechuun hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa adda addaa ibsaniiru. Baroota dheeraaf ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan sababni isaa iftoominaan kan hin beekamneen ulaa galaanaa ishee dhabuun sirrii akka hin taane eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa uummata biyya miliyoona 120 qabduuf akka seensa daldala al ergiifi galchii gofaaf kan fayyadu osoo hin taanee dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaalessaa ta’ee abdiidhaan gaafatamaa jira. Dhimma kana irratti ENAn hoggantoota morkattoota paartiilee siyaasaa gaafateen dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaa ta’uu eeruun, gaaffiin kuni gaaffii dhalootaa ta’uu dubbatani. Haalli Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabde dhimma uummataaf ifa hin taanee fi gaabbii kan namatti uumu ta’uu kan yaadachiisan obbo Damissee Sukkaaree miseensa Koree Giddugaleessaa Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa dha. Ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan maal na dhibdeen kan irraa mulqame deeffachuuf gaaffiin gaafatamaa jiru gaaffii sirrii fi fudhatama qabu, deebii barbaadu kan dhalootaa ta’aa dhufuu ibsaniiru. Dhimma biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhaloonni faallaa kanaa dhaabbatu akka hin jirre eeruun paartiin isaaniis deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf ijjannoo cimaa kan qabu ta’uu eeraniiru. Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota dhaabbilee Paartii Dimookiraatawa Hawaasummaa Itiyoophiyaa Ballaxaa Sigeeboo akka jedhanitti, dhimmi buufata galaanaa uummata duratti ka’uu qofa osoo hin taane, hawaasa idil addunyaa birattis dhiyaate kunis milkaa’ina dippilomaasii guddaa ta’uu ibsaniiru.Gaaffiin kuni deebii sirrii hanga argatutti dhaloonni cimee hojjechuu qaba jedhan. Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaatti itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimookiraatawaa Tasfaayee Eermiyaas dhimmi abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaabiyyaalessaa waan ta’eef hojiin dippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmi kuni dhimma qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef deebii argachuun dirqama ta’a jedhani.
Walakkaa bara baajatichaatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishameera
Jan 11, 2026 79
Amajji 3/2018 (ENA)- Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa walakkaa bara baajataa kana keessatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu beeksise. Hojii raawwachiisaa olaanaa Misooma Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituu abbaa taayitichaa obbo Fiqaaduu Dafarraas ENAtti akka himanitti, bara bajataa kana keessatti lafti miiliyoona 2 fi kuma 462 fi 718 misooma bunaan uwwifameera. Kana keessaa lafti bunaa yeroo ammaa oomisha kennu hektaara miiliyoona 1 fi kuma 537 fi 626 kan qonnaan bultootaa yoo ta’u, hektaarri kuma 143 fi 140 ammoo kan abbootii qabeenyaan oomishamaa jirudha jedhan. Gama biraatiin lafti bara kana oomisha bunaan misoomaa jiru kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 20.7, waggoota jahan darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo dhibbeentaa 211 caalmaa qabaachuu isaa mirkaneessaniiru. Walakkaa bara baajataa darbeetti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu eeruun; kana keessaa toonii miiliyoona 14.37 qonnaan bultootaan kan oomishaman yoo ta’u, kan hafe ammoo abbootii qabeenyaan kan oomishame ta’uu kan ibsaniiru. Kunis waggoota jahan darbanii waliin yeroo madaalamu dachaa sadii ol akka caalu beeksiseera. Oomishtummaa isaan walqabatee gaafa ilaalamu immoo abbootii qabeenyaan lafa hektaara tokko irraa kuntaa 9.9 kan oomishamu yoo ta’u, qonnaan bultootaan immoo kuntaala 9.4 kan oomishamu ta’uu beeksisaniiru. Oomishtummaa fi itti fayyadama bunaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, waggoottan torban darban keessatti biqiltuun bunaa dulloomaan hektaara kuma 862 ol haaromfamuu fi biqiltuun gara biiliyoona 9 dhaabamuu isaa ibsaniiru. Hojii kunuunsa bunaa irratti raawwii fooyya’aa ta’een bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu isaas ibsuun; qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru beeksiseera. Haaluma kanaan ji’oota jahan darban qofa keessatti sanyii bunaa sadarkaa olaanaa qabu kuntaala 9,458, biqiltuun bunaa biiliyoona 3.15 fi biqiltuun bunaa diqaalomsame kuma 25 fayyadamtootaaf kennamuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis maasii bunaa keessatti to’annoo dhibee fi raammoo, ittisa dhukkuba hundee bunaa fi sanyii isaa, akkasumas hojiin to’annoo marga bunaa hojjetamaa turuu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.
