Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Jimmaatti oomisha muduraa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan argameera
Jul 25, 2026 61
Adoolessa 18/2018 (ENA) – Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti oomisha muduraa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan argamuusaa bulchiinsi godinichaa beeksise. Avokaadoo fi Muuziin dabalataa godinicharraa biyya alaatti ergamu har’a geejjibameera. Bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir akka ibsanitti, lafaa fi bishaan godinicha keessatti argamutti gargaaramuudhaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira. Qonnaan bulaaf deeggarsa taasisuun akkasumas teeknooloojiitti gargaaramuudhaan akkuma Bunaa oomishaa fi oomishtummaa Muduraa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera jedhaniiru. Waggoottan jahan darban sanyii Muuzii fi Avokaadoo fooyya’an babal’isuudhaan gabaaf dhiheessuun akka danda’ame dubbataniiru. Bara bajataa xumurame Muuzii fi Avokaadoo kiiloo giraamii miiliyoona 6 tuqaa 7 gabaaf dhihaate keessaa kiiloo giraamiin kuma 220 gabaa biyya alaaf dhihaachuu beeksisaniiru. Hawaasni, keessumaammoo dargaggoonni hojii kanarratti gurmaa’anii bu’aa argachaa dhufuusaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Tiijaanii Tamaam gamasaaniin, qonnaan bulaan sanyii muduraa fooyya’aa dhihaachaafii jiruu fi deeggarsa ogummaatti gargaaramee oomishasaa dabalaa dhufuu dubbataniiru. Godina jimmaatti jiraataan aanaa Qarsaa qonnaan bulaa Hasan Mahaammad deeggarsa ogummaa naaf taasifamutti gargaaramuun bara 2014 irraa eegalee Avokaadoo oomishee gabaa biyya alaaf dhiheessuudhaan fayyadameera jedhaniiru.
Magaalichatti Qonna Ammayyeessuun Wabii Nyataa Mirkaneessuu Bira Darbee Gabaa tasgabeessuun Danda'ameera
Jul 25, 2026 78
Adooleessa 18/2018(ENA)- Magaalaa Sheggaritti sektara qonnaa ammayyeessuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee gabaa tasgabeessuun akka danda’ame sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Qindeessaan Kilastara Qonnaa fi Misooma Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haailuu ibsan. Gabaasni raawwii hojii qaamolee hordoffii fi raawwachiisaa yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa bara baajataa 2018 har'a mana mareef dhiyeessera. Obbo Girmaa yeroo kanatti akka ibsanitti, bara bajataa kanatti jireenya qonnaan bulaa magaalattii fooyyessuuf qonna makanaayizeeshiiniin deeggaruu fi galteewwan qonnaa dhiyeessuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argameera. Kun akka milkaa’u leenjiin, deeggarsii fi hordoffiin barbaachisaan taasifamuu isaa yaadachiisaniiru. Magaalichatti bara oomishaa 2017/18 waqtii gannatti lafa hektaara kuma 81 fi 538 midhaan adda addaatiin misoomsuun oomishni kuntala miiliyoona 3 tuqaa 4 argamuusaa dubbataniiru. Kunis oomisha hektaara tokkorraa argamu gara kuntala 42 tuqaa 2tti guddisuusaa gabaasni dhiyaate ni mul’isa. Kana malees mootummaan alergii biyyattii guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dinagdee jabeessuuf hojii misooma jallisiitiin lafa hektaara kuma 42 fi 613 irraa oomishni kuuntala miiliyoona 2 tuqaa 6 argamuus dabalanii ibsaniiru. Bara oomishaa kana lafa hektaara kuma 95 fi 500 misoomsuun oomisha kuuntala miiliyoona 4 tuqaa 5 argachuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu mekanayizeeshinii qonnaa guddisuun oomishtummaa qonnaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen jijjiiramni ol'aanaan argamuu isaa ibsaniiru. Kanaan alatti qonnaan bulaan magaalattii rooba gannaa qofa eeggachuu jalaa ba'uun waqtii hundaatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisi meetir kuubii miiliyoona 171 dhiyeessuun lafa hektaara kuma 42 fi 613 misoomsuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis abbootii warraa kuma 42 fayyadamoo gochuun danda'amuu isaa gabaasa isaaniin ibsaniiru.
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 103
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Jul 25, 2026 80
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru. Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru. Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha.   Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru. Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru. Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan. Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru.   Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Kan mul'ate

Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 74
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 75
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.   Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.   Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 25, 2026 68
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru. Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera.   Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru. Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a.   Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru. Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru. Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Akkaadaamiin loltummaa Hoolotaa qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira
Jul 25, 2026 98
Adoolessa 18/2018(ENA)- Akkaadaamiin loltummaa Itiyoophiyaa Hoolotaa etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa bakka argamanitti mooraa akkaadaamichaa Hoolotatti argamutti kan leenjise qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira. Etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, hogganaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnon, ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu, qondaaltonni jeneraalaa kabajamoo akkasumas ataasheewwan loltummaa biyyoota garagaraa sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Qondaaltonni kaadhimamoon leenjii Kanaan caalmaa argatan etaamaajoor shuumii walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa sirni maaraga uwwisuu gaggeeffameera. Ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu waltajjicharratti dubbiii dubbataniin, leenjiin eebbifamtoonni fudhatan cimina gaggeessummaa walii galaa kan gabbisu ta’uu ibsaniiru. Qondaaltonni kaadhimamoo beekumsaa fi ogummaa leenjicharraa argatan ergama dirqamaa raayyaa kamiyyuu bahachuuf kan isaan dandeessisu beekumsa isaan gonfachiiseera jedhaniiru. Miseensota raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin alattis qondaaltonni kaadhimammoo biyyoota Afriikaa garagaraarraa dhufan leenjii xumuranii eebbifamuusaanii dubbataniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jira – Pirofeesar Masfin Ari'ayaa
Jul 23, 2026 430
Adooleessa 16/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jiraachuu komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari'ayaa ibsan. Komishinara Olaanaan marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ari'aayaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, mariichi ajandaawwan kennaman irratti bal'inaan mari'achuunii fi ibsa hayyootaan deeggaramuun milkaa'inaan gaggeeffamaa jira. Guyyoota darbanitti waltajjiiwwan marii gaggeeffamaniin hirmaattonni gareen qoodamuun ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan mari'achuu, wal-dhaggeeffachuu fi wal-kabajuun gara adeemsa yaada qindeessutti ce'uu isaanii ibsaniiru. Yaa’iin marii Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamuun hirmaattonni miseensota 50 fi 10n qoodamuun adeemsa yaada maddisiisuu fi cimsuu isa jalqabaa raawwachuu isaanii dubbataniiru. Mariin miseensota 10n gurmeessuun gaggeeffamu hirmaattota gidduutti walitti dhiheenya uumuun wal-baruu fi ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan akka mari'atan kan dandeessisuu ta’uusaa ibsaniiru. Adeemsa kanaanis hirmaattonni walitti akka dhihaatanii fi ajandaawwan qulqullinaan akka irratti marii’atan sirna diriireen hojiin bu'a qabeessi hojjetamuu hubachiisaniiru. Miseensota 10 kanaan gabaasawwan qindaa’an irratti boruu jalqabee gareewwan miseensota 50 qabaniin walitti dhufanii mariin akka jalqabamu beeksisaniiru Guyyaa har’aa ogeeyyonni mata dureewwan garagaraa irratti mari’attoota mata dureewwan garagaraa irratti garee saddetitti qoqqoodamaniif ibsaa fi odeeffannoowwan kennuusaanii ibsaniiru. Ogeeyyonni dhimmoota ijaarsa biyyaa, seenaa, federaalizimii fi eenyummaarratti beekumsaa fi muuxannoo qaban mari’attootaaf ibsa galtee ta’u taasisuudhaan, gaaffilee hirmaattota irraa ka’aniifis deebii kennuusaanii dubbataniiru. Boru irraa eegalee gabaasota marii gareewwan miseensota 10 qabaniin gaggeeffameen qindeessan gareewwan miseensa 50 qabaniif dhiheessuudhaan adeemsi marii itti aanuu akka eegalamu ibsaniiru. Yaa’ii marii Kanaan mari’attoota kuma 4 keessummeessuun qophii guddaa kan barbaadu ta’us, deeggarsa qindaa’aa dhaabbileen fayyaa, nagaa fi tasgabbii akkasumas geejjibaa taasisaa jiran dinqisiifataniiru. Mariilee taasifamaniin gareewwan saddet keessatti hirmaattota 500niin gurmaa’anii gaggeeffamaa tureera jedhaniiru. Boru irraa eegalee gabaasa gareewwan miseensa 50 qabaniin qindeessan gareewwansaaniif dhiheessuudhaan mariin gareewwan miseensota 250 qaban shantamaan taasifamu akka eegali ibsaniiru. Torbee dhufu ammoo hirmaattonni kuma 4 bakkeewwan 16tti qoqqoodamanii marii akka itti fufan eeraniiru. Hirmaattonni wayita mariin kun gaggeeffamu wal’aansa isaan barbaachisu hoospitaalota federaalaa fi naannootti wa’aansa barbaachisu argachaa akka jiran ibsaniiru. Akkasumas dhaabbileen deeggarsa taasisan kan akka nagaa fi tasgabbii, geejjibaa fi kanneen biroo qindaa’anii hirmaattotaaf tajaajila barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru.