Jan 11, 2026 106
Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee. Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin. Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama. Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera. Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera. Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani. Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Jan 8, 2026 177
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru. Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru. Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan. Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 6, 2026 208
Mudde 28/2018(ENA)-Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya jechuun hubachiisani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee ilaalchisuun waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasawaa taasisaniiru. Waraqaa isaanii erga dhiyeessanii boodas gaaffilee dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniiru. Wayita sanattis mootummaan misooma koriidaraa fi daandii hojjetee jiraattotaaf yeroo dhiyeessu kana immoo haala gaariin qabuun akkamiin akka danda'amurratti hayyoonni magaalummaa sammuu dhala namaa irratti hojjechuu isaan barbaachisa jedhan. Hubannoo namtolchee waliin walqabatees Itiyoophiyaan biyya abdii olaanaa qabdu ta'uu ibsaniiru. Hubannoon namtolchee kan inni barbaadu keessaa tokko humna ibsaa ta'uu eeruun, gama kanaan Itiyoophiyaan baay'ee oomishuuf humna akka qabdu mirkaneessaniiru. Humna ibsaa irratti invastii yoo goone hubannoo namtolcheef furmaata tokko arganne hechuudha jechuun ibsaniiru. Kan biroo hubannoon namtolchee kan inni barbaadu dhimma odeeffannoo(daataa) fi giddugala odeeffannoo( data centre) ta'uu hubachiisani. Galteewwan hubannoo namtolcheef oolan baay'inaan Afrikaa keessatti akka argaman himaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan
Jan 5, 2026 256
Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan. Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru. Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru. Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru. Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera. Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru. Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan. Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Dursaan liigichaa Arsenaal Liivarpuul waliin Qixa bahe
Jan 9, 2026 236
Amajjii 1/2018 (ENA) -Piriimar liigii Ingilizi sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphatanii galchii malee qixaan adda bahaniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen tapha walakkaa jalqabaatiin Arsenaal, walakkaa 2ffaatiin Liivarpuul caalmaa fudhachuun tapahataniiru. Arsenaal carraa goolii baay’ee uumus ijnifachuu hin dandeenye. Taphataa sarara duraa miidhaan kan dhabe Liivarpuul taphicharratti dhiibbaa uumeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxiisaa gara 49tti yoo guddisu garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban qabxii 6n itti fufeera. Liivarpuul qabxii 35niin sadarkaa 4ffaa qabateera. Tapha Liigichaa lamaan Liivarpuul arsenal galchii akka hingalchine gochuu danda’eera. Kilaboonni lameen tapha marsaa lammataa taassisaaniin Liiverpuul 1 fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama.
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 179
Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.
Jan 4, 2026 316
Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu. Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata. Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru. Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru. Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye. Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a. Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu. Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 209
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira
Jan 12, 2026 29