Mariin kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa haaraa seenaa fi misoomaatti akka ceetu carraa uuma – Mari’attoota
Jul 22, 2026 391
Adoolessa 15/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa seenaa fi misoomaa haaraatti akka ceetu carraa uuma jedhan mari attoonni lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa konfiraansii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun ajandaalee marii saddeet adda baasuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kunneen Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis keessatti mari’atamaa kan jiran yoo ta’u, mari’attoonni kuma afur kan irratti hirmaataa jiranidha. Mari’attoonni kunneen Adoolessa 13, 2018 irraa eegalanii garee xiqqaatti qoodamanii ajandaa itti ramadaman irratti mari’achuu eegalaniiru. Bakka bu’oonni diyaaspooraa konfiraansii adeemsifamaa jiru kanarratti yaada isaanii kan kennan akka jedhanitti, mariin kun Itiyoophiyaan rakkoo waggoota darban mudate bira darbitee gara marsaa seenaa fi misoomaa fooyya’aa ta’etti ce’uuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi marii kun boqonnaa haaraa marii fi waliigalteedhaan rakkoolee sadrkaa gadii irraa gara oliitti hiikuuf karaa bane ta’uus hubachiisaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Awustiraaliyaa irraa Paachi Aquweer akka jedhanitti; lammiileen Itiyoophiyaa kanaan dura haala akkanaa irratti marii’atanii akka hin beekne ibsuun, affeerraa kana gammachuu fi miira guutuudhaan kan fudhatan ta’uu eerani. Haalli lammiileen Itiyoophiyaa naannoo hundarraa walitti qabaman baay’ee namatti tolu ta’uu hubachiisuun, marii kanaan biyya dhaloota egereef mijattu uumuuf haala kan mijeessu ta’uu dubbatani. Haaluma walfakkaatuun Ameerikaa irraa kan dhufan Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam akka jedhanitti; Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraan jalqabamuu himani. Adeemsi marii kun walitti bu’iinsaa fi rakkoolee karaa qaroomina qabuun waliin marii’achuun furuu akka ta’e hubachiisaniiru. Mariin mari’attoonni kuma afur irratti kan hirmaatan kun egeree ifaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka taasisu ibsaniiru. Kanas adeemsa guddaa Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taane ummata Afrikaa fi addunyaaf hambaa fi muuxannoo ta’uu danda’u jechuun ibsaniiru. Biyya Ingilizii irraa kan dhufan Allebbaachoo Dassaalenyi Itiyoophiyaanonni sablammoota adda addaa fi jaarmiyaalee lammummaa adda addaa irraa dhufan biyya isaanii sadarkaa gaariitti jijjiiruuf kutannoo agarsiisan dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa nagaa biyyattiif gumaachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Rakkoon mariidhaan furuun hin danda’amne akka hin jirre eeruun, nagaa, tasgabbii fi misooma waaraa fiduuf ga’een adeemsi marii biyyaalessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa jirti
Jul 22, 2026 326
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa akka jirtu miseensi mana maree bakka bu’oota Naayijeeriyaa Agbeedii Firederiik ibsan. Itiyoophiyaan tumsa ardii cimsuunii fi qoodni seena qabeessi dandeettii ofiitiin misooma mirkaneessuuf bahatte guddaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota sirna paarlaamaatiin seenaa ture qaban keessaa tokko ta’uusheetiin qoodni ijaarsa sirna demokiraasiif gumaachaa jirtu kan raajeffatamudha. Keessumaa kallattii tumsa riijinii fi dandeettii ofiitiin dhaabbachuu jabeessuuf qoondi baate olaanaa ta’uu kaasaniiru. Filannoon walii galaa torbaffaan milkaa’inaan xumuruunshees kutannoo adeemsa demokiraasiif qabdu qabatamaan kan itti agarsiifte ta’uusaa dubbataniiru. Ijaarsa sirna demokiraasiif kan barbaachisu inni ijoon fedhii lammiilee kan deebisu, nagaa kan buusuu fi gaggeessaa guddina biyyaalessaa si’achiisu kan itti gaafatamni itti dhagahamu ta’uu hubachiisaniiru. Kanaaf Itiyoophiyaan gama hundaanuu birmadummaashee mirkaneessuuf tattaaffiin qabatamaa itti jirtuu fi milkaa’inni galmeessisaa jirtu Afriikaaf calaqqee ifaa ishee taasiseera jedhaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa guddachaa dhufuusaa kan kaasan miseensi mana maree kun, carraaqqiin dippilomaasii michooma paarlaamaa fi hariiroo paarlaamaa biyyoota lamaan jidduutti cimsuuf taasifame kan raajeffatamu ta’uu eeraniiru. Kun ammoo tumsa hunda galeessa gamlamee dhaabbilee demokiraasii biyyoota lamaanii cimsuuf qaban guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Hariiroo gamlameen gamatti Itiyoophiyaan tumsa Ardii fi dandeettii ofiitiin dhaabachuu gama guddisuutiin qooda seena qabeessa bahatte raajeffataniiru. Biyyoonni Afriikaa tumsaa fi walgargaarsa jidduusaanii jiru cimsuuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
Marii'ataan Mala Hin Dhabu!   
Jul 22, 2026 359
Rakkoolee yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessatti turan hundee irraa furuuf, Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Labsii Lakk. 1265/2014, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin ragga'een hundaa’e hojiitti galeera. Kaayyoo Guddaa Hundeeffama Komishenii Marii Biyyaalessaa · Marii Biyyaalessaan Waliigaltee Uumuu: Dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti hoggantoota siyaasaa, hayyootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuudhaan marii bal'aa fi hunda-galeessa ta'e gaggeessuu; ta'us waliigaltee biyyaalessaa waaraa bira gahuu dha. · Wal-dhabdeewwan Mariidhaan Furuu: Garaagarummaa fi wal-dhabdeewwan siyaasaa fi hawaasummaa kanneen seeraanis ta'e dhiyeenya kana uumaman karaa nagaa fi marii qofaaan furuu. · Duudhaalee Hawaasummaa Haaromsuu: Duudhaalee biyyaalessaa wal-kabajuu fi waliin hojjechuu cimsan suphuu, akkasumas wal-amantaa hawaasaa fi qaamolee adda addaa gidduutti ijaaruu dha. Komishiiniin kunis komishinaroota bilisaa fi walaba ta'an 11 qabatee kan hundaa’e dha. Haaluma kanaan, waldhabdee fi rakkoolee biyyattii keessatti yeroo dheeraaf turaan furuuf hojiin bal'aan eegalamee jira. Akkuma beekamu, Itiyoophiyaan seenaa sirna mootummaa yeroo dheeraa kan qabduu fi biyya saboota, sab-lammoota,Ummatoota, afaani fi aadaawwan hedduti. Ta'us, adeemsa sirna hundeeffama ishee keessatti dhimmootni seenaa, eenyummaa, abbaa biyyummaa fi haqaafi kanneen wal-qabatan hedduun utuu furmaata sirrii hin argatiin yeroo lakkoofsiisaniiru. Rakkooleen caasaa irraa furmaata dhaban kunniinis, yeroo baay’ee biyyattii gara walitti bu'iinsaa, tasgabbaa'uu dhabuu fi wal-waraansaatti galchuun gaaga’ama hama uumaniiru. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Mariin Biyyaalessaarratti abdatameera. Haaluma Kanaan komiishiin marii biyyaaleessa Itiyoophiyaa haala duree hedduu keessa darbeera. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Marii Biyyaaleessaa irratti abdatameera. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktor Abiyyi Ahimad guyyaa jalqabbii Marii kana Irratti akka jedhanitti “Mariin kun salphaatti kan deebi’ee hin argamne, seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti kaayyoo fi galma guddaa kan qabudha.” Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuufi Afriikaaf fakkeenya guddaa kan ta’uu fi Marii hunda hirmaachise ta’uu ibsani turan. Itiyoophiyaanoonni rakkina gurguddaa bira darbaniiru kan jedhan Ministirri Muummeen; mariin kun furmaata waldhabdee akka ta’e ibsaniiru. Dhaloota dhufuuf biyyaa mijaata ta’e ijaaruuf eegeree tolchuuf mariin kun carraa gaarii ta’uu ibsuun; milka’ina isaaf hunduu akka tumsaan dhaamaniru. Komishinarri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ara'ayaa gama isaaniitiin, 'Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya cimtuufi nageenya amansiisaa taate qabdu ijaaruuf carraa guddaa kan uumuudha,' jechuun yeroo sana ibsanii turaan. Mariin kun keessattuu, gaaffileen siyaasaafi sirnaa walxaxaan waggoota dheeraaf kuufaman har'as nagaafi tokkummaa biyya keenyaa qoraa akka jiran yaadachiisaniiru. Garaagarummaan yaadaa rakkoo akka hin taaneefi ilaalchota adda addaa karaa tasgabbaa'aafi diimokiraatawaa ta'een mariin furuun murteessaa ta'uu isaa himaniiru. Rakkoolee hidda fageeffatan humnaan, furmaata yeroon yookaan adeemsa qoodinsaafi alatti hambisuutiin waaraatti furuun akka hin danda'amne seenaan kan nu barsiise ta'uu isaa irratti xiyyeeffannaa kennanii dubbataniiru. Furmaanni waaraafi tokkichis marii biyyaalessaa amanamummaa, hirmaachisummaafi karaa saayinsaawaa ta'een gaggeessuu qofa ta'uu isaa ibsaniiru. Mariin kun garaagarummaa jiru haala sodaa tokko maleefi karaa qaroomina qabuun waliin mari'achuun waan filannoo hin qabne ta'uu isaa ibsaniiru. Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa haala dureewwan hedduu keessa darbee jira. Isaanis: · Ajandaa Walitti Qabuu fi Qooda Fudhattoota Adda Baasuu:   Komishinichi kutaalee biyyaattii gara garaatti, akkasumas diyaasporaawwan ala jiraatan biratti socho'uudhaan waldaalee adda addaa, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, dubartoota, dargaggoota, paartilee siyaasaa fi kutaalee hawaasaa irraa ajandaa marii walitti qabaa tureera. · Bakka Bu'oota Marii Adda Baasuu: Ummanni mataan isaa kallattiidhaan bakka bu'oota filachuun, sagaleen sadarkaa gadii irratti argamu gara waltajjii marii gidduugaleessaatti akka dhihaatu taasisameera. · Ajandaawwan Gurmeessuu: Hawaasa adda addaa biraa ajandaawwan kumaatamaan walitti qabaman gosagosaan adda baasuu fi gurmeessuu hojiin isaa raawwatameera. Amma namootni marii irratti hirmaatan Kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufaa kuma 4 akkasumas haala mijeessitootaan deeggaramuun mariin eegalameera. Haluma kanaan namootni marii irratti hirmaatan garee adda addaatti qoodamuun ajandalee adda baafaman irratti marii eegalaniiru. Marii biyyaalessaa – Egeree Waloof Waliigaltee Biyyaalessaa Uumuu Itiyoophiyaan seenaa ishee keessaatti adeemsa siyaasaa hiikkaa guddaa qabu keessa tokko kan ta’e Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeessuun erga hojii jalqabee wagga sadii ta’eera. Komishiiniin kun bu’uura labsii 1265/2014 Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa raggaaseen hundaa’ee hojii eegale. Kayyoon Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’eef inni ijoonis rakkoowwaan siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessa yeroo dheeraaf turan marii fi waliigaltee biyyaalessaan furuufidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!
Jul 21, 2026 496
Adoolessa 14/ 2018(ENA): Wantoota ijoo Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Kaleessa Mari’attoonni gareedhaan qoodamanii marii kan jalqaban har’as garee isaaniitiin mari’achuu itti fufaniiru. Mari’attoota 50 kan hammate gareen 80’n kaleessa waaree booda irraa eegalee garee xiqqaa isaanii keessatti marii’achaa jiru. Adeemsi kun hanga boruutti kan itti fufu ta’a. Adeemsa kana keessatti mari’attoonni dhimmoota ajandaa irratti mari’achaa jiran irratti yaada fi ilaalcha hedduu dhiheessaa jiru. Adeemsi kun dhimmoota biyyaalessaa hunda caalaa bu’uuraa ta’an kanneen sababa waliigaltee dhabuu ta’an irratti ilaalchaa fi sababoota walii isaanii akka hubatan waltajjii uumuun ni eegama. Adeemsa kana galmaan gahuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa paanaalii ogeeyyii dhaabbilee adda addaa irraa dhufan, kanneen gama ogummaa, barnootaa fi ogeessota qaboo yaa’ii qabaniin gahumsa qaban walitti fidee Yaa’ii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiru. Yaa’ii kana irratti ogeessota gahumsa olaanaa qaban 80 walitti fidee marii kana akka deeggaran taasisaa jira. Ogeessonni kunneenis yaadota iftoomina barbaadan irratti ibsa kennaa mari’attoota deeggaraa jiru. Gama biraatiin, Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kana keessatti, taajjabdoonni walaba ta’an 50 ol ta’an Tumsa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa, waldaalee ogummaa adda addaa, Mana Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa irraa, akkasumas dhaabbileen biyya keessaa adda addaa , adeemsa marii kana taajjabaa jiru. Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 14, 2018 #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Naannichatti Tajaajila Paabliik Sarviisii caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira - Obbo Awwaluu Abdii
Jul 25, 2026 79
Adooleessa 18/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Tajaajila Paabliik Sarviisii caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Sagantaan ifoomsa hojiirra-oolmaa riifoormii tajaajila fi bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka hoggantoonni ol’aanoo naannichaa fi federaalaa argamanitti magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Komishinariin Komishinii Sivil Sarviisii Federaalaa Doktor Makuriyaa Hayilee, hogganantuun Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Adde Kokkabee Didhaa fi qooda fudhattoonni naannichaa biroon waltajjii kana irratti argamaniiru. Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Waltajjii kana irratti akka jedhanitti, tajaajila Paabliik Sarviisii naannichaa caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira. Riifoormiin kun badhaadhina hunda-galeessa naannichaa mirkaneessuu fi sektara tajaajila ummataa hunda keessatti fooyya’iinsa bu’uuraa fiduu irratti kan fuulleffatedha jedhaniiru. . Akeekni guddaan jijjiirrama kanaas bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, tajaajila ummataa qulqullina, si'aayina fi amanamummaa olaanaadhaan kennuudha jedhaniiru. Rifoormiin jalqabame kun guutummaatti gara hojii qabatamaatti jijjiiramee bu'aa akka fiduuf hooggansi naannichaa kutannoodhaan akka hojjetu dhaamaniiru. Akkasumas, rifioormiin humnoota nageenyaa irratti gaggeeffame nageenya amansiisaa uumuun riifoormiiwwan biroof bu'uura ta'uu eeraniiru. Adde Kokkabee Didhaa gama isaaniitiin, akka naannootti tajaajilli wiirtuu tokkoo 58 kennamaa akka jiru fuulleffachiisanii, dandeettii raawwachiisummaa humna namaa cimsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran ibsaa jiru. Gara fuulduraatti waltajjiin kun tajaajila si'ataa fi ga'umsa qabu ummataaf dhiyeessuuf kallattii haaraa kan saaqu ta'uun ibsameera
Kantiibaa Adaanech Abeebee ijaarsa kolleejii poolii teekiniikaa Ismaarti eegalchiisan
Jul 24, 2026 153
Adoolessa 17/2018(ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaabbata namoonni namootaaf jedhu waliin ta’uun guyyaa har’aa ijaarsa kolleejii poolii teekiniikaa Ismaartii kan jalqabaa ta’e guyyaa har’aa eegalchiisaniiru. Ijaarsi kolleejichaa yeroo xumurame maanuufaakcharii, Awutoomootiivii, Elektiriikii fi Elektirooniksii, Komunikeeshinsii, Tekistaayilii fi teeknooloojiiwwan Sii enni sii (CNC) irratti dargaggootaaf leenjii gocharratti xiyyeeffatee fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamu akka kennu kantiibaa Adaanech ibsaniiru. Biyya misoomsuu fi hiyyummaa jalaa bahuun barnoota qalamaan qofa milkeessuun waan hin danda’amneef, humna namaa beekumsa sammuu yaada maddisiisanii fi harka hojjetu bakka tokkotti qabu baay’ee barbaachisaa ta’uusaanii Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru. Pirojektiin har’a eegalchiifne damee teekniikaa fi ogummaatiin dargaggoota hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti, yaada bu’uraa irraa gara gochaatti kan ceesisu, carraa hojii haaraa kan uumu riqicha ogummaa kan ta’udha jedhaniiru. Ijaarsi kolleejii kanaa yeroo kaa’ameefitti qulqullinaan xumuramee tajaajilaaf akka oolu xiyyeeffannoon hordofna jedhan. Pirojektichi tumsaan kan ijaaramu tumsa misoomaa yeroo dheeraa kan taate dhaabbata namoonni namootaa fi kan hojjetamu ashaaraa dhalootaaf cehudha jechuun qonnaan bultoota pirojektichaaf lafasaanii gadhiisan galateeffataniiru.
Tajaajilli wal’aansa tolaa ooltummaa tolan kennamu tajaajila fayyaa hawaasa hunda qaqqabsiisuun lammii fayya buleessa uumuuf gumaacha olaanaa qaba
Jul 24, 2026 151
Adoolessa 17/2018(ENA)- Tajaajilli wal’aansa tolaa ooltummaa tolan kennamu tajaajila fayyaa hawaasa hunda qaqqabsiisuun lammii ga’oomaa fi fayya buleessa uumuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan. Ministeerri fayyaa Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Quddus Pheexiroos waliin ta’uun mata duree “tola ooltummaan guddummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun kan qopheesse sagantaan jalqabsiisa tajaajla tola ooltummaa gannaa qorannoo fayyaa, gorsaa fi wal’aansaa har’a kutaa magaalaa Gullalleetti ifatti eegalameera. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa saganticha yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, kaayyoomn ijoo tajaajila wal’aansaa tola ooltummaa gannaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamu dursanii dhukkuba ittisuu fi adda baasuurratti kan xiyyeeffatedha. Tajaajilli kun namoonni dursanii wal’aansa kan itti argatan carraa guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Hojii gaggeessaan Hospitaala Quddus Pheexiroos doktar Abrahaam Isheetee gamasaaniin, Hospitaalichi itti gaafatama hawaasummaa bahuuf wagga waggaadhaan tajaajila tola ooltummaa akka gaggeessu eeraniiru. Sagantaa gannaa kan baranaatiinis namoota kuma 120 caalaniif tajaajila wal’aansaa tolan kennuuf karoorfamuusaa ibsaniiru. Tajaajilli kun qorannoowwan idilee baramaniin gamatti qorannoowwan diyaanostiikii baqaqsanii hodhuu, wal’aansota speeshaaliitii, akkasumas kan akka siitii iskaanii (CT Scan) fi ‘MRI’ kan of keessatti qabate ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaa kun wal’aansaan cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuu dhaabuu, mana namoota dadhaboo haaromsuu, barattootaaf meeshaa barnootaa deeggaruu fi maaddii qooduu akka of keessaa qabu eerameera.