Amajjii 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu itti biqilu kuma 32tti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Biiroo Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti naannichatti sagantaa Ashaara magarisaa fi misooma qabeenya uumamaan raawwatameen omishtummaaf akkasumas eegumsa Naannoof qooda olaanaa gumaachaa jira. Sagantaa Ashaara Magariisaan lafti miidhamanii fi manca’an akka bayyanatan, haroowwan goganii fi lageen akka misooman taassisuu ibsaniiru. Baatiiwwan bonaa qabaman buufatalee biqiltuu kuma 32tti biqiltuuwan Diinagdeef, Soorataaf,Uwwisa bosonaaf fi miidhaginaaf oolan qopheessuun hojjetamaa jirachuu dubbataniiru. Buufataalee Biqiltuuwwan biqilchan cinaatti Qonnaan bultoonni Naannichaas qophii Biqiltuu keesaatti hirmmaachaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaaf Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa muduraalee, Bosonaaf, Misooma biyyee fi Miidhaginaaf kan oolan dhibbentaa 60 kan haguugan yoo ta’u, kan hafe dhibbentaa 40 uwwisa bosonaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Ganna darbe biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa lakkoofsa marsaa jalqabaa gaggeeffameen dhibbentaa 90 ol qabachuusaa eeraniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun Itti gaafatamummaa dhaloota ammaati
Jan 12, 2026 35
Amajjii 4/2018(ENA)- Qabeenya Uumamaa eeguun, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa hojii misooma kunuunsa qabeenya uumamaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaleef hara’a ibsa kenneera. Itti Gaaftamaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka jedhanitti, naannichatti bara kana suluulawwan kuma 6 fi 386 lafa hektara miiliyoona 3 tuqaa 2 hojiin misooma qabeenya uumamaa ni hojjetama jedhaniiru. Mata duree “misoomni, kunuunsii fi eegumsi naannoo, bayyanachuu biyyaaf” jedhuun misoomni sululaa bara kanaa Amajjii 5 bara 2018 eegalee guyyoota itti fufan 60f kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru. Qabeenya uumamaa eeguun, kunuunsuunii fi sirnaan eeguun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’ina hojii misoomichaaf haal-dureen qophii hojii fi leenjiin ogeessaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Naannichatti waggoottan darban hojiiwwan misooma sululaa fi Ashaaraa magariisaa dhaabbii biqiltuun hojjetamaniin hangi bosona naannichaa dabaluu ibsaniiru. Hojiin eegumsaa fi Kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu hoggantoonni hojii olaanoo Naannoo fi Hawaasni bakka argamanitti Godina Buunnoo Beddelleetti eegala.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiin misooma bishaan kuufamaa baatii Bonaa eegalame
Jan 11, 2026 91
Amajji 3/2018(ENA) - Bulchiinsa Dirree Dhawaa gandoota baadiyyaa 38 keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Bonaa guyyaa har'aa eegalameera. Hojiin misooma kunuunsa bishaan kuufamaa har’a eegalamee fi ji’a tokkoof kan turu kilaastara baadiyyaa afran bulchiinsa kanaa keessatti misooma bishaan kuufamaa heektaara kuma 5 fi 550 kan uwwisu ta’uu beekameera. Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaarii fi Af-yaa'ii itti aantuun Mana Maree Bulchiinsichaa aadde Kaarimaa Alii jalqabsiisa bishaan kuufamaa Ganda Regee Kilaastara Baadiyyaa Asilissoo irratti argamaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Abdii Muktaar, itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Harbii Buhi, Bakka Bu’aan Mootummaa Olaanaa Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti obbo Ibraahim Yuusuuf fi hoggantoonni olaanoo biroo kilaastaroota biroo irratti argamuun misooma bishaan kuufamaa eegalchiisaniiru. ‘’Misooma qindaa’aa bishaan kuufamaa baatii Bonaa, milkaa’ina ce’umsa qonnaaf’’ mata duree jedhuun hojiin eegalame keessatti hojiiwwan adda addaa qabeenya biyyee fi bishaanii itti fufiinsaan eeguu fi misoomsuun akka raawwataman wayta sanatti ibsameera. Hojii misooma bishaan kuufamaa kan baatii tokkoof turu kana irratti miseensonni hawaasaa kuma 37 fi 900 ol akka hirmaatan beekameera.
Naannichatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jan 9, 2026 200
Amajjii1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Biirichatti Daarektarri fooyya’insa gabbina biyyee Isheetuu Laggasaa ENA’f akka himanitti omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf gabbina biyyee fi fayyummaasaa eeguuf xiyyeeffannoon kennameera. Keessumaa Lafa Asiidiin miidhame xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf qonnaan bulaaf hubannaa uumuu fi deeggarsi ogummaa taassifamaa jira jedhaniiru. Naannichatti lafti hektaarri miiliyoona 2 tuqaa 3 Asiidummaa biyyeef saaxilamuu ibsuun rakkicha furuuf laficha xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Xaa’oon uumamaa kun Kompoositii fi varmii kompoositiin akkasumas baayoogaaziin, hafteewwan omishaa fayyadamuun qophaa’aa jirachuu dubbataniiru. Bara baajatichaatti adeemsa hanga ammaan meetirkiyuubikii 100 ol Xaa’oon uumamaa qophaa’ee tajaajilarra oolaa jira jedhaniiru. Dhiheessii nooraa guddisuuf Waarshaa Nooraa Gudaritti baabura lama guyyaatti kuntaala
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1657
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9951
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.