Yaa'ii Marii Biyyaalessaa guddicha irratti tola ooltummaan himaachuu keenyaaf itti boonneerra
Jul 24, 2026 140
Adoolessa 17/2018 (ENA): Yaa'ii Marii Biyyaalessaa guddicha irratti tola ooltummaan himaachuu keenyaaf itti boonneerra jedhan lammiileen bakka garagaraarraa egeree Itiyoophiyaaf mari’achuuf kan walitti dhufan. Yaa’iin marii biyyaalessaa kan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad irratti argaman Adoolessa 8/2018 jalqabamuun isaa ni yaadatama. Adeemsi dhimmoota jaarraa hedduuf madda waliigaltee dhabuu ta’an hiikuuf kaayyeffatee eegale kun hambaa biyyaalessaa dhalootaaf darbu ta’a. Yaa’ii seena qabeessa lammiileen kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dammaqinaan irratti hirmaatan kana keessatti dargaggoonni tola ooltummaadhaan qindoominaan, irratti hirmaataa jiru. Tola oolaan Yohaannis Girmaa ENAtti akka himanitti, dhimma biyyaarratti tola ooltummaan tajaajiluun kan nama boonsudha jedhani. Dhimma biyyaa irratti tajaajila tola ooltummaan hojechuun jaalala biyyaaf qaban daran kan cimsudha jedhani. Kunis biyya ofii Namoota deeggarsa addaa barbaadaniif gargaarsa malu taasisuun, tajaajila odeeffannoo kennuun, adeemsi marii haala gaariin akka adeemsifamu gochuun gahee isaanii bahaa akka jiran ibsaniiru. Tola ooltuun Maqdas Mazgabuu gama isaaniin akka himanitti, Tajaajilli tola ooltummaa mul’ata gatiiwwan ol’aanoo dhala namaa ta’uu ibsuun, adeemsa marii biyyaalessaa murteessaa kana keessatti hirmaachuun miira gammachuu kan isaanitti hore ta’uu dubbatani. Tola oolaan Naannoo Affaar irraa dhufan obbo Ahmad Alawuu sagantaa guddaa biyyaalessaa kana irratti akka lammii Itiyoophiyaatti itti gaafatamummaa isaanii ba’uun akka isaan boonsu dubbataniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa kun lammiilee gidduutti amantaa cimsuu, nagaa waaraa uumuu, mul’ata waloo egeree Itiyoophiyaa bocuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Tola ooltonni kunneen mariin biyyaalessaa kun abbummaa waliiniitiin egeree Itiyoophiyaa bocuuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsuun, qaama adeemsa kanaa ta’uun jireenya isaaniif yaadannoo hin dagatamne ta’uu fi biyya isaaniif gumaacha guddaa ta’uukan itti buusan ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Magaalichatti Qonna Ammayyeessuun Wabii Nyataa Mirkaneessuu Bira Darbee Gabaa tasgabeessuun Danda'ameera
Jul 25, 2026 78
Adooleessa 18/2018(ENA)- Magaalaa Sheggaritti sektara qonnaa ammayyeessuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee gabaa tasgabeessuun akka danda’ame sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Qindeessaan Kilastara Qonnaa fi Misooma Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haailuu ibsan. Gabaasni raawwii hojii qaamolee hordoffii fi raawwachiisaa yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa bara baajataa 2018 har'a mana mareef dhiyeessera. Obbo Girmaa yeroo kanatti akka ibsanitti, bara bajataa kanatti jireenya qonnaan bulaa magaalattii fooyyessuuf qonna makanaayizeeshiiniin deeggaruu fi galteewwan qonnaa dhiyeessuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argameera. Kun akka milkaa’u leenjiin, deeggarsii fi hordoffiin barbaachisaan taasifamuu isaa yaadachiisaniiru. Magaalichatti bara oomishaa 2017/18 waqtii gannatti lafa hektaara kuma 81 fi 538 midhaan adda addaatiin misoomsuun oomishni kuntala miiliyoona 3 tuqaa 4 argamuusaa dubbataniiru. Kunis oomisha hektaara tokkorraa argamu gara kuntala 42 tuqaa 2tti guddisuusaa gabaasni dhiyaate ni mul’isa. Kana malees mootummaan alergii biyyattii guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dinagdee jabeessuuf hojii misooma jallisiitiin lafa hektaara kuma 42 fi 613 irraa oomishni kuuntala miiliyoona 2 tuqaa 6 argamuus dabalanii ibsaniiru. Bara oomishaa kana lafa hektaara kuma 95 fi 500 misoomsuun oomisha kuuntala miiliyoona 4 tuqaa 5 argachuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu mekanayizeeshinii qonnaa guddisuun oomishtummaa qonnaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen jijjiiramni ol'aanaan argamuu isaa ibsaniiru. Kanaan alatti qonnaan bulaan magaalattii rooba gannaa qofa eeggachuu jalaa ba'uun waqtii hundaatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisi meetir kuubii miiliyoona 171 dhiyeessuun lafa hektaara kuma 42 fi 613 misoomsuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis abbootii warraa kuma 42 fayyadamoo gochuun danda'amuu isaa gabaasa isaaniin ibsaniiru.
Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame hojii daldalaa kakaaseera
Jul 25, 2026 86
Adoolessa 18/2018(ENA)- Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame magaalattii miidhagsuun gamatti hojii daldalaa jajjabeessaa akka jiru jiraattonni magaalattii ibsan. Misoomni kooriidaraa ijaarame magaalattiif miidhagina dabalataa uumuun gamatti, invastimantiif, daldalaa fi jiraattotasheef akka mijattu taasiseera jechuun ibsan magaalattii keessatti daldalaa kan ta’an Ahimad Juhaar ENA’f yaada kennaniin. Misoomni kooriidaraa kun gaaffilee ummataa yeroo dheeraa kan deebise waan ta’eef fulla’aa fi bu’a qabeessa akka ta’u humnaa fi maallaqa keenyaan ni hirmaanna jedhaniiru. Hojiileen misoomaa yeroo ammaa dame garagaraan eegalaman akka itti fufan mootummaa cinaa dhaabbannee nageenya keenya eeggachaa dirqama nurraa eegamu ni baana jedhaniiru. Jiraattuun magaalichaa adde Xaayituu Asaffaa gamasaaniin, misoomni nuti barbaannu magaalaa keenya keessatti waan hojjetameef fayyadamoo taaneerra jechuun ibsaniiru. Misoomni kooriidaraa kun keessumaa bakkeewwan balfi itti gatamuu kan turanii fi ijaaf hin tolle miidhagsuudhaan asii fi achi deemuu fi bashannanaaf mijataa waan taasifamaniif bifa magaalattii jijjiiruusaa dubbataniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Kamisee Shariif Qaasiim gamasaaniin, nageenya magaalattii eegsisuun cinaatti misoomni hawaasa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru jedhaniiru. Misooma kooriidaraa kanaan daandiin konkolaataa, bishkileetii fi lafoo adda baafamuun hojjetamuun gamatti bakkeewwan magariisaa fi bakkeewwan bummanni itti bashannanu of keessatti qabatee ijaaramuusaa ibsaniiru.
Yunivarsiitichi Oomisha fi Oomishtummaa Qonnaan Bulaa Dabaluuf Sanyii Filatamaa fi To'annoo Dhukkuba Biqiltootaa irratti Deggersa Ogummaa taasisaa Jira
Jul 24, 2026 168
Adoolessa 17/2018 (ENA)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu oomisha fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf sanyi filatamaa dhiyeessuu fi to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti deggersa ogummaa gochaa jiraachuu ibse. ​Yunivarsiitichi qonnaan buloota 120 hojimaata kilaastaraatiin gurmaa'aniif deggersa sanyii filatamaa taasisee jira. ​Sagaanticharratti kan argaman Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii, qorannoo fi ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabih Wandimmuu akka jedhanitti, yunivarsiitichi oomisha fi oomishtummaa qonnaan bulaa fooyyessuuf sanyii filatamaa fi to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti hojjechaa jira. ​Yunivarsiitichi sanyii filatamaa giddugaloota qorannoo qonnaa irraa bahan oyiruu yunivarsiitichaa fi kan qonnaan bulaa irratti baay'isuun, soneessee qonnaan bulaaf deebisee raabsaa jiraachuu ibsaniiru. ​Kuni immoo oomishtummaa qonnaan bultootaa hektaara tokko irraa argamu hanga kuantaala 80tti akka dabalu gochuu isaas kaasaniiru. ​Yunivarsiitichi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojii eegale babal'isuun qonnaan bultoota Godina Baale, Baale Bahaa fi Arsii Lixaa irraa filataman 240 caalaaf deggersa fi hordoffii gochaa jiraachuu dubbataniiru. ​Har'as qonnaan bultoota Godina Baale aanaalee 4 irraa dhufan 120 ta'aniif deggersa sanyii filatamaa qamadii taasifamuun isaas qaamuma tattaaffii kanaa ta'uu eeraniiru. ​Yunivarsiitichi qonnaan bulaa sanyii filatamaa dhiyeessuu fi deggersa qonnaa biroo gochuun cinaatti, to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti deggersa ogummaa irratti xiyyeeffate hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. ​Qonnaan bultoota deggarsi godhameef keessaa Hajjii Huseen Ahimad fi Amaan Godaanaa akka jedhanitti, hojii oomisha qamadii irratti muuxannoo waggaa dheeraa qabaatanis, hanqina muuxannoo fayyadama sanyii filatamaa irraa kan ka'e hanga dhamaatii isaanii arggachaa akka hin turin yaadachiisan. Deeggarsi sanyii filatamaa yunivarsiitichaan isaaniif taasifame oomishtummaa isaanii fooyyessuuf akka isaan qarqaaru dubbachuun galateeffataniiru.
Godina Harargee Lixaatti Lammiileen Kuma 118 ol ta’an fayyadamtoota carraa hojii ta’aniiru
Jul 24, 2026 133
Adoolesa 17/2018 (ENA):Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti bara bajataa xumurametti lammiilee kuma 118 caalaniif carraa hojii uumuun akka danda'ame Waajjirri Carraa Hojii uumuu godinichaa beeksise. Fayyadamtoonni carraa hojii kunis deeggarsa liqaa fi iddoo oomishaa mootummaadhan isaaniif mijataniin fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru. Dursaan garee qophii karooraa fi hordoffii waajjirichaa Obbo Ashannafii Dabbabaa ENA’f akka ibsanitti, waajjirichi gurmii waldaalee kuma 8 fi 801 keessatti lammiileen kuma 118 fi 500 gurmaa'anii carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuu hubachiisaniiru. Milkaa'ina kanaafis qophii lafaa, dhiyeessii liqii fi tajaajila leenjii kennuudhaan lammiilee gara hojiitti galchuun danda'ameera jedhaniiru. Gosoota carraa hojii uumaman keessaa qonna, furdisa fi horsiisa beelladaa, misooma dammaa fi kaannisaa, horsiisa Lukkuu, daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa fi kanneen biroo kan keessatti argaman ta'uu hubachiisaniiru. Hojii kanaan bu'a qabeessa akka ta'aniifis baadiyyaa fi magaalota keessatti dargaggoonni kuma 3 fi 200 gurmaa'anii lafa qonnaa fi bakki hojii kennamuusa eeraaniiru. Hanqinni kaappitaala akka isaan hin mudanneefis mootummaan liqii Birrii biliyoona 1 caalu mijeessuusaa ibsaniiru. Liqii fudhatan keessas hanga ammaatti Birrii miliyoona 65 caalu deebisuu danda'uu isaanii dubbataniiru. Oomisha isaaniitiifis dhaabbilee garagaraa waliin hidhata gabaa Birrii biliyoona 3 dhihaatu uumuudhaan fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Bara bajataa xumurametti gurmaa'anii horsiisa lukkuurratti irratti kan bobba'an Obbo Assaffaa Tasfaayee akka jedhanitti, bakka hojii fi liqii isaaniif mijatetti fayyadamuun marsaa jalqabaatiin lukkuu killee buusan 600 horsiisaa jiru. Yeoo amma oomisha lukkuu gatii madaalawaadhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru. Aanaa Bokee Magaalaa Bokee Xiqqaatti hiriyoota isaa waliin furdisa Looniiratti irratti kan bobba'e dargaggoo Habtaamuu Alamuu gama isaan, liqii Birrii kuma 500 argataniin kaapitaala jalqabaa hojii eegalaniin bu'aa qabeessa isaan taasisaa jira. Sangoota furdisuudhaan gabaa naannoo bira darbanii daldaltoota mana foonii Ciroo fi baddeessaatiif dhiyeessuun bu'aa qabeessa ta’aa jiraachuu isaanii ibseera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 103
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 74
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 75
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.   Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.   Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Jijjiiramni Magaalaa Finfinneetti argame magaalittii gara wiirtuu Turizimii Afriikaatti ishee guddiseera-Komishinara Hundee Kabbadaa
Jul 25, 2026 63
Adoolessa 18/2018 (ENA): Jijjiiramni bal’aan Finfinneetti adeemsifame magaalattiin giddugala Turizimii ardii irraa gara wiirtuu Turizimii Afrikaatti akka jijjiiramtu ishee taasiseera jedhan Komishinarri Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa. Dhaabbanni miidiyaa Palsi Of Afriikaa(POA) fi Komishiniin Tuurizimii Finfinnee damee Turizimii irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaltee tumsaa waliif mallatteessaniiru. Waliigaltee kana kan mallatteessan hoji gaggeessaan ENA obbo Seeyifee Darribee fi Komishinara Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaadha.   Komishinar Hundee Kabbadaa sirna waliif mallatteessuu kanarratti akka ibsanitti, waliigaltichi hariiroo hojii kanaan dura jiru irratti sona guddaa dabaluu fi sadarkaa walta’iinsa olaanaatti kan ceesisu ta’a jedhani. Waliigaltichi hojiiwwan Turiizimii hunda galeessa Finfinnee bal’inaan beeksisuudhaan sochii Turizimii cimsuu fi guddina damichaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee waggoota darban keessa bakkeewwan gahumsa Turizimii hedduu fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaramaniin moodeela magaalaa i ta’uus akka dandeesse ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Finfinneen wiirtuu Turizimii konfiraansii ardii kanaa keessatti adda duree ta’uu ibsuun, bara baajataa xumurame keessatti konfiraansii idil-addunyaa 221 milkaa’inaan keessummeessuu ishee ibsaniiru.   ENA’n dantaa biyyaalessaaf dursa kennuun, bifa biyyaalessaa ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo hojii gaggeessaa olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribeedha ENA’n dhaabbata seenaa keessatti adda duree ta’ee fi deeggarsa odeeffannoo fi oduutiin ummatoota Afriikaa koloneeffannaa jalaa bilisa baasuu keessatti gahee ijaarsaa taphate ta’uu yaadachiisaniiru. Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan hundeeffame Palsi of Afriikaan(POA), mul’ata Paan-Afrikaazimii abbootii keenyaa itti fufsiisuuf dhaabbata jalqabame ta’uu yaadachiisaniiru. Dhaabbanni miidiyaa Puulsii Afrikaa (POA) yeroo ammaa kana waa’ee Afrikaa seeneffama jallaa sirreessuu fi ardii kana dhugaa qabatamaa ta’een dhiyeessuun suuraa idil-addunyaa fooyya’aa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haala kanaan fayyadamummaa Turizimii fi bu’aa misoomaa Finfinnee bal’inaan daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti beeksisuuf gahee olaanaa qaba jedhan. Waliigalteen tumsaa kun, suuraa magaalattii guddisuu bira darbee, Afriikaanonni waa’ee pirojektoota misoomaa Finfinnee akka baratan gochuudhaan, yaa’insa Turizimii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Dabalataanis waliigalteen tumsaa kun bu’aa qabatamaatti kan jijjiiramu ta’uu fi afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun dandeettii Turizimii magaalaa Finfinnee addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin akka taasifamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2266
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3646
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Jul 25, 2026 80
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru. Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru. Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha.   Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru. Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru. Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan. Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru.   Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 25, 2026 68
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru. Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera.   Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru. Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a.   Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru. Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru. Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira
Jul 22, 2026 270
Adoolessa 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’ee fi oomisha yeroo gabaabaa keessatti argamsiisu lafa heektaara kuma 26 ol irratti yeroo Gannaa dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Taakkalaa jedhanitti, gosoota bunaa fooyya’aa ta’an kanneen dhukkuba dandamatan, oomisha yeroo gabaabaa keessatti kennanii fi oomishtummaan isaanii mirkanaa’e Godinicha keessatti dhaabamaa jira. Bu’uuruma kanaan Ganna amma jiru kana keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 200 ol lafa heektaara kuma 26 ol irratti dhaabamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu bunaa dhaabuu lafa haaraa fi bakka biqiltuu bunaa goggogaan keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kan dulloomee fi oomisha hin kennine buqqisuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa Aanaa Hurrumuu obbo Taammiruu Farrisaa biqiltoota bunaa yeroo Bonaa gamashan callaa gaarii irraa argachuuf kunuunsaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biqiltuu bunaa fooyya’aa dhaabuun callaa bunaa babal’isuun caalaatti fayyadamoo ta’uu isaaniis akeekaniiru. Qonnaan bulaan Geetaachoo Jifaaris gargaarsa ogeeyyii qonnaatiin deeggaramuun hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisan irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa jalatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e bal’inaan dhaabuun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28805
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 14749
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15131
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